Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.

Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi

Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf

Sooriyaan dhukaasa dhaabuu labsituus walitti bu'iinsi hammaate

Pirezidantiin Sooriyaa ''dhukaasa dhaabuu atattamaa'' labsaniis kibba Sooriyaatti walitti bu'iinsi gosaa itti fufe. Torban tokko keessa namoonni 900 ol ajjeefamuun gabaafameera.

Guduunfaa

Haguuggii Tamsaasa Kallattii

  1. Aleksaander Isaak gara Liiverpuul? hireen Raashfoord, Aantoonii fi Saanchoo maal taha?

    Shaampiyoonaan bara dorgommii darbee Liiverpuul taphataa sarara duraa keessumaa lakkoofsa 9 irra taphatu haalaan barbaadaa jira.

    Aleeksaander Isaak, Niwkaastil irraa gara Liiverpuul deemuun isaa waan oolu miti. Taphataan lammii Iswiidin tahee fi hidda dhalootaa Eertiraa qabu Isaak bara dorgommii xumurametti galchii 23 Piriimer Liigii keessatti lakkoofsise.

    Deegoo Jootaa balaa konkolaataan kan dhabe Liiverpuul, Daarwin Nuunez erga kilebichatti makamee dhiibbaa barbaachisu uumuu dadhabuu isaatiin Liiverpuul keessaa bahuun isaa waan hafu miti.

    Naappooliin taphaticha fudhata jedhamee eegamus kaleessa kana booda akka fedha hin qabne Liiverpuul beeksisuun isaanii gabaafameera. Dabalataan duubbiifachuuf asiin seenuu dandeessu.

  2. Addunyaarratti atileetiin maaraatoonii umurii waggaa 114'tti balaan du'e

    Faahujaa Siing jedhama. Addunyaarratti atileetii maraatoonii umurii dheeraa qabaachuun tokkoffaadha. Dhalataa Biriitish-Indiyaa yoo ta'u, umurii waggaa 114 irratti Indiyaa keessatti konkolaataan erga itti bu'ee booda lubbuun darbe.

    Poolisiin akka jedhetti, Siing qe'ee dhalootasaa Paanjaab keessatti osoo daandii qaxxaamuraa jiruu konkolaataan adda hin ba'iin itti bu'ee kuffiisee booda, namoonni naannoo sana turan hospitaala bakka itti lubbuun isaa darbe geessan.

    Addunyaarratti beekamaa kan ta'e Siing, yeroo umuriin isaa waggaa 100 jiru dabalatee umurii gara garaarratti maraatoonii fiigee rikkoordiiwwan haaraa qabataa tureera.

    Maraatoonii figuu kan jalqabe yeroo umuriin isaa wagaa 89 jiru yoo ta'u, bara 2000 hanga 2013tti maraatoonniiwwan guutuu sagale fiigeera.

    Magaalaa dhalate keessatti kilabaafi hojii tola-ooltummaa gaggeessaa kan ture maanguddoo kun, milkaa'ina jireenya isaa keessatti argate kabajuudhaaf karoora qabatee akka ture himameera.

    Konkolaataan kan atileetii maraatoonii maanguddoo kana rukkutee baqate gaafa wixataa yoo ta'u, osoo inni qe'ee dhalootasaa Biis Piind jedhamu Jalaandaar jedhamitti dhiyoottidha.

    Nama maanguddoo maraatooniin beekamu kana konkolaataan dhahee ajjeesuun shakkame to’achuu poolisiin Indiyaa beeksiseera.

    Namni du’a Fuhaajaa Siing waliin walqabatee shakkame kun Amritpaal Siing Dhiloon kan jedhamu yoo ta’u, yeroo maanguddoon du’e kun daandiirra deemaa turetti saffisa cimaan konkolaachisaa ture.

    Itoophiyaanis atileetii maanguddoo addunyaarratti ishee beeksisan umurii dheeraa qaban qabdi.

    Atileet Waamii Biirraatuu.

    Maanguddoon ammatti umurii gannaa 108ffaa dhiyeenya kabajatan Waaamii Birraatuu, umurii kanattis dullumni ispoortirraa isaan hin ittisne.

  3. Dubbii falmisiisaa Tiraamp, galata al-Siisii fi marii Itoophiyaan taasifte

    Erga Pirezidantiin Ameerikaa Donaald Tiraamp dhimma Hidha Haaromsaa akeekuun dubbatanii booda Ministeerri Dhimma Alaa Itoophiyaa ambaasaaddara US Finfinnee jiru waliin mari'ate.

    Pirezidantiin US guyyaa Wiixataa wal dhabdeen Hidha Haaromsaa Itoophiyaa fi Masrii gidduu ture hatattamaan akka hiikamaa jiru dubbatanii turan.

    Gama kaaniin, Pirezidantiin Masrii Abdal Fattaah al Siisii hidha Abbayyaarratti ''waliigalteen'' akka taasifamu yaada Tiraamp dhiheessan akka deeggaran himaniiru.

    Tiraamp booda kana walitti aansuun US hidha kana ''maallaqaan deeggarteetti'' kan jedhaniifi dhimmoota falmisiisaa kaan dubbataa jiru.

    Ta'us, dhimmoota kanneenirratti gama mootummaa Itoophiyaarraa ammatti wanti ifatti deebiin kenname hin jiru. Odeessa kanarratti dabalataan dubbiifachuuf asiin seenuu dandeessu.

  4. Ministirri Kuubaa 'biyyiitii keessa namni kadhatu hin jiru' erga jedhanii booda aangoo gadhiisan

    Ministirri Hojjetaa Kuubaa, Maartaa Eleenaa Feetoo-Kaabreeraan erga odola Koominiistiitiin bulfamu tana keessa kadhattoonni jiraachuu haaluudhaan erga yaada kennitee booda aangoo gadhiisuuf dirqamte.

    Ministirri tun Kuubaa keessatti wanti "kadhattoota" jedhamu akka hin jirree fi namoonni bakka balfaan itti gatamu kan dhaqan, akka isheen jettetti, jalqabamurraa, "salphaatti maallaqa" argachuuf kanneen barbaadaniitu fedhiisaanitiin kana gochaa akka turan dubbattee turte.

    Yaadni aangooftuun tun yaa'ii paarlaamaa irratti kennite kunis lammiilee Kuubaa biyya keessaa fi biyya alaatti argamaniin bal'inaan kan qeeqame yoo ta'u, pirezidaantiin biyyattii, Miigu'eel Diyaaz-Kaaneel deebii akka kennan taasiseera. Yeroo muraasa booda ammoo aangoo gadhiiste.

    Kuubaan rakkoo dinagdee hamaa waliin wal'aansoo itti fuftee waan jirtuuf sadarkaan hiyyummaafi hanqinni nyaataa itti hammaateera.

    Ministirrittiin jalqaba torban kanaa walgahii Mana Maree Biyyaalessaa irratti yaada kana kan kennite yoo ta'u, walgahii kana irratti waa'ee namoonni Kuubaa keessatti bakka balfaan itti gatan keessaa kadhataa jiranii fi sakatta'aa jiran dubbatteetti.

    Amma ammoo, "Kuubaa keessatti kadhataan hin jiru. Namoonni maallaqa karaa salphaan argachuuf jecha kadhata of fakkeessanii hojjetaa jiru" jechuun jiraachuu isaanii haalte.

    Kana malees, namoonni balfa keessa waan ta'e barbaadan, kanneen "seeraan alaa tajaajila deebi'anii fayyadamuu keessatti hirmaataniidha" jechuun himatteetti.

  5. Tiraamp adeemsa daldalaa Biraazil 'haqa hin qabne' irratti qorannoo jalqaban

    Bulchiinsi Traamp adeemsa daldalaa Biraazil ''haqa hin qabne'' jedheen irratti qorannoo eegaluu hime.

    Qorannoon kunis imaammatawwan mootummaa Biraazil "daldala dijitaalaa fi tajaajila kaffaltii elektirooniksii waliin walqabatee; qaraxa haqa qabeessa hin taane, filannoo; gidduu seenummaa farra malaammaltummaa" kan hammatu ta'a jedhe ibsi bakka bu'aa daldalaa Ameerikaa baase.

    Qorannoon kun ''sababaa kan hin qabne ykn loogii kan hin qabneefi daldala Ameerikaa irratti ba'aa kan ta'an ykn kan daangessan ta'uu isaanii adda baasuuf kan yaadudha.

    Torban darbe, pirezidaantiin Ameerikaa Doonaald Tiraamp aanga'oonni Biraazil himannaa pirezidaantii biyyattii duraanii Jaa'ir Bolsonaaro irratti banan ''dabadha'' jedheen akka dhaabaniif gaafataniiru.

    Bakka bu'aan Daldala Ameerikaa, Jaamisaan Giriir, qorannoon kun haaluma kallattii Tiraamp kaa'aniin "haleellaa Biraazil dhaabbilee miidiyaa hawaasaa Ameerikaa irratti raawwatte akkasumas adeemsaalee daldalaa haqa qabeessa hin taane biroo kanneen dhaabbilee Ameerikaa, hojjettoota, qonnaan bultootaa fi kalaqxoota teeknooloojii miidhan irratti" jalqabamaa jira jedhan.

    "Gufuuwwan qaraxaa fi kanneen qaraxarraa bilisa ta'an Biraazil irratti qorannoo gadi fageenya qabuu fi tarkaanfii deebii kennuu danda'u fudhachuu akka qaban murteesseen jira," jedhan.

    Gireer Biraazil michoota daldalaa biroof qaraxa gadi aanaa dhiyeessuudhaan al-ergii Ameerikaa irraa miidhaa geessisuu ishee himataniiru.

    Qorattoonni yaaliin Biraazil haasaa siyaasaa hin gulaalamiin kanneen dhaabbilee Ameerikaa daldala dijitaalaa fi tajaajilawwan adabbiif saaxilamoo goote jedhame ni ilaalu.

    Waajjirri kun mirga qabeenya kalaqa sammuu haala gahaa ta'een hojiirra oolchuu dhabuun hojjettoota Ameerikaa ''jireenyisaanii damee kalaqaafi kalaqa Ameerikaatiin geggeeffamu waliin walqabatee'' miidhaa geessisuu isaas himateera.

  6. Horroo Guduruu Wallaggaa, Goobanitti saamichiifi ajjeechaan namoota nagaa hammaachuu jiraattonni himan

    Godina Horroo Guduruu Wallaggaa, aanaa Abaaboo Guduruu bakka addaa Gooban jedhamutti saamichiifi ajjeechaan hidhattoota saamichatti bobba'aniin namoota nagaarratti gaggeeffamu daran hammaachuu jiraattonni BBCtti himan.

    Konkolaachiftoonni afur waliin tahuun konkolaataa fe'umsaa qabatanii Horroo Guduruu naannoo Fincaa'aa fi Kombolchaa irraa ka'uun gara Finfinnee deemaa turan.

    Gaafa Waxabajji 23 bara 2017 ganama naannoo sa'a 3:00 yeroo tahu magaala xiqqoo Gooban gahuun walumaan ciree nyaatanii imala isaanii itti fufan.

    Kan waliin imalan ammoo daandiin gara Geedoo geessu caccabaa yeroo gannaa ammoo dhoqqeen kan rakkisu tahuu dabalataan sodaa nageenyaa guddaatu jira. Guutummaa odeessa kanaa karaa kanaan dubbiifachuu dandeessu.

  7. Tamsaasa kallattiin deebiineera

    Ashamaa hordoftoota BBC Afaan Oromoo bakka jirtan maratti.

    Tamsaasa kallattii kan ittiin odeessaalee addunyaa gabaabsiinee isin biraan geenyu kan Roobii har'aa kunoo amma eegalleerra.

    Odeessaalee kaan bal'inaan yoo barbaaddan ammoo marsariitii keenya, ykn Facebook keenya, ykn chaanaalii WhatsApp akkasumas YouTube keenya millachuu hin dagatiinaa.

    Oolmaa gaarii qabaadhaa!

  8. Itoophiyaan miseensota IS 80 ol to’achuu beeksiste

    Tiki Itoophiyaa miseensota garee IS ‘’ergama shororkeessummaaf filaman 82’’ to’achuu gabaafame.

    Miidiyaaleen biyya keessaa akka gabaasanitti, kunneen qaama gartuu IS bulchiinsa Somaaliyaa kan taate Puntilaand keessa sosso’uufi Itoophiyaa keessa babal’isuuf yaalaa turanidha.

    Akka gabaasaaleen mul'isanitti, kanneen to’ataman gartuun shororkeessaa jedhamee labsame Puntilaanditti leenjisee bakkeewwan Itoophiyaa kaanitti erga bobbaase boodadha.

    Kanneen shakkiin to’ataman kuni garee kana waliin kallattiin hariiroo kan qaban akkasumas deeggarsa kan gochaa turan akka jiran ibsameera.

    Shakkamtoonni kuni magaalaa Finfinnee, Naannoo Oromiyaa keessammoo magaalaa Shaggar, Adaamaa, Haroomaayaa, Shaashamannee, Baalee, Jimmaa, fi Shaakkisooti ta'u eere.

    Naannoo Amaaraattimmoo naannawa Kamisee, Giddugala Itoophiyaa Godina Silxeefi magaalaa Halaabaa Qullittoo, Naannoo Somaalee magaalaa Jigjigaatti akkasumas Naannoo Harariitti jedhameera.

    Miseensota kaan hin to’atamne irrati hordoffiin cimuu ibsi kuni eera.

    Gartuun IS Somaaliyaa keessaa godaantota Itoophiyaa mindeessuurratti xiyyeeffachuu kana dura BBC'n gabaasee ture.

  9. Tiraamp Putiinitti ''aarus, abdii hin kunne' jedhan

    Pirezidantiin Ameerikaa Doonaald Tiraamp gaaffiifi deebii addatti BBC waliin bilbilaan gaggeessaniin gitasaanii Raashiyaa Vilaadmiir Putiinitti aaruu himan.

    Ammoo dhimma waliin qaban akka hin xumurre dubbatan.

    Gaaffii Putiinirraa amantaa qabduu jechuun dhiyaateef yoo deebisan ''nama kamiyyuu sadarkaa hin amanneerran jira'' jedhan.

    Tiraamp gaaffiifi deebii daqiiqaa 20 keessatti si'a lamaa sadii ''Putiinitti aareen jira'' jedhan.

    Akkamiin waraanni akka dhaabatu akka godhan gaaffii dhiyaateef yoo deebisan ammoo ''irratti hojjechaa jirra'' jedhan.

    Waayee Putiin irraa kan isaan aarse yoo himan, ''marii gaarii goonee waliigalteetti dhiyanneerra jedhee wayitan yaadu Kiiv keessatti gamoo rukutee mancaasa'' jedhan.

    Tiraamp wayita filannoo wantoota waadaa galaniin ol raawwachuus BBCtti himaniiru.

    ''Kaniin waadaa galeen olin raawwadhe'' jedhan.

  10. Hojjettoonni gargaarsaa Tigraayitti 'itti yaadamee' ajjeefamuu MSF beeksise

    Ajjeechaa hojjettoota gargaarsaa dhaabbata MSF sadii waggaa afur dura yeroo waraana Kaaba Itoophiyaa raawwate beekaa raawwatame jedhe dhaabbatichi.

    Qorannoo dhaabbanni Médecins Sans Frontières (MSF) ifa godheen badii kanaaf waraana Itoophiyaa himateera.

    ‘’Ajjeefamaniiti,’’ jechuun daarektarri waliigalaa MSF damee Ispeen, Raaquwel Ayoraa, BBC’tti himaniiru.

    ‘’Kan isaan ajjeesan isaan fuldura turan, fageenya dhihootii itti dhukaafame…yeroo baay’ee.’’

    BBC’n himannaa itti dhihaaterratti akka deebii kennu mootummaa Itoophiyaa gaafateera.

    Bakka ajjeechaan raawwate waraanni Itoophiyaa akka turan dhaabbatichi dubbateera.

    Kanneen ajjeefaman lammiilee Itoophiyaa lamaafi lammii Ispeen tokkodha.

    Akkaataa hojjettoonni gargaarsa namoomaa kuni itti ajjeefaman akka himu waggoota afran darban keessatti mootummaa Itoophiyaa waliin mariin si'a 20 oliif taasifamuus ‘’ragaa amanamaa’’ ta’e dhiheessuu dadhabu hime.

    Kanattis, gabaasa kana baasuu beeksise

    Yeroo waraana Kaaba Itoophiyaa hojjettoonn gargaarsaa biyya keessaafi alaa ajjeefamaniiru.

  11. Israa'el loltoota Sooriyaa naannawa Suweedaatti boombiin haleelte

    Israa’el humnoota waraanaa mootummaa Sooriyaa magaalaa ‘Druze’ seenan boombiin haleeluu beeksiste.

    Loltoonni kuni eega lolli guyyaa lamaaf itti fufe adeemsifame booda kan naannawa Suweeyidaatti imalan.

    Gosa Beduwiin fi milishoota ‘Druze’ gidduu lolli gaafa Dilbataa erga eegalee as namoonni 100 ta’an ajjeefamaniiru.

    Ministirri Ittisaa Sooriyaa gaafa Kibxataa ganama Suweedaa keessa dhukaasni akka dhaabbatu labsaniiru.

    Kunis, loltoonni mootummaa akka bobbaafaman waan waliigalameefi jedhanii turan.

    Haa ta’u malee, hogganaa amantii ‘Druze’ milishoonni akka isaan lolan ajajan.

    Boodarra, Ministirri Muummee Israa’el humnoonni waraanaa Sooriyaarratti akkasumas meeshaa waraanaa Suweedaa jiruurratti haleellaa qileensaa ajajuu himaniiru.

    Sababni isaas motummaan Sooriyaa ‘’warra ‘Druze’ irratti itti fayyadamuuf waan yaadeefi’’ jechuun himan.

    Benjaamiin Netaaniyaahu hawaasa ‘Druze’ Sooriyaa keessa jiran kunuunsuu barbaadu.

    Kunis, sababa hawaasi kuni hawaasa Israa’el keessa jiraniifi Gaarreen Goolaan Israa’el humnaan qabde keessa jiran waliin hariiroo jabaa waan qabaniifi.

    Erga Bashir al Asaad Mudde keessa fonqolchaman mootummaan Soriyaa yeroo jalqabaafi Suwedaatti loltuu kan bobbaase.

  12. Ministirri Poolisii Afrikaa Kibbaa yakka gurmuun raawwtaamuun himateme hojiirraa dhorkame

    Pirezidantiin Afrikaa Kibbaa Siiriil Raamaafoosaan erga Ministira Poolisii Senzoo Michuun himannaan gareewwan yakka gurmuun raawwatamu waliin hidhata qabaachuu isaarratti dhiyaatee booda hatattamaan ''boqonnaa'' akka bahan taasiisan.

    Pirezidant Raamaafoosaan haasaa kallattiin televijiiniin guyyaa Dilabtaa ummataaf taasisaniin, komishiniin haqaa himannaa kana akka qoratu beeksisaniiru. Gochaan kunis kan heera mootummaa diiguu fi nageenya biyyaa balaadhaaf kan saaxiludha jedhaniiru.

    Itti dabaluunis, pirofeesarri seeraa Firooz Kaachaliyaa ministeera poolisii yeroo ta'uudhaan muudamuu isaanii himaniiru.

    Mchunuun badii tokkollee akka hin qabne kan haale yoo ta'u, ibsa kenneen ''himannaa irratti dhiyaatuu kamiifuu deebii kennuuf qophii ta'een dhaabbadha'' jedhaniiru.

    Pirezidantichi haasaa taasisan keessatti, himannaawwan Mchunui irratti dhiyaatan kan qorannoowwan ajjeechaa siyaasaafi malaammaltummaa qaamolee seera kabachiisaniin raawwataman keessa seenuu dabalatee, ''qorannoo hatattamaa fi bal'aan akka gaggeeffamu gaafata'' jedhaniiru.

    Komishiniin haqaa, kan itti aanaa abbaa murtii olaanaa biyyattiin durfamu himannaawwan kanneen hunda ni qorata jedhaniiru.

    Akkasumas komishinichi qondaaltota poolisii ammaa fi duraanii, akkasumas miseensota hojii raawwachiiftuu biyyaalessaas ni qorata jedhan Raamaafoosaan.

    Raamaafoosaan himannaa aanga'oota mootummaa olaanaa kanarratti saffisaan akka tarkaanfii fudhataniif dhiibbaan ummataa irratti guddachaa dhufeera.

    Mchunuu gaheessi umuriin ganna 67, paartii Raaamafoosaa kan Kongsarii Biyyaaleessa Afrikaa (ANC) keessatti nama dhiibbaa guddaa qabaniidha.

  13. 'Gabbarri haa hafu'-Tumaa Yaa'ii Gadaa Sikkoo-Mandoo

    Yaa'ii Gadaa Arsii Sikkoo Mandoo tibbana Godina Arsii Lixaatti gaggeefame irratti seerota gurguddoo lallabaman keessaa tokko waa'ee gabbara kan sirna fuudha fi heerumaa irratti taasifamuuti.

    Gosa Oromoo Sikkoo Mandoo biratti gabbarri yeroo dhiirri tokko dubartii fuudhuuf jedhutti warra intalaatiif kennaa maallaqaa, horii fi uffataa kennamuudha.

    Gabbarri kennamu kun maatiirrayyu darbee firoota dubartii heerumtuuf kan kennamu yoo ta'u, yeroo amma miira waldorgommii hawwaasa keessatti uumaa deemuun mallaqa humnaa olii gaafachuun baratamaa dhufeera.

    Dubara tokkoof gabbarri birrii kuma 400 hanga kuma 500 fi sanaa olii itti gafaaatamaa jira.

    Aadaan kun kabaja dubaraafi maatii isheef qaban agarsiisa jedhanii kan deggeranillee jiru. Dabalataan odeessa kanarratti dubbiifachuu yoo karaa kanaan argachuu dandeessu.

  14. Naayijeeriyaan guyyaa pirezidaantiin duraanii Mohaammaduu Buhaarii itti yaadatamu labsite

    Pirezidaantiin duraanii Naayijeeriyaa Mohaammaduu Buhaarii du'aan boqachuusaanii hordofee mootummaan biyyattii waggaatti guyyaa yaaddannoo pirezidaantichaa labsan.

    Manguddoon ganna 82, Mohaammaduu Buhaarii Dilbata darbe Landanitti boqochuunsaanii dhagahame.

    Kana hordofee mootummaan Naayijeeriyaa guyyaa yaadannoo gaggeessaan duraanii kun itti yaadataman labsite.

    "Guyyaan ayyaana waggaa kun lammiilen Naayijeeriyaa hunduu waa'ee jireenya, gaggeessummaa fi leegaasii inni [Mohaammaduu Buhaarii] lafa kaa'ee darbe akka yaadataniif carraa isaanif kenna," jechuun beeksise Ministirri Dhimma Biyya Keessaa Naayijeeriyaa.

    Mohaammaduu Buhaarii gaggeessaa duraanii biyyattii ta'anis sirni awwaalchaa biyyaalessaa hin godhamneef.

    Sababni isaa ammoo akkaataa amantaa Islaamatti sirna awwaalchaa salphaa ta'een dafanii awwaalamuu akka qaban BBCtti himan barsiisaa amantaa Islaamaa kan ta'an Abdullaahii Garangamawaa.

  15. Liibiyaatti godaantonni 100 ol harka hidhattootaa baraaraman

    Dubartoota shan dabalatee godaantonni 100 ol Liibiyaa keessatti hidhattootaan butamanii fi maallaqa gaafataman gadhiifamaniiru.

    Abbaan Alangaa Liibiyaa gareewwan yakkaa nama daddabarsuu keessatti hirmaatan Baha Liibiyaa keessatti baqattoota biyyoota Afrikaa adda addaa qabanii maallaqa gaafatan harkaa bilisa bahuu ibseera.

    Waajira kana waabeffachuun Rooyitarsi akka gabaasetti, gareeleen yakkaa kun godaantota kana butanii dararuudhaan maatiin isaanii maallaqa akka ergan gochaa turan.

    Bara 20011'tti pirezidantiin biyyattii Mu'ammeer Gaadaafi walta'iinsa biyyoota Lixaan aangoorraa erga buqqaafamanii booda biyyattiin ulaa hamaa godaantonni jireenya fooyya'aa barbaacha gara Awurooppaa ittiin ce'uuf yaalaniidha.

    Adeemsa kana keessa godaantonni hedduun harka daddabarsitoota seeraan alaa galuun dararaa argu.

    Duula amma magaalaa guddoo lammataa Liibiyaa Bengaaziirraa 160km fagaatee iddoo argamu kan Ajdaabiya ajedhamutti godhameen dallaalonni biyyoota Liibiyaa, Sudaanii fi Masrii shan to'annoo jala oolaniiru.

    Godaantonni kunniin harkiifi miillisaani hidhamee mul'ateera.

    Akka ragaan Dhaabbata Biyyoota Gamtoomanii jedhutti, hanga Mudde bara 2024'tti biyyoota 47 irraa godaantonni 825,000 ta'an Liibiyaa keessa jiru.

  16. Meeshaaleen waraanaa Doolaara biliyoonaan lakkaa'aman gara Yukireen ni ergamu - Tiraamp

    Traamp ammas tarreewwan waldhabdee idil-addunyaa furreera jedhan kan tarreessan yoo ta'u, weerarri Raashiyaan Yukireen irratti raawwatte osoo pirezidaantii ta'anii turanii akka hin raawwannee irra deebi'anii dubbata.

    Pirezidantiin Ameerikaa kun yeroo baayyee gitasaanii Raashiyaa Vilaadmiir Puutiin waliin haasa'aa akka turanii fi waraanni dhufaa jiraachuu akka argan dubbatan.

    ''Hanga misaa'eloonni gara Kiiv seenaniitti hundi isaa haasa'a,'' kan jedhu yoo ta'u, itti dabaluudhaan ''dhaabbachuu qaba'' jedhan.

    Amma meeshaaleen waraanaa doolaara biliyoonaan lakkaa'aman Yukireenitti akka raabsaman dubbatan.

  17. Tiraamp Raashiyaan waraana Yukireen dhaabuuf waliigalteerra gahuu baannaan qaraxa cimaa akka irra kaa'an dorsiisan

    Tiraamp guyyoota 50 keessatti Yukireeniin yoo waliigalle qaraxa 'baay'ee cimaa' Raashiyaa irra kaa'uuf doorsisan.

    Pirezidantiin Ameerikaa Doonaald Tiraamp waraana Yukireen keessatti raawwatame irratti Raashiyaa waliin ''baay'ee akka hin gammanne'' dubbata.

    Itti dabalunis, "Guyyoota 50 booda waliigaltee irra yoo hin gahamne qaraxa baayyee cimaa hojjarra oolchuuf jirra," jedhan.

    Qarata marsaa lammaffaa jechuun waaman kanaanis parsantaa 100 akka ta'u dubbatan.

  18. Kibba Sooriyaa keessatti walitti bu'iinsa uumameen yoo xiqqaate namoonni 30 du'an

    Kibba Sooriyaa keessatti waldhabdee hidhannoo loltoota gosa Beduun Sunnii fi milishoota Diruze gidduutti uumameen yoo xiqqaate namoonni 30 ajjeefamuu ministeerri dhimma biyya keessaa biyyattii beeksise.

    Walitti bu'iinsi kun kan ka'e Dilbata kaleessaa magaalaa baay'inaan Diruze keessa jiraatan kan bulchiinsa Suweedaa keessatti yoo ta'u, daldalaan gosa Diruuze tokko daandii guddaa gara Damaasqoo geessu irratti butamuun isaa erga himamee guyyaa lamaa booda ture.

    Ministeerri dhimma biyya keessaa haalli kun ''muddama balaafamaa'' jechuudhaan, tasgabbii deebisuu yaaluuf humnoonni nageenyaa bobbaafamaa akka jiran ibseera.

    Erga humnoonni finciltootaa Islaamummaan durfaman Muddee keessa Pirezidaantii Baashaar Al-Asaad aangoo irraa buusanii as biyyattii keessatti jeequmsi garee lubbuu namootaa galaafate yoo mudatu kun isa dhiyooti.

    Hawaasni bicuun Sooriyaa hedduun, Druze dabalatee, amantiin isaanii damee Islaamummaa Shi'aa kan eenyummaa fi amantaa addaa mataa isaa qabu yoo ta'an,- waadaa aanga'oonni haaraan isaan tiksuuf seenan irratti yaaddoo akka qaban ibsaniiru.

  19. Masquweeraa: Taphataa kubbaa kaachoofi fuutsaal duraanii amma Arsenaalitti makamuuf jiru

    Arsenaal garee jabaa ta'ee bara dhuftu eegaluuf taphattoota sarara duraafi ittisaa ofitti dabalaa jira.

    Ittisa isaa cimsuuf taphataa kilaba Vaaleenshiyaa Kiristiyaan Masquweeraa gara Emireets dhufaa jira.

    Ofii taphataan kun eenyu?

    Ispeen magaalaa qarqara Morokootti dhalate. Hiddi maatiisaatii garuu Kolombiyaadha. Taphataan amma ganna 21 guute kun duraan taphataa kubbaa kaachoo ture. Achiimmoo isa dhiisee sadarkaa kilabaatti fuutsaal taphachuu eegale.

    Taphataan kun jaalala fuutsaaliif qabus dhiisee bara kubbaa miilaatti kan dhufe waggaa 12 dura bara 2013 ture.

    Kubbaa miilaa taphachuu yeroo eegalu taphataa sarara cinaa ture. Bara 2016 garee guddattootaa Vaaleenshiyaatti makame. Yeros mucaa ganna 12 ture. Turtiisaa waggaa jahaa keessatti taphataa sarara ittisaa ta'e.

    Taphni jalqabaa Valeenshiyaa bakka bu'uun taphate Copa del Rey dha. Bara 2022tti.

    Gurbaa dheeraa guddaan kun ittisa gidduus ittisa cinaa mirgaas ta'ee taphachuu danda'a. Turtiisaa Vaaleenshiyaa waggootaa keessatti yeroo 90 hiriireera, goolii tokkos lakkoofsiseera.

  20. Dubartiin odeeffannoo dhalootaa sobaa fayyadamuun daa'ima seeraan alaa gara UK galchite

    Ganna darbe keessa dubartiin tokko daa'ima dhalattuu durbaa baay'ee xiqqoo waliin Naayijeeriyaa irraa erga buufata xiyyaaraa Gaatwick geessee booda to'annoo jala oolte.

    Dubartiin kun abbaa warraa fi ijoollee ishee waliin West Yorkshire jiraachaa kan turte yoo ta'u, UK irraa gara Afrikaatti osoo hin imaliin dura ulfa ta'uushee hakiima isheetti himtee turte.

    Haata'u malee odeeffannoon isheen hakiimasheetti himtee turte dhugaa hin turre.

    Dubartiin kunis gara ji'a tokkootiin booda yeroo daa'ima tana waliin gara Landaniitti karaa seeraan alaatiin namoota dadabarsuudhaan shakkamuun to'annoo jala oolte.

    Dhimmi kunis, dhimma mana murtii BBCn ji'oota darban keessa Mana Murtii Maatii hordofee isa lammaffaa yoo ta'u, daa'imman seeraan alaatiin, gariin isaanii ''warshaalee daa'immanii" jedhaman irraa Naayijeeriyaa irraa gara UK'tti fidamuun haala yaaddessaa ta'uu ogeeyyiin kan jedhan mul'isa.

    Dubartiin Suuzaan jennee waamnu tunis lammii Naayijeeriyaa yoo taatu, garuu Waxabajjii bara 2023 irraa eegalee abbaa warraa fi ijoollee ishee waliin biyya Ingilizii keessa jiraachaa turte.

    Hojjettuun kunuunsaa Biriteen keessa turuuf hayyama qabdu Aaddee Suuzaan ulfa ta'uu ishee dubbattee turte. Garuu iskaaniin fi qorannoon dhiigaa sun dhugaa akka hin taane agarsiise.

    Ulfa osoo hin taanee Aaddee Suuzaan dhukkuba xannacha (tumor) akka qabdu kan ibsee yoo ta'u, hakiimonniis tarii kaansarii qabaachuu dandee jechuun sodaatanii ture. Garuu yaalii argachuu ni didde.

    Suuzaan ulfi ishee duraan qabdu iskaaniin akka hin mul'anne cimsitee kan ibsite yoo ta'u, "daa'imman koo yeroo hunda ni dhokatuu" jechuun hojjechiisaa isheetti himteetti.

    Akkasumas ijoolleeshee biroo hanga ji'a 30tti ulfa taatee akka turte dubbatteetti.