Dureewwan Itoophiyaafi Somaaliyaa waamicha Pirezidantii Turkiin mari'achuufi jedhame
Dureewwan Itoophiyaafi Somaaliyaa affeerraa Pirezidantii Turkii Reeseph Xayyiib Erdogaaniin marii marsaa sadaffaaf Ankaaraatti wal arguuf akka jedhan gabaafame.
Mariidhuma kanaaf Pirezidantiin Somaaliyaa Hasan Sheek Mohaammud gara Turkii imaluu miidiyaan mootummaa Somaaliyaa gabaaseera.
Gama Itoophiyaa ammatti wanti mirkanaa'e jiraachuu baatus, MM Abiy Ahimad yoo hirmaatan marii jalqabaa sadarkaa duree biyyootaan taasifame ta'uf deema.
Itoophiyaafi Somaaliyaan erga muddama seenanii waggaa guutuuf yoo ta'u, muddama kana furuuf carraaqqiin irra deddeebiin kana dura taasifame hin milkoofne.
Kana dura marii marsaa lamaan Turkiin qopheessite irratti kanneen hirmaatan ministiroota dhimma alaa biyyoota lamaaniiti.
Odeessa kanarratti dabalataan dubbiifachuuf: Dureewwan Itoophiyaafi Somaaliyaa affeerraa pirezidantii Tarkiitiin mar'ii eegaluuf