Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.

Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi

Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf

'Haala akkasiifi yeroo kanatti gonkumaa Sooriyaa gadhiiseen baha jedhee hin yaadne ture' - Asaad

Pirezidantiin duraanii Sooriyaa Bashaar al-Asaad ibsa erga aangoorraa kaafamuun gara Rashiyaatti baqatanii booda yeroo jalqabaatiif kennaniin, ''Ani Sooriyaa gadhiisuuf hin yaadne ture'' jedhan.

Guduunfaa

  • Awaalchi abbaa Asaad magaalaa dhaloota isaanii keessatti gubame
  • Kufaatii Asaadiif Iraan US fi Israa'el himatte
  • Sa'udiin Waancaa Addunyaa 2034 akka qopheessitu murtaa'e
  • Haleellaa Israa'el Gaazaa manarratti raawwatteen 19 ajjeefaman
  • Addaan cituu WhatsApp fi Instagram'f Meta'n dhiifama gaafate
  • Israa'el Sooriyaa haleeluu akka dhaabdu qondaalli UN gaafatan
  • Israa'el Sooriyaatti haleellaa qilleensaa 350 ol raawwachuu amante
  • Tamsaasa kallattii dhimma Sooriyaafi kaan asii argattu

Haguuggii Tamsaasa Kallattii

  1. Guyyaa muudama Tiraampiif kan affeeraman pirezidantiin Chaayinaa argamu dhiisuu malu jedhame

    Sirna aangoo ifatti fudhachuu pirezidantii Ameerikaa Doonaald Tiraamp kan Ammajjii dhufaa keessa gaggeeffamu irratti waamichi kan taasifameef pirezidantiin Chaayinaa Shii Jiinpiing carraan argamusaanii gadaanaa ta'un gabaafame.

    Maddeen qophii guyyaa aangoo fudhannaa Tiraampiitti dhiheenya qaban lama Pirezidantiin Chaayinaa guyyicharratti affeeramu ibsuun, haata'u malee ni argamu jedhamanii akka hin eegamne himan.

    Ameerikaatti Ambaasaadarri Chaayinaa sirnicha irratti ni argamu jedhamee kan eegamu yoo ta'u, qondaaltoonni Chaayinaa gara biraas argamu akka danda'an maddeen kunneen michuu BBC Ameeriaa kan ta'e CBStti himan.

    Ragaaleen akka agarsisaniitti sirna aangoo wal harkaa fuudhuu pirezidantoota Ameerikaa kamuu irratti dureewwan biyya alaa argamanii hin beekan.

    Kanaafu pirezidantiin Chaayinaa akka argamaniif affeeramuunsaanii kan hin baramne ta'uu CBS gabaaseera.

    ''Kunis pireezidant Tiraamp deeggartoota isaa waliin qofa osoo hin taanee dureewwan biyyoota diinootaafi morkitoota isaa waliin illeen marii ifaa ta'e uumuuf fedhii qabaachu kan agarsiisuudha'' jechuun dubbii himtuun Tiraamp Kaarooliin Eviit kan Fooksi Niiwusitti himte.

    Tiraamp haasaawwan kanaan dura taasisaniin, pirezidantii Chaayinaa yoo lellisan dhagahaman illeen Chaayinaa irratti garuu komii cimaa kaasu.

    Baatii dhufaa keessa wayita aangoo pirezidantummaa ifattu fudhataniitti oomishaalee Chaayinaarraa gara Ameerikaa galan irratti qaraxa dabalataa kaa'uudhaaf waadaa seenaniiru.

    Tiraamp baatii Onkololeessaa keessa, dursaan Chaayinaa kan ''ummata biiliyoona 1.4 cimsee bulchuudha. Jaalannuus jibbinus nama cimaadha'' jechuun gaazeexeessaatti himanii ture.

  2. Dawaa Faayindar: Kalaqa qoricha barbaaddan isiniif arguuf jiru

    Qoricha ogeessi fayyaa isiniif ajaje bitachuuf mana qorichaa yeroo deemtan, qorichi barbaaddan hinjiru jedhamtanii barbaacha magaalaa waliin geessanii, miilli sin jalatti laafee beekaa?

    Qoricha dhabne sana eessaa akka argannu waan hin beekneef mana qoricha jira jedhamerra jooruun kan baramedha. Keessumaa namoonni fagoodhaa dhufan kan magaalaa keessa hinbeekne ammoo daran rakkatu.

    Kun ammoo humnaafi yeroo keenya fudhachuurra darbee yeroo barbaadametti qoricha akka hin arganne taasisa.

    Barataan Sooftiweer Injinaariingii (Software Engneering) tokko boqonnaadhaaf maatiisaa bira yeroo turetti bu'aa baayii qoricha argachuuf abbaafi haadhasaa mudaterraa kan ka'e furmaata soquu eegale.

    Odeessa kana bal'inaan dubbiifachuuf asiin seenaa: Kalaqa qorichi bakka itti argamuufi gatiisaa adda baasuuf gargaaru

  3. Waraanni Ameerikaa booji'amaa lammii US Sooriyaa keessaa baase

    Waraanni Ameerikaa lammii US kan guyyoota dhuma hokkora bulchiinsa Bashaar al-Asaad keessatti booji’amuun ji’ootaaf mana hidhaa keessa ture, bulchiinsi Asaad kufuu hordofuun erga bahee guyyoota muraasaan booda Sooriyaa keessaa xiyyaaraan baafame.

    Namni maqaansaa Tiraavis Timmermaan jedhamuufi kan umuriinsaa waggaa 29 kunis, waraana Ameerikaa Sooriyaa keessatti argamutti daangaa Iraaq fi Joordaanitti dhihoo jirutti dabarfamee kenname.

    Ammaaan tanas Joordaan keessa akka jiru kan himame yoo ta’u, achitti qondaaltota Ministeera Dhimma Alaa Ameerikaa waliin wal argeera.

    Lammiin Ameerikaa kunis torban kana keessa ture erga hidhattootaan bilisa baafameen booda kan jiraattota naannoo Damaasqootiin osoo gara deemu dhabee jiruu kan argame.

    Namni kun attamiin Sooriyaa keessa akka itti turan irratti iccitiin naanna'eera. Waayit Haawus akka jedhutti, kanaan dura namni kuni Sooriyaa keessa jiraachuu isaas ta'e, ykn booji’amee akka ture waan agarsiisu hin qabu ture.

    Maddeen mootummaa Ameerikaa lama michuu BBC US kan ta’e CBStti akka himaniitti, erga finciltoonni Sooriyaa garee Haayaat Taahrir al-Shaam (HTS) nama kana gara humnoota Ameerikaa kan magaalaa Taanf keessatti argamaniitti fidanii booda, waraanichi helikooptarriidhaan biyya keessaa baase.

    Akka ejensiin oduu AP gabaasetti, namni kunis gara US deebi'uu caalaa Baha Giddu Galeessaa keessa turuu akka abdatu qondaaltota Ameerikaatti himeera.

    Aab Timmermaan Sooriyaa keessatti maal hojjechaa akka ture ifa miti. Poolisiin bakka dhaloota isaa Ameerikaa kutaa Mizuurii, akkasumas Haangaarii akka jedhetti, Timmermaan ji’a Caamsaa keessa akka bade gabaafame.

    Yeroo dhumaatiifis Budaapest keessatti mul'ate ture. Warri isaa ammoo baatii Waxabajjii keessa bakka buteensaa dhabamuu himan.

  4. Dhiiroonni 50 dubartii takka gudeeduun himataman eenyu fa'i?

    Jarri kunneenis dargaggeessa, maanguddoo, kanneen dhaabbiinsaanii tolaa, kaansaanii ammoo qaqalloo, kanneen sanyiinsaanii gurraachaa fi adiitu keessatti argama.

    Gama gosa hojii saanitiin ammoo hojjattoonni balaa ibiddaa, konkolaachiftoota konkolaataa fe'umsaa, loltoota, eegdota tikaa, gaazexeessaa fi DJ fa'i keessatti argamu.

    Dhiirroonni 50n kunneenis biyya Faransaa keessatti ture, dubartii Giiseel Peelikoot jedhamtuu, ajaja abbaa warraashee Doominiik Peelikoo jedhamaniifi maanguddoo waggaa 72 ta'eetiin waggootaaf qoricha hirribaa kennudhaan dhiiroota kanneenii akka gudeedamtu taate.

    Odeessa kanarratti dabalata dubbifachuuf Dhiiroota 50 guddeeddii dubartii tokkoon himataman

  5. 'Yoon kaafamnaan ayyaanni Gannoo gammachiisaa ta'a'

    Mormitoonni dhibbaan lakkaa’aman Yaa’ii Biyyaalessaa fuuldura, bakka pirezidantii biyyattii har’a waaree boodaatti aangoo irraa kaafamuutti walitti qabamuu jalqaban.

    Haalli mormii kanaatiis nagaan kan guutame yoo ta'u, namoonnis gaazexaafi waan ho'a kennu bilisaan hirmaattotaaf kennaa jiru. Kunis sababii Saa'uul keessatti baay'ee qorraa jiruuf baayyee barbaachisaadha.

    Gabaastoonni BBC bakkichatti argamu akka hubatanitti, dubartoonni lamaan uffata hanga mataatti uffatan kunneenis, mallattoo: "[Yoo Yoon Seok Yul kaafame qofa] ayyaanni Gannoo gaarii ta'a" jedhu qabatanii argan.

  6. Waan magaalaa Soowul keessatti ta'aa jiru suuraadhaan

    Magaalaa guddoo Kooriyaa Kibbaa keessatti har’a sochii cimaatu mul’achaa jira. Kanneen pirezidantiichi akka aangoorraa kaafamuuf deeggaranis ta’e, kanneen morman lamaanu, hiriira guddaa gaggeessaa jiru.

    Pireezidanticha irratti har'a waaree booda sagaleen kennamuuf jira.

    Mee suuraalee muraasa nu qaqaban milladhaa.

  7. Tamsaasa kallattii keenya amma eegalleerra!

    Ashamaa hordoftoota BBC Afaan Oromoo bakka jirtan maratti. Tamsaasa keenya guyyaa har'aa kan ittiin odeessaalee ijoo gagabaabsinee addunyaa mara irraa isin biraan geenyu amma eegalleerra.

    Nu hordofuu, akkasumas WhatsApp Chaanaalii tibbana eegallee https://whatsapp.com/channel/0029VawyHE6CBtx7GK5AV32J irrtti hordofuu hin dagatiin.

    Olmaa gaarii qabaadhaa!

  8. Bilinkan osoo hin beeksisiin Iraaqitti argaman

    Antonii Bilinkan yeroo ammaa Bagdaadiitti kan argaman yoo ta’u, Ministira Muummee Iraaq Mohaammad Shi’aa al-Sudaan waliin wal arganii jiru.

    Ministirri Dhimma Alaa Ameerikaa kun Tarkii -Ankaaraa irraa xiyyaara humna qilleensaa Ameerikaa C-17n balali'anii Iraaq seenan.

    Bilinkan qondaaltota isaa olaanoo waliin, helikooptaraan gara Imbaasii Ameerikaa kan magaalaa guddoo Iraaqitti osoo hin balali’iin dura, jaakkeetii rasaasaa ittisu (flak) uffatan.

    Sana booda MM Iraaq waliin wal arguuf konkolaataan imalan.

    Sababii waan Sooriyaa keessatti mudate keessatti Iraaq murteessituu taateef, mariin kun Ameerikaadhaaf baayyee murteessaadha.

    Asitti sababii Ameerikaanoonni mootummaan Sooriyaa gara fuula duraa hunda hammate, giddu galeessaafi iftoomina kan qabaatu gochuuf biyyoota Arabaa ollaa Arabaa naannawa Sooriyaa hiriirsuuf yaalii taasisan keessatti mariiwwan Bilinkan kun baayyee barbaachisoodha. .

  9. Israa'el sababii yaaddoo meeshaa waraanaa kemikaalaatiin zoonii dhukaasarraa bilisaa keessa turti- Xinxalaa

    Kanaan dura Israa’el humnootashee naannoo dhukaasarraa bilisaa kan biyyattiifi Sooriyaa gidduu jiru keessa ji’ootaaf tursiisuuf karoorfachuushee gabaasnee turre.

    Xiinxalaan tokko dhaabbata oduu AFPtti akka himanitti, Israa'el achitti ''ergama basaasaa'' akka raawwattu kan eegu yoo ta'u, yeroon isaa achi keessa turanis ''tasgabbiifi akeeka sirna haaraa Sooriyaa irratti'' hundaa'a.

    Maayikeel Hooroowitz, Israa'el meeshaan keemikaalaa ykn tarsiimoo mootummaan Sooriyaa duraanii harka gareewwan jihaaddistotaa keessa galuun yaaddofti jedhu.

    Akkasumas, barbaachisummaa tarsiimoo loltoota gaara Hermoon, kan Sooriyaa, Israa'elii fi Libaanos agarsiisurra tursiisuu addatti eeran.

  10. Erga sirni Asaad kufeen booda salaataa Jumaa jalqabaa suuraadhaan

    Hiriira har'aa guutuu Sooriyaa keessatti gaggeeffamuun dura, magaalaa guddoo Damaasqootti ummanni erga mootummaan Asaad kufee booda salaata jumaa yeroo jalqabaatiif walitti qabaman.

    Lammiileen Sooriyaa dhibbaan lakkaa'aman osoo lola'anii gara addabaabayii dhiyoo jirutti hin ba'iin dura, gara Masjiida Umayyaa magaalattii keessa jirutti qajeelan.

  11. Finciltoonni bakka duraan Asaad deeggarsa cimaa itti qabutti Raashiyaa waliin waliigaltee uumuuf yaadu

    Laataakiyaa keessatti akkuma Sooriyaa bakka biraatti mul’atu, haalliisaa kan nama wallaalchisudha, haata'u malee Laataakiyaatti bakka itti sirni duraanii deeggarsa cimaa keessaa qabuutti itti dhaga’amaa jira.

    Kunis bakka sirnichi aangoo isaa harka caalu irraa argataa tureedha.

    Mootummaan Asaad yoomiyyuu aangoorraa yoo kaafaman achiitti ajjeechaan ni raawwatama jedhe. Haata'u malee, sun hin mudannee.

    Dhugaa dubbachuuf naannoo siidaa abbaa Pirezidaantii duraanii Bashaar al-Asaad kan tibbana aangoorraa kaafamee, Haafez al-Asaad jedhamutti, gammachuu guddaan ibsamaa jira.

    Siidaa sana kaleessa yoo ilaalamu wanti baay’een hin hafne, kophee isaa qofatu jira.

    Bakki duwwaan akka Laataakiyaa keessatti argamu, akkuma bakka biraa Sooriyaa keessatti HTSn guutameera. Hin dagannu, gareen kunneen torban muraasaan dura diina turan. Amma garuu magaalaa kana keessatti aanga'oo waan ta’aniif nagaa eegaa waan jiran fakkaatu.

    Buufata xiyyaaraa Raashiyaa dhiyoo jirutti akkuma barame hojiin idileesaa itti fufeera, xiyyaaronnis ammallee qabataniiru.

    Akkasumas buufata galaana gadi fagoo achii qabatanii gara doonii bishaan jalaasaanii fi dooniiwwansaanii gahuu ni danda'u.

    Gareen finciltoota Islaamummaa Haayaat Taahrir al-Shaam namoonni buufataalee sanatti akka hin dhiyaanne akeekkachiiseera.

    Kaleessa gaazexessitoonni BBC wayita konkolaataan darbaniitti, konkolaattonni Raashiyaa hedduun rakkoo tokko malee darbaa turan.Tarii hojiiwwan waliigaltee Raashiyaan buufataalee sana akkuma qabatteetti turtuuf hayyamu jiraachuu mala.

    HTS garuu maal keessaa argata? Kun mootummaa haaraadha, seera qabeessummaa fi hiriyoota baay’ee barbaadu, tarii immoo waliigaltee Raashiyaa waliin godhamu adeemsa sanarratti akka isaan gargaaruutti yaadaa jiru ta'a.

  12. Daawwadhaa: MM yeroo ce’umsaa Sooriyaa Masgiida Umayyaad yeroo qaqqabutti akkasitti namootaan marfame

    Har’a ganama ministirri muummee yeroo ce’umsaa Sooriyaa kadhannaa Jumaa Masgiida Umayyaad irratti argameera.

    Mohaammad al-Bashir yeroo Masgiida kana qaqqabetti ummata bal’aan kan marfame yoo ta’u, boodarra ummata sagaduuf ba’eef haasaa taasisaniiru.

    Daawwadhaa.

  13. US fi Tarkiin egeree Sooriyaa irratti bal’inaan waliigalu- Bilinkan

    Ministirri Dhimma Alaa Yunaayitid Isteetis, Antoonii Bilinkan, kufaatii mootummaa Asaad booda, Tarkii fi Ameerikaan Sooriyaa keessatti itti aanee maaltu ta’uu akka barbaadan irratti waliigaltee bal’aan akka jiru dubbatan.

    Biyyoonni lamaan kunnneen yeroo wal waraansa Sooriyaa keessatti gareewwan milishaa wal morkatan deeggaraa turan.

    Ministira Dhimma Alaa Tarkii, Hakaan Fidaan waliin erga wal arganii booda ibsa gaazexeessitootaaf kennaniin, Bilinkan gareen Islaamummaa (IS) Sooriyaa keessatti deebi'ee akka hin kaane yaaluunis ''dirqama'' ta'uu dubbatan. garee kana dhabamsiisuufis ''waggoota dheeraadhaafis baay'ee cimnee hojjechuun baayyee gumaachineerra" jedhan.

    Bilinkan itti dabaluun Tarkiin dandeettii dhiibbaa uumuu qabdu fayyadamuun Hamaas waliigaltee dhukaasa dhaabuu Gaazaarratti akka fudhatu gochuuf akka yaaltu gaafachuusaanii dubbatan. ''Mallattoolee jajjabeessaa'' mul'achaa jiraachuu akka amanan dubbatan.

  14. 'Har'a Sooriyaa haaraa argannee kabajataa jirra': Hiriira guddaa dhuma bulchiinsa Asaad mul'ise

    Guutummaa Sooriyaatti dhuma mootummaa abbaa irree Asaad waggoota shantamaa kabajuuf hiriirri gaggeeffamaa jira.

    Suuraawwan Damaasqoo fi magaalota biroo keessaa bahan akka agarsiisanitti erga finciltoonni Dilbata drbe aangoo qabatee namoonni daandiitti bahuun gammachuu ibsachaa jiru.

    Finciltoonni magaalaa guddoo Sooriyaa, Damaasqoo qabachuu isaanii hordofee Pirezidantiin duraanii biyyattii Bashaar al-Asaad maatii isaa waliin Raashiyaatti kolu-galtummaa argatee achi jiru.

    Dursaan finciltootaa Ahmed al-Sharaa kan maqaa Abu Mohaammad al-Jolaanii jedhuunis beekamu aanga’oota namoota dararaa turan akka adamsaniifi manneen hidhaa hamoo bara Asaad namoonni keessatti gidirfamaa turan akka cufan waadaa galan.

    Bakka hundarraa sochiin dippilomaasii biyyattii tasgabbeessuudhaaf yaadame dhaga’ama ajira. Biyyoonni miseensa G7 har’a karaa oolaayiniin (verchuwaaliin) wal ga’an mootummaa hammataa ta’eefi kutaa hin taane deeggaruuf qophii ta’uu dubbataniiru.

  15. Dhaabbanni boba'aa dhiyeessuu buufata boba'aa haaraaf boba'aa akka hin dhiheessine murteesse

    Dhaabbanni Dhiyeessii Boba'aa Itoophiyaa, mootummaan boba'aa biyya alaatii galfamu ''hir'isuuf'' hojjechaa waan jiruuf buufata boba'aa haaraaf akka hin dhiheessine murteessuu isaa beeksiseera.

    Dhaabbanni dhiyeessaa boba’aa fedhii boba’aa biyyattii irratti hundaa’uun biyyoota alaa irraa boba’aa galchuu fi dhaabbileef raabsu murtee kanarra ga'uu isaa xalayaa wixata darbe abbaa Taayitaa Boba’aa fi Inarjiif barreessen ibseera.

    Dhaabbanni tokkichi Itoophiyaa keessatti boba'aa dhiyeessuukun, buufataaleen boba'aa haaraan eeyyamaa argatanii boba'aan akka dhiyaataniif gaafataa jiran heddummachuu fi bufataalee haaraa kanneenif boba'aa akka hin dhiyeessine boordiin murtaa'ee abbaa Taayitaa Boba’aa fi Inarjii beeksifamuu ibseera.

    Boordiin dhaabatichaa, “wayita mootummaan boba’aa gara biyyattiin alaa galchitu hir’isuuf hojjetaa jirutti buufataaleen boba’aa rabsan haaraaf boba’aa dhiyeessuun imaammata mootummaan hordofuun yeroo ilaalamutti sirrii akka hin taane kallattii kaa’eera,” jechuun murtee kanaaf sababiin kana ta’uu ibsa xalayaan kun.

    “Kallattii” Boordichi kaa’e kan fudhate dhaabbanni boba’aa dhiyeessu kun, hanga murtee addaa mootummana kennu hin jiraannetti buufataaleen boba’aa rabsan haaraatiif boba’aa dhiyeessuuf akka rakkatu” xalayaa ministeera Boba’aafi Inarjiitiif barreesseen beeksiseera.

  16. Murtee UK bara 2013tti Asaad haleeluuf turte mormuu kootti hin gaabbu

    Barreessaan eegumsa naannoo Ed Milibaand, bara 2013tti tarkaanfii waraanaa UKn Pirezidaantii Sooriyaa yeroo sanaa Bashaar al-Asaad irratti fudhatu dhorkuuf sagalee kennuu isaaniitti akka hin gaabbine dubbatan.

    Yeroo sanatti Ministira Mummee UK kan turan Deeviid Kaameroon, erga gabaasni Asaad lammiilee isaa Damaasqootti argaman irratti meeshaa keemikaalaa akka fayyadame dhagahameen booda, Sooriyaa irratti halleellaa raawwachuuf barbaadanii turan.

    Haata'u malee, yeroo sanatti Paartii Hojjetaa kan hoogganaa ture Milibaandii, miseensonni paarlaamaa isaa yaada kana mormuun akka sagalee kennan qajeelfama kennuun, UK'n tarkaanfii kamiyyuu Asaad irratti akka hin hirmaanne dura dhaabbatan.

    Milibaandiin Jimaata darbe haasawa taasisaniin, murtee taasisan ''karoora ifa ta'e'' akka hin jirree fi loltoota Biriteen ''daandii miidhaa'' irra kaa'uu akka hin barbaanne dubbatan.

    Milibaandiin Sagantaa BBC Today'tti akka himanitti, osoo biyyoonni dhihaa bara 2013 tarkaanfii waraanaa fudhataniiru ta'e, Asaad dafee kufa ture jechuun falmii dhihaatu hin amanan.

    Itti dabalunis, US bara 2017 fi 2018 keessa Sooriyaarratti haleellaa raawwattee kan turte yoo ta'u, kunis jijjiirama sirnaa biyyattii keessatti hin fidne jechuun falmu.

  17. Dursaan mana hidhaa Sooriyaa US keessatti dararaan himatame

    Qondaalli mootummaa Sooriyaa duraanii Ameerikaatti himannaan dararaa irratti banamuu aanga'oonni Kamisa kaleessaa beeksisan.

    Bara 2005 fi 2008tti Mana Sirreessaa Giddugaleessa Damaasqoo kan to’ataa turan, Abi Samiir Owusmaan Alsheyik, himannaawwan dararaa akka raawwatamuuf shira xaxuu hedduudhaan garee murtii olaanaa federaalaatiin himatame.

    Angawoonni Ameerikaa himannaan Alsheikh irratti dhiyaate ''kan nama qabbaneessudha'' jedhan.

    Himatamaan kunis jalqaba bara kanaa himannaa hanna immigireeshinii lamaatiin buufata xiyyaaraa Idil-addunyaa Loos Angalasi (LAX) keessatti kan to'atame yoo ta’u, innis tikkeettii imala balaliinsa gam- tokkee LAX irraa gara Beerut, Libaanos bitatee ture.

    Akka ibsi Waajjira Abbaa Alangaa Ameerikaa, kutaa Giddugaleessa Kaalifoorniyaa irraa kenname ibseetti, Alsheek mana hidhaa kana keessa hojachuusaa dhoksuun, akkasumas iyyannoo viizaa fi lammummaa Ameerikaa keessattis nama kamiyyuu ari'achuu haale.

    Qondaaltonni Yunaayitid Isteets akka jedhanitti, Alsheekh pirezidaantii aangoorraa kaafaman Bashaar al-Asaad jalatti gahee dhuunfaasaatiin ''miidhaa qaamaa fi sammuu hamaa hidhamtoota siyaasaa fi kanneen biroorraan gaheera.

    Hidhamtoonni gara "Damee Addabbii" mana hidhaa sanaatti akka geeffaman ajajeera. Achittis baaxiirratti fannifamuun meeshaa "dhukkubbii hamaa" qaqabsiisuun akka reebamanii fi yeroo tokko tokko lafeen dugdaasaanii akka caccabu taasiseera jedhameera.

  18. Namtichi osoo poolisii baqatuu boolla bu'e boodarra to'atame

    Biyya Ameerikaa magaalaa Fall River, kan Maasaachusetti keessatti argamuutti ture namtichi kun osoo sakatta'insa poolisii jalaa baqataa jiru kan boollaa aarrii ittiin bahu keessa kan bu'e.

    Poolisoota jalaa miliquuf jecha baaxii mana gubbaa osoo baqatuu akka tasaa, kiyyoo hin yaadiin keessa bu'uun danqame.

    Waraabbiin viidiyoo kutaa poolisii magaalaa Fall River irraa kaameeraa poolisiitiin waraabame akka agarsiisutti, qorattoonni nama ganna 33 kan ta'e Roobart Laanglaayis erga boolla keessa bu'uusaa adda baasanii booda akka boollicha keessaa bahuuf gargaaran.

    Qorattoonnis nama kana boollaa keessaa baasuuf gargaarsa kutaa to'annoo ibiddaa akka gaafatan mul'isa.

    Gaheessi kunis isaan booda gara hospitaalaatti kan geeffame yoo ta'u, boodarra himannaa qoricha sammuu hadoochu dadabarsuutiin to'annoo jala ooluun barameera..

  19. Ameerikaan deeggarsa meeshaa waraanaa haaraa Doolaara miiliyoona 500 Yukireeniif akka kennitu beeksifte

    Bulchiinsi Pirezidaantii Ameerikaa Joo Baayidan Kamisa kaleessaa paakeejii gargaarsa meeshaa waraanaa haaraa doolaara miiliyoona 500tti tilmaamamu ifoomsuu isaa Ministirri Dhimma Alaa biyyattii, Antoonii Bilinkan ibsa kennaniin himaniiru.

    Dubbi himaan Waayit Haawus, Joon Kirbii kanaan dura Ameerikaan "hanga dhuma bulchiinsa kanaatti" Yukireeniif deeggarsa dabalataa kennuu itti fufti jedhan.

    Waashingitan guyyoota 10 dura meeshaalee waraanaa ciccimoo doolaara miiliyoona 725 akka ergitu ibsiteetti.

    Paakeejiin kun rasaasa Sirna Rookeeti Meeshaa Waraanaa Sochii Ol'aanaa (HIMARS) fi misaa'ela Saffisa Ol'aanaa (HARM) kan of keessaa qabudha.

  20. Jawaar Mahaamad kitaaba isaa haaraa 'Hin Gaabbu' maaliif jedhe?

    Xiinxalaan siyaasaa fi aktivistii beekamaa Jawaar Mahaammad kitaaba haaraa mata duree ''Hin Gaabbu'' jedhuun maxxansiisee torban dhufu magaala guddoo Keeniyaa, Naayiroobiitti eebbisiisuuf akka jiru gaaffiifi deebii addatti BBC waliin taasise irratti hime.

    Kitaabni kun Afaan Oromoo fi Afaan Amaaraan qophaa'u dubbateera. Dabalataanis Afaan Ingliffaanis qophaa'uu kaasuun garuu maxxansaaf akka hin geenye ibse.

    Kitaabni Jawaar mana hidhaa taa'uun barreesse kun yaadannoo jireenya isaa dhalootaa hanga qabsoo jijjiiramaatti jiru kan of keessatti qabatu akka tahe himeera.

    Kitaabni kun waa'ee maaliiti? Akkamiin mana hidhaa keessa taa'ee barreessee baase, haala siyaasa Itoophiyaa fi maaliif ''Hin Gaabbu'' akka jedhe irratti addatti BBC waliin turtii taasiseera.

    Bal'ina odeessa kanaa dubbiifadhaa: Jawaar maaliif kitaabasaa haaraa 'Hin Gaabbuu' jedhe?