Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.

Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi

Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf

'Haala akkasiifi yeroo kanatti gonkumaa Sooriyaa gadhiiseen baha jedhee hin yaadne ture' - Asaad

Pirezidantiin duraanii Sooriyaa Bashaar al-Asaad ibsa erga aangoorraa kaafamuun gara Rashiyaatti baqatanii booda yeroo jalqabaatiif kennaniin, ''Ani Sooriyaa gadhiisuuf hin yaadne ture'' jedhan.

Guduunfaa

  • Awaalchi abbaa Asaad magaalaa dhaloota isaanii keessatti gubame
  • Kufaatii Asaadiif Iraan US fi Israa'el himatte
  • Sa'udiin Waancaa Addunyaa 2034 akka qopheessitu murtaa'e
  • Haleellaa Israa'el Gaazaa manarratti raawwatteen 19 ajjeefaman
  • Addaan cituu WhatsApp fi Instagram'f Meta'n dhiifama gaafate
  • Israa'el Sooriyaa haleeluu akka dhaabdu qondaalli UN gaafatan
  • Israa'el Sooriyaatti haleellaa qilleensaa 350 ol raawwachuu amante
  • Tamsaasa kallattii dhimma Sooriyaafi kaan asii argattu

Haguuggii Tamsaasa Kallattii

  1. Biyyoonni miseensa NATO waraana gara isaanitti deemaa jiruuf of qopheessuu qabu- Barreessaan olaanaa

    Barreessaa olaanan Dhaabbata Waliigaltee Atlaantiik Kaabaa (NATO), Maark Ruut biyyoonni miseensa gamtichaa ta’an Raashiyaa waliin lola gara fuula duraatti taasifamuu danda’uuf qophii miti, yeroon yaanni kun itti jijjiramu amma jedhan.

    Maark Ruut akka jedhanitti, Raashiyaan, ''Yukreen waliinis ta'e nu waliin waraana yeroo dheeraaf qophaa'aa jirti'' jechuun, haalli nageenyaa amma jiru hammataa ta'uu fi dhabbatichi kanaaf of qopheessuu akka qabu dubbatan.

    Biyyoonni miseensa NATO ta’anis baasii ittisaa fi waraanaa isaanii dabaluu fi cimsuu akka qaban cimsanii dubbataniiru.

    Barreessaan olaanaa kun kana kan dubbatan Doonaald Tiraamp Waayit Haawus seenuun dura miseensota NATO ittisa irratti baasii gahaa hin ramadneef Ameerikaan eegumsa hin kennitu jechuu hordofeeti.

    Biyyoonni miseensa NATO ta'an bara 2024tti waggaatti galii waliigalaa biyyaalessaa isaanii keessaa yoo xiqqaate dhibbeentaa 2 deeggarsa ittisa waraanaaf akka baasan waadaa galaniiru.

    Balaa guddaa Raashiyaa irraa gara isaanitti deemuuf baasiin kun ga'aa akka hin taane fi kana caalaa barbaachisa ta'uu dabaluun himan.

  2. Ashamaa hordoftootaa!

    Tamsaasa keenya kallatti guyyaa Jimaataa amma eegalleerra.

    Yoo nu hordoftan, odeessaalee ijoo biyya keessaa fi addunyaa mara irraa asiin isin biraan geenya.

    Olmaa gaarii qabaadhaa!

  3. Seeliinaa Goomez kaadhimamte

    Seeliinaa Goomez nama walaloo sirbaa barreessuun beekamu Beenii Bilaankoo waliin wal kaadhimmachuu ibsite.

    weellistuu fi taatoo jabduu tahuun adunyaa irratti kan beekamtu Seeliinaa Goomez suuraa qubeelaa guddaa Inistaagiraamii irratti maxxansuun ''jireenyi bara baraa amma jalqabe'' jette.

    Lameenuu bara darbe ture akka jaalalaan waliin jiran kan ibsan.

    weellisaa Teeyler Iswiifti namoota baga gammaddan jechuun jalqaba ibsan keessaati.

    TSeeiinaa Goome yeroo lama badhaasa Giraamiif filamteetti. Kaadhimaan ishee Bilaankoon maxxansa Inistaagiraamii ishee irratti ''Hey ....isheen haadha manaakooti,'' jechuun yaada kenne.

    Weellistuu Kaardi B, Jeenifer Anistan fa'aa X irratti ergaa baga gammadde jedhu barreessaniiruuf.

    Seeliinaan Inistaagiraamii irratti hordoftoota miliyoona 423 kan qabdu yoo tahu, aappii kana irratti dubartii hordoftoota hedduu qabaachuun jalqaba irra jirtudha. Lameen isaanii muuziqaa 'I Can't Get Enough' jedhu bara 2019 bahee fi 'Single Soon' jedhu bara 2023 bahe waliin hojjetaniiru. Ergasii akka jaalalaanis waliin jiran beeksisan.

  4. Haleellaa Israa'el namoota konkolaattota gargaarsaa Gaazaa eegaa turan 12 galaafate, jedhu ogeeyyiin fayyaa

    Haleellaa Israa’el Gaazaa irratti raawwateen yoo xiqqaate lammiileen Filisxeem 35 ajjeefamaniiru.

    Kanneen keessaa 12 konkolaattota gargaarsaa eegaa turan jedha ogeeyyiin fayyaa.

    Hanna irraa konkolaattota gargaarsaa eegaa osoo jiranii Raafah keessatti waardoonni torba ajjeefamaniiru. Akka hojjettoonni UN jedhanitti dhiyeessiin gara kibba Gaazaatti akka hin seenne hanni gufuu guddaadha.

    Haleellaan biraa Kaan Yuunis keessatti eegdoti shan du'aniiru.

    Waraanni Israa'el ''shororkeessitoota Hamaas hidhannoo qaban ‘kan konkolaattota fe'umsaa kana butuuf karoorfatan’ irratti haleellaa raawwachuu ibseera.

    Haleellaa biraan Israa’el naannoo kaampii baqattootaa Nuseiratitti namoonni 15 ajjeesuu Raayyaan Ittisa Sivilii beeksiseera.

    Konkolaattonni fe’umsaa kunneen daakuu fe’anii gara manneen kuusaa kan dhaabbata baqattoota Filisxeem (Unrwa) ta’etti geessu turan jedhan.

  5. Awustiraaliyaa keessatti daa’imman waggaa 10 ta’an hidhaan ga’eessotaa isaan mudachuuf

    Kutaan biyyaa Awustiraaliyaa Kuwiinslaand, seera daa'imman umuriin isaanii waggaa 10 ta'e yoo yakka akka ajjeechaa, haleellaa cimaa fi cabsanii seenun itti murtaa'e adabbii ga'eessotaa wajjin wal fakkaatu akka adabamu taasisu baase.

    Seerri adabbii cimaan kun akka daa’immanii fidargaggoonni yakkoota akkasii hin hojjenne dhorkaa jedha Mootummaan.

    Haa ta’u malee ogeeyyiin hedduun adabbiin cimaan yakka dargaggootaa akka hin hir’isne fi hammeessuu akka danda’u qorannoo agarsiisu jira jechuun akeekaniiru.

    Dhaabbanni Mootummoota Gamtoomaniis seerri kun waliigalteewwan mirga namoomaa daa’immanii tuffachuu fi seera addunyaa kan cabsu jechuun qeeqeera.

  6. Waliigaltee Itoophiyaafi Somaaliyaa Turkiitti taasifame IGAD dinqisiifate

    Hogganaan olaanaa IGAD Dr Worqinee Gabayyoo waliigaltee mootummaa Itoophiyaaf Somaaliyaa gidduu Turkii Ankaaraatti taasifame jajan.

    ''Waliigalteen murteessaa kuni hidhata hawaasaa biyyoota lameenii waggoota dheeraaf ture jabeessuu irratti tarkaanfii murteessaa dha,'' jedhan. Dabaluunis cichooma biyyotiin kunneen dhimmoota isaanii kara nagaan hiikuuf qaban agarsiisa jedhan.

    Danqaawwan furuuf, tasgabbii mirkaneessuuf akkasumas Gaanfa Afrikaatti badhaadhina fiduuf tattaaffiin dippiloomaasii akkasii murteessaa tahuu Dr Woorqinaan eeraniiru.

    Dabluunis shoora jabaa Pireezidantii Turkii Taayiip Erdohaan marii kanaaf gumaachaniif galateeffatani waliigalticha ''bu'uura murteessaa'' jedhaniiru.

    Itoophiyaan waliigaltee ulaa galaanaa bulchiinsa Somaalilaand kan Somaaliyaan qaama kiyya jettu waliin raawwachuun Somaaliyaa waliin erga ishee buusee waggaaf deema.

    Itoophiyaafi Somaaliyaa gidduu ''araari seena qabeessi'' taasifamuu Pirezidantiin Turkii Reseeph Xayyiib Erdogaan himan.

    Dureen biyyoota lamaanii Ankaaraatti guyyaa Roobii marii taasisan irratti Erdogaan jaarsummaan hirmaataniiru.

  7. Kanaadaatti namoota 20 keessaa tokko deeggarsa ogeessa fayyaan du'a

    Namoonni eeyyama isaaniin gargaarsa ogeessaan du'uun 'yuutineeziyaa' jedhama.

    Kanaadaatti waggaa shanaffaaf walitti fufinsaan lakkoofsi namoota haala kanaan du'anii dabalaa jira.

    Haala kanaan du'uu Kanaadaan bara 2016tti erga seera-qabeessa gooteen as waggaa shanaffaaf ibsa baasteen namoonni adeemsa kanaan du'uu filatanii sabummaan isaanii hammatameera.

    Bara darbe qofa namoonni 15,300 tahan du'a ogeessaa fayyaan deeggarameen du'aniiru.

    Kunis du'a biyyattii keessatti mudatu keessaa harka 4.7 qabata.

    Yeroo ammaa seera tumtoonni biyyattii yutineeziyaa namoota dhukkuba sammuu qaban bara 2027tti fayyadamoo akka tahaniif tajaajilicha bal'isuuf hojjechaa jiru.

    Kanaadaa biyyoota waggaa kudhan darbe keessatti seera ogeessaan deeggaramanii du'uu fudhatan yoo taatu, Awustiraaliyaa, Niiw Ziilaand, Ispeeniifi Awustiraaliyaa illee seera qabeessa godhaniiru.

  8. Hogganaan finciltoota Sooriyaa mana hidhaa Asaad akka cufu kakate

    Humni hidhataa Sooriyaa mana hidhaa 'hamaa' pirezidantii duraanii biyyattii Bashaar al-Asaadiin to'atamaa ture akka cufuufi kanneen hidhamtoota dararaafi ajjeesaa turan faana bu'ee akka qabu hime.

    Hogganaan finciltootaa Ahimad al-Sharaa kan maqaa qabsoo Abu Mohaammad al-Joolaanii jedhamuun beekamu humnoota nageenyaa duraanii mootummaa akka diigu himuu ibsi Rooyitarsi argate mul'isa.

    Viidiyoowwan hidhamtoonni kumaatamaan lakkaa'aman mana hidhaa Saadnaayaa keessa yeroo yaa'an mul'isan gadhiifamaniiru.

    Manni hidhaa kuni gareewwan mirga namoomaaf falmaniin ''mana qalma namaa'' maqaan jedhamu kennameeraafi.

    Mana hidhaa Asaad geggeessaa tureen namoonni 60,000 tti siqan hiraarfamuufi ajjeefamuu gareen mirga namoomaa Sooriyaa UK hordofu himeera.

    Gareen Islaamaa Haayaat Taahiir al-Shaam(HTS) hidhattoota Sooriyaa kaan hogganuun mootummaa Asaad waggaa 54'f bulche garagalacheera.

    Dilbata darbe magaalaa guddoo Sooriyaa Damaasqoo qabachuun booda ture Asaad gara Raashiyaatti baqachuun maatii isaanii wajjiin kan koolugaltummaa gaafatan.

  9. Boombiin badee balleessaatiin dhuka'e ministira dabalatee namoota torba galaafate

    Ministirri baqattoota Taalibaan, Kaliil Haqqaanii, Kaabuul keessatti badee balleessaatiin ajjeefaman.

    Kunis erga Taalibaan bara 2021 gara aangootti deebi'een booda miidhaa aangawaa olaanaarra gahedha.

    Haleellaa dhohinsa wayita Haaqqaniin waajjira isaanii bahaa jiraniitti raawwate kanaan namoonni jaha gara biraatiis du’uusaanii maddeen ministeera biyya keessaa himan.

    Kaliil Haaqqanii Taalibaan keessatti miseensa olaanaa garee humna guddaa qabu kan 'network Haqqani' jedhamu yoo ta’an, US’n shororkeessaa addunyaa jedhamuun moggaafamaniiru.

    Boodarra haleellaa kanaaf gareen Bulchiinsa Islaamummaa (IS) itti gaafatamummaa isaa fudhate.

    Akka gabaasa "ejensii oduu" IS Amaq jedhamu baaseetti, hidhataan IS tokko waajjira ministeeraatiin alatti erga eegaa tureen booda, yeroo aanga'aan kun gadi bahan boombicha dhoose.

    Dubbi himaan garee Taalibaan Haqqaaniin ISn ajjeefamuu isaa mirkaneesse jechuun dhaabbanni oduu Rooyitars gabaaseera.

    Obboleessi Kaalil Haqqanii, Jaalaaluddin hogganaa riphe loltootaa beekamaa bara 1980moota keessa loltoota Sooviyeet waliin Afgaanistaan ​​keessatti lolaa turedha.

    Akkasumas neetworkii Haqqaanii kan yeroo fincila Taalibaan waggoota 20f haleellaa hedduu duuba ture hundeesse.

    Siraajuddin Haqqaani, ilma obboleessa ministirichaa fi ilmi Jaalaaluddiin, yeroo ammaa mootummaa Taalibaan keessatti ministira biyya keessaati.

  10. Addaan cituu WhatsApp fi Instagram'f Meta'n dhiifama gaafate

    Aappiiwwan qabeenya Meta ta'an Inistaagiraamii fi WhatsApp guyyaa Roobii addunyaa irratti addaan cituu isaa erga dhaga'ameen booda amma toora interneetii irratti deebi'aniiru.

    Feesbuukiinis guutummatti rakkoon isa furmaata argachuu fi dhiisuu isaa hanga ammaatti hin ibsamne.

    Dhabbanni abbaa aappii kanneeni, Meta'n, namoota sababa kanaan rakkoon mudate dhiifama gaafateera.

    "Sakatta'iinsa dhumaa gochaa jirra dhibbeentaa 99 rakkoo sana furreerra obsa keessaniif galatoomaa" jedheera.

    Namoonni kuma 22 ol ta'an Feesbuukii irratti rakkoon akka isaan mudateefi kuma 18 ol ammoo WhatsApp fayyadamuuf rakkachaa akka turan marsariitiin Downdetector jedhamu ni mul'isa.

    Rakkoon adda cituu guyyaa Roobii galgalaa eegalee UK, kutaalee Awurooppaa, Eeshiyaa, Awustiraaliyaa, Ameerikaa Kibbaa fi US keessatti mul’ateera.

    Fayyadamtoonni rakkoo kana erga gabaasanii battaluma sanatti Meta'n ''rakkoo teeknikaa'' fayyadamuu aappichaa irratti dhiibbaa geessisu dafee sirreessuuf hojjechaa akka jiru ibseera.

  11. Haleellaa Israa'el Gaazaa mana irratti raawwatteen 19 ajjeefaman

    Haleellaa Israa'el kaaba Gaazaatti eda galgala raawwatteen namoonni 19 ajjeefamaniiru jechuun qondaaloti fayyaa Eegumsa Hawaasaa Hamaas himan.

    Dubbii himaan Eegumsa Hawaasa kanaa Mahaammuud Basaal manneen magaala Beet Liyaa naannoo hospitaalaa jiru haleelan jedhan.

    Namoonni kurnaan lakkaa'aman ammallee achi akka jiraataniifi kaan ammoo jijjigaa keessatti danqamanii jiru jechuunis dubbatan.

    Miidiyaan warra Filisxeem warra du'an keessa daa'imman sagal jiruu jedhaniiru.

    Humni Waraanaa Israa'el haleellaa kana raawwachuu mirkaneessuun Hamaas ''shororkeessicha'' irratti qiyyaafachuun himuun lakkoofsa namoota du'anii garuu shakkuu hime.

    Haleellaa Hamaas Onololeessa 7, 2023 Israa'el irratti raawwateen namoonni 1,200 ajjeefamuun kan 251 tahan ammoo buutaman.

    Boodarra haleellaa Israa'el raawwachuu jalqabdee itti fufteen lammiileen Gaazaa 44,800 kan ajjeefamuu ministerri fayyaa Hamaasiin hogganamu himeera.

  12. Giriik murtee koolu galtummaa lammiilee Sooriyaarratti kennamu addaan kutte

    Mootummaan Giriik kufaatii sirna Baashaar Al-Asaad hordofuun iyyata koolugaltummaa lammiilee Sooriyaarratti murtee kennamu hunda adda kute.

    Ministirri godaansaa Nikolaa'os Paanaagi'otopoolos raadiyoo biyya keessaa irratti haasawa taasisaniin, dhorkaan yeroo kunis hanga ragaan haaraan xiinxalamuutti akka turu dubbatan.

    Giriik karraa ittiin baqattooti Sooriyaa kuma dhibbaan lakkaa’aman gara Awurooppaatti ittiin galaniidha.

    Jalqaba torban kanaarrattis haaluma walfakkaatuun, mootummaan UK murtee kooluugaltoota Sooriyaa irratti dabarsu dhaabuu beeksiisee ture.

  13. Ashamaa!

    Tamsaasa kallattii BBC Afaan Oromoo eegalleerra.

    Dhimmoota biyya keessaafi alaa jala jalaan isin biraan geenya.

    Nu waliin turaa.

  14. Sa'udiin har'a waancaa addunyaa bara 2034 keessummeessituu ta'uun ishee mirkanaa'e, FIFA

    Sa'udiin waancaa addunyaa bara 2034 keessummeessunshee humna biyyattiin amma ispoortii keessatti qabdu kan argisiisu.

    Ilmi Mootii Mohammed salmaan tarsiimoo isaa 'Vision 2030' keessatti dinagdee ammayyeessuuf bara 2021 irraa eegalee sagantaalee adda addaa qopheessuuf paawundii biliyoonaan lakkaa'amu invast godheera.

    Mootummaan kun ergasii dorgommii konkolaataa Foormulaa 1, tapha xumuraa waancaa Ispeen fi kubbaa miilaa Xaaliyaanii, waancaa Kilabii Addunyaa, fi boksii, goolfii, dorgommii fardaa fi teenisii sadarkaa olaanaa keessummeessiteetti.

    Fandiin Invastimantii Mootummaa biyyattiis tapha goolfii dabalatee kilaboota Liigii Sa'udii afur fi Niwukaastil Yunaayitid bitee jira.

    Gama biraatiin gabaasni dhiheenya kana dhaabbanni Deenmaark ‘Play the Game’ jedhamu akka mul’isutti Sa’udiin waliigaltee ispoonsara 900 ol mallatteessiteetti.

    Kunis dhiibbaa ishee ispoortii hunda irratti qabdu babal’isuuf jedhan.

  15. Intalti ganna 11 galaana Meditiraaniyaanii keessatti guyyoota sadiif ujummoo gommaatti maxxanuun jiraatte baraaramte

    Shamarreen ganna 11 tokko obomboleettii galaana Meditiraaniyaanii keessa guyyoota sadiif ujummoo gommaatti maxxanuun jiraatte baraaramte.

    Baraartoonni dhaabbata miti mootummaa Compass Collective jedhamu akka jedhanitti, gara balaa tasaa biraatti osoo deemaa jiranii waamicha gargaarsaa ishee dhaga'an.

    Intalti maqaan ishee hin ibsamne kun Seeraaliyoon irraa kan dhufte yoo ta'u, namoota biroo 44 waliin Tuuniziyaa irraa ka'uu ishee itti himteetti.

    Godaantonni kumaatamaan lakkaa'aman Awurooppaa ga'uuf yaalan waggaa waggaan imala galaana Meditiraaniyaanii keessatti du'u.

  16. Sooriyaa eenyuutu to'ata?

    Gareen hojjattoota ta'an kutaalee Sooriyaa adda addaa irratti aangoo qabu.

    Gareen finciltootaa Haayaat Taahrir al-Shaam (HTS), erga waraanni biyyattii keessaa eegalamee waggaa 13 booda, dhiheenya kana magaalaa guddoo biyyattii Damaasqoo to’achuun sirna Asaad kuffisan.

    Biyyattii keessatti namoonni hedduun kufaatii sirna maatii Sooriyaa abbaa hirummaatiin biyyattii bulchaa ture kan kabajan yoo ta’u, haata'u malee egeree biyyattii mirkanaa’aa waan hin taaneef haalli lafarra jiru ifaa miti.

    Sababiin isaas, gareewwan finciltootaa adda addaa hedduun kutaalee biyyattii garaa garaa to’achaa jiru.

    Halkan tokkotti humnoonni HTS magaalaa bahaa Deir al-Zour jedhamtu fi kan boba’aan badhaate humnoota Kurdoota irraa fudhahuunsaanii himan.

  17. Loltoonni finciltootaa bakka awwaala abbaa Asaad gubaterratti suuraa ka'aa jiru

    Mee suuraa fi waa'ee awwaala abbaa pirezidaantii Sooriyaa aangoo irraa ari'atame Baashaar al-Assaad kan magaalaa dhalootasaanii Qaardaahaatti gubame irratti bal'ina muraasa isin biraan haa geenyu.

    Waraabbii dhaabbata oduu AFP irraa har'a fudhatame xinxaluudhaan, loltoonni finciltootaa dadhabbiin fuulasaanii irraa mul'atuu fi dargaggoonni, saanduuqa reeffaa dabalatee, bakka awwaalchaa gubate yoo ilaalaan mul'isa.

    Akka hordoffiin waraanaa kan UK keessatti argamu, dhaabbanni Hordofaan Mirga Namoomaa Sooriyaa (SOHR) jedhutti, finciltoonni bakka awwaalchaa kan hawaasa Alaawite Asaad garaa Laataakiyaa keessatti argamutti ibidda qabsiisan.

    Akkasumas viidiyichi gar-tokkeen awwaalchichaa ibiddaan gubachuu fi barbadaa'uu agarsiisa.

    Loltoonni finciltootaa hidhataniis bakka awwaala Haafez al-Assaad gubate ollaa dhaloota isaanii kan taatee kanarraa suuraa ka'an maxxansanii jiru.

  18. Raashiyaan gaaffii Asaad mootummaa xiqqaa qarqara galaana Sooriyaatti uumuuf dhiheesse didde - gabaasa

    Dhaabbanni Hordofaa dhimma Humna Namoomaa Sooriyaa UK'tti bu'uureeffate (SOHR) haala pirezidantiin duraanii Sooriyaa, Baashaar al-Asaad biyyaa itti baqatan irratti odeeffannoo dabalataa qaba.

    Dhaabbatichi akka jedheetti, Raashiyaan gaaffii Asaad qarqara galaanaa Sooriyaa irratti mootummaa xiqqaa hundeessuun dhiyeessee fi akka pirojektii Sooriyaa qoqqooduuf hojjetameetti ilaaltu ni didde jedha.

    Akka maddeen SOHR ibsanitti, Asaad xiyyaara isaatiin kan gara Raashiyaatti baqaatan waa’ee aangoo gadhiisuu irratti haasaa gochuu ni dide.

    Akkasumas deeggarsaa fi bira dhaabbannaa Iraan irratti hirkataa ture.

  19. Phaaphaasiin Sooriyaatti amantiiwwan gidduutti 'wal kabajni' akka jiraatuuf waamicha taasisan

    Phaaphaasiin Firaansis haasaa torbanii dhaggeeffattoota waliigalaa isaanii irratti dubbataniin, namoonni Siiriyaa keessa jiran ''nagaa fi tasgabbiin'' akkasumas ''wal kabajuun'' akka jiraataniif akka kadhatan dubbachusaanii dhaabbanni oduu AFP gabaaseera.

    "Nan kadhadha... ummanni Sooriyaa biyya isaa jaallatamaa keessa nagaa fi tasgabbiidhaan akka jiraatuu akkasumas amantiiwwan adda addaa gaarummaa ummata waraana waggoota dheeraatiin miidhame sanaatiif haala mijatuu fi wal kabajuun akka waliin deeman," jechuun dhaggeeffattootatti himan.

    "Osoo qoqodiinsii fi waliitti bu'iinsi gara biraa hin mudateen furmaanni siyaasaa itti gaafatamummaadhaan tasgabbii fi tokkummaa biyyattii akka jajabeessan abdiin qaba" jechuun dubbatan itti dabaluun.

  20. Iraan kufaatii Asaadiif US fi Israa'el yoo himattu Raashiyaan ammoo humnoota biyya keessaa quunnamte

    Mee yaada sa'aatii muraasa darban keessa Iraanii fi Raashiyaa, kanneen michoota dhiyoo Pirezidaantii duraanii Sooriyaa Baashar al-Assaad irraa dhagahame tokko tokko isiniin haa geenyu.

    Hogganaa Olaanaan Iraan Ayaatollaah Alii Kameneen, Ameerikaa fi Israa'el kufaatii Asaad duuba jiru jechuun himachuun, garuu kufaatiin pirezidaanti Asaad kun Iraan akka hin laaffifne cimsanii dubbatan.

    Akkasumas ''biyyoonni ollaa Sooriyaa" harka keessaa qabaachuu kan kaasan yoo ta'u, garuu maqaa biyya kamiituu hin ibsine.

    Bakka biraattis, dubbi himtuun ministeera dhimma alaa Raashiyaa, nageenyi lammiilee Raashiyaa Sooriyaa keessatti argamanii akka ''dhimma dursi kennuuf qabuutti'' ibsaniiru jedha dhaabbanni oduu mootummaa TASS.

    Maariyaa Zaakhaarovaan Raadiyoo Ispuutnikitti akka himtetti: “Haalli Sooriyaa keessatti mul’atu ajaa'iba, garuu wanti guddaan diraamaa irraa gara guutummaan badiitti akka hin jijjiiramnedha.”

    Zakaaroovaan itti dabaluudhaan, kanaafuu Raashiyaan humnoota biyya keessaa adda addaa waliin qunnamtii taasisaa akka jirtu dubbataniiru.