UAE fi Joordaanis gargaarsa haaraa qilleensarraa Gaazaaf buusuu jalqaban

Gabaasni Yunaayitid Araab Emireet (UAE) fi Joordaanis Gaazaadhaaf samiirraan gargaarsa haaraa busuu jalqabusaanii agarsiisan arguu jalqabneerra.

Guduunfaa

Haguuggii Tamsaasa Kallattii

  1. Biyyootni 28 waraanni Gaazaa atattamaan akka dhaabatu waamicha godhan

    Gaazaa

    Madda suuraa, Getty Images

    UK dabalatee biyyootni 28 Gaazaatti ''dararaan uummatarra gahu sadarkaa hamaa gahe'' jechuun waraanni atattamaan akka dhaabatu waamicha dhiyeessan.

    Israa'el taankiiwwan fayyadamuun gidduugala Gaazaa naannoo Da'iir al-Balah jedhamu halaleelteetti. Humni qilleensaas naannicha rukutuu itti fufeera.

    Naannichi bakka uummatni kumoota dhibbaan lakkaa'amu Kibba Gaazaatii itti baqateedha.

    Biyyootni 26 ta'an ''dararaan uummata nagaa Gaazaa humnaa ol ta'eera'' jechuun waraanni akka dhaabatu waamicha waloo dhiyeessaniiru. Dhaabbatni soorata lubbuu baraaru dhiyeessu IPC ammoo uummatni miliyoona 1.5 beelaafi hanqina nyaataa jabaaf saaxilamuu ibse.

    ''Ammallee dhiiga dhangalaasuun bu'aa buusu hin qabu. Yaalii dhukaasa dhaabuu US, Kataariifi Masriin gochaa jiran guutummaatti kna deeggarru akka ta'e mirkaneessina. Atattamaan dhukaasni akka dhaabatu tarkaanfii dabalataa fudhachuuf qophiidha. Israa'el Filisxeemii fi naannichatti nageenyaa fi tasgabbii fiduufis akkasuma'' jedha ibsi waloo bahe.

    Biyyoota akka Faransaay, UK, Beeljiyeem, Kaanadaa, Nezerlaandisiifi Jaappaan fa'atu waamicha kanarratti mallatteesse.

    Ibsichi mootummaan Israa'el ''moodeelli deeggarsi namoomaa akka dhiyaatu diriirse hamaa, tasgabbii dhabuu kan hammeessufi namummaa uummata Gaazaa kan mulquudha'' jedhaniiru.

  2. Iraan dhimma nikularaasheerratti Jimaata dhufu biyyoota Awurooppaa sadi waliin mariyachuufi

    Gaggeessaa Olanaa Iraan Ayaatolaa Kameenii

    Madda suuraa, AFP

    Iraan dhimma sagantaa gabbisa nikularaasheerratti biyyoota Awurooppaa sadi waliin Turkiitti mariyachuuf akka jirtu ministeera dhimma alaa Iraan waabeffachuun Rooyitars gabaase.

    Biyyoonni Awurooppaa sadi: UK, Faransaayifi Jarman dhimma nikularaa irratti Iraan marii itti hin fuftu yoo ta'e qoqqobbbii cimaa irra kaa'uuf akka jiran akeekkachiisu boodadha Iraan mariif fedhii qabaachuu kan beeksifte.

    Dubbi himaan Ministeera Dhimma Alaa Iraan akka beeksisetti, mariin dhimma nikularaa Iraan, Faransaayi, UKfi Jarman gidduutti magaalaa Istaanbulitti Jimaata dhufu gaggeeffamuuf jira.

    Haleellaa Israa'elifi US buufataalee nikularaa Iraan irratti gaggeessuu hordofee Iraan dhimma nikularaa irratti mariyachuu dhiisuu malti sodaan jedhu ka'aa ture.

    Garuu biyyooni Awurrooppaa kunneen Iraan mariitti hin deebitu taanan, qoqqobbiin akka irra kaa'amu akeekkachiisanii turan.

  3. Loltuu Waraana Addunyaa 2ffaafi Tiktokara beekamaa kan ta'an 'Papa Jake' ganna 102tti du'an

    Jeek Larson

    Madda suuraa, Getty Images

    Loltuu Ameerikaa Waraana Addunyaa 2ffaarratti hirmaataniifi TikTok irratti irratti maqaa 'Papa Jake' jedhuun hordoftoota miliyeenan lakkaa'aman qaban boqotan.

    Jeek Laarsan Waraana Addunyaa 2ffaarratti loltoota Ameerikaa Naazii Jarmanii loluun mo'atan keessaa tokkoodha.

    TikTok gubbaatti hordoftota miliyeena 1.2 kan qaban yoo ta'u maqaa Papa Jake jedhuun waa'ee Waraana Addunyaa 2ffaa fi namoota biraa wareegamanii muuxannoosaanii qoodun beekamu.

    Torban sadi dura gaazexeessituu lammummaa Biriitishifi Iraan qabdu Kiristiyaan Amaanpuur waliin Emmy Award badhaaafamanii turan.

    Jeek Larson yeroo Waraana Addunyaa 2ffaa irratti hirmaachuf Awurooppatti duulu dargaggoo ganna 19 ture.

  4. Xiyyaarri waraanaa mana barnootaarra kufe nama 19 ta'u galaafate

    Balaa xiyyaaraa Baangilaadeesh

    Madda suuraa, Reuters

    Baangiladeesh magaalaa Daakaatti xiyyaarri waraanaa shaakalliirra ture mana barnootaarratti kufuu hordofee yoo xiqqaate namootni 19 du'anii 100 ol kan ta'an madaa'aniiru.

    Viidiyoon balaa mana barnootaafi kolleejjii Mileston jedhamurratti qaqqabe kanaa ibiddaa fi aara guddaa agarsiisa.

    Humni qilleensaa biyyattii xiyyaarrisaa kufee caccabuu beeksiseera.

    Gidduugala namoota ibiddi miidhefi pilaastiksarjarii hojjetu keessatti haakima kan ta'e doktarri tokko daa'imman dabalatee namootni 50 hospitaala galuu himaniiru.

    Lakkoofsi namoota balaa kanaan du'anii dabaluu akka danda'u tilmaamame.

    Waajirri ittisa balaa ibiddaa biyyattii ibsa miidiyaa hawaasaa gubbaa baaseen gareen sagal ambulaansiiwwan jaha waliin bakka balaan kun mudate jiru.

  5. Liiverpuul paawundii miliyoona 69n Ekitikee fudhachuuf waliigalteerra gahe

    Ekitikee

    Madda suuraa, Getty Images

    Liiverpuul kaffaltii paawundii miliyoona 69'n jifataa kilaba Entiriikti Firaankifert Huugoo Ekitikee mallatteessisuuf waliigalteerra gahe.

    Dargaggeessi ganna 23 lammii Faransaay ta'e kun Kibxata boruu medikaalaaf UK qubata jedhameera.

    Baasiin waliigalaa Liiverpuuliifi Firaankiferti hanga paawundii miliyoona 79 gaha. Gatiin jijjiirraa inni bu'uraa paawudii miliyoona 69 yoo t'u, paawundiin miliyoona 10 ammoo haalota ilaaluun kan dabalamuudha.

    Ekitikeen waggoota jaha dhufaniif Anfiild turuuf waliigaleera. Dhuma torban kanaattis garee Liiverpuul qophiif Eshiyaa jiruutti makama.

    Ekitikeen bara bondosliigaa darbe tapha 31 irratti hiriiree, goolii 15 lakkoofsiseera. Kanaanis taphataa goolii hedduu lakkoofsise isa sadaffaadha.

    Bittaa Ekitikee kana dabalatee Liiverpuul tibba jijjiirraa taphattoota kanatti baasiin baasee paawundii miliyoona 250 gaheera.

    Niiwkaasil taphataa kanaaf pawundii miliyoona 70 dhiyeessee ture.

  6. Maatiin miidhamtootaa balaa xiyyaara Kooriyaa Kibbaa gabaasa balaaf dogoggora paayilatii komate balaaleffatan

    Xiyyaara Kooriyaa Kibbaa lubbuu namoota hedduu galaafatee

    Madda suuraa, Getty Images

    Qorannoon balaa xiyyaaraa Jeju Air Muddee darbe mudaterratti gaggeeffame, balaliisaa (paayilatii) xiyyaarichaatu dogoggoraan motora hin malle cufe jechuu midiyaaleen biyya keessaa gabaasan.

    Gabaasni dhuma torbee darbee gadhiifamuuf beellamame ture kunis mormii cimaa maatii miidhamtootaa irraa ka'een harkifateera.

    Maatiin kunneen kanaan dura argannoo kanarratti ibsi kan kenname yoo ta'u, qorattoonni balaliisaa irratti komii dhiyeessuudhaan, wantoota balaa sanaaf gumaachan gara biroo akka hin kaafne himatan.

    Xiyyaarichis buufata xiyyaaraa idil-addunyaa Mu'aanitti wayita qubachuuf jedhuutti danqaa tokkotti bu'uudhaan abiddi itti qabachuun namoota 181 xiyyaara Jeju Air sana keessa turan keessaa namoota lama malee, hundi isaanii lubbuusaanii galaafate.

    Taateen sunis biyya Kooriyaa Kibbaa keessatti balaa xiyyaarraa lubbuu namoota hedduu galaafate jedhameera.

    Ganama Muddee 29 ture kan balaliistonni xiyyaara 'Jeju Air' lakkoofsi balaliisaa 2216 ta'ee, simbirroonni akka rukutame gabaasuun bilbila xiyyaarichi daandii balaliitti dhiyaachaa jiraachu bilbilan.

    Sana booda balaliistonni kallattii faallaa sanaatti qubachuuf yaalan. Viidiyoon yeroo sana waraabame akka agarsiisaniitti, xiyyaarichi osoo gommaansaa hin bahiin garaa isaatiin yoo qubatu agarsiisa, achiinis daandii irratti bu'uun danqaa konkiriitii keessa lixe.

    Mootorri xiyyaarichaa lamaan baatii Bitooteessaa keessa qorannoodhaaf gara Faransaayitti ergamee ture. Argannoon dhiheenya kana Boordii Qorannoo Balaa Aviyeeshinii fi Baaburaa Kooriyaa Kibbaa irraa argame akka agarsiisutti, balaliisaatu motora xiyyaarichaa kan mirgaa kan simbirrootaan miidhaan irra gahe dhiisuun isa bitaa kan rakkoo hin qabne dhaamsuun balaan sun qaqabe jedhe.

    Haata'u malee, maatiin namoota miidhamanii akka jedhanitti, gabaasaan kun waa'ee danqaa konkiriitii dhuma daandii balalii irratti argamu kan hin kaasne yoo ta'u, kunis balaa kana akka malee hamaa waan taasiseedha jechuun falman.

  7. Chaayinaan ijaarsi hidha guddicha addunyaa eegalte, Hindii keessatti sodaa uume

    Lagni kunis fageenya dheeraa kan qaxxaamuruudha

    Madda suuraa, Getty Images

    Angawoonni Chaayinaa hidha annisaa bishaanii addunyaatti isa guddaa ta'u naannoo Tibeet keessatti ijaaruu kan jalqaban yoo ta'u, pirojektiin kun ammoo Hindii fi Baanglaadeesh keessatti yaaddoo uumeera.

    Ministirri Muummee Chaayinaa Lii Qiyaang, Sambata darbe laga Yarlung Tsangpo irratti ijaarsi hidha kanaa eegaluu isaa sababeeffachuuf qophii ture kan dursan ta'uu miidiyaaleen biyya keessaa gabaasan.

    Lagni kun gaarreen Tibeet akkasumas biyyoota Eeshiyaa Kibbaa hedduu keessa yaa'a.

    Pirojektiin kun lammiilee Hindii fi Baanglaadeesh miliyoonaan lakkaa'aman kanneen gara gadii laga kanaa jiraatan akkasumas naannoo naannawichaa fi jiraattoota Tibeet irratti dhiibbaa uumuu danda'a jedhamuun qeeqa hawwateera.

    Beejiing garoo misoomni pirojaktii kanaa eegumsa ikoloojiitiif dursa kan kennu yoo ta'u, badhaadhina biyya keessaa kan guddisu ta'uu ibsiteetti.

  8. Sa'aatii 24 darbe keessatti Filisxeemoonni 19 beelaan dhu'an- qondaala fayyaa

    Qondaalli fayyaa Hamaasiin gaggeeffamu tokko sa'aatii 24 darban keessatti Gaazaatti yoo xinnaate namoonni 19 beelaan du'aniiru.

    Dubbii himaan Hospitaala al-Aqsaa kan Deer al-Baalaah keessatti argamuu, Dr Kaliil al-Daagraan, haalli hospitaala Gaazaa keessaa baayyee yaaddeessaa ta'u BBCtti himan.

    ''Daa'imman dabalatee namoonni 19 beelaan du'aniiru'' jedhan.

    "Hospitaaloonni kanaan booda dhukkubsattootaafi hojjattootaaf nyaataa dhiyeessuu. Kanaafuu baayyeen sababii beela cimaatiif hojii itti fufuuf qaamaan socha'uu hin dandeenye.''

    Itti dabalauudhaanis, meeshaaleen bu'uuraa kan akka formulaa dhallattootaa ammaan booda hin jiru.

    ''Sababii formulaan daa'immanii gabaarraa dhumeef, hospitaaloonni daa'imman beelaan dararamaa jiraniif aannan qaruuraa takkaa kennuu hin danda'u.''

  9. Haleellaan qilleensaa Israa'el magaalaa Deer al-Balaah'tti raawwattu halkan darbe cimuu UN hime

    Haleellaa halkan Israa'el raawwatteen aarrii ol ka'ee mullate

    Madda suuraa, Getty Images

    Dhaabbata Biyyoota Gamtoomaniitti waajjira gargaarsa namoomaatti barreessaan Olaanaa ittaanaan (Ocha) akka jedheetti, itti gaafatamaan damee waraanaa daangaa Filisxeem Deer al-Baalaah keessa akka jiruu fi achi turuuf akka yaadu himan.

    Toom Fileettar Dilbata galgala X isaanii irratti akka barreessaniitti, "Joonaataan Witiil waliin amma haasaa'eera'' jedhanii ture. "Innis bakka haleellaan qilleensaa Israa'el keessatti cimee itti fufee jira, Gaazaa magaalaa Deer Baalaah keessa jira."

    Itti dabaluunis, Witiil ''garee keenyaan marfamee akka jiru, namoota nagaa gargaaruuf asuma turra,'' jechuun, ''hamilee fi cichooma addaa'' garee Ocha faarsaniiru. "Isaanis UN keessaa warra hunda caalaniidha. Hundi keenyas akkasumas."

  10. Lammiileen Filisxeem akeekkachiisa Israa'el Dilbata kaleessaan booda baqataniiru

    Filisxeemoota baqataa jira

    Madda suuraa, Getty Images

    Akkuma gabaasaa turre, waraanni Israa'el Dilbata kaleessaa Deer al-Balah keessaa ummanni akka bahauuf ajaja kennee, lola ji'oota 21 Hamaas irratti geggeessaa tureen bakka kana keessatti haleellaa lafoo hin raawwanne ture.

    Waraanni Israa'el akka jedhetti, ummanni hatattamaan baqatanii gara al-Maawaasi qarqara galaana Meditiraaniyaanii jirutti akka socho'aniif gaafate.

    Dubbi himaan afaan Arabaa waraana kanaa, Avichaay Adraa'ee akka jedhanitti, ''naannoo kanaan dura keessa hin sochoone'' dabalatee Israa'el Deer al-Baalaah keessatti ''sochii babal'isaa jirti'' jedhan.

    Suuraaleen akka agarsiisaniitti, ummanni dhibbaan lakkaa'amu meeshaa isaanii qabatanii baqachaa jiru.

    Filisxeem baqataa jiru

    Madda suuraa, Getty Images

  11. Hogganaan wanbadee Ikkuwaadoritti qabame dabarfamee Ameerikaaf kenname

    Hogganaan wanbadee Ikkuwaadoritti qabame dabarfamee Ameerikaaf kenname

    Madda suuraa, SNAI

    Ibsa waa'ee suuraa, Hogganaan wanbadee Ikkuwaadoritti qabame dabarfamee Ameerikaaf kenname

    Hogganaan wanbadootaa hamaa fi akkaan barbaadamaa ture Adoolfo Makiyaas Vilaamaar, Ameerikaaf dabarfamee kenname.

    Ameerikaatti himata daddabarsa qoricha sammuu hadoochuufi daddabarsa meeshaa waraanaa seeraan alaatu isa irratti banamuuf jedha.

    Hogganaan wanbadootaa kun ''Fito'' jedhamee waamama. Mana hidhaa hamaa eegumsa akka malee cimaa qabu keessaa baduun waggaa tokko booda ji'a waxabajjii darbe keessa qabame.

    Namni kun hidhaan waggaa 34 irratti darbuun mana hidhaa keessa osoo jiruuti bade. Wiixata kana mana murtii federaalaa UStti dhiyaata.

    Adolfoo Makiyaas Vilaamaar hogganaa garee wanbadee balaafamaa Los Chooneros jedhamu akka tahe himama.

    gareen kun yakka hamaa fi gurguddaa Meksiikoo fi Baalkaan keessa socho'uun hidhata qaba.

    Akkasumas bara 2023 kaadhamamaa pirezidaantii Meeksiikoo kan turan Fernando Vilaaviseensiyoo ajjeesisuu keessaas qooda qaba jedhamee shakkama.

  12. UN oppireshinii Israa'el Deer al-Balah keessatti eegalterratti akeekkachiisa kenne

    Waajjirri gargaarsa namoomaa Dhaabbata Biyyoota Gamtoomanii (OCHA)n ajajni buqqa'iinsaa waraanni Israa'el haleellaan har'aa osoo hin jalqabin dura Dilbata kenname, tattaaffii gargaarsa namoomaa Gaazaa keessatti taasifamaa jiru irratti "balaa hamaa biraati" jedheera.

    Deer al-Balah keessatti qabeenyi barbaachisoo kanneen akka kuusaawwan gargaarsa namoomaa, kilinika yaalaa fi bu'uuraalee bishaanii murteessoo ta'an hedduun akka jiran ibseera.

    "Miidhaan bu'uuraalee misoomaa kanneen irra gahu kamiyyuu bu'aa balaa lubbuu namaa irra buusu qaba," jechuun akeekkachiiseera.

    Ajajni haaraan kun ''Deer al-Balah keessaa adda kutuudhaan, Istirippicha kan daran gargar caccabsuudha,'' kan jedhe dhaabbanni ACHA, itti dabaluudhaan ammoo, gareewwan gargaarsa namoomaa isaa Gaazaa keessatti karaa nagaa fi bu'aa qabeessa ta'een socho'an akka daangessu dubbatan.

  13. Kitaabni seenaa Dr. Haayilee Fidaa miseensa maatii barreeffame maal ofkeessaa qaba?

    Kitaabni seenaa Haayilee Fidaa irratti barraa'e eebbiifame

    Madda suuraa, Ashenaf SisayFida FB

    Dr Haayilee Fidaa namoota seenaa siyaasaa fi waa'ee Afaan Oromootiin waliin maqaansaanii ka'u keessaa tokkodha.

    Miseensi maatii dhihoo kan ta'an Ashannaaffii Sisaay Fidaa tibbana seenaa hayyuu Oromoo kanaa ilaalchuun kitaaba barreessan Adooleessa 20, 2025 Magaalaa Finfineetti eebbiifameera.

    Barreessaan kitaaba kanaa kan ta'an Ashannaafii Sisaay Fidaa waa'ee qophiin kitaaba 'Seenaa jireenyaafii qabsoo Dr. Haayilee Fidaa' waggoota shan itti fudhachusaan BBC'tti himeera.

    Barreessaa kitaabichaafii ilma obboleessa Dr. Haayilee Fidaa kan ta'e Ashannaafii Sisaay Fidaa, kitaabni seenaa Dr. Haayilee Fidaa dhalootaa hanga yaadannootti himu kun boqonnaawwan sagalii fi fuulawwan 325 kan qabu ta'uu himeera. Dabalataan odeessa kanarratti dubbiifachuufkaraa kanaan seentanii argachuu dandeessu.

  14. Humnoonni Israa'el haleellaa lafoofi qilleensaa giddugala Gaazaa irratti eegalte

    Haleellaa haaraa israa'el Gaazaa irraatti raawwatte

    Madda suuraa, Reuters

    Humnoonni Israa'el haleellaa lafoo fi qilleensaa giddugala Gaazaa magaalaa Deer al-Baalah irratti kan eegalan yoo ta'u, kunis namoota nagaa sababii waraana gaggeeffamuutiin buqqa'an deebii'anii akka baqatan gochaa jira.

    Oppareshiinii kun kan jalqabe Wiixata har'aa ganama yoo ta'u, waraanni Israa'el jiraattonni kutaa kibba lixa magaalattii keessatti gamoowwan jireenyaa ja'a keessa jiraatan akka bahaniif akeekkachiisa erga kenne sa'aatii muraasaan booda ture.

    Yeroo ammaa naannoon kun namoota Raafaafi Kaan Yuunis, kibba Gaazaa irraa buqqa'an kumaatamaan lakkaa'aman kan guutameera.

    Gaazexeessitoonni naannichaa BBC'tti akka himanitti, taankiin fi konkolaattonni waraanaa Israa'el hedduun karaa buufata sakatta'iinsa Kisufim irraa haguuggii meeshaa waraanaa cimaa fi qilleensaa jalatti gara magaalattiitti seenaa jiru.

    Wayita humnoonni lafoo gara keessaatti socho'aniitti, naannoo Abu al-Ajin fi Hikr al-Jami'n haleellaa hedduun raawwatamuti himame.

    Viidiyoon miidiyaa hawaasaa irratti qoodaman akka mul'isutti, yeroo loltoonni Israa'een gara keessatti seenaa jiraniitti dhoohinsaa fi sagalee dhukaasa itti fufiinsa qabu dhaga'amuu agarsiisa.

    Jiraattonni kumaatamaan lakkaa'aman halkan darbe keessaa magaalattii gadhiisanii, gara naannoo qarqara galaanaa al-Mawasi, kan dhiheenya Kaan Yuunis fi zoonii muraasa kibba Gaazaa keessatti hafan keessaa tokko ta'eetti baqatan.

  15. Mooskootti sababii haleellaa diiroonii Yukireeniin buufataaleen xiyyaaraa yeroof cufaman

    Namoota dhaabbatanii balaliinsa eeggataa jiran

    Madda suuraa, EPA/Shutterstock

    Haleellaa diroonii Yukireen Raashiyaa irratti raawwattee hordofee buufataaleen xiyyaaraa gurgoddoon magaalaa Mooskootti argaman yeroodhaaf akka cufaman taasifamuun yoo xinnaate balaliinsiiwwan 140 haqamuu aanga'oonni biyyattii himan.

    Ministeerri Ittisa Raashiyaa, dirooniiwwan 27 gara magaala goddoo biyyattiitti ergaman dabalatee waliigalatti diirooniiwwan 230 ol haleellee kuffiisuu beeksiiseera.

    To'atanaan Aviyeeshinii Raashiyaa akka ibseetti, buufataaleen xiyyaaraa ijoon magaalicha keessatti argaman afur tajaajilasaanii akka adda kutan taasifamee ture.

    Balaliinsiiwwan 130 ol ta'an ammoo kallattiisaanii akka jijjirataniif dirqamaniiru. Boodarra garuu hundinuu gara tajaajila idileesaaniitti deebii'aniiru jedhameera.

    Kana malees, humni qilleensaa Raashiyaa haleellaa Yukireen irratti raawwateen yoo xinnaate namoonni sadii akka ajjeeffaman aanga'oonni naannichaa ibsaniiru.

    Waldaan Oppareshinii Tuurii Raashiyaa (Ator) guyyaa Dilbataa akka beeksiiseetti, sababii haleellaawwan kanneenitiin buufataaleen xiyyaaraa Mooskootti argaman sa'aatii 24 keessatti yeroo 10 cufamaniiru.

    Naannoon Kaaluugaa kan Mooskoorraa gara kibba-lixaatti argamu, naannoolee kiyyeeffannaa haleellichaa turan keessaa ta'un ibsameera.

    Ministeerri Ittisaa Raashiyaa Sambata ganama irraa kaasee dirooniiwwan haleellaa raawwachuuf turan 45 kufiisuu ibsuun, sababii haleellaa kanaatiin buufanni xiyyaaraa idil-addunyaa Kaaluugaas yeroodhuma wal fakkaatuutti cufameera jedhe.

    Akka ibsa Ministeera Ittisa Raashiyaatti, Roostov fi Biraayaanski dabalatee naannoolee dhiheenya daangaa Yukireeniitti argaman akkasumas galaana Gurraacha irratti diroonoonni kuffiifamaniiru. Bal'ina odeessa kanaa asiin seentanii argachu dandeessu.

  16. Mistirri Mummee Jaappaan filannoon injifatamanis aangootti fufuuf dhaadatan

    Shigeru Ishiba

    Gamtaan paartiilee Jaappaan bulchaa ture filannoon gaggeeffameen mana maree ol'aanaa biyyattii keessatti harka caalu dhabus, ministirri mummee biyyattii, Shigeruu Ishibaa garuu aangoo gadhiisuuf karoora akka hin qabne dubbatan.

    Ummannii Dilbata darbe sagalee kan kennee yoo ta'u, sagalee baayyee walitti dhiyaataa yeroo gamtaan paartii Libaraal Dimookiraatawaa (LDP) fi michuu isaa xiqqaa 'Komeito' sababii qaala'insa jireenyaatii yaaddoo Ameerikaa irratti mufannaa keessa jirutti kan gaggeeffame ture.

    Ministirri mummichaa haasaa Dilbata darbe erga ilannoon cufamee booda taasisaniin, ''bu'aa hamaa'' kana ''kabajaan'' akka fudhatu garuu xiyyeeffannaan isaanii marii daldalaa irratti akka ta'e dubbataniiru.

    Bara darbe mana maree gadi aanaa (lower house) Jaappaan kan aangoo olaanaa guddaa qabu keessatti teessoo harka caalu kan dhabde yoo ta'u, mo'amuun kun ammoo dhiibbaa gamtichaa kan gadi buusuudha.

    Gamtaan biyya bulchu olaantummaa argachuudhaaf Chaambarii ol aanaa teessoo 248 qabu keessa teessoo 50 argachuutu isa barbaachisa ture. Haata'u malee gamtichia teessoo 47 argate.

    Paartiin Dimokiraasi Heera Mootummaa, paartii mormiituu ijoo kan ta'e, teessoo 22 argachuudhaan sadarkaa lammaaffaa argateera.

    Filannoo Dilbata darbe gaggeeffameen teessoo mana maree ol'aanaa keessaa walakkaan sagalee kennameen, miseensonni marsaa waggaa jahaaf filatamaniiru.

  17. Waraanni Israa'el Filisxeemota 67 gargaarsa eegan ajjeese - Hamaas

    Filisxeemota gargaarsa argatan

    Madda suuraa, Reuters

    Ibsa waa'ee suuraa, Ministeerri fayyaa Hamaasiin durfamu Gaazaa keessa beelli cimeera jedheera

    Waraanni Israa'el yoo xiqqaate namoota 67 konkolaataa gargaarsaa UN eegaa turan ajjeesan jedhe ministirri fayyaa Gaazaa Hamaasiin hoogganamu.

    Sagantaan Nyaata Addunyaa Dhaabbata Biyyoota Gamtoomanii (WFP) ''Filisxeemoni beela'an'' konkolaattota gargaarsaa 25 marsaniis garuu dhukaasni itti baname jedheera.

    Waraanni Israa'el deebii kenneen dhukaasa akeekkachiisaan dhukaasuu ibse. Kunis, ''yaaddoo'' ofirraa maqsuuf akka ta'e hime.

    Lakkoofsa namoota ajjeefaman jedhamanis waakkate.

    Gaafa Sambataa ministeerri fayyaa Hamaasiin durfamu Gaazaa keessa beelli hammaate jechuun himeera.

  18. Ashamaa!

    Tamsaasni kallattii BBC Afaan Oromoo eegale.

    Oduuwwan biyya keessaafi alaa jala jalaan isin biraan geenya.

    Asumaan oduufi xiinxala keenya gara Facebook, WhatsApp akkasumas YouTube keenya seenuun argachuu dandeessu.

    Nagaan oolaa!