UAE fi Joordaanis gargaarsa haaraa qilleensarraa Gaazaaf buusuu jalqaban

Gabaasni Yunaayitid Araab Emireet (UAE) fi Joordaanis Gaazaadhaaf samiirraan gargaarsa haaraa busuu jalqabusaanii agarsiisan arguu jalqabneerra.

Guduunfaa

Haguuggii Tamsaasa Kallattii

  1. Amma nu gahe, Israa'el kutaalee Gaazaatti 'sochii waraana dhaabu tooftaa' gochuu beeksiste

    IDF namoof jecha Gaazaatti dhukaasaa akka dhaabu beeksiise

    Madda suuraa, Israel Defense Forces

    Raayyaan Ittisaa Israa'el (IDF) ibsa har'a baaseen, kaayyoo namoomaatiif jecha akka biyyaattii sa'aatii 10:00 hanga 20:00 (07:00-17:00 GMT)tti, har'a (Dilbata) irraa eegalee" Gaazaa keessatti "sochii waraana dhaabuu tooftaa' ni raawwatama jedheera.

    "Dhukaasa dhaabuun kunis naannoowwan IDF keessa hin sochoone kan akka al-Maawaasi, Deir al-Balah fi Magaalaa Gaazaa keessatti guyyaahunda hanga beeksisa biraatti kennamutti ni jalqaba" jedheera.

    "Murteen kunis dhimma kana ilaalchisee marii UN fi dhaabbilee idil-addunyaa waliin qindoominaan taasifame hordofuun kan raawwatamedha."

    "Kana malees, daandiiwwan nageenya qaban kan murtaa'an sa'aatii 06:00 hanga 23:00tti dhaabbataan kan ramadaman yoo ta'u, konkolaattonni UN fi dhaabbilee gargaarsa namoomaa nyaataa fi qoricha ummata Gaazaa guutuuf geessuu fi raabsan nagaadhaan akka darban ni taasisa."

    IDF itti dabaluudhaan, "lammiilee nagaa Israa'el eeguuf jecha, sochii fi duula haleellaa dhaabbilee shororkeessummaa Gaazaa keessaa irratti itti fufee jiru cinaatti, tattaaffii namoomaa deeggaruu itti fufa" jedhe.

    IDF itti dabaluudhaan, akkama barbaachisummaa isaatti sadarkaa hojii kanaa babal'isuuf qophii ta'uu ibsa.

  2. Seenaa guddaa waggaa 100 magaalaa xiqqoo 'BBC World Service' guddiftee

    Dubartii bilbilaan haasaa'aa jiru

    Waggaa dhibba tokkoon dura, tamsaas raadiyoo yeroo magaalaa gabaa xiqqoo fi kan yeroo gabaabaatti hordoftoota addunyaa maraa horatte irraa jalqabe.

    Giddugaleessa Ingilaanditti kan argamtu 'Daventry' itti fufuun sagantaalee BBC dooniiwwan bishaan jalaa niwukilaraa Biriteen biyyattiin akka hin dhoofne sakatta'uuf hordofaa turan jedhaman tamsaase.

    Boodarra magaalattiin bakka tulluu irraa sagantaa 'BBC World Service' akka addunyaatti tamsaasaa turte. Tamsaasni sunis akka malee cimaa ture.

    Raadiyoon ammallee madda odeeffannoo ajaa'ibaa ta'uuf haaraa waan tureef, eegaluunsaa isaas gaafa Adooleessa 27 bara 1925 taatee guddaa ture. Kunis waggaa 100 har'aa jechuudha.

    Barreessaan walaloo, barreessaan asoosama gabaabaa fi barreessaan taphootaa Ingilizii, Alfireed Nooyes walaloodhaan akkas jechuun, ''Daaveentiriin isin waamaa jirti ("Daventry calling...") jedhuun erga jalqabeen booda haasaa Poostmaaster-Janaraalii fi Kantiibaa Daaventirii hordofuun, Dura Taa'aa BBC Loord Gaayinfordiin beeksisan.

  3. Israa'el Gaazaatti akeekkachisa beela jumlaa addunyaa kennammaa jiruuf qilleensarraan gargaarsa dhiyeessu himte

    Ummataa Gaazaa beelaan rakkataa jiru

    Madda suuraa, Reuters

    Israa'el yeroo rakkoon beelaa cimaa jiru kanatti halkan Sabamtaa xiyyaaraan gargaarsaa Gaazaa keesatti geessuu dubbatte.

    IDF qilleensaarraan Istiriippicha keessatti gargaarsa kennuun deebi'ee jalqabuun, haaluma qaama "tarkaanfiiwwan walduraa duubaan" Gaazaa keessatti "deebii namoomaa fooyyessuuf" fi "himata sobaa itti yaadanii beela'uu irratti dhiyaate mormuutiif" fudhatame keessaa tokkodha jedheera.

    Kunis kan ta'e erga dhaabbileen gargaarsaa 100 ol ta'an beelli jumlaa guutuu Gaazaa keessatti babal'achaa akka jiru akeekkachiisanii guyyoota muraasa boodadha.

    Dhaabbanni gargaarsa nyaataa Dhaabbata Biyyoota Gamtoomanii Gaazaa keessatti namoota sadii keessaa tokko guyyootaatti yeroo tokkicha akka hin nyaanne akeekkachiiseera.

    Ministeerri fayyaa Hamaasiin geggeeffamu akka jedhutti, erga waraanni kun jalqabee namoonni 127 hanqina nyaataatiin du'aniiru.

    Mootummoonni biyyoota Lixaa Israa'el irratti dubbii kana kan cimsan yoo ta'u, hoggantoonni UK, Faransaayii fi Jarmanii ibsa Jimaata darbe kennaniin Israa'el "dhorkaa gargaarsi akka hin seenneef taasifte hatattamaan akka kaaftu" gaafataniiru.

  4. UAEn Gaazaatti gargaarsa 'hatattamaan' akka jalqabdu himte

    UAEn attatamaan deeggarsa Gaazaa keessatti akka eegaltu himte

    Madda suuraa, Getty Images

    Yunaayitid Arab Emireet (UAE) erga Israa'el biyyoonni alaa Gaazaa keessatti qilleensaan gargaarsa akka dhiyeessan akka heyyamtu himteen booda, gargaarsa qilleensarraan Gaazaa keessatti buusu hatattamaan akka jalqabdu himte.

    Ministirri Dhimma Alaa UAE Sheek Abdullaah Biin Zaayid Al Nahyan maxxansa toora X isaaniirratti qooaniin, ''haalli namoomaa Gaazaa sadarkaa murteessaa fi kan kanaan dura hin baramne irra gaheera,'' jedhan.

    "UAEn tattaaffii gargaarsa lubbuu baraaruu ummata Filisxeem geessuuf taasifamu keessatti adda durummaan itti fufti."

    "Gargarsi barbaachisaan namoota baay'ee isaan barbaachisuu karaa lafaa, qilleensaa ykn galaanaatiin bira akka ga'u ni taasifna. Karaa qilleensaatiin buusuun ammoo ammas deebi'ee battalumatti jalqabamaa jira."

  5. Tamsaasa kallattii keenyaan deebiineera.

    Ashamaa hordoftoonni BBC Afaan Oromoo bakka jirtan manratti. Tamsaasa kallattii ittiin odeessaalee gaggabaa ijoo addunyaa isin biraan geenyuu kan guyyaa Dilabtaa kunoo amma eegalleerra.

    Toora kanaan oduu biyya keessaa fi addunyaa mararraa asiin isin biraan geenya.

    Oduu fi xiinxala keenya ballinaan argachuudhaaf ammoo gara Marsariitii, Facebook, WhatsApp akkasumas YouTube keenya seenuun argachuu dandeessu.

    Oolmaa gaarii qabaadhaa!

  6. Hanqina hamaa Gaazaa keessa jiruun gargaarsi qilleensarraan bu'u 'gahaa miti' - MSF

    Gargaarsa Gaazaa yeroo qilleensaa bu'u

    Madda suuraa, Reuters

    Hojjettuun gargaarsaa Mediisiin Saan Firoontiyeers (MSF) Gaazaa Siitii jirtu tokko gargaarsi qilleensarraan bu'u "tarii waan yeroof gargaaruu danda'a" garuu Gaazaa keessatti ummanni miliyoona lama ta'u nyaata dhabee abdii kutaa waan jiruuf "gahaa miti" jette.

    Kaarolaayin Wileemen "abdii kutannaa dhumaa ummanni keessa jiruuraan, yeroo nyaata samiirraa gadi buustu, namoonni akkamiin argachuu danda'u?" jechuun yaaddoo qabdu sagatnaa Today jedhamutti dubbatte.

    "Humndumtuu abdii kuteera. Bakki sun baayyee jeeqamaa waan ta'eef warri caalaatti saaxilamoo ta'an ammoo argachuu hin danda'an," jette.

    Kana ta'uusaarra, "Akkuma biyya biroo kamiyyu keessatti godhu karaa qindeessummaa UN bifa naga qabeessa ta'een osoo gargaarsi namoomaa bilisaan akka darbu ta'ee wayya," jette Kaarolaayin.

  7. Israa'el rakkoo jiru hiikuu caalaa qeeqa irratti dhiyaatu mormaa jirti

    Namoota Gaazaa keessatti beela'aa jiran

    Madda suuraa, Reuters

    Gaazaa keessatti suurri qaama daa'imman beelaan miidhamanii bahaa jiraniifi namoonni beelaan du'uun addunyaa rifaasise hordofee, Israa'el irratti dhiibbaan jabaachaa jira.

    Haata'u malee, ammaaf aanga'oonni Israa'el, sababa rakkoo kanaa furuu caalaa qeequmsa addunyaarraa itti dhufe waakkachuu waan filatan fakkaatu.

    Ejensiiwwan dhaabbata Biyyoota Gamtoomanii(UN)fi jaarmiyaaleen gargaarsaa, akkasumas biyyoonni baayyeen beelli kun sababa Israa'el waraana Hamaasirratti gaggeessaa jirtuun gargaarsi namoomaa seenee akka hin rabsamamneef dhorkaa keesseeni kan uumamedha jedhan.

    Aanga'oonni UN nyaanni akka meeshaa waraanaatti gargaaraa waan jiruuf, yakka waraanaati jedhan.

    Israa'el garuu imammannishee wanta Gaazaa keessatti lafarratti mul'achaa jiru: gargaarsa xiqqaa qofaan seenaa jiraachuufi kan seenellee hunda qaqqabaa kan hin jirre ta'ee osoo jiruu, himannaa kana cimistee wakkachaa jirti.

    Kaleessa, qondaalli Israa'el tokko biyyoonni gargraarsa qilleensarraan buusuu akka danda'aniif ni hayyamamaaf jedhee ture. UN garuu garggaarsa qilleensarraan buusuu kana jeequmsa uuma jechuun fudhatama dhabsiiseera.

    Kun dhiibbaa idil-addunyaarra itti dhufaa jiru maqsuuf yoo ta'e malee, Filisxeemonni Gaazaa keessa jiran gargaarsa hiika qabu akka argatan hin taasisu jedheera UN.

    Israa'el BBC dabalatee dhaabbileen miidiyaa Gaazaa seenanii waan qabatamaan lafarra jiru akka hin gabaasneef dhorkiteetti. Kanaaf, bakka seennee gabaasuu waan hin dandeenyeef maddeen Filisxeemota amanamoo keessa jiran ofiiniyyu beela'aa jiran bifa firiilaansiin hojjetan gargaaramuun gabaasaa jirra.

  8. Sadarkaa paaspoortii biyyoota addunyaa bara 2025n kan Itoophiyaa maalirratti argama?

    Paaspoortii Itoophiyaa kan biyyoota addunyaa gara garaa biratti

    Madda suuraa, henleyglobal/SOCAIL and Getty Images

    Bara 2025 keessa, sadarkaan humna paaspoortii biyyoota addunyaa hedduun jijjiirameera.

    Biyyoonni hangi tokko sadarkaa bara darbe irra turan akkuma qabatanitti jiru. Kaan ammoo sadarkaan isaanii kan gadi bu'e yoo ta'u, kan sadarkaan isaanii guddates jiru.

    Dhaabbanni The Henley Passport Index jedhamu sadarkaa addunyaatti toora imalaafi sadarkaa paaspoortii waggaa waggaatiin baasa.

    Waldaan Geejjiba Qilleensaa Idil-addunyaa (IATA) akkaataa salphaatti biyya barbaadanitti ittiin imaluu danda'aniin tarreeffamaafi sadarkaa biyyoonni addunyaa qaban kana ni maxxansa.

    Bara kana biyyoonni Eeshiyaa dinagdeefi tekinooloojiin baayyee guddatan akka tarreeffama Henley Passport baase kanaatti gara duraa qabataniiru.

    Odeefannoo dabalatraaf:

  9. Miseensonni Paarlaamaa UK 220 ta'an ministirri muummee biyyattii Filisxeemiif beekamtii biyyummaa akka kennuuf gaafatan

    MM Kiir Istaarmar

    Madda suuraa, Reuters

    Miseensonni Paarlaamaa Yunaayitid Kingidam (UK) ministirri muumee Kiir Istaarmar Filisxeemiif beekamtii biyyummaa akka kennaniif xalayaa irratti mallatteessaniin gaafatan.

    Miseesonni parlaamaa harka sadii keessaa tokko ta'an paartilee siyaasaa sagal keessaa kan babba'an yoo ta'u, walakkaa ol kan ta'an ammoo miseensota Labar Paartiidha.

    Namoonni siyaasaa kunneen Yunaayitid Kingidam Filisxeemiif beekamtii kennuun ishee, ergaa "cimaa" akka ta'eefi furmaata biyyoota lama hundeessuu kennuudhaaf tarkaanfii murteessaa akka ta'etti ergaa isaanii dabarsaniiru.

    Faransaay ji'oota muraasa keessatti Filisxeemiif beekamtii biyyummaa akka kennitu beeksisuushee hordofee kan dhufe xalayaan miseensota paarlaamaa UK kun, ministira muummichaarra dhiibbee akka geessisuu ibsameera.

    Kiir Istaarmer pirezidantii Faransaay Emaanu'eel Maakiron fi Chaansilara Jarmanii Fireediriik Maarz waliiin marii bilbilaa hatattamaa erga taasisaniin booda ibsa kennaniin, Filisxeemiif beekamtii biyyummaa kennuun furmaata biyyoota lamaan hundeessuu "karoora bal'aa ta'e ta'uu qaba," jedheera.

  10. Haati Doonaald Tiraamp ijoollee namaa guddisuurraa akkamiin Niwu Yoork keessatti dubartii beekamtuu taate?

    Haadha pirezidant Doonaald Tiraamp

    Madda suuraa, Getty Images

    Pirezidaantiin US Doonaald Tiraamp biyya haadha isaa Iskootilaand waliin hidhata addaa qaba. Haadha Doonaald Tiraamp kan taate Meerii Aan Maaklewood Iskootilaand oddola Lewiis keessatti dhalattee guddatte.

    Haata'u malee, umurii dargaggummaatti hojii barbaachaf jecha gara US, magaalaa Niwu Yoorkitti godaante.

    Hojii barbaachaf jecha yeroo Iskootilaand irraa gara US deemtu shamarree ganna 18 turte.

    Waraana Addunyaa 1ffaa booda kufaatii diinagdee mudateen namoota kumaatamaan lakkaa'aman Iskootilaand irraa gara USfi Kanaadaa imalan keessaa tokko haadha Doonald Tiraamp kan taate Meerii Aanidha.

    Meeriin bara 1930tti hojii mana keessaa qacaramtee hojjachuuf Iskootilaand oddola Lewiis irraa gara Niwu Yoork erga deemtee waggaa jaha booda magaalaa Niwu Yoork keessatti nama dureessa beekamaa ta'e Fireedirik Tiraamp waliin gaa'ela dhaabbatan.

    Odeeffannoo dabalataaf:

  11. 'Ummanni Gaazaa harka sadii keessaa tokko guyyootaaf nyaata malee turaa jiru' - UN

    Ummata Gaazaa beelaan rakkachaa jiran keessaa muraasa

    Madda suuraa, Reuters

    Ummata Gaazaa harka sadii keessaa tokko nyaata malee guyyootaaf turu jechuun Dhaabbata Biyyoota Gamtoomaniitti (UN) Sagantaan Nyaata Addunyaa ibse.

    Namoota Gaazaa keessa jiraatan sadii keessa tokko osoo midhaan hin nyaatiin guyyootaaf turu jechuun haalli keessa jiran hamaa ta'uu jaarmiyaan idil-addunyaa kun akeekkachiiseera.

    "Rakkoon hanqinni nyaataa akkaan hammaachaa kan jiru yoo ta'u, dubartoonniifi daa'immaan 90,000 ta'an wallaansa hatattamaatu isaan barbaachisa," jedhe Sagantaan Nyaata Addunyaa (WFP) ibsa baaseen.

    Torban kana keessa Gaazaa keessatti beelli babal'achuu danda'a jedhamee akeekkachiifni irra deddeebiin kennamaa jira.

    Akka ministeera fayyaa Gaazaa Hamaas hogganu jedhutti, Jimaata kaleessaa namoonni dabalataa sagal sababa hanqina nyaataan du'aniiru.

    Kun ammoo erga waraanni jalqabee lakkoofsa namoota hanqina nyaataan du'anii gara 122 ol guddiseera.

    Ulaa gargaarsi hundi gara Gaazaa ittiin seenu hunda to'attee kan jirtu Israa'el, gargaarsi gara Gaazaa akka hin seenne dhorkaan hin jiru jechuun, hanqina nyaataa mudate kanaaf Hamaas itti gaafatamaadha jetti.

  12. ASHAMAA!

    Tamsaasa kallattii oduu ittiin isin biraan geenyuun deebineerra.

    Toora kanaan oduu biyya keessaafi addunyaa mararraa asiin isin biraan geenya.

    Oduu fi xiinxala keenya ballinaan argachuudhaaf ammoo gara Marsariitii, Facebook, WhatsApp akkasumas YouTube keenya seenuun argachuu dandeessu.

    Nu hordofaa!

  13. Al Shabaab magaalota murteessoo mootummaa Somaaliyaarraa fudhachaa jiraachuun himame

    Al Shabaa

    Madda suuraa, Getty Images

    Hidhattoonni Al Shabaab Somaaliyaa keessaa magaalotaa fi gandoota murteessoo qabachaa jiraachuun himame.

    Hidhattoonni kunneen naannoo Hiiraan keessaa bakkeewan murteessoo fi barbaachisoo ta'an erga qabachuu jalqabanii torban tahuu BBC Afaan Somaalee gabaaseera.

    Gareen hidhattootaa kunneen, magaalaa Mooqadishoo cinaatti kan argamtu, Anoolee ganda jedhamtuu fi naannoo Hiiraan keessaa ganda Birtaa Muudaanii fi Saabiid jedhaman qabachuu BBC'n odeeffateera.

    Miidiyaan biyyicha keessaa Kaab jedhamu akka gabaasetti, hidhattoonni magaalota kanneen galuu himaniiru.

    BBC Afaan Somaalee odeessa argateen, hidhattoonni kunneen torban tokko darban keessa gara gandoota adda addaatti babal'ataa jiru.

  14. Hamaas 'marii waliigaltee hin barbaadu' jedhe Tiraamp

    Pirezidantii US Doonaald tiraamp

    Madda suuraa, Getty Images

    Ibsa waa'ee suuraa, Pirezidantii US Doonaald Tiraamp

    Yeroo ammaa Waayit Haawusirraa gabaasaa kan jiru Beernid Debuusmaan Jr, Pirezidant Doonaald Tiraamp helekooptara isaa fudhatee, gara Jooyint Beez Andiriiwu deemuun guyyoota baayyee bakka turu Iskootilaanditti qajeeluuf akka jiru dubbata.

    Osoo hin ba'iin dura, Tiraamp dhiyaatee waa'ee Gaazaa dabalatee gaaffii dhimmoota hedduurratti rippoortarootarraa dhiyaatan deebiseera.

    Dubbii isaa keessattis, Pirezidant Tiraamp Hamaas 'marii nagaa hin barbaadne, du'uu barbaade," Israa'el ammoo isa balleessuu barbaaddi" jechuun, mariin nagaa Qaataar keessatti ture gufachuu himeera.

    Dabalataan, barbaachisummaa murtee Faransaay beekamtii biyyummaa Filisxeemiif kennuuf jirtus xiqqeesseera.

    "Yaadichi waan madaallii kaasu miti," jechuun Maakiroon ammoo "nama gaaridha", akkasumas "nama waliigalanii waliin hojjetanidha" jedhe.

  15. Israa'el fi US namoota butaman deebisuuf 'filannoowwan jiran' ilaalaa jiru -Netaaniyaahu

    MM Israa'el Benjaamiin Netaniyaahuu

    Madda suuraa, Getty Images

    Ministirri Muummee Israa'el Beenjaamiin Netaaniyaahuu Israa'el namoota butamanii ugguramanii jiran Gaazaa keessaa qe'eetti deebisuuf "flannoowwan jiran ilaalaa jirti" jedhe.

    Mariin dhukaasa dhaabuu dhiyeenya gaggeeffamaa ture waan gufate fakkaata. Kun ammoo Kamisa Ergamaan US Stiiv Witkoof Hamaas "bifa amantaa qabuun hojjechaa hin jiru" jechuun himachuun, jilli US Qaataar gadhiisanii bahuuf akka jiran beeksisuu hordofeeti.

    Ergaa miidiyaa hawaasaarratti baaseen, Netaaniyaahuun Witkoof "wanta sirrii godhe" jechuun tarkaanfii isaatti waliigaleera.

    "Waliigaltee namoota butaan gadhiisuu keessatti Hamaasitu gufuu ta'e," kan jedhe Netaaniyaahuun, "michuu keenya US waliin ta'uun, Israa'el karaa namoonni butaman ittiin deebiyuu danda'an "filannoo jiran", akkasumas karaa ittiin "bulchiinsa doorsisuu Hamaas" dhuma itti gochuun naannichaaf "nageenya waaraa" mirkaneessinu ilaalaa jirti.

    Akka yaadachiisaatti, Hamaas mariin dhukaasa dhaabuu diigamuu waakkachuun, yaada Witkoof kennan garuu faallaa ejjennoo sochii keenyaati" jedhe.

  16. Viidiyoo yeroo dirooniin Taayilaand waraana Kaamboodiyaa haleelu agarsiisu

    Viidiyoowwan kana dabalatee, har'a viidiyoo hedduu haleellaa diroonii agarsiisu waraana Taayilaandirraa l argachaa jirra.

    BBCn wvidiyoo kana addatti mirkaneessuu hin dandeenye.

    Ibsa waa'ee viidiyoo, Waraanni Taayilaand vidiiyoo dirooniin isaa kuusa meeshaa waraanaa Kaamboodiyaa yoo rukutuu agarsiisa jedheera
  17. Biyyoonni hedduun gara naannoo waldhabdeetti akka hin balaliine akeekkachiisan

    Xiyyaara Biritish Air Weey

    Madda suuraa, Getty Images

    Sababii walitti bu'iinsa deemaa jiruutiin wal qabatee biyyoonni hedduun gara naannoowwan daangaa Taayilaandii fi Kaamboodiyaatti dhihoo jiraniitti akka hin imalle akeekkachiisaniiru.

    Waajjirri Biyya Alaa, Koomanwelzii fi Misooma UK bakkeewwan Taayilaandii fi Kaamboodiyaa gidduutti falmii irra ture keessaa manneen qulqullummaa 'Preah Vihear, Ta Moan' fi 'Ta Krabey' keessa jiraachuu adda baaseera.

    "Yeroo gara naannoo kanaatti imaltaniitti of eeggannoo dabalataa godhaa, qajeelfama aanga'oota naannoos hordofaa," jedha waajjirichi.

    Awustiraaliyaa, Niiw Ziilaand, Singaapoorii fi US gorsa imalasaanii haaromsuun imaltoonni naannoo loltoonni waraana hidhannoo irratti bobba'an irraa akka fagaatan dhaamaniiru.

    Hoong Koong fi Chaayinaan akeekkachiisa 'amber' kan, ''mallattoowwan balaa'' iddoowwan sadarkaa sadii gadi aanaa fayyadaman baasaniiru.

  18. 'Utaaletuma naqabate, dhiiga nadhuguuf narra gadi taa'e'- Haadha Harargee qeerransi halkan itti seene

    Haadha ijoollee ixiqqoo waliin qeerransa ajjeefte

    Madda suuraa, Bushira Ali

    Aaadde Maaliyaa Aadam Godina Harargee Lixaa aanaa Shanan Dhuugoo Ganda Abbaa Najaat keessa Jiraatu.

    Kibxata Adooleessaa 22, 2025 Galgala biyyi nagaadha jedhanii ijoollee isaanii lama waliin ulaa cufatanii rafan. Lafa barii jalaa naannoo sa'aatii kudha tokkoof cinaatti garuu waan isaan hin eegnee tokko mana isaanii seene.

    Qeerransi bakkuma isaan rafanii jiranitti ulaa xiqqoo kan sareen ittiin ol seentuun tokkoon jalumaan loo'ee manatti itti ol seene.

    "Halkan sa'aatii 11:30tti nutti seene. Sareen dutaa waan turteef ani waraabessatu ol-seenee se'een 'hin badduu bada harree' jedheen arrabse. Qeerransis utaaletuma na qabate. Darbee dhiiga na dhuguudhaaf narra gadi taa'e" jechuun haala ture BBCtti himan Aaddee Maaliyaan.

    Yeroo kana daa'imni xiqqaan isaan waliin rafee jiru waan ta'e kanatti rifachuudhaan akka iyye yaadatu. Guutummaa oduu kanaa asiin argattu.

  19. Ameerikaa fi Israa'el murtee Faransaay Bulchiinsa Filisxeemiif beekamtii kennuu balaaleffatan

    Imaanuel Maakroo

    Madda suuraa, Reuters

    Pirezdaantiin Faransaay Imaanu'eel Maakroon biyyisaanii baatii Fulbaanaa keessa mootummaa Filisxeemiif ifatti beekamtii ni kenniti jechuun kaleessa galgala beeksisan.

    Qondaaltonni Filisxeem murtee kana kan simatan yoo ta'u, ministirri Mummee Israa'el Beeniyaamin Netaaniyaahuun garuu ''shororkeessummaa badhaasuudha'' yoo jedhan, Ministirri Dhimma Alaa Ameerikaa Maarkoo Ruubiyoon ammoo tarkaanfiin kun ''of eeggannoo malee'' ta'uu dubbatan.

    Maakroon ammoo inniifi namoonni biroo nageenyi akka danda'amu agarsiisuuf dirqama akka qaban dubbachuun, ''har'a dursi hatattamaa'' waraana kana xumuruu fi ummata Gaazaaf boqonnaa fiduu akka ta'e himan.

    Haata'u malee, Kamisa darbes, mariisistoonni Israa'elii fi Ameerikaa marii dhukaasa dhaabuu Gaazaa kan Kaataar keessatti gaggeeffamaa jiru dhiisuuf murteessan. Kanaaf ammoo, Waashingitan Hamaas "amantii gaariidhaan hojjataa hin jiru" jechuun himatte.

    Hamaas himannaan kun akka isa ajaa'ibe kan ibsu yoo ta'u, maddi Israa'el tokko ammoo marii irratti ''rakkoon akka hin turre'' jechuun cimsee dubbate.

    Haaluma walfakkaatuun, haalli namoomaa Gaazaa keessa saffiisaan gadi bu'aa jira. UNtti Ejjansiin Baqattoota Filisxeem (Unrwa) magaalaa Gaazaa keessatti daa'imman shan keessaa tokkoo hanqina nyaataaf saaxilamu himeera.

    Israa'elii fi Hamaas haalaa kanaaf kan wal himataa jiran yoo ta'u, dhaabbileen gargaarsaa garuu Israa'el akka gargaarsi ummata naannicha keessaa qaqabu akka hayyamtiif waamicha taasisuun, balaa beela jumlaa mudachu akka malu akeekkachiisan.

  20. Qondaalli tiraafika Filooriidaa viidiyoon garmalee qoodameen walqabatee hojii irraa dhorkame

    Yeroo qondaalli poolisii nama konkolaataa keessa jiru dhaabsiiseetti

    Waajjirri poolisii Filooriidaa qondaala konkolaachisaa tokko dhaabsuusuudhaan fuula isaa keessa bunyaadhaan haleele erga mul'ateen booda hojii irraa dhorke.

    Namni maqaansaa Wiliyaam Makniil jedhamu viidiyoo ofii saa kan bara kana Guraandhala 19 magaalaa Jaaksanviil keessatti poolisiin kun osoo inni konkolaataa isaa keessa taa'ee jiruu foddaa konkolaataasaa cabsuun harkiisee erga gadi baaseen booda lafatti harkisu agarsiisuu maxxanse.

    Waraabbiin viidiyoo kun erga toora interneetii irratti baayyee qoodameen booda poolisiin waraabbii viidiyoo poolisii (bodycam) kan yeroo qondaalli McNeil, kan umuriin waggaa 22, erga sarbama tiraafikaatiin akka konkolaataa keessaa bahu gaafannaan waan dideef lafarra yoo harkifame agarsiisu gadi lakkiise.

    Waajjirri poolisii abbaan alangaa kutaa biyyattii gocha badaa qondaaltota kanaan raawwatame tokkollee hin arganne jechuun, garuu dhimmicha xinxalaa jiraachu hime.

    Ibsa Wiixata darbe gaazexeessitootaaf kenneen, Hogganaan pooliisii Jaaksonviil TK Waatars akka jedhanitti: "Dhimmisaa ammalleen ganaa kan bulchiinsaan gamagamamaa jiraaatulleen waajjirri Abbaa Alangaa kutaa biyyattii qondaaltota dhimmicha keessa jiran keessaa tokkollee seera yakkaa akka hin cabsine murteessee jira."

    Haata'u malee, qondaalli tokko, D Bowers kan jedhamu, imaammata waajjira poolisii kamiyyuu cabsuu isaa hanga gamaaggamamuutti hojii seera kabachiisuu irraa dhorkamuu isaa dubbateera.

    Qondaalli kun itti dabaluudhaan: "Namni kamuu sababa qondaalli tokko akka dhaabbatuuf isaa kenne irratti walii hin galle yoo ta'ellee, ajaja qondaala tokkoo eeguu qaba."