Amma nu gahe, Israa'el kutaalee Gaazaatti 'sochii waraana dhaabu tooftaa' gochuu beeksiste

Madda suuraa, Israel Defense Forces
Raayyaan Ittisaa Israa'el (IDF) ibsa har'a baaseen, kaayyoo namoomaatiif jecha akka biyyaattii sa'aatii 10:00 hanga 20:00 (07:00-17:00 GMT)tti, har'a (Dilbata) irraa eegalee" Gaazaa keessatti "sochii waraana dhaabuu tooftaa' ni raawwatama jedheera.
"Dhukaasa dhaabuun kunis naannoowwan IDF keessa hin sochoone kan akka al-Maawaasi, Deir al-Balah fi Magaalaa Gaazaa keessatti guyyaahunda hanga beeksisa biraatti kennamutti ni jalqaba" jedheera.
"Murteen kunis dhimma kana ilaalchisee marii UN fi dhaabbilee idil-addunyaa waliin qindoominaan taasifame hordofuun kan raawwatamedha."
"Kana malees, daandiiwwan nageenya qaban kan murtaa'an sa'aatii 06:00 hanga 23:00tti dhaabbataan kan ramadaman yoo ta'u, konkolaattonni UN fi dhaabbilee gargaarsa namoomaa nyaataa fi qoricha ummata Gaazaa guutuuf geessuu fi raabsan nagaadhaan akka darban ni taasisa."
IDF itti dabaluudhaan, "lammiilee nagaa Israa'el eeguuf jecha, sochii fi duula haleellaa dhaabbilee shororkeessummaa Gaazaa keessaa irratti itti fufee jiru cinaatti, tattaaffii namoomaa deeggaruu itti fufa" jedhe.
IDF itti dabaluudhaan, akkama barbaachisummaa isaatti sadarkaa hojii kanaa babal'isuuf qophii ta'uu ibsa.
















