Pirezidantiin Faransaay Emaanu'eel Maakiroon dubartii Ameerikaa dhiibbaa uumuun beekamtu haadha warraasaa Giifti-duree Biriijiitiin 'yeroo dhalattu dhiira turte' jette maqa-balleessiin himatan.
Dubartiin Ameerikaa keessati dhiibbaa uumuun beekamtuu taate kun Kaandees Oweens kan jedhamtu yoo taatu, Roobii Ameerikaa kutaa Deelweer keessatti himanni dubartii kanarratti dhiyaate "kan hin baratamiin, maqa-balleessiifi uumanii waan hin fakkaanne" facaasuudha jedha.
Oweens Poodkastiifi miidiyaa hawaasaashee baayyee beekamaarratti irra deddeebiyuun, 'Giifti-dureen kun yeroo dhalattu dhiira turte' jechuun dubbatte.
Bara 2024 Giifti-dureen kun "sirriimatti dhiiradha" kan jette itti amanteefi sirri ta'uu isaa mirkaneessuuf "maqaa gaarii ogummaasheetiin horatteefi beekamtii qabdu balaarra akka buusu" ibsuun qotinyaaa (wurirridii) qabatteetti. Oweens poodkastii Roobii gadhiifamerrattis ammallee ejjennooshee kana akka hin jijjiiriin ibsuun, himannaa irratti baname "kun baayyeedhuma gowwummaadha" jetteetti.
Oweens Giifti-duree Faransaay kanatti kolfuun isheetiin himatamuu "hojii sab-qunnamtii ifatti kufedha" jechuun ibsiteetti.
Xiinxalli shiraa (Conspiracy Theory) waggootaan dura tamsamaa ture Giifti-duree Biriijit Maakiroon yeroo dhalattu dhiira akka turteefi maqaan ishees Zhaan Miishel Tirooginuuks akka ture ibsa.
Oweens xiinxala shiraa kana hordoftootashee miliyoona torba X irratti qabduufi Poodkastiisheerratti tamsaasteetti.
Jalqaba bara kanaarra, 'Biriijiitiin ta'uu' kan jedhu viidiyoo walitti aansuun gadhiisteetti.
Himaticha kan banan Pirezidaantichiifi haati-warraasaa, karaa abokaatotasaanii ibsa kennaniin, Oweens odeeffannoo sobaa walitti aansuun gadhiistu akka waakkattuuf gaafachuusaanii "dhumarratti dhimmicha mana-murtiif dhiyeessuun fala ta'uu qabudha," jedhanii murteessuu ibsaniiru.
"Duulli maqa-balleessiin Oweens nuufi maatii keenyarratti jeequmsaafi rakkoo umuuf, akkasumas qalbii hawwachuufi beekamtii argachuuf kan qindaa'edha," jechuun ibsa isaanii keessatti eeraniiru.
"Maqa-balleessii kanarraa akka fagaattuuf carraa hunda kennineef ture, garuu diddee itti futeetti."
Haati-warraa pirezidantii Faransaay kun kanaan duras addabaabayiirrati 'abbaa warraa' osoo kabaltuus' dubbii ijoo taatee turte.