Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.

Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi

Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf

UAE fi Joordaanis gargaarsa haaraa qilleensarraa Gaazaaf buusuu jalqaban

Gabaasni Yunaayitid Araab Emireet (UAE) fi Joordaanis Gaazaadhaaf samiirraan gargaarsa haaraa busuu jalqabusaanii agarsiisan arguu jalqabneerra.

Guduunfaa

Haguuggii Tamsaasa Kallattii

  1. 'Maazar Tereezaa Afrikaa': Abbabach Goobanaa eenyuu, akkamiin yaadatamu?

    Dubartii jabduun hojii tola-ooltummaa hojjetaniin maqaa guddaa horatan Dr kabajaa Abbabach Goobanaa erga du'aan addunyaa kanarraa boqotanii ganna afur ta'eera.

    Haatii kunis bara 2021tti kan du'aan boqatan. Hojiin tola-ooltummaa isaan qormaata guddaa keessatti eegalan waggaa 45 darbeera.

    Ijoolleen isaan guddisan maqaa masoo fi mararoo 'Iddaayyee' jedhuun waamu, Abbabach. Hojiisaan hojjetaniin har'allee maqaan isaanii bool'aa ol jira.

    Dubartiin 'haadha miliyoonotaa' jedhamuun beekaman kun ganna afuriin booda akkamiin yaadatamu, leegaasiin isaanii akkamiin itti fufaa jira? BBC'n daarektara dhaabbatichaa fi ogeessa sabqunnamtii dhaabbatichaa dubbiseera.

  2. Israa'eliifi US marii dhukaasa dhaabuu Kataaritti gaggeeffamaa jiru keessaa bahan

    Israa'eliifi US marii dhukaasa dhaabuu Kataar magaalaa Dohaatti gaggeeffamaa ture adda kutan. Waashingitan 'faara gaariin mariyachaa hin jiran'' jechuun Hamaasiin himatteetti.

    Bakka bu'aan US Istiiv Witkoof ibsa baasaniin ''deebii dhiyeenya Hamaasirraa argame hordofee garee keenya Dohaarraa waamuun irratti dubbachuuf jenna'' jedhan. Dabaluunis ''Gaazaatti dhukaasa dhaabuuf waliigalteerra gahuuf fedha akka hin qabne ifatti agarsiisa'' jedhan.

    Mootummaan Israa'el gama isaan sababa marii Kataar keessaa baheef hin ibsine. Haata'u malee aanga'aan biyyattii tokko miidiyaa biyyattiif yaada kenneen ''mariin fashal hin jiru'' jedhaeera.

    Hamaas ammoo yaada Wiitkoof kennan kan hin eegamne akka ta'e ibseera. Marii itti fufuuf qophii ta'uus beeksise.

    Bakka buutota qaamota mariitti jiran dabalatee kanneen marii kana keessaa qooda qaban garaagartummaan bal'aan jiru rakkoo ijoo ta'uu ibsaniiru.

    Wiitkoof ibsa Kamisa baasan keessatti ''namoota Hamaas butee of biratti hambise qe'eetti deebisuuf mala biraa barbaanna, uummata Gaazaahaala mijaata uumuufis ni yaalla'' jedhan.

    Dabaluunis Hamaas haala ofittoo ta'een mariyachaa jira. Nuti ammoowalitti bu'insa kana furuufi Gaazaa keessatti nagaa waaraa fiduuf ni hojjenna,'' jedhan.

    Pirezidantiin Israa'e Benjamiin Netaaniyaahuu dhimma marii Dohaa gufate jedhame irratti akkasumas sababa bakka buutotni isaanii biyyatti deebi'aniif ibsa akka kennan eegama.

  3. Tamsaasa har'aatiin dachaaneerra.

    Ashamaa hordoftoota BBC Afaan Oromoo attam jirtu addunyaa maratti? Kunoo tamsaasa kallattii kan guyyaa Jimaataa amma eegaleerra.

    Oduuwwan biyya keessaafi addunyaa mara irraa gaggabaabsinee asiin isin biraan geenya.

    Odeessaalee fi xiinxala keenya ballinaan argachuudhaaf ammoo gara Marsariitii, Facebook, WhatsApp akkasumas YouTube keenya seenuun argachuu dandeessu.

    Oolmaa nagaa qabaadhaa!

  4. Israa'el bakka bu'oota marii dhukaasa dhaabuuf Qaataar jiran biyyatti waamte

    Gaazaatti dhukaasi akka dhaabatuuf Qaataaritti mariin gaggeeffamaa ture hanga ammaa waliigalteerra gahamuu hin dadeenya.

    Waajjirri Ministiira Muummee Israa'el akka beeksisetti Beeniyaamiin Netaaniyaahuu bakka bu'oota Israa'el mariif gara Kaatar deeman biyyatti waamaniiru.

    Ibsi waajjirichi baase: "Deebii Hamaas har'a ganama kenne irraa ka'uun gareen mariif deeme gorsa dabalataaf gara biyyaa akka deebi'u murtee jira" jedha.

    Dabaluunis, "Tattaaffii qaamoleen jaarsummaan mariisisan kaatarifi Masiriin taasisan ni dinqisiifanna; akkasumas tattaaffii ergamaan addaa US Wiitkoof taasisan ni dinqisiifanna," jedha ibsi Waajjira Ministeera Muummee Israa'el baase.

  5. Maakroon dubartii Ameerikaa haadha warraasaatiin 'yeroo dhalattu dhira turte' jette maqa-balleessiin himatan

    Pirezidantiin Faransaay Emaanu'eel Maakiroon dubartii Ameerikaa dhiibbaa uumuun beekamtu haadha warraasaa Giifti-duree Biriijiitiin 'yeroo dhalattu dhiira turte' jette maqa-balleessiin himatan.

    Dubartiin Ameerikaa keessati dhiibbaa uumuun beekamtuu taate kun Kaandees Oweens kan jedhamtu yoo taatu, Roobii Ameerikaa kutaa Deelweer keessatti himanni dubartii kanarratti dhiyaate "kan hin baratamiin, maqa-balleessiifi uumanii waan hin fakkaanne" facaasuudha jedha.

    Oweens Poodkastiifi miidiyaa hawaasaashee baayyee beekamaarratti irra deddeebiyuun, 'Giifti-dureen kun yeroo dhalattu dhiira turte' jechuun dubbatte.

    Bara 2024 Giifti-dureen kun "sirriimatti dhiiradha" kan jette itti amanteefi sirri ta'uu isaa mirkaneessuuf "maqaa gaarii ogummaasheetiin horatteefi beekamtii qabdu balaarra akka buusu" ibsuun qotinyaaa (wurirridii) qabatteetti. Oweens poodkastii Roobii gadhiifamerrattis ammallee ejjennooshee kana akka hin jijjiiriin ibsuun, himannaa irratti baname "kun baayyeedhuma gowwummaadha" jetteetti.

    Oweens Giifti-duree Faransaay kanatti kolfuun isheetiin himatamuu "hojii sab-qunnamtii ifatti kufedha" jechuun ibsiteetti.

    Xiinxalli shiraa (Conspiracy Theory) waggootaan dura tamsamaa ture Giifti-duree Biriijit Maakiroon yeroo dhalattu dhiira akka turteefi maqaan ishees Zhaan Miishel Tirooginuuks akka ture ibsa.

    Oweens xiinxala shiraa kana hordoftootashee miliyoona torba X irratti qabduufi Poodkastiisheerratti tamsaasteetti.

    Jalqaba bara kanaarra, 'Biriijiitiin ta'uu' kan jedhu viidiyoo walitti aansuun gadhiisteetti.

    Himaticha kan banan Pirezidaantichiifi haati-warraasaa, karaa abokaatotasaanii ibsa kennaniin, Oweens odeeffannoo sobaa walitti aansuun gadhiistu akka waakkattuuf gaafachuusaanii "dhumarratti dhimmicha mana-murtiif dhiyeessuun fala ta'uu qabudha," jedhanii murteessuu ibsaniiru.

    "Duulli maqa-balleessiin Oweens nuufi maatii keenyarratti jeequmsaafi rakkoo umuuf, akkasumas qalbii hawwachuufi beekamtii argachuuf kan qindaa'edha," jechuun ibsa isaanii keessatti eeraniiru.

    "Maqa-balleessii kanarraa akka fagaattuuf carraa hunda kennineef ture, garuu diddee itti futeetti."

    Haati-warraa pirezidantii Faransaay kun kanaan duras addabaabayiirrati 'abbaa warraa' osoo kabaltuus' dubbii ijoo taatee turte.

  6. Oliyyannoo Luba Balaay fi kaan malaammaltummaan “nurratti murtaa’uu hin qabu” jedhurratti murtiin kenname

    Manni-murtii Federaalaa Dhaddachi Oliyyannoo 1ffaa Luba Balaay faa yakka malaammaltummnaan “nurratti murtaa’uu hin qabu” jechuun gaaffii oliyyannoo dhiyeessaniifi deebii abbaa alangaarratti deebii kennuu miidiyaaleen biyya keessaa gabaasaniiru.

    Wagga tokko dura abbaan alangaa daarektoreetii dhimmoota malaammaltummaa ministeera haqaa himatamtoota Luba Balaay Mokonnin, invastimantii qonnaarratti kan bobba’e Iyyaasuu Indaalee, hojii komishiniirratti kan bobba’e BarakatMulaatuufi Alamganaa Saamu’eel, akkasumas hoji-gaggeessaa dhaabbata daldalaa Nimoonaa Abarraa Margaa jedhamanirratti himata yakka malaammaltummaa waliin dhahuu dhiyeessee ture.

    Haala kanaan Lubi Balaay Mokonnin fa'aa Gamtaa Afrikaarraa ajaji tokkollee osoo hin kennamiin himatamtoonni kunneen hangi isaa garaa gara kan ta’e kaffaltaan akka isaaniif raawwatamuuf sanada kaffaltaa sobaa dolaara miliyoona 6 fi kuma 50 karaa himatamaa tokkootiin baankiif dhiyachuu eeruun, himatamtoota hundarratti yakka malaammaltummaa waliin dhahuu cimaa raawwataniiru jechuun mana-murtii olaanaa Federaalaa ramaddii Lidataa 3ffaa dhaddacha yakka dhimmoota malaammaltummaaf dhiyeessee turuun isa ani yaadatama.

    Kana hordofee manni-murtii yakki raawwatame gurmaa’uun ta’uu eeruun, adabbiin akka cimu dhiyeessan, akkasumas yaada himatamtoonni akka adabbiin salphaa ta’uuf dhiyeessan qabachuun A L I Amajji 22, 2017 beellama tureen himatamaa tokkoffaa Luba Balaay Mokonnin hidhaa cimaa wagga shaniifi birria kuma 10, himatamtoota 2ffaafi 3ffaa ammoo tokkoo tokkoo isaanii hidhaa cimaa wagga sadiifi ji’a sadiifi birria kuma 3 akka adabaman murteesse.

    Himatamtoonni kunneen murtii manni-murtii gadii kun kenne mormuun, mana-murtii waliigalaa Federaalaa dhaddacha oliyyannoo 1ffaatti “yakka malaammaltummaatiin ballessaa jedhamuu hin qabnu” jechuun, akkasumas “hangi addabbii manni-murtii jalaa kenne sirrii miti” jechuun iyyata dhiyeeffatan.

    Dhaddachichis ol iyyannoo himatamtoonni dhiyeessaniifi deebii abbaa alangaa qorachuun yakka malaammaltummaa waliin dhahuutiin yakkamoo ta’uu hin qabnu jedhanii Luba Balaay faa iyyatan kuffiisuun murtiin mana-murtii gadii sirrii ta’uu mirkaneesseera.

    Gama biraan ammoo Dhaddachi ol iyyannoo hanga adabbii mana-murtii gadiin himatamtootarratti darbee ture fooyyeessuun adabbii kan Luba balaay Mokonniin hidhaa cimaa wagga shan ture gara wagga sadiifi ji’a torbaatti jijjiireera.

    Akkuma kana kan himatamtoota Indaalee Iyyaasuu fi Barakat Mulaatuu jedhamanii duraan mana-murtii gadiin hidhaa cimaa wagga sadiifi ji’a sadii ture ji’a sadii qofaan hir’isuun wagga sadii akka ta’uuf murtee kenneera.

  7. Xiyyaarri Raashiyaa namoota 48 fe'e achi buuteen dhabamee ture kufee argame

    Xiyyaarri Raashiyaa Antonov An-24 jedhamu namoota 48 fe'aatee ture Baha biyyattiitti kufee argame. Imaltootni martuu dhumuu hin oolle jedhamee sodaatameera.

    Xiyyaarri bara Sooviyeet kun bakka itti kufee gubatee aara agarsiisaa akka ture hooggananootni balaa tasaa biyyattii ibsuu Rooyitarsi gabaaseera. Bakka xiyyaarri kun itti kufe kan arge hilikooptara ta'uufi hojjettootni gargaarsaa garasitti fiigaa akka jiranis gabaaseera.

    Viidiyoon hilikooptararraa waraabame tokko xiyyaarichi bososan keessatti kufuu agarsiisa.

    Xiyyaarichi omisha bara 1976 akka ta'e baalleesaa kufe irraa hubachuun danda'ameera. Xiyyaarichi buufata xiyyaaraa Saayibeeriyaa buufatee jiru, Angara, jedhamuun tajaajilarra oolaa jira.

    Xiyyaarichi magaalaa Bilaagooveeshniisk jedhamuturraa gara Tiyaanda jedhamutti imalaa ture. Wayita iddoo itti qajeele gahuuf dhiyaatu raadaarii keessaa bahe.

    Xiyyaaricha keessa daa'imman shan dabalatee imolatoota 42 tu jira. Kaan hojjettoota.

  8. Israa'el hojjettootasaa gargaarsa namoomaa UN irraa akka dhorkitu dubbatte

    Dhaabbata Biyyoota Gamtoomantti Bakka bu'aan Israa'el Mana Maree NageenyaamNiiw Yoorkitti argamu duratti kan dubbatan yoo ta'u, biyyattiin dhaabbata gargaarsa namoomaa UN- Ocha ilaalchisee tarkaanfii ni fudhatti jedha.

    Daani Daanoon Israa'el hojjettoota Ocha dhibbaan lakkaa'aman irratti qorannoo nageenyaa ni gaggeessiti, ''hojjetoota ijoof'' ammoo hayyamni isaanii akka hin haaromfamne dubbatan.

    Waajjirri Qindoomina Dhimma Namoomaa Yerusaalem keessaa kan qabu yoo ta'u, haala namoomaa Gaazaafi Weest Baankii irratti ragaafi odeeffannoo ijoo kennaaf.

    Daanoon "ragaan ifa ta'e akka [hojjetoonni Ocha] Hamaas waliin walitti dhufeenya cimaa qaban" caqaseera, haata'u malee dhimmicha bal'inaan hin dubbanne.

    Akkasumas Daanon itti gaafatamaan waajjira Ocha kan naannoo Filisxeem, Jonaataan Wiitaal viizaan isaa akka hin haaromfamnee fi hanga Adooleessa 29tti biyyattii gadhiisuu akka qabu dubbatan.

    ''Israa'el wanti Ocha waliin ta'aa ture akka itti hin fufneef tarkaanfii ni fudhatti,'' jechuun Daanoon chaambarii kanatti hima. "Qabxii tokkorratti gahuu qabaata."

    Kanaan dura, Ochaan ibsa baaseen,"kufaatii saffiisaa sarara lubbuu dhumaa lubbuun jiraachuu namootaa" jechuun akeekkachiisee turee.

  9. Elon Maask pirezidantii Yunaayitid Isteetis ta'uu danda'aa?

    Bara 2009 dura osoo Baraak Obaamaan pirezidantii US hin ta'iin dursee 'Abjuun' Waayit Hawus ni seena jedhamee hin yaadamu ture.

    Ameerikaanonni gur'aacha ta'an baayyeen abjuun isaanii dhugoomee ni argina jedhanii hin yaadan ture.

    Baraak Obaamaa namni sanyiin isaa Afrikaa-Ameerikaa jalqaba pirezidantii US ta'uun seenaa haaraa hojjete. Kun ammoo ilaalcha duraan ture jijjiiree darbe.

    Yeroo sanatti Obaamaan haasaa taasiseen akkas jedhe: "hiriirri dheeraa manneen barnootaafi manneen sagadaa dura jiran seenaan keessan Ameerikaa keessatti hin barraa'iin jira waan ta'eef abjuun keessan ammallee jiraataadha".

    Kun abjuu Maartiin Luuter King Jr. haasaa isaa beekamaa "Mul'atan qaba" jedhu keessatti waggoota baayyee dura kaasee dubbate waliin wal fakkaata. Oduu kanarratti dabalataan dubbiifachuuf asiin galaa.

  10. 'Haaluma seera addunyaatti gargaarsa namoomaa kennaa jirra' - Pirezidaantiin Israa'el

    Pirezdaantiin Israa'el Isaa'ak Herzog loltootaIsraa'el Gaazaa keessa jiran daawwachuudhaan, Israa'el rakkoo namoomaa naannicha keessatti mudateef itti gaafatamummaa qabdi jechuun himannaa dhiyaate kufaa taasisan.

    "Asitti haaluma seera idil-addunyaatti socho'aa jirra. Akka seera idil-addunyaatti gargaarsa namoomaa kennaa jirra," jechuun Herzog humna eeggataa kutaa waraanaa 969 irraa dhufanitti hima.

    "Kan gargaarsa kana balleessuuf yaalaa jiran Hamaasiifi ummata isaati, kanneen humnoonni keenya bu'uuraalee misoomaa nuufi lammiilee keenya miidhuu danda'an akka hin diigne ittisuuf waan hunda gochuuf fedhii qabaniidha."

    Akkasumas Herzog loltoonni Israa'el ''dhugaa jiru jijjiiruufi namoota booji'aman keenya gara manasaaniitti deebiisuuf qabsaa'aa jiru'' jechuun cimsanii dubbatan.

    Waraanni kun erga Onkoloolessa bara 2023 eegalee booda Herzog gara Gaazaa imaluun daawwannaa yoo taasisan kun kan jalqabaati.

  11. Mana warra Koonsoo barootaaf akka mala qusannaa maatiitti tajaajilu kana beektuu?

    Qe'ee hawaasa Koonsoo keessatti baadiyaas magaalattis mana citaa bifan walfakkaatu, kan isaan 'Fooqii Koonsoo' jedhanii waaman ollaa hunda keessa jira.

    Namni waa'ee mana kanaa hin beekne tari mana namni keessa hin jiraanne yookan ijaarsisaa osoo hin xumuramin hafe jedhee yaaduu mala.

    Sababni ammoo manneen kuni Utubaa Gurguddaa jirma qirixamerraa tolfamanii dhaabaman malee naannessaa isaa keenyaa hin qabu. Jalli isaa banaadha.

    Utubaa Gurguddaan marfamee manicha utubu kuni gubbaarratti mana akka Fooqii fakkaatu ofirraa qaba. Ulaan gara gubbaa kutaa fooqiitti nama baasu ammoo tokko qofa.

    Manni Citaa akka Goofaree qeerrootti ogeessaan kamakamamee tolfame kuni baaxiin citaasaa gubbaarraa gulantaa qaba. Kunis baaxii manichaatiif bareedina addaa kan kennuu fi mallattoo ijaarsa manaa warra Koonsooti. Guutummaa barreeffama kanaa dubbiifachuuf asiin seenuu dandeessu.

  12. Tamsaasa kallattii har'aatiin deebiineerra!

    Ashamaa hordoftoota BBC Afaan Oromoo attam jirtu addunyaa maratti? Kunoo tamsaasa kallattii kan guyyaa Kamisaa amma eegaleerra.

    Oduuwwan biyya keessaafi addunyaa mara irraa gaggabaabsinee asiin isin biraan geenya.

    Odeessaalee fi xiinxala keenya ballinaan argachuudhaaf ammoo gara Marsariitii, Facebook, WhatsApp akkasumas YouTube keenya seenuun argachuu dandeessu.

    Oolmaa nagaa qabaadhaa!

  13. Pirezidantiin Keeniyaa dhaadannoo “Ruutoon aangoo gadhiisuu qaba” jedhu fuhatama hin qabu jedhan

    Pirezidantiin Keeniyaa Wiliyaam Ruutoo dhaadannoo “Ruutoon aangoo gadhiisuu qaba” jedhu fuhatama hin qabu jechuusaanii miidiyaa biyya keessaa gabaaseera.

    Wiliyaam Ruutoo dhaadannoo “Ruutoon aangoo gadhiisuu qaba” jedhu yeroo gara garaatti mormitoonni daandiitti bahuun dhageessisaniifi miidiyaa hawaasaarratti qoodaa turan waan fudhatama qabu miti jedhan

    Haasaa Roobii Nairobi Stock Exchange (NSE) irratti taasisaniin Pirezidant Ruutoon, Keeniyaanonni hunduu yeroon isaanii gahee waajira gadhiisanii ‘[ana] osoo yeroon koo hin ga’iin maaliif aangoo gadhiisi naan jettu’.

    “Akkuma warra ana dura turanii, anaafi yeroon kiyya dhufee ni darba,” jedha.

    “Haata’u malee, kabaja waliin ‘Ruutoon aangoo gadhiisuu qaba’ jechuuf sababiin keessan maalidha,” jechuun gaafatan.

    Waggoota lamaan darban keessa mormiin dargaggootaan durfame Pirezidant Wiliyaam Ruutoon akka aangoo gadhiisu gaafatu jabaatee gaggeeffamaa tureera.

  14. Ilmi maatii balaa Xiyyaaraa Indiyaan du’anii reeffa dogoggoraa fudhachuu hime

    Ilmi dubartii balaa xiyyaaraa Indiyaan lubbuun darbee tokko “reeffi ani fudhadhee UKtti deebi’e” kan nama biraa ta’ee argame jechuun BBCtti hime.

    Abbaa isaas balaama xiyyaaraa kanaan kan dhabe Miteel Paatel akka jedhetti, namni ilaalu reeffawwan wal makaa arguun isaa: “Kan biroo meeqatu akka keessa jiraachuu mala?” isa yaaddesseera.

    Gaazexaan Daily Mail Roobii darbe akka gabaasetti, balaa xiyyaaraa jalqaba baatii Waxabajjii keessa balali’ee yeroo muraasa booda kufee caccabuun namoota 260 galaafate hordofee reeffi dogoggoraa namoota jaallatanitti ergamaa jira.

    Raaffi hundi ''ogummaa olaanaa'' fi kabajaan kan qabame ta'uu Ministeerri Dhimma Alaa Indiyaa himuun, yaaddoowwan jiran furuuf qondaaltota UK waliin hojjechaa akka jiru ibseera.

  15. Hamaas yaada dhukaasa dhaabuu dhiyaate irratti ejjannoosaa ibsuun deebii kenne

    Marii dhukaasa dhaabuu gaggeeffamaa jiruun yaada dhukaasa dhaabuu fooyya'ee dhiyaaterratti Hamaas yaada ofiisaa jaarsolii mariisaniif kennuu qandaalli Filisxeem dhimmicha keessa beekan BBCtti himan.

    Waraana Gaazatti gaggeeffamu ilaalchisuun yaada dhukaasa dhaabuu qaamoleen mariisisan dhiyeessanii kna turan yoo ta'u, Hamaas har'a ejjannoosaa ibsuun deebii kenneera.

    Qondaalli Filisxeem akka jedhanitti, Hamaas qaamolee Filisxeem garaa garaa waliin erga mariyatee booda dhimmoota sadi irratti xiyyeeffachuun deebii kenne.

    Dhimmoonni Hamaas irratti xiyyeeffate: akkaataa itti deeggarsi namoomaa Gaazaa itti seenuu qabu, waraanni Israa'eel Gaazaa keessaa bahuufi waraanni bifa deebi'ee hin kaanen xumura itti argatuudha.

    Qondaalli Filisxeem kan biraa BBCn dubbise yaaduma wal-fakkaataa kennuun, qaamoleen mariisisan deebii Hamaas eegaa turan amma garicharraa deebii argatanii qabxiiwwan kanaan dura waliigalteef gufuu ta'an cufuuf deebii kenname xiinxalaa jiru.

  16. Arsenaal tapha michummaatiin AC Miilaan mo'ate

    Arsenaal tapha michummaa har'a kilaba Xaaliyaanii AC Miilaan waliin taphateen 1-0 injifate.

    Taphni michummaa kun Siingaappooritti kan gaggeeffame yoo ta'u, Arsenaal olaantummaan xumure.

    Arsenaal galchii Bukaayoo Saakaa boqonnaan booda daqiiqaa 53ffarratti lakkiifsiseen injifate.

    Yaaliwwan galchii heddu taasisus galchii tokkoon ol lakkoofsisuu hin dandeenye.

    Arsenaal galchii 1-0 dhaan injifatus, daqiiqaa 90 booda rukuttaa peenaaliitiin garuu AC Miilaan 6-5 Arsenaal irratti galche.

    Pirimer Liigiin osoo hin eegalin taphoota michummaa gaggeessuf gara Eeshiyaa kan imale Arsenaal Dilbata dhufu ammoo Niwukaasil waliin morkata.

    Gaafa Adoolessa 31 amoo gara Hoong Koongitti imaluun masaanuusaa Tootenhaam waliin morkata.

  17. Erga Onkololeesssa 7 as loltoonni IDF gara 900 ajjeefamaniiru

    Dubbi-himaan mootummaa Israa'el Deeviid Mensar ammaan tana gaazexeessitootaaf ibsa kenna jiru.

    Aanga'aan kun, loltoota Israa'el jalaa du'anitti ''gaddi guddaa itti dhagahamuu'' ibsuun haasaa isaanii eegalan.

    Itti dabaluun, Onkololeessa 7 bara 2023 irraa eegalee namoonni 895 ta'an du'aniiru jedhan.

    Kana malees, namoonni lamaan ammoo dhiheenya kana miidhaa waraanaa isaanii irra gaheen kibba Gaazaatti akka ajjeefaman dubbatan.

    Dubbi-himaan mootummaa Israa'el kun waa'ee haala gargaarsaa Gaazaa keessaa kan dhaabbiileen deeggarsa namoomaa yaaddoo ittiin ibsataa jiranis dubbataniiru.

    Gaazaa keessa beelli hin jiru garuu hanqina nyaataa hamaas uumedha jedhan aanga'aan kun.

  18. Karoorri UK deeggarsa alaa hir'isuu Afrikaa haalaan akka miidhu ibsame

    Mootummaan Yunaayitid Kingidam deeggarsa alaa hir'isuudhaaf karoorri qabate deeggarsa maallaqa barnoota daa'immanii fi fayyaa dubartoota Afriikaa irratti dhiibbaa olaanaa akka qabaatu ibsame.

    Mootummaan dhiibbaa Ameerikaarraa dhufeen baasii waraanaa parsantaa 2.5n ol guddiisuun isaatti deeggarsa baiyya alaarraa parsantaa 40 akka hirrisu Guraandhala keessa beeksiisee ture.

    Kunis galii biyyattii waliigalaatiin yoo wal bira qabamuun ilaalamu parsantaa 0.3 kan gadi buusudha.

    Gabaasni waajjiirri dhimma alaa Yunaayitid Kingdam fi xinxalli akka agarsiisuutti, biyyattiin bara qabametti hir'isuu deeggarsa biyya alaa gootuun Afrikaan baayyee miidhamti.

    Kunis fayyaa dubartootaa, bishaanii fi qulqullinaaf deeggarsa taasifamu hir'isuudhaan dhiibeedhaaf saaxilamuufi du'a hordofsiisuu akka danda'u gabaasichi agarsiiseera.

    Qaamooleen hawaasaa saaxilamoo ta'an dubartoonnii fi daa'imman hir'achuu deeggarsaa kanaatiin gatii olaanaa akka baasan neetworkiin dhaabbilee gargaarsaa Yunaayitid Kingidam Boond jedhamu tokko akeekkachiiseera.

    Boond mootummaan biyyoota akka Itoophiyaa, Sudaan Kibbaa fi Somaaliyaa kanneen barnoota, koorniyaa fi deeggarsa namoomaatiin qoramaa jiran akkasumas, bulchiinsoota Filisxeem Israa'eliin humnaan qabaman keessatti deeggarsa maallaqaa taasisuurraa of qabeera.

  19. Bataskaanni Gaazaa haleelame dogoggoraan ta'uu Israa'el beeksifte

    Haleellaa Bataskaana Kaatolikii Gaazaa irratti gaggeeffamee ture ilaalchisee dogoggoraan ta'uu Humni Waraana Israa'el beeksise.

    Namoonni bataskaana haleellaa Israa'eliin miidhamee keessa dahatanii turan sadi yoo du'an heddu ammoo madaa'anii turan.

    Kanarraa ka'uun mormiifi balaaleffannaan heddu Israa'el irratti dhiyaatee ture.

    Humni waraana biyyattii qorannoo gaggeesse jedheen dogoggora uumameen haleellaan banamuu ibse.

    "Bataskaanichi dhukaatun kallattii kaayyeefameef irraa maqee rukutameera," jechuun ibse.

    Dabluunis, bakkeewwan amantii, dahannoofi bakkeewwan xiyyeeffannoo addaa barbaadanitti dhukaasi yeroo banamu qajeelfama hordofamuu qabu irra deebin ilaalun loltootaf ibsuus beeksise.

    Haleellaa Israa'el bataskaana Kaatolikii Gaazaa irratti raawwatte booda Phaaphaasiin waliigalaa Bataskaana Kaatolikii Romaa Poop Liwoo XIV fi Ministiira Muummee Israa'el Beeniyaamin netaaniyaahuun bilbilaan mariyatanii turan.

    Miidhaa namoota nagaarra gaheef akka gaabbanis MM Netaaniyaahuun Poop Liwoo XIV tti himaniiru.

  20. Sagalee gabbiinaa xiyyaara Hindii caccabee argame falmii kaase

    Gabaasni qorannoo jalqabaa balaa xiyyaara Hindii lakkoofsa balalii 171, ji'a Waxabajji keessa lubbuu namoota 260 galaafatee yeroo bahe namoonni baay'een sababa isaa ni hubatu jedhamee yaadamee ture.

    Faallaa isaa gabaasni fuula 15 qabu kun dubbii duraan ture irratti abiddatti gaazii dabaluu tahe.

    Xiyyaarichi ka'ee sekondii muraasa keessatti injiiniin xiyyaarichaa boba'aa darbarsu ''cufame.'' kana irraa kan ka'e xiyyaarichi boba'aa ykn humna ittiin balal'iu dhabe.

    Kun kan tahu erga xiyyaarri lafa qubatee booda ture. Xiyyaarri Boeing 787 jedhamu kun erga bitamee waggaa 12 qofa tajaajile.

    Waraabbiin sagalee sanduuqa xiyyaaricha keessaa argame eenyu maal akka jedhe waan himu hin qabu. Yeroo xiyyaarichi ka'u gargaaraa paayileetiitu balaliisisaa ture.