Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.

Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi

Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf

UAE fi Joordaanis gargaarsa haaraa qilleensarraa Gaazaaf buusuu jalqaban

Gabaasni Yunaayitid Araab Emireet (UAE) fi Joordaanis Gaazaadhaaf samiirraan gargaarsa haaraa busuu jalqabusaanii agarsiisan arguu jalqabneerra.

Guduunfaa

Haguuggii Tamsaasa Kallattii

  1. Roodiriigoo gara Liiverpuul, Arteettaan ammayyuu taphattoota haaraa barbaaduu fi kaan

    Liiverpuul taphataa isaa Luwis Diyaaziin kan dhabu yoo tahe Riyaal Maadirid irraa Roodiriigoo mallatteessisuu akka barbaadu himame.

    Diyaaz bara kana Liiverpuul keessaa bahuu akka barbaadu irra deddeebiin kilebichaaf ibseera jedhu miiidyaaleen.

    Roodiriigoo ganna 24 kan tahe Riyaal Maadiridii bahuun waan isaaf eeyyamameef bakka isa bu'uu akka danda'u gabaasonni ibsan jiru.

  2. Sagalee gabbiinaa xiyyaara Hindii caccabee argame falmii kaase

    Gabaasni qorannoo jalqabaa balaa xiyyaara Hindii lakkoofsa balalii 171, ji'a Waxabajji keessa lubbuu namoota 260 galaafatee yeroo bahe namoonni baay'een sababa isaa ni hubatu jedhamee yaadamee ture.

    Faallaa isaa gabaasni fuula 15 qabu kun dubbii duraan ture irratti abiddatti gaazii dabaluu tahe.

  3. Sadarkaa du'aa fi badiisa 'wal hin ginne' Gaazaa keessatti argaa jirra - UN

    Barreessaan Olaanaa Dhaabbata Biyyoota Gamtoomanii (UN) Antoonii Guuterez ''dirqama idil-addunyaa kabajuu dhabuun yeroo qoqqoodinsi ji'oopoolitikaa fi waldhabdeen bal'achaa dhufaa jiruudha'' jechuun akeekkachiisaniiru.

    ''Baadiinsaas nama ajaa'ibsiisa, jireenya dhala namaatiin safarama, hawaasa caccabsee akkasumas egeree dhabamsiisa,'' jechuun kaleessa Mana Maree Nageenyaaf ibsaniiru.

    "Sadarkaa badii fi du'aa yeroo dhiyoon asiitti Gaazaa keessatti argaa jirruu sukkaneessaa kan caalaa ilaaluu hin qabnu. Beelli balbala namoota hunda rukutaa jira."

    Ammamoo sirni gargaarsa namoomaa akka hin dalagne godhamaa jira jechuun himani.

    Hogganaan Dhaabbata Biyyoota Gamtoomanii kun, "Oppireeshiniin waraanaa Israa'el cimee fi ajajni buqqa'iinsaa haaraan Deer al-Balah keessatti kennameetiin, gaaga'amni gaaga'ama irratti dabalamaa jira," jedhan. Odeessa kanarratti dabalata dubbiifachuuf asiin galuu dandeessu.

  4. Gaaffiin Atileet Tigist Asaffaa dhiheessite maalirra gahe?

    Atileetiin Itoophiyaa maaraatooniin morkattuu jabduu taate Tigist Asaffaa Federeeshinii Atileetiksii Itoophiyaaf gaaffii dhiheessitee turte.

    Gaaffiin kunis riikardii maaraatoonii maaraatoonii cabsuuf kan yaadame ture. Haa ta'u malee, waan tokko dhalate.

  5. Sa'aatii 48 keessatti namoonni 33 hanqina nyaataatiin du'uu ministeerri Hamaas Kibxata darbe beeksise

    Haalli Gaazaa keessaa hammaataa dhufuusaatti ministeerri fayyaa Hamaasiin geggeeffamu amma lakkoofsa namoota du'anii bakka adda addaatti qoodaa jira.

    Kaleessas sa'aatii 48 darban keessatti daa'imman 12 dabalatee namoonni 33 hanqina nyaataatiin lubbuun isaanii darbuu ibsuudhaan, walumaagalatti daa'imman 80 dabalatee namoonni hanqina nyaataatiin du'an 101 gaheera.

    Akkasumas sirni raabsaa Faawundeeshinii Namoomaa Gaazaa (GHF) kan Ameerikaa fi Israa'eliin deeggaramu, Caamsaa 27 irraa eegalamee namoonni 1,026 gargaarsa nyaataa barbaadaa osoo jiranii waraana Israa'eliin ajjeefamuu ibseera.

    Dhaabbata Biyyoota Gamtooman garuu baay'ina lakkoofsa kanarra xiqqoo ol kan ka'e, 1,054, fayyadame Kibxata darbe.

    Akka UN jedhutti, amma Gaazaan gara %87.8 ajaja Israa'el baqachuutiin kan uwwifame yoo ta'u ykn naannoo waraana Israa'el keessa jira, kunis ummanni miliyoona 2.1 ta'u gara lafa iskuweer kiiloo meetira 46 (iskuweer maayilii 18) ta'etti dhidhiitamee jira.

    Walumaagalatti, ministeerri fayyaa Hamasiin geggeeffamu akka gabaasetti, Onkoloolessa 7 bara 2023, yeroo waraanni Israa'el haleellaa Hamaasiin durfamee kibba Israa'el irratti raawwatameef deebii kennuudhaan duula jalqabee, namoonni gara 1,200 ajjeefamanii kanneen 251 ta'an ammoo jiraa booji'amanii ture.

  6. 'Narsoonni keenya dhaabbattanii tajaajila kennuuf humna gahaa hin qaban': Doktora Kaanaadaa Gaazaa keessaa

    Ogeessi baqaqsanii hodhuu lafee hospitaala Naasar kan kibba Gaazaa keessatti argamu, hanqinni nyaataa Istirippicha keessa jiru dhukkubsattoonni ishee wallaansa baqaqsanii yaalamuu argatan akka hin bayyananne gochaa jiraachuu chaanaalii BBC News'tti himteetti.

    Torban sadan darbaniif Kaan Yuunis keessa kan bu'uurreeffate doktorri Kaanaadaa Deerdre Nunaan, sababa hanqina gargaarsaatiin madaan dhukkubsattootaa vaayirasichaan qabamuufi fayyuu dadhabuusaatiin ''bu'aan akka yeroo idilee eegnu caalaa baay'ee hamaa ta'era'' jechuun ibsiteetti.

    Dr Nunaan akka jetteetti, sababii hanqina gargaarsaa kanaatiin "dhiironniifi dubartoonni ga'eessotaa duraan fayyaa turanillee amma gogaa fi lafee qofaan dhaabbataniiru" jette.

    Akkasumas hanqinni mudatee kunis raawwii hojjettoota hospitaalaa irrattis dhiibbaa akka qabu itti dabaluudhaan: "Narsoonni keenya yeroo dabaree isaaniif humna gahaa hin qaban," jechuun akeekkachiifteetti.

    "Asiitti ulaagaalee xiqqaan jireenya dhala namaatiif baay'ee bu'uura ta'anillee hin guutamu," jechuun dabaltee dubbatte.

  7. Obaamaan dubbii Tiraamp 'na ganeera' jechuun isa himatetti dheekkame

    Pirezedantiin amma Ameerikaa bulchaa jiran Doonaald Tiraamp Pirezedantii duraanii biyyattii Baaraak Obaamaa bara 2016 akka filannoo hin mo'anneef ''na gananiiru'' jechuun himatan.

    Tiraamp bara Pirezidantummaa isaanii marsaa jalqabaatti Raashiyaan filannoo Ameeerikaa keessa seenuu waliin Tiraamp hidhata qaba naan jechuun shira narratti dalage jedhan.

    ''Filannoo Ameerikaa bara 2016 hatuuf yaalaan'' jechuun Tiraamp Waayit Haawusitti wayita dhimma kana dubbatan, Obaamaan injifannoon ani Hilarii Kilinton irratti goonfadhe gatii dhabsiisuuf yaaleera jedhan.

    Dubbi-himaan Obaamaa ibsa kanatti dheekkamuun ibsa kennan keessatti xiyyeeffannoo akka hin qabaanneef ''yaalii haleellaa dadhabaadha'' jedhe. Odeessa kanarratti dabalataan dubbiifachuu barbaadnaan asiin argachu dandeessu.

  8. Lammii Keeniyaa Saawud Arabiyaatti duutii itti murtaa'ee ture duula dheeraan booda bilisa bahe

    Lammiin Keeniyaa Saawud Arabiyaatti duuti itti murtaa'ee ture oolchuudhaaf duulli dheeraan erga gaggeeffameen booda bilisa bahuusaa Ministeerri Dhimma Alaa Keeniyaa beeksiise.

    Lammiin Keeniyaa maqaansaa Istiivan Adbukaariim Munyaakoo jedhamu kun kan gadi dhiifame ''murtee mana murteetiin'' ta'u himuun ballinsaa kan hin kenniin barreessaa olaanaan ministeerri dimma alaa Keeniyaa, Koriir Siingiiy toora X isaanii irratti barreessaniiru.

    Haatii gurbaa gadhiifamee gaazeexessituu beekamtuun, Dooroottii Kiweeyuu, oduu ilmishee gadi dhiifamuu yoo dhageesseetti lafarra gangalachuu miidiyaa biyya keessatti himteetti.

    Saawudi Arabiyaatti hojii hojjataa kan ture Istiivan waahila hojiisaa kan ta'e lammii Yanam tokko ajjeessuun ture bara 2011tti kan himatame.

    Badiin inni raawwate kan du'aan adabsiisu ta'ulleen marii dheeraadhaan booada maatiin miidhamaa beenyaa maallaqaa fudhachuudhaaf waliigaltee irra gahan.

    Beenyaan dhiigaa Diihiyaa jedhamuufi seera amantaa Islaamaa Saawud Arabiyaa bu'uurrefate, adeemsa yoo maatiin miidhamaa beenyaa maallaqaa fudhachuuf waliigalan murteen du'aa jijjiramuu itti danda'amu qaba.

    Mootummaan Keeniyaafi dhaabbanni tola ooltummaa 'The Muslim World' jedhamu tokko maatii miidhamaatiif beenyaa doolaara miiliyoona tokkoo baatii muraasa dura akka kanfalaniif miidiyaaleen Keeniyaa gabaasaniiru.

    Adabbii du'aa Istiifan kanas aanga'oonni Keeniyaa yeroo garaa garaatti jidduu galuusaanii hordofee yeroon addabbichaa yeroo dheeraaf dheerreeffamuun ibsameera.

    Haatii Istiivanis lubbuu ilmashee oolchuudhaaf duula dheeraa fi abdii kutachiisaa ta'e raawwachuu dubbatteetti.

  9. Boorana Dhaasitti haleellaa ka'umsi 'babal'ifannaa daangaati' jedhameen lubbuun darbe

    Godina Boorana Bahaa aanaa Dhaasitti dhuma torbee darbe keessa halellaa hidhattoonni daangaa naannoo Somaalee fi Oromiyaa gidduutti bananiin lubbuun namoota ja'aa darbuu qondaalli nageenyaa Aanaa Dhaas BBC'tti himan.

    Itti gaafatamaan Waajjira Nageenyaa fi Milishaa Aanaa Dhaas Aab Guyyoo Dooyyoo BBC'tti akka himanitti, haleellaa kanaan namoota ajjeefaman keessaa afur ijoolleedha.

    Akkaataa rakkoon kun itti jalqabes akkas jechuun BBCtti himan aanga'aan naannichaa kun.

    "Aanaa Waacileetti babal'ifannaa daangaatiin walqabatee rakkootu ture. Warri naannoo Somaalee irraa dhufan daangaa bal'ifachuuf jecha ganda Boojjii jedhamutti qubsuma seeraan alaa ijaaran" jedhu Aab Guyyoon.

    Qubsuma seeraan alaa kana hordofuun qaamolee naannoo Somaalee fi Oromiyaa irraa ta'an gidduutti walitti dhukaasni banamuus himu. Ballina oduu kanaa argachuuf asiin seenuu dandeessu.

  10. Dhaabbileen gargaarsaa 100 ol ta'an 'beela jumlaa' guutuu Gaazaatti babal'achaa jiraachuu ibsan

    Dhaabbilee akka 'Save the Children' fi Médecins Sans Frontières dabalatee, dhaabbileen gargaarsaa 100 ol ta'andhimma 'beela jumlaa'' guutuu Gaazaa jedhan irratti ibsa waloo baasan.

    "Filisxeemoonni osoo gargaarsaa fi dhukaasa dhaabuu eeggatanii abdii fi caba onnee keessatti danqamaniiru. Haata'u malee guyyaa hunda haala hammaataa ta'een barii'aafii jira," jedhan dhaabbileen kunneen ibsa baasaniin.

    Israa'el dhiyeessiin ummata Gaazaa bira ga'u baay'ee gadi bu'uusaa amanteetti. Haata'u malee, qondaaltonni ishee nyaanni naannicha keessa jiraachuu himuun, garuu dhaabbilee gargaarsaatuu ummata biraan gahuu dadhabee jedhan.

    Dhaabbileen gargaarsaa gama isaaniitiin, yeroo dheeraadhaaf gargaarsa raabsuuf Israa'el waliin karaa nageenya qabu qindeessuu irratti rakkoon jiraachu gabaasaa turan.

    Guyyoota darban keessa ministeerri fayyaa Hamaasiin geggeeffamu dhiyeenya kana sababa hanqina nyaataatiin namoonni kudhanootaan lakkaa'aman du'uu kan gabaase yoo ta'u, dhaabbileen kunneen ammoo ji'oota lamaan darban keessatti namoonni dhibbaan lakkaa'aman osoo gargaarsa osoo eeggataa jiranii akka ajjeefaman himan.

    Oduu fi dhimma kanarratti deebii haaraan yoo jiraatee isin biraan waan geenyuuf nu hordofaa.

  11. Sarvariin Maayikiroosoofti garee Chaayinaa tokkoon butame

    Gareen haakarootaa Chaayinaa "threat actors" ykn garee yaaddoo uuman jedhamuun ibsaman sarvarii sooftiweerii Maayikiroosoofti Sheer Poyint [Microsoft Sharepoint] butuun daataa biiizinasii namootaa irratti aggaammii gochuu dhaabbatichi ibse.

    Mootummaa Chaayinaan kan deeggaraman 'Linen Typhoon' fi 'Violet Typhoon' jedhaman akkasumas 'Storm 2603' jedhaman akka gochaa kana irratti hirmaatan dhaabbatichi ibse.

    Kaampaaniin Ameerikaa kun balaa kana qolachuuf odeeffanoo barbaachisaa kennuun fayyadamtoonni akka kompitera isaanii irratti fayyadamaniif dhaameera.

    "Qorannoon gara biraa karaa amma gochaan haakingi ykn servericha butuu raawwatame kana jiranis akka qoratamaa jiran ibseera.

    Maayikiroosoft ammayyuu haakeroonni kunneen namoota ykn dhaabbilee odeeffannoo haaraa nageenya serverii isaanii mirkaneessu hin fayyadamne butuu itti fufu jedheera.

    Kanaaf fayyadamtoonni odeeffannoo nageenya odeeffannoo maamilota isaaf kenne fayyadamuun dirqama akka tahe himeera.

  12. Ministirri dhimma Alaa Ameerikaa Ruubiyoofi MM Itoophiyaa Abiy Ahimad dhimma yeroorratti mari'atan

    Ministirri Dhimma Alaa Ameerikaa Maarkoo Ruubiyoo fi Ministirri Muummee Itoophiyaa Abiy Ahmad galma waloo nageenyaafi guddina dinagdee Itoophiyaafi Gaanfa Afrikaa ilaalchisuun bilbilaan mariyachuu dubbi-himtuu Taamii Biruus waabeffachuun ministirri dhimma alaa US ibse.

    Ministirri Dhimma Alaa Maarkoo Ruubiyoon MM Abiy Ahimad waliin haasa'uun kun yeroo muddamni naannoo Tigraay keessatti dhaga'amaa jiruufi Ertiraafi Itoophiyaan ammoo wal himmachaa jiranittiidha.

    Ministtirri dhimma Alaa US marii isaanii MM Abiy waliin taasian kanaan barbaachisummaa marii fi tasgabbii naannichaa hubachiisaniiru.

    Akka ibsa ministeera dhimma alaa kanatti, Ruubiyoon haaromsa diinagdee Itiyoophiyaan taasifte kan diqisiifatan yoo ta'u, daldalaa fi invastimantii US babal'isuuf carraa guddaa qaban kaasanii dubbataniiru. Odeessa kanarratti dabalata argachuuf asiin seenaa.

  13. Tamsaasa kallattii eegalleerra!

    Ashamaa hordoftoota BBC Afaan Oromoo bakka jirtan maratti. Kunoo tamsaasni kallattii guyyaa Roobii har'aa amma eegaleerra.

    Oduuwwan biyya keessaafi alaa gaggabaabsinee asiin jala jalaan isin biraan geenya.

    Odeessaalee fi xiinxala keenya ballinaan argachuudhaaf ammoo gara Marsariitii, Facebook, WhatsApp akkasumas YouTube keenya seenuun argachuu dandeessu.

    Oolmaa nagaa qabaadhaa!

  14. MM Abiy Ahimad 'oolmaa' Pir. Isaayyaasiif oolaniin gaabbii qabuu?

    Itoophiyaafi Ertiraan waggaa torba dura hariiroon jabeeffatan akkaan laafeera.

    Wal himannaafi wal dura dhaabbannaan waraanatti ce'uu mala jechuun kanneen yaadda'an danuudha.

    Ammatti qaamoleen lamaanii nagaa barbaanna jechaa jiru. Haata'u malee, wantoonni gaaffii kaasaniifi deebii hin arganne jiru.

    Mee tokko tokkoon haa ilaallu.

    Itoophiyaafi Ertiraan walgaarreeffannaafi diinummaa waggoota 20 ture booda Adoolessa 2018 hariiroo yeroo tolfatan michuuwwan jaboo fakkaatan. Odeessa kanarratti karaa kanaan seentanii argachuu dandeessu.

  15. Waan Gaazaa Deer al-Balah keessatti ta'e isin yaadachiisuuf

    Taankoonni Israa'el torban kana keessa yeroo jalqabaaf gara giddugala Gaazaa Deer al-Balah seenuun lammiileen nagaa akka haaraatti akka buqqa'an taasisan.

    Guyyaa Dilbataa darbe waraanni Israa'el naannoo kibbaa Deer al-Balah keessatti kutaalee magaalaa ja'a hatattamaan akka baqataniif ajaje.

    Namoonni nagaa buqqa'an hedduun magaalattii keessatti kan dahatan yoo ta'u, namoonni kuma 50-80tti tilmaamaman gara naannoo al-Maawaasi, kan qarqara galaanaa jirtuutti akka qajeelan qajeelfamni kennameef.

    Osuuma baay'ee hin turiin, miiltoowwan keenya Tajaajila Addunyaa keessa jiran namoota baqatan dubbisanii, lammiilee Gaazaa buqqa'aniif "bakki itti baqatan hin hafu" jedhan.

  16. Kufaatiin gamoo Afrikaa Kibbaa lubbuu namoota 34 galaafate 'guutumaan guutuutti ittifamuu kan danda'u ture' jedhu ministirri

    Kufaatiin gamoo bara darbe bulchiinsa 'Western Cape' jedhamu keessatti hojjettoota ijaarsaa 34 ajjeesee, kaan kudhanootaan madeesse ''guutummaatti ittifamuu kan danda'u ture'' jedha mootummaan Afrikaa Kibbaa.

    Gabaasni haaraan balaa kana ilaalchisee ba'e akka mul'isutti, Caamsaa bara 2024 magaalaa Joorji keessatti mana jireenyaa abbaa darbii shan gartokkoon ijaarame kun osoo hin jiguu dura yaaddoon nageenyaa hamaan ka'ee ture.

    Ministirri Hojii Mootummaa Diin Maakfarsan, jiguun gamoo kanaa kun rakkoolee hedduurraa kan maddee yoo ta'u, meeshaalee sadarkaasaanii hin eegamneen fayyadamuu, caasaa diigamuu fi qaawwii mul'atu kufaatii gamichaatiif madde ta'uu ibsaniiru.

    "Waa'ee pirojektii kanaa ilaalchisee mallattoowwan akkeekkachiiftuun walitti fufiinsaan ka'aa ture hedduutu ture," jedha Maakfarsan aariin mul'atu.

    Mudaawwan muraasni kufaatii gamichaa waggaa tokko dura kan agarsiise ture. Qondaalli fayyaa fi nageenyaa kana mormuudhaan aangoo gadhiisaniiru haata'u malee hojiin itti fufee ture jedha gabaasni kun.

    ''Hojii ijaarsichaa dhaabbachuu qaba ture,'' jedhan Maakfarsan.

  17. Yukireen fi Raashiyaan marii nagaa haaraa gaggeessuuf ta'uu Zelensikiin himan

    Raashiyaa fi Yukireen Roobii boruu Istaambul keessatti marii nagaa marsaa haaraa akka gaggeessan pirezdaantiin Yukireen Volodimiir Zelensikiin himan.

    "Har'a, [hogganaa Mana Maree Nageenyaa Yukireen] Rusteem Umerov waliin qophii hidhamtoota jijjiiruu fi walgahii biraa Tarkii keessatti Raashiyaa waliin taasifamuu irratti mari'adheera," jechuun Zelensikiin haasaa guyyuu Wiixata kaleessaa taasisaniin dubbataniiru. ''Umerov'n walgahiin kun Roobii akka gaggeeffamuu gabaaseera."

    Zelensikiin dhuma torban darbee marii haaraa akka taasifamuuf yaada dhiyeessan, kunis pirezidantiin Ameerikaa Doonaald Tiraamp guyyoota 50 keessatti Moskoo fi Kiiv gidduutti dhukaasa dhaabuun yoo hin jiraanne qoqqobbii ''hamaa'' Raashiyaa irra akka kaa'an doorsisanii guyyoota muraasa boodadha.

    Waashingitan erga Raashiyaan haleellaa cimsitee booda waraana Yukireeniif meeshaa waraanaa haaraa kennuufis waadaa galtee jirti.

    Halkan Kibxataatti bari'utti boombiin Raashiyaa magaalaa bahaa Kiraamaatorsk keessatti mana jireenyaa irratti dhukaafteen mucaan tokko ajjeeffamuu qondaaltonni naannoo sanaa himaniiru.

    Magaalaa guddoo Kiiv keessatti naannoleen jaha kanaan dura haleellaa diroonii fi misaa'ela jala galanii turan.

    Gama biraatiin ammoo, humnoonni Yukireen haleellaa 50 ol baha Yukireen naannoo Pokrovsk jedhamutti Raashiyaan dhukaafame ji'oota darban keessa duubatti dhiibuu isaanii himaniiru.

    Moskoo marii nagaa Istaanbul keessatti gaggeeffamuuf karoorfame jedhame kanarrarratti yaada hin kennine. Marsaan lama magaalattii keessatti Caamsaa fi axabajjii keessa kan raawwatame yoo ta'u, sirreeffamtoota walitti fufiinsaan wal jijjiiruuf sababa ta'eera.

    Dhaabbanni oduu Raashiyaa RIA madda tokko wabeeffachuun akka jedhetti, mariin marsaa dhumaa guyyoota lamaaf, Kamisaa fi Jimaata dhufu akka gaggeeffamu ibseera.

  18. WHOn haleellaa Israa'el mana jireenyaafi man-kuusaa giddugala Gaazaa irratti raawwatte balaaleffata

    Dhaabbanni Fayyaa Addunyaa (WHO) haleellaan lafoo Israa'el giddugala Gaazaa keessatti raawwatte, erga dhaabbileen dhababatichaa haleellaa jala galeen booda, dhaabbatichi hojii itti fufuuf carraaqqii taasisuu balaadhaaf saaxilee jira jedhe.

    Dhaabbanni UN kun humnoonni Israa'el Wiixata kaleessaa gamoo hojjettoonni isaafi maatii isaanii keessa jiraatan kan magaalaa Deer al-Balah keessaa irratti haleellaa raawwachuu fi namootakeessatti dahatanii turan haala hin malleen miidhuu isaanii himate.

    Manni kuusaa isaa guddichis haleelamuun barbadaa'eera. Waraanni Israa'el hanga ammaatti himannaa kanarratti yaada hin kennine.

    Erga ji'oota 21 dura waraanni Hamaasiin jalqabee booda Israa'el oppareshiniin lafoo cimaan Deer al-Balah keessatti raawwatteen, lammiilee nagaa Filisxeem kuma kudhaniin lakkaa'aman qe'eesaanii irraa buqqisee jira.

    Kunis guutuu daangaa kanaa keessatti rakkoon beela hamaa akka mudatu akeekkachiifamaa jira.

    Dhaabbanni UN Wiixata kaleessaa namoonni hanqina nyaataatiin garmalee dadhaban kilinikaa fi hospitaalota akka galan gabaasa argachaa akka jiru kan ibse yoo ta'u, ministeerri fayyaa Hamaasiin geggeeffamu ammoo Dilbata irraa eegalee namoonni 19 hanqina nyaataatiin du'uu ibseera.

  19. Tamsaasa kallattiin deebiineerra!

    Ashamaa hordoftoota BBC Afaan Oromoo bakka jirtan maratti. Kunoo tamsaasni kallattii guyyaa Kibxata har'aa amma eegaleerra.

    Oduuwwan biyya keessaafi alaa gaggabaabsinee asiin jala jalaan isin biraan geenya.

    Odeessaalee fi xiinxala keenya ballinaan argachuudhaaf ammoo gara Marsariitii, Facebook, WhatsApp akkasumas YouTube keenya seenuun argachuu dandeessu.

    Oolmaa nagaa qabaadhaa!

  20. 'Dhohinsa achiin ibiddaa fi aaran arge'

    Balaa xiyyaara waraana Baangilaadish mana barnoota irratti kufeen lubbuu namoota 19 galaafachuun kan 160 ol ta'an ammoo madaa'uun gabaafameera.

    Namoonni taatee kana ijaan arganis akkasiin dubbataniiru, viidiyoo kana ilaalaa.