Biyyootni 28 waraanni Gaazaa atattamaan akka dhaabatu waamicha godhan
UK dabalatee biyyootni 28 Gaazaatti ''dararaan uummatarra gahu sadarkaa hamaa gahe'' jechuun waraanni atattamaan akka dhaabatu waamicha dhiyeessan.
Israa'el taankiiwwan fayyadamuun gidduugala Gaazaa naannoo Da'iir al-Balah jedhamu halaleelteetti. Humni qilleensaas naannicha rukutuu itti fufeera.
Naannichi bakka uummatni kumoota dhibbaan lakkaa'amu Kibba Gaazaatii itti baqateedha.
Biyyootni 26 ta'an ''dararaan uummata nagaa Gaazaa humnaa ol ta'eera'' jechuun waraanni akka dhaabatu waamicha waloo dhiyeessaniiru. Dhaabbatni soorata lubbuu baraaru dhiyeessu IPC ammoo uummatni miliyoona 1.5 beelaafi hanqina nyaataa jabaaf saaxilamuu ibse.
''Ammallee dhiiga dhangalaasuun bu'aa buusu hin qabu. Yaalii dhukaasa dhaabuu US, Kataariifi Masriin gochaa jiran guutummaatti kna deeggarru akka ta'e mirkaneessina. Atattamaan dhukaasni akka dhaabatu tarkaanfii dabalataa fudhachuuf qophiidha. Israa'el Filisxeemii fi naannichatti nageenyaa fi tasgabbii fiduufis akkasuma'' jedha ibsi waloo bahe.
Biyyoota akka Faransaay, UK, Beeljiyeem, Kaanadaa, Nezerlaandisiifi Jaappaan fa'atu waamicha kanarratti mallatteesse.
Ibsichi mootummaan Israa'el ''moodeelli deeggarsi namoomaa akka dhiyaatu diriirse hamaa, tasgabbii dhabuu kan hammeessufi namummaa uummata Gaazaa kan mulquudha'' jedhaniiru.