Xiyaarri Daandii qilleensaa Saawuzweest Jimaata darbe battaluma Loos Anjalasii ka'eetti saffisaan olka'iinsa isaa kan dhabe yoo ta'u, xiyyaara biraatiin walitti akka hin buuneef jecha daandii jijjiiruuf akka dirqame imaltoonni balaliisaa xiyyaaricha keessa turan toora interneetii irratti maxxansaniiru.
Balaliin lakkoofsisaa 1496 ta'e Buufata Xiyyaaraa Hooliwuud Barbaankii Laas Veegaas irraa akkuam ka'een saffisaan gadi bu'uun imaltoota teessoo isaanii irraa kaasuun hojjettoota balalii lama madeesse.
Gareen hojjattoota xiyyaarichaa ''akeekkachiisa tiraafika xiyyaara keessaa lamaaf deebii kennaniiru... akeekkachiisaaf deebii kennuuf wayita ka'aniitti ol ba'uun yoo gadi bu'an miidhaan irra gahe,'' jechuun ibsi Saawuz Weestiin baaseen ibseera.
Bulchiinsi Aviyeeshinii Federaalaa taatee kana qorachaa akka jiru ibseera. Taateen kunis rakkoo wal fakkaataan biraa mudatee osoo torban hin guutiin kan mudateedha jedhameera.'
"Sirna qilleensa biyyaalessaa keessatti nageenya nama hunda mirkaneessuun gahee keenya isa olaanaa ta'ee itti fufee jira," jechuun ibsi FAA dabalee ibseera.
Taatooon baacoo beekamaan Jiimii Doore, imaltoota xiyyaarichaa keessa tokko kan ture yoo ta'u, sochiin sirrii hin taane sunis xiyyaara biraa waliin dhiheenyaan wal bira darbuutti akka ta'e jedheera.
"Paayileetiin akeekkachiisni walitti bu'iinsaa isaa sababii hin hojjanneefi xiyyaarri akka nutti hin dhufne irraa of qusachuun qabna ture. Wow," jechuun Doore toora X irratti barreesse. "Hojjetaan xiyyaaraa tokko yaalii fayyaatu barbaacha ture."
Hiriyaan isaa Isteef Zamorano itti dabaluudhaan, yeroo xiyyaarrichi nagaa qubateetti imaltoonni hundi harka walitti rukutanii ture jedhe.
Yeroo xiyyaarichi saffisaan gadi bu'eetti imaltoonni ''iyyaa'' turan jechuun Fooksi Niiws gabaaseera.
"Sodaachisaa ture. Dhuguma balaa xiyyaaraa akka hin mudannee gadi bu'aa jirra jennee yaadnulleen baayyee sodaachisaa ture," jetti imaltoon xiyyaarichaa tokko.