UAE fi Joordaanis gargaarsa haaraa qilleensarraa Gaazaaf buusuu jalqaban

Gabaasni Yunaayitid Araab Emireet (UAE) fi Joordaanis Gaazaadhaaf samiirraan gargaarsa haaraa busuu jalqabusaanii agarsiisan arguu jalqabneerra.

Guduunfaa

Haguuggii Tamsaasa Kallattii

  1. Suuraalee konkolaattoonni gargaarsa fe'an wayita Gaazaa seenan namootaan marfaman agarsiisan

    Suuraaleen yoo jiraattoonni Gaazaa bakka raabsaatti konkolaattota gargaarsaa gara Istraapichaa seenaniitti rarra'an agarsiisu

    Suuraaleen konkolaattonni fe'umsaa gargaarsa koridoorii gargaarsa namoomaatiin gara Gaazaatti socho'aa jiraniitti jeequmsaa wayita tuuta lammiilee Filisxemotaan marfamanii jiran mul'ata agarsiisu.

    Namoota konkolaataa marsee jiru

    Madda suuraa, EPA

    Ummata Gaazaa konkolaataa gargaarsaa marsan

    Madda suuraa, EPA

    Ummata Gaazaa beela'e wayita konkolaataan gargaarsaa Gaazaa seenu

    Madda suuraa, EPA

    Ummataa gargaarsa konkolaataarraa buufachuuf fiiguu

    Madda suuraa, EPA

  2. UAE fi Joordaan gargaarsa haaraa qilleensarraa Gaazaaf buusuu jalqaban

    EAE fi Jordaanis gargaarsa qilleensarraa Gaazaaf dhiyeessan

    Madda suuraa, Reuters

    Gabaasni Yunaayitid Araab Emireet (UAE) fi Joordaanis Gaazaadhaaf samiirraan gargaarsa haaraa busuu jalqabusaanii agarsiisan arguu jalqabneerra.

    Akka qondaal Emireetiitti kanaan dura, kaaba Gaazaatti akka biyyaatti sa'aatii 12:00 (10:00 BST) fi sa'aatii 14:00 (12:00 BST) gidduutti gargaarsi qilleensarraa gadi dhiifamu eegamaa akka jiruu gabaasneerra.

    TVn mootummaa Joordaan akka gabaasetti, Humni Qilleensaa Mootii Joordaan, Yunaayitid Arab Emireet waliin ta'uudhaan "gargaarsa nyaataa toonii 25 fi dhiyeessii namoomaa barbaachisoo" gara Gaazaadhaaf qilleensarraan buusuuf sochii taasisaa ture.

    Ergama kana keessattis xiyyaaronni Joordaan C-130 lamaa fi xiyyaarri Yunaayitid Arab Emireet tokko hirmaachuu isaanii fi Gaazaa keessatti bakkeewwan hedduu irratti xiyyeeffachuu isaanii gabaasni kun ni mul'isa.

    TVn mootummaa Joordaan itti dabaluudhaan, gargaarsi amma kenname kunis kan erga waraanni Gaazaatti jalqabame as lakkoofsi deeggarsa xiyyaaraa Joordaan yeroo 127 gaheera jedha.

  3. Xiyyaarri Saawuzweest akka tasaa gadi bu'e hojjattoota lamarraan miidhaa qaqabsiise

    Xiyyaarri osoo hin eegamnii gadi bu'e hojjattootarraan miidhaa qaqabsiise

    Madda suuraa, Getty Images

    Xiyaarri Daandii qilleensaa Saawuzweest Jimaata darbe battaluma Loos Anjalasii ka'eetti saffisaan olka'iinsa isaa kan dhabe yoo ta'u, xiyyaara biraatiin walitti akka hin buuneef jecha daandii jijjiiruuf akka dirqame imaltoonni balaliisaa xiyyaaricha keessa turan toora interneetii irratti maxxansaniiru.

    Balaliin lakkoofsisaa 1496 ta'e Buufata Xiyyaaraa Hooliwuud Barbaankii Laas Veegaas irraa akkuam ka'een saffisaan gadi bu'uun imaltoota teessoo isaanii irraa kaasuun hojjettoota balalii lama madeesse.

    Gareen hojjattoota xiyyaarichaa ''akeekkachiisa tiraafika xiyyaara keessaa lamaaf deebii kennaniiru... akeekkachiisaaf deebii kennuuf wayita ka'aniitti ol ba'uun yoo gadi bu'an miidhaan irra gahe,'' jechuun ibsi Saawuz Weestiin baaseen ibseera.

    Bulchiinsi Aviyeeshinii Federaalaa taatee kana qorachaa akka jiru ibseera. Taateen kunis rakkoo wal fakkaataan biraa mudatee osoo torban hin guutiin kan mudateedha jedhameera.'

    "Sirna qilleensa biyyaalessaa keessatti nageenya nama hunda mirkaneessuun gahee keenya isa olaanaa ta'ee itti fufee jira," jechuun ibsi FAA dabalee ibseera.

    Taatooon baacoo beekamaan Jiimii Doore, imaltoota xiyyaarichaa keessa tokko kan ture yoo ta'u, sochiin sirrii hin taane sunis xiyyaara biraa waliin dhiheenyaan wal bira darbuutti akka ta'e jedheera.

    "Paayileetiin akeekkachiisni walitti bu'iinsaa isaa sababii hin hojjanneefi xiyyaarri akka nutti hin dhufne irraa of qusachuun qabna ture. Wow," jechuun Doore toora X irratti barreesse. "Hojjetaan xiyyaaraa tokko yaalii fayyaatu barbaacha ture."

    Hiriyaan isaa Isteef Zamorano itti dabaluudhaan, yeroo xiyyaarrichi nagaa qubateetti imaltoonni hundi harka walitti rukutanii ture jedhe.

    Yeroo xiyyaarichi saffisaan gadi bu'eetti imaltoonni ''iyyaa'' turan jechuun Fooksi Niiws gabaaseera.

    "Sodaachisaa ture. Dhuguma balaa xiyyaaraa akka hin mudannee gadi bu'aa jirra jennee yaadnulleen baayyee sodaachisaa ture," jetti imaltoon xiyyaarichaa tokko.

  4. Dhiibbaa idil-addunyaa Israa'elitti erga cimeen booda amma gargaarsi Gaazaa seenaa jira

    Dhiibbaan mootummootaafi dhaabbilee gargaarsaa Israa'el irratti cimuu hordofee konkollaattoonni deeggarsa namomaa fe'an hedduminaan Gaazaa seenaa jiru.

    Ibsa waa'ee viidiyoo, Konkolaattoota fe'umsaa karaa Raafaatiin Gaazaa seenaa jiran
  5. Caaseffamni bulchiinsaa haaraan Naannoo Sumaalee mormiin mudate maali?

    Pirzidantii naannoo Somaalee Musxaffee Omate

    Madda suuraa, EBC

    Addi Bilisummaa Oromoo Mootummaan Naannoo Sumaalee caaseffama bulchiinsaa bifa haaraan eegaluu fi aanaalee 14 bulchiinsa haaraa jalatti akka hammataman ibsuu hordofee ibsa baaseen, adeemsi kun akka isa yaaddessuu fi akka mormu ibseera.

    Manni maree Naannoo Sumaalee 6ffaan kora idilee 9ffaa bara hojii 4ffaa taa'aa jiruun bulchiinsa akka haaraatti caaseeffame keessatti aanaalee 14 haaraa dabaluun aanaalee naannochaa 95 turan gara 109tti guddisuu ibsuurraan kan hafe aanaaleen kunneen kam fa'i akka ta'an bal'inaan hin ibsine.

    Akkuma manni maree kun caaseffama haaraa kana raggaasisuu ibseen mormiin kan dhagahame yoo ta'u, keessattuu naannoo Oromiyaa kutaalee naannoo Sumaaleen wal daangessan irratti hiriirri mormii gaggeeffameera.

    Naannoon Sumaalee daangaa bal'aa Oromiyaa faana kan qooddatu yoo ta'u, yeroo garaagaraatti babal'ifannaa daangaa fi lafa dheediinsaa irratti walitti bu'iinsi ni uumama.

    Kanaanis lubbuun namaa ni gaaga'ama, namoonni hedduunis qe'eerraa buqqaafamu. Guutummaa odeessa kanaa asiin argadhaa.

  6. Ministirri nageenyaa Israa'el 'itti yaaduun' marii gargaarsa Gaazaa irraa hafuu dubbatan

    Itaamaar Been-Gvir

    Madda suuraa, EPA-EFE

    Ministirri nageenya biyyaaleessaa Israa'el Itaamaar Been-Gvir, marii har'a waajjirri ministira mummeetiin gargaarsa Gaazaa keessatti dabaluuf tarkaanfii fudhatamu irratti ''itti yaaduun'' akka hafan dubbatan.

    Barreeffama miidiyaa hawaasaa irratti qoodaniin, qondaalli tokko hirmaannaa isaanii malee marii nageenyaa Sambata halkan akka gaggeeffame itti himu kaasuun, sababa yoo dhiyeessan ammoo ''Sanbata xureessuu'' hin barbaanne jedhan.

    Ministirri leellisaa adeeffannaa durii (far-right) ta'an kunis Israa'el xiyyaaraan deeggarsa raabsuun ishee ''qaanii fi salphina'' jechuun ibsu, murtee kana dura akka dhaabbatan himan.

  7. Dhukaasni namoomaa eegalee sa'aatii muraasaan booda Israa'el lixa Gaazaa keessatti haleellaa qilleensaa raawwatame

    Israa'el dhukaasa dhaabuu namoomaa naannichatti labsamee sa'aatii tokkoon booda haleellaan qilleensaa magaalaa lixa Gaazaa keessatti mana jireenyaa raawwachuu namoonni ijaan argan himan.

    Jiraattonni naannoo sanaa akka gabaasanitti, Israa'el gargaarsi namoomaa gara Gaazaatti akka yaa'uuf sochii waraanaa daangeffamee akka dhaabdu labsitus, xiyyaaronni waraanaa gamoo dheedeheeroo magaalaa Gaazaa irraa gara lixaatti argamu irratti xiyyeeffataniiru.

    Gaazexeessaan biyya keessaa tokko BBC'tti akka himetti, gareewwan baraarsaa reeffa lamaa fi namoota hedduu madaa'an caccabaa gaboo irratti xiyyeeffate keessaa baasaniiru.

    Haleellaa gabaafame kana ilaalchisee waraanni Israa'el irraa ammatti yaadni kenne hin jiru.

    Namoonni miliyoona lamaa ol waraana ji'ootaaf gaggeeffameen booda rakkoon namoomaa gadi fageenyaan isaan mudateetti, dhukaasa dhaabuun namoomaa har'a hojiirra kan oole yoo ta'u, nyaataa fi qorichi gara Gaazaatti akka seenuuf haala mijeessuuf kan yaadamee ture.

  8. Amma nu gahe, Giddugaleessa Gaazaatti namoonni konkolaataa gargaarsaa eegaa turan sagal ajjeefaman jedha hospitaalli

    Namoonni deeggarsa eeggataa jiran ajjeeffaman

    Madda suuraa, Reuters

    Dhukaasa Israa'el namoota nagaa daandii konkolaataa gargaarsaa daandii Salah al-Din kan giddugala Gaazaa irratti walitti qabaman irratti xiyyeeffachuun raawwatteen, yoo xiqqaate Filisxeemoonni sagal ajjeefamuu fi 54 ammoo madaa'uu isaanii qondaaltonni fayyaa himan.

    Dubbi himaan Hospitaala Al-Awdaa Nuseirat akka jedhutti, loltoonni Israa'el namoota gargaarsa namoomaa eegaa turan irratti xiyyeeffachuun dhukaasa bananiin gara hospitaalichaa geeffaman.

    Maddeen biyya keessaa akka jedhanitti, taatee kun naannoo Koridoorii Netzaarimiitti kan mudate yoo ta'u, namoonni hedduun konkolaataa gargaarsaa dhufu eeguun achitti dursanii walitti qabamanii ture.

    Taatee kana ilaalchisee IDF yaada akka kennuuf gaafatamee ture.

    Ministeerri fayyaa Gaazaa Hamaasiin durfamu, ammoo namoonni dabalataa jaha sa'aatii 24 darbe keessatti beelaan du'usaanii beeksiiseera.

    Kanaanis daa'imman 87 dabalatee, baayyina lakkoofsa namoota erga waraanni eegalee kaasee beelaan du'anii 133 ta'eera.

  9. Gargaarsa argachuun balaa qaba garuu ijoolleef jennee baana jetti Gaazaan

    iin jedhu. Inni onnee si cabsa," jechuun

    Madda suuraa, Reuters

    Kaaba Gaazaa Bee'it Lahiyaa keessatti lammiileen Filisxeem dhibbaan lakkaa'aman korojoo gargaarsa namoomaa qabatanii deemaa jiru.

    "Akkaataan raabsa gargaarsaa baayyee miidhaa fi balaafamaadha, garuu ijoolleef jenneeti baana. Sababni isaas daa'imni boo'aa, 'Adeeraa, maaloo daabboon barbaada' siin jedhu. Inni onnee si cabsa," jechuun Mohaammad al-Maasrii Rooyitarsiif hime.

    "Akka waan haaduun miliyoonni onnee kee keessa jirruutti natti dhagaham. Akka waan haaduu miliyoona tokkootti si waraaneetti sitti dhagahama. Keeshaa daakuu tokko du'a miliyoona waliin fidna, garuu ijoolleef jennee deemna."

    "Biyyoota Arabaaf waamicha gochaa jirra, addunyaa guutuuf waamicha taasisaa jirra, namni sammuu qabu, namummaa qabu hundi, Waaqayyoof jecha namoota hiyyeeyyii kana haa ilaalaa," jedha Mohaammad.

    "Waaqayyoon kakadha, namni tokko nyaata maatii isaa argachuuf du'a miliyoona tokkotuu du'a. Kun haqa qabeessa miti."

  10. Israa'el viidiyoo qilleensarraa yoo gargaarsa Gaazaatti buusuu agarsiisa jette gadhiiste

    Raayyaan Ittisa Israa'el (IDF) viidiyoo gargaarsi Gaazaatti yoo qilleensarraa buufamu agarsiisa jedhe kana gadhiisee jira. Gargaarsii qilleensarraa buufame kun kan sukkaara, daakuu fi nyaata qaruuraan saamsame of keessaa qabudha jedheera.

    Haata'u malee dhaabbileen miti mootummaa idil-addunyaa nyaata kana naannoo uummanni itti baay'atutti qilleensarraa gadi dhiisuu balaa qabaachuu akeekkachiisaniiru.

    Shaayinaa Loow, Mana Maree Baqattootaa Noorweey irraai, kanaan dura yeroo gargaarsi qilleensa irraa buufamaa tureetti, saanduqonni samii irraa yeroo bu'an "namoota caccabsan" ykn waan fagoorraa baafamaniif lafa irratti "jeequmsa" uumuun isaanii ni yaadatama jette.

    "Namoonni gargaarsa kana irratti wal lolaa turan. Namoonni miidhamaa turan," jetti.

    Ibsa waa'ee viidiyoo, Dowwadhaa: IDF viidiyoo Gaazaa keessa deeggarsa yoo gadhiifamuudha jechuun iftoomseedha
  11. Hidhi guddichi addunyaa Chaayinaan ijaaraa jirtu Hindiifi Baangilaadiishitti yaaddoo uume

    Chaayinaan laga Yaarnig Chaangpaa kan Tiibeet keessatti argamu irratti hidha guddicha addunyaa ijaaruf jirti

    Madda suuraa, Getty Images

    Chaayinaan hidha guddicha addunyaa bulchiinsa Tiibet keessatti ijaaruu eegaltee jirti.

    Hidhi guddichi addunyaa Chaayinaan ijaaruu eegalte kun Hindii qofa osoo hin taane Baangilaadish illee yaaddoo keessa galchee jira.

    Sirna hidha guddaa ijaaruu eegalchiisuuf Sambata darbe, Adoolessa 19, qophaa'erratti Ministiirri Muummee Chaayinaa Lii Kiyaang argamuusaanii miidiyaalen Chaayinaa gabaasan.

    Hidhi kun laga Yaarnig Chaangipaa jedhamurratti kan ijaaramu yoo ta'u Tiibeet keessatti argama.

    Lammiilen Hindii, Baangilaadish dabaltee kan Tiibey laga guddicha kana qarqara jiraatan pirojektii Chaayinaan eegalte kanarratti komii dhiyeessaa jiru. Dabalataan oduu kanarratti dubbifachuudhaaf asiin seenaa.

  12. Taayilaandiifi Komboodiyaan jaarsummaa Tiraamp galateeffatanis lolli itti fufeera

    Looltuu Kaamboodiyaa dhiheenya daangaa Taayilaandiin irratti wal dhabaniitti

    Madda suuraa, Reuters

    Pirezidantiin Ameerikaa Doonaald Tiraamp Samabta kaleessaa dureewwan Kaamboodiyaa fi Taayilaandiif bilbiluudhaan waldhabdeen daangaa ka'erratti atattamaan dhukaasa dhaabuu akka taasisaniif dhiibbaa taasiisuusaanii dubbataniiru.

    Tiraamp dowwannaasaanii dhuunfaa jalqabaa Iskootiilaandiitti dirree Golfiin itti taphatamuutti taasisaniin, ''dureewwan lamaanu battalatti wal arguudhaan dhukaasa dhaabuu gochuufi dhumarrattis nagaa buusuudhaaf waliigalaniiru'' jechuun miidiyaa hawaasaa isaanii Tiruuz irratti barreessaniiru.

    Dureewwan biyyoota lamaanis yaadaa fi yaalii agarsiisaniif galateeffatanii jiru.

    Kaamboodiyaan yaada dhukaasaa dhaabuu yoo fudhattuu, Taayilaand garuu biyyoota lamaan jidduutti mariin akka barbaachisu akeekkachiifteetti.

    Pirezidantiin Ameerikaa erga bilbilaan dureewwan lamaan waliin haasa'anii boodas daangaa irratti lolli itti fufee jiraachuun gabaafameera.

    Ministiroonni Mummee Taayilaandii fi Kaamboodiyaa deebiin bilbila Tiraampiif kennan gaarii ta'ulleen lamaanuu garuu ejjannosaanii hin jijjirre.

    Kaamboodiyaan dursitee yaada dhukaasa dhaabuu dhiyeessitee turte. Raayyaan ittisaa ishee kan Taayilaand caalaa cimaa ta'ulleen haleellaa qilleensaa waraanaa Taayilaandiitiin meeshaaleefi daangaa dhabdeetti.

    ''Tiraampiif yaada dhiyaateetti Kaamboodiyaan akka waliigaltu ifa godheera'' jechuun ture Ministirri Mummee Kaamboodiyaa marii bilbilaa Tiraamp waliinitti waliigaltu kan dubbatan.

    Jaarsummaan Tiraamp lubbuu loltootaa fi namoota nagaa hedduu oolchuuf ni gargaaras jedhan.

    Gama biraatiin ammoo Taayilaandi dhukaasa dhaabuuf hayyamamtuu ta'ushee ibsuudhaan, garuu mariin Kaamboodiyaa waliin taasifamu dursuu akka qabu akka barbaaddu cimsitee gaafachu himte.

  13. UStti imaltoonni ibidda xiyyaaratti qabate baqachuuf karaa foddaa balaa tasaatiin baqatan

    Balaliinsi Daandii Xiyyaaraa Ameerikaa tokko gaafa Adooleessa 26, 2025 wayita ka'uuf jedhuutti erga ''rakkoon mekaanikaa'' gommaasaa waliin wal qabatu isa mudateen booda imatoonni karaa sololaachiftuu foddaa yeroo balaa tasaatiin akka keessaa bu'an taasifaman.

    Taateen kunis Ameerikaa buufata xiyyaaraa idil-addunyaa Deenvaritti ta'u daandiin xiyyaarichaa beeksiseera.

    Viidiyoon miidiyaa hawaasaa irratti qoodame akka agarsiisuutti, yeroo imaltoonni soloolaachiiftuu foddaa yeroo balaa tasaa fayyadamuun yoo xiyyaaricha keessaa bu'an kan mul'atan yoo ta'u, ibiddi ammoo xiyyaara jalatti mul'ata ture.

    Taatee kana hordofuun namni tokko gara hospitaalaatti geeffamuu Buufata Xiyyaaraa Idil-Addunyaa Deenvar ibseera.

    Ibsa waa'ee viidiyoo, Imaltoonni ibidda xiyyaaratti qabate baqachuuf sololaachiiftuu foddaa yeroo balaa tasaatti yoo fayyadaman
  14. Hirriba keessa isparmii of jalatti dhangalaasuun mallattoo maseenuutii?

    Isparmii ykn sanyii dhiiraa

    Madda suuraa, Getty Images

    Dhiirri tokko rafaa osoo jiruu irriba keessa ta'ee yoo isparmii dhangalaase, ogeessonni haala akkasii kana abjuu ifa ta'edha jedhu.

    Wanti kun yeroo isaan mudatu dhiironni baayyeen yaaddoo keessa galu. Sababiin isaas, wanti akka kanaa isaan mudatu kun mallattoo jalqabaa baayyinni isparmii hir'achaa dhufuuti ykn mallattoo maseenuuti jedhanii yaadu.

    Doktoroonni akka jedhanitti garuu, yeroo raftanitti isparmiin dhangala'uun mudannoo baratamaadha.

    Dhaabbanni Fayyaa Addunyaa (WHO) akka jedhutti, dhiirri tokko yeroo umurii dargaggummaa keessa galutti, sadarkaan hormooniin testestiroonii saalaa isaa ni guddata.

    Kun ta'uun ammoo, yeroo hirriba keessa jiran ismparmii ofirratti dhangalaasuun akka dabaluuf ni gumaacha. Odeessa kana guutummaan dubbiifachuuf asiin seenuu dandeessu.

  15. Konkolaattonni gargaarsaa Masrii irraa gara Gaazaa seenan

    Amma suuraawwan jalqabaa konkolaattonni fe'umsaa gargaarsa namoomaa fe'anii karaa qaxxaamura daangaa Raafaa, Masrii keessaan gara Gaazaa seenan keessaa muraasa isiniif fidbeera.

    Kanaan duras gaazexaan Masrii 'Al-Qahera News' akka gabaasetti, amma konkolaattonni gargaarsaa gara qaxxaamura Raafaa kan Marsiitti aanee jiruutti gara Gaazaatti socho'uu jalqabaniiru jedhee ture.

    Konkolaataa deeggarsa fee'ee Gaazaa seenaa jiru

    Madda suuraa, Getty Images

    Konkolaataa gargaarsa fee'ee Gaazaa seenee keessaa

    Madda suuraa, Getty Images

    Konklaataa deeggarsa namoomaa de'ee gara Gaazaa imalaa jiru

    Madda suuraa, Getty Images

  16. Michigaan Walmart keessatti 11 waraanamuun madaa'uu qondaaltonni himan

    Bakka daldalaa Walmart

    Madda suuraa, Reuters

    Michigaan keessatti suuqii gurguddaa Walmart jedhamu keessatti yoo xiqqaate namoonni 11 waraanamuun madaa'uu qondaaltonni himan.

    Taatee kana hordofees shakkamaan tokko to'annoo jala akka oolfame qondaaltonni mirkaneessaniiru.

    Hospitaalli naannoo sanatti argamu tokko namoota miidhaman 11 yaalamaa akka jiru ibseera. "Sababa kanaan, Kutaan Balaa Tasaa keenya yeroo ammaa dhukkubsattoota yeroo biraa caalaa baay'inaan keessummeessaa jira," jechuun Giddugalli Yaalaa Munsan miidiyaa hawaasaa irratti ibseera.

    Miidiyaaleen biyya keessaa akka jedhanitti ammoo, namoonni sadii wallaansa baqaqsanii hodhuu taasifamaafii jira.

    Viidiyoon toora interneetii irratti maxxanfame akka agarsiisutti, kutaaleen poolisii fi ambulaansii hedduun bakka konkolaataan dhababatu Walmart keessa jiru.

    Waajjirri Poolisii Kaawuntii 'Grand Traverse' "taatee baayyinaan waraanamuu 'Wal-Mart Traverse City' keessatti mudate kana" qorachaa akka jiru mirkaneesse.

    Taateen kunis 'gochaa akkuma tasaa' namoota itti dhufan irratti raawwatame fakkaatas jedhe poolisii,

    Bulchiituun Michiigaan, Gireetcheen Waayitamar ''oduu sukkanneessaa kana ilaalchiftee seera kabachiiftoota waliin wal quunnamaa jira'' jettte.

    ''Yaadni keenyas miidhamtootaafi hawaasa gochaa gara jabiinaa kanaatiin gadde waliin jira'' jetti itti dabaluun.

    Magaalli Tiraavarsii magaala gara kaaba lixa Detrooyit irraa gara kiilomeetira 410 fagaattee argamtuudha.

  17. Dhukaasa dhaabuu tooftaa gochuun Israa'el hanga ammaatti waan gahaa akka hin hojjannee mirkanneessa: MM Israa'el duraanii

    Ehuud Olmart

    Madda suuraa, EPA-EFE

    Dhukaasa dhaabuu tooftaa jechuun Israa'el 'hanga ammaatti waan gahaa akka hin hojjenne' mirkaneessa jechuun BBCtti himan MM Israa'el duraanii

    Miniatirri Mummee Israa'el duraanii Ehuud Olmart sagantaa Sambattanii BBC World Service'n irratti akka himanitti, waraanni Israa'el dhukaasa dhaabuu tooftaa haaraa labsuunsaa ''foyya'iinsaa'' fi ''hanga ammaatti waan gahaa ta'e akka hin hojjenne kan mirkaneessudha'' jedhan.

    Olmart, kanneen tarkaanfii waraanni Israa'el Gaazaa keessatti fudhatu ifatti qeeqan keessaa yoo ta'an, ji'a Caamsaa keessas gaazexaa Israa'el tokko irratti Israa'el yakka waraanaa raawwachaa akka jirtu kan barreessan, ammas dhukaasa dhaabuun kun yeroon isaa kan harkiifateedha jedha.

    "Addunyaan guutuun nutti waan aareef, sababa gaarii waan qabaniif jedheen yaada," jedhan.

    "Kanaafuu fedhiin namoomaa guutummaatti, haala bu'a qabeessa ta'een, haala salphaa, fi osoo lubbuu Filisxeemoota waan nyaatan argachuuf yaalan irratti balaa tokko hin geenye akka dhiyaatu mirkaneessuu qabna," jedhaniiru.

  18. Arsenaal taphataa kamiif miindaa olaanaa kaffala, maaliif?

    Taphattoota Arseenaal

    Madda suuraa, Getty Images

    Arsenaal waggoota dheeraaf miindaa guddaa hin kaffalu jedhamuun qeeqaamaa ture. Keessumaa leenjisaa duraanii Arsen Weenger jalatti. Garuu yeroo Mesut Ozil fa'aa gara Arsenaal dhufu waan kun cabeera.

    Arsenaal amma akka kilebotaatti Piriimer Liigii keessaa miindaa kaffaluun Maanchister Siitii, Maanchister Yuunaayitid fi Cheelsiitti aanee sadarkaa arfaffaa irra jira.

    Kaayi Haaverti Cheelsii irraa bara 2023 gara Arsenaal yeroo dhufu, miindaan torbanii isaa paawondii 280,000 ture.

    Kun taphattoota Arsenaal keessaa isa miindaa olaanaa argatu isa taasisa.

    Isaatti aanuun ammoo miindaa guddaa kan argatu Maanchister Siitii irraa kan mallatteessisan Gabri'el Yeesusidha. Guutuummaa odeessa kanaa argachuuf asiin seenuu dandeessu.

  19. Joordaan 'konkolaattoonni gargaarsaa gurguddoon' gara Gaazaatti socho'aa jiru jette

    Ejensiin nageenyaa Joordaan viidiyoo miidiyaa hawaasaa irratti, sarara konkolaattota fe'umsaa gargaarsa fe'anii daandii irra tarree galuun socho'an agarsiisa jedhame maxxanseera.

    "Ammaan tana ta'aan kan jirudha, konkolaattonni gargaarsaa gurguddoon Joordaan irraa gara Gaazaatti socho'aa jiru," jedha Daarektarri Nageenya Uummataa toora X isaanii irratti.

    Gara barii jala ammoo gaazexaan Masrii 'Al-Qahera News' aka gabaasetti, amma konkolaattonni gargaarsaa gama Masriitiin Ulaa Raafaa irraan gara Gaazaatti socho'uu jalqaban jedheera.

  20. Naayijeeriyaan Morookoo mo'achuun yeroo 10ffaaf chaampiyoonaa taate

    Naayijeeroyaan erga hirmaannaa dorgommii Waancaa Dubartootaa Afrikaa eegaltee hunda mo'atteetti

    Madda suuraa, Backpage Pix

    Tapha xumuraa Waancaa Afrikaa Dubartootaa irratti Naayijeeriyaan durfamuurraa kaatee biyya waancaa kana qopheessite Morookoo injifachuun waancaa 10ffaa harkaan ga'atteetti.

    Leenconni Atlaas Raabaat keessatti injifannoo labsachuuf fiixeerra ga'anii turan. Goolii Gizleen Chebaak fi Sanaa Masuudii galchaniin boqonnaa dura, darbees hanga daqiiqaawwan 60 keessaatti dursaa turan.

    Haata'u malee daqiiqaa 64ffaa irratti waan isaan hin eegnetu ta'e, waan Raabaat fi Morookoon hin eegnetu mudate.

    Ittistuun warra Leencota Atlaas Nuuhaayilaa Beenziinaa saanduqa peenaalitii keessatti kubbaa Folamide Ijamilusi dabarsite harkaan tuqxe.

    Warri Lixa Afrikaatti dhufan ammoo carraa kana hin qisaasessine. Jifattuun Naayijeeriyaa Ester Okoronkoo rukuttaa adabbii kana gara gooliitti geeddaruun taphicha akkaan geeddare.