TVn mootummaa Joordaan akka gabaasetti, Humni Qilleensaa Mootii Joordaan, Yunaayitid Arab Emireet waliin ta'uudhaan "gargaarsa nyaataa toonii 25 fi dhiyeessii namoomaa barbaachisoo" gara Gaazaadhaaf qilleensarraan buusuuf sochii taasisaa ture.
Ergama kana keessattis xiyyaaronni Joordaan C-130 lamaa fi xiyyaarri Yunaayitid Arab Emireet tokko hirmaachuu isaanii fi Gaazaa keessatti bakkeewwan hedduu irratti xiyyeeffachuu isaanii gabaasni kun ni mul'isa.
TVn mootummaa Joordaan itti dabaluudhaan, gargaarsi amma kenname kunis kan erga waraanni Gaazaatti jalqabame as lakkoofsi deeggarsa xiyyaaraa Joordaan yeroo 127 gaheera jedha.
Xiyyaarri Saawuzweest akka tasaa gadi bu'e hojjattoota lamarraan miidhaa qaqabsiise