Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.

Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi

Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf

Tiraamp ''biyyi keessan si'ooliitti deemaa jirti'' jechuun dureewwan yaa'ii UN hirmaataa jiran akeekkachiisan

Tiraamp 'biiyyi keessan si'ooliitti deemaa jirti'' jechuun hirmaattoota yaa'ii Dhaabbata Biyyoota Gamtoomanii Niiw Yoorkiitti kaleessa eegale hirmaataa jiran dhimma baqattootaan akeekkachiisan.

Guduunfaa

  • Oduufi xiinxalaaf Facebook, WhatsApp akkasumas YouTube keenya hordofaa
  • Israa'el karoora nagaa Tiraamp Gaazaa irratti dhiyeesse fudhatte
  • Humni Israa'el Gaazaa keessaa hin ba'u- Neetaaniyaahuu
  • Kataar waraana Gaazaa dhaabsisuuf jaarsummaa akkatti fuftu himte
  • Karoora Gaazaatti nagaa buusuu Tiraamp dhiyeesse biyyoonni Baha Giddugalaafi Awurooppaa deeggaran

Haguuggii Tamsaasa Kallattii

  1. Morinihoon leenjisaa Benefikaa ta'uun muudaman

    Benefikaan Joosee Morinihoo leenjisaa gochuun muude.

    Waliigalteen kuni hanga bara 2027 ni tura jedhameera.

    Leenjisaan duraanii Chelsii torbanuma muraasa dura Fenerbaachee irraa ari'amanii turan.

    Fenerbaacheen Benefiikaatiin mo'amee dorgommii Shaampiyoonsi Liigii keessaa baanaan kilebichi Joosee Mooriinoo hojii irraa kan gaggeesse.

    Ammammoo Moorinihoon leenjisaa Benefikaa ta'ani.

    Morinihoon hojii leenjisummaa kan eegalan bara 2000'tti Benefikaatti yoo ta'u, garuu taphoota kudhan qofa taphachiisanii pirezidantii kilabichaa waliin waan wal dhabaniif gadhiisan.

    Benefikaa ergama isaanii gochuufi ''wanti guddaa Benefikaadha'' jedhan.

    Morinihoon Bruno Lage bakka bu'uun leenjisu.

    Leenjisaan bakkaa kaafaman bara dorgommii baranaa dorgommii kamuurratti tapha tokko qofa mo'aman.

    Dabalata:

  2. Gumiin Abbootii Gadaa guyyaa Ayyaana Irreechaa murteesse

    Guyyaan Ayyaana Irreechaa baranaa kan Hora Finfinneefi Hora Arsadee murtaa'uu Biiroon Kominikeeshinii Oromiyaa beeksise.

    Kabaja Ayyaana Irreechaa ALI bara 2018 ilaalchisee Gumiin Abbootii Gadaa har'a ibsa kennuu kan beeksise biirichi, Irreechi Hora Finfinnee ALItti Fulbaana 24, 2018 akka kabajamu Gumiin Abbootii Gadaa beeksiseera.

    Irreechi Hora Arsadee ammoo guyyaa itti aanu ALItti Fulbaana 25, 2018 akka kabajamu ibsame.

    Dabalata:

  3. Israa'el Weest Baank ni dhuunfatti taanaan UAEn hariiroo Israa'el waliin qabdu xiqqeessuu dandeessi jedhame

    Bulchiinsi Netaaniyaahuu Weest Baank of jala galcha taanan Yunaayitid Arab Emireetis (UAE) hariiroo dippilomaasii Israa'el waliin qabdu hammeesssuu akka dandeessu Rooyitars maddeen waabeffachuun gabaase.

    Yunaayitid Arab Emireetis biyyoota Arabaa muraasa Israa'eliif beekamtii kennaniifi hariiroo dippiloomaasii waliin uummatan keessaa tokkoodha.

    Bara bulchiinsa Tiraamp jalqabaa UAEn sagantaa Tiraamp Abrahams Accord jedhamuun Israa'el biyyoota Arabaa kan akka UAE fa'aa waliin hariiroo dippilomaasii akka tolfattu godhame.

    UAEn akkuma akeekkachiiste hariiroo Israa'eliin waliin uumte akka laaffatu gooti taanan, tattaaffii Tiraamp biyyoonni Baha Giddu Galaa Israa'el waliin hariiroo dippilomaasii akka uummatan gochuuf yaalu balaarra kan buusu ta'a.

    Mootummaan Israa'el yeroo dhiyoo as tarkaanfiwwan Weest Baank dhuunfachuun of jala galchuu taasisaa jiraachutu himama.

    UN dabalatee biyyoonni heddu tarkaanfii bulchiinsi Netaaniyaahuu fudhatu mormaniiru.

    Mootummaa Netaaniyaahuu keessaa gareen leellistoota ta'an Weest Baank guutummaan Israa'el jala akka galtuuf sochii taasisuu erga eegalanii bubbulaniiru.

  4. Magaalaa Landanitti namoonni kumaan lakkaa'aman hiriira ba'uun daawwannaa Tiraamp morman

    Pirezidantiin US Doonaald Tiraamp yeroo lammataaf wayita UK daawwatan mormiin isaan mudate.

    Namoonni kumaatamaan lakkaa'aman adda babayii magaalaa Landanitti ba'uun sagaleesaanii dhageessisaniiru.

    Hiriirri kun maqaa ''Stop Trump Coalision'' jedhamuun moggaafame. Quuqamtoota hawaasaa fi jaarmiyaalee gargaarsa namoomaa 50 caalantu waliin qopheessann.

    ''Qoollifannaa sanyummaarratti hundaa'e haa morminu. Tiraamp dura haa dhaabbannu. Israa'el hidhachiisuun haa ga'u,'' dhaadannoowwan jedhan qabachuun hiriirtonni adda babayiitti ba'uun sagaleesaanii dhageessisaniiru.

    Tiraamp bara 2019 wayita yeroo jalqabaaf UK daawwatanis mormiin isaan mudatee ture.

    Poolisiin magaalaa Landan hiriira kanarratti yoo xiqqaate namoonni kuma 5 ta'an hirmaataniiru jedhe.

    Hiriira kana to'achuuf poolisoonni 1500 ramadamuuf ibseera.

  5. Haleellaa US, Pensalveeniyaatti mudateen poolisoonni ajjeefaman

    Haleellaan lubbuu poolisoota sadii galaafatee fi lama akkaan madeesse kun wayita qaamoleen nageenyaa qorannoo fi sakatta'iinsa gaggeessaa turanitti raawwate jedhan aanga'oonni.

    Komishinarri Poolisii Bulchiinsa Pensalveeniyaa Koloneel Kiristoofar Paris hidhattoonni dhukaasa bananis haleellaa poolisootaan akka malee miidhamaniiru jedhan.

    Haleellaan kun mana barumsaa aanaa xiqqoo jiraattota 2,500 qofa qabdu keessatti argamu yeroof cufsiiseera.

    Dhukaasi magaalaa Filaadelfiyaa irraa gara lixaatti kiilomeetira 160 irratti mudate.

    Yeroo dhukaasi banamu poolisoonni guyyaa lammaffaaf opiireeshinii gaggeessaa turan.

    Bulchaan Pensalveeniyaa Josh Shapiro Roobii waaree booda bakka balaan itti mudate deemuun maatii namoonni jalaa ajjeefaman waliin walarguu miidiyaan naannawa sanaa gabaaseera.

    Yaadannoo poolisoota sadan ajjeefamaniif jecha alaabaan gadi siqee akka fannifamu ajajaniiru.

    Daarektarri FBI Kash Patel ejentoonni odeeffannoo wayitaawaa kennan ramadamuu ibsan.

  6. Daawwadhaa: Leenjisaan Yunaayitid, Amooriim, ari'amuu danda'uu?

    Yunaayitid Ayyaana Qillee dura leenjisaa ari'uun beekama.

    Amoorimiifis tapha sadii qofatu kennameef jedhamaa jira.

    Taphoonni kuni kami? Ari'amuu danda'uu? Daawwadhaa!

  7. Maan Yunaayitid taphaan milkii dhabus galii rikardii ta'e argate

    Maanchestar Yunaayitid taphaan mikii erga dhabee bubbuluus bara darbe galii rikardii kilabichaa ta'e paawundii miliyeena 666.5 galmeesse.

    Bara darbe Pirimerliigii Ingiliziin Yunaayitid sadarkaa 15ffaadhaan fixe. Kuni bara 1973/74 booda seenaa kilabichaa keessatti gahuumsa baay'ee gadaanaadha.

    Bara kana garuu dhaabbata Snapdragon waliin waliigaltee ispoonsarshiippii mallatteessuunsaanii, kilabichi galii paawundii miliyeena 333.3 akka argatu taasiseera.

    Hanga Caamsaa 30, 2025tti galiin tapharraa argatu ammoo galii rikardii waggaatti tapharraa argamu paawundii miliyeena 160.3 ture.

    "Bara rakkisaa kana keessatti galii rikardii kilabichaa ta'e argamsiisuun Manchestar Yunaayitid cichoomina jabaarratti akka bu'uureffame kan namatti agarsiisudha," jedhe hoji gaggeessaa olaanaa kilabichaa kan ta'e Omaar Beraadaa.

    Dabaluunis, "Bara dorgommii 2025/26 kana keessatti gama hundaan kilabicha fooyyessuuf cimnee hojjataa jirra" jedhe.

    Maanchestar Yunaayitid gahuumsa gadaanaa bara darbe agarsiise fooyyeessuf barana taphattoota ciccimoo keessumaa sarara fuulduraa irratti mallatteessisus jalqabbii Piriimerliigii baraanan milkaa'aa hin jiru.

    Tapaha afur taphate keessaa lama: Arsenaalifi Maan Siitiidhaan injifatamee jira.

  8. Niijeeritti namoonni 22 sirna cuuphaa amantiirra osoo jiranuu hidhattootaan ajjeefaman

    Lixa Niijeeritti namoonni sirna cuuphaa amantaa [Kiristaanaa] hirmaataa osoo jiranii qaamolee hidhatanii motoraan deeman irraa dhukaasa itti banameen ajjeefaman.

    Gabaasaaleen akka ibsanitti dhukaasa qaamoleen hidhatan bananiin namoonni 22 ta'an du'aniiru.

    Namoonni ijaan argan madda oduu AFPtti akka himanitti, namoonni 15 bakka sirni cuuphaa itti gaggeeffamutti yoo du'an namoonni torba ammoo osoo karaa deemaniiyyu.

    "Namoonni osoo sirna cuuphaa hirmaatanuu namoonni hidhatan dhufanii dhukaasa itti banan," jechuun barreesse aktivistiin Maayikul Zoodii jedhamu.

    Mootummaan Maalii waraanaan gaggeeffamu haleellaa hidhattoonni Jihaadistii bakkeewwan garaagaraatti raawwatan dhaabsisuuf rakkataa jira.

    Miidiyaalee biyya keessaa waabeffachuun AFP akka gabaasetti, hidhattoonni kunneen sababa maaliif akka namoota nagaa ajjeesan hin ibsine.

    Humni Waraanaa Niijeer ammoo haala jiru tasgabbeessuuf loltoota bobbaasuu beeksise.

  9. Abbaan alangaa nama Chaarlin ajjeesuun himatame irratti adabbii du'aa akka darbu gaafate

    Abbaan alangaa kutaa bulchiinsa Utah ergaawwan barreeffamaa himtamaan hiriyaa isaa waliin wal jijjiree fi ragaawwaan biroo irratti hundaa'uun dhukaasa lubbuu namaa galaafate kanaan himatame irratti adabbiin du'aa akka darbu gaafateera.

    Waajjirri Abbaa Seeraa bulchiinsa Utah Jeffirey Giray himatamaa kana yakkaa torba kan himate yoo ta’u, isaanis ajjeechaa cimaa, ragaa dhoksuun haqaa gufachiisuu fi barreeffamoota yakka namatti himan akka haquuf nama waliin jiraatu gaafachuu isaa dabalateeti.

    Pireezidaantii Ameerikaa Doonald Tiraamp dabalatee namoonni siyaasaa hedduun dhimmicha irratti adabbiin du’aa akka darbu gaafataniiru.

    Ibsa gaazexeessitootaaf kennaniin, Giray murtii adabbii du'aa akka gaafatan kan taasise ''ragaa jiruu haalaa fi maalummaa yakkichaa qofa irratti hundaa'uun'' akka ta'e dubbataniiru.

  10. Taphataan duraanii Arsenaal himata gudeeddii irratti dhihaaterratti maal jedhe?

    Taphataan duraanii Arsenaal Toomaas Paartee dubartoota lama gudeeduu fi tokkorratti qoccollaa saalaa raawwachuun himata irratti dhihaate haale.

    Taphataan Gaanaa sarara gidduurra taphatu kun wayita mana murtii Southwark Crown jedhamutti dhihaatu yakka gudeeddii shanii fi qoccollaa saalaa tokkotu irratti dhihaate.

    Taphataan umrii waggaa 32 kun yakka ittiin himatame kana bara 2021 fi 2022 gidduutti raawwachuutu himame.

    Yeroo kana keessatti taphataan kun Piriimer Liigii Ingilaand keessatti idileedhaan taphataa ture.

    Erga xuumura Waxabajjiitti kontiraati isaa xumuramuun kilaba Landan Kaabaa- Arsenaal erga gadhiisee guyyaa afur booda himati irratti dhihaate.

    Toomaas Paartee hanga dhaddachi isaa Sadaasa 2 deebi'ee eegalutti wabiidhaan gadhiifameera. Dhaddachi isaa manuma murtii walfakkaataatti itti fufa.

    Paarteen erga Arsenaal keessaa ba'ee booda kilaba Ispeenm, Viyaariyaal seeneera.

    Kaleessa (Kibxata) wayita kilabi isaa haaraan Tootenhaam waliin tapha dorgommii Chaampiyiinsi Liigii taphatan innis waliin Landan ture.

    Tapha kanarratti jijjiiramee gale, garuu kilabni isaa goolii 1 fi 0 dhaan mo'ame.

    Toomaas Paartee wabiidhaan gadhiifamee jiraachuunsaa kubbaa taphachuurraa isa hin oolchu.

    Garuu imala idiladdunyaa wayita taasisu hunda sa'atii 24 dursuun poolisii beeksisuu qaba.

  11. Israa'el Katar Hamas maallaqaan gargaarti jechuun himatte

    MM Israa’el Beeniyaamin Netaaniyaahuun Katar Hamas maallaqaan gargaartee jirti jechuun himachuun, haleellaan torban darbe Dohaatti hoggantoota Hamaas irratti raawwate “sirriidha” jedhan.

    ''Qaataar Hamaas waliin hidhata qabdi, of keessa dhoksiti, maallaqas ni kenniti'' jechuun Netaaniyaahuun ibsa gaazexeessitootaaf kennaniin dubbataniiru. Kanaaf tarkaanfiin isaanii Katar keessatti rawwatan ''guutummaatti sirrii ture." jechuun himan.

    Haleellaan hoggantoota Hamaas irratti Dohaatti raawwatame kan namoota jaha galaafate kun haleellaa Israa’el michu Ameerikaa kan taate Katar irratti raawwatte isa jalqabaati.

    Katar marii Gaazaa keessatti dhukaasa dhaabuu fi namoota butaman gadhiisuuf Israa’elii fi Hamaas gidduutti taasifamu gidduu seenuun gahee olaanaa taphatteetti.

    Gama biraan Kiphxata kaleessaa irraa eegalee haleellan humnootni Israa’el naannoo Gaazaa guutuutti raawwatan cimee itti fufe yoo ta'u, namootni hedduun ajjeefamaniiru.

    Waraanni Israa'el jiraattonni Magaalaa Gaazaa gadi dhiisanii guutummaan akka ba'an taasisaa jira. Dhabbata Biyyoota Gamtoomaniitti Dhabbanni mirga Daa'immaniif falmu (UNICEF) jiraattoootni Gaazaa si'oolii tokko irraa gara si'oolii biraatti dabarfamaa jiru jechuun gocha kana balaaleffateera

  12. Iraan nama Israa'el basaasaan himatame ajjeste

    Iraan nama Israa’eliif basaasaa ta’uun himatame ajjeesuu ishee gabaasni miidiyaa mootummaa biyyatti irraa tibbana bahe ibse.

    Maqaan nama murtiin kun irratti darbeess Baabak Shaahbazi akka jedhamu ragaaleen ni mul’isa.

    Iraan namoota dhaabbata basaasaa Israa’el Mossaad waliin hidhata qabaachuu fi sochii biyyattii keessatti isheef haala mijeessa jettee himatte kanneen kudhanootaan lakkaa’aman irratti murtii du’aa murteessiteetti.

    Dhimmi ajjeechaa lammiilee Iraan Israa’eliif basaasaan yakkamanii bara kana baay’ee kan dabale yoo ta’u, ji’oota darban keessa yoo xiqqaate namoota 9 irratti murtii ajjeechaa dabarsiteerti.

    Miidiyaaleen mootummaa akka jedhanitti Shahbaziin himatamaa biraa Esma'ell Fekri jedhamu kan jalqaba bara 2022 irraa eegalee Israa’eliif basaasaa turuun baatii Waxabajjii keessa Iraanin ajjeefame waliin hojjataa ture.

    Shaahbaaziin kontiraaktaraa of fakkeessun meeshaalee kaa'uun bakkeewwan miira namaa kakaasan kanneen akka kutaa sarvarii akkasumas wiirtuuwwan meeshaalee waraanaafi nageenyaa waliin walqabatan irraa odeeffannoo walitti qabuun himatame.

    Abukaatoon himatamaa kanaa Mana Murtii Olaanaatti ol’iyyannoo dhiyeessuuf kan gaafate yoo ta’u, Manni Murtii Ol’aanaanis gaaffii kana kuffiseera.

  13. Dargaggoonni Chaayinaa nyaata keessatti fincaa'an lama doolaara kuma 300 ol adabaman

    Dargaggoonni Chaayina lama mana nyaataatti shoorbaa keessatti fincaaan isaanii fincaa'an maallaqa Chaayinaa Yuuwaan miiliyoona 2.2 (Doolaara 309,000; Paawundii 227,000) akka dhaabbilee nyaataa lamaaf kaffalan itti murtaa'e.

    Taatee kun baatii Guraandhalaa keessa dhaabbata Chaayinaa damee Shaangaayii isa guddaa, Haidilao jedhamutti kan mudate yoo ta'u, dargaggoonni umuriin saanii waggaa 17 ta'u jedhameera.

    Isaanis gochaa kana kan raawwatan miira machiitiin yoo ta'u, kanas toora interneetii irratti erga maxxansanii booda qeequmsaa cimaaa kaase.

    Namni nyaata fincaan keessatti fincaa'ame kana namni omtu akka hin nyaanne kan himame yoo ta'u, haata'u malee, manni nyaataa guddichi Hayidiilaawoo jedhamus gochaa kanaan booda maamiltoota keessumeeffaman kumaatamaaf beenyaa kanfaluuf waada seeneera.

    Ji'a Bitoteessaa keessa Haayidilaawoo kasaaraa Yuuwaan miliyoona 23 ol kan gaafate yoo ta'u, kunis maallaqa taatee kanaan walqabatee maamiltootaaf beenyaa kaffale tilmaama keessa galchuudhaan jedheera.

    Jimaata darbe manni murtii Shangaayi dargaggoota kanneen mirga mana nyaataa kana sarbaniiru akkasumas maqaasaa balleessanii jechuun murte dabarseera.

    Itti dabaludhaanis dargaggoonni kunnen meeshaa mana nyaanni itti bilchaatu faalaniiru, kanaanis ''ummata biratti naasuu uumeera'' jedhe.

    Manni murtichaa maatii dargaggoota kanneenii ''itti gaafatamummaa sirnaan guddisuu isaanii hin baane'' jechuun beenyaa kana akka kanfalaniif murteessu miidiyaaleen mootummaa gabaasan.

    Badii qaqabeef Yuwaan miiliyoona 2 akka kanfalan, kisaaraa meeshaalee mana nyaanni itti qopheeffamu irra qaqabeefi irratti fincaa'usaaniif ammoo Yuwaan kuma 130, dabalataan ammoo Yuwaan kuma 70 baasii adeemsa himannaa kanaatiif akka kanfalan manni murtichaa murteesseera.

  14. Tamsaasa kallattiin deebiineera

    Ashamaa hordoftoonni BBC Afaan Oromoo attam jirtu?

    Tamsaasa kallattii kan ittiin odeessaalee biyya keessaa fi addunyaa mara irraa gagabaabsine ittiin isin biraan geenyu kan Roobii har'a kunoo amma eegaleerra.

    Odeessaalee keenya bal'inaan dubbifachuu yoo barbaaddan ammoo marsariitii keenya ykn Facebook keenya ykn WhatsApp fi YouTube keenya miladhaa.

    Bakka nagaa oolaa.

  15. Namoonni 20 ol ta'an Kiirk shakkamaa marii 'Discord' irratti gaaffii gaafatamuuf

    Joosh Haawley, Rippabilikaan, gaaffii waa'ee ajjeechaa Chaarlii Kiirk irratti ka'uun jalqaba.

    Kaash Paatel Biiroon Qorannoo Yakkaa (FBI)n odeeffannoo marii garee 'Discord' bakka Taayilar Roobinsan nama dhukaasa raawwate ta'uusaa itti of beeksise irraa argachuuf hojjechaa jirra jedhan.

    (Akka yaadachiisaatti, dubbi himaan Discord kanaan dura Roobinson waltajjiicha irratti ajjeechaa raawwachuu kan amanee ta'uu mirkaneessee ture).

    Paatel itti dabaluudhaan, qorattoonni "nama kamiyyuu fi nama marii Discord sana keessatti hirmaate hunda waliin" akka dubbatan, akkasumas "agarsiiftuu hunda waliin akka fiigan" dubbatan.

    Marii sana irratti fayyadamtoonni Discord gara 20 ta'an jiraachuu isaanii gaafatamanii, Paatel ''baay'ee caalu'' jedhan.

    Haawliin dhukaasni kun jibba kiristaana irratti qabuun kan walqabatee ta'uu mala jechuunis gaafatee ture.

    Paateel namoonni shakkamaa kanatti dhihoo ta'an kanneeniin waa'ee amantaa fi ilaalcha isaa caalaatti beekuu akka danda'an dubbatan.

  16. Israa'el buufata doonii Yaman haleelte

    Israa'el buufata doonii Yaman kan Hodeedaa jedhamurratti haleellaa qilleensaa raawwachuu beeksifte.

    Ministira Ittisaa Israa'el Kaatz waabeffachuun Haaretz akka gabaasetti, haleellaan kun hidhatoonni Huutii karaa itti ulaa galaanatti bahan akka hin qabaanne gochuufi.

    "Dhaabbanni Huutii shororkeessaa ta'e ulaa galaanaa akka hin arganneefi qilleensa itti cufuuf Israa'el buufata doonii Hodeedaa Irratti haleellaa gaggeessite," jechuun Israa'el Kaatz fuula X gubbaatti barreessan.

    Dabaluunis, "Dhaabbanni Shororkeessaa Huutii Israa'el irratti haleellaa gaggeessuuf yaaluu hin dhiisu taanan haleellaa laalessaatu isa eeggata" jedhan qondaalli Israa'el kun.

    Israa'el haleellaa qilleensarraa Yamanirratti osoo hin gaggeessiin dursitee haleeluuf akka jirtu beeksiftee ture.

    Torban lama dura Israa'el haleellaa magaalaa Sana'aa irratti gaggeessitoonni Ministiira Muummee dabalatee fi ministiirota Huutii heddu ajjeestee turte.

  17. Israa'el magaalaa Gaazaatti haleellaa lafoo eegalte

    Israa'el haleellaa cimaa yeroo dheeraadhaaf karoorsaa turte Magaalaa Gaazaa keessatti kan eegalte yoo ta'u, halkan edaa loltoonni lafoo gara qarqara magaalattiitti akka dhiyaataniifi haleellaan qilleensaa cimaa raawwataa turte.

    Filisxeemoonni kumaatamaan lakkaa'aman karaa daandii qarqara galaanaa tokkichaatiin gara giddugala Istiraappichaatti baqachuuf kan dirqaman yoo ta'u, namoonni kuma dhibbaan lakkaa'aman kanneen duraan baqataniin achi jiraniitti makamu.

    Ministirri Mummee Israa'el Beeniyaamin Netaaniyaahuun ''duulli cimaan bakka Hamaas itti deeggarsa guddaa qabu'' irratti banamuu ibsan. Haata'u malee, hogganaan mirga namoomaa Dhaabbata Biyyoota Gamtoomanii Volker Tuurk garuu haleellaa kana ''guutummaa fi ifatti fudhatama kan hin qabneedha'' jechuun balaaleffataniiru.

    Bakka biraattis ammoo, komishiniin qorannoo Dhaabbata Biyyoota Gamtoomanii Israa'el Gaazaa keessatti duguuggaa sanyii raawwachaa akka jirtu adda baaseera.

    Hiiriirri gurguddoon Filisxemotaa gaarii harreetiin, konkolaataa meeshaalee olka'anii hidhaman ykn miilaasaanitiin gara kibbaatti yoo yaa'an mul'ataniiru.

    Raayyaan Ittisa Israa'el (IDF) namoonni gara 350,000 ta'an magaalaa Gaazaa baqachusaanii kan tilmaame yoo ta'u, haata'u malee, namoonni sana caalaa akka achumatti hafan yaadama.

    Lammiileen Filisxeem hedduun gara kibbaatti deemuu akka hin dandeenye yoo dubbatan, kaan ammoo Israa'el achittis haleellaa qilleensaa waan raawwatteef kibbaa fi giddu galeessa Gaazaas nageenya hin qaban jedhu.

    Gariin gara kibbaatti deemuuf yaalan garuu bakka dunkaana isaanii itti dhaaban waan hin arganneef gara Magaalaa Gaazaatti deebi'an jedhan.

  18. Namtichi doolaara miiliyoona dubartoota irraa waliin dhahe jedhame Joorjiyaatti to'atame

    Haaluma dookimantaarii mata duree 'The Tinder Swindler' jedhamuun Neetfleksiidhaan gadi dhiifameen, namni beekamaa ta'eefi kannaan dura yakka waliin dhahutiin irratti murtaa'e tokko Joorjiyaa keessatti to'annoo jala oolfamu aanga'oonni biyyattii beeksiisan.

    Lammiin Israa'el maqaansaa Saayiman Leeviiv jedhame tokko yeroo buufata xiyyaaraa Maatumii kan kibba lixa biyyatiitti argamu gahuutti akka to'annoo jala oolfamu kan taasifame haaluma gaaffii Intarpool dhiyeesseen ta'u ministirri dhimma biyya keessaa Joorjiyaa Wiixata beeksiiseera.

    Waliindhawuun namni umuriin waggaa 34 Leeviiv dubartoota jaalaleewwan isaa irratti raawwate hedduun akkasumas yakkiiwwan gara doolaara miiliyoona 10 akka ta'u tilmaamame kan saaxile fiilmiin qorannoo erga gadhiifameen booda beekkamtii argateere.

    Namni kun App jaalaleewwan ittiin barbaadamu Tinder jedhamu irratti ofiisaa akka ilma sooreessa daldalaa albuda almaazii gochuun of dhiyeessaa akka ture himameera.

    Haala akkasiitiin sobee erga dubartootatti dhiyaateen booda akka maallaqa liqeessaniif akka taasiseefi maallaqa liqeeffate akka hin deebiifne fiilimicha irratti mul'ateera.

    Maqaansaa dhugaa Shiimoon Yahudaa Haayuut kan ta'e Leeviiv garuu himannaawwan irratti dhiyaatan kanneen kanaan dura kufaa taasisee ture.

  19. Neetaaniyaahuun hoggantoota Hamaas biyyoota alaa jiran haleeluu hin dhaabu jedhan

    Ministirri Muummee Israa'el Beenjaamiin Neetaaniyaahuu hooggantoonni Hamaas ''bakka jiran hundatti ni adabamu'' jedhan.

    Kun aanga'aan Israa'el hooggantoota Israa'el biyyoota alaa jiran irratti haleellaa raawwachuu itti fufuuf karoora qabaachuu agarsiisa.

    Neetaaniyaahuun wayita Ministira Dhimma Alaa US Maarkoo Ruubiyoo waliin Jerusaalemitti ibsa kennan, biyyi hunduu ''diinasaanii daangaan ala jiran ofirraa qolachuuf,'' mirga qabu jedhan.

    Israa'el qilleensarraan wayita michuu US kan taate Kaataar haleelte Pirezidant Doonaald Tiraamp akka mufatan ibsanii turan.

    Hamaas haleellaa sanaan namoonni ja'a du'uu ibse, garuu hoogantoonni isaa baraaramuu hime.

    Odeessa kanarratti dabalataan dubbiifachuudhaaf karaa kanaan seenuu dandeessu.