Dargaggoonni Chaayina lama mana nyaataatti shoorbaa keessatti fincaaan isaanii fincaa'an maallaqa Chaayinaa Yuuwaan miiliyoona 2.2 (Doolaara 309,000; Paawundii 227,000) akka dhaabbilee nyaataa lamaaf kaffalan itti murtaa'e.
Taatee kun baatii Guraandhalaa keessa dhaabbata Chaayinaa damee Shaangaayii isa guddaa, Haidilao jedhamutti kan mudate yoo ta'u, dargaggoonni umuriin saanii waggaa 17 ta'u jedhameera.
Isaanis gochaa kana kan raawwatan miira machiitiin yoo ta'u, kanas toora interneetii irratti erga maxxansanii booda qeequmsaa cimaaa kaase.
Namni nyaata fincaan keessatti fincaa'ame kana namni omtu akka hin nyaanne kan himame yoo ta'u, haata'u malee, manni nyaataa guddichi Hayidiilaawoo jedhamus gochaa kanaan booda maamiltoota keessumeeffaman kumaatamaaf beenyaa kanfaluuf waada seeneera.
Ji'a Bitoteessaa keessa Haayidilaawoo kasaaraa Yuuwaan miliyoona 23 ol kan gaafate yoo ta'u, kunis maallaqa taatee kanaan walqabatee maamiltootaaf beenyaa kaffale tilmaama keessa galchuudhaan jedheera.
Jimaata darbe manni murtii Shangaayi dargaggoota kanneen mirga mana nyaataa kana sarbaniiru akkasumas maqaasaa balleessanii jechuun murte dabarseera.
Itti dabaludhaanis dargaggoonni kunnen meeshaa mana nyaanni itti bilchaatu faalaniiru, kanaanis ''ummata biratti naasuu uumeera'' jedhe.
Manni murtichaa maatii dargaggoota kanneenii ''itti gaafatamummaa sirnaan guddisuu isaanii hin baane'' jechuun beenyaa kana akka kanfalaniif murteessu miidiyaaleen mootummaa gabaasan.
Badii qaqabeef Yuwaan miiliyoona 2 akka kanfalan, kisaaraa meeshaalee mana nyaanni itti qopheeffamu irra qaqabeefi irratti fincaa'usaaniif ammoo Yuwaan kuma 130, dabalataan ammoo Yuwaan kuma 70 baasii adeemsa himannaa kanaatiif akka kanfalan manni murtichaa murteesseera.