Humnoonni Israa’el gudeeddii fi haleella saalaa biroo raawwachuu gabaasni UN mul'ise
Gabaasni haaraan Mana Maree Mirgoota Namoomaa Dhaabbata Biyyota Gamtoomanii irraa ba’e Israa’el Gaazaa keessatti duguuggaa sanyii raawwachaa jirti jechuun, “argannoo UN isa cimaa ta'eedha.
Gabaasni kun humnoonni nageenyaa Israa'el lammiilee Filisxeem Gaazaa irratti '' miidhaa saalaa fi koorniyaa irratti xiyyeefate '' qaqabssiisuu isaanis ibsa.
Kunis gochoota "gudeeddii, miidhaa saalqunnamtii, fi haleellaa saalaa biroo" kanneen "miidhamtoota irratti miidhaa qaamaa fi sammuu garmalee" geessisan dabalata.
Gabaasni kun akka jedhutti miidhaan saalaa ummata irratti raawwatame kun qaama tooftaa bal’aa adabbii waloo ummata Filisxeem guutuu cabsuu fi xiqqeessuuf kaayyeffate ta’uu ibseera.
Dabalataanis, humnoonni Israa’el tarkaanfiiwwan dhala dhorkuu hojiirra oolchuu isaanii bira ga'uufi haleellaa kilinika haala hormaata dhala namaa irratti hojjatu guddicha Gaazaa irratti raawwatame kaasuun, saamuda miciree dhala namaa gara 4,000 barbadeessuu gabaasichi eerera.