Barattoota qormaata kutaa 12ffaa qoraman keessaa 8.4% darban - Pirof. Birhaanuu
Qormaata kutaa 12ffaa ALI Bara 2017 barattoota qoraman keessaa barattoonni 8.4% ta'an darbuu Ministeerri Barnootaa beeksise.
Bu'aan qormaataa barattoota kutaa 12ffaa guyyaa Dilbataa barameera.
Ministirri Barnootaa Itoophiyaa Pirof. Birhaanuu Naggaa Dilbata waaree booda ibsa miidiyaaleef kennaniin barattoonni 8.4% ta'an qabxii 50% fi isaa ol fidaniiru jedhan.
Qabxiin kuni qabxiiwwan waggoota muraasa darban galmaa'aa ture keessaa isa fooyyee qabudha. Pirof Birhaanuunis kanuma mirkaneessan.
Barattoonnii qabxii isaanii Wiixata sa'aatii 6:00 eegalee akka ilaalan Ministeerri Barnootaa beeksiseera. Dabalataan dubbiifachuudhaaf asiin seenaa.