Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.

Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi

Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf

Doonii waraanaa Raashiyaa bishaan jala deemu rukuteen dhidhimse jette Yukireen

Taateen kuni suluula Kiriimiyaa keessatti mudachuutu gabaafame. Dooniin kuni dooniiwwan Raashiyaa afur bakkichaatii misaa’elaa furguggisan keessaa tokko jedhameera.

Guduunfaa

  • Sodaa waraanaan biyyoonni lammiileen isaanii atattamaan Libaanosii akka bahan dhaaman
  • Hogganaan Hamaas fageenya dhihootii ajjeefaman jette Iraan
  • WBO'n mootummaa Itoophiyaa waliin mariitti hin jiru jedhe
  • Doonii waraanaa Raashiyaa bishaan jala deemu rukuteen dhidhimse - Yukireen
  • Dorgommii Olompikii Paaris atileetonni Itoophiyaa itti eegaman itti fufeera
  • Taphoota liigii duraan Liivarpuul Yunaayitidiin, Siitiin immoo Chelsii injifatan
  • Haleellaan al-Shabaabiin 37 erga ajjeefaman booda Somaaliyaan qondaalota nageenyaa hiite
  • Ajjeechaa hogganaa Hamaas booda Iraaniifi Israa'el walitti dhaadatan

Haguuggii Tamsaasa Kallattii

  1. Inataagiraam akkaawuntiiwwan suuraa qullaa doorsisuun qarshii gaafatan 63,000 haqe

    Dhaabbanni Meettaa akkaawuntiiwwan Instaagiraamii Naayijeeriyaa suuraa qullaadhaan doorsisuun qarshii gaafatan haqe.

    Kanneen gowwomsaa akkasii raawwatan akka dubartiitti of dhiyeessuun namoonni suuraa qullaa isaanii agarsiisu akka isaanif kennan taasisuun booda qarshii yoo kennaniifi malee akka suuricha jalaa maxxansan himu.

    Namoonni yakka kanaaf saaxilaman sababa dhiphina, qoollifamuufi qaaniin hamma of ajjeesuutti gahaniiru.

    Meetaan ibsa gaafa Roobii baaseen akkaawuntiiwwan gochaawwan gowwomsaa akkasii raawwatan haqeera jedhe.

    ''Maallaqaaf jedhanii suuraa qullaa namaa fudhachuufi maxxansuun dhiibbaa hamaa qaba,'' jedhe.

    Dhaabbatichi gareewwan Feesbuukii 5,700 akkatti nama gowwomsan barsiisan haquus ibseera.

    Ogeessotaafi qondaaloti kanaan dura fayyadamtoonni miidiyaa hawaasa gowwomsitoota akkasiirra akka of eegan akeekkachiisaniiru.

    Caamsaa darbe dargaggoon Naayjeeriyaa ganna 16 Muraay Dooweeyi jedhamu yakkamtoota akkasiin irratti qiyyaafatamuun booda lubbuu ofii baaseera.

    BBC'nis Caamsaa darbe akkasuma miidiyaa hawaasaa irratti akkatti qullaa namootaa gowwomsanii fudhatan irratti qajeelfamni gurguramuu mirkaneesseera.

    Kanneen gowwomsaa akkasii raawwatan akka nama jaalala barbaadutti dhiyaataniiti suuraa qullaa ofii dha kan jedhan erguun kan nama irratti qiyyaafatanis gaafatu.

    Namoonni suuraa qullaa erganis maallaqa yoo ergan malee suuraan isaanii addabaabaayitti akka bahu itti himama.

  2. Pirezedant Baayiden erga filannoo pirezedantummaa keessaa bahanii booda maal ibsan?

    Pirezedant Joo Baayiden erga filannoo pirezedantummaa keessaa bahanii yeroo jalqabaaf Roobii gaglala waa’ee hojiiwwaan bara pirezedantummaasaanii galmaan gahanii dubbatan.

    Ummata Ameerikaacimsanii galateeffatan.

    Joo Baayiden akkaataa seenaa keessatti ilaalaman ykn yaadataman dubbachuuf carraa jalqabaa argatan.

    Egereen dimokiraasii Ameerikaa barruu harkasaanii keessaa jiraachuullee kaasan.

    Baayideen filannoo Ameerikaaf ji’oonni muraasni wayita hafutti pirezedantii Ameerikaa jalqabaa otoo aangoorra jirani lammaffaa filatamuuf dorgomuu dhiisan sababa ta’aniif garuu hin ibsine.

    Galmeen seenaa kanaan isaan yaadata. Sababa dorgomuu dhiisaniif cinaa deemanii akeekaniiru.

    Torbanoota muraasa’’ paartiikoo to tokkomsuun akka barbaachiisutu naaf gale’’ jedhan.

    Paartii dimokiraatootaa keessattilee ‘’xombora'' gara dhaloota haaraatti dabarsuun akka barbaachisu dubbatamaa turullee kaasan. Baayideen sababa Tiraamp Sadaasa dhuftu filannoorratti akka injifatu ifaatti hubatamaa dhufuu akka ta’e garuu otoo hin dubbatiin hafan.

    Baayideen Tiraamp waliin ji’a darbe wayita falman gahumsa gadaanaa agarsiisan jedhamuun paartii Dimokiraatootaa keessaa otoo hin hafiin qeeqni itti baayyatee ture.

  3. Awustiraaliyaan caccabaa doonii waggaa 55 dura dhidhimtee argatte

    Waggaa 55 dura dooniin MV Noongah jedhamtu dhidhimtee namoonni 21 lubbuun darbee amma caccabaan argame.

    Dooniin fe'umsaa meetira 71 dheerattu bulchiinsa Niiw Saawyz Weels irraa sibiila baattee otoo deemtuu bara 1969tti bubbeen hamaa itti dhufe. Achi buuteen ishee erga dhabamee seenaa Awustiraaliyaa keessatti barbaachi bal'aa jedhamu taasifame.

    Hojjettoota doonichaa 26 keessaa namooti shan bishaan keessaa yoo baafaman tokko qofaatu bayyanachuu danda'e.

    Yeroo ammaa Ejansiin Saayinsii Awustiraaliyaa kaartaa galaana keessaafi vidiyoo fayyadamuun yeroos balaan iddootti qaqqabe adda baasuu danda'eera.

    Dooniin sun rakkoon akka jiru mallattoo agarsiisuun daqiiqaa muraasaan booada gaafa Hagayya 25 dha kan dhidhimte.

    Xiyyaara, helikooptara, humni galaanarraa namoota lubbuun hafan argachuuf sakatta'a bal'aa adeemsifamee ture.

    Sa'atii 12 keessatti namoota lama iddoo gargaraatti yoo argan, sadii ammoo mukatti rarra'anii argaman jedha miidiyaa biyya keessaa.

    Ergasii carraan hojjettootaafi achi buuteen doonicha icciitii taheeeti tureera.

  4. Ashamaa hordoftoota keenya!

    Har'as odeessaalee addunyaa fi biyyaa jala jalaan isin biraan gahu itti fufna.

    Nu waliin turaa.Guyyaa gaarii!

  5. Mormitoonni wayita poolisiin walitti bu'an suuraadhaan

  6. Mormitoonni harkisaanii cancalaan hidhame

    Poolisiin namoota sadii harkasaanii cincilaan hidhamee Waashingitan DC keessatti, buufata Yuuniyeen alatti qaba.

    Tuutni mormitootaa “haa deeman” jedhanii iyyan namoota to'ataman kanneen marsaa turan.

    Kunis kan ta'e erga alaabaa Ameerikaa gubatamee fi siidaan Buufata Yuuniyeeniin alatti argamu manca'een booda.

    Hanga ammaattis namoonni shan to'atamu poolisiin beeksiise.

  7. Mormiin Washingtan DC keessatti hammaate

    Ameerikaa Waashingitanitti Buufata Yuuniyeenii alatti, mormiin daran dabalaa jira.

    Poolisiin namoota wayita dhidhiitu gabaasaan BBC kan arge yoo ta'u, namni tokko ammoo alaabaa Ameerikaa ibidda yoo itti qabsiisu mul'ate.

    Alaabaan Ameerikaa Waashingitan buufata baaburaa alatti balali'u alaabaa Filisxeemiin bakka buufame.

  8. Dolaara sobaa to'achuu hanga pirezidantota Ameerikaa eeguutti

  9. Naannoon Amaaraa dararaa hidhattootni namoota nagaarratti raawwataniin 'seenaa qaanessaa' jedhee balaaleffate

  10. Pireezidant Ruutoon aangoo Ministeeraa afur dhaaba Raayilaa Odiingaaf kennan

    Mormii mootummaa isaaniirratti hammaachaa jiru tasgabbessuuf Pirezidaantiin Keeniyaa Wiliyaam Ruutoo michoota hogganaa mormituu biyyattii jabaa Raayilaa Odingaa kaabinee isaaniitti makataan.

    Ruutoon garee mormitootaaf ministeera faayinaansiifi anniisaa dabalatee bakka aangoo guguddoo afur kennaniiru.

    Raayilaa Odiingaa bara 2008 kaabinee pirezidaantii yeroo sanaa Muwaaay Kibaakii keessatti ministeeraa muummee ta’uun tajaajilanii as mormitoonni mootummaa keessatti muudamanii yeroo tajaajilan kun isa jalqabaati.

    Murteen Pirezidant Ruutoo yeroo pirezidaantummaa isaanii keessatti rakkoo guddaa isaan mudate yoo ta’u, dargaggoonni hashtag #RutoMustGo jedhuun aangoo akka gadhiisan daandii irratti bahuun isaanii ni yaadatama.

    Pirezidant Ruutoon haasaa har’a ummata biyyattiif taasisaniin, Keeniyaa biyya badhaateefi jijjiiramte gochuudhaaf ''mootummaa bu'uura bal'aa'' ijaaruu irratti bal'inaan mari'achuu isaanii dubbataniiru.

    Haata'u malee, mormitoonni garuu mootummaa ''bu'uura bal'aa'' qabu kan jedhu kun waliigalteewwan namoota siyaasaa Keeniyaa gidduutti taasifamu qofadha malee gaaffii dargaggoonni kaasanii deebii hin ta’u jechuun fudhataa dhabsiisniiru.

    Miseensonni mormitootaa afran aangoon ministerummaa kennameef:

    John Mbadi (faayinaansii, Keeniyaatti tiriizharii jedhamee kan waamamu) .

    Opiyo Wandayi (annisa fi boba'aa) .

    Hasan Joho (dinagdee albuudaa fi petirooliyeemii) fi

    Wycliffe Oparanya (waldaa hojii gamtaa fi misooma dhaabbilee maayikiroo, xixiqqaafi giddu galeessaa).

    Pirezidant Ruutoon walumaagalatti miseensota kaabinee 10 muuduun kaabinee isaanii 21 taasisaniiru.

    Muudamni kaabinee Keeniyaa keessatti hayyama paarlaamaa kan qabu yoo ta’u, kunis paartileen gurguddoon lamaan waliigaltee waan raawwataniif ta’uu hin oolu.

    Ruutoon bara 2022 filannoo tureen Mr Odingaa erga injifatanii booda aangoo qabataniiru.

    Dargaggootaaf carraa dinagdee guddaa akka argatan waadaa galaniiru, garuu isaan biratti deeggarsa guddaa dhabaniiru.

    Ji'a darbe mormii ummataa mudateen booda daballii gibiraa labsiin dabarsan akka haqamu gochuuf dirqamaniiru.

    Lammiileen Keeniyaa gibira dabalataa kan yeroo rakkoon qaala’insa jireeyaa hammaacha ajiruufi malaammaltummaafi qisaasamni qabeenyaa mootummaa keessatti bal’inaan mul’achaa jiruttidha.

  11. Daandiin Qilleensaa Itoophiyaa sababa imalli gara Asmaraa akka adda citu murtaaheef gaafachuu beeksise

  12. Balaa xayyaaraa qaqqabeen balaliisaan ala imaltoonni hundi lubbuun darbe

    Xayyaarri Roobii har'aa magaalaa guddoo Neppaal Kataamaanduu irraa ka'e kufee caccabuun ibidda qabateen yoo xiqqaate namoonni 18 du'an.

    Balaliisaan xayyaarichaa lubbuun kan hafe yoo tahu yeroo ammaa kana hospitaalitti wal'aansa argachaa jira.

    Balalii yaalii Daandii Xiyyaaraa Saawuriyaa irra hojjettota xiyyaarichaa dabalatee namoota 19tu keessa ture. Indaastiriin aveeshinii Neppaal gama nageenya balaliin seenaa gaarii kan hin qabne yoo tahu qilleensa hamaafi to'annoo laafaa qabaachuun balaa uumamuuf sababa turan.

    Balaliin yaalii taasifamaa tures gara magaalaa hawwata turizimii Pookhaaraa jedhamtuu kan imalaa ture dha.

    Viidiyoowwan miidiyaa hawaasaa irratti qoodamaa turan yeroo xayyaarri ibidda qabatu kan agarsiisaa turan yoo tahu taatee kanaan booda ambulaansiin gara iddichaatti yoo ariifatan mul'ateera.

    Taateen kuni ganama sa'atii 02:30 kan mudate yoo tahu kunis Buufata Xiyyaaraa Tiriibuuvaan irraa ka'ee daqiiqaa muraasaan booda akka tahe qondaaloti aveeshinii biyyattii himan.

    Ibsi baasan akka jedhutti xayyaarri ''gara mirgaattii dacha'ee lafa ka'urraa gara bahaan caccabe.''

    ''Ibiddi qabate battaluma to'annoo jala ooluun hojiin baraaruu jalqabe,'' jedha ibsi bahe. Namoota lubbuun darbe 17 lammiilee Neppaal yoo tahan tokko lammii Yamanii dha.

  13. Oduu Joo Baayidan du'uuf turan jedhu 'soba'

    Torbanoota darban keessa oduu pirezidantiin Ameerikaa du'uuf jedhu miidiyaalee hawaasaa hedduu irratti maxxanfamuun qalbii namoota hedduu keessa galeera.

    Garuu kan odeessa kana ragaan mirkaneessu dhiyaate hin jiru. Joo Baayiden, manguddoon ganna 81 dhibee Covid-19 qabamuun bayyaannataa jiru.

    Hakiimonni Waayit Haawus haala gaarii irra jiru jedhan. Akkasis tahee odeeffannoo sobaa fi dogoggorsaan miidiyaalee hawwaasaa irratti maxxanfamuu hin dhiisne.

    BBC Verify odeeffannoowwan miidiyaa hawwaasaa irratti qoodaman kanneen ilaaleera.

    Maxxansi X maqaa 'Ryan Fournier' tokko si'a miliyoonota ilaalame. ''Joo Baayideniif kunuunsi addaa kennamaaf jira. Lubbuudhaan waan oolan miti'' jedhe.

    Maxxansi biraa fuula beekamaa 'Cherlie Kirk' jedhu si'a miliyoona 20 ilaalame.

    Odeeffannoon bilbilaan argadhe akka agarsiisutti Joo Baayiden akka malee dhukkubsachuun hospitaala Joon Hokiinsi galaniiru.

    Odeeffannoon poolisii Laas Veegasii argadhe garuu Baayiden ''du'uu hin hafan'' kan jedhudha jechuun maxxanse fuulli kun.

    Garuu erga filannoo keessaa bahuu isaanii ibsaniin booda Wiixata gara galgalaa Joo Baayiden uummatatti mul'atanii Kamaalaa Haaris akka deeggaran ibsaniiru.

  14. Mormii mootummaa Baangilaadeshin yoo xiqqaate namoonni 150 ajjeefaman

    Baangilaadeshitti mormiin mootummaa irratti ka'e du'aatii namoota hedduuf sababa tahe.

    Barattoonni yuunvarsiitii mormiif bahan poolisii waliin walitti bu'uun namoonni 150 tahan ajjeefamaniiru.

    Barataan BBCtti dubbate tokko hiriirri nagaa magaalaa Daakaatti qophaa'e karuma nagaa adeemsifamuuf ture.

    Garuu yeroo barattoonni walitti qabaman poolisiin dhufee haleellaa banuun ''balleesse'' jedhan.

    Hogganaan barattootaa hospitaalatti yaalamaa jiru namoonni poolisii ofiin jedhan ijasarra hidhuun akka dararaa hamaa irraan gahan hime.

    Hakiimni kutaa yaala hatattamaa dargaggoonni hedduu rasaasaan madaa'uun yaalaaf hospitaala galuu himan.

  15. Yugaandaatti mormii mootummaa irratti taasifameen namoonni kurnaan lakkaa'aman qabaman

    Magaalaa guddoo Yugaandaa Kaampaalaatti mormii farra malaammaltuummaa Kibxata kaleessaa paarlaamaa fuulduratti bahameen namoonni kurnaan lakka'aman qabaman. Hiriirtonni dhorkaa mormii irratti kaa'ame cabsuun bahan.

    Akka ogeessonni seeraa jedhanitti nama miidiyaa beekamaafi dargaggoota mormii hogganan dabalatee namoonni 60 tahan jarjarsaan dhaddachatti dhiyaataniiru.

    Pireezidant Yuweerii Museeveenii Yugaandaa waggaa 40tti siquuf bulchan kanneen hiriiratti bahan ''ibidda wajjin taphachaa jiru,'' jedhan.

    Mormiin kuni miidiyaa hawaasaa irratti kan qindaa'e yoo tahu qondaalota mootummaa olaanoo dabalatee himannaa malaammaltummaa dheekkamsa kaase.

    Hiriirri mormii Yugaandaa kuni mormii baatii darbe biyya ollaa Keeniyaatti taasifamee pireezidantiin biyyattii Wiiliyaam Ruutoo daballi gibiraa karoorsanii turan akka haqan taasiseetu dhibbaa godhe.

    Kanaan dura poolisiin hiriira kamiyyuu akkasumas waan ''nagaafi nageenya'' yaaddessu akka hin eeyyamne beeksisee ture.

    Kibxata kaleessaa qaamoti nageenyaa karaa cufaafi naannoo gamoo paarlaamaa eegumsa gochaa turan.

    Hiriirtonni dhaadannoo ''malaammaltummaa dhaabaa'' qabatanii kan bahan yoo tahu paarlaamaa ammoo ''dahoo hatttootaa'' yoo jedhan mormii nagaa akka adeemsisaniis himaniiru.

    Hiriirtonni kunneen poolisiin qabamanii yeroo konkolaataa keessa galfaman mul'ataniiru.

  16. Lammiin Ispeen xalayaa jaha waliin boombii ministira muummeetti erge hidhaan adabame

    Hojjetaan mootummaa soorama bahan bara 2022 xalayaa jaha keessa meeshaa dhohu gochuun gara ministira mummee Ispeenitti ergan hidhaa waggaa 18'n adabaman.

    Manguddoon ganna 76 xalayicha kan ergan ministirri mummee Ispeen deeggarsa waraanaa Yuukireeniif taasisan akka dhaabaniif xalayicha erganiif.

    Namni Poompeyoo Gonzaalez Paasku'al jedhamu erga ji'a Amajjii magaalaa Kaaba Ispeen Miraandaa de Ebroo jedhamtu keessatti hidhamaniiru.

    Manni Murtii Yakkaa Olaanaa Ispeen namni xalayaa barreesse kun yakkamaa tahuu hime.

    Namni kun xalayawwaan kan barreessee erge MM Ispeen Peedroo Saancheez, ambaasadaroota Yuukireenii fi Ameerikaa, Ministira Humna Ittisaa Ispeen, Margaariitaa Roobelsi, kaampaanii meeshaalee waraanaa oomishu Istaalaazaa fi Gidduugala Satalayiitii Gamataa Awurooppaa cinaa magaala Maadiriditti argamuufi.

    Yakka shororkeessummaaf waggaa kudhan meeshaalee dhohan qopheessuu fi xalayaa kana waliin erguun namoota kanneen shororkeessuudhaaf ammoo hidhaan waggaa saddeetii itti murtaa'e.

  17. 'Waraanni Sudaan gara daangaa Itoophiyaa dhiyaachaa jira'-Ministeera Haajaa Alaa

  18. Paaris sagantaa Olompikiif nagaa eegsiftoota 75,000 ramadde

    Paariis seenaa Faransaayi keessatti nagaa eegsiftoota baayyee jedhaman - poolisii, loltuufi eegdota 75,000 sagantaa Olompiikiidhaaf ramadde.

    Pireezidantiin biyyattii Imaanu'el Maakiroon sagantaa Olompikii guyyaan tokko hafeeef ''qophoofnee jirra'' jechuun labsaniiru.

    Daandiifi buufataaleen baabuuraa kan cufaman yoo tahu keellaawwan 44,000 tahan dhaabamaniiru.

    Poolisoota Biriitish 250fi sareen poolisii 50 tahan torban dhufu Firaans galu. Haaluma wal-fakkaataan poolisoonni biyya alaa 1,750 tahan Ispeen, Jarmanii, Kooriyaa Kibbaa fi Kataar irraa Firaans galu.

    There has also been direct military cooperation between France and the UK on anti-drone technology, particularly during the opening ceremony.

    Firaansi fi UK'n sagantaa baniinsa irratti e

  19. Ashamaa hordoftoota keenya!

    Odeessaalee BBC Afaan Oromoo kallattiin isin biraan geenyu eegalle.

    Waan addunyaa fi biyyi itti jiran jala jalaan isin biraan geenya.

    Nu waliin turaa! Lafa nagaa oolaa!

  20. Haaris duula filannoo jalqabaan Tiraamp cimsanii qeeqan, Tiraamp deebii kennan