Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.

Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi

Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf

Doonii waraanaa Raashiyaa bishaan jala deemu rukuteen dhidhimse jette Yukireen

Taateen kuni suluula Kiriimiyaa keessatti mudachuutu gabaafame. Dooniin kuni dooniiwwan Raashiyaa afur bakkichaatii misaa’elaa furguggisan keessaa tokko jedhameera.

Guduunfaa

  • Sodaa waraanaan biyyoonni lammiileen isaanii atattamaan Libaanosii akka bahan dhaaman
  • Hogganaan Hamaas fageenya dhihootii ajjeefaman jette Iraan
  • WBO'n mootummaa Itoophiyaa waliin mariitti hin jiru jedhe
  • Doonii waraanaa Raashiyaa bishaan jala deemu rukuteen dhidhimse - Yukireen
  • Dorgommii Olompikii Paaris atileetonni Itoophiyaa itti eegaman itti fufeera
  • Taphoota liigii duraan Liivarpuul Yunaayitidiin, Siitiin immoo Chelsii injifatan
  • Haleellaan al-Shabaabiin 37 erga ajjeefaman booda Somaaliyaan qondaalota nageenyaa hiite
  • Ajjeechaa hogganaa Hamaas booda Iraaniifi Israa'el walitti dhaadatan

Haguuggii Tamsaasa Kallattii

  1. Pirezedantiin Iraan ajjeechaa Haaniyaaf Israa’el haaloo bahuuf dhaadatan

    Pirezedantiin Iraan Masuud Pezeshkiyaan Israa’el ‘’maal dhibdeedhaan’’ Haaniyaa ajjeessu isheetti ‘’akka gaabbitu goona’’ jedhan.

    Itti dabaluun Iraan daangaa ishee, kabajaa ofii ni tikfatti’’ jedhan.

    Pirezedantiin Iraan Masuud Pezeshkiyaan qondaala olaanaa Hamaas ajjeefame Haaniyaa’’hogganaa goota’’ jechuun ibsa isaanii keessatti leellisuu AFP’n gabaase.

    Hoggaanaan dame siyaasaa Hamaas Kataar keessa maadheffatan kun sirna muudama Pirezedantii Iraan haaraa Pezeshkiyaan irratti hirmaachuuf Teheraan dhaqan.

    Gaggeessaa olaanaa Iraan Ayaatolaa Alii Komeeniin ajjeechaa Haaniyaa halo bahuun’dirqama Teheraani’’ jedhan.

    Israa’el ajjeechaa kana raawwachuu amatti hin amanne.

  2. Kataar ajjeechaa Haaniyaa ‘yakka sukanneessaadha’ jechuun balaaleffatte

    Ajjechaa Ismaa'el Haaniyaa ilaalchisuun Ministeerrii Dhimma Alaa Kataar ibsa baaseen’’ajjeechaa suukaneessaa, dubbii hamtuu fi seera idil addunyaa fi waraanaa kan darbe’’ jedhan.

    Ministeerrii Dhimma Alaa Kataar’’ajjeechaan kuni fi amalli Israa’el namoota siviliiirratti qiyyaafachuu itti fufte kun naannicha muddama keessaa kan seensisu fi carraa nageenyatti deebi’uu kan booreessu’’ jedhan.

    Haa ta’u malee Israa’el dhimma ajjeechaa qondaala olaanaa Hamaas kana ilaalchisuun amma yoonaatti yaada hin kennine.

  3. Iraan dhiigni Ismaa'il Haaniyaa 'akkasumaan dhangala'ee hin hafu' jette

    Iraan ajjeechaa Ismaa'il Haaniyaan dheekkamuu ibsite.

    Ministirri Dhimma Alaa Iraan, Naaser Kanaanii, gadda isaanii ibsachuun Ismaa'il Haaniyaa ''loltuu jabaa ittiin boonan'' jechuun ibsan.

    IMarsariitii Ministira Dhimma Alaa Iraan irratti Kananiin dhiigni Haaniyaa ''akkanumaan dhangala'ee hin hafu'' jedhan.

    Iraan haala ajjeechaa kanaa qorachaa jiraachuu himan.

    Garuu ajjeechaan kun tokkummaa Iraanii fii Filisxeem ''haalaan kan jabeessu'' jedhan.

    Dubbii himaan Humna Waraanaa Israa'el ''haalicha qorachaa jiraachuu himan.

    Dubbii himaan humna waraanaa Israa'el Daani'eel Hagaarii, imaammata humna ittisa biyyaarratti waanti jijjiirame hin jiru'' jedhan.

    X irratti ''Amma Humni Ititisa Israa'el haala jiru qorataa jira'' jedhan.

    ''Yoo waanti jijjiirame tokko jiraate kan isin beeksifnu taha'' jedhan.

  4. ‘Waraannii Baha Gidduugaleessaatti bal’aatti waan eegamu miti’-Ministira Ittisaa Ameerikaa

    Ministirri Ittisaa Ameerikaa Liyood Ostiin Waraanni bal‘aan Baha Giddulgaleessaatti ka’a jedhanii akka hin eegne dubbatan.

    ‘’Waraanni Baha giddugaleessaatti bal’ata jedhee hin yaadu, Kana nan eega.Yeroo hundumaa dippilomaasiif ulaan jira’’ jechuun Filiippinsitti wayita imalan dubbatan.

    Ostiin gabaasa du’a Haaniyaarratti yaada hin kennine.

    Gama biraatiin Yuunvarsiitii Joorjitaawonitti Pirofeesarri qorannoo Baha Giddugaleessaa kan ta’an Naadir Hashimii garuu ajjeechaan qondaala Hmaas ijoo kanaa naannichatti wal waraansa duraan ture caala hammeessa jedhan.

    ‘’Kuni jijjirama guddoo qabaata. Ajjeechaan kun taatee Libaanos keessa jirurrattis dhiibbaa qaba.

    Sababni isaa sa’aatiiwwan muraasa dura Israa’el hogganaa Hezbollaaah Kibba Libanoonisitti ajjeesuuf yaalaa turte.

  5. Tarkii fi Raashiyaan ajjeechaa hogganaa Hamaas irratti raawwate balaaleffatan

    Ajjeechaan hogganaa olaanaa Hamaas erga dhagahamee biyyoonni adda addaa yaada kennaa jiru.

    Raashiyaa fi Tarkiin ajjeechaa kana balaaleffataniiru.

    Ministeerri Dhimma Alaa Raashiyaa ajjeechaa Haaniyee irratti gaggeeffame ''ajjeechaa siyaasaa gonkumaa fudhatama kan hin qabne'' jedhe.

    Itti aanaan ministera dhimma alaa biyyittii ajjeechaan qondaala olaanaa Haamaas kun ''muddama hamaa gara biraa naannichatti fida'' jedhan.

    Ministerri Dhimma Alaa Tarkii ammoo ''ajjeechaa qaanessaa Teeraanitti raawwate'' jedhe.

    Haleellaan kun waraanni Gaazaa keessa ture gara naannicha kaaniitti akka babal'atu taasisa jedhe.

  6. Ismaa'il Haaniyaa misaa'ela qiyyeeffannaa isaanii to'atamu 'guided missile' jedhamuun ajjeefaman

    Hogganaa olaanaan Hamaas Ismaa'il Haaniyaa misaa'ela qiyyeeffannaa addaaf oolu 'guided missile' jedhamuun ajjeefamuu miidiyaan Sawudii Al Hadaat hime.

    Ajjeechaan misaa'elaan gaggeeffame kun mana jireenyaa isaa Teheraan jiru irratti kan qiyyeefate tahuu ibsame.

    Miidiyaan Fars News jedhamuufi Humna Eegdota Warraaqsa Iraanitti hidhata qabu ammoo Haaniyeen mana jireenyaa qondaalota gameeyyiif kennamu Kaaba Teheraan keessa jiraachaa ture jedhe.

    ''Meeshaa dhohu qilleensarraan dhufeen ajjeefame'' jedhe.

  7. Israa'el haleellaa Beeruut keessatti raawwatteen ajajaa olaanaa Hezboollaa ajjeesuu himte

    Haleellaa handaara magaalaa guddoo Lebaanan- Beeruutitti Israa'el raawwachuu himtu kanaan yoo xiqqaate namni tokko ajjeefamuu fi hedduun madaa'uutu ibsame.

    Dhohiinsi lubbuu namaa galaafatee fi hedduu madeesse kun kibba magaalaa Beeruut maandhee hidhattoota Lebaanan irratti mudate.

    Humni waraanaa Israa'el xiyyeeffannaan isaanii ajajaa olaanaa Hezboollaa kan ta'e Fu'aad Shukur ta'uu ibse.

    Aanga'oonni Israa'el haleellaa rookeetii qubsuma Israa'el humnaan qabatte- Goolan Haayit (Golan Heights) irratti Sambata darbe raawwateef nama kana himatan.

    Haleellaa sanaan namoonni 12 ajjeefamaniiru, hedduunsaanii ijoolleedha.

    Hezboollaan haleellaa sana keessaa harka akka hin qabne ibse.

    Ministirri Muummee Lebaanan Najiib Mikaatii ''weerara balaafamaa Israa'el ifatti gaggeessaa jirtu,'' jechuun tarkaanfii kana balaaleffatan.

    Haleellaa kanaan namni tokko ajjeefamuu malee, kan du'e qondaala olaanaa Hezboollaa Fu'aad Shukur ta'uun ifa miti.

    Maddeen nageenyaa Beeruut jiran xiyyeeffannaan Israa'el gamoo qondaaltonni Hezboollaa keessa turan akka hin taane ibsu.

    Hezboollaan dhimma kanarratti hanga yoonaa homaa hin jenne.

  8. Tamsaasa kallattii eegalle!

    Akkam bultan?

    Tamsaasa kallattii keenya har'aan odeessaalee biyya keessaa fi addunyaa mara irra jiran isin biraan geenya.

    Keessattuu dhimma ajjeechaa qondaala olaanaa Hamaas Ismaa'il Haniyyeeh, dhimma imaammata diinagdee haaraa Itoophiyaa irratti akkasumas taateewwan Hizboollaa fi Israa'el waliin walqabatee mudatan irratti xiyyeeffachuun odeeffannoo jiran isin biraan geenya.

    Nu hordofaa!

  9. Tamsaasi kallattii xumurame!

    Tamsaasi kallattii BBC Afaan Oromoo Kibxata galgalaa obba'e.

    Roobii ganama walitti deebina.

    Nagaan bulaa!

  10. Israa'el 'guyyaa adii nu weerarte' jechuun Ministirri Muummee Libaanos qeeqan

    MM Libaanos Najib Mikaati haleellaa Israa'el Beerut irratti raawwate jabeessanii qeeqan.

    Najiib haleellaa Israa'el kana ''guyyaa adii nu weerarte'' jechuun ibsan.

    Haleellaa Israa'el Beerut irratti galgala kana raawwatte ''yakka'' jechuun ibsaniiru.

    Israa'el seera idil-adunyaa cabsuun oppireeshinii walitti fufinsaan gaggeessuun namoota nagaa ajjeesaa turte jedhan Najib Mikaatii.

    Ministirri Dhimma Alaa biyyattii Abdallaa Boo Habiib mootummaan isaanii Mootummoota Gamtoomanittii iyyachuuf qophii tahuu himaniiru.

    Itti dabaluun Rooyitarsitti akka himanitti, Hezboollaan haleellaa deebii fudhachuun haalicha kana irra akka hin hammeessine abdii qabu.

  11. 'Israa'elii fi Hezboollaa gidduutti waraanni waan eegalu miti' - Waayit Haawus

    Mootummaan Ameerikaa Israa'elii fi Hezbollaa gidduutti ''waraanni humna guutuun gaggeeffamu'' waan mudatu miti jedhe.

    Pires Sekiratariin Waayit Haawus Kaarin Jiin- Piiyeer daqiiqota muraasa dura akka dubbatanitti, pirezidanti Baayiden ''waraana kana dhaabsisuun ni danda'ama'' jedhanii amanu jedhan.

    Waayit Haawus wal dhabdee gidduu isaanii [Israa'elii fi Libaanos] karaa dippilomaasii furuun lammiilee nagaa Libaanosii fi Israa'el akka ''qe'ee isaaniitti deebi'anii jiraatan'' gochuun waan danda'amudha jedhanii amanu jechuun dubbatan.

    Waraanni akka naannichatti babal'atu hin barbaannu, karaa dippilomaasii furuun danda'ama jechuun Baayidan amanu jedhan.

    Israa'el Kibba Beerut iddoo buufata waraanaa Hezboollaati jette irratti qiyyaafachuun haleeluu ibsiteetti.

  12. Israa'el ajajaa Hezbollaarratti qiyyaafatte - gabaasota

    Israa’el eenyummaa ajajaa Hezbollaa irratti qiyyaafadhee dhukaase jette ammatti hin ibsine.

    Rooyitarsiifi AFP’n garuu maddeen eeruun namni kuni Fuwaad Shukrii akka jedhamuufi haleellaa irratti raawwaterraa lubbuun ooluu gabaasan.

    Akka Ameerikaan jettutti, Shukriin dhimmoota waraanaarratti gorsaa olaanaa hoogganaa Hezbollaa Hasan Nasrallaati.

    Nasrallaan Mana Maree Jihaad jedhamuufi qaama waraanaa olaanaa Hezbollaa keessatti hirmaatu.

    Shukriin Sooriyaa keessatti duula waraanaa pirezidantii biyyattii Bashir al-Asaad deegaruurratti hirmaateera.

    Kana dura Ameerikaan nama bakka Shukriin jiru dubbateef dolaara miiliyoona shan akka kennitu ibsiteetti.

    Akka Ameerikaan himattutti, Shukriin haleellaa bara 1983 Beerut keessa raawwateefi miseensota waraanaa US 241 galaafate keessatti ‘’qooda olaanaa’’ qaba.

  13. 'Hezbollaah sarara diimaa qaxxaamure' - Ministeera Ittisaa Israa'el

    Ministirri Ittisaa Israa’el Yoov Gaalaant miidiyaa hawaasummaa gubbaatti waan kana malee waan biraa hin dubbanne.

    Haleellaan kuni erga haleellaa Gaarreen Goolaanitti haleellaa raawwateen daa’immaniifi ol adeemtonni 12 ajjeefaman booda mudate.

    Haleellaa sanaaf Israa’el Hezbollaa himatte, garichi garuu ni waakkate.

  14. Gaazexeessituun BBC aara kibba Beerutii mul'atu waraabde

    Gaazexeessituun BBC Nafiiseh Konaavaard gubbaa mana isheetii dhaabattee aara kibba magaalaa Beerutitti mul’atu bilbilaan waraabdeetti.

    Bakki aarri irraa mul’atu Daahiyeh jedhama jechuun ibsite.

  15. Haleellaa Beerut suuraan

    Bakkee haleellaan raawwate maal akka fakkaatu reefu madda oduu Rooyitarsirraa suuraa arganneerra.

    Haleellaa kibba magaalaa Beerut raawwate haleellaa qilleensaan raawwatu hin oolle jedhameera.

    Suuraan lammataa namoonni walitti qabamanii mul'isa.

  16. Amma nu gahe, Israa'el Beerut keessatti haleellaa raawwachuu mirkaneessite

    Waraanni Israa’el magaalaa guddoo Libaanos, Beerut keessatti haleellaa ajajaa Hezbollaarratti qiyyaafate raawwachuu beeksise.

    Haleellaan kuni haleellaa Gaarreen Goolaan irratti raawwateef deebii kennuuf akka ta’e ibse.

    Haleellaa rokeetii guyyaa Sambata raawwateefi daa’immaniifi ol adeemoon 12 ta’an galaafate, Israa’el Hezbollaatu raawwate jechuun himatteetti.

    Bakki itti ajjeefaman kunis bakkeewwwan Israa’el humnaan fudhattedha.

    Humni qilleensaa Israa’el kana haa jedhu malee hidhattooti Iraaniin deeggaraman kuni waakkataniiru.

  17. Paarlaamaan Itoophiyaa boru waliigaltee liqii raggaasisuufi

    Maddeen BBCtti akka himanitti, paarlaamaan Itoophiyaa yaa’ii ariifachiisaa boru taa’uun waliigaltee liqii akka raggaasisutu eegama.

    Af-yaa'iin Mana Maree Bakka Bu'oota Itoophiyaa Obboo Taaggasa Caafoo, guyyaa Wiixataa miseensota paarlaamaa boqonnaarraa waamaniiru.

    Waliigatee sadarkaa addunyaa mootummaan raawwatu fi murtoo mana marichaa barbaadu akka raggaasisu heera mootummaatu eeyyama.

    Manni maree bakka bu’oota ummataa waliigaltee liqii kam akka ragaasisu ifatti ibsuu baatus, Dhaabbanni Maallaqaa Idil-addunyaa liqii dolaara Ameerikaa bil. 3.4 Itoophiyaaf kennuuf murteesseera.

    Maallaqa kana keessaa dolaarri biliyoonni tokkoo saffisaan Itoophiyaaf akka kennamu boordiin hojii raawwachisaa dhaabbatichaa kaleessa murteesseera.

    Liqiin waggoota afran dhufan keessatti Itoophiyaaf liqeeffamu foyya’insa dinagadee biyyatti deeggaruu, dingadee waliigalaa walsimsiisuu, liqii maallaqaa ittifufinsaan akka kaffalamu tumsuu fa’aaf oola.

    Dhaabbanni Maallaqaa Addunyaa kun dhimma kana kan beeksise, Itoophiyaan gabaa sharafa maallaqa biyyoota alaa gabaarratti akka hundaa’u murteessuu fi sharafa doolara Ameerikaa waliin qabu dhibbentaa 30 laaffisuu hordofeeti.

  18. Sigiga lafaa Goofaatti mudate booda namoonni 13 achi buuteensaa dhabameera- Komishinii Hooggansa Sodaa Balaa

    Balaa sigiga lafaa Naannoo Kibba Itoophiyaa Godina Goofaa Aanaa Gazzee Goofaatti mudateen lubbuun namoota 250 caalanii yoo darbu, namoonni 13 hanga ammaatti achi buuteensaanii dhabameera jedhe Komishiniin Hooggansa Sodaa Balaa.

    Namoota 10 du'arraa baraaruun akka danda'ame kan ibse komishiniin kun, namoonni 1,600 caalan gandoota balaan kun keessatti mudaterraa kaafamuun qubsiifamaniiru jedhe.

    Akka ibsa komishinii kanaatti uummata gandoota lamaan balaan keessatti mudate keessa jiraatan kuma 14 caalan keessaa 6,600 kan ta'an balaa kanaaf kan saaxilaman yoo ta'u, hanga ammaatti deeggarsi adda addaa birrii miiliyoona 71tti tilmaamu akkasumas deeggarsi maallaqaa birrii miiliyoona 18.5 ta'u namoota miidhamaniif taasifameera.

    Gandoota aanaa Gazzee Goofaa keessatti argaman 29 keessaa 15 balaa sigiga lafaaf saaxilamoodha, kanaaf uummata gandoota balaa sigiga lafaaf saaxilamoo ta'an keessa jiraatu bakka biraatti dabarsuuf hojjetaa jiraachuu ibse komishinichi.

    Waliigalatti uummata kuma 15 balaa kanaaf saaxilamoo ta'an, akkasumas miidhaman deebisanii dandamachiisuuf hojjetaa akka jirus ibseera.

  19. Balaa sigiga lafaa Indiyaatti mudateen namoonni 63 du'an

    Indiyaa bullchiinsa Karalaa keessatti rooba cimaa rooben sigigni lafaa mudatee namoonni 56 ta'an yoo du'an heddu ammoo danqamanii jiru jedhame.

    Hojiin lubbuu baraaruu gaggeeffamaa jiraatus ammayyuu roobni cimaan roobaa jiru danqaa guddaa ta'ee jira jedhama.

    Hanga ammaa namoota 250 baraaramuufi isaan keessaa 70 kan ta'an hospitaalatti waldhaansi godhamaafii akka jiru himan Deetan Minisiira Fayyaa biyyattii Veenaa Joorj.

    Viidiyoowwan miidiyaa hawaasaa irratti qoodaman lolaa cimaan daandii kutee manneen namootaa haratee yeroo deemu ni mul'ata.

    Jiraattonni Rooyitarsitti akka himanitti naanichatti sigigi lafaa bakkee saditti mudateera, sababa sigiga lafaan riqichi guddaanis jiguu himan.

    Hojjattoota balaa tasaa naannoo kan biyyaalessaa dabalateen humni waraanaa biyyattiis hatattamaan gara iddoo balaan sigiga lafaa itti mudateetti bobba'uun hojii lubbuu baraarufi kanneen biyyoon irratti jijjige akka barbaadan ni godhamu jedhame.

    Sababa balaa sigiga lafaa kanaan bulchiinsota 10 keessatti manneen barnootafi kolleejjiwwan yeroof cufamaniiru.

    Ministiirri Muummee Indiyaa Nareendiraa Moodin ergaa X gubbatti barreessaniin gadda itti dhagahame ibsachuun mootummaansaanii bulchiinsa sigiga lafaan miidhamte kana akka gargaaru ibsan.

  20. Arsenaal jifataa Naappolii Viktor Osimeen fudhachuu barbaada jedhame

    Arsenaal jifataa Naappolii lammii Naayijeeriyaa Viktor Osimeen mallatteessifachuu akka barbaadu barruuleen Xaaliyaan gabaasan.

    Arsenaal taphataa ganna 25 kana erga xiyyeeffannaa keessa galfatee kan bubbule ta'us, kilabni Xaaliyaan Naappoliin garuu Romeloo Lukaakuu kan Chelsiin gatii irraa qabu fudhatee Osomeeniin Cheelsiif dabarsee kennuuf yaada qaba jedha barruun Xaaliyaan Kuriyeere Deloo Ispoort.

    Waggaa 33 booda Naappoliin shaampiyoona aXaaliyaan yoo ta'u Viktar Osimeen bara dargommii san goolii 22 galcheera taphataa cimaa Seriyaa A tauunis filatameera.

    Chelsiifi Arsenaaliin alatti PSGnis bakka taphataasaa collee addunyaa Kiiliyaan Imbaappee bakka buufachuu akka isa barbaadu gabaafameera.

    Arsenaal sarara gidduusaa jabeeffachuun Riyaal Soseedaad irraa Mikeel Meriinoo mallatteessifachuufis hojjechaa akka jiru gabaafameera.

    Ittisa jabaa akka qabu kan agarsiise Arsenaal, Bolonyaarraa taphataa ittisaa gara biraa Kalafiyoorii jedhamu mallatteessifatee qe'eedhaan gaheera.