Pirezedantiin Iraan ajjeechaa Haaniyaaf Israa’el haaloo bahuuf dhaadatan
Pirezedantiin Iraan Masuud Pezeshkiyaan Israa’el ‘’maal dhibdeedhaan’’ Haaniyaa ajjeessu isheetti ‘’akka gaabbitu goona’’ jedhan.
Itti dabaluun Iraan daangaa ishee, kabajaa ofii ni tikfatti’’ jedhan.
Pirezedantiin Iraan Masuud Pezeshkiyaan qondaala olaanaa Hamaas ajjeefame Haaniyaa’’hogganaa goota’’ jechuun ibsa isaanii keessatti leellisuu AFP’n gabaase.
Hoggaanaan dame siyaasaa Hamaas Kataar keessa maadheffatan kun sirna muudama Pirezedantii Iraan haaraa Pezeshkiyaan irratti hirmaachuuf Teheraan dhaqan.
Gaggeessaa olaanaa Iraan Ayaatolaa Alii Komeeniin ajjeechaa Haaniyaa halo bahuun’dirqama Teheraani’’ jedhan.
Israa’el ajjeechaa kana raawwachuu amatti hin amanne.