Guyyaa Jimaataa gatiin birrii dolaara biratti 58% gad cabe
Jalqaba torban kana erga mootummaan Itoophiyaa sharafi maallaqa alaa fedhii gabaan akka murtaa’u murteesse booda gatiin birrii gad cabuu itti fufeera.
Gaafa Jimaataa sharafi akka mul’isutti gatiin birrii Dolaara biratti torban dura isa turerraa gatiin isaa 58% dhabeera.
Guyyaa Wiixataa mootummaan riiformii diinadee haaraa hojiirra oolche gatiin birria 30% cabee ture. Eegasii suuta cabuu itti fufeera.
Baankiileen daldalaa muraasaa Jimaata har’aa dolaara birrii 90’n akka bitan ibsaa jiru. Torban darbe birrii 57’n bitaa turan.
Aangawoonni magaalaa Finfinnee erga gatiin akkaataa gabaan akka murtaa’u erga ifa ta’e booda kanneen suuqiwwan sharafa gurguran ‘’gatii haala hin malleen guddisan’’ saamsuu ibsaniiru.
Tarkaanfii akkamii akka fudhatan ifa gochuu baatanis ‘’tarkaanfii cimaa’’ akka fudhatan akeekkachiisaniiru.
Ministirri Muummee Abiy Ahimad tarkaanfii sharafa irratti baankileen fudhachaa jiran sirrii akka hin taane himuun hojii dabalataa akka gaafatu gaafa Kamisaa dubbatanii turan.
''Gabaa ilaalaa murteessaa yeroo jennu dolaara tokko Birrii 50, 70 godhaa hin jenne nuti. Adeemsi amma itti jirtan garuu sirrii natti hin fakkaatu.
''Garaagarummaa gabaa gurraacha gidduu jiru xiqqeessaadha kan jenne,’’ jedhan.
Bulchaan Itoophiyaa hojjettoota mootummaa galii gadaanaa qabaniif daballii miindaa 300% akka taasifamu ibsaniiru.
Murteen kuni hubaatii kanneen galii gadaanaa qabanirratti qabu hir’isuuf yaadameeti.