Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.

Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi

Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf

Doonii waraanaa Raashiyaa bishaan jala deemu rukuteen dhidhimse jette Yukireen

Taateen kuni suluula Kiriimiyaa keessatti mudachuutu gabaafame. Dooniin kuni dooniiwwan Raashiyaa afur bakkichaatii misaa’elaa furguggisan keessaa tokko jedhameera.

Guduunfaa

  • Sodaa waraanaan biyyoonni lammiileen isaanii atattamaan Libaanosii akka bahan dhaaman
  • Hogganaan Hamaas fageenya dhihootii ajjeefaman jette Iraan
  • WBO'n mootummaa Itoophiyaa waliin mariitti hin jiru jedhe
  • Doonii waraanaa Raashiyaa bishaan jala deemu rukuteen dhidhimse - Yukireen
  • Dorgommii Olompikii Paaris atileetonni Itoophiyaa itti eegaman itti fufeera
  • Taphoota liigii duraan Liivarpuul Yunaayitidiin, Siitiin immoo Chelsii injifatan
  • Haleellaan al-Shabaabiin 37 erga ajjeefaman booda Somaaliyaan qondaalota nageenyaa hiite
  • Ajjeechaa hogganaa Hamaas booda Iraaniifi Israa'el walitti dhaadatan

Haguuggii Tamsaasa Kallattii

  1. Miidhamtoonni ammalleen osoo haqa gaafataa jiranii namni ajjeechaa jumlaa raawwate du'e

    Afriikaa Kibbaatti ajjeechaa jumlaa Appaartaayid keessatti beekamu ykn Apartheid Killer jedhamuun kan beekamu Luus vaan Schoor du’aan boqote.

    Maanguddoon ganna 72 kun miilasaa irratti infeekshiniin qabamee hospitaala ture.

    Intalli isaa BBC'tti akka himtetti, sababii ''rakkoolee infeekshinii dhukkuba seepsis jedhamuutiin kan ka'e'' Kamisa waaree booda du'aan baqate.

    Duuti maanguddoo kun erga BBCn seenaa isaa darbe irratti gabaasa qorannoo dhiyeesseen torban tokko osoo hin guunne kan mudate yoo ta’u, kunis waa’ee ajjeechaa walitti fufiinsaan dhuma bara 1980moota keessa waggoota dhumaa bulchiinsa warra adii lakkoofsaan xiqqaa keessatti raawwate ilaalchisee ibsa haaraa suukaneessaa ta’e saaxilee jira.

    Obboleettiin namoota miidhaman keessa tokko taate, namni kun du'us poolisiin dhimmoota qorannoof irra deebi'ee akka banu abdii akka qabdu BBC'tti himteetti.

    Yeroo sirni Appaartaayidii sanyummaa sadarkaa cimaa lammilee adii Afrikaa Kibbaatiif mirga kennu kaa'etti, Vaan Schoor magaalaa qarqara galaanaa Baha Landanitti argamtu keessatti eegduu dhuunfaa ta'ee hojjechaa ture.

    Bara 1986 fi 1989 gidduutti yoo xiqqaate namoota 39 rasaasaan rukutee ajjeese.

    Namoonni inni ajjeese hundi gurraacha yoo ta'an, kan umuriin xiqqoo nama waggaa 12 qofa ture jedhama.

    Bara 1991tti Vaan Schoor to'annoo jala kan oole yoo ta'u, boodarra himannaa ajjeechaa torbaan itti murtaa'e, garuu erga waggaa 12 qofaaf hidhaarraa turee booda dhiifamaan gadhiifame.

    Yoo xiqqaate ajjeechaa namni kun raawwatan keessaa 32 ammallee poolisiidhaan “ajjeechaa sababa qabeessa” jedhamee ramadameera.

    Bara jireenya isaa keessatti, Vaan Schoor miidhamtoonni isaa hundi yakkamtoota “harkaa harkatti” qabate akka ta’an himee ture.

    Innis qulqullummaa isaa eegsisuuf seera bara Appaartaayidii kan namoonni humna ajjeesaa namoota seenan irratti fayyadamuuf mirga kennu irratti hirkate.

    Waa'ee nama kanaarratti odeessa dabalataa argachuuf kunoo: Nama gurraachootarratti kiyyeeffachun ajjeechaa jumlaa raawwate.

  2. Haleellaa Israa'el mana-barumsaa Gaazaarratti raawwatteen 30 ajjeeffaman

    Waraanni Israa’el mana barumsaa naannoo magaalaa Diir al-Baalaah, giddugala Gaazaa keessatti argamu haleelluudhaan yoo xiqqaate lammiileen Filisxeem 30 ajjeesuufi 100 ol ammoo madeessuu ministeerri fayyaa Hamaasiin geggeeffamu ibseera.

    Raayyaan Ittisa Israa’el (IDF) ammoo toora Telegram irratti akka beeksisetti, mana barumsaa Khaadijaa keessa wiirtuun ajajaafi to’annoo Hamaas barbadaa'eera jedhe.

    Itti dabaluun, Hamaas mooraa kana akka bakka dhokataa haleellaa irraa qajeelchuufi karoorsuu, akkasumas meeshaa waraanaa kuusuudhaaf itti fayyadama jedheera.

    Ministeerri fayyaa Gaazaa akka jedhetti, suuraan namoonni miidhaman namoota nagaa fi irra caalaan isaanii daa’imman ta’uu agarsiisa.

    BBC'n viidiyoo daa'imman namoota miidhaman keessaa ta'uu agarsiisu mirkaneessera.

    Tajaajilli ittisa siiviilii Gaazaa akka jedhetti, manni barumsichaa buqqaatotaaf akka lafa dahanaatti tajaajilaa ture.

    Ministeerri fayyaa Gaazaa akka beeksisetti, Sambata ganama irraa eegalee sababa boombii Raayyaan Ittisaa Israa'el Diir al-Balah fi magaalaa kibbaa Kaan Yuunis keessatti raawwatteetiin namoonni 53 yoo du’an, 189 ammoo madaa’aniiru.

    Haleellaan kun kan raawwatame Israa’el duula waraanaa ji’ootaaf Gaazaa keessatti geggeessaa turte kan Filisxeemoota kuma 39 ol galaafate itti fufteen akka ta’e ministeerri fayyaa Gaazaa ni mul’isa.

    Waraanni kun kan jalqabe yeroo Hamaas Onkoloolessa 7 Israa’el irratti haleellaa banuun namoota gara 1,200 ajjeesee, 251 kan ta'an ammoo booji’ee turedha.

  3. TPLF qaama seerummaa osoo hin argatiin kora gaggeessuu hin qabu - MM Abiy Ahimed

  4. Olompikii 2024: Chaayinaan medaaliyaa warqee jalqabaa mo'atte

    Dorgommii Olompikii bara 2024 Paarisitti kaleessa banamee guyyoota 16f itti fufee gaggeeffamuun Chaayinaan har'a medaaliyaa Warqee jalqabaa argatte.

    Warqee lamaan argatte kanaan dursuu jalqabdeetti.

    Kooriyaan Kibbaa fi US medaaliyaa Meetii tokko tokko argachuun sadarkaa lamaffaafi sadaffaarra jiru.

    Yunaayitid Kingidam fi Kaazaakistaan ammoo Nahaasa tokko tokko argtanii afuraffaafi shanaffaarra jiru.

  5. MM Abiy Ahmad Gofaatti argamuun namoota balaa sigiga lafaan midhaman jajjabeessan

    Ministirri Muummee Abiy Ahmad (PhD) Naannoo Kibba Itoophiyaa, godina Goofaa, aanaa Gazzeetti argamanii lammiilee sababa balaa sigiga lafaa mudateen miidhaman jajjabeessaniiru.

    MM Abiy lammilee balaa uumame kanaan lubbuu dhabaniif gadda guddaa itti dhaga’ame ibsatanii maatiifi firoota namoota lubbuu dhabaniin ammoo Rabbi isin haa jabeessu jedhaniiru.

    Ministira Mummee Dr Abiy Ahimad waliin Giiftii-dureen Zinnaash Taayyaachoo fi Ministira Mummee Duraanii Obbo Hayilamaariyaam Dassaaleny, akkasumas hoggantoonni olaanoon mootummaa bakka balaan kun muudatetti argamuun maatii miidhamtootaa jajjabeessaniiru.

    Dr. Abiy mootummaan hawaasa kanneen deebisee dhaabuuf kan hojjetu ta’uus ibsaniiru.

    Manni-maree Bakka-bu’oota Ummataa naannoo Kibba Itoophiyaa, godina Goofaa, aanaa Gazzeetti balaa sigiga lafaa mudate hordofee lubbuu lammilee darbeef gaddaa biyyaalessaa har'a irraa kaasee guyyoota sadiif turu labseera.

    Balaa sigigoo lafaa tibbana Naannoo Kibba Itoophiyaa Godina Gofaa keessatti mudateen namoonni du’an hanga 500 ta’u akka danda'an UN beeksiiseera.

  6. Suura ajaa'iba Olompikii Paaris 2024 keessaa

    Sirna baniinsa Olompikii Paaris 2024 irratti qophiin bareedaan tureera. Agarsiisa hawwatoo ta'an magaalaa Paaris miidhagsaniiru.

    Suura filatamoo ta'an kunoo fillee isiniif dhiyeessineerra.

  7. Sirna baniinsa Olompikii Paaris 2024 magaalattii ibse

    Atileetotni kumaatamaan lakkaa’aman laga bishaan Seen irra dooniin naanna’uun agarsiisa bareedaanmagaalaa Paaris faayaa bulan. Agarsiisni garagaraa artistootaafi namoota ispoortii keessatti beekamaniin riqicha, qarqara bishaaniifi bantii manaarratti ga’umsa addaanagarsiifameera.

    Yeroo jalqabaaf istaadiyeemiirratti osoo hin taane bishaan irratti sirna baname "agarsiisa guddaa addunyaa" jedhameera.

    Sirni baniinsaa agarsiisawwan garagaraan dabalamee yeroo sa’aatii afuritti siqu fudhate kun kan xumurame, Faransaay keessatti ispoortii Juudootiin beekamaa kan ta’e Teedii Raayiner fi kan fiigichaan beekamtu Marii-Jooz Pereek boca akka hafuuffee qilleensaa ho'aa ol ka'e ibsuudhaan ture.

    Jila biyyoota 205 irraa atileetotni 6,800 dhufan bidiruufi doonii 85n bishaanirra naanna’aniiru.

    Sirna kanarratti weellistoota bebbeekamoo akka Ameerikaarraa Leedii Gaagaafi dhiyeenya walajjiitti kan deebite Seeliin Diyoon dabalatee hedduun argamaniiru.

  8. Ajjeechaafi dararaa hidhattoonni Faannoo Gojjaam namoota nagaarratti raawwatan hanga ammaa waan beeknu

  9. Magaalaa xiqqoo Indiyaa Pirezidantiin Itti-aantuu US, Kaamlaa Heriis kan keenya jettu

  10. 'Mana hunda keessaa miseensi maatii lama ykn sadii sigiga lafaa kanaan awwalamaniiru'

  11. Akkam jirtu? Tamsaasa kallattii keenyaan deebineerra.

    Tamsaasa kallattii kanaan odeeffannoo wayitaawoo amma ta'an isin biraan geenya.

    Nu hordofaa.

  12. Dr Teediroos Adihaanoom walharkaa fuudhinsa Xombora Olompikiirratti hirmaatan

    Hogganaa Olaanaan Dhaabbata Fayyaa Addunyaa (WHO) Dr Teediroos Adihaanoom xombora Olompikii walharkaa fuudhinsi isa gara dhumaa gahe keessatti qooda fudhatan.

    Yaada fuula miidiyaa hawaasaa isaanii gubbaatti qoodaniin, xombora Olompikii qabachuu isaaniitti gammaduu ibsan.

    Wal-harkaa fuudhinsa xombora kana marsaa isa dhumaa kanarratti kan hirmaatan ministirri Fayyaafi dhimma alaa duraanii Itoophiyaa kun, sirna kana waahillaniifi namoota nagaa addunyaaf dhaabatan waliin raawwachuu himan.

    ''Ifti xombora kanaa mallattoo abdii, tokkummaafi hunda caala ammoo nageenya pilaanetii kanaa haata'u'' jedhan.

  13. Poolisiin Afriikaa Kibbaa lammiilee Liibiyaa kaampii waraanaa 'seeraan alaa' keessatti to'ate

    Lammiileen Liibiyaa 95 Afrikaa Kibbaatti kaampii waraanaa ''seeraan alaa'' keessatti leenjii fudhachaa turan jedhamuun shakkamanii to'annoo jala ooluu poolisiin biyyattii beeksise.

    Qondaaltonni poolisii Jimaata darbe, qonna naannoo dhiheenya White River jedhamuun beekamutti -magaalaa xiqqoo bulchiinsa kaaba Mipumalangaatti sakkata'insa taasisan.

    Poolisoonnis dunkaana waraanaa, meeshaa waraanaa hayyama qabuufi meeshaalee waraanaa biroo argachuu himan. Akkasumas, kaampicha keessatti qorichoonni akka kaanaabisiifi kookeeyiniin argamuu poolisiin beeksiseera.

    Qondaaltonni sakatta'insa kana kan gaggeessan erga Kibxata darbe odeeffannoo tikaa argataniin booda ture.

    Akka dubbi-himtuun poolisii biyyaalessaa, Atilendaa Maatee, lammiileen Liibiyaa iyyannoo viizaa isaanii irratti waardiyyaa nageenyaa ta'uuf leenjiitoota jechuun ''dogoggorsuun of ibsaniiru'' jedhe.

    Kaampii amma gaaffiin irratti ka'e kunis jalqabarratti, akka dirree leenjii eegdoota nageenyaa ta'ee galmaa'uu poolisiin himuun, garuu kan jijjiirame fakkaata.

    ''Yaaddoo nageenyaafi tasgabbii bulchiinsa keenyaa fi biyya keenyaa kamiyyuu addatti ilaalla,'' jechuun komishinarri poolisii Zeef Mkwaanaaziin ibsa poolisiin kennan wabeeffameera.

    Haata'u malee, ibsichi "nageenya hawaasaarratti balaan hatattamaa akka hin jirre" ummataaf mirkaneessee jira.

    Lammiileen Liibiyaa 95 kunneenis to'annaa jala oolfamuudhaan qaama dhimmisaa ilaallatuun gaaffiin taasifamaa jira. Haata'u malee poolisiin namoonni to'ataman kunneen eenyuudhaan leenjiin waraanaa jedhame kennamaaf akka ture hin ibsine.

  14. Itoophiyaan dubbii barbaacha Somaaliyaafi daddabarsa meeshaa waraanaa daangaa biyyattiin yaadda’uu ibsite

  15. Waayee sirna baniinsaa Olompikii Paaris wantoota kanneen beektuu?

    Olompikii Paaris galgala kana seenaa isaa keessatti yeroo duraaf isteediyeemiin alatti sirna baniinsaa miidhagaa ta'a.

    Faransaay sirna baninsaa qophii ispoortii guddicha addunyaa kun laga Seen irratti gaggeessiti.

    Kun seenaa Olompikii irratti kan jalqabaa yoo ta'u, istaandiyoomiin ala waan gaggeeffamuuf dorgommiin guyyaa baninsaa godhamu hin jiru.

    Dorgommii guyyoota 16f gaggeefamu kanarratti atileetotni 10,000 biyyoota addunyaa adda adddaa bakka bu'an ni hirmaatu. Gosoota ispoortii 32n fi dorgommiiwwan 329 ta'antu gaggeefama.

    Sirna baniinsaa kana daawwattootni 300,000 ol kan tikkeeta argatan qaaman argamanii ni daawwatu.

    Laga kanarratti bidiiruuwwan 100 atileetota 10,000 fi keessummoota kabajaa baatanii ni socho'u.

    Sirni baniinsaa kun laga Seen irratti lafa hanga km 6 fagaaturratti gaggeefama.

  16. 'Amma yeroo itti waraanni Gaazaa dhaabbachuu qabudha' - Kaamlaa Heriis

  17. Malkaa Qunxurree/ Kanturee hambaa addunyaa ta'uun UNESCOtti galmaahe

    Dhaabbata Biyyoota Gamtoomaniitti dameen Barnootaa, Saayinsiifi Aadaa UNESCO iddoon arkiyoolojii Malkaa Qunxurree/Kanturee hambaa Addunyaa ta'ee galmaahuu beeksise.

    Dhaabbatichi Adoolessa 21- 31tti 2024tti Indiyaatti yaa'iisaa 41ffa agaggeessaa kan jiru yoo ta'u, murtee eegaman keessaa galmee hambaalee addunyaa akka ta'an dhiyaatan 27 ta'aniirratti murtee dabarsuudha.

    Sulula Awaash gara oliitti kan argamu malkaan kunturree seenaa bara miiliyoona lamaa ta'u qabateera jedhe dhaabbatichi.

    Iddoon arkiyoolojii kun faana miilaa dabalatee wantoota hedduu of keessaa akka qabu ibseera.

  18. Itoophiyaatti gaddi biyyaalessaa guyyoota sadii labsame

    Manni-maree Bakka-bu’oota Ummataa naannoo Kibba Itoophiyaa, godina Gofaa, aanaa Gezeetti balaa sigiga lafaa mudate hordofee lubbuu lammilee darbeef gaddaa biyyaalessaa guyyoota sadiif turu labseera.

    Manni-maree Bakka-bu’oota Ummataa balaa lubbuu lammilee galaafate kana ilaalchisuun ibsa baaseen gadda isaas kan ibsate yoo ta'u, guyyaan gaddaa biyyaalessaa kun borurraa kaaseee (Adolessa 27,2024) guyyoota sadiif kan turudha.

    Balaa sigigoo lafaa tibbana Naannoo Kibba Itoophiyaa Godina Gofaa keessatti mudateen namoonni du’an hanga 500 ta’u akka dhanda’u UN beeksiiseera.

  19. Suuraaleen saatalaayitii fi dhuga bahiitiin hakiimootaa cimina beela Tigraayi mul'isan

  20. Keebiliiwwan baaburaa Faransaay mancaafamuun namootni miiliyoonatti siiqan danqaman

    Faransaay dorgommii ispoortii guddicha, Olompikii sirna ho'aan egaluuf sa'aatiiwwan osoo lakkaa'aa jirtuu sirna keebilee daandii baaburaa biyyattiirratti mancaatiin raawwate, rifaatuu uumeera.

    Mancaatii keebiloota kanarra gaheen imalle baaburaa kan adda cite yeroo ta'u imaltootni miliyoona tokkotti siiqan danqamaniiru.

    Ministirii Muummee biyyattii Gaabri'eel Ataal gocha namootni keessoo raawwataniidha jedhaniin dhiibbaan mancaatii kanaa damee geejiba baaburaarra gahe guddaadha jedhan.

    Qaamoleen nageenyaa biyyattii namoota gocha kana raawwatan akka adamsan himan.

    Waajirri damee gaajiba Baaburaa biyyattii tro'atu, SNCF, hojjettoota isaa bobbaasee keebiloota manca'an tokko tokkoon adda baasee sirreessaa akka jiru beeksisee, guyyyoota lamaan dhufan keessatti imaltootni hanga 800,000 ta'an danqamuu akka danda'an akeekkachiise.

    Lakkoofsi imaltoota guyyaa har'aa qofa danqamanii 250,000 akka gahus dhaabbatichi beeksiseera.