Raashiyaan haleellaa qilleensarraa yeroo kamirrayyu guddaa ta’e Yukireen irratti bante

Raashiyaan lakkoofsi dirooniifi misaa’elii yeroo kamiyyu caalaa baayyee ta’een Yukireen irratti haleellaa babal’istee itti fufte. Daa’imman sadii dabaltee yoo xiqqaate namoonni 12 ajjeefamanii kan biro baayyeen madaa’uu aanga’oonni Yukireen himan.

Guduunfaa

  • Aktiivistiin lammii Yugaandaa mana hidhaa Taanzaaniyaa keessatti gudeedamuu himatte
  • Balaa xiyyaaraa Itoophiyaa fi Indoneeshiyaa waliin walqabatee Boeing akka hin himatamne Biiroo Haqaa US waliin waliigalan
  • Raashiyaan haleellaa qilleensaa hanga ammaatti balaafamaa ta'e Yukireen irratti raawwatte
  • Israa'el uggura guyyaa 10 kaasuun Gaazaaf nyaati akka seenu eeyyamte
  • Israa'el naannoowwan Gaazaa 'qabachuu fi to'achuuf' haleellaa cimaa eegalte
  • Tamsaasa kallattii kanaan dura ture

Haguuggii Tamsaasa Kallattii

  1. UK fi EUn haala Gaazaa keessaa 'hin obsamne' balaaleeffatan

    MM UK

    Madda suuraa, EPA

    Mee amma gabaabsinee deebii qaamooleen idil-addunyaa tokko tokko kan isaan haala Gaazaa keessa irratti argamuu isiniif haa fidnu.

    Ministirri Mummee Biriteen Siir Kiir Istaarmar haala Gaazaa keessaa ''kan hin obsameedha'' jechuun ibsan.

    Walgahii UK fi Gamtaa Awurooppaa har'a waaree booda gaggeeffame irratti argamuuf kan jiran Pireziaantiin Komishinii Awurooppaa Ursulaa von der Leyen isaan cinaa dhaabbachuun uggurri kun ''amma kaafamuu qaba'' jedhan.

    Akkasumas namoonni Israa'el butamuudhaan gara Gaazaatti geeffamanii turan akka hiikamanii fi dhukaasnis akka dhaabbatuuf gaafataniiru.

  2. Lammiin Biriteen tokko fiigicha saffisaa guutuu Awustiraaliyaa keessaatiin riikardii cabse

    Wiilyaam Guudge

    Madda suuraa, EPA

    Atileetiin Biriteen kan obsa cimaa ta'en imala dadhabsiisaa guyyoota 35 taasisuun, guutuu Awustiraaliyaa keessa fiiguun rikoordii addunyaa cabse.

    Wiliyaam Guudge, kan ganna 31, fiigicha kiiloo meetira 3,800 kan kan magaalaa Peerz irraa magaalaa qarqara bishaan 'Cottesloe Beach' irraa Ebla 15 kan jalqabe yoo ta'u, Wiixata waaree booda ammoo bakka beekamaa Awustiraaliyaa 'Bondi Beach'tti abbaan isaa maddii isaa ta'un xumure.

    Jalqaba biyya Ingilizii bakka Beedfordshiir jedhamurraa kan dhufe Guudgeen, guyyaa guyyaan fiigicha maaraatoonii lamaa fi walakkaa, kan gara fageenya kilomeetira 100n wal gitu fiigaa ture.

    Fiigicha maaraatoonii kan jalqabe erga haati isaa Amaandaan bara 2018tti dhukkuba kaansariitiin duute booda yoo ta'u, imala kanaanis dhaabbilee tola ooltummaa kaansarii UK, US fi Awustiraaliyaa keessatti argamaniif maallaqa walitti qabuun.

  3. Waa'ee wal'aansa kaansarii cidhaanii Baayidan dhukkubsataniifi yaaliisaa kan beeknu

    Joo Baayidan

    Madda suuraa, Reuters

    Sa'aatii tokko dura

    Pireezidantiin Ameerikaa duraanii Joo Baayidan kaansarii cidhaanii (piroostaatii) hamaa ta'ee fi lafee isaaniitti babal'atuun qabamuusaanii barameera.

    Baayidan oduu kana kan dhagahan Jimaata darbe erga torbee darbe mallattoo fincaan irratti mul'ateef doktoraan ilaalalamaniin booda ture.

    Waa'ee kaansarii cidhaanii fi filannoowwan wal'aansa isaa isiin beekuu qabdan kunooti.

    Kaansariin cidhaanii (prostate cancer) maaliidha?

    Ballina gabaasa kanaa karaa kanaatiin argattu.

  4. Tamsaasa kallattii eegalleera

    Ashamaa hordoftoota BBC Afaan Oromoo bakka jirtan maratti.

    Tamsaasa keenya kallattii kan ittiin odeessaalee addunyaa mara irraa gagabaabsinee isin biraan geenyuun amma eegalleera.

    Odeessaalee keenya bal'inaan dubbiifachuudhaaf ammoo marsariitii keenya, Facebook keenya fi WhatsApp keenya millachuu hin dagatiinaa.

    Olmaa gaarii qabaadhaa!

  5. Pirezidantiin Waldaa Ogeeyyii Fayyaa Itoophiyaa gadhiifaman

    Yonaataan Daanyaaw

    Madda suuraa, Ethiopian Health professionals

    Pirezidantiin Waldaa Ogeessota Fayyaa Itoophiyaa Obbo Yonaataan Daanyaaw Dilbata gaafa Caamsaa 11, 2025 to'annoo jala ooluun isaanii gabaafame galgala kana gadhiifamaniiru.

    Waldicha fuula miidiyaalee hawaasaa isaa gubbaatti gadhiifamuu Obbo Yonaattaan kan beeksise yaada isaanii qooduudhaani.

    Obbo Yonaataan hiikamuu isaaniifi turtii hidhaasaaniirrattis wanti isaanirra gahe akka hin jirre ibseera.

    ''Nagaadhaan gadhiifameera. Wanti narra gahe homtuu hin jiru'' jedha yaadni Obbo Yonaataan fuula Waldichaarratti gadhiifame.

  6. Raashiyaa fi Yukireen atattamaan marii dhukaasa dhaabuu eegalu- Tiraamp

    Pirezedantii Raashiyaa Vilaadmiir Puutin

    Madda suuraa, Rooyitars

    Ibsa waa'ee suuraa, Pirezedantii Raashiyaa Vilaadmiir Puutin

    Pirezedantiin Ameerikaa Doonaald Tiraamp miidyaa hawaasaa isaaniirratti sa’aatii lamaaf Pirezedantiin Raashiyaa Vilaadmiir Puutin waliin erga mariyatanii booda kana barrreessan.

    Vilaadmiir Puutin bilbilaan gitasaanii kan Ameerikaa waliin erga mariyatanii booda ''haasa’aa bu’a-qabeessa, odeeffannoo gaarii kan qabu, amanamummaa kan qabudha’’ jedhan.

    Puutin mariin kallattii Yukireenii fi Raashiyaa giddutti deebi’ee eegalchiisan jechuun Tiraamp galateeffatan.

    ''Pirezedantiin Ameerikaa ejjannoo dhukaasa dhaaburratti qaban ibsan. Raashiyaanis ejjannoo kana fakkaatu qabaachuun hubadha. Waraana Yukireen karaa nagan hiikuun filadha. Karaa sirrii gara nagaatti nu geesu murteessu qabna.’’

  7. Faransaay bosona Amaazoon keessatti yuuroo miliyoona 400'n mana hidhaa ijaaruuf

    Qondaala olaanaa Faransaay

    Madda suuraa, Getty Images

    Faransaay lafa fagootti bulchitu Fireench Giyaanaa jedhamu keessatti mana hidhaa eegumsa jabaa qabu ijaaruuf Akką jirtu beeksifte.

    Ministirri Haqaa biyyattii daawwannaaf garaistti imalaniitti manni hidhaa yakkitoota qoricha sammuu hadoochu daddabarsaniifi fixaaleyyii Islaamaa qabatu akka ijaaramu ibsan.

    Geraald Daarmaniin barruu biyyattii tokkoof yaada kennaniin yakkoota qindaa'oo gosa kamuu warra raawwatan bakka itti hidhan ta'uu himan.

    Ijiraasi mana hidhaa eegumsa guddaa kun yuuroo miliyoona 400 akka gaafatuufi bara 2028tti akka hojii eegalu ibsaniiru. Bosona Amaazoon gidduutti kan ijaaramu ta'uun ibsameera.

    Yaadni mana hidhaa eegumsa cimaa ijaaruu kun kan dhiyaate ji'oota darban keessa biyyattii bakka adda addaatti yakki qindaa'aan yakkitoota hamoon raawwatu gabaafamuu hordofeeti.

  8. Baayidan kaansariin hunda keenya tuqaa jira jedhan ergaa jajjabiinaa hedduu booda

    Baayidaniifi haadha warraa saanii

    Madda suuraa, X/Biden

    Pirezidantiin Ameerikaa duraanii Joo Baayidan erga Dilbata kaleessaa dhukkuba kaansariin qabamuun isaanii ibsamee booda egaawwan jajjabiinaa ergamaafii jiraniif galata guddaa qaban ibsaniiru.

    ''Kaansariin hunda keenya tuqeera,'' jechuun Baayidan Wiixata har'aa miidiyaa hawaasaa irratti barreesse. "Akkuma baay'ee keessanii, aniifi Jiil bakka qalbii cabaatti akka cimnu baranneerra. Jaalalaa fi deeggarsa keessaniin waan ol nu kaastaniif galatoomaa."

    Gaafa Dilbata darbe waajjirri Baayidan kaansarii piroostaatii (cidhaniin) cimaadha jedhameen qabamuufi gara lafee isaaniitti babal'atuusa ibse.

    Oduun kun kan dhagaahame wayita fayyaan pirezidaantii duraanii kun yeroo isaan aangoo irra turanitti ka'aa ture amma akka haaraan ka'aa jira.

    Waajjirri Baayidan ibsa kenneen, ''Jimaata darbe kaansarii piroosteetii 'score Gleason 9' (Garee 5ffaa) kan lafeetti darbuun beekamun qabamunsaa barameera,'' jechuun beeksiseera.

    "Kunis gosa dhukkubichaa isa hamaa ta'e kan bakka bu'u yoo ta'u, kaansarichi hormoonii irratti kan hundaa'e waan ta'eef kunis to'annoo bu'a qabeessa ta'e akka argatu kan taasisudha."

    'Score Gleason 9' jechuun dhukkubni isaa kan "sadarkaa olaanaa" jedhamee ramadamu yoo ta'u, seelonni kaansarii dafanii babal'achuu danda'u jechuudha jedha dhaabbanni Qorannoon Kaansarii UK.

  9. Gaazaatti namoonni miliyoona lama beela'aa jiraachuu Dr Teediroos Adihaanoom akeekkachiisan

    Hogganaan Dhaabbata Fayyaa Addunyaa (WHO), Teediroos Adihaanoom

    Madda suuraa, Getty Images

    Hogganaan Dhaabbata Fayyaa Addunyaa (WHO), Teediroos Adihaanoom, Israa'el har'a uggura gargaarsaa wayita kaasuu eegalteetti, ''namoonni miliyoona lamaa'' Gaazaa keessatti ''beela'aa'' akka jiran akeekkachiisan.

    Teediroos Adihaanoom Gabrayasuus, walgahii bakka bu'oota WHO addunyaa mara irraa walgahaniif haasawa taasisaniin, uggurri Israa'el, ajajni namoota buqqaasuu fi ''bakka gargaarsa namoomaa xiqqaachaa dhufe'' sirna fayyaa ''kan duraanuu laafe'' kuffiiseeraa jira jedhan.

    "Qorichi daangaa irratti seenuuf eegaa wayita jiruutti namoonni dhukkuboota ittifamuu danda'aniin du'aa jiru," jechuun akeekkachiisa.

    Dr Teediroos itti dabaluudhaan, bara 2023 irraa eegalee dhaabbatichi dhukkubsattoota 7,300 ol Gaazaa keessaa baasee jira, haata'u malee ammallee ''kuma 10 ol'' kan ta'an Istirippicha keessa bahuuf gargaaramuu akka qaban cimsee dubbata.

  10. Amma nu gahe, Gaazaatti lakkoofsi namoota du'anii 53,475 gahuu ministeerri fayyaa Hamaasiin geggeeffamu ibse

    Ummata Gaazaa baqataa jiru

    Madda suuraa, Getty Images

    Sa'aatii 24 darban keessatti duula waraanni Israa'el (IDF) Gaazaa keessatti geggeesseen, namoonni 136 ajjeefamuu Ministeerri Fayyaa Hamaas naannoo sana jiru ibse.

    Lakkoofsi lammiilee Filisxeemota erga waraanni Israa'elii fi Hamaas gidduutti jalqabame asitti ajjeefamanii 53,475 gaheera.

    Namoonni dabalataa 364 ammoo miidhaan qaamaa irra gahuu Ministeerri Fayyaa itti dabaluudhaan himee, baayyinni namoota waliigalaa erga Onkoloolessa 7 bara 2023 irraa eegalee naannichaatti miidhaan qaamaa irra gahe 121,398 gaheera jedhe.

    Barreeffamni kunis erga ministeerri fayyaa Hamaas lakkoofsa namoota ajjeeffamaniifi miidhaan qaamaa irra gahee haaromsee booda kan gan gabaafameedha.

  11. IDF Gaazaa keessatti waan hafe hunda barbadeessaa jira jedhan ministirri Israa'el

    Bezalel Ismootrich

    Madda suuraa, Reuters

    Ibsa ganama har'aa Ministira Maallaqaa Israa'el kan seera durii leellisan (far right), Bezalel Ismootrich gaazexeessitootaaf ibsa kenne irraa waan muraasa isin biraan geenya.

    Nyaanni xiqqaan gara ulaa Gaazaa seenu Hamaas akka hin geenye dubbatan: "Ummata kan qaqqabu baayyee xiqqaan, kunis akka addunyaan nu dhaabnee fi yakka waraanaatiin akka nu hin himanneef qofadha."

    "Guyyoota dhufan keessatti wanti seenu baayyee xiqqaadha: manneen daabboo muraasni daabboo muraasa namootaaf raabsan, akkasumas manneen nyaataa ummataa guyyaatti nyaata tokko bilcheesaniif dhiyaata."

    Namoonni nagaa, daabboo tokkoo fi nyaata tokko ni argatu jedha, "kanuma qofadha."

    Itti dabaluudhaanis, waraanni Israa'el ''waan ulaa keessatti hafe hunda balleessaa jira'' jechuun daangiicha akka ''magaalaa shororkeessummaa guddaa tokkotti'' ibsa.

    Waraanni ''dhagaa tokkollee osoo hin garagalchin'' waan hin dhiifneef, namoonni nagaa naannoo lolaa keessaa akka baafaman dubbatan.

    "Ummanni kibba ulaa Gaazaa ni ga'a, achi irraas gargaarsa Waaqayyootiin gara biyyoota sadaffaatti gahu," jedhan.

    Akkuma yeroo gabaasaa jiruutti turre, Ministirri Muummee Israa'el Beeniyaamin Netaaniyaahuun Israa'el Gaazaa hunda akka to'attu dubbataniiru.

  12. Balaa konkolaataa Itoophiyaatti mudateen namoonni 19 du'an

    Balaa konkolaataa Itoophiyaatti mudateen namoonni 19 du'an

    Madda suuraa, Addis Standard

    Ibsa waa'ee suuraa, Balaa konkolaataa Itoophiyaatti mudateen namoonni 19 du'an

    Balaa konkolaataa magaalaa Gilgel Balasitti dhaqqabeen yoo xiqqaate namoonni 19 du'uun hedduun madaa'uu himame.

    Balaan kun kan dhaqqabe Naannoo Benishaangul Gumuz, Godina Matakkal keessatti Dilbata kaleessaa ganamadha.

    Miidiyaaleen biyya keessaa akka gabaasanitti, balicha kan dhaqqabsiise konkolaataa fe'umsaa godhaadha.

    Konkolaataan fe'umsaa Iskaavatera fe'ee deemee ture yeroo magaalicha galu to'annoo konkolaachisaan ala tahuun lubbuu namootaa irra balaa dhaqqabsiise.

    Hogganaan Qajeelcha Poolisii Gilgel Balas, Taayyee Gurmeessaa miidiyaalee biyya keessaatti akka himanitti, 7konkolaatichi magaalaa Chaaginii irraa ka'uun garas imalaa ture.

    Konkolaataan dhaabbachuu dide kun naannoo uummanni bashannanaa turan keessa galuun balicha dhaqqabsiise.

    Namoota 13 irra dabalataan miidhaan qaamaa ulfaataa fi salphaan gahuus himameera.

    Pirezidaantiin naannoo Benishaangul Gumuz gadda isaanitti dhagahame ibsuun maatii miidhamtootaaf jajjabina hawwaniiru.

  13. Itoophiyaan dhalattoonni Somaalee-Itoophiyaa Keeniyaa jiraatan investimantii irratti akka hirmaataniif waamicha goote

    Jeneraal Baacaa Dabalee, Keeniyaatti Ambaasadara Itoophiyaa, fi pirezidaantii naannoo Somaalee, Obbo Musxafee Umar

    Madda suuraa, Imbaasii Itoophiyaa, keeniyaa jiru

    Ibsa waa'ee suuraa, Jeneraal Baacaa Dabalee, Keeniyaatti Ambaasadara Itoophiyaa, fi pirezidaantii naannoo Somaalee, Obbo Musxafee Umar

    Pirezidaantiin naannoo Somaalee fi Ambaasaadar Baacaa Dabalee dhalattoota Somaalee Itoophiyaa Keeniyaa jiraatan waliin mari'atan.

    Pirezidaantiin naannoo Somaalee Obbo Musxafee Umar dhalattoota Somaalee Itoophiyaa keeniyaa keessa jiraatan waliin dhimmoota investimantii fi kaan irratti Naayiroobiitti mari’atan.

    Dhalattoonni Somaalee-Itoophiyaa Keeniyaa keessa jiraatan 2,000tti siqan mari'acha irratti hirmaachuu Imbaasii Itoophiyaa Keeniyaa jiru irraa BBC'n odeeffateera.

    Keeniyaatti Ambaasadara Itoophiyaa kan tahan Jeneraal Baacaa dabalee, saganticha irratti argamuun, Itoophiyaan ''haaromsa’’ keessa jirti.

    Bulchiinsa MM Abiy Ahimed jalatti haaromsi gama misoomaafi badhaadhinaan dhufeera jedhan.

    Fooyya’insa guddaa mootummaan kun fide keessaa tokko haala dinagdee mijataa uumuudha jedhan.

    Mootummaan dameewwan investeroonni biyya keessaafi diyaaspooraan irratti hojjechuu qabu jedhee dursa kenne adda baasuu himan.

    Isaan keessaa dame qonnaafi bu’aawwan qonnaa oomishatti galchuu,albuuda, aannisaa, oomisha, turizimii fi tajaajiloota dijitaalaa fa’aa akka tahan ibsan.

    Mootummaan haaromsa dinagdee gaggeesseen gatiin sharafaa gabaa addunyaa irratti akka hundaa’u gochuun isaa investerootaaf haala mijata uumuuf akka tahes himan.

    Pirezidaantiin naannoo Somaalee Obbo Musxafee Umar, dhalattoonni Somaalee Keeniyaa keessa jiraatan haala mijataa mootummaan uumeefiitti fayyadamuun investimantii dame adda addaa irratti hirmaachuu qabu jechuu isaanii madden Imbaasii Itoophiyaa BBCtti himan.

    Dhalattoonni Somaalee kumaatamni Keeniyaa keessa jiraatan hojii daldalaa fi investimantii hedduu irratti bobba’aniiru.

    Dhalattoonni Somaalee keeniyaa keessa jirattan misooma biyyaaf hedduu gumaachaa turtan. Amma garuu Itoophiyaan isa yeroo kamiyyuu caalaa investimantii, ogummaa, mul’ataa fi sagalee keessan hedduu barbaaddi’’ jedhan Jeneraal Baacaa dabalee.

    Dhuma irrattis gahumsa gama gaggeessummaan pirezidaantiin naannoo Somaalee Musxafee Umar kennaa jiran dinqisiifataniiru.

    Gagaggeessummaan kee diyaaspooraaf kaka’umsaa fi fakkeenya gaarii waan tahudha jedhan. Musxafee Umar erga aangoo qabatanii naannoon Somaalee naannolee nageenyi keessatti fooyya'e keessaa tokko.

  14. Israa'el nyaanni 'faayidaa bu'uuraatiif' oolu gara Gaazaa akka galuuf eeyyamu himte

    Israa'el nyaanni gara Gaazaa akka hin galleef dhorkaa

    Madda suuraa, Reuters

    Israa'el nyaanni gara Gaazaa akka hin galleef dhorkaa torbanoota 10 oliif ''rakkoon beelaa homtuu akka hin umamnee nyaanni hama bu'uuraa'' gara Gaazaa akka galu akka hayyamtu beeksiifte.

    Ibsi waajira ministirri mummee akka beeksiiseetti, tarkaanfiin kan fudhatame irra deebiin Hamaas irratti haleellaa waraanaatiin deeggaruun barbaachisuu isaa fi haaluma gorsa Raayyaa Ittisa Israa'eliitiin jedhameera.

    Ibsi kun kan bahee waraanni Israa'el guutuu Gaazaa ''duula lafoo bal'aa'' eegaluu erga dubbatee sa'aatiiwwaniin boodadha.

    Israa'eel nyaanni, boba'aa fi qorichi kamuu gara Gaazaatti akka hin galleef dhorkaa kan kaafte waan dhiibbaa olaanaan irra gahaa jiruufiidha.

    Dhaabbileen gargaarsaa Gaazaa keessatti ummanni miiliyoona 2.1 balaa beelaaf akka saaxilaman akeekkachiisan. Daa'imman beela'an hanqina nyaataatiin dararamaa jiraachusaanii suuraalee fi gabaasaaleen bahu eegalaniiru.

    Ministirri dhimma alaa Faransaay, Shaan Noo'el Baaroot, Israa'el, akka deeggarsi ''bal'aan, atatamaa fi kan hin daangoofne'' gara Gaazaa galuuf akka ayyamtu gaafataniiru.

    Ibsi Ministira Mummee Beenjaamiin Netaanyaahuun akka beeksiiseetti, ''rakkoon beelaa akka hin umamne mirkanneessuudhaaf'' Israa'el ummata Gaazaatiif ''nyaanni hamma bu'uuraa akka galuuf'' ni hayyamti.

  15. Raashiyaan marii Puutiin fi Tiraamp yaadame dura haleellaa diroonii hammataa raawwachuu Yuukireen himatte

    Yukireen haleellaa inni cimaan Raashiyaan irratti raawwatamu himte

    Madda suuraa, Reuters

    Yukireen akka jettetti Raashiyaan erga weerarri waraanaa kun jalqabee haleellaa diroonii guddaa ta'e kan raawwatame ta'u fi Kiiv dabalatee haleellaa naannolee hedduu irratti xiyyeeffateen hanga yoonaas dubartii tokko du'uu himatte

    Haleellaan kun kan dhaga'ame waayita Pireezidaantii Ameeriukaa Doonaald Tiraamp fi pirezidaantii Raashiyaa Vilaadmiir Puutiin gidduutti mariin bilbilaan beellamame guyyaa tokkoon dura ture.

    Pireezidaantiin Ameerikaa waligalteen dhukaasa akka dhaabuu akka taasifamu gaafachaa turaniiru.

    Raashiyaa fi Yukireen erga waggoota sadii waraaanni jalqabee as yeroo jalqabaaf Jimaata darbe Turkiitti fuulaf-fuulatti wal arguun marii kan taasisan yoo ta'u, waliigaltee haaraa hidhamtoota wal jijjiiruu irratti waliigalaniiru.

    Humni qilleensaa Yukireen akka jedhetti Raashiyaan hanga Dilbata sa'aatii 8:00tti diroonii 273 naannoo giddu galeessaa Kiiv, akkasumas naannoo Dinipropetroviskii fi Doneteskii bahaa irratti xiyyeeffachuun furguggifteetti. Bal'ina odeessa kanaaargachuuf asiin seenuu dandeessu.

  16. Israa'el oppreshinii Gaazaa keessaa divizhinii waraanaa shan qaba jette.

    IIsraa'el oppreshinii Gaazaa keessaa divizhinii waraanaa shan qaba jette.

    Madda suuraa, Reuters

    Ibsa waa'ee suuraa, Israa'el oppreshinii Gaazaa keessaa divizhinii waraanaa shan qaba jette.

    Israa'el ''oppireeshinii lafoo jabaa'' Gaazaa keessatti gaggeessaa jirti. Maqaa duula kanaa ammoo Oppireeshinii Geediyoon jechuun moggaaste.

    Humni waraanaa Israa'el akka jedhetti diviizhinii waraanaa shantu Gaazaa keessaa oppreeshinicha irratti bobba'eera.

    Naannoo Oppireeshinicha gaggeessinu ''guutummaan to'achuu'' qabna jechuun Israa'el ibsiteetti.

    Uummata naannoo waraana kanaatii baasaa jirras jedhe waraanni Israa'el.

    Haleellaan qilleensa irraas itti fufeera. Guyyoota darban keessa haleellaa Israa'el kanaan namoonni 100 ajjeefamaniiru.

    Bakkeewwan haleellaa Israa'el keessatti irratti xiyyeeffatame Hospitaala Indooneezhiyaa jedhamu kan Kaaba gaazaatti argamu, Kibba Kaan Yuunis, fi kaampii baqattoota Jabaliyaati.

    Waraanni Israa'el Dilbata akka ibsetti waanti duubatti nu deebisu yoo jiraate, namoota hamaas ukkaamsee fudhate deebisuu qofa.

    Gaazaa keessa namoonni Hamaas ukkaamsee fudhate 58 jiru jedhama. Isaan keessaa 23 lubbuun akka jiran amanama.

  17. Ogeeyyiin fayyaa hojii dhaabuun seera Itoophiyaatiin attamiin ilaalama?

    Meeshaa wallaansa fayyaa

    Madda suuraa, Getty Images

    Ogeyyiin fayyaa Itoophiyaatti argaman Kibxata Caamsaa 13, 2025 irraa kaasee kutaalee tajaajila murtaa'aniin alatti mormii hojii lagannaarratti argamu.

    Ogeeyyiin mormicha kan eegalan erga gaaffiin baatii tokkoon dura Ministeera fayyaafi dhaabbilee mootummaa dhimma ilaalatu biraatti galfatan deebii hin argatiin hafeen boodadha.

    Mormii hojii lagannaa ogeeyyii fayyaa kana hordofees, hospitaaloonnii fi buufataaleen fayyaa hojjattoonnisaanii hojiirratti kan hin argamne yoo ta'e ''tarkaanfii bulchiinsaa barbaachisaa'' akka fudhatan akeekkachiisaniiru.

    Mormiichii eegalee guyyoota lamaan booda ibsa ministeerri fayyaa baaseen ''tarkaanfii seeraa barbaachisaa ta'e'' akka fudhatu akeekkachiiseera. Odeessa akanarratti dabalataan dubbiisuudhaaf asiin seenaa.

  18. Ministirri haqaa duraanii Keeniyaa Tanzaaniyaadhaa 'ar'ataman'

    Maartaa Kaaruwaa, falmituu mirga namoomaa Keeniyaa

    Madda suuraa, Getty Images

    Ibsa waa'ee suuraa, Maartaa Kaaruwaa, falmituu mirga namoomaa Keeniyaa

    Abukaatoo fi ministirri haqaa duraanii Keeniyaa, Maartaa Kaaruwaa Taanzaaniyaatti adeemsa dhaddacha dursaa paartii mormiituu Tuunduu Luusuu akka hin hordofneef biyyaa ari'atamunshee ibsame.

    Waahillan ishee waliin imalanii turan ammoo to'annoo jala oolfamuun biyyaa akka bahan taasifamusaanii dubbataniiru.

    Aanga'oonni Taanzaaniyaa dhimma irratti hanga ammaatti ibsi kennani hin jiru.

    Dura taa'aan paartiin mormiituu Taanzaaniyaa ijoo, Luusiin baatii darbe keessa yakka biyya ganuutiin erga himatanii booda Wiixata har'aa mana murtiitti dhiyaachuuf ture.

    Kaaruuwaan falmituu mirga namoomaa yoo taatu, erga mootummaa Taanzaaniyaatiin biyyaa bafamtee 'dimokiraasiin Afrikaa duubatti sololaataa'' jira jechuun qeeqan.

    Abukaatoon tun bara darbe Keeniyaadhaa gara Yugaandaatti fudhatamanii himannaan yakka biyya ganuu kan irratti baname, nama siyaasaa Yugaandaa Kiisaa Beesiigeetiif abukaatoodha.

    Akkuma Luusuu sana hunda Kiizaanis himannaa irratti dhiyaate siyaasaa jechuun kufaa taasisaniiru.

    Kaaruwaan bara 2005 hanga 2009tti ministeera haqaa Keeniyaa ta'uun kan tajaajilaa turan yoo tahu, bara 2022tti filannoo pirezidaantummaaf dorgomuu isaanii fashalaa'e irratti MM duraanii Raayila Odigna waliin dorgomaa turte.

    Paartii mormituu mataa ishee Paartii Bilisummaa Ummataa (PLP) jalqaba bara kanaa eegalte.

    Partiin ishee akka jedhetti, Kaaruwaa fi waahillisaanii Gilooriyaa Kiimaanu'ii fi falmiituun mirga namoomaa Liin Niigugii erga ''sa'aatiiwwaniif qorannoon irratti gaggeeffameen booda'' biyyaa akka bahan taasifamaniiru jechuun ibse.

    Gochaa oggeesota seeraa irratti raawwatame kan balaaleeffate barreessaa olaanaan Chaadeemaa, Joon Mikukaa, ''qaanii yakka biyya haaluu sobaan dhiyaate dhoksuuf furmaannisaa abukaatoowwan biyya biraa hidhu miti. Himannicha kaasuudha malee'' jedhan.

    Gamtaan falmitoota mirga namoomaa Taanzaaniyaa gamasaatiin, ''hidhaan akkuma barbaadameen raawwatameen'' nahuu ibsee, Liisoon Ebla 15 mana murtiitti wayita dhiyaataniitti Kaaruwaann taajjabduu ta'un akka argaman hayyamameefii ture jedhe.