Raashiyaan haleellaa qilleensarraa yeroo kamirrayyu guddaa ta’e Yukireen irratti bante

Raashiyaan lakkoofsi dirooniifi misaa’elii yeroo kamiyyu caalaa baayyee ta’een Yukireen irratti haleellaa babal’istee itti fufte. Daa’imman sadii dabaltee yoo xiqqaate namoonni 12 ajjeefamanii kan biro baayyeen madaa’uu aanga’oonni Yukireen himan.

Guduunfaa

  • Aktiivistiin lammii Yugaandaa mana hidhaa Taanzaaniyaa keessatti gudeedamuu himatte
  • Balaa xiyyaaraa Itoophiyaa fi Indoneeshiyaa waliin walqabatee Boeing akka hin himatamne Biiroo Haqaa US waliin waliigalan
  • Raashiyaan haleellaa qilleensaa hanga ammaatti balaafamaa ta'e Yukireen irratti raawwatte
  • Israa'el uggura guyyaa 10 kaasuun Gaazaaf nyaati akka seenu eeyyamte
  • Israa'el naannoowwan Gaazaa 'qabachuu fi to'achuuf' haleellaa cimaa eegalte
  • Tamsaasa kallattii kanaan dura ture

Haguuggii Tamsaasa Kallattii

  1. Tamsaasa kallattiitti deebiineera

    Ashamaa hordoftoota BBC Afaan Oromoo bakka jirtan maratti.

    Tamsaasa keenya kallattii kan ittiin odeessaalee addunyaa mara irraa gagabaabsinee isin biraan geenyuun kan guyyaa Kamisaa amma eegalleera.

    Odeessaalee keenya bal'inaan dubbiifachuudhaaf ammoo marsariitii keenya, Facebook keenya fi WhatsApp keenya millachuu hin dagatiinaa.

    Olmaa gaarii qabaadhaa!

  2. Loltoonni Yukireen leenjiirra osoo jiranii haleellaa Raashiyaan ajjeefaman

    Looltoota leenjiirra turan haleellichaan daqiiqaa muraasaan dura

    Madda suuraa, Russian MOD

    Haleellaan misaa'elaa Raashiyaan naannoo daangaa Yukireen Suumii keessatti loltoota Yukireen leenjiirra turan irratti raawwatteen loltoonni jaha ajjeefamanii,10 ol ammoo madaa'uu Eegdonni Biyyaalessaa Yukireen beeksise.

    Ministeerri ittisaa Raashiyaa ammoo isaan dura viidiyoo haleellaa misaa'ela Iskaandar kaampii leenjiirratti raawwatame agarsiisa jedhu gadhiisee kan ture yoo ta'u, dhaabbanni oduu mootummaa Raashiyaa 'Tass' namoonni 70 ta'an ajjeefamuu ibse.

    Naannoon Suumii irra deddeebiin haleellaan boombii kan irratti raawwatamu yoo ta'u, Yukireen naannoo ollaa Raashiyaa Kursik gartokkee ji'ootaaf dhuunfachuu labsiteetti.

    Waraanni Yukireen ammoo kaayyoon haleellaa kanaa Sumii dhunfachuuf naannoo ittisaa uumuuf akka gargaaruuf kan raawwatame yoo ibsu, namoonni tokko tokko garuu ammoo hamma miidhaa waraanaa mudate komataniiru.

  3. MM duraanii DR Koongoo dolaara miiliyoona 245 balleessan hojii humnaa waggaa 10niin adabaman

    MM duraanii Koongoo

    Madda suuraa, Getty Images

    Ministirri Mummee duraanii DR koongoo doolaara miiliyoona 245 qisaasan erga yakka malaamaltummaan himatamanii booda hojii humnaa cimaa waggaa 10niin akka adabamaniif itti murtaa'e.

    Awugistiin Maataataa Poonyoo murteen kun kan itti murtaa'e maallaqa ummataa kan ta'e doolaara miliyoona 245 qisaaseessuun erga mana murtii heera mootummaa biyyattiin itti murtaa'een boodadha.

    Aanga'aa duraanii kanaan alattis bulchaa baankii jidduugalaa biyyattii kan turan Di'ograatiyaas Mutomboomis malaammaltummaa kanaan badiin irratti argameera.

    Abukaatoon ministira mummee duraanii, murteen kun haqa maleessa akkasumas kan qabiyyee siyaasaa qabuudha jechuudhaan komachuu oduun Rooyitariitti himaniiru.

    Maallaqa qisaasameera jedhame keessaa kan murtaa'e kan fudhatame misooma qonnaa hanqina nyaataa biyyattii keessatti hundee gadi faggeeffatee furuuf ramadame irraa jedhameera.

    Maataataan bara 2021- 2016tti Ministira mummee DR Koongoo ta'un kan tajaajilan yoo ta'u, ammaan tanatti paartii Hoggansaa fi Misooma Bulchiinsaa jedhamu dursaa jiru.

    Osoo gara aangoo Ministira Mummeetti osoo hin dhufiin dura ministira maallaqa biyyattii ta'un kan tajaajilan yoo ta'u, yeroo sanatti diinagdee biyyattii tasgabbeessuu keessatti gahee bahaniif dhaabbata Maallaqa Addunyaa (IMF) irraa dinqiseeffannaa argatanii ture.

  4. MM duraanii Israa'el dhiibbaa guddaan idil-addunyaa Netaaniyaahuu irratti godhamuu qaba jedhan

    Ehuud Olmaart

    Madda suuraa, EPA

    Dhiibbaan siyaasaa biyya keessaa fi idil-addunyaa malee Beeniyaamin Netaaniyaahuu haleellaa Gaazaa keessatti haaromseerraa booddeetti akka deebi'uf kan amansiisu akka hin jirre Ministirri Muummee Israa'el duraanii Ehuud Olmart sagantaa BBC Raadiyoo 4 Today'tti himan.

    Kaleessa mootummaan UK marii waliigaltee daldalaa Israa'el waliin taasisaa ture addaan kutuun, ambaasaaddara biyyattii mariidhaaf waamuudhaan, qubattoota Weest Baankii irratti qoqqobbii haaraa kaa'uusaa beeksise.

    Akkasumas biyyoota biroo waliin ta'uudhaan haala Gaazaa balaaleffachuu fi gargaarsi dabalataa naannicha akka seenu gaafate ture.

    Hoggansa Israa'el ammaa kan qeeqan Olmart, dhiibbaan kun "xiqqaa miti" ta'uus ammoo, "ammallee gahaa miti" jechuun, prezidantiin Ameerikaa Doonaald Tiraamp "tarii" Netaaniyaahuuf madaallii garagalchuu danda'a jechuun yaada dhiheessan.

    Tarkaanfii UK kana ilaalchisee "hanga dandeessan balaaleffannaa siyaasaa itti fufaa" jedha, haata'u malee, "lammiilee Israa'el qoqqobbii dinagdeetiin hin adabinaa" jechuun itti dabaluudhaan, namoonni hedduun waraanni kun akka dhaabbatu gaafachaa jiru jedhanii falman.

    "Balaaleffamni MM Istaarmarii fi kanneen biroo irraa dhagahhamu akka deggersa gaaffii lammiilee Israa'el harka caalu tokkoomsee waraana dhaabbatuu fi namoonni butaman deebisuuttin ilaala," jedhan.

  5. Kufaatiirra hanga xumura waancaa Awurooppaa Liigiitti: Imala Maan. Yuunaayitidi fi Tootenhaam

    Kufaatiirra hanga xumura waancaa Awurooppaa Liigiitti: Imala Maan. Yuunaayitidi fi Tootenhaam

    Madda suuraa, Getty Images

    Maanchister Yuunaayitid! Bifa lama! Du'eera yeroo jettu ka'ee argita. Kufeera yeroo jedhan waancaaf darbee argita.

    Kilebni kun kufeera yeroo jedhametti waancaa Awurooppaa Liigiif dhaqabe. Mo'ameera yeroo jedhamee galmeen isaa baranaa cufameera yeroo jedhametti duubaa ka'uun Liyoniin mo'ee waancaaf darbe.

    Leenjisaa lama: Erik Teen Haag gaggeessuun Ruuben Amoorim qacare. Kilebichi erga Sir Aleeksi Fergusan soorama bahanii as leenjisaa ulfina isaa duraaniitti deebisu barbaadaa jiru.

    Fergusan waliin biyya tokko kan tahan Deevid Moyesii fi Luwis Vaan Haal leenjistoota maqaa guddaa qaban tahanis Yuunaayitid waliin hin milkoofne.

    Kilebichi hatattamaan maqaa isaa duraaniitti deebi'uu waan barbaadeef yeroo gahaa isaaniif hin kennine. Dabalata odeessa kanaa dubbiifachuuf asiin seenaa.

  6. Gargaarsi namoomaa ammallee lammiilee Gaazaa hin geenye jedhe UN

    Konkolaataan gargaarsa fe'an

    Madda suuraa, Reuters

    Dhaabbanni Biyyoota Gamtoomanii (UN) dhorkaan torbanootaa 11 kaafamuun gargaarsi Gaazaa seenu illeen, garuu hanga ammaatti ummataaf hin raabsamne jedha.

    Akka qondaaltonni Israa'el jedhanitti, konkolaattonni gargaarsaa 93 Kibxata darbe ''sakatta'iinsa nageenyaa gadi fageenyaan erga godheefiin booda'' gara Gaazaa seenaniiru.

    Haata'u malee, waajjirri gargaarsa namoomaa Dhaabbata Biyyoota Gamtoomanii akka jedhutti, gargaarsichi gara qaxxaamuraa gama Filisxeemiitti qofa geejjibsiifaman.

    Gareen dhaabbatichaa Gaazaa keessa jiru Kibxata darbe qaxxaamuraa kana seenuu fi dhiyeessii walitti qabuuf sa'aatii dheeraaf eegaa akka ture kan hime yoo ta'u, waraanni Israa'el garuu hanga ammaatti hayyama akka hin kennine dubbata.

    Kun kan ta'e, beela cimaa mudachuuf jiru ilaalchisee akeekkachiisa kennamaa jiruun, gargaarsi namoota nagaa Gaazaa akka dhaqqabuuf dhiibbaan idil-addunyaa dabalaa dhufuu isaati.

    Odeessa kana guyyaa guutuu hordofnee, odeeffannoo haaraa, xiinxalaafi gabaasa kallattiin isiniif fidnaatii nu waliin turaa.

  7. Gareen Israa'el Mariif Kaataar deeman akka deebi'an Netaaniyaahuun ibsan

    MM Israa'el Beenjaamiin Netaaniyaahuu

    Madda suuraa, Reuters

    Ministirri Mummee Israa'el Beeniyaamin Netaaniyaahuun, "garee marii qondaaltoota olaanaa" gara Kaataar irraa akka deebi'aniif ajajuu isaanii dhagahame.

    Ibsi waajjira isaanii baase akka jedheetti: "Dohaatti gara torban tokkoof qunnamtii dadhabsiisaan booda gareen marii olaanaa mariidhaaf gara Israa'elitti deebi'a, gareen biraa ammoo Doohaatti ni hafa."

    Israa'el haaluma ergamaan Ameerikaa Isteev Wiitkoof tarreessaniitti, yaada Ameerikaan namoota butaman deebisuuf dhiheessite irratti kan walii galtu ta'u eereera ibsichi itti dabaluudhaan.

    Karoorri Witkoof kunis kan walakkaan namoota butamanii hafan kallattiin akka gadhiifaman gochuuf Israa'el'f guyyoota 50'f dhukaasa dhaabuu hayyamuufi sana booda waliigaltee irra yoo ga'ame namoonni butaman hundi akka gadhiifaman kan of keessatti hammatedha.

    "Yaadni kun dhiheenya kana karaa jiddu-galeessitootaa Hamaasiif kan dhiyaatee yoo ta'u, innis ejjennoo isaa cimsee diduu itti fufeera," jechuun ibsichi dabalee ibseera.

    Gama kaaniin ammoo Hamaas Netaaniyaahuun amantaa badaa ta'e qabatee marii kana waan hirmaatu fakkeessanii himate. Ibsa Kibxata darbe bahe kanaan, ''erga Sambataatii kaasee mariin dhugaa hin taasifamne,'' jedhan.

  8. Bu'aa fi yaaddoon lammileen alaa Itoophiyaatti qabeenya dhaabbataa akka horatan hayyamuu maali?

    Magaalaa Finfinnee

    Madda suuraa, Adanech Abebie Facebook

    Jalqaba Caamsaa 2025 Manni-maree Ministeerotaa Itoophiyaa wixinee seeraa lammileen biyya alaa qabeenya hin sochoone (dhaabbataa) biyyattii keessatti horachuu hayyamurratti mariyatee akka raggaasisuuf Mana-maree Bakka Bu'oota Ummataatiif dabarseera.

    Manni-maree Ministirootaa seerri kun invastimantii alarraa hawwachuuf, misooma manneenii gatiin isaa madaalawaa ta'e babal'isuu, fedhiifi dhiyeessii gabaa keessa jiru madaalawaa gochuuf akkasumas carraawwan hojii uumuuf gargaara jedhe.

    Ministirri Muummee Abiy Ahimad (Dr) Bitootessa 2025 keessa wayita abootii qabeenyaa gibira gurguddaa kaffalan magaalaa Finfinneetti walitti qabanii haasaa taasisanitti, "seera lammileen biyya alaa akka qabeenya horatan hayyamu baasuuf jirra," jedhan.

    Itti dabaluun, seektara daldalaa jumlaafi qinxaaboo amma lammilee alarraa ta'an dhorkee Itoophiyaa qofaaf banaa ta'e banqaa gochuudhaaf seera jiru fooyyeessuudhaaf mootummaan isaanii hojjechaa jiraachuu dubbatan.

  9. Israa'el Gaazaatti 'yakka waraanaatti dhiyaatte jedha MM Israa'el duraanii

    Ehuud Olmaart

    Ministirri mummee Israa'el duraanii Ehuud Olmart, wanti Israa'el ''amma Gaazaa keessatti hojjechaa jirtu, baayyee yakka waraanaatti dhihaata'' jedhan.

    Itti dabaluudhaanis, kun "waraana kaayyoo hin qabne, waranaa carraa lubbuu namoota booji'amanii baraaruu galmaan ga'uu omaa hin qabnedha" jedha.

    Olmart, kan chaanaalii 'BBC News' waliin haasa'an, osoo bara 2006 hanga 2009tti ministira mummee hin ta'iin dura, Israa'el bara 2005 Gaazaa keessaa akka baatu gochuu keessatti gahee guddaa bahan ture.

    ''Waan ifa ta'e'' waraana kanaan lammiileen Filisxeem qulqulluu kumaatamaan lakkaa'aman, akkasumas loltoonni Israa'el hedduun ajjeefamaa akka jiran dubbata.

    "Qabxii hundaan yoo ilaalle kun jibbisiisoo fi aarii guddaadha", jechuun ibsan.

    "Nuti warra ajjeesitoota Hamaasiin lolaa jirra, namoota nagaa qulqulluu lolaa hin jirru" jedhan. "Sun immoo ifa ta'uu qaba."

    Hubannoodhaaf: Ministirri Muummee Israa'el Beeniyaamin Netaaniyaahuun "Gaazaa hunda ni to'ata" jedhan. Haata'u malee, Hamaas namoota Israa'el butee fudhate gadhiisee yoo meeshaa waraanaa lafa hiikkatte haleellaa kana ni dhaabnajedhan. Akkasumas Israa'el Gaazaa keessatti tarkaanfii fudhattu akka jijjiirtu kan gaafatan UK, Faransaayii fi Kaanaadaan cinaa ''seenaa dogoggoraa'' dhaabbachaa akka jiran dubbatti.

  10. Jiruu namicha Baaletti qoraan dugdatti baatee gurguru kaleessaa fi har'a

    Obboo Huseen Kadir

    Madda suuraa, Na'ol

    Obbo Huseen Kadir Godina Baalee aanaa Harannaa Bulluqitti qoraan dugdatti baatanii maagala Angeetuu geessanii gurguruun hojii idilee isaanii ture.

    Ganama takko akkuma baran guyyaa keessa qoraan isaanii fidanii yoo magaala gahan dargaggeessa maqaansaa Naa'ol Daffaroo Qilxuu jedhamuutu karaatti itti dhufe.

    Dargaggeessi kun hojii tola ooltummaa hojjechuu akka jaalatu hima. Guyyaa sanas hojuma akkasiitiif gara qarqara magaalattiiti osoo deemaa jiruu nama qoraan baatee dafqa xuruurfatu Kanaan walitti dhufan.

    Naa'ool nama kana argee callisee bira darbuu hin dandeenye. Itti goree dubbisee viidiyoo gabaabaan gaaffiif deebii godheef. Dabalatasaa asiin dubbiifadhaa.

  11. Tamsaasa kallattii eegalleerra

    Ashamaa hordoftoota BBC Afaan Oromoo bakka jirtan maratti.

    Tamsaasa keenya kallattii kan guyyaa Roobii ittiin odeessaalee addunyaa mara irraa gagabaabsinee isin biraan geenyuun amma eegalleera.

    Odeessaalee keenya bal'inaan dubbiifachuuf ammoo marsariitii keenya, ykn Facebook keenya fi WhatsApp keenya mil'achuu hin dagatiinaa.

    Olmaa gaarii qabaadhaa!

  12. Itoophiyaan gamoo Sahaaraa gaditti 'isa guddaadha' jedhame ijaaruuf

    Gamoo Saharaa gaditti guddaadha jedhame Humni Ibsaa Itophiyaa ijaarisuuf jedhu

    Madda suuraa, Addis Admaas

    Itoophiyaan gamoo abbaa darbii 62 Afrikaa gammoojji Sahaaraan gaditti isa guddaadha jedhame dolaara miliyoona 445'n ijaaruuf akka jirtu gaazexaan biyya keessaa Addis Admaas kan Ispuutinik gabaase waabefachuun barreesse.

    Gamoo Humni Ibsaa Itoophiyaa waajira muummee godhachuuf ijaaruuf jira jedhame kun lama kaaree meetirii kuma 197 fi 800 irratti ijaarama. Dheerinni isaa ammoo meetira 327.5 kan qaqqabu yoo ta'u, gamoo Baankii Dadala Itoophiyaa abbaa darbii 53 fi meetira 209.5 dheeratu ammaaf Finfinneetti rikkardii qabatee jiru caala jechuudha.

    Gamoon kun naannawaa Addabaabaayii Meeksiikoo, kutaa bulchiinsa Qirqoos keessatti ijaarama.

    Dizaayiniifi ijaarsa pirojektii gamoo guddaa kanaaf caaalbaasiin idl-addunyaa bahuu ammoo gaazexaa Kaappitaal gabaase.

  13. Haleellaa Israa'el Gaazaa keessatti raawwatteen yoo xiqqaate namoonni 38 ajjeefaman- ogeeyyii fayyaa

    Israa'el Gaazaa keessatti haleellaa cimsite

    Madda suuraa, Reuters

    Haleellaa qilleensaa Israa'el wal-duraa duubaan naannoo Gaazaa irratti raawwateen yoo xiqqaate Filisxeemoonni 38 ajjeefamaniiru jedhan ogeeyyiin fayyaa Filisxeem.

    Xiyyaaronni waraanaa Israa'el mana barumsaa baha Gaazaa keessaafi buufata boba'aa hojii dhaabuudhaan maatii kaampii baqattootaa Giddugaleessa Gaazaa Nuseiraat irraa buqqaafaman keessa qubatan dabalatee, bakkeewwan hedduu irratti haleellaa raawwateera jedha dhaabbati ittisa siiviilii Hamaasiin geggeeffamu.

    Itti dabaluudhaan, gareen lubbuu baraartootaa hanqina meeshaalee cimaafi haleellaa boombii walitti fufee gaggeeffamuun walqabatee namoota madaa'an bira ga'uuf rakkoon guddaan isaan mudachaa akka ture ibseera.

    Haleellaan kun kan raawwatame erga Israa'el ''haleellaa kanaan dura hin argamne'' jetteef qopheessuuf ajaja lammiileen nagaa Gaazaa keessa jiran akka gadhiisanii baqataniif kenniteen boodadha.

  14. 'Ajaja mana murtii fudhannee baanee, garuu ammoo nu amansiiseera jechuu miti'- Abukaatoo Obbo Taayyee

    Obbo Taayyee Danda'aa

    Manni Murtii Waliigalaa Federaalaa oliyyannoo Abbaan Alangaa Obbo Taayyeerratti dhiyeeffateerratti jalamurtii laachuuf har'atti beellamee turus beellama biraa kennuunsaa himame.

    Abukaatoo Obbo Taayyee Danda'aa kan ta'an Obbo Abarraa Nigus, "Galmeen kan beellamamee ture galmicha qoratanii murtee kennuuf ture. Yeroo garagaraatti beellamamnee 'hin hojjetamne' jedhamaa ture" jedhan.

    Abbaan Alangaa himatawwan lama Manni Murtii Olaanaa Federaalaa Ramaddii Lidataa Obbo Taayyeen bilisa jedheen irratti oliyyannoo dhiyeeffachuunsaa kan yaadatamu yemmuu ta'u, dhimmichis Mana Murtii Waliigalaa Federaalaatti Dhaddacha Oliyyannoo Yakkaatti ilaalamaa jira.

    Manni murtichaa abbaan seeraa tokko dhukkubsatanii hafuusaanii eeruun dhimmicharratti jalamurtii laachuuf beellama kennaa ture.

  15. Raashiyaan marii dhukaasa dhaabuu danquuf duubatti harkisaa jirti jechuun Zeleniskiin himate

    Pirezedantii Yukireen Voloodmiir Zeleniskiin

    Madda suuraa, Rooyitars

    Ibsa waa'ee suuraa, Pirezedantii Yukireen Voloodmiir Zeleniskiin

    Pirezedantiin Ameerikaa Doonaald Tiraamp dhukaasa dhaabuuf gitasanii kan Raashiyaa Vilaadmiir Puutin waliin marichuu hordofee, Pirezedantiin Yukireen Voloodmiir Zeleniskiin Raashiyaan waraana Yukireen ittifufuuf dhimmicha duubatti harkisaa jirti jedhanii himate.

    Tiraamp addatti Zeleniskii fi Puutin waliin waliin bilbilaan erga haasa’anii booda dhukaasa dhaabuun ''atattamaan eegalama'' jedhanii turan.

    Puutin wixinee wal-hubannoo waliigaltee nageenyaa isa garaa fulduraarratti hojjachuuf qophiidha jedhanii turan.

    Kireemliin garuu Wibxata darbe kana waliigateetti dhiyaachuun kan ibsame ta'us hanga jedhame akka hin taane ibsuun, Dubbi-himaan Pirezedantii biyyatti Dimetirii Peskoov ‘’waliigalteerra gahuuf yeroon daangeffame hin jiru’’ jechuun miidyaa biyyattiitti himan.

    Gama biraatiin Zeleniskiin deeggarsa biyyoota Lixaa walitti qabachuuf hojii dippiloomaasii haaraa dalagaa jiru.

  16. Amma nu gahe, Gargaarsa guddaatu barbaachisa ykn daa'imman ni dhumu - gaaffii fi deebii UN

    Toom Fileetchar

    Madda suuraa, EPA

    Reefu barreessaa olaanaa Dhaabbata Biyyoota Gamtootam (UN)tti itti gaafatamaa dhimma namoomaa, Toom Fileechar kan har'aa Saganataa Raadiyoo 4 irratti Anaa Fostar waliin gaaffii deebii taasisan irraa dhageenyeerra.

    Qabxiileen gaaffiifi deebii isaanii ijoo kunooti:

    • Fileechar akka jedhanitti, yoo dhiyeessiin gargaarsaa isaan hin geenye ta'e sa'aatii 48 dhufan keessatti daa'imman 14,000 Gaazaa keessatti ni du'u.
    • Dhaabbanni UN akkamitti lakkoofsa kana akka itti agrata kan gaafataman, Fileechar akkas jedha: "Gareewwan ciccimoo lafarraa qabna" jedha.
    • Erga Israa'el uggura torban 11 kaafteen booda konkolaattonni gargaarsaa shan Wiixata kalleessa daangaa qaxxaamuraniiru jedha. Haata'u malee, hanga ammaatti gargaarsi hawaasa bira hin geenye jedhan.
    • Fileechar har'a konkolaattota fe'umsaa 100 gara Gaazaatti galchuuf akka abdatan himan. Itti dabaluudhaanis, "Gargarsa namoomaatiin naannoo Gaazaa guutuu nu barbaachisa" jedhan.
    • Ibsa kanaan dura UK, Faransaayii fi Kanaadaan, Israa'el haala akka jijjiirtu gaafatan irratti deebii kennaniin, Fileechar ''jecha ciccimoo'' jechuun dubbataniiru. Haata'u malee, ''qormaanni dhugaan'' UN gargaarsa dabalataa argachuu danda'uu fi dhiisuu isaati jedhan.
  17. Mohaammad Saalaa tapha Biraayitan irratti akkamiin rikardii galchii hedduu lakkoofsisuu dhabe?

    Mohaammad Saalaa

    Madda suuraa, Getty Images

    Mohaammad Saalaa baay'ina galchii fi kubba galchiif mijeessee kennuun bara dorgommii Piriimer Liigii tokkotti rikardii cabsuuf xiqqumatu isa hafa ture.

    Tapha 400ffaa Liiverpuuliif taasisee Biraayitaniin 3-2 mo'aman irratti yoo xiqqaate rikardii kana dura qabame qixxaachuun gammachuu isaa ibsachuuf ture.

    Koodii Gaakpoo kubba xumuree akka Saalaan lakkoofsisuuf kenneef gaafa dhabu deeggarstoota miti inni mataan isaa amanuu hin dandeenye.

    Namuu hubachuu hin dandeenye. Karra qullaa namni keessa hin jirre irratti galchii lakkoofsisuu dadhabe.

    Inniyyuu ofitti kolfe. Ji'a lama dura baay'ina galchii piriimer Liigii cabsuu isaati jedhamee eegamaa ture. Gahumsa dhuunfaa bara dorgommii tokkotti agarsiise rikardiin goolaba jedhamee eegame.

  18. UK, Faransaay fi Kaanaadaan Israa'el Gaazaarratti haala akka jijjiirtu gaafatan

    Haleellaan Israa'eliin booda aarrii samiitti ol ka'ee mullata

    Madda suuraa, Getty Images

    Haleellaan qilleensaa yeroo dhiyoo Gaazaa irratti raawwatame kun kan dhufe osoo UK, Faransaay fi Kaanaadaan, Israa'el haala akka jijjiirtu gaafachaa jiranitti.

    Kiir Istaarmar, Imaanueel Maakroo fi Maark Kaarnariin ibsa waloo kennaniin: "Israa'el haleellaa waraanaa haaromfame kana yoo hin dhaabnee fi dhorkaawwan gargaarsa namoomaa irra keessee yoo hin kaafne, deebii kanaaf tarkaanfii qabatamaa dabalataa ni fudhanna" jedhan.

    Hoggantoonni kunneenis, Hamaas ''haleellaa fokkiisaa'' gaafa Onkololeessa 7 taasiseen booda namoota buutee Israa'el keessaa fudhate akka gadhiisuuf gaafataniiru.

    Itti dabaluudhaan,"Yeroo hunda Israa'eloota shororkeessummaa irraa ittisuuf mirga Israa'el qabdu ni deeggarra. Ta'us ammoo muddamni kun garuu guutummaatti wal hin madaalu."

  19. Dr. Maahileet Guush daa’ima ganna tokkoofi ji’a jahaarraa poolisiin to’atamte

    Dr Maahileet Guush

    Madda suuraa, Family

    Sochii ogeeyyii fayyaa tibbanaatiin wal qabatee Dr. Maahileet Guush kaleessa naannawaa sa’aatii jahaatti poolisii magaalaa Finfinneetiin “gaaffiif barbaadamta” jedhamuun manasheetii fudhatamtee akka hidhamte miseensi maatii BBC’tti himan.

    Dr. Maahileet “daa’ima ganna tokkoofi ji’a jahaa manatti dhiistee” akka irraa hidhamtes himaniiru miseensi maatii kun, hidhaarraa hiikamuun mucaasheetti nagaadhaan akka deebitu gaafatan.

    Dr. Maahileet Guush digiriishee jalqabaa ogummaa hakima fayyaa (medicine)’n bara 2014tti Yunivarsiitii Maqalee irraa eebbifamte.

    Ispeeshaalistummaa ishee ammoo ogummaa Paatoolojiin Kolleejjii Hospitaala Miliiniyeemii Paawuloosiitti baratte. Yunivarsiitiiwwan Addigiraat, Aarbaamiicii fi Aksum barsiisteetti.

    Dr. Maahileet kanaan dura gaaffiifi deebii torbanootaan dura BBC Afaan Oromoo fi 'BBC Focus On Africa' waliin taasisteen akkuma hakimoota Itoophiyaa kaanii haalli jireenya biyya keessa ture akka itti ulfaate kaastee turte.

    Boodarra gara Hargeessaa, Somaaliilaand deemuudhaan ganna lamaa ol tajaajila waldhaansa fayyaa kenniteetti.

    Waan achitti argite yeroo ibsitu, kan Itoophiyaa waliin "fardaafi lafadha" jechuun ibsitee turte. Gaaffiilee ogeeyyiin fayyaa Itoophiyaa tibbana taasisaa jiranis sirrii ta’uus ibsitee turte.

    Odeessa kanaan dura ishee waliin gaaffii fi deebii taasisuun hojjannee dubbiifachuudhaaf karaa kana seenuu dandeessu.

  20. Wantoonni nuti harkaan tuqnu osoo elektirikii hin qabaatiin maaliif nu qabu?

    Namoota garii balballi konkolaataa waan qabuuf harkaan tuquu sodaatu

    Madda suuraa, Getty Images

    Yeroo tokko tokko waanuma harkaan tuqnu hundatu na qaba. Wantoonni nu qaban kunneen elektirikii hin qaban.

    Balbala yeroo harkaan qabnee bannu, keessaahuu kan harkaan qabannu yoo sibiila ta'e, akka waan elektirkii qabuutti nu qabuu danda'a.

    Gariin keenya balbala konkolaataa harkaan qabnee banuu yaaddofna. Kana qofa miti, namarraas elektirikiin yeroo nu qabu jira.

    Uffata keenyarraa, keessattuu halkan yeroo rafnufaa chaarjii uffatarraa balaqqeessa'uun kan hirribi jalaa jeeqamu hedduudha.

    Taateen akkasii uumama atoomii waliin walqabata. Rakkoon kun fayyaa keenyarratti miidhaa geessisu qabaachuu baatus yeroo garii baayyee nu naasisuun garmalee nu jeequu danda'a.