Raashiyaan haleellaa qilleensarraa yeroo kamirrayyu guddaa ta’e Yukireen irratti bante

Raashiyaan lakkoofsi dirooniifi misaa’elii yeroo kamiyyu caalaa baayyee ta’een Yukireen irratti haleellaa babal’istee itti fufte. Daa’imman sadii dabaltee yoo xiqqaate namoonni 12 ajjeefamanii kan biro baayyeen madaa’uu aanga’oonni Yukireen himan.

Guduunfaa

  • Aktiivistiin lammii Yugaandaa mana hidhaa Taanzaaniyaa keessatti gudeedamuu himatte
  • Balaa xiyyaaraa Itoophiyaa fi Indoneeshiyaa waliin walqabatee Boeing akka hin himatamne Biiroo Haqaa US waliin waliigalan
  • Raashiyaan haleellaa qilleensaa hanga ammaatti balaafamaa ta'e Yukireen irratti raawwatte
  • Israa'el uggura guyyaa 10 kaasuun Gaazaaf nyaati akka seenu eeyyamte
  • Israa'el naannoowwan Gaazaa 'qabachuu fi to'achuuf' haleellaa cimaa eegalte
  • Tamsaasa kallattii kanaan dura ture

Haguuggii Tamsaasa Kallattii

  1. Mootummaan nageenya ummataaf dursa kennuun WBO fi Fannoo waliin mari'achuu qaba- US

    Itoophiyaatti Ambaasadara Ameerikaa kan tahan Erviin Maasiingaa

    Madda suuraa, US Embassy in Addis

    Itoophiyaatti Ambaasadara Ameerikaa kan tahan Erviin Maasiingaa walitti bu'insi Itoophiyaa keessaa dhaabbachuun mootummaan federaalaa nageenya uummataaf dursa kennuu qaba jedhan.

    Mootummaan Ameerikaa, ''mootummaan Itoophiyaa uummata isaa irratti haleellaa diroonii raawwachuu dhaabuun mariif haala mijeessuu qaba'' jedhe.

    Ibsa har'a ganama baaseen gareen hidhachuun Itoophiyaa keessa socho'an Waraanni Bilisummaa Oromoo fi Faannoon gara marii nagaatti akka deebi'aniif waamicha godhaniiru.

    Naannoo Amaaraa keessa kan socho'an hidhattoota Faannoo ''kaayyoo nagaa qabeessaa fi dhugoomuu danda'u qabachuun gara marii nagaatti dhufuu qabus'' jedhe.

    WBO fi mootummaan Itoophiyaa yeroo lamaa Taanzaaniyaatti wal arguun marii nagaa taasisaniiru.

  2. Deenmaark Umurii sooramaa gara 70tti ol guddiifte

    Maanguddoota bisikiliitiin imalan

    Madda suuraa, Getty Images

    Deenmaark bara 2040 irraa kaasee umurii sooramni itti bahamu waggaa 70tti ol guddiifteetti.

    Awurooppaa keessatti umurii itti soorama bahamu isa guddaadha jedhame kun kaleessa paarlaamaa biyyattiin raggaasifameera.

    Deenmaark umurii itti soorama bahamu kan umurii namni tokko jiraatu (life expectancy) waliin gitaa kan taasiifte yoo ta'u, waggaa shan shaniin fooyyeessaa turte jirti.

    Yeroo ammaatti umuriin lammiileen soorama itti bahan wagga 67 yoo ta'u, bara 20230tti ammoo gara waggaa 68tti bara 2035tti ammoo gara 69tti ol guddachuuf jira.

    Seerri haaraa amma guyyaa Kamisa kaleessaa paarlaamaa biyyattiin raggaasifame kun ammoo, deeggarsa miseensoota 81 fi mormii miseensoota 21n umuriin sooramaa bara 2040tti gara waggaa 70tti ol akka guddatuuf murteesseera.

  3. Poolisiin Federaalaa ogeessota fayyaa 47 to'annoo jala oolchuun qorachuu eegaluu ibse

    Ethiopian Federal Police

    Madda suuraa, Ethiopian Federal Police

    Poolisiin Federaalaa sochii ogeeyiin fayyaa dhimmaa mindaa fi faayidaa ilaalchisuun tibbana taasisa turan hordofee ogeeyyii fayyaa 47 to'annoo jala oolchuun qorachuu eegaluu isaa ibsa har'a baaseen beeksiseera.

    Akka ibsa Poolisiitti ogeeyyonni to'ataman knneen ''gaaffii mirgaa ogeeyyiin fayyaa kaasan dahoo godhachuun, humnoota biyyatti keessatti jeequmsa uumuuf hojjetan waliin ta'uun, lagannaa hojii seeraan alaa gaggeessuun, damee fayyaa keessatti jeequmsa uumuun, lubbuu dhukkubsattootaa balaadhaaf saaxiluudhaan shakkaman.''

    Shakkamtoonni kunneen gaaffii mindaa fi faayidaa ogeeyyiin fayyaa kaasan jala dhokachuun lagannaa seeraan alaa eegaluu,warri kaanis duula hojii dhaabuu akka taasisan kakaasuun, dhukkubsattoonni du'aafi balaadhaaf saaxiluudhaan, hokkorrii fi jeekumsi akka ka'u taasisuun shakkamanii jedha ibsichi.

    Guutummaa odeessa kanaa karaa kanaan ni argattu.

  4. US Sudaan meeshaa kemikaalaa waraanaaf fayyadamte jechuun qoqqobbii haaraa irra keesse

    Namtichi Sudaan bombii hin dhoohiin agarsiisaa

    Madda suuraa, Reuters

    Ameerikaan bara darbe waraana sivilii Humnoota Deeggarsa Saffisaa (RSF) waliin geggeeffamaa jiru keessatti meeshaa warana keemikaalaa fayyadamuushee erga adda baafteen booda qoqqobbii haaraa Sudaan irratti kaa'uf akka jirtu Ministeerri Dhimma Alaa beeksise.

    Al-ergiin Ameerikaa gara Sudaaniitti ergitu kan daangeffamu yoo ta'u, Waxabajjii 6 irraa eegalee daangaan liqaan faayinaansii akka kaa'amu ibsi dubbi himaa Taami Biruusii ni mul'isa.

    Waraanni Sudaan fi gareen waraanaa RSF lamaan isaanii kanaan dura yeroo waldhabdee kanaa yakka waraanaatiin himatamaa turan.

    BBC'n tarkaanfii Ameerikaan dhiyoo kanarratti deebii argachuuf Sudaan qunnamee ture. Qondaaltonni Sudaan hanga ammaatti ibsa baasne hin qabnu jedhan.

    Waraana waggaa lamaan dura waraanaa Sudaaniifi humna RSF jidduutti aangoo qabachuuf jecha eegaleen namoonni kuma 150 ol ajjeeffamaniiru.

  5. 'Faarsee bulaa vs goomatee bulaa': Duula seenessa miidiyaa hawaasaa to'achuu

    Ergaawwan namoonni miidiyaa irratti waliitti barreessan keessaa

    Madda suuraa, SM

    Siyaasa Itoophiya baroota muraasa darbanii keessatti miidiyaan hawaasaa gumaacha godheera.

    Dhufaatii Ministira Mummee Abiy Ahimad dura qabsoo gaggeeffamaa tureef kallattiin kan kennamu, duulli kan qindaa'uufi mariin kan godhamu dirree miidiyaa hawaasaa gubbaatti ture.

    Dirree kanarratti odeeffannoon qoodamu fi seenessi bocamu harki hedduun kan mormitoota mootummaa ta'ee tureera. Mootummaan miidiyaalee idilee irratti ibsa baasuun dantaasaa eegsisuuf carraaquu caala bifa qindaa'een miidiyaa hawaasaarratti hedduu hirmataaa hin turre.

    Seenaan kun dhufaatii Ministira Muummee Abiy Ahimad booda waggoota muraasa darban keessa jijjiiramaa dhufeera.

    Mootummaan Ministira Muummee Abiy dirree miidiyaa hawaasaarratti odeeffannoowwan qoodamaniif deebii kennuu qofa osoo hin taane ajandaa miidiyaa hawaasaa bocuun dantaa ofii eegsisuuf bifa qindaa'een socho'aa jira.

    Dabalataan dubbiifachuuf karaa kananseenuu dandeessu.

  6. Netaaniyaahuun MM UK Hamaas cinaa dhaabbate jechuun himatu

    MM Israa'el Beenjaamiin dureewwan UK, Faransaayiifi kaa himatan

    Madda suuraa, Reuters

    Ministirri Mummee Israa'el Beeniyaamin Netaaniyaahuun, ''Hamaas aangoo irra akka turu barbaadu'' jechuun Ministirri Mummee UK Siir Kiir Istaarmar, Pirezidantii Firaans Imaanu'eel Maakiroon fi MM Kanaadaa Kaarnii himatamniiru.

    Akkasumas Istaarmar, Imaanu'el Maakroo fi Maark Kaarnarii, ''namoota jumlaan ajjeesan, gudeedan, daa'ima ajjeesanii fi kanneen namoota butan'' cinaa akka jiran himateera.

    Akkasumas haleellaa Kamisa darbe Waashingitaniitti hojjettoota Imbaasii Israa'el irratti raawwatame irratti haasaa kan taasisan, Netaaniyaahuun hoggantoonni michoota Israa'el dhiyoo tokko tokkoo, ''Israa'el gadi teessee akka waraana Hamaas kanneen jumlaan ajjeesuu lubbuun oolchu fudhattu" barbaadu jedhan.

    Kanneen himataman hanga ammaatti kallattiin deebii hin kennine, garuu Siir Kiir kanaan dura haleellaa Waashingitan akka balaaleffate akeekeera.

  7. Hakima gameettii ganna 40 oliif dubartoota kumoota hedduuf aara-galfii taate- Dr Muluu Muletaa

    Dr Mulu Mulata

    Madda suuraa, Dr Mulu

    Dr. Muluu Mul'ataa hakimoota waldhaansa fayyaa haadholii maqaa guddaa qaban keessaa tokkodha. Waldhaansaafi qorannoo fayyaa ulfaafi gadameessaatiin waggaa 40 ol hojjetaniiru.

    Addumatti ammoo dubartoota dhukkuba feestullaa qaban waldhaanuu erga eegaltee ganna 35 caaleera. Dhukkubsattoota feestullaa waldhaanuun ogummaan qofa otoo hin taane miiraasaanis walitti hidhateera.

    Hanga yoonaatti waldhaansa baqaqsanii yaaluu dhukkubsatoota feestullaa 10,000 ol hojjechuu himu. Har'a erga soorama baatees waldhaanuu hin dhiisne. Giddugala dhuunfaasaanii banachuun fayyaa haadholii fi daa'immanii waldhaanutti jirtu. Dhukkubsattoota feestullaa ammoo tolaan tajaajilaa jiru.

    Dr. Muluun akkamiin gara imala dheeraa kanaatti akka dhufanii fi gumaacha waldhaansa dhukkuba feestullaarratti taasisan ilaalchiseei BBC waliin turtii taasisaniiru.

    Guutummaa seenaa oggeettii gameettii tanaa asiin seenuun argachuu dandeessu.

  8. Tamsaasa kallattiitti deebiineera

    Ashamaa hordoftoota BBC Afaan Oromoo bakka jirtan maratti.

    Tamsaasa keenya kallattii kan ittiin odeessaalee addunyaa mara irraa gagabaabsinee isin biraan geenyuun kan guyyaa Jimaataa amma eegalleera.

    Odeessaalee keenya bal'inaan dubbiifachuudhaaf ammoo marsariitii keenya, Facebook keenya fi WhatsApp keenya millachuu hin dagatiinaa.

    Olmaa gaarii qabaadhaa!

  9. Barreessaan Olaanaa UN ajjeechaa Waashingitan 'cimsanii balaaleffatan'

    Barreessaa Olaanaa UN

    Madda suuraa, EPA

    Barreessaan olaanaa Dhaabbata Biyyoota Gamtoomanii Antooniyoo Gutarees ajjeechaa hojjettoota Imbaasii Israa'el lamaan irratti raawwatame ''cimsanee balaaleffanna'' jechuusaanii dubbi-himaan isaanii himan.

    "Gocha suukaneessaa akkasii kana wanti sababa ta'uu danda'u hin jiru," jedhan itti dabaluudhaan.

    "Barreessaan Olaanaa kun namni yakka kana raawwate seeratti akka dhiyaatu gaafachuudhaan, maatii fi jaalalleewwan namoota ajjeeffamanii fi mootummaa Israa'eliif mararfannaa isaanii ibsan."

  10. 'Silaa gaa'ela isaaniirratti argamuuf ture, amma awwaalcha isaanii raawwanne'- hogganaa hawaasa Yihudootaa

    Hogganaa hawaasa Yihudootaa Roon Haalbar

    Madda suuraa, Ron Halber

    Hawaasni Yihudootaa Waashingitan ''guutumaan guututti rifataniiru,'' jedhan hoji gaggeessaa olaanaan Mana Maree Hariiroo Hawaasa Yihudoota Waashingitan Gudittii, Roon Haalbar.

    "Silaa gaa'ela isaaniirratti argamuuf ture, amma garuu sirna awwaalcha isaanii irratti argamne," jedhan kaadhimaawwan halkan Roobii rasaasaan ajjeefaman yaadachuudhaan.

    Ummanni Yihudootaa "jireenya isaanii ifatti jiraachuu itti fufu" jechuun, "hin dhaabsiifaman" jedhan.

    Haalbar itti dabaluudhaan, gara fuulduraatti gamoo Yihudootaa Waashingitan keessatti nageenyi guddaan akka barbaachisu amana.

    Kaadhimaawwan lamaan DCtti ajjeeffaman

    Madda suuraa, Embassy of Israel to the USA

  11. Saan Diyaagootti xiyyaarri kufe tokko manneenii fi konkolaataa hedduu mancaase

    Ibsa waa'ee viidiyoo, Saan Diyaagootti xiyyaarri kufe tokko manneeniifi konkolaataa hedduu mancaase

    Ameerikaa Saan Diyaagoo keessatti xiyyaarri xiqqaan tokko kufee manneen jireenyaafi konkolaataa hedduutti abiddi qabatee akka manca’aniif sababa ta’e.

    Balaa xiyyaaraa kanaan manneen jireenyaa fi konkolaataawwan gubatan hedduudha.

    • Xiyyaarri kun 'Cessena 550' moodela xqqaa namoota ja’aa hanga saddetiii qabachuu kan dandeessudha.
    • Xiyyaarri kan kuftee caccabde akka sa'aatii bakka sanaatti sa'aa 03:45 yoo ta’u, sa’aatii sanatti urriin samii uwwisee ture.
    • Boba’aan xiyyaara kanaa manneeniifi konkolaatarrati waan dhangala’eef abidda dhalate sana hameessuun hin oolle.
    • Hanga ammaatti manneen balaa kanaan gubbatan 15 yoo ta’an jiraattonni akka keessaa baqatan taasifameera.
    • Suuraawwan achirraa bahan akka agarsiisanitti konkolaataawwaniifi gamoon manneen jiraanyaa gubataniiru.
    Konkolaataa balaa xiyyaaraan gubate

    Madda suuraa, CBS

  12. Dooniin waraanaa haaraa Kooriyaa Kaabaa osoo eebbifamaa jirtuu mancaate, Kiim warra hojjetanirratti dhaadate

    Kiim warri doonii kana dizaayinii ishee hojjatan’’ kabaja  biyyaa garmalee waan  miidhaniif itti gaafatamu’ jedhe.

    Madda suuraa, Rooyitars

    Ibsa waa'ee suuraa, Kiim warri doonii kana dizaayinii ishee hojjatan’’ kabaja biyyaa garmalee waan miidhaniif itti gaafatamu’ jedhe.

    Kiim Joong Un warri doonii waraanaa mancaate hojjachuutti hirmaatan ‘’kabaja biyya miidhanii’ jedhanii qeeqan.

    Dooniin waraanaa haaraa Kooriyaa Kaabaa osoo eebbifama ajirtuu mancaate. Hogganaan Kooriyaa Kaabaa Kiim Joong Un doonii waraanaa haaraa biyyisaanii Kamisa har'aa yeroo eebbiftutti garmalee manca’uu hordofee taatee sanaa ‘gochaa yakkaati’’ jechuun balaaleeffachuudhaan, gocha badii obsaan irra hin darbamne jedhe.

    Kiim warri doonii kana dizaayinii ishee hojjatan’’ kabaja biyyaa garmalee waan miidhaniif itti gaafatamu’ jedhe. Dooniin waraanaa toonii 5000 ulfaattu kun manca’uun madaalli eeggachuun dadhabuun duuftetti.

    Miidiyaan biyyattii taatee kanaan walqabatee namni miidhame jiraachuuf dhisuu hin ibsine.

    Taatee Kamisa baha biyyattii buufata doonii Chongjin jedhamutti mudate kun’’guutumaan guutuutti dhibaa’ummaarraa kan madde, ittigaafatamummaa ofii bahachuu diduu fi yaada-rimee saayinsii kan hin bu’uureffanne’’ jechuun Kiim qeeqe.

    Namoonni dizaayinii doonii kanarratti hirmaatan ammatti maal akka adabaman hin beekamne, biyyattiin mirga namoomaa lammilee biyyattii hin eegdu jedhamuun qeeqamti.

    Kooriyaa Kaabaatti namni sababa kamiifu sadarkaa jechuun danda’amuuf ni hidhama jedhu rogeeyyiin.

  13. Hoggantoonni UK, Faransaayii fi Kaanaadaa 'humnoota shororkeessummaa jajjabeessan' - Ministirri Israa'el

    Amichai Chikli

    Madda suuraa, Getty Images

    Ministirri dhimma diyaaspooraa Israa'el, Amichahi Chikli ibsa baaseen, hoggantoonni UK, Faransaayii fi Kaanaadaa ''humnoota shororkeessummaa jajjabeessan'' jechuun balaaleffate.

    Kibxata darbe Kiir Istaarmar, Imaanu'el Maakroon fi Maark Kaarniy ibsa waloo baasananiin, haleellaan haaraa Israa'el Gaazaatti raawwatte "guutumaatti kan wal hin madaalle" jechuudhaan, uggurri gargaarsa namoomaa akka kaafamu gaafachuun, yoo kun hin taane "tarkaanfii qabatamaan" akka fudhatamu akeekkachiisan.

    Chiikliin haleellaa Waashingitan DCtti raawwatameef deebii kennuudhaan, shakkamaan "Filisxeem bilisaa baatu" jedhee akka iyye akeekan.

    Jechoonni sunis "nagaaf osoo hin taane jibbaaf alaabaa ta'aniiru" kan jedhan qondaallichi, Israa'eliin akka jinniitti mul'isuuf itti fayyadamuuf kan oolfamaa jiru yoo ta'u, warra kana jedhan "sagalee farra Yihudootaa dhageessisaan" jedhan.

    "Hoggantoota ittigaafatamummaa hin qabne biyyoota LIxaa kanneen jibba kanaaf deeggarsa kennan illee itti gaafatamoo gochuu qabna.

    Kunis karaa tasgabbeessuu, callisuun haata'u," itti gaafatamo ta'u qabaatu jechuun hoggantoota sadan "hundisaanii, karaa adda addaatiin, humnoota shororkeessummaa daangessuu dhabuu isaaniitiin jajjabeessaniiru" jechuun himatan.

    "Abshaalummaan kun gatii qaba, gatiinsaa sun immoo dhiiga Yihudootaatiin kaffalama," jedha Chikli.

    UK fi Faransaay dabalatee, biyyoonni hedduun haleellaa UStti lammiilee Israa'elirratti raawwate kanaaf deebii kennan. Ministirri dhimma alaa UK Deeviid Laamiin kun ''yakka suukaneessaa, farra Yihudootaa'' ta'uu dubbatan.

  14. Kennaan xiyyaaraa Qataar US qaqqabe Pirezidantii fe'uuf maaliif hanga doolaara biliyoona tokkoo dabalataan gaafata?

    Xiyyaara Kaataar Tiraampiif kennite

    Madda suuraa, Getty Images

    Yunaayitiid Isteets xiyyaaara qaalii Pirezidantootni US ittiin akka imalan hojjetame 'Air Force One' maatii mootii Qaataar irraa kennaan dhiyaateef simatte.

    Kennaan kun wayita beeksisfamu falmiifi dheekkamsa kaasee ture.

    Dubbii himaan Peentaagoon Seyaan Paarneel Roobii ibsa kennaniin ''Waajirri olaanaan ittisa US, Qataar irraa xiyyaara Boeing 747 bu'uura seeraa fi qajeelfama Federaalaan fudhateera'' jedhan.

    Ammoo akka xiyyaarri Air Force One biroo pirezidantiin ittiin imaluuf wanti hedduun guutamu waan jiruuf ammatti tajaajila sanaaf hin oolu.

    Keessoosaa akka pirezidantootni ittiin imalan godhanii tolchuuf, nageenyaaf jedhamee wantoota itti dabalamuufi fooyya'insi biroo hedduu godhamu waggoota fudhachuu danda'a.

    Odeessa kanarratti odeeffannoo dabalataa argachuuf karaa kanaan seenaa.

  15. Arsenaal Roodiriigoo Riyaal Maadirid irraa mallattesisuuf akka jedhu gabaafame

    Taphataan ganna 24 Roodiriigoon

    Madda suuraa, Getty Images

    Taphataan ganna 24 Roodiriigoon dhiyeenya hoggantoota kilabichaa waliin wal dhabdee keessa akka jiru himama.

    Leenjisaa Riyaal maadirid Kaarloo Anchelootiis yeroo gahaa kennaafii hin turre. Tapha El Kilaasiikoo irrattis osoo hin taphatiin hafe.

    Kiiliyaan Imbaappee erga gara kilebichaa deemee, Vinishiyes Juuner, Beelingihaam akkasumas Roodiriigoo gidduu wal morkiin akka jiru himama.

    Riyaal maadirid Niikoo Wiiliyaamsi, Atileetiikoo Bilbaa'oo irraa kan mallattesisu yoo tahe Roodiriigoon bahuun isaa hin hafu.

    Oduu biraan Baarseloonaan taphataa Liiverpuul Luwis Diyaaz mallatteessisuu akka barbaadu himame. Liiverpuul ammo isa bakka buusuuf taphataa Liyon Maalik Fofaanaa mallatesisuu barbaada.

    Naappoolii fi kilebni Ameerikaa Chikaagoo Faayer Keevin De Biruuniin mallattessisuu akka barbaadan himame.

    De Biruun deeggartoota maan Siitiitti nagaa dhaammateera. Bilisaan kileboonni Piriimer Liigiis fudhachuu barbaadu.

  16. Namtichi hojjattoota Imbaasii Israa'el lama ajjeessuun shakkame yeroo to'atamu 'Filisxeem bilisaa haa baatu' jedhee iyye

    Viidiyoon asiin gadiitti agartan kunis yeroo namtichi lammiilee Israa'el lama Waashingitan DC keessatti dhukaasa itti banuudhaan erga ajjeesseen booda to'annoo jala oolfameedha.

    Namichi kunis wayita qaamoolee nageenyaatiin to'atameetti yoo "Filisxeem bilisaa haa baatu" jedhee iyyuu dhaga'ama.

    Akkuma kanaan dura gabaasnetti, poolisiin nama umuriinsaa ganna 30 Eliyaas Roodriigeez jedhamuufi Chikaagoo irraa ta'uun shakkame jechuun adda baase.

    Ibsi waajjira Ministira muummee irraa bahe akka jedhutti, abbaa alangaa waliigalaa Ameerikaa Paam Boondii fi Ambaasaaddara Israa'el biyyattii keessatti argamu waliin haasa'uu isaaniis ibseera.

    Ibsa waa'ee viidiyoo, Watch: Moment Jewish Museum shooting suspect is detained
  17. Manni-murtii Federaalaa ogeessota fayyaa himatamanirratti guyyaa 12 hayyame

    Meeshaa wallaansaa

    Madda suuraa, Getty Images

    Manni Murtii Sadarkaa Jalqabaa Federaalaa dhaddacha ramaddii Araadaa guyyaa 21 ooleen yeroo dabalataa ogeeyyii fayyaa sagal irratti gaafatameen guyyoota 12 hayyame.

    Dr. Maahileet dabalatee ogeeyyiin fayyaa sagal Mana Murtii Sadarkaa Jalqabaa Federaalaa dhaddacha ramaddii Araadaatti dhiyaatan irratti yeroon qorannaa guyyoota 12 hayyamamuu miseensi maatii Dr. Maahileet Guush BBC'tti himan.

    Ogeeyyii fayyaa "humoota farreen nageenyaa irraa ergama fudhachuun magaalaa keessatti jeequmsaaf hokkora kaasuudhaan" shakkaman sagal kunnen: Dr. Maahileet Guush, Dr. Saamu'eel Hayiluu, Dr. Miikiyaas Alam, Dr. Ruut Amaaree, Dr. Hayilayesuus Nigaatuu, Dr. Mikaa'el Tasammaa, Jaafar Abdujilaal, Usmaan Awaayii fi Aallabbachaw Faqiiti.

    Ballinsa odeessa kanaa asiin argadhaa.

  18. Ajjeechaa hojjattoota imbaasii Israa'el DC hordofee eegumsi nageenyaa akka cimuu Nataaniyaahun himan

    ministirri Muummee Israa'el Beeniyaamin Netaaniyaahuun

    Madda suuraa, Reuters

    Hojjattoonni imbaasii Israa'el lama, dhiiraa fi dubartiin ajjeefaman kunneenis osoo sagantaa lammiilee Gaazaa gargaaruuf Muziyeemii Yihudootaa kan Magaalaa Guddittii US keessatti qophaa'e keessaa bahanii deemaa jiranuu ture kan rasaasaan rukutamanii ajjeefaman.

    Ajjeechaa kana hordofee, ministirri Muummee Israa'el Beeniyaamin Netaaniyaahuun bakka bu'oota Israa'elii fi ergama dippilomaasii biyyattii addunyaa guutuu jiraniitti eegumsi nageenyaa ni cima jedhan.

    "Maatii dargaggeessaa fi shamarree jaallatamoo, kanneen lubbuun isaanii nama ajjeesaa jibba Yihudootaa fokkisaa ta'een gabaabfameef onneenkoo na dhukkubsateera," jedhan.

    "Gatii suukaneessaa farra Yihudootaa fi kaka'umsa jibba mootummaa Israa'el irratti raawwatamu argaa jirras," jedhan itti dabaluun.

    Ibsi waajjira Ministira muummee irraa bahe akka jedhutti, abbaa alangaa waliigalaa Ameerikaa Paam Boondii fi ambaasaaddara Israa'el biyyattii keessatti argamu waliin haasa'uu isaaniis ibseera.

  19. Filannoo biyyaalessaa waggaa tokko booda godhamuuf filmaanni jiraa?

    MM Abiy wayita ummata gammachuun gutameen marfamanii

    Madda suuraa, Getty Images

    Filannoon biyyaalessaa Itoophiyaa marsaa torbaffaan kan waggaa shan shaniin gaggeeffamu bara dhuftu ji'a Adoolessa keessa gaggeeffamuuf sagantaan qabame.

    Nama siyaasa Itoophiyaa halaalaa ilaaluuf, sochiin siyaasaa mul'atu marti kan dhaaba biyya bulchuuti. Yeroo filannoo gaggeessuuf hafe wajjin yeroo ilaalamu akka durii sochiin mormitootaa ho'aan hin mul'atu.

    Haalli kun yaada tarii dhibbaa dhaaba biyya bulchuufi hanqina dhaabbilee mormitootaarra kan ka'e barootni dhufan yeroo olaantummaan dhaaba amma biyya bulchuu itti mirkanaa'u ta'uuf deemaa jedhu kaasa.

    Filannoon biyyaalessaa jahaffaan gaggeeffamee Paartiin Badhaadhinaa mootummaa ijaruu waggaa lama booda waayee dirree siyaasaa Itoophiyaa yeroo sana jiruurratti yaada dhaabbilee siyaasaa mormituu wayita gaafannu ''Itoophiyaatti qabsoon karaa nagaa yeroo kamuu caala qormaata keessa jira'' yaada jedhu kennanii turan.

    Odeessa kanarratti bal'ina isaa dubbiifachuudhaaf asiin galuu dandeessu.

  20. Mariin mufannaa Ameerikaa fi Afrikaa Kibbaa furuuf yaadame inumaa waldhabdee hammeesse

    Pezidaantii Afrikaa Kibbaa Siiriil Raamaafoosaa FI Pireezidaantiin Ameerikaa Doonaald Tiraamp

    Madda suuraa, Reuters

    Pireezidaantiin Ameerikaa Doonaald Tiraamp Afrikaan Kibbaa namoota adii cunqursaa jirti jechuun himachuu hordofee,Ameerikaan lammiilee Afrikaa 60tti dhiyaataniif koolugaltummaa kennuun siimatteetti.

    Tarkaanfiin kun Afrikaa Kibbaa kan dallansiise yoo ta'u , prezidaantiin Afrikaa Kibbaa Siiriil Raamaafoosaan hariiroo biyyoota kanaa deebisuuf gara Waayit Haawus imalaniiru.

    Inumaayyuu, Tiraamp ibsa gaazexeessitootaaf kallattiin kennaniin, Afrikaa Kibbaa "duguuggaa sanyii lammilee Adiitin" himataniiru.

    Viidiyoo 'sanyummaa namoota adii irratti'' Afrikaa Kibbaatti raawwatamaa jiru jechuun mul'isaniiru. Suuraawwan bakka awwaalchaa jumlaa qonnaan bultoota adii ajjeefamaniiti jedhanis agarsiisan.

    Raamaafoosaan gama isaatiin cunqursaa fi duguugaa sanyii Afrikaa kibbatti rawwatame mormuun biyya dimokirasii namoonni yaada isaanii bilisaan ibsatan akka ta'e falmaniiru.

    Mariin isaanii gaggeeffamu dura, prezidaanti Raamaafoosaan hariiroo daldalaa Ameerikaa waliin qaban fooyyessuun hojii dursa kennuu qabu ta'uu cimsanii dubbatanii ture,

    Hariiroon Ameerikaa fi Afrikaa Kibbaa erga Tiraamp aangoo qabatanii as walxaxaa dhufeera.