Mootummaan nageenya ummataaf dursa kennuun WBO fi Fannoo waliin mari'achuu qaba- US

Madda suuraa, US Embassy in Addis
Itoophiyaatti Ambaasadara Ameerikaa kan tahan Erviin Maasiingaa walitti bu'insi Itoophiyaa keessaa dhaabbachuun mootummaan federaalaa nageenya uummataaf dursa kennuu qaba jedhan.
Mootummaan Ameerikaa, ''mootummaan Itoophiyaa uummata isaa irratti haleellaa diroonii raawwachuu dhaabuun mariif haala mijeessuu qaba'' jedhe.
Ibsa har'a ganama baaseen gareen hidhachuun Itoophiyaa keessa socho'an Waraanni Bilisummaa Oromoo fi Faannoon gara marii nagaatti akka deebi'aniif waamicha godhaniiru.
Naannoo Amaaraa keessa kan socho'an hidhattoota Faannoo ''kaayyoo nagaa qabeessaa fi dhugoomuu danda'u qabachuun gara marii nagaatti dhufuu qabus'' jedhe.
WBO fi mootummaan Itoophiyaa yeroo lamaa Taanzaaniyaatti wal arguun marii nagaa taasisaniiru.


















