Seenaatarri US Masiriif hojjataa turan jedhaman yakkamaa ta'an

Madda suuraa, Reuters
Ameerikaatti seenaatarri dhageettii qabaataa turan mootummaa Masriitiif hojjatan jedhamuun malaamaltummaan yakkamaa jedhan.
Seenaatarri Niiw Jeersii, Boob Mendeez, matt'aa fudhachuudhuufi mootummaa Masriif hojjechuun himannaa yakka mootummaa biyya biraa gargaaruu jedhuun itti murtaa'e.
Miseensi mana maree Ameerikaa duraaniifi dura taa'aa koree dhimmoota alaa, himannaawwan malaammaltummaa 16n balleessaan irratti argame, yoo murteen irratti darbe hidhaa waggaa dheeraa irratti darbu danda'a.
Abbaan alangaa, seenaatarichi mootummaa biyya alaarraa faayidaalee olaanaa fudhachu agarsiisuudhaaf dhugaa bahumsa ogeessotaa, barreeffama imeelii seenaatarichaa fi ergaawwan barreeffamaa dhiyeesseera.
Mendeez fedhii mootummoota alaa raawwachiisuuf kennaawwan fudhatan keessaa warqee doolaara kuma 100 baasuufi konolaataa Marsadiisii kan eergaman yoo ta'u, mana jireenyaa saanii keessatti maallaqni callaan doolaara kuma 480 argameera.
Seenaatarichi matta'aa fudhachuudhaan mootummaan Masrii deeggarsa waraana mootummaa Ameerikaa doolaara miiliyoonaa akka argatu gargaaraniiru jedhamuun himataman.
Seenaatarichi daldaltoota lammii Masrii waliiniis hidhata faayidaa qabu jedhamaniiru.










