Hooggantuun eegdota US yaalii ajjeechaa Tiraampiin walqabatee aangoorraa kaate

Wiixata darbe Koongireesii Amerikaatti dhiyaattee yaaliin ajjeechaa Tiraamp irratti aggaamame barkurneewwan darban keessatti kufaatii waajjirichaa isa olaanaa ta'uu aangawaan kuni amananiiru.

Guduunfaa

  • Yaalii ajjeechaa Tiraamirratti raawwatame hordofee daarektarri 'Sakiriit Sarvis' US aangoo gadhiifte
  • AU, EU dabalatee qaamoleen garagaraa sigiga lafaa Itoophiyaatti lubbuu galaafateen gadduu ibsan
  • Keevin Debruuyin 'Maanchister Siitii hin gadhiisu'- Gaardiyoolaa
  • Qorichi HIV argame dhukkubichatti xumura godhaa laata?
  • Haaris erga Baayiden dorgommii pirezidaantummaa keessaa bahee booda doolaara miiliyoona 81 walitti qabatte

Haguuggii Tamsaasa Kallattii

  1. Yaaliin ajjechaa Tiraamp kan beekaa qindaa'ee ykn qaamni alaa harka keessaa qabu ta'uuf ragaan hin jiru

    Kimbeerliiy Chiitil

    Madda suuraa, Getty Images

    Yaaliin ajjechaa pirezidantii duraanii US Doonaald Tiraamp irratti torban darbe aggaamame beekaa kan qindaaye ykn qaamni alaa kan harka keessaa qabu ta'uu isaaf ragaan hin jiruu jedhan hooggantuun 'Secret Service' Kimberliiy Cheetil.

    Hooggantuun kun Koongireesii Ameerikaatti dhiyaattee yaada kan kennite yeroo ta'u yaaliin ajjeechaa Tiraamp waggoota kurna darban keessatti kufaatii isa guddaa Secret Service ta'eera'' jedhan. Kanaafis gaafatama kan fudhatan ta'uu dubbatan.

    Bakka bu'ootni uummataa gama lameenuu Kimberliin aangoo amma qabatanii jiraniif gahumsa hin qaban jechuun aangoorraa akka bu'an gaafatanis, isaan garuu amma dhaabbaticha hoogganuuf nama sirrii ta'uusaanii dubbatan.

    'Secret Service' waajira Federaalaa US nageenyarratti hojjetu yoo ta'u, qaama isa olaanaa nageenya biyyaa tiksu, namoota siyaasaa fi kan maqaa guddaa qaban eeguu, akkasumas duree biyyootaa daawwanaaf deeman hordofuudha.

    Dubartiin kun bara 2022 kam muudaman yoo ta'u, waggoota 16fis hojii kana keessa turaniiru.

  2. Atileetonni Raashiyaa fi Belaruus 32 Olompiikarratti hirmaatan meedaaliyaa hin argatan

    Alabaa Koree Olompiikaa fi Raashiyaa

    Madda suuraa, PA Media

    Sababa waraana Yukireeniin hirmaannaa Olompiika Paaris kan dhaban Raashiyaafi Belaruus atileetota muraasa lolicha hin deeggarre akka ergan gaafatamaniiru.

    Atileetotni kun biyya bakka bu'anii osoo hin taane akka atiletii dhuunfaa fi walabaatti dhiyaatu. Koreen Olompiikaa addunyaa maqaa 'Individual Neutral Athletes' (AIN) jedhu kennuun isaan hirmaachisa.

    Atileetotni kun yoo injifatan faaruu biyyasaanii akka faarsaan, alaabaasaaniis akka mirmirsan hin hayyamamu. Meedaaliyaa injifataniis hin argatan.

    Koreen Olompiikii Addunyaa Raashiaafi Belaruus atileetota waraanich hin deeggarre, waraana waliinis hidhata hin qabne akka ergan waamicha dhiyeessee ture.

    Koreen kun Raashiyaan atileetota 36, Belaruus, biyya waraana kanarratti Raashiyaa deeggarte ammoo atileetota 24 akka ergan affeere. Kana keessaa atileetota Raashiyaa 15 fi kan Belaruus 17 qofatu affeerraa dhiyaate simate.

  3. Hilarii Kilinten Kamaalaa Haaris akka deeggaran irra deebiin ibsan

    Hilarii Kilinten fi Kamaalaa Haariis

    Madda suuraa, X/@@HILLARYCLINTON

    Ibsa waa'ee suuraa, Hilarii Kilinten fi Kamaalaa Haariis

    Hilarii Kilinten Kamaalaa Hariis kaadhimamtuu pirezedantii Ameerikaa akka ta’an ibsuu qofaa otoo hin taane, namoonni biroo kaadhimamtuu Dimokiraatota akka taatu maallaqaan duula filannoo akka deeggaran gaafatan.

    Senetara Dimokiraatotaa fi kaaadhimamtuu pirezedantii duraanii Ameerikaa bara 2016 Tiraampiin injifataman Hiliarii Kilinten,yeroo dheeraaf Kamaalaa akka beekan eeruun, ‘‘abukaatoo jabduun kun yakkamaa Doonaald Tiraamp irratti himata banti‘‘ jedhan.

    Tiraamp galmee daldalaa burjaajessuun dhimma walqabatuun Caamsaa darbe himannaan balleessaa 34 irratti dhiyaatee, badiin itti murameera. Murtoon dhimmoota kanarratti kennamu Fulbaanatti beellameera. Abbaan murtii dhimma pirezedantiin yakkaan himatamuu fi himatamuu dhabuu pirezedantiichaa ilaalaa jira.

  4. Gareen duula filannoo Haaris sa'aa 24 osoo hin guutiin doolaara miiliyoona 50 ta'u sassaabe

    Kamalaa Hariis

    Madda suuraa, Reuters

    Pirezidant Joo Baayiden filannoo marsaa lammataa keessaa bahuu ibsuu hordofee filannoo Pireezidantummaaf warra kaadhimaman keessaa tokko kan ta'an Pirezidantii Ittiaantuun Kamaalaa Haariis deeggarsa guddaa argachaa jiru.

    Gareen duula filannoo isaaniis sa'aa 24 osoo hin guutiin maallaqa doolaara miiliyoona 50 ta'u walitti qabeera.

    ''Kaleessa sa'aa booda ergaa pirezidantichi Haarisiin akka deeggarru erga ibsee booda, lammiileen Ameerikaa arjooma doolaara miiliyoona 49.6 gareesheef gumaachaniiru'' jedhe dubbii himaan Baayiden.

    Dubartootni gurraachi kumootaan lakkaa'aman walgahii Zuumii Dilbata galgala gaggeefame irratti Haarisiin deeggaran jedhe.

    Dubartootni kun sa'aa sadii keessatti doolaara miiliyoona 1.5 walitti qabuunis gabaafame.

  5. Dimokiraatota gameeyyii keessaa hamma yoonaatti Kamaalaa kan hin deeggarre eenyu fa’i?

    Pirezedantiin duraanii Ameerikaa Baaraak Obaamaan  bara darbe Kamaalaa Haaris yeroo hammatan suuraa argarsiisu

    Madda suuraa, Getty Images

    Ibsa waa'ee suuraa, Pirezedantiin duraanii Ameerikaa Baaraak Obaamaan bara darbe Kamaalaa Haaris yeroo hammatan suuraa argarsiisu

    Dimokiraatota gameeyyii beekamoo keessaa hamma yoonaatti Kamaalaa Haaris kan hin deeggarre muraasni jiru.

    Amma yoonatti hin deeggarre jechuun garuu, fuulduratti hin deeggaran jechuu miti. Ammaaf dambalii deeggarsa Kamaalaa duula filannoo akka gaggeesituuf gargaarutti hin dabalamne jechuudha.

    Dimokiraatota gameeyyii kana keessaa Pirezedantiin duraanii Ameerikaa Baaraak Obaamaa fi Af-yaa’iin mana maree bakka bu’oota ummata Ameerikaa ni eeramu.

    Qondaalonni Dimokiraatota gameeyyiin kun addatti Joo Baayideen filannoo ittaanurratti Tiraamp injifachuurratti yaaddoo qaban dubbachuu isaanitu gabaafame.

    Seneetii teessoo wayyabaa qabu kan hogganan Chaak Shumar, akkasuma mana maree warra teessoo muraasa qabanii(house minority leader) kan hogganan Hakiim Jefriis fa’aas amma yoonatti Kamaalaa deeggaruu hin ibsine.

  6. Taateewwaan ijoo filannoo Ameerikaa dura eegaman

    Masaraa Waayit Haawus

    Madda suuraa, Getty Images

    Ibsa waa'ee suuraa, Masaraa Waayit Haawus

    Pirezidantiin Ameerikaa Joo Baayiden kaadhimamaa pirezedantii ta'anii filannoo marsaa ittaanuuf dhiyaachuu kan dhiiisan lammileen Ameerikaa sagalee kennuuf guyyoonni 100 ol wayita hafetti.

    Baayiden dorgommicha keessaa bahu booda biyyattiif ibsa akka kennan beeksisanii turan.

    Koreen Konveenshinii biyyaaleessaa Dimokiraatotaa Roobii dhuftu walgahuun akkaataa kaadhidhamamaa filataniirratti mariyachuuf jiru.

    Kaadhimamaa Dimokitaatota filachuun kan goolabamu yaa’ii Chiikagootti guyyoota afuriif Hagayya 19- 22 taa’amurratti .

    Sagantaa sanarratti jilli warra Dimokiraatootaa kutaalee Ameerikaa garaa garaarraa walitti dhufan kaadhimamaa pirezedantii fi pirezedantii ittaanaa filatu.

    Sana booda falmii pirezedantummaa Fulbaana 10gaggeeffama.

    Filannoon pirezedantummaa Sadaasa dhuftu filatama.

  7. Keeniyaatti konkolaata kufe keessaa keemikaalli hamaan hatame yaaddoo uume

    Kemikaala keeniyaattii yaaddoo uume

    Madda suuraa, Nema Kenya/X

    Qondaaltotni Keeniyaa dhiyeenya magaalaa Naayiroobiitti konkolataa kemikaala hamaadha jedhame fe'atee kufe keessaa konteenaroota hataman barbaaduuf deeggarsa gaafatan.

    Konkolaataan Sambata darbe dhiyeenya magaalaa Naayiroobiitti kufe kemikaalaa Soodiyeem Saayinaayiid jedhamu fe'ee ture.

    Keemikaalli kun hamaadha. Hangi xiqqoon yoo liqimsame ykn bifa qilleensaan yoo qaama seene nama galaafata jedhu ogeeyyiin fayyaa. Naannoos ni faala jedhameera.

    Keeniyaa keessatti konkolaataa fe'isaa balaan irra gahe saamuun baratamaadha. Konkolaataan kun erga kufee booda konteenarootni keemikaala hamaa kana baatanii turan hatamaniiru.

    Embasiin US Keeniyaa argamu yaaddoo kemikaala kanaarraa kan ka'e lammiileensaa eeggannoo akka godhan dhaamera.

    Ejeensiin kunuunsa naannoo Keeniyaa konteenarii xixiqqaa of keessaa keemikaala adii qaban yoo argan buufata Poolisii naannoosaanii jirutti akka beeksisen akeekkachiiseera.

    Symptoms include headache, dizziness, rapid breathing, nausea, vomiting, and convulsions,” it said.

    Kemikaalichi hangi xiqqoonillee qaama namaa yoo seene mallattoolee akka mataa bowwoo, dhahannaan onnee saffisuu, ol gamuu fi haqqisa fa'aa agarsiisuun nama galaafata. Nama huccuu eeggannoo keewwate malee kemikaalicha bira gahuun sirrii akka hin taanes ibsameera.

  8. Kamaalaa Haaris kana dura daqiiqaa 85'f qofa aangoo pirezidaantummaa argattee beekti

    Kamaalaan bara 2021 daqiiqaa 85 tahuuf pirezidaantii taatee ture

    Madda suuraa, Getty Images

    Ibsa waa'ee suuraa, Kamaalaan bara 2021 daqiiqaa 85 tahuuf pirezidaantii taatee ture

    Kamaalaan yoo filannoo kaadhimamaa pirezidantii paartii Dimokiraatotaa mo'achuun filannoo irratti hirmaattee mo'atte dubartii jalqabaa seenaa siyaasa Ameerikaa keessatti filannoo pirezidaantii taate tahuu isheeti.

    Haa tahu malee, aangoo kan kan qabattu yeroo jalqabaaf miti.

    Bara 2021 yeroo Joo Baayiden yaalaaf tajaajilli anesteezhiyaa [qaama hadoochu] kennamuuf hagasitti daqiiqota 85 tahaniif aangoon pirezidaantummaa ishee harka ture.

    Yeroo sana waajjira ishee Waayit haawus gama Lixaan jiru teessee gahee ishee bahataa turte.

    Heerri Ameerikaa 25ffaa fooyya'ee bahe ''yoo pirezidaantiin aangoo irraa kaafame, yoo du'e ykn dhukkubsate itti aanaan pirezidaantii aangoo qabata'' jedhe.

    Haaromsi heeraa kun bara 1963 yeroo pirezidaanti Joon F Keneedii ajjeefaman gaggeeffame.

  9. Kamaalaan maallaqa duula filannoo Baayideniif walitti qabame fayyadamu

    Kamaalaan maallaqa duula filannoo Joo Baayideniif walitti qabame fayyadamti

    Madda suuraa, Reuters

    Ibsa waa'ee suuraa, Kamaalaan maallaqa duula filannoo Joo Baayideniif walitti qabame fayyadamti

    Duulli filannoo Joo Baayiden amma bifa biraa qabachuun ''Kamaalaa Haaris Pirezidaantummaaf'' jedhutti jijjiirameera.

    Duula filannoo kan gaggeessu Kamaalaa Haaris kaadhimamtuu tahuu ishee eeruun xalayaa Komishinii Filannoo Biyyaalessaaf xalayaa ergeera.

    Kun ammoo tarkaanfii guddaadha. kamaalaa fi Baayiden koree duula filannoo walitti qabu ture.

    Amma maallaqa duula filannoo Baayideniif walitti qabame fayyadamu.

    Duulli filannoo Baayiden ji'a Adoolessaa kanatti doolaara miliyoona 96 walitti qabaniiru.

    Kamaalaan yeroo ifatti kaadhimamtuu tahuun isaanii labsamu koreen filannoo isaanii fi paartiin isaanii maallaqa walitti qabu qaba.

    Hogganaan komishinii Filannoo Biyyaalessaa duraanii Tireevar Pooter ''kaadhimamaan tokko filannoof ji'ootni yeroo hafan keessaa bahuun waan salphaa miti, garuummoo kufaatii guddaas miti,'' jedhan.

  10. Qindeessitoonni mormii Yugaandaa 'ibiddaan taphachaa jiru' jedhan pirezidaantiin

    Pre. Ygaandaa Yuweerii Musevenii

    Madda suuraa, Getty Images

    Pirezidaantiin Yugaandaa Yowerii Museveniin hiriira mormitoonni farra malaammaltummaa Kibxata gaggeessuun gara paarlaamaa imaluuf karoorsan yoo itti fufan ''ibiddaan taphachaa'' akka jiran hubachuu qabu jechuun akeekkachiisaniiru.

    Dargaggoonni Yugaandaa malaammaltummaan mootummaa keessaa akka dhaabbatu gaafachuuf hiriira kana miidiyaa hawaasaa irratti qindeessaa turaniiru.

    Dargaggoonni Yugaandaa kunneenis gartokkoon kan kaka’umsa argatan gita isaanii kan ollaa Keeniyaa keessatti argamaniin yoo ta’u, hiriira ummataa qopheessuun Pirezidaantii Wiliyaam Ruutoo karoora gibira dabaluu akka dhiisan dirqisiisaniin.

    Ergasii booda ammoo mormiin kun gara waamicha pirezidantiin biyyattii akka aangoo gadhiisuutti jijjiirame.

    Pirezidanti Museveniin haasaa televijiinii gubbaatti taasisaniin, mormiin dargaggoonni biyyattii karoorfatan kana akka hin obsine qindeessitoota mormichaa akeekkachiisaniiru.

  11. 'Shaneen galgala ummata hiikkachiisa, finxaaleyyiin ganama ummata harka duwwaa jiru ajjeesu'

  12. Gaggeessitoonni addunyaa Baayiden dorgommii keessaa bahuu irratti yaada kennaa jiru.

    Gaggeesitoonni adunyaa Joo Baayiden galateeffatan

    Madda suuraa, Reuters

    Ibsa waa'ee suuraa, Gaggeesitoonni adunyaa Joo Baayiden galateeffatan

    Gaggeessitoonni addunyaa Joo Baayiden dorgommii pirezidaantummaa keessaa bahuu hordofuun yaada kennanniiru.

    • Ministirri Muummee Israa'el Benjaamin Neetanyaahuu daawwannaa Kibxata UStti taasisan dursuun oolmaa gaarii nuuf ooltan hundaaf sin galateeffadha jedhan.
    • Ministirri Dhimma Alaa Jarman Anaalenaa Baarbook murteen Baayiden ''fedha biyya isaa kan dhuunfaa isaarra dursuu agarsiisa'' jedhan.
    • Pirezidaantiin Yuukireen Volodmiir Zeleniskii, Baayiden ''deeggarsa hin sochoone waraana walabummaa Yuukireeniif taasisaniif'' isin galateeffanna jedhan.
    • MM Ayerlaandi Tayoosich Siimoon Haaris ''hoggansa addunyaa kennanii fi michummaa keenyaaf'' isin galateeffanna jedhan.
    • MM Jaappaan Fuumiyoo Kishiidaa, Baayiden dorgommii keessaa bahuu akka kabajan himuun hariiroon biyyoota lameenii irratti xiyyeeffachuun akka hojjetan himan.
  13. Ajjeechaan suukaneessaa dhageenyu waa'ee hawaasa Itoophiyaa maal nutti hima?

  14. Haaris eenyun ittaanaa pirezidantii gochuun filatti?

    Goosh Shaapiroofi Kaamaalaa haariis

    Madda suuraa, Reuters

    Kamaalaa Haaris kaadhimamtuu pirezidantii paartii Dimookiraat ta'uun ammallee hin mirkanoofne. Garuu paartiinshee ishee waliin hiriiraa jira.

    Akkuma Kaati Keey jalqaba gabaaste, amma yaadni hundi akka waliin dorgomaniif eenyuun filachuu dandeessi kan jedhutti garagalaa jira.

    Akka yaadachiisaatti, waahilli dorgommii filannoo booda itti aanaa pirezidaantii ta'a, yoo Haaris filannoo Sadaasa dhufaa kan injifattu ta'e.

    Miseensi Kongiresii Kaarolinaa Kibbaa, Jiim Kiliibarn CNN waliin haasawa taasisaniin, bulchitoonni sadii dorgommii kana keessa jiraachuu akka danda’an yaada dhiyeessan.

    Isaaniis, Andii Bashiir kan Kentakii, Rooy Kuuppar Kaaba Kaarolinaa irraa fi Joosh Shaapiro Pensiilvaaniyaa.

    Bashiir fi Kuupar paartii Dimookiraat lama yoo ta’an, lamaan isaaniiyyuu kutaalee bara 2016 fi 2020 Tiraampiif sagalee kennan keessatti kan isaanii qabatanidha.

    Bashiir fi Kuuppar miseensota paartii Dimokiraatii yoo ta’an, lamaan isaaniiyyuu kutaalee bara 2016 fi 2020 Tiraampiif sagalee kennan keessatti eddoo ofiisaanii kan qabataniidha.

    Akkasumas Joosh Shaapiroo - kan akkuma Haaris seenaa seeraa wal walfakkaatu qabu - seenaa yeroo dheeraaf filannoo Pensilvaaniyaa keessatti injifachuu isaatiin kan ka'e, Dimookiraatonni akka kutaa biyyaa Sadaasa keessatti injifachuu qabutti ilaalan.

  15. 'Waajjira isaa gaggeessuu kan hin dandeenye, biyya keenyas gaggeessuu hin danda'u' - Tiraampi

    Doonaaldi Tiraampi erga Joo Baayiden dorgommii keessaa bahuu ibsanis irra deebiin qeeqan
    Ibsa waa'ee suuraa, Doonaaldi Tiraampi erga Joo Baayiden dorgommii keessaa bahuu ibsanis irra deebiin qeeqan

    Joo Baayiden dorgommii keessaa of baasuu isaanii erga ibsaniin booda Doonaaldi Tiraampi karaa miidiyaaa hawwaasaa isaanii yaada hedduu maxxansan.

    ''Biyya keenya eenyu gaggeessuu danda'a? Baayiden jaarsa gugguuftuu kana miti. Eessa akka jiruyyuu hin beeku.

    ''Yoo waajjira isaa gaggeessuu hin dandeenye, biyya keenyas gaggeessuu hin danda'u.''

    Tiraampi itti dabaluun ''Baayiden tasumaa koroonaadhaan hin qabamne. Garuu farra Dimokiraasiiti,'' jedhan.

    Tiraampi itti fufuun yoo dubbatan: ''Ammas waan xumurame miti. Jaarsi gugguufaan kun akka har'a dorgommii keessaa bahe dagachuun bor ganama ka'ee dorgommii keessa jirra'' jechuu danda'a,'' jedhan.

    Tiraampi paartiin Rippaabilikaanotaa ''beenyaa burjaajjii uumamee' argachuu qaba.

    Falmiin TV itti aanu ABC irratti osoo hin taane, Fox News irratti tahuu qaba jedhan.

  16. 'Kamaalaa gonkuma hin filadhu, gahumsa hin qabdu' - Miseensa Rippaabilikaanii

    "Yeroon jalqaba Baayiden filannoo keessaa bahuu dhagahe, hojii manee guddaan akka jiru hubadhe,'' jedhan miseensi paartii Rippaabilikaanii yeroo dheeraa tajaajilan Jiim Suulivaan.

    ''Baayiden pirezidantii tahee aangoo irraa hin kaane jechuun murteen fudhatame kun eenyu dorgommicha mo'ata kan jedhu malee fedha biyyaaleessaa irratti kan hundaa'e miti jechuudha'' jedhan.

    ''Ulee aangoo isaanii dabarsanii kennuun paartiin nama barbaade filachuu qaba.''

    ''Kamaalaa Haaris gonkumaayyuu hin filadhu. Gahumsa qabdi jedhee hin yaadu. Karaa kamiinuu gahumsa isaa qabdi jedhee hin yaadu.''

    ''Akkan yaadutti Tiraampi jabaachaa deemaa jira. Filannoo kanas mo'achuuf deema.

    ''Buufataalee filannoo irrattis tahe sagalee waliigalaa argachuun caalmaa guddaan kan mo'atu natti fakkaata.''

    "Amma garaankoo gara Tiraampitti jechaa jira. Dimokiraatotaaf sagaleekoo kennuun amma natti ulfaata.''

  17. Dimokiraatonni 'irra caalaan' deeggarsa isaanii Kamaalaaf kennan

    Gaggeesitoonni paartii Dimokiraatotaa Kamaalaa Haarisiif deeggarsa kennaa jiru

    Madda suuraa, Reuters

    Ibsa waa'ee suuraa, Gaggeesitoonni paartii Dimokiraatotaa Kamaalaa Haarisiif deeggarsa kennaa jiru

    ''Irra caalaan'' hoggantoota paartii Dimokiraatotaa 57 Kamaalaan bakka Joo Baayiden bu'uun akka pirezidaantummaaf dorgomtuuf deeggarsa isaanii kennaniif, jedhe Waldaan Koree Dimokiraatotaa.

    ''Hoggantoonni paartii isteetotaa, itti aanaan isaanii fi hojii gaggeesitoonni olaanoon biyyattii keessaa Kamaalaa Haarisiif deeggarsa isaanii kennutti nan boone,'' jedhan Hogganaan dhaabbatichaa Keen Maartiin.

    ''Hoggantoonni paartii sadarkaa sadarkaan jiran filannicha mo'achuuf adda durummaan hojjechaa jiru,'' jedhan.

    Kamaalaan dhimma mana murtii Tiraampi seeratti dhiyeessuufis dubartii gahumsa qabdudha jedhan.

  18. Rippaablikaanoti Joo Baayideniin Pirezidaantii ''dadhabaa'' jedhan

    Rippaabikaanotni pirezidaanti Joo Baayiden ''dadhabaa'' turan jechuun kufaatii isaanii tarreessan.

    Madda suuraa, Reuters

    Ibsa waa'ee suuraa, Rippaabikaanotni pirezidaanti Joo Baayiden ''dadhabaa'' turan jechuun kufaatii isaanii tarreessan.

    Miseensonni paartii Rippaablikaanii Joo Baayideniin Pirezidaantii dadhabaa jedhan.

    Kamaalaa Haarisis ''akkuma isaati'' jedhan.

    JD Vaansi, kan Doonaaldi Tiraampi itti aanaa isaanii gochuun filatan Baayideniin ''jireenyakoo keessatti pirezidaantii dadhabaa arge'' jechuun ibse.

    ''Tarkaanfii isaa hunda keessatti Haaris isa waliin turte,'' jechuun Vaansi X irratti maxxanse.

    Waa'ee ''gahumsa sammuu'' pirezidaanti Baayiden sobdee dhugaa bahaa turte. ''Pirezidaantii hojii isaa hojjechuu hin dandeenye uummatatti feete'' jedhan.

    Koreen Biyyaalessaa Rippaablikaanotaa [RNC] '' Tokko tokkoo kufaatii Joo Baayiden irratti argine'' jechuun ibsa baase.

    ''Afgaanistaan keessaa loltoota baasuu, rakkoo daangaa, qaala'insa to'achuu dadhabuu, dhiibbaa Ameerikaa biyyoota alaatti qabdu dadhabsiisuu,'' jechuun tarreessanii ''waan kun hundi Kamaalaa waliin harka wal qabachuun kan hojjetamedha'' jedhan.

    "Yeroo Dimokiraatonni wal qoqqoodaa jiranitti, Pirezidaanti Tiraampi ammoo injifannoo isaaf uummata Ameerikaa tokkummeessuun hiriirsisee jira'' jedhan.

  19. Akkam bultan?

    Tamsaasa kallattii har'aa eegallee jirra.

    Waa'ee dorgommii filannoo pirezidaantummaa Ameerikaa fi Joo Baayiden dorgommii keessaa bahuu hordofee yaadaa fi murtee Dimokiraatotaas isinii dhiyeessina.

    Nu hordofaa.

    Oolmaa gaarii

  20. Mormitoonni waraana Gaazaa amma 'wanti hundi ni jijjiirama' jedhanii abdatu

    Namoota waraanni Gaazaa akka dhaabbatu hawwan

    Madda suuraa, Getty Images

    Namoota osoo addaan hin kutiin guyyaa guyyaadhaan waraanaa Gaazaa irratti mormii dhageessisuuf Waayit Hawuus dura dhaabbatan keessaa muraasa BBC dubbiseera.

    Isaan keessaa tokko Kaarii Muuniik - lammii Ameerikaa dhiheenya kana Liivarpuul irraa gara UStti kan deebite yoo taa'u, erga Baayidan filannoo keessaa bahu beeksisee booda "wanti hundi akka jijjiiramu" akka abdatan himti.

    Filannoo darbe irratti Baayidaniif sagalee kan kennite yoo ta’u, keessumaa waraana Gaazaa keessatti Israa’el deeggaruu itti fuufuunsaa akka ishee hir’ate dubbatti.

    Kaamaalaa Haaris kaadhimamtu ta'uusheetti gammachuu guddaa qabdi, "isheen Baayidan caalaatti Filisxeemota kan deggertu ta'uu ishee odeeffannoo xiqqoon jira" jechuun: "Sun ulaagaa baay'ee ol'aanaa ta'uu baatus, dhugaa ta'uu danda'a. Isheen [Haaris] ta'uu wayya jechuudhaaf as jirra," jirti.

    Yeroo darbe Haaris US rakkoo namoomaa Gaazaa keessatti mudate ''furamuu'' akka qabdu dhaadachaa kan ture yoo ta'u, duula Israa'el achitti raawwatteen namoonni nagaa ''baay'een'' akka ajjeefaman dubbatte.

    Mormitoonni waraana Gaazaa DC keessa jiran dubbii ishee kanaan jajjabeeffamaniiru jechuun Muniik. Garuu akka kaadhimamaa tokkootti Haaris "garaagarummaa nutti agarsiifti" jedhanii abdatu.

    Itti dabaluudhaanis: Hoggantoota dadhaboo siyaasa qofa taphachuun hojiisaanii eeguu barbaadaniin nuffneerra. Hoggantoota barbaadna... Abdiis qaba."