Hooggantuun eegdota US yaalii ajjeechaa Tiraampiin walqabatee aangoorraa kaate

Wiixata darbe Koongireesii Amerikaatti dhiyaattee yaaliin ajjeechaa Tiraamp irratti aggaamame barkurneewwan darban keessatti kufaatii waajjirichaa isa olaanaa ta'uu aangawaan kuni amananiiru.

Guduunfaa

  • Yaalii ajjeechaa Tiraamirratti raawwatame hordofee daarektarri 'Sakiriit Sarvis' US aangoo gadhiifte
  • AU, EU dabalatee qaamoleen garagaraa sigiga lafaa Itoophiyaatti lubbuu galaafateen gadduu ibsan
  • Keevin Debruuyin 'Maanchister Siitii hin gadhiisu'- Gaardiyoolaa
  • Qorichi HIV argame dhukkubichatti xumura godhaa laata?
  • Haaris erga Baayiden dorgommii pirezidaantummaa keessaa bahee booda doolaara miiliyoona 81 walitti qabatte

Haguuggii Tamsaasa Kallattii

  1. Manni murtii olaanaan UN Israa’el naannoo Filisxeem qabachuun seeraan ala ta’uu ibseera

    ICJ

    Madda suuraa, Reuters

    Ibsa waa'ee suuraa, Bu’aan kun Israa’el West Baankii, Baha Yerusaalem fi Gaazaa qabachuu isheetin kan argame ta'u danda'a.

    Manni murtii olaanaa Dhaabbata Mootummoota Gamtoomanii Israa’el naannoo Filisxeem qabachuun ishee seera idil-addunyaa kan faallessu ta’uu ibseera.

    Manni Murtii Haqaa Idil-addunyaa (ICJ) Israa’el qubsumaa West Baankii, Baha Yerusaalem fi Gaazaa dhaabuu fi "seeraan ala" naannoowwan sana qabachuu isaa dafee akka xumuruu gaafate.

    Yaadni mana murtii kun seeraan dirqama ta'uu baatus, dhiibbaa siyaasaa guddaa qaba.

    ICJn seera qabeessummaa qubsuma waggoota 57 kanaa irratti ejjennoosaa yeroo jalqabaaf kan kennudha.

    Teessoon isaa Nezerlaand Heeg kan godhate ICJ, gaaffii Yaa’ii Waliigalaa Dhaabbata Mootummoota Gamtoomaniitiin, jalqaba bara darbee irraa eegalee dhimmicha qorachaa ture.

    Manni murtichaa imaammataa fi gocha Israa’el Filisxeemota irratti qabdu, akkasumas haala seeraa dhuunfachuu irratti yaada isaa akka kennu addatti gaafatameera.

  2. Ruutoon ministeerota torban darbe hojiirraa ari'an irra deebi’anii muudaniiru.

    Ruutoo

    Madda suuraa, Reuters

    Pireezidaantiin Keeniyaa Wiliyaam Ruutoon miseensota kaabinee torbee darbe hojiirraa ari’an hedduu mootummaa haaraa komii dargaggootaaf deebii ni kenna jedhan ijaaruuf irra deebi’anii muudaniiru.

    Haasaa televizhiinii irratti taasisaniin Ruutoon, muudama 11 beeksisaniiru.

    Kaadhimamtoonni biroos yeroo dhiyootti akka muudaman dubbataniiru.

    Ministeerota 11 inni muude keessaa jaha kaabinee torbee darbe hojiirraa ari'an keessa turan.

    Kaabineen torban darbe jumlaan hojiirraa ari’amuun mormii dargaggoonni kaasan laaffisuu ture. Mormii kana hordofee Ruutoon daballii gibiraa doolaara biiliyoona 2.7 akka haaqu dirqisiiseera.

    Ammaa Kithure Kindiki ministeera biyya keessaa, Aden Duale ministeera ittisaa, Soipan Tuya ammoo ministeera naannoo ta'uun irra deebi'anii muude.

    Akkasumas hojii ministeerota biroo lama jijjiireera.

    Mormii walakkeessa baatii Waxabajjii eegalee kanaan namoonni 40 ol kan du’an yoo ta’u, Ruutoon dhiibbaa liqii guddaa biyyattiin qabdu baasuu fi komii ummanni baasii jireenyaa olaanaa ta’e irra qaban deebisuun gidduutti akka qabaman taasiseera.

    Dhiheenya kana mormitoonni Pirezidaanti Ruutoon aangoo akka gadhiisan gaafachaa turan.

  3. UKn Dhaabbata gargaarsaa UN Gaazaaf maallaqa kennuu eegalti

    UNRWA

    Madda suuraa, Getty Images

    UKn Dhaabbata Baqattoota Filisxeem UNRWA’f deeggarsa kennuu deebitee akka eegaltu barreessaan dhimma alaa beeksise.

    Deeviid Laamiin hojjettoota ishee fi gareewwan shororkeessummaa gidduutti walitti dhufeenyi jira jedhame gamaaggama taasifameen booda dhaabbatichi gama kamiiyyuu akka hin deeggare mirkaneessuu miseensota paarlaamaatti himaniiru.

    Israa’el haleellaa Onkoloolessa bara 2023 Hamaas raawwate keessatti hojjettoonni UNRWA 12 hirmaachuu isaanii erga himattee booda UKn biyyoota hedduu baatii Amajjii keessa arjooma dhaabsisan keessaa tokko turte.

    Himannaa haleellaa sanaan walqabatee dhiyaate irratti qorannoon UN itti fufee jira.

    Garuu gabaabsii addaa UN Ebla keessa maxxanse, Israa’el hojjettoonni UNRWA dhibbaan lakkaa’aman miseensota garee shororkeessummaa ta’uu isaaniif ragaa akka hin dhiheessine ibseera.

    Beeksisni kun UK biyyoota ergasii deeggarsa maallaqa deebi’anii jalqaban biroo waliin kan walsimsiisu yoo ta’u, arjoomaa guddaa UNRWA kan taate Ameerikaan biyya hanga ammaa deeggarsa dhaabde qofa taateetti.

    UK’n waggaatti paawundii miliyoona 21 dhaabbatichaaf kenniti. Kunis maallaqa gara “haaromsa bulchiinsaatti” dabarfamu kan dabalatudha.

    Dubbi himtuun UNRWA Juuliyeet Tuumaa BBC'tti akka himtetti, ''yeroo fedhiin namoomaa Gaazaa keessatti gadi fageenyaan hamaatee jiruutti'' deeggarsi kun kennamuun barbaachisaadha.

    Israa’el hojjettoota Gaazaa keessa jiran 13,000 keessaa 2,135 ol miseensota Hamas ykn Jihaada Islaamaa Filisxeem ta'uu ibsiteetti.

    Gaazaa keessatti erga waraanni kun jalqabee namoonni 38,000 ol ajjeefamuu isaanii ministeerri fayyaa naannoo sanaa kan Hamaasiin geggeeffamu ibseera.

    UNRWA hojjettoota 12 himataman keessaa 10 hojiirraa ari’ee ture.

  4. Waa'ee rakkoo IT Adunyaa mudate hanga ammaa maal beekna?

    Rakkoo IT adunyaa mudateen tajaajilli balalii biyyoota adda addaa haqame
    Ibsa waa'ee suuraa, Rakkoo IT adunyaa mudateen tajaajilli balalii biyyoota adda addaa haqame

    Buufataalee xiyyaaraatti balaliin adda cituun hirriirri heddumateera. Tamsaasni TV gurguddaa adda addaa addaan citaniiru.

    Beellamni manneen yaalaa guyya abiraatti dabarfamaniiru. Dhaabbanni Farra Vaayirasii 'Crowdstrike' sababa rakkoo kanaa tahuu amanuun sirreessuuf hojjechaa jiraachuu ibse.

    Rakkoon IT kun kompiteroota Maayikirosoofti fayyadaman daran miidhe.

    Haalotni hanaga ammaa jiran:

    • Kaampaaniin sooftiweerii 'Crowdstrike' jedhamu rakkoo haaromsa sooftiweeriin mudate fureera, garuu kompiteroonni hundi hojii sirriitti deebi'uuf guyyoota muraasa turuu malu jedhe.
    • Balaliin xiyyaaraa 1,300 tahu adunyaa irraa haqameera. Hedduun ammoo akka barfatanii ka'an taheera.
    • Sky News ganama irraa jalqabee tamsaasni isaa addaan citeera. Tamsaasni TV Awustiraaliyaa ABC jedhamu tamsaasaaf yoo xiqqaate sa'a jahaaf hedduu rakkateera.
    • UK keessatti tajaajilli baaburaa rakkoo guddaaf saaxilameera, kaffaltii adda addaa rakkoof saaxilamuu, manneen qorichaa fi tajaajilli baqaqsanii yaaluu IT fayyadaman rakkoo guddaa keessa galniiru.
    • Hogganaan kaampaanii 'Crodstrike' Joorji Kuurzi tajaajilli addaan cituu isaaf ''hedduu gadduu'' hime.

    Amma kaampaanotni adda addaa gara tajaajilaatti deebi'aa jiraachuu himaa jiru.

  5. Lammiileen biyya alaa Finfinneetti mirga qamaleef mormanii hidhaman biyyaa ari'aman

  6. Haaromsi IT tokkittiin akkamiin tajaajila IT adunyaa jeeqxe?- Gabaabinaan

    Haaromsi farra vaayirasii tokkottii kaampaaniin Ameerikaa tokko taasise tajaajila IT adunyaa erga jeeqee sa'aatii hedduu darbeera.

    Waa'ee kaampaanii farra vaayirasii 'Crowdstrike' dhageessanii hin beektan taha. garuu haaromsa kaampaanichi sooftiweerii vaayirasii adda baasu 'Falcon' jedhamu irratti taasise kompiteroota sooftiweerii Maayikiroosoofti fayyadaman adunyaarra jiran irratti dhiibbaa guddaa fide.

    Iskiriinii cuquliisni kompitera keenya irratti beeknu adunyaarraa du'e jedhamuun gabaafame.

    Kaampaaniin Maayikiroosoofti rakkinicha kan uume qaama sadaffaa tahuu ibse.Kana jechuun balleessaa kaampaanichaan miti jechuudha.

    Kaampaanotni akka Apple fi Linux rakkoo IT adunyaa mudate kanaan hin miidhamne. Gammachuu keessa jiru.

    Rakkoon IT kun adunyaan hagam kaampaanota isaanirraa fagoo jiran irratti hirkattee jirtu agarsiisa.

    Rakkoo xiqqoon isaan mudate jennaan harka maratanii taa'uu malee humna ittiin ofii sirreessan hin qaban.

  7. Maayikiroosoofti kompiitera keessan si'a 15 cufaa banaa jedhe

    Sababa tajaajilli IT akka adunyaatti adda citeef Buufata Xiyyaaraa Idil-adunyaa Ninoy Aquino Filiippinsitti balalii adda citeera

    Madda suuraa, Getty Images

    Ibsa waa'ee suuraa, Sababa tajaajilli IT akka adunyaatti adda citeef Buufata Xiyyaaraa Idil-adunyaa Ninoy Aquino Filiippinsitti balalii adda citeera

    Kaampaaniin Maayikiroosoofti rakkoo IT mudate furuuf kompiitera keessan irra dedeebiin yeroo 15 tahuuf cufaa banaa jedhe.

    ''Irra deddeebitanii cufatanii banuun yaaltaniittuu?''

    Kaampaanichi rakkoo IT addaan cite furuuf hojjechaa jiraachuu erga ibseen booda yaaliin kun namoota muraasaaf hojjechuu hime.

    ''Irra dedeebiin cufanii banuun...yeroo 15 tahuu rakkinicha furuu mala. Ammaaf furmaata tahuu kan danada'u kompitera keessan cufanii banuudha.''

    Dabalataan faayila keessan haga tahe balleessuun furmaata biraa tahuus kaampaaniin Ameerikaa Kiraawodstiraayik [Crowdstrike] miidiyaa hawwaasaa isaa irratti himeera.

  8. Rakkoo sirna IT mudateen wal qabatee guutuu US'tti balaliin dhorkame deebi'ee eegale

    Xiyyaaroota dhaabatan

    Madda suuraa, EPA

    Daandiiwwan qilleensaa gurguddoon Ameerikaa rakkoo komunikeshiinii mudate eeruudhaan guutuu biyyattiitti keessatti xiyyaaroonni akka dhaabbatan taasifamee ture amma eegale.

    Balalii dhaabuun xiyyaarootaa kunis addaan cituu IT addunyaa irratti baankota, tajaajila balaa tasaa fi buufata xiyyaaraa addunyaa irratti dhiibbaa uumeen kan walqabatu fakkaata.

    Daandiin Xiyyaaraa Ameerikaa, lakkoofsa imaltootaatiin addunyaa irratti isa guddaa ta'e, balaliin kamiyyuu akka hin hayyamamne akkasumas balalii yeroo ammaa qilleensarra turan hunda waliin wal qunnamtii qaba jechuun BBC'tti himeera ture.

    Haa ta'u garuu yeroo muraasa booda rakkoon IT mudate furamuu himuun balaliitti akka deebi'e beeksise.

    Rakkoolee kanaafis "dhimma teeknikaa" Crowdstrike, software farra vaayirasii waliin walqabatee, komateera. Crowdstrike ammoo gaaffii BBCn yaada akka kennuuf dhiheesseef hanga ammaatti deebii hin kennine.

  9. Addunyaarratti hanga ammatti balaliin 1,000 ol haqame

    Balaalsiiwwan haqaman

    Madda suuraa, EPA

    Guyyaa har’aa hanga ammaatti balaliin 1,000 ol addunyaa guutuutti haqamuu dhaabbati xiinxala aviyeeshinii Cirium beeksiise.

    Lakkoofsi kunis yeroo ammaa 1,300 gaheera.

    Dhaabbatichi akkasumas guyyaan ha'ra dhaabbileen balaliinsaa UKtiif guyyaa bara kanatti balalii hedduun itti keessummee yoo ta'u, balaliinsiiwwan 3,200 ol ka’uuf karoorfamee ture.

    Kunis, erga Onkoloolessa bara 2019 asiitii balalii ka'umsaa guyyaa tokkootti keessumeeffamu isa baay’ee ol’aanaadha jedhameera..

  10. Kooriyaan Kibbaa nama Kooriyaa Kaabaatii baqachuun dhaqan deetaa ministiraa gochuun muudde

  11. Gaazexessituun dheerina MM Xaaliyaaniitti qooste beenyaa €5,000 akka kaffaltu itti murtaa'e

    Gaazexessituu Xaaliyaanii maqa balleessuun itti murtaa'e

    Madda suuraa, Reuters

    Gaazexessituun lammii Xaaliyaanii barreeffama miidiyaa hawaasaa gubbaarratti waa'ee dheerina Ministira Mummee biyyattii Joorjiyaa Meeloonii irratti qoosuudhaan miidhaa qaqqabsiisfteef beenyaa Yuuroo 5,000 (Paawundii 4,210) akka kaffaltu ajajamte.

    Abbaan murtii akka jedhaniitti, ergaa tiwiitaraa lama Guliiyaa Kortese barreessite irratti, kan adabbiin Yuuroo 1,200 itti murtaa'e, maqaa balleessii fi ''qaama salphisuudha'' jechuun murteesse.

    Haasaa gaazexeessituun Kortees jedhamtu Aadde Melooniin akka "dubartii xiqqoo" jechuun ibsuudhaan: "Si arguullee hin danda’u" jettee itti himte hordofuudhaan murteen kun kan dabarfame.

    Aadde Korteeziin murtii kanaaf deebii kenniteen, mootummaan Xaaliyaanii ''bilisummaa yaada ofii ibsachuu fi mormii gaazexeessummaa irratti rakkoo guddaa qaba'' jette.

    Jarri lamaanis jalqaba kan wal dhaban Onkoloolessa bara 2021, yeroo paartiin Aadde Meloonii kan 'far-right Brothers of Italy' mormii keessa turetti, wayita Aaddee Korteezin suuraa Aadde Meloniitti qoosuun X kan duraan tiiwiitar ture gubbaatti maxxansite ture.

    Suuraa kana irratti Aadde Melooniin suuraan abbaa irree faashistii Benito Mussolini kan namtolcheedhaan itti dabalame fuuldura dhaabbattee mul'attuudha.

    Muummen Ministeeraa Xaaliyanii Joorjiyaa Melooniin barreeffama Feesbuukii irratti barreessaniin suuraan kun ''gara jabiina addaa'' akka ta'eefi tarkaanfii seeraa akka fudhatan dubbatanii ture.

  12. Haleellaa Shawaa Lixaa Ammayyaatti namoota 10 galaafateerratti waan hanga ammaa beeknu

  13. Barsiiftota Yunivarsitii Maqalee doormii barattootasaanii keessa jiraachuuf dirqaman

  14. Baayidan duula filannoo keessaa bahuun waan hin oolledha- Istirateejistii Dimokiraatotaa

    Joo Baayidan

    Madda suuraa, Reuters

    Koonveenshiniin Paartin Rippaabilikaanii halkan edaa wal-gahanii Tiraamp ifatti kaadhimamaa pirezaantii godhanii yoo filatan Baayidan manasaanii kophaa taa'aa turan- Covid-19 qabamanii dhukkubsataa jiru waan ta'eef.

    Dimokiraatonni ammayyuu Baayidan dorgommii filannoo nama biraaf akka dabarsan dhiibbaa gochuu hin dhiisne.

    Istiraateejistii paartii Dimokiraatotaafi gorsaa duraanii Biil Kiliintaniifi Helaarii Kiliintan kan ta'an Richard Guudsteen yeroodhaafi malee Joo Baayidan filannoo keessaa bahuunsaanii waan hin oolle akka ta'e himu.

    "Sa'aatiwwan muraasa darban keessatti dhagahaa kan jiru kana kan mirkaneessudha," jechuun BBCtti himan.

    Baayidan namni biraa bakkasaanii bu'ee akka dorgomuuf yoo keessaa bahan "dhiibameeni jedhu osoo hin taane gaarummaaf akka ta'e dubbatu" jedha Richaard.

  15. Dippilomaatonni Kooriyaa Kaabaa maaliif biyya ganu?

  16. Atakaaron magaala Bishooftufi Waldaan Qaala Hiwootii gidduutti mudate maali?

  17. Lixa Gondar Quwaaraatti haleellaa 'hidhattootni Faannoo raawwataniin' hedduun ajjeefaman

  18. Tiraapm jijjiirama haasaa taateera garuu ammoo 'daldalaa konkolaataa fakkaata'

    Riichaard Paayinar

    Tiraamp jijjiirama haasaa taasiseera garuu ammoo 'daldalaa konkolaataa fakkaata' jechuun qeeqan qondaalli Waayitii Hawuus duraanii.

    Joorji W Buush jalatti ogeessa seeraa naamusaa olaanaa Waayit Haawus kan turan, Riichaard Peentar, haasaa Tiraamp taasisan keessatti jijjiiramni sagalee mul'ataa ta'etu jira jedhu.

    Peentar waahillaan keenya BBC News Chaanel'tti akka himaniitti, Tiraamp "diinasaa fi mormitoota siyaasaa dubbiin haleellaa raawwachu sa'aatii gadi xiqqeesseera,'' jedhan.

    Yeroo baay'ee immoo waadaa "guddaa" - garuu "ifa hin taane" gochuudhaaf waadaa seenan.

    "Yeroo tokko tokko akka nama dulloomaa konkolaataa gurguruu garuu konkolaataa hin jirre sitti gurguruuf yaalu fakkaata ture," jedha Peentar

  19. Haleellaa diroonii hidhattoonni Huutii Israa'elirratti gagggaggeessine jedhaniin Tel Aviivitti namni tokko du'e

    Bakka haleellan itti gaggeeffame

    Madda suuraa, Reuters

    Haleellaa diroonii magalaa Tel Aviivitti gaggeeffamu nama tokko ajjeese ilaalchisee Waraanni Israa'el qorannoo gaggeessaa akka jiru beeksise.

    Haleellan kun kan gaggeeffame guyyaa har'a gara bariiti.

    Haleellaa kanaan dhohiinsi mudatee namni tokko yoo du'u heddu ammoo miidhaa salphaaf saaxiluu beeksise.

    Haleellan kana qolachuun osoo danda'amuu 'dogoggora namni uumen mudate' jedha ibsi waraanni biyyattii baase.

    Hidhattoonni Huutii haleella kana 'nutu gaggeesse' jechuun ibsaniiru. Hidhattoonni Huutii, Iraanirraa deeggarsa cimaa argatan, Israa'el irratti haleellaa diroonii gaggeessuu karaa fuula miidiyaa hawaasaa beeksisan.

    Waraanni Israa'el ibsa baasen haleellaa qilleensarraa itti dhufu kamuu qolachuuf to'annoo qilleensaa cimsee akka jiru beeksise.

    Jiraatan magaala Tel Aviiv tokko gaazexaa Hareetz tti akka himetti, haleellaa gaggeeffameen "gamoon naannoo sana jiru hundi akka socho'e hime.

    "Foddaan manaa gamoowwan naannoo keenyaa hundi ni caccaban. Haleellan wayii gamoo akka rukute naa gale. Yeroon gadi bahee ilaalu gamoowwwan heddu miidhamaniiru.

    Halleelan kun kan mudate Israa'el Kibba Libaanositti qondaalaa waraanaa Hezbollaa ajjeessuushee hordofeeti.

  20. Amma nu gahe, Sirna IT cimaan biyyoota garaa garaa keessatti mudate

    Sky News

    Madda suuraa, Sky News

    Rakkoon sirna IT cimaan addunyaarratti eddoowwan garaa garaatti mudachuun gabaafame.

    Sababii rakkoo IT mudateetiin baankiiwwan, dhaabbileen miidiyaa fi daandiiwwan qilleensaa ammaan tana biyyoota adda addaa keessatti rakkoon mudataa jira.

    Biyyooa akka daandii qilleensa Siidinii, Yunaayitiid Airlines fi balaliinsa kan dhaaban yoo ta'u, marsariitiin garee daldala London Stock Exchange rakkoo walfakkaataan mudachuun barameera.

    Chaanaaliin oduu Sky News channel jedhamu UK keessatti sababii rakkoo sirna IT mudate kanaatiin tamsaasa dhaabuun barameera.

    Chaanaalichi ganama haraa kallattiidhaan oduu tamsaasuu akka hin dandeenye dursaan kaampaanichaa himan.

    Yoo nu hordofatn dhimmakanarratti odeeffannoo haaraa isin biraan geenya.