Manni murtii olaanaan UN Israa’el naannoo Filisxeem qabachuun seeraan ala ta’uu ibseera

Madda suuraa, Reuters
Manni murtii olaanaa Dhaabbata Mootummoota Gamtoomanii Israa’el naannoo Filisxeem qabachuun ishee seera idil-addunyaa kan faallessu ta’uu ibseera.
Manni Murtii Haqaa Idil-addunyaa (ICJ) Israa’el qubsumaa West Baankii, Baha Yerusaalem fi Gaazaa dhaabuu fi "seeraan ala" naannoowwan sana qabachuu isaa dafee akka xumuruu gaafate.
Yaadni mana murtii kun seeraan dirqama ta'uu baatus, dhiibbaa siyaasaa guddaa qaba.
ICJn seera qabeessummaa qubsuma waggoota 57 kanaa irratti ejjennoosaa yeroo jalqabaaf kan kennudha.
Teessoon isaa Nezerlaand Heeg kan godhate ICJ, gaaffii Yaa’ii Waliigalaa Dhaabbata Mootummoota Gamtoomaniitiin, jalqaba bara darbee irraa eegalee dhimmicha qorachaa ture.
Manni murtichaa imaammataa fi gocha Israa’el Filisxeemota irratti qabdu, akkasumas haala seeraa dhuunfachuu irratti yaada isaa akka kennu addatti gaafatameera.











