Dhalataa Itoophiyaa dabalatee lammiileen Israa'el ja'a Hamaas bute gadhiifaman

Hamaas namoota Onkoloolessa 7 bara 2023 Israa'el wayita haleele bute dabalatee namoonni ja'a Sambata darbe kana gadhiifaman. Bara 2014 kan butame dhalataan Itoophiyaa Averaa Mangistuu namoota gadhiifaman keessa jira.

Guduunfaa

  • Oduufi xiinxalaaf Chaanaalii WhatsApp akkasumas Facebook BBC Afaan Oromoo hordofaa
  • Loltoonni Siiriyaa lammiilee nagaa dhibbaan lakkaa'aman ajjeesuun himataman
  • Haleellaa Raashiyaan Yukireen irratti raawwatteen 25 ajjeefamanii hedduun madaa'an
  • Lammiileen Itoophiyaafi Ertiraa 32 Meditiraaniyaaniitii baraaraman
  • Xalayaan Zeleeniskiin Tiraampiif ergan maal hima?
  • Somaaliyaan gaaffii ulaa galaanaa Itoophiyaaf deebii kennuu dandeessii?
  • Itoophiyaa fi Ertiraan walitti bu'iinsatti qajeeluu maluu?
  • Ameerikaan hidhattoota Huutii tarree shororkeessaa jala keesse
  • Tamsaasa kallattii duraanii asii argattu

Haguuggii Tamsaasa Kallattii

  1. Tamsaasa kallattiin oduu isiniif dhiyeessuu jalqabneerra.

    Ashamaa? Oduu kallattiin isiniif dhiyeessuu jalqabneerra. Marii nagaa US fi Raashiyaan waraana Yukireen keessaa dhaabuurratti Sa'ud Arabiyaatti taasifamu ilaalchisuun kallattiin waan ta'aa jiru isin biraan geenya.

    Oduu bal'inaan argachuuf ammoo marsartii keenya BBC News Afaan Oromoo fi WhatsApp Chaanaalii banadhaa.

    kaanis ni qabna.

    Dhiyaadhaa!

  2. Kutannoo nagaa eegsisuu UK 'beeksisa guddaa' dha - hogganaa Waajjira Dhimma Alaa duraanii

    Hogganaa Waajjira Dhimma Alaa duraanii

    Madda suuraa, Getty Images

    Kutannoo nagaa eegsisuu UK 'beeksisa guddaa' dha - hogganaa Waajjira Dhimma Alaa duraanii

    Muummichi ministeeraa Kiir Isaarmar, walgahii Paarisiin dura, UKn loltoota Yukireeniif ''gumaachuuf qophiifi fedhii” qabaachuushee beeksisuun “waan guddaadha” jedhu hojjetaan mootummaa olaanaa duraanii Waajjira Dhimma Alaa.

    Loord Siimoon Maakdoonald BBC Raadiyoo 4tti akka himanitti, karoorri ministira muummichaa ammallee ''qophii sirrii'' akka barbaaduu fi falmiin mana maree bakka bu'oota uummataatiin irratti mariin gaggeeffamuu qaba jedhee amana.

    “Akka ilaalcha kiyyaatti waan muummichi ministeeraa ofumaan murteessuu qabu miti,” jedha Maakdoonaldi.

    Hogganaan Waajjira Dhimma Alaa duraanii kun, humnoonni Ingilizii achitti maal akka hojjetan irratti akkasumas Yukireen keessatti argamuudhaaf itti fufsiisuuf dandeettii akka qaban mirkaneessuu akka qabaatu baayyee ifa ta’e jiraachuu qabaata jedhu.

    "Kanaaf, kun guyyoota guddaa fi kan jalqabaati," jedha. "Humnoonni waraanaa UK dandeettii olaanaa kan qabaniifi saffisaan socho'uu kan danda'an ta'us maaltu isaan irraa akka eegamu sirriitti beekuu qabu."

  3. Ruubiyoon walgahii Raashiyaatiin dura Mootii Sa'udii waliin wal argan

    Maarkoo Ruubiyoo fi Mohaammad Biin Salmaan

    Madda suuraa, Getty Images

    Amma Riyaad irraa yeroo Ministirri Dhimma Alaa Ameerikaa Maarkoo Ruubiyoon Mootii Sa’udii Arabiyaa Mohaammad Biin Salmaan waliin wal arganii irraa suuraalee haaraa isiniif fidneera.

    Ruubiyoon Kibxata boruu qondaaltota Raashiyaa waliin mari’achuuf yeroo qophaa’aniitti qondaaltonni Ameerikaa ijoon biroos itti dabalamu.

    Akka yaadachiisaatti: Maarkoo Ruubiyoon Wiixata har'a dhimmoota Gaazaa fi waraanaa Israa’el fi Hamaas irratti mari’achuuf gara Sa’udii imalan.

    Akkasumas Ruubiyoon Kibxata boruutti Ministira Dhimma Alaa Raashiyaa Sargee Laavroov fi gargaaraa pirezidaanti Vilaadmiir Puutiin, kan ta'e Yuurii Ushaakov waliinis mari'achuuf beellama qabataniiru.

    Kiiv garuu marii Sa’uudii Arabiyaatti gaggeeffamu kanarratti akka hin hirmaanne preezdaantiin biyyattii Volodymiir Zelenskiin himaniiru.

  4. Qananiisaa Baqqalaa Maaraatoonii Landan bara 2025 irratti akka hirmaatu beeksise

    Atileet Qaniniisaa Baqqalaa

    Madda suuraa, Kenenisa Bekele

    Abbaan warqee Olompikii Itoophiyaa Qananiisaa Baqqalaa Maaraatoonii Landan bara kanaa irratti akka hirmaatu beeksise.

    ''Bara darbe Landanitti yeroo hin dagatamne ture, miira achi jiru akka gaariittin jaaladha'' kan jedhu atileetiin ganna 42 kun bara kana qabxii olaanaa akka abdatu miidiyaa hawaasaa gubbaatti ibse. Dorgommii bara darbee lammaffaa ta'uun xumure.

    Qananiisaan bara darbe atileetii ganna 40 olii fiigicha maaraatoonii maqaa guddaa qabu irratti hirmaate ta'uun seenaa haaraa galmeesse.

    Qananiisaa duukaa atileetotni morkatan morkataasaa baroota dheeraa lammii Keeniyaa Eluud Kipchoogee, abbaa riikardii olompiikii Taammiraat Tolaa, injifataa bara darbee lammii Keeniyaa Aleeksaandeer Munyoowaa fa'idha.

    Qananiisaan shaampiyoonaa addunyaa yeroo 17 yeroo ta'u, dorgommii maaratoonii irrattis atiileetii saffisaa addunyaa ta'uun sadarkaa sadaffaarra jira.

  5. Obbo Lidatuu Ayyaaleew 'nama biyya hin qabne ta'uufan jira' jedhan

    Obbo Lidatuu Ayyaaleew

    Madda suuraa, SM

    Namni siyaasaa Itoophiyaa Lidatuu Ayyaaleew ''murtee mootummaa Itoophiyaatiin nama biyya hin qabne ta'uufin jira'' jedhan.

    Obbo Lidatuun torban darbe Wiixata Daandii Qilleensaa Itoophiyaan biyya waldhaansaaf itti imalan US irraa gara Itoophiyaa galuuf tikkeeta muratanis imaluu akka hin dandeenye itti himamee ture.

    Amma ammoo ''daandiiwwan qilleensaa kan biroo gara Itoophiyaa imalaniinis gara biyyaa imaluu akkan hin dandeenye dhorkamuu hubadheera'' jedhan.

    Dilbata darbe xalayaa banaa miidiyaa hawaasaa gubbaa qoodaniin ''mirgi gara biyya ofii galuu heerri naa kenne'' murtee mootummaatiin ''sarbameera'' jedhan.

    Murtee kanaan ''nama biyya hin qabne ta'uuf fiixeerra gaheera'' jedhan.

    ''Murteen akka feetee kun akka jijjiiramu Ministira Muummee Abiy Ahimadirra dhiibbaan idila addunyaa haa godhamu'' jechuunis waamicha godhan.

    Dabaluunis MM Abiy marii aanga'oota olaanoo waliin godhan irratti ''haala kamiinuu akkan biyyatti deebi'u akka hin hayyamne'' ifatti dubbachuu isaanii beekuu hiiman.

    Gama kaaaniin ''mootummaan qabeenya umrii koo guutuu hore dhaaluuf qophaa'aa jiraachuu bira gaheera jedhan.

    Obbo Lidatuun jalqaba torbee darbee ture yeroo duraaf Itoophiyaatti imaluurraa dhorkamuu kan himatan.

  6. Dureessi Afrikaa Daangoteen omisha simintoo dachaan dabaluufi omisha sukkaaraarratti hirmaachuuf

    Aliikoo Daangoteefi Abiy Ahimad

    Madda suuraa, Billene Seyoum

    Dureessi Afrikaa lammii Naayijeeriyaa Aliikoo Daangotee marii Ministira Muummee Itoophiyaa Abiy Ahimad waliin godhan booda omisha simintoo amma jiru dachaan dabaluufi damee omisha sukkaaraa irratti hojii eegaluuf murtee dabarsuun gabaafame.

    Pirees Sekireetariin Waajira Ministira Muummee, Billanee Siyyuum, miidiyaa hawaasaa gubbaa yaada barreessiteen ''murteen Aliko Daangotee...murannoo mootummaan investimeentiif haala mijataa cimaa uumuuf qabu'' agarsiisa.

    ''Karoorri Garee Daangootee hamma omishaa waraasheelee simintuu gara toonii miliyoona 5 omishuutti guddisuufi indaastirii sukkaaraa irratti investimeentii haaraa gochuu dabalata'' jehdan Billaneen.

    Aliikoo Daangotee biyya dhalotasaanii Naayijeeriyaa keessatti investimeentii guddaa omisha sukkaaraa irratti hojjetaniinn kan beekaman yoo ta'u, Itoophiyaa keessatti waggoota dheeraaf omisha simintoorratti bobba'anii hojjetu.

  7. Amma nu gahe, Istaarmar nageenya biyyaaleessaa UK 'qormaatni dhalootaa' mudataa jira jedhan

    Kiir Istaarmar

    Madda suuraa, Getty Images

    Ministirri Muummee UK Kiir Istarmar, UKn nageenya biyyaa irratti ''qormaata dhalootaa'' mudachaa jIra jedhan.

    Aanga'aan kun kana kan dubbatan erga waraanni Yukireeniifi Raashiyaa xumurame UKn loltoota ishee gara Yukireenitti erguuf ''qophooftuu'' ta'uusheerratti yaada dhiheessuun boodadha.

    "Itti aansee wanti fe'e yoo ta'eyyuu", UKn "Yukireen ejjannoo cimaa ta'e keessa kaa'uu qabdi" jechuun Staarmar dabalataan.

    MM Michoonni Awurooppaa har’a waaree booda Paarisitti wal arguuf yeroo qophaa’an kana, Istaarmar ammoo Faransaayii fi Jarman dabalatee biyyoonni hirmaatan baasii ittisaa isaanii akka “cimsan” gaafatu.

    Itti dabaluudhaanis, UKn tattaaffii kana keessatti ''gahee adda durummaa'' taphachuuf qophii ta'uu dubbata.

    "Kunis sarara adda waraanaa Yukireen osoo hin taane, sarara adda durummaa Awurooppaa fi Yunaayitid Kingidamiti, sababii waa'ee nageenya biyyaalessaa keenyaati, kana caalaa hojjechuu qabna jedheen yaada," jedha.

    Waliigalteen dhukaasa dhaabuun Yukireen fi Raashiyaa waan ta'uu danda'urratti ifa miti, garuu Istaarmar ''waaraa, walitti fufaa fi kan dandamatamu'' akka ta'u akka barbaadu dubbatan.

    Ministirri muummichaa kun lola keessatti boqonnaan “haala salphaatti Puutiiniif carraa deebii'ee dhufuu kennu” ta'u akka hin qabaanne akka hin barbaanne cimsanii dubbatan.

  8. Haqqee fi garaa kaasaa naannoo Gaambeellaatti hammaateen daa'imman dabalatee namootni sagal du'an

    Nama siree mana yaalaarra jiru

    Madda suuraa, Lare Woreda Government Communication Office

    Naannoo Gamabeellaa godina Nuweer aanaalee afur keessatti dhibee haqqeefi garaa kaasaa muddaa dhalateen torban tokko keessatti daa'imman dabalatee namootni sagal du'uu waajirri Fayyaa naannichaa beeksise.

    Dhibee naannicha keessatti dhalate to'achuudhaaf ''eeggannoon barbaachisu godhamuu yoo baate'' yaaddoon naannolee kaanitti ce'uu guddaa ta'uu waajirchi ibseera.

    Godina Nuweer keessatti dhibeen kun kan dhalate Wiixata darbe ta'uu hogganaan Waajira Fayyaa naannichaa Dr Abeel Aseffaa BBC'tti himaniiru.

    Waajirri Fayyaa naannichaa dhibee mallattoonsaa Koleeraa wajjin walfakkaatu kan adda baasuuf saamuda laabiraatooriitti ergee bu'aasaa eegaa jira'' jedhan Dr Abeel.

    Haqqee fi garaa kaasaa jedhamee ibsamaa kan jiru ammatti bu'aan qorannoo laabraatoorii waan hin qaqqabneef ta'uus dubbatan.

    Akka hogganaa waajirichaatti aanaalee afur keessatti waliigalatti namootni 136 dhibee kanaan qabamaniiru.

    Daa'imman umriinsaanii mana kudhanii jiruufi kan hanga umrii ganna 60 jiran dhibee kanaan lubbuu dhabuus dubbatan.

    ''Dhangala'aa qaama keessa jiru garaa kaasaafi haqqeen waan baasuuf, nama qabee sa'aatiiwwan keessatti galaafata'' jedhaniiru Dr Abeel.

    Dhibeen kun erga dhalatee kaasee ogeeyyii fayyaafi galtee waldhaansaa erguun namoota qabaman 136 keessaa 96 waldhaansa argataniin bayyanachuu himaniiru.

    Kan hafan 31 waldhaansa argachaa jiraachuun gabaafameera.

    Maddi dhibee kanaa hanqina dhiyeessii bishaan qulqulluufi hanqina manneen fincaanii ta'uu akka danda'u ibsaniiru.

    Dabalataan naannichi Sudaan Kibbaa biyya dhibee mallattoo walfakkaataa qabuun namootni kuma 21 ta'an jala miidhaman irraa gamanatti ce'eera ta'as shakkii jedhu kaasaniiru.

  9. Awurooppaan marii Yukireen keessaa gahe hin qaban- Raashiyaa

    Sargee Laavroov

    Madda suuraa, EPA-EFE/REX/Shutterstock

    Waraana Raahiyaafi Yukireen jidduutti gaggeeffamu dhaabsiisuudhaaf Ameerikaafi Raashiyaan mari'achuuf qondaaltoota isaanii erguun dhagahameera.

    Haata'u malee mariin pirezidantii Ameerikaa Doonaald Tiraampiin eegalame kun biyyoota Awurooppaa ykn Yukireeni hirmaachisuu dhabuusaatti dureewwan biyyota Awurooppaa komii dhiyeessaa turunsaani ni yaadatama.

    Har'a mmoo Ministirri Dhimma Alaa Raashiyaa Sargee Laavroov kan marii dhimma waraanaa Raashiyaa fi Yukireen Kibxata dhufu eegalamuuf jiru irratti qondaaltota Ameerikaa waliin Sa’udii Arabiyaa keessatti marii'achuuf jiran, marii nagaa waraana kana dhaabsiisuuf mari'atamu kamiyyuu keessatti Awurooppaan gahee akka hin argine yaada dhiyeessan.

    "Marii kana irratti maal akka hojjetan hin beeku. Waldhabdee kana dhorkuu ilaalchisee yaada haxxummaa muraasa 'kadhachuuf' yoo ta'e, dhuguma ammas waraanni itti haa fufuu jechuusaanii ta'e. Kanaafuu, maaliif isaan [Awurooppaa] achitti afeeruun?" jedhan.

  10. Raashiyaan marii US waliin taasiftuuf qondaala olaanaa Saawudiitti ergite

    Sargee Laaviroov

    Madda suuraa, Reuters

    Waraana Yukireen dhaabsisuufi dhimmoota kaanirratti USfi Raashiyaan guyyaa borii irraa eegalee Saawudii Arabiyaatti marii gaggeessuu egalu jedhameerratti akka hirmaataniif Raashiyaan qondaala olaanaa ergite.

    Raashiyaa bakka bu'uun US waliin kan mariyachuuf jedhan ministiira dhimma alaa Saargee Laaviroov yoo ta'an, gargaaran isaanii Yuuiriy Ushaakoov ammoo isaan waliin gara Saawudii imalaa alaa akka jiran ibsame.

    US bakka bu'uun marii kanarratti kan hirmaatan ministiira dhimma alaa Maarkoo Ruubiyoo yoo ta'an, Gorsaan Nageenya Biyyaalessaa US Maayik Waaltiz fi Baha Giddu Galeessatti Ergamaa Addaa US kan ta'an Istiiv Wiitkoof har'a ganama Saawudii gahaniiru.

  11. Erga waraanni eegalee yoo xiqqaatte loltoonni 46,000 jalaa du'uu Yukireen beeksifte

    Loltuu Yukireen du'e

    Madda suuraa, Getty Images

    Pirezidaantiin Yukireen Voloodmiir Zeleniskiin erga Raashiyaan waraana irratti bantee as loltoonni 46,000 ol jalaa du'uu beeksisan.

    Kanneen du'aniin alatti loltoonni 390,000 kan ta'an ammoo madaa'uu himan Zeleniskiin.

    Xinxaaltoonni waraanaafi biyyoonni lixaa garuu lakkoofsi loltoota Yukireen du'aniifi madaa'anii kanaa ol ta'uu danda'a jedhu.

    Loltoota du'aniifi madaa'aniin alatti ammoo ijoollen Yukireen 19,500 humnaan Raashiyaatti geeffamuus himan pirezidaant Zeleniskiin.

    Raashiyaan gamasheen loltoota waraanarratti jalaa du'aniifi madaa'an hin ibsine.

    Tikni Ittisaa UK gamasaan giddu galeessan loltoonni Raashiyaa 1,523 guyyaatti akka du'an ykn madaa'an ji'a Muddee keessa ibsee ture.

    Pirezidantin Yukireen garuu hanga ammaa loltoonni Raashiyaa 350,000 du'uu himan - kaan ammoo lakkoofsi loltoota Raashiyaa waraana kanarratti du'anii kanaa ol ta'uu danda'a jedhu.

  12. Waraana Yukireen dhaaburratti Raashiyaa waliin mariyachuuf US qondaalashee Saawudiitti ergite

    Maarkoo Ruubiyoo

    Madda suuraa, Reuters

    Waraana Yukireen dhaabuurratti Raashiyaa waliin akka mariyataniif US qondaalashee olaanaa Saawudii Arabiyaatti ergite.

    Ministiira dhimma alaa US kan ta'an Maarkoo Ruubiyoo bakka bu'oota Raashiyaa waliin mariyachuuf ganama har'aa Saawudii seenaniiru.

    Maarkoo Ruubiyoo qofa osoo hin taane, gorsaa nageenya biyyaalessaa US kan ta'an Maayik Waaltiz fi Baha Giddu Galeessatti Ergamaa Addaa US kan ta'an Istiiv Wiitkoof waliini garas kan imalan.

    Maarkoo Ruubiyoon gama Raashiyaatii eenyu waliin wal-arguun waa'ee waraana Yukireenitti gaggeeffamuu dhaabuu akka mariyatan hin baramne.

    Haa ta'u garuu, Sambata darbe Maarkoo Ruubiyoo Ministiira Dhimma Alaa Raashiyaa Sargee Laavroov waliin bilbilaan dubbachuu ibsanii ture.

    Marii waraana dhaabuu US fi Raashiyaan gaggeessuf jedhan kanarratti abbaan dhimmaa ijoo kan taate Yukireen akka hin affeeramne BBCn mootummaa Yukireen irraa odeeffateera.

    Haa ta'u garuu Yukireen adeemsa marichaarratti "ni hirmaatti" jedhanii turan Tiraamp kaleessa.

  13. "Yeroo dhiyootti Puutin wajjin wal-arguun keenya hin oolu" - Tiraamp

    Tiraamp fi Puutin

    Madda suuraa, Getty Images

    Pirezidaantiin US Doonaald Tiraamp pirezidaantii Raashiyaa Vilaadmiir Puutin waliin yeroo dhiyootti qaamaan akka wal-argan ibsan.

    Tiraamp kana dubbachuunsaanii dhimma waraana Yukireen dhaabuu irratti qondaalonni biyyoota lamaanii Saawudii Arabiyaatti wal-arguuf yeroo jedhanitti.

    "Akka natti fakkaatutti [Puutin] lola dhaabuu barbaada," jechuun halkan kaleessaa gaazexeessitootatti dubbatan Tiraamp.

    "Waraanicha dhaabuu barbaada natti fakkaata, lamaansaanituu [Yukireenifi Raashiyaan] dafanii dhaabuu barbaadu natti fakkaata."

    Puutin guutummaa Yukireen dhuunfachuu barbaadaa jedhamanii yoo gaafataman Tiraamp, "Kanin gaafadhee ture kana ture. Itti fufee [lola] taanan...rakkooo guddaa keessa na galchuusaati," jedhan.

    Torbee darbe karaa bilbilaa Puutin wajjiin sa'aatii dheeraf haasa'uu beeksisanii ture Tiraamp.

    Haasaa kanas bu'a qabeessa jechuun ibanii ture.

  14. Ashamaa!

    Tamsaasi kallattii BBC Afaan Oromoo eegale.

    Oduuwwan biyya keessaafi alaa jala jalaan isin biraan geenya.

    Chaanaalii WhatsApp akkasumas Facebook irratti nu hordofaa.

    Tamsaasa kallattii duraanii asii argattu.

    Lafa nagaa oolaa!