Hamaas namoota bute sadii gadhiisnaan, Israa'el lammiilee Filisxeem hiite gadhiiste

Har'a Hamaas lammiilee Israa'el gadhiisnaan Israa'el lammiilee Filisxeem gadhiiste. Lammiileen Filisxeem mana hidhaa Israa'elii bahan Ramallaa gahaniiru.

Guduunfaa

  • Hamaas rakkoo Israa'el uumte himachuun butamtoota gadhiisuu dhaabuu ibse
  • Israa'eloota butaman keessaa meeqatu Gaazaatti hafe?
  • Hogganaan UN Hamaas namoota butee qabate gadhiisuu akka itti fufu gaafatan
  • Oduufi xiinxalaaf Chaanaalii WhatsApp fi Facebook BBC Afaan Oromoo hordofaa
  • Loltoonni Israa'el koriidarii Netzaarim jedhamu- zoonii waraanaa kan kaaba Gaazaa Istriip fi kibba lamatti hiru keessaa bahan.
  • Waraana bara 2024 dorgomtoota walitti fide, diina haaraa uume
  • Wixiineen seeraa hojjattoonni mootummaa mindaasaaniirraa buusii miseensummaa paartii akka hin muramne dhorku qophaa'e
  • Tiraamp Kanaadaan 'isteetii 51ffaa' taatee arguu akka barbaadu irra deebiin dubbatan
  • Tiraamp sibiillifi aluminiyeemii biyya alaatii galu hundarratti qaraxa %25 akka kaa'u himan

Haguuggii Tamsaasa Kallattii

  1. Ostiriyaatti haleellaa cuubeen raawwatameen oladeemaan tokko ajjeefamuun, shan mada’aan

    Magaalaan kun daangaa Xaaliyaanii fi Islovaaniyaatti dhiyaatti.

    Madda suuraa, Getty Images

    Kibba Ostiriyaatti mucaan dhiiraa umuriin isaa ganna 14 haleella cuubeen raawwatameen yoo ajjeefamu, namoonni shan biroo mada’aan.

    Namni cuubeen namooata waraanuun shakkame baqataa Sooriyaa koolugaleessa ta'e yoo ta’u, taatee magaaalaa Villaach jedhamutti raawwatameen to’atamuu poolisiin beeksise.

    Magaalaan kun daangaa Xaaliyaanii fi Islovaaniyaatti dhiyaatti.

    Baqataan sun maaliif haleella akka raawwate poolisiin qorachaa jira. Qorannoo kanarrattis ispeeshalistoota dhimma leelistummaa hirmaachisuu Dubbi himaan poolisiin BBCtti himeera.

    Namoota Sambata mada’aan shanan keessaa lama haala hamaa keessa jiraachuun eerameera. Hojjataan mi'a manatti namootaa geessu konkolaatasaa itti oofuun akka haleellaa biraa hin raawwanne taasisera jedhe poolisiin.

  2. Ministirri Dhimma Alaa US marii nagaa Yukireeniif Sa'ud Arabiyaatti aanga'oota Raashiyaa waliin haasa’uuf

    Ministira Dhimma Alaa Ameerikaa Maarkoo Ruubiyoo

    Madda suuraa, Getty Images

    Ibsa waa'ee suuraa, Ministira Dhimma Alaa Ameerikaa Maarkoo Ruubiyoo

    Ministirri Dhimma Alaa Ameerikaa Maarkoo Ruubiyoo guyyoota muraasa dhufan keessatti Sa’ud Arabiyaatti qondaalota Raashiyaa wajjin wal arganii waraana Yukireen akkaata goolabuun danda’amurratti akka mariyatan anga’oonni Ameerikaa himan.

    Ruubiyoo waliin Gorsaan Dhimma Nageenyaa Ameerikaa Maayik Waaltiz fi Baha giddugaleessatti Ergamaan Addaa Ameerikaa Istiiv Witkoof ni hirmaatu jechuun qondaalonni Ameerikaa miidiyaa Ameerikaatti michuu BBC ta'e CBStti himan.

    Yukireenitti Ergamaan Addaa Ameerikaa Keyiz Keloog kora kanarratti Waashingteen, Mooskoo fi Kiiv ni hirmaatu garuu Awurooppaan kora kanarratti hin affeeramne.

    Kanaan walqabatee warri Awurrooppaa, Ameerikaan otoo biyyoota ardiichaa waliin hin mariyatiin maricha ittifufuuf jirti yaaddoo jedhu qabu.

    Biyyoonni Awurooppaa michuu Yukireen ta’an ammoo torban dhufu kora atattamaaf Paarisitti walgahuuf jiru.

  3. Oduu kallattiin isiniif dhiyeessinu jalqabneerra.

    Ashamaa akkam jirtu? Oduu kallattiin isiniif dhiyeessinu jalqabneerra.

    Oduu amma ta'aa jiran bakka gara garaarraa toora kanaan isiniif dhiyeessina.

    Isinis dhiyaadhaa!

  4. Erga namoonni Hamaas bute gadhiifamanii murtee Israa'el nan deeggara- Tiraampi

    Erga namoonni Hamaas bute gadhiifamanii murtee Israa'el nan deeggara- Tiraampi

    Madda suuraa, Getty Images

    Ibsa waa'ee suuraa, Erga namoonni Hamaas bute gadhiifamanii murtee Israa'el nan deeggara- Tiraampi

    Pirezidaantiin US, Doonaaldi Tiraampi yoo Israa'el duula waraanaa Gaazaa keessatti jalqabde ni gargaarra jedhan.

    ''Namoonni butamanii gadhiifaman waan fayyaa gaariirra jiran fakkaata'' jedhan Tiraampi, fuula miidiyaa hawwaasaa isaanii Truth jedhamu irratti.

    ''Israa'el har'a sa'a 12:00 irratti maal akka gootu murteesiti. Guyyaatti namoonni butaman gadhiifaman inni dhumaa qabame har'adha. Ameerikaan murtoo Israa'el fudhattu deeggarti'' jedhan.

    Tiraampi guyyaa har'aa hanga sa'a boodaatti hamaas namoota bute gadhiisuu qaba jedhanii ture.

    Yoo guyyaa dhumaatti hin gadhiisne Israa'el ''jaannama gooti'' itti banti jechuun Tiraampi dubbatee ture.

    Jalqaba torban kanaatti Hamaas Israa'el waliigaltee dhukaasa dhaabuu waan cabsiteef namoota bute hundaa akka hin gadhiisne himee ture.

    Beenaayim Neetanyahoo Hamaas namoota keenya uggure hanga sanbata xiqqaatti hin gadhiisu taanaan waliigaltee dhukaasa dhaabuu akka cabsan ibsuun akeekkachiisan.

    Hamaas har'a namoota sadii gadhiisuun Israa'el ammoo lammiilee Filisxeem 369 gadhiiseera.

  5. Maatiin Gaazaa hidhamtoota gadhiifaman eegaa jiru.

    Filisxeemmota

    Gaazaa keessatti namoota 333 yeroo waraanaa humnoota Israa’eliin Gaazaa keessatti hidhaman simachuuf qophiin taasifamaa jira.

    Filisxeemmonni 369 har'a gadhiifamuuf jiru. Isaan keessaa 36 namoota hidhaan umurii guutuu itti murtaa’ee ture, 333 ammo erga haleellaa Onkoloolessa 7 bara 2023 raawwatamee as Gaazaa keessatti himannaa malee hidhaman.

    Haa ta'u malee, hiree namoota kumaatamaan lakkaa'aman kan Onkoloolessa 7 irraa eegalee to'annoo jala oolan ammallee hin beekamne.

    Umm Jihaad Al-Maghribi ilmi ishee Hassan erga humnoota Israa’eliin Sadaasa bara 2023 naannoo Al-Zaytoun, kibba magaalaa Gaazaa keessatti hidhamee booda dhabameera jetti.

    "Maqaa ilmakoo warra har'a gadhiifaman keessaa hin jiru, garuu waa'ee isaa hidhamtoota bilisa ta'an irraa odeeffannoo akkan argadhu abdiin qaba," jechuun BBCtti himti.

    "Waa'ee hiree isaa homaa hin beeku. Haati warraa isaa erga hidhamee ji'a shan booda ilma deesse, innis isa argee hin beeku. Waa'ee isaa oduu dansaa dhaga'uu qofa abdadha."

  6. Lammiileen Filismeen mana hidhaa Israa'elii gadhiifaman Ramallaa gahan

    Israa'el lammiilee Filisxeem 333 himannaa malee mana hidhaa turanii fi kanneen hidhaa umurii guutuu irratti murtaa'e 36 gadhiiste

    Madda suuraa, Reuters

    Ibsa waa'ee suuraa, Israa'el lammiilee Filisxeem 333 himannaa malee mana hidhaa turanii fi kanneen hidhaa umurii guutuu irratti murtaa'e 36 gadhiiste

    Lammiileen Filismeen mana hidhaa Israa'elii gadhiifaman Ramallaa gahuun simataman.

    Lammiileen Filisxeem manneen hidhaa Israa'elii keessaa gadhiifaman konkolaataa Waldaa Qaxxaamura Diimaatiin fe'amanii Ramallaa gahuun simataman.

    Ramallaa keessatti uummanni hedduun bahuun kanneen Israa'el gadhiiste simate.

    Uummanni walitti qabame Rabbiin galateeffachaa gammachuu ibsataa turan.

    Firoonni ammoo imamimmaan coccobsaa turan.

    Waldaan Qaxxaamura Diimaa Hamaas waliin wal mallatteessuun namoota Hamaas ukkaamsee ture sadii harkaa fuudhaniiru.

    Gama biraan ammoo lammiilee Filisxeem mana hidhaa Israa'el keessa jiran gara West Baanki deemuun fuudhee maatii isaaniitti akka makaman godheera.

    Lammiilee Filisxeem 333 tahan kanneen himannaa malee mana hidhaa turan yoo tahu 36 irratti ammoo hidhaan umurii guutuu darbee ture.

    Isaan hundinuu har'a gadhiifaman.

  7. Suuraalee ja'a kan akkaataa namoonni butaman itti gadhiifaman agarsiisan

    Waltajjii

    Madda suuraa, Getty Images

    Ibsa waa'ee suuraa, Akkuma kanaan duraa, Hamaas waltajjii namoota kana dabarsanii Fannoo Diimaatti kennan ijaaru.
    Hamaas

    Madda suuraa, Getty Images

    Ibsa waa'ee suuraa, Namoonni butaman konkolaataadhaan gara waltajjii sanaatti namoota hidhataniin fidaman.
    Yahir Horn

    Madda suuraa, Reuters

    Ibsa waa'ee suuraa, Lammiin Arjentiinaa fi Israa'eel kan ta’e Yahir Horn yeroo hidhattootan geeggeffamu.
    Konkolaattota Fannoo Diimaa

    Madda suuraa, Getty Images

    Ibsa waa'ee suuraa, Konkolaattotni Fannoo Diimaa osoo namoonni gad hin dhiifamin dura bakka san dhufan
    Namoota butaman

    Madda suuraa, Getty Images

    Ibsa waa'ee suuraa, Namoonni butaman kunneen gara waltajjii fidaman gadhiifamuun dura.
    Tel Aviv

    Madda suuraa, Getty Images

    Ibsa waa'ee suuraa, Namoonni Tel Aviv keessatti walga'anii gadhiisaa kana yeroo hordofan .
  8. 'Galatasaa mucaa durbaas argadheera'- lammii Israa'el Hamaas gadhiise

    Saaguyi erga Hamaas isa gadhiisee maatii isaatti makameera.

    Madda suuraa, Israa'el X

    Ibsa waa'ee suuraa, Saaguyi erga Hamaas isa gadhiisee maatii isaatti makameera.

    Lammiin Ameerikaa- israa'elii, Saaguy Dekel-Chen yeroo Onkoloolessa 7, bara 2023, hidhattoota Hamaasiin butamee fudhatame haati warraa isaa ulfa ji'a saddetii turte.

    Dekel-Chen har'a Hamaas gadhiisnaan yeroo qondaalota Israa'el bira gahu, mucaa durbaa waggaa tokkoo akka qabu itti himan jedha gabaasni miidiyaa Israa'el Chaanel 12.

    Waa'ee fayyaa isa ayeroo gaafatamus, ''gaariidha, fayyaan qaba, galata isaa mucaa durbaa nan argadhe jechuudha'' jedhee deebise.

    Maatiin isaa ''Saaguy keenya mana gaheera. Hiriyyaa, ilma, maatii hunda caalaa ammoo abbaa ijoollee isaa kan tahe mana gaheera'' jechuun gammachuu isaanii ibsatan.

    ''Uummata Israa'elii fi kaan warreen qabsoo kana keessatti hirmaatan hundaa galateeffanna'' jedhan.

    Saaguy erga fayyaan isaa qoratameen booda haadha warraa isaa wlaiin wal argeera.

  9. Hamaas namoota ukkaamsee fudhate sadii gadhiise

    Namoota gadhiifaman

    Madda suuraa, Reuters

    Hamaas Israa'eloota sadii kan ji’a 15 dura butan gadhiiseera.

    Humni Ittisaa Israa'el (IDF) namoonni sadan ganama kana gadhiifaman Israa’el ga’aniiru jedha.

    Waajjirri Ministeeraa Israa’el Beeniyaamin Netaaniyaahuu gadhiifamuu isaaniif Tiraamp galateeffataniiru.

    Namoonni ammallee Gaazaa keessatti ukkkaamfaman akka gadhiifaman mirkaneessuuf US waliin hojjechuu itti fufee jira jedha.

    Hamaas,gadhiifamuun namoota butamanii “mariin ala akkasumas ulaagaalee waliigaltee dhukaasa dhaabuuf barbaachisan hordofuudhaan” malee akka hin taanee dubbatan.

    Itti dabaluudhaan gareen akkas jedhe: “Wanti nuti addunyaa guutuutti himnu, yoo gara Yerusaalem ta’e malee godaansi hin jiru," jechuun yaada prezidaantiin Ameerikaa Doonaald Tiraamp ummata Gaazaa guutuu biyyoota ollaatti buqqisuuf dhiyeessaniif deebii kennan.

  10. Weellisaa beekamaan DR Koongoo bakka waraanni jirutti osoo viidiyoo waraabuu ajjeefame

    Delfiin Kateemboo Viniywaasikii

    Madda suuraa, DR Congo culture ministry

    Weellisaa beekamaan DR Koongoo iddoo waraanni itti gaggeeffamu magaalaa Goomaa keessatti viidiyoo sirbaa osoo waraabuu ajjeefame.

    Reeffii weellisaa Delfiin Kateemboo Viniywaasikii kan maqaa waltajjii Delkaat Ideengoo jedhamuun beekamuu Kamisa darbe daandii gubbaatti argame. Mataansaa gariin dhiigaan faalamee kan ture yoo ta'u, gabaasaaleen hin mirkanaa'iin itti dhukaafamee du'uu ibsan.

    Weellisaan kun qaama mootummaas, hidhattootas qeequun kan beekamu yoo ta'u, torban darbe mana hidhaa magaalaa Goomaa keessaa warra miliqe keessaa tokko. Hidhamtootni dhibbaa ol ta'an kan miliqan ji'a darbe wayita hidhattootni M23 magaalittii qabatan ture.

    Garri Bahaa biyyattii miniraalotaan kan badhaadhe yoo ta'u, qabeenya kana to'achuuf hidhattootni M23 jedhamaniifi waraana mootummaa gidduu lolli itti hammaateera.

    Du'a weellisaa kanaaf eenyu akka gaafatamu ifa hin taane.

    Weellisaan kun dhiyoo weelluu Bundukii ykn afaan Oromoon hiiknisaa meeshaa waraanaa jedhu baaseen hidhattootni M23 magaala Goomaa to'achuu qeeqee ture.

    Dubbii himaan mootummaa biyyattii Paatriik Muyaayaa ''haqni ni kennama'' jechuun ajjeechaa kanaaf hidhattoota gaafatama agodheera.

    Hidhattootni M23 gama isaaniin humnoota mootummaa wajjin hiriiran gaafatamaa godhu.

  11. Najjootti namichi haadhaafi abbaasaa cuubeen waraanee ajjeesee miliqe too'atame

    Obbo Fufaa Nagaash fi Aadde Garituu Hundee

    Madda suuraa, Maatii

    Godina Wallagga Lixaa Aanaa Najjoo Ganda Eebba Waaqayyoo jedhamutti shakkamaan abbaa fi haadhasaa haala sukkaneessaan ajjeesee miliqe hordoffii guyyoota sadii booda too’atamuu poolisiin hime.

    Ajajaan poolisii Aanaa Najjoo Inspeektar Margaa Jabeessaa BBCtti akka himanitti, yakki sukaneessaan kuni A.L.I Gurraandhala 04 bara 2017 raawwatame.

    “Shakkamaan maqaan isaa Fayisaa Fufaa Nagaash jedhamu halkan tilmaamaan naannoo sa’aatii shanii ta’utti abbaa fi haadhasaa cuubeedhaan morma keessa wawwaraanee ajjeesuun mana keessatti reeffa isaanii walirra godhee miliqe,” jedhan.

    Eeruu hawaasarraa qaqqabeen poolisiin bakkicha yeroo gahutti abbaan shakkamaa kanaa Fufaa Nagaash fi harmeen isaa Garituu Hundee jedhaman morma keessa waraanamanii reeffi isaanii argamuu dubbatan.

    Shakkamaan kuni waldhibdee xiqqaa isaan gidduu tureen gocha sukaneessaa naannichatti dhagahamee hin beekne kana erga raawwateen booda bakkichaa waan miliqeef suura isaa miidiyaa hawaasummaa irratti qooduun barbaachi taasifamaa turuu eeran.

    “Suura shakkamaa kanaa miidiyaa hawaasummaa irratti qoodamee bakka argametti akka too’atamu taasifamaa ture. Poolisiinis hordoffii taasisaa ture. Tumsa hawaasaa fi poolisiitiin yakka kana raawwatee guyyoota sadiin booda too’atame,” jedhan.

    Shakkamaan kuni bakka yakka raawwate jedhame kanaa miliquun Godina Qeellam Wallaggaa Aanaa Gaawoo Qeebbeetti Jimaata ganama too’atamuus himan.

    Poolisiin raawwii yakkichaa qorachaa akka jiruu fi shakkamaa kana gara aanichaatti fiduun adeemsi seeraa itti fufee hojiin olaantummaa seeraa mirkaneessuu akka raawwatamus himan Inspeektar Margaan.

  12. Yukireen NATO'tti makamuuf 'bakka duubatti hin deebinerra' geesseetti-UK

    MM UK

    Madda suuraa, Getty Images

    Ministirri mummee UK Siir Kiir Istaarmar ganama har’aa Pirezidaantii Volodymiir Zelenskii waliin haasa’uudhaan, deeggarsa biyyattiin Yukireeniif taasiftu “hanga barbaachisaa ta’etti” haaromsaniiru.

    Istaarmaar akkasumas, “akkuma bara darbe walgahii Waashingitanirratti michoonni waliigalteerra ga’aniitti, Yukireen gara NATO'tti makamuudhaaf bakka duubatti hin deebinerra akka jirtu UK’n waadaa galte irra deebitee ibsiteetti,” jedhan dubbi-himaan waajira MM.

    Jechoota isaatiin, Istaarmaar jechoota miseensonni NATO bara darbe ji’a Hagayyaa keessa yeroo “bakka duubatti hin deebine” Yukireeniif miseensummaa gara fuula duraa akka deeggaran waadaa galanirratti waliigalan ni deebisana jedhanii dubbatan.

    Yeroon itti Yukireen gamtaa waraanaa kanatti makamtu garuu walii hin gallamne.

    Yaadni Ministira Mummee kunis kan dhagahame erga Ministirri Raayyaa Ittisaa Yunaayitid Isteets, Peet Hegsaet jalqaba torbee kanaarratti wayita Biraaselsitti hoggantoota waliin haasa’anitti, yaada Yukireen NATOtti makamtu jedhu akka hin fudhanne dubbatanii guyyaa tokko boodadha.

  13. Lammiileen Biritish lama Iraan keessatti to'ataman

    Iraan keessatti ambaasaaddarri UK Hugo Shorter hidhamtoota Biriteen waliin waajjira abbaa alangaa magaalaa Kerman keessatti wal argan

    Madda suuraa, IRNA

    Iraan keessatti lammiileen Biriteen lama, dhiiraa fi dubartiin, to'annoo jala ooluu Waajjirri Dhimma Alaa mirkaneesse.

    Oduu hidhamuu isaanii jalqaba miidiyaalee mootummaa Iraan irraa kan dhufe yoo ta’u, isaanis yakka nageenyaa hin ibsamneen walqabateen himatamuudhaan magaalaa kibba bahaa Kirmaan keessatti to’annoo jala ooluu isaanii ibsaniiru.

    Maqaa namoota to'ataman kanneenii kan hin dhoofne yoo ta'u garuu suuraa fuula isaaniirratti dhokfamee Roobii darbe waajjira abbaa alangaa Kermaan keessatti ambaasaaddara Biriteen Hugo Shortar waliin wayita wal arganii maxxanse.

    Waajjirri Dhimma Alaa, lammiileen Biriteen fi kanneen lammummaa Biriteen-Iraan lamaanu ta'an ''balaa guddaa'' hidhamuu keessa jiru jechuudhaan, yeroo ammaatti imalli gara Iraan hunda akka dhaabbatuuf gorse.

    "Aanga'oonni Iraan si to'achuudhaaf paaspoortii Biriteen qabaachuun ykn UK waliin walitti dhufeenya qabaachuun qofti sababa gahaa ta'uu danda'a," jedha gorsi kun.

    Akkasumas walgahii lammiilee Biriteen fi ambaasaaddara UK gidduutti taasifame irratti abbaan alangaa Kerman Mehdi Bakhshi fi ittaanaa bulchaa waliigalaa dhimma nageenyaa fi seera kabachiisuu Rahman Jalali akka turan dhaabbanni oduu mootummaa IRNA gabaaseera.

    Iraan waggoota darban keessa lammiilee Iraan kanneen lammummaa lama qaban ykn jiraattota dhaabbataa biyya alaa ta'an hedduu to’annaa jala oolchitee jirti. Isaan keessaayis irra caalaan isaanii himannaa basaasaa fi nageenya biyyaalessaatu irratti dhiyaate.

    Namoota kanneen keessaa ammoo yoo xiqqaate 15 isaanii UK waliin hidhata kan qabaniidha.

    Gareen mirga namoomaa yeroo baayyee qabannaadhaa'f kan to'ataman yoo ta'u, kan gadhiifaman yoo Iraan deebistee waan tokko argattu qofadha jedhu.

    Bara 2023 Iraan nama ammummaa Biriteen fi Iraan qabu Alirezaa Akbaarii UK'f basaasaa ta'uun jettee himachuudhaan du'aan ajjeefte turte. Namni sunis himata kana haaluudhaan dararaa irratti raawwachuudhaan kaameeraa fuulduratti yakka hin raawwanne akka hamanuuf dirqisiifamuu dubbateera.

    Dhuma bara sanaarratti, ogeessi naannoo Moraad Tahbaaz, kan lammummaa UK-US-Iraan qabu, namoota shan waliigaltee jijjiirraa hidhamtootaa Iraan fi US gidduutti taasifameen kan gadhiifaman keessaa tokko yoo ta’u, kunis maallaqni Iraan dhorkamee ture doolaara biiliyoona 6 (£4.8bn) Kooriyaa Kibbaa irraa dabarfamee ture.

  14. Yunaayitiditti kan itti dukkanaa'e Antoonin Riyaal Beetisitti ife

    Antoonii Riyaal Beetisitti

    Madda suuraa, Getty Images

    Taphataan lammiin Biraazil Antoonin Manchestar Yunaayitiditti yeroo dheeraf hongeen goolii isa rukuttee turte.

    Taphataa gatii qaalin bitamee hamma gatii itti bahee bu'aa hin buusin jedhamuunis heddu qeeqamaa ture. Ergisaan kilba Ispeen kan ta'e Riyaal Beetis erga seenee garuu heddu jajamaa jira.

    Tapha Konfiransi Liigii Awurooppaa eda Riyaal Beetis kilaba Beeljiyeem kan ta'e Gent 3-0 injifaterratti galchii jalqabaa Antoonitu lakkoofsise.

    Galchiin lammata akka galuuf kubbaa mijeessee Iskoodhaa kennuun iskoon ammoo Seedrik Bakaambuu akka galchuuf kenne.

    Smbata darbe tapha Riyaal Beetis 2-3 Seeltaa Viigodhaan injifatamerratti Antoonin galchii tokko lakkoofsisee ture.

    Antoonin taphoota sadi hanga ammaa Riyaal Beetisiif taphaterratti galchii lama yoo lakkoofsisu, galchii tokko ammoo mijeessee kenneera.

    Antoonnin bara 2023 gati qaalii ta'e paawundii miliyeena 81.3 Ayaaks irraa Maan Yunaayitidiif mallatteesse.

    Haa ta'u garuu, gahuumsa gaarii agarsiisuu dhabuusaatin yeroo heddu osoo hin taphatin dabarse ykn jijjiiramee gala ture.

    Jiijjiirraa taphattootaa bara kanaan Yunaayitid irraa ergisaan Riyaal Beetis kan deeme taphataan ganna 24 kun miliin eegalee jira.

  15. Abbaan alangaa olaanaa himata Kantiibaa Niw Yoorkirratti baname akka addaan kutan ajajaman aangoo gadhiisan

    Daani'eel Saasoon ''yaada sirrii hin taaneen hoogganamu hin dandeessu'' jetteetti

    Madda suuraa, Getty Images

    Abbaan alanagaa olaanoo Ameerikaa Manhaatanitti argaman, himannaa malaammaltummaa kantiibaa magaalaa Niw Yoork Erik Adaamsirratti dhiyaate akka haqamuuf ajaja kenname diduudhaan aangoo gadhiise.

    Ogeettiin seeraa warra konsarvaatiivii dhiheenya kana pirezidaant Donaald Tiraampiin guddina argatte, Daani'eel Saasoon, himannaa kana haquun '' fakkeenyummaa rifaasisaafi balaa kan qabu'' ta'a jedhan.

    Sasoon yoo xiqqaate qondaaltota olaanoo kutaa haqaa biroo lama waliin hojii gadhiisuun isaanii, jijjiirama bal’aa bulchiinsi Traamp sirna haqaa federaalaa irratti taasisaa jirurratti mallattoo mormii isa haaraadha.

    Himata Fulbaana darbe banameen, Adams loogii isaa taasiisuudhaaf lammiilee Tarkii irraa kennaa waliigala doolaara kuma 100 ol fudhatee fudhachuudhaan himamtame. Inni garuu himata kana ni haale.

  16. Hirmaannaa Yukireenin alatti waliigalteen nagaa hin jiru -Zeleniskii

    Pirezidantiin Yukireen Volodmiir Zeleniskii

    Madda suuraa, Getty Images

    Yukireen yaada waliigaltee nagaa US fi Raashiyaan dhiyeessan ofiin osoo keessatti hin hirmaatiin hin fudhattu jechuun Pirezidantiin Yukireen Volodmiir Zeleniskiin akeekkachiisan.

    Zaleniskiin kana kan jedhan, Doonaald Tiraamp fi Vilaadmiir Puutin waranaan dhaabuuf waliin dubbachuuf akka jiran isuu hordofeeti.

    “Akka biyya bilisa tokkootti fudhacuu hin dandeenyu,” jedhan Zeleniskiin.

    Pirezidantiin US erga bilbilaan Puutin waliin dubbatanii booda waraana dhaabuudhaaf “carraan gaariin” akka jiru himan.

    NATOtti makamuun Yukireeniif qabatamaa hin ta’u kan dubbatan Pirezidant Tiraamp, akkas taanaa daagaa weeraramuu dura turetti deebiyuun “waan hin fakkaanne” jedan.

  17. Tamsaasa kallattii keenya eegalleerra

    Ashamaa hordoftoonni BBC Afaan Oromoo bakka jirtan maratti.

    Tamsaasa kallattii ittiin oduu gagabaaboo isin biraan geenyu kan guyyaa Jimaataa kunoo amma eegalleera.

    Oduu bal'inaan argachuuf ammoo marsartii keenya BBC News Afaan Oromoo fi WhatsApp Chaanaalii banadhaa.

  18. Buufata waraanaa Raashiyaan Galaana Diimaarraa qabaattuuf 'gufuun hin jiru'- Sudaan

    Ministirri Dhimma Alaa Sudaan Alii Yuusuf (L) gita isaanii Raashiyaa Sargee Laavroov Moskootti wal argan

    Madda suuraa, EPA

    Sudaan Raashiyaan Galaanaa Diimaa irratti buufata waraanaa galaanaa hundeessuuf waliigalteen dhumaa mallattaa'uu himuun 'gufuun hin jiru' jette.

    Waliigalteen kun dura kan mari'atame pirezidantii biyyattii duraanii Omaar Hasan al Bashiir waliin yoo ta'u, booda keessa mootummaan waraanaa aangoo qabate ammoo dhimmichi ni qoratamaa jedhe ture.

    Ministirri Dhimma Alaa Sudaan Alii Yuusuf Roobii kaleessaa, walii galteen mallattaa'uu fi bu'uura buufata doonii kanaa irratti Raashiyaa waliin ''waliigaltee guutuu'' irra jirau jedhan.

    Wanti hafe waliigaltee kana raggaasisuu qofa akka ta'e dubbataniiru.

    US, Chaayinaa fi Faransaay duraanuu qarqara galaana Gaanfa Afrikaa kan sarara tarsiimoo fi daldalaa ijoo ta'e irraa humna galaanaa qabu.

    Yuusif Roobii darbe gita isaanii Raashiyaa Sargee Laavroov waliin Moskootti ibsa gaazexessitootaaf kennaniin, “Sudaan fi Raashiyaan waliigaltee buufata humna galaanaa Raashiyaa ilaalchisee waliigalteerra ga’aniiru” jedhan.

    "Dhimmi kun baayyee salphaadha... Waan hundarratti walii galleerra," jedhan. Dhimmicharratti ibsi bala'aan kan hin kennamne yoo ta'u, Laavroov dhimmicha irratti yaada hin laanne.

    Waliigalteen kun bara bulchiinsaa al Bashiir bara 2019 keessa kan irratti mari'atame yoo ta'u, jalqaba Sadaasa bara 2020 battaluma waraanni aangoo qabateen mallattaa'e, garuu ammoo sababii bara 2023tti waraanni ka'een hireen isaa ifa hin turre.

    Wal waraanni biyya keessaa amma deemaa jiruufi namoota kumaatamaan lakkaa’aman itti ajjeefaman kunis kan jalqabe erga waraanni biyyattiifi fi Humni Deeggarsa Saffisaa (RSF) waldhabdee aangoo cimaa keessa seenaniin booda ture.

  19. Hamaas namoota Israa'elii butee yeroo jedhametti gadhiisuuf waliigale

    Lammiilee Israa'el maatiin jalaa ugguuramee

    Madda suuraa, Reuters

    Hamaas bu'uura dhukaasa dhaabuu mallatteeffameen namoota Israa'el keessaa bute yeroo jedhame keessatti gadhiisuuf murannoo qabachuu ibse.

    Tibba kana Hamaas Israa'eel waliigalticha cabsiteetti jechuun namoota gadhiisuurratti akka yeroo fudhatu beeksisuu booda muddamni hammaatee ture.

    Hamaas marii jaarsummaa Masriifi Kataar waliin godhame booda hidhamtoota yeroo jedhame keessatti gadhiisuuf waliigale.

    Marii Kaayerootti gaggeeffame irratti Masriifi Kataar danqaa raawwii waliigaltee kanaa kamuu akka dhabamsiisan mirkaneessaniiru.

    Israa'el ammatti wanta jette hin qabdu. Biyyootni lamaan garuu qaawwa uumame duuchuun raawwiin waliigaltichaa akka itti fufu ibsan.

    Israa'el Kibxata darbe ibsa baasteen Hamaas Sambata dhuftu namoota qabate gadhiisuu baannaan waliigalteen dhukaasa dhaabuu akka haqamu ibsitee ture. Tiraampis ''balaatu bu'a'' jedhanii ture.

  20. Boordiin Filannoo Biyyaalessaa ABBUT (TPLF) ji'a sadiif sochii siyaasaarraa dhorke

    Dr Dabratsiyoon Gabramikaa'eeliifi Obbo Getaachoo Raddaa

    Madda suuraa, TPLF

    Ibsa waa'ee suuraa, Garee Dr Dabratsiyoon Gabramikaa'eeliifi Obbo Getaachoo Raddaa gidduu dhibdeen dhalate ji'ootaaf itti fufeera

    Boordiin Filannoo Biyyaalessaa Itoophiyaa Hagayya darbe Adda Bilisa Baasaa Uummata Tiraay (ABBUT)n haala addaan galmeessee beekamtii paartii naannoo kenneefii kan ture ta'us, paartichi wanta irraa eegamu waan hin baaneef ji'oota sadiif sochii siyaasaarraa ugguramuu beeksise.

    Boordichi ibsa Kamisa har'aa baseen wayita dhaabichi waraqaa ragaa beekamtii dhaabaa argatu yaa'ii waliigalaa gaggeessuun hoogganoota filachuu dabalatee ittiin bulmaata dhaabbilee siyaasaan waan irraa eegamu ji'oota jaha keessatti akka raawwatu qajeelfamee akka ture beeksisa.

    Haata'u malee dhaabichi yeroo kenname keessatti wantoota guutuu qabu raawwachuu dhabuusaarraa kan ka'e boordichi irra deddeebiin yaadachiisa erguus hima.

    Waraana gaaga'aa Kaaba Itoophiyaatti mootummaa Federaalaa waliin godhame booda goolama keessoo kan qabu TPLF kora gaggeessuu hin dandeenye.

    Boordichis labsii fi qajeelfamni ittiin bulmaata dhaabbilee siyaasaa waan cabeef walgahii gaggeesseen dhaabichi ji'oota sadiif sochii siyaasaa kamuurratti akka hin hirmaanne dhokuu ibseera.

    ''Paartichi xalayaan kun yeroo isa qaqqabe irraa eegalee ji'oota sadiif sochii siyaasaa kamuurraa akka dhorkamu murtaaheera'' jedha ibsichi.

    Dabalataan dhorkaan ji'oota sadiif kaahame kun paartichi qophii kora gaggeessuuf qopheesse boordichaaf dhiyeessee boordichi yoo itti waliigale dhorkaan kun akka ka'u ibseera.

    Paartichi yeroo ji'a sadii keessatti sirreeffama akka godhu eegamu hin rawwatu yoo ta'e labsii ALI bara 2016 bahe bu'uura godhachuun beekamtii dhaabichaa akka haqu akeekkachiiseera.

    ABBUT bara Sadaasa bara 2020 mootummaa Federaalaa waliin waraana hamaatti galuu booda shororkeessummaan farrajjameen beekamtiinsaas akka haqamu godhame.

    Ergasii ammoo dhaabicha keessa aanjaan uumamee hooggansa gidduu dhibdeen dhalate ji'oota dheeraaf furmaata osoo hin argatiin itti fufeera.