Naannoo Amaaraatti abbootiin murtii akka hin hidhamnee fi hin himatamne labsame

Madda suuraa, Amhara Communications
Abbootiin murtii seeraa ''harkaafi harkatti yakkaan qabamuu yoo baatan'' to'annoo seeraa jala akka hin oolleefi hin himatamne Manni maree naannichaa labsiin raggaase.
Labsiin mana marichaan ragga'e abbootiin murtii gocha raawwataniif ykn osoo hin raawwatiin hafaniif himatni akka irratti hin dhiyaanne ittisa seeraa tolcheefiira.
Labsiin kun ''Mootummaa naannoo Amaaraatti Jajjabeessituu Manneen Murtii'' jedhama. Manni marichaa yaa'ii torban darbe gaggeessaa ture wayita xumuru labsicha raggaase.
Manni Murtii Waliigalaa naannichaa labsii kana kan qopheesse rifoormii damee haqaarratti gaggeefamu ''seeraan jabeessuuf'' yaadamee akka ta'e ibse.
Pireeziantiin mana murtichaa Alemaantee Aggideew kaayyoo ijoon labsichaa sirni haqaa naannichaa dhiibbaa keessoofi alaarraa bilisa ta'ee akka hojjetu gochuu ta'uu BBCtti himan.
Abbootii murtiif ittisa seeraa kennuun murteessaa ta'uus himan.
Abbootiin murtii naannichaa irra deddeebiin ittisni seeraa akka kennauu gaafachaa turan.
''Sababa ittisa seeraa hin qabneef ajajaafi murtoo kennaniin hidhamaa akka turan pirezidantiin waldaa abbootii seeraa naannichaa Obbo Birhaanuu Asese himaniiru.
Waldaan kun ibsa ji'oota dura baaseen torban lama keessatti hooggansa manneen murtii dabalatee abbootiin murtii 11 hidhamuu ibsee ture.















