Namni siyaasaa beekamaan Yukireen Andrii Paarubii magaalaa Lviv keessatti rasaasaan ajjeefame

Madda suuraa, Getty Images
Af-yaa'iin paarlaamaa Yukireen duraanii kan turan Andrii Paarubii magaalaa Lviv keessatti rasaasaan ajjeefamuusaa aanga'oonni Yukireen himan.
Poolisiin Lixa Yukireen, kutaa Firaankiivsk Lviv keessatti, Sambata har'aa akka biyyaatti naannoo sa'aatii walakkeessa guyyaatti qaqqabuusaa gabaasni isa gahe.
Gabaasni hin mirkanoofne akka agarsiisutti, namni siyaasaa beekamaan kun nama qawwee hidhate baaskilii elektirikaan hojjatuun uffata ergamtuu uffateen yeroo baayyee rasaasaan itti dhukaafame.
Paarubii, namni umriin ganna 54, qaama sochii Maayidaan Yukireen kan Gamtaa Awurooppaa (EU) waliin hariiroo cimaa akka qabaatu leellisu fi kan bara 2014tti pirezidantii duraanii Raashiyaa deeggaru Viktor Yaanukovych kuffiseeti.
Pirezidaantiin Yukireen Volodymyr Zelensky ''ajjeechaa suukaneessaa'' jechuun ibsuun jajjabina erganiiru.
Poolisiin biyyaalessaa Yukireen, poolisiin bulchiinsa Lviv fi tajaajilli nageenyaa haalicha qorataa jiru. Eenyuu ajjeechaa kana duba akka jiru hanga ammaatti ifa miti.
Ibsa Zeleniskiin toora Teeleeguraamii isaanii irratti barreessaniin, "Ministirri Dhimma Biyya Keessaa Yukireen Ihoor Klymenkoo fi Abbaan Alangaa Waliigalaa Ruslaan Kraavchenko haala ajjeechaa suukaneessaa Lviv keessatti raawwatame irratti ammatti kan beekan gabaasaniiru. Andrii Paarubii ajjeefameera. Maatii fi hiriyyoota isaaf jajjabinan hawwa."
"Humni fi malli barbaachisaa ta'e hunda ajjeechaa kana qorachuun nama ajjeese argachuuf bobbaafamaa jira."



















