KALLATTIIN, Zeleniskiin yaada zoonii waraanarraa bilisaa lola Yukireen dhaabuuf dhihaate didan

Pirezidantiin Yukireen Volodymiir Zeleniskiin yaada humnoota Yukireen fi Raashiyaa gidduutti naannoo waraanaarraa bilisa ta'e (buffer zone) akka qaama waliigaltee nagaa ta'etti dhihaate kuffisaniiru, kunis qabatamaan kan waraana ammayyaa hin calaqqisiifne jechuun falmaniiru.

Guduunfaa

  • Oduufi xiinxala BBC'f marsariitii, Facebook, WhatsApp fi YouTube keenya mil'adhaa.
  • Balaa kirkira lafaa magniitiyuudii 6.0 Afgaanistaanitti mudateen namoonni dhibbaan lakkaa'aman du'uun hin hafne
  • Dubbi himaan Hamaas Abuu Obeeyidaa Gaazaa keessatti ajjeefamuu Israa'el himte
  • Waraanni Gaazaa yeroo gabaabaa keessatti xumura argata- Tiraamp
  • Toora tamsaasa kallattii kaanaan duraarraa odeeffannoo argachuuf
  • Odeeffannoo toora tamsaasa kallattii kanaan dura dabarsaa turreef toora kana hordofaa.
  • 'Wanti Netaaniyaahuun sodaatu tokko, innis dhiibbaa ummataati'-Haadha namni jalaa butame
  • Iraan jibba Yihudootaa babal'isaa jirti jechuun Awustiraaliyaan ambasaaddara Iraan ariite

Haguuggii Tamsaasa Kallattii

  1. Haleellaa Israa'el raawwatteen loltoonni Sooriyaa ajjeefaman

    Gaara Sooriyaa

    Madda suuraa, Anadolu via Getty Images

    Dirooniiwwan Israa'el dhihoo magaalaa guddoo Damaasqootti loltoota Sooriyaa jaha ajjeefte jechuun mootummaan himate.

    Mootummaan Sooriyaa haleellaa Kibxataa seera idil-addunyaa kan sarbeefi walabummaa keenyatti kan bu'e dha jedhe

    Haleellaa Roobii marsaa biraan geggeefameen humnooti Israa'el buufata waraanaa duraaniitti buufachuun himamus hangam akka turuu isaanii irratti gabaasota wal dhiitantu bahaa jira.

    Waraanni Israa'el gabaasa biyya biraa irratti yaada hin kennu jedhe. Minsitarri Ittisaa biyyattii Israa'el Kaatiz, ''humnooti keenya adda waraanaa gargara irratti nageenya Israa'el eeguuf lolatti jiru,'' jedhan.

  2. Haleellaa Raashiyaan Kiiv irratti raawwatteen daa’imman sadii dabalatee namoonni 14 ajjeefaman

    Naannoo manneen jireenyaa Raashiyaan haleelame

    Madda suuraa, Reuters

    Haleellaa Raashiyaan magaalaa guddoo Yukireen, Kiiv irratti raawwatteen daa’imman sadii dabalatee yoo xiqqaate namoonni 14 ajjeefamuu aanga’oonni himan.

    Pirezidantiin Yukireen Volodomiir Zeleniskiin “waliin taa’anii mariyachuurra balaastikii” filatte jechuun Mooskoo himate.

    Haleellaa kanaan garri caalaa kan miidhame gamoo manneen jireenyaa yoo ta’u, aanga’oonni ammallee gamoo caccabe jalaa namoota baasuuf yaalaa jiru.

    Yeroo Raashiyaan magaalaa guddoo Yukireen irratti haleellaa raawwattu sagaleen akeekachiiftuu (sirens) akkaan dhaga'amaa ture.

    Daawwadhaa.

    Ibsa waa'ee viidiyoo, Yeroo Raashiyaan magaalaa guddoo Yukireen irratti haleellaa raawwattu sagaleen akeekachiiftuu dhaga'ame
  3. 'Hidhattoonni Faannoo Wallagga Bahaatti caasaa mootummaa diiguun kan ofii ijaarrachaa jiru'- Jiraattota

    Kaartaa aanaa Kiiramuu

    Hidhattoonni Faannoo Godina Wallagga Bahaa Aanaa Kiiramuu gandoota garagaraa to'achuun caasaa mootummaa diiguusanii jiraattonni BBCtti himan.

    Hidhattoonni kun gandoota kunneen keessatti caasaa mataasaanii hundeessaa akka jiranis jiraattonni himaniiru.

    Jiraataan aanaa Kiiramuu BBCtti dubbatan bara kana keessa gandoonni aanichaa deebi'anii akka ijaaraman taasifamus, yeroo dhiyootii as hidhattoonni isaan 'Finxaaleyyii Amaaraa' jedhaniin gandoota ijaaraman diigaa jiraachuu himan.

    Ji'a tokko dura ganda Siree Dooroo keessaa caasaa mootummaa buqqisuun gandicha dhuunfachuusaanii kan himan jiraattonni aanichaa, ammas itti fufuun ganda Ashuu Kusaayee jedhamu to'achuusaanii himaniiru.

    Jiraataan aanichaa "Siree Doorootti bulchaa gandaa maal maal jedhanii caasaa mataasaanii diriirsaniiru. Jiraattotuma keessaa filatanii bulchiinsa yeroo uumaniiru" jedhan.

  4. Daandiin Qilleensaa Itoophiyaa Hagayya 25 irraa kaasee Yaaballootti balalii jalqabuuf

    Xiyyaara Daandiin Qilleensaa Itoophiyaa

    Madda suuraa, Daandiin Qilleensaa Itoophiyaa

    Daandiin Qilleensaa Itoophiyaa A L I Hagayya 25, 2017 irraa kaasee balalii gara Booranaa, magaalaa Yaaballootti akka balalii jalqabu beeksise.

    Daandiin Qilleensaa kun balalii torbanitti guyyaa sadii taasisuuf qophii taasisuu himuun, gatii tikkeettii gadi aanaa yeroo muraasaaf turu bitachuunis gara Yaaballootti akka waliin imalaniif waamicha taasiseera.

  5. Waa'ee ajjeechaa daa'imman lamaa mana-barumsaa Kaatolikii Miniyaapolis kan beeknu

    Poolisiifi namoota fuullee mana-barumsaa dhukaasni itti baname

    Madda suuraa, EPA

    Ajjeechaa dhukaasa jumlaan gaggeeffamee daa’imman lama, kan umuriin isaanii wagga saddetiifi 10 ta’anirratti raawwatame kana kantiibaan magaalaa Miniyaapoolisi, poolisii fi hospitaalli ibsan kennaniiru.

    Hogganaan poolisii Biriyaan O'Haaraa "gocha itti yaadanii jeequmsa daa'immanii fi waaqeffattoota irratti raawwatame" jechuun ibsaniiru.

    Namoonni miidhaman:

    Dhukaasa jumlaa kanaan daa'imman xixiqqoo lama kan umuriin isaanii waggaa saddeetii fi 10 ta'an ajjeefamaniiru.

    Namoonni 17 gara biraa irra miidhaan qaamaa kan gahe yoo ta'u, isaan keessaa 14 daa'imman. Doktarri daa'imman torba haala yaaddessaa keessa akka jiran kan dubbatan yoo ta'u, kanaan dura poolisiin lama ta'u ibsee ture.

    Namni qawwee hidhate:

    Angawoonni namni haleellaa kana raawwate nama ganna 23 fi Robiin Weestmaan jedhamuufi kan magaalaa naannoo Miniyaapoolis irraa kan dhufe yoo ta'u, poolisiin akka jedhetti miidhaa qawwee ofiidhuma isaatiin ofirratti raawwateen du'eera.

    Namni kunis kan seenaa yakkaa akkasii hin qabu ture yoo ta'u, kophaadhuma isaa yakka kana raawachuutu himame.

    Namni haleellaa raawwate kunis meeshaa waraanaa sadii, qawwee gosa lamaafi shuquxii fayyadameera jedhamee amanama. Arrii boombiin konkolaataa kan nama yakka kana raawwateeraa akka ta'e poolisiin amane keessaa argameera.

    Poolisiin ammallee maaltu akka gochaa kanaaf isa kakaasee qorataa jira.

    Dhukaasicha:

    Poolisiin akka jedhetti, namni qawwee hidhachuun shakkame kun bataskaanaan ala irraa itti dhiyaatee rasaasa hedduu karaa foddaa keessaan dhukaasuun daa'imman torban jalqabaa mana barumsaa irratti kadhannaa taasisaa turan rukute.

  6. Atakaaroo Isaak fi Niiwukasil jidduu itti fufeefi oduu jijjiirraa biroo

    Aleksaander Isaak

    Madda suuraa, Getty Images

    Aleksaandar Isaak ammallee Niiwukasil gadhiisuu barbaada; Maanchestar Yunaayitid karra eegaa Seenee Laameens kajeelaa jira; akkasumas Riyaal Maadriid fi Atleetikoo Maadriid ammoo kilaboota Koobii Maayinoo ilaalaa jiranidha.

    Taphataan sarara fuulduraa dhalataa Ertiraafi lammii Siwiidin yeroo ammaa umuriin isaa waggaa 25 ta'e ejjennoo Niiwukasil gadhiisuuf qabutti cicheema jira.

    Dura taa'aan kilabichaa Yaasir Al-Rumayaan gidduu seenuu yaalus, akkasumas abbaa qabeenyaa kilabichaa keessaa tokko kan ta'e Jaamii Ruuben waliin wal arguus ammallee gara Liivarpuul deemuu akka barbaadu himeera.

    Maanchestar Yunaayitid taphataa sarara fuulduraa Biraazil umuriin isaa ganna 25 ta'e Antooniin jalqaba bifa ergisaan booda ammoo dirqama bituun gara kilabii Ispeen, Riyaal Beetisitti akka deebi'uuf kilabicha waliin yaadaan waliigalteerra ga'aniiru.

  7. Fiilisxeemoota Gaazaa keessaa baasuun waan hin oolleedha- Waraana Israa'el

    Loltoota Gaazaa keessatti

    Madda suuraa, Getty Images

    Waraanni Israa'el magaalaa Gaazaa guutummaatti to'achuudhaaf qophii taasisaa wayita jiru kanatti, magaalaa Gaazaa keessaa bahuun ''kan isaaniif hin oolle'' ta'uu Filisxeemoota akeekkachiise.

    Dubbi-himaan waraanaa Israa'el Avichaav Adiree, maxxansa afaan Arabaatiin Kibxata darbe toora X irratti barreessaniin, maatiiwwan gara kibbaatti jijjiiruun ''gargaarsa namoomaa ni argamsiisa'' jedhan.

    Taankonni Israa'el halkan darbe keessa magaalaa Gaazaa keessa naannoo haaraatti babal'ifachuun jiraattonni hedduun akka baqatan dirqisiisaa jiruu jedhan namoonni ijaan argan.

    Sababii babal'ifannaa Israa'el kutaalee magalattii baayyee kan Filisxeemoonni miiliyoonni ammalleen keessa jiraatanitti dhiheenya kana taasifteen namoonni kumaatamaan lakkaa'aman bahaa jiru.

    Waamichi baqachuu kunis kan dhiyaate, yeroo pirezdaantiin Ameerikaa Doonaald Tiraamp Waayit Haawusitti dhimma mul'ata Gaazaa waraana boodaarratti walga'ii ni geggeessu jedhamuun eegamanittidha.

  8. Waraanni Ameerikaa ISIS loluuf Puuntilaand gargaaraa jira

    Loltoota qawwee qabatan

    Madda suuraa, Getty Images

    Komaandiin US-Afrikaa Puuntilaand keessatti ISIS irratti haleellaa qilleensaa raawwachuu hime.

    Kanaan dura Humna Farra Shororkeessaa Puuntilaand waliin tahuun hogganoota ISIS gaarreen Al-Miskaad dhokatan jedhaman irratti xiyyeefachuun haleelanii ture.

    Komaandiin US-Afrikaa Mudde bara 2024 qabee loltuu Puuntilaand wajjin dhiyeenyaan hojjechaa kan jiru yoo tahu loltoota ISIS naannoo Baarii bakka dhoktanitti haleelaa jira.

    Guraandhala 2025 TIraamp hogganaan olaanaa ISIS haleellaa qilleensaan ajjeefamuu himanii ture.

  9. MM Abiy waliin kan walargan Firaansiyaa Markez akkamiin hojjettuu manaarraa ka'uun pirezidantummaaf ga'an?

    Ministirri Muummee Itoophiyaa Abiy Ahmad wayita Pirezidantii Itti Aantuu Kolombiyaa Firaansiyaa waliin wal arganitti

    Madda suuraa, EBC

    Ministirri Muummee Itoophiyaa Abiy Ahmad wayita Pirezidantii Itti Aantuu Kolombiyaa Firaansiyaa Maarkez waliin dhimmoota waloo dantaa biyyoota lameenii mirkaneessan irratti mari'atanitti seenaan pirezidantittii qalbii namaa hawwateera.

    Qondaalli Kolombiyaa kun mana namaatii hojjechuu fi namaaf ergamuurraa ka'uun akkamiin aangoo pirezidantummaaf ga'uu akka danda'an muuxannoo qoodaniiru.

    Firaansiyaa Markez daawwannaasaanii kanaan imbasii biyyasaanii magaalaa Finfinneetti yeroo jalqabaaf baname eebbisiisuun hojii eegalsiisaniiru.

    Imbaasiin Kolombiyaa Itiyoophiyaatti banamuusaa, hariiroo dippiloomaasii biyyoota lamaanii cimsuuf gahee olaanaa qabaachuu himan.

    Sirna kanarratti Firaansiyaafi Ministira Dhimma Alaa Itiyoophiyaa Geediyoon Ximootiwoos (PhD) dabalatee keessuummoonni biroo argamaniiru.

  10. Yeroo namoonni kumaatamaan ba'anii timaatimaan wal reeban agartanii beektuu?

    Namoota timatimaan wal rebaa jiran.

    Madda suuraa, EPA

    Namoonni kumaatamaan lakkaa'aman ayyaana lola nyaataa La Tomatina jedhamu waggaa waggaan gaggeeffamuuf daandii Buñyool, Ispeenirratti bahanii argamu.

    Ayyaanni kun waggaa 80ffaa kabajamaa ka jiru yoo ta’u, timaatima toonii 120 ta’u ykn kiiloogiraama uma 109tti siqu namoota addunyaa irraa dhufaniin darbatameera.

    Duudhaan kun kan jalqabe bara 1945tti garee ijoollee dhiiraa umriin isaanii waggaa kurnan keessa jiran lamatti qoodaman gidduutti yeroo magaalattii keessatti geggeeffamerratti waldhabdeen uumamee boodadha.

    La Tomatina keessatti seerri muraasni jira, timaatimni dhodhohuu ta'uu qaba

    Inni biraa ammoo, sagantichi ifatti kan jalqabu erga hirmaattonni toora galanii qophaa’aniin boodadha.

    Viidyoo timaatimaan wal reebuu kana daawwadha.

    Ibsa waa'ee viidiyoo, Timaatimaan wal reebuu
  11. Baqataan Itoophiyaa irra deddeebiin haleellaa saalaa raawwate jedhame lammiilee UK dheekkamsiise

    Nama mormii gaggeessaa jiru

    Madda suuraa, Getty Images

    Lammiin Itoophiyaa baqatummaan UK erga seenee booda irra deddeebin dubartootarratti haleellaa saalaa raawwachuun himatame lammiilee biyyattii biratti dheekkamsaafi mormii kaase.

    Baqataan Itoohiyaa Haduush Gabrasillaasee Qibaatuu jedhamu haleellaa saalaa dubartootarratti raawwate jedhamuun ji'a Adoolessaa darbe ture kan himatame.

    Haduush magaalaa Esiiks jedhamtu keessatti naannawa buufata baqattootaa keessa jiraatutti dubartootarratti haleellaa saalaa raawwachuun himatamee dhimmisaa manni murtii ilaalaa jira.

    Taaten kun ammoo lammiilee UK biratti dheekkamsaafi mormii kaasee jira. Baqattoonni hoteela keessa buufatan keessaa akka bahan akkasumas magaalattii keessaa akka baafamaniif lammiileen biyyattii mormii gaggeessuun gaafataniiru.

    Bakkeewwan biroo hedduttis taateen akkasii mudachuu mala kan jedhu yaaddoo uumee jira.

  12. Konkolaataan sangaa fe'ee deemaa ture gargaalee konkolaachisaafi gargaaraan du'an

    Sangoota kukkufan

    Madda suuraa, ETV

    Konkolaataan sangoota fe'ee deemaa ture godina Walaayittaa aanaa Dugunaa Faangootti galagalee konkolaachisaafi gargaaraansaa lubbuun darbuu poolisiin beeksise.

    Koomaandarri poolisii aanichaa Eliyaas Meentaa balaan kun kaleessa halkan keessaa sa'atii 7:30 irratti qaqqabe jechuun himuu ETV'n gabaaseera.

    Konkolaachisaan fe'umsaa kuni Konsoo irraa ka'ee gara Mojoo deemaa akka ture hubachiisaniiru.

    Sangooti konkolaataa kanarra fe'amanii turan 15 du'uanis sangooti lama garuu miidhaan irra gahee hafuu poolisiin himeera.

    Daandiin maramaa tahus saffisa akka maleefi fe'umsa gara maleetu yeroo baayyee balaaf saaxila jechuun poolisiin akeekkachiiseera.

  13. Faransaay buqqee mataa mootii Maadaagaaskaar yeroo kolonii ajjeestee fudhatte deebiste

    Nama buqqee mataa  huccuu diimaa uffateeru qabate

    Madda suuraa, Reuters

    Buqqeen mataa mootii Maalaagaasii yeroo Faransaay Madaagaaskaar koloniin bulchaa turte fudhatte ifatti biyyattiif deebisteetti.

    Wal harkaa fuudhiinsi buqqee mataa Mootii Too'eeraa fi miseensota teessoo isaa lama sagantaa Paaristti qophaa'een geggeefame.

    Buqqeen mataa kuni jaarraa 19ffaa keessa Faransaay kan geeffame yoo tahu Godambaa magaalaa guddoo Faransaay Paariis Museum of Natural History

    Murtoon kuni seera haftee ilma namaa deebisuuf bahe fayyadamuun saffisaan hojiirra oolaa jira.

    Adoolessa bara 1897 Faransaay bittaa kolonii diriirsuuf humnashee gara bulchiinsa Menaabee jedhamutti ergitee loltuu naannoo sanaa jumlaan ajjeefte

  14. Dubartiin Oromoo Tamiimaa Nibras Juhaar Norweyitti akkamiin ajjeefamte?

    Tamiimaa Nibraas Juhaar

    Madda suuraa, SM

    Tamiimaa Nibraas Juhaar bakka jiraachaa turte Norwey magaalaa Osloo iddoo hojiisheetti ajjeefamuu maatiin ibsaniiru.

    Tamiimaan dubartii dhala namaaf waan gaarii yaaddu, nama kutannoo qabduu fi hawaasaaf hundaaf gumaachitudha jechuun ibsan maatiin.

    Dubartiin umrii waggaa 34 kun erga Sambata darbe (Hagayya 23, 2025) galgala keessa ajjeefamtee taateen kun mata duree miidiyaalee addunyaa ta'eera.

    Dhaabbanni mirga namaaf falmu Amnastii Intarnaashinaal damee Norwey ajjeechaan dubartii kanarratti raawwatame ''jibbiinsarraa'' kan maddee fi gocha ''finxaalessummaa'' ta'uu ibse.

    ''Ajjeechaan osoo isheen namoota gargaaraa jirtuu Tamiimaa irratti raawwatame akkaan suukanneessaa fi rifaasisaadha,'' jedhe jaarmiyaan kun.

  15. Iraan jibba Yihudootaa babal'isaa jirti jechuun Awustiraaliyaan ambasaaddara Iraan ariite

    Antoonii Albaniis

    Iraan magaalota Sidiniifi Meelboorn fa'aa keessatti jibba Yihudootafi haleellaa isaan irratti xiyyeeffate gaggeessaa jirti jechuun Awustiraaliyaan ambaasaaddara Iraan biyyaa akka bahan ajajje.

    Miseensonni tikaa Iraan waliin hidhata qaban kaaffeewwaniifi Mana Sagadaa Yihudootaa irratti haleellaa raawwatan jechuu ibsan Ministiirri Muummee Awustiraaliyaa Antoonii Albaniis miidiyaaf ibsa kennaniin.

    Kanarraa ka'uun ambaasaaddarri Iraan guyyoota torba keessatti biyyattii gadhiisaanii akka bahaniifis ajajjee jirti Awustiraaliyaan.

    Iraan haleellaa Yohudootarratti xiyyeeffate gaggeessun alatti waliin jireenyafi duudhaa hawaasa Awustiraaliyaa keessa jiru jeeqaa jirti jechuunis himatan Antoonii Albaniis.

    Himannaa Awustiraaliyaa kana ilaalchisee Iraan homaa hin jenne.

    Dhaabbanni Tika Awustiraaliyaa (Aaio) akka beeksisetti, Iraan namoota yakka garaa garaa keessatti hirmaataniif gareewwan wanbadee ta'an mindeessuun hojjatti.

    Dabaluunis taatewwan manneen barnootaa, manneen jireenyaafi manneen sagadaafi iddoo garaa garaatti Yihudootarratti xiyyeeffatan duuba harki Iraan jiraachuu akka hin oolle beeksise.

  16. Itoophiyaa hanga Arjantiinaa: Tattaaffii Raashiyaan karaa miidiyaatiin warra Lixaarratti olaantummaa argachuuf taasisaa jirtu

    TV Raashiyaa

    Madda suuraa, MLADEN ANTONOV /AFP via Getty

    Haviyeer Galardoon nama muuziqaa Kilaasikaalaa Televizhinii irratti darbu dhageefachuun ganamasaa jalqabuu jaalatu.

    Konkolaataa guddaa oofu yaabbachuu isaatiin dura muuziqaa akkanaa dhaggeeffachuun qalbiisaa gammachiisa.

    Ji'a waxabajjii, Wixata tokko ganama TV banee kan arge garuu waan ammaan dura barateen tokko hin taane. TV'n suni bakka muuziqaa inni jaalatu sanii suurawwan waraanaa dabarsaa ture.

    Gabaasni innni TV sanarraa dhagahaa tures waan inni ammaan dura TV kanarratti argee hin beekne itti ta'e.

    "maaltu ta'e?" jedhee ofgaafate. Daqiiqaa 20 booda TV sana cufe. Waan TV'n suni dabarsaa ture waliin waliigaluu akka dadhabe hima.

  17. 'Wanti Netaaniyaahuun sodaatu tokko, innis dhiibbaa ummataati'-Haadha namni jalaa butame

    Maatiin namoonni Hamaasiin jalaa butame ibsa yeroo kennanitti

    Madda suuraa, AP

    Zangaahukar haadha Maatan Zaangahuuke kan Hamaasiin Onkoloolessa 7, 2023 butameeti. Haati kun ganama kana mormii mootummaa Netaniyaahuurratti qabdu dhageessifatteetti.

    "Guyyoota 690f, mootummaan kaayyoo ifa ta'e tokko malee waraana gaggeessaa tureera," jette ibsa gaazexeessitootaaf yeroo kennitu Tel Aviiv keessatti.

    "Har'a, Netaniyaahuun waan tokko akka sodaatu ifadha, innnis dhiibbaa ummataati. Waraana kana waggaa tokko dura akka dhaabbatu goonee namootaafi loltoota butaman hunda manatti ni deebisna ture.

    "Namootaafi loltoota butamanis ni oolchinayyu ture, garuu ministirri muummichaa aangoo ofiisaaf jecha irra deddeebiin namoota nagaa aarsaa gochuu flate."

  18. Haleellaa Israa'eliin gaazexeessitoonni miidiyaalee idiladdunyaaf hojjatan shan Gaazaatti ajjeefaman

    Gaazexeessituu bakka haleellaa Israa'el gaggeessiteen manca'e dhaabbachaa jitu

    Madda suuraa, AP

    Haleellaa Israa'el Gaazaa Hospitaala Naasir jedhamu irratti gaggeessitoonni namoota 20 ajjeefaman keessaa shan gaazexeessitoota miidiyaalee idiladdunyaa achii gabaasan ta'uu Ministeerri Fayyaa Gaazaa beeksise.

    Gaazexeessitoonni kunneen miidiyaalee idiladdunyaa: Rooyitars, AP, Al Jazeera fi Middle East Eye jedhamaniif gabaasaa turan jedhame.

    Hojjattoonni waldhaansa fayyaa afuris kanneen haleellaa kanaan ajjeefaman keessatti akka argaman Dhaabbanni Fayyaa Addunyaa (WHO) beeksise.

    Haleellaa jalqaba gaggeeffameen kanneen miidhaman gargaaruf hojjattoonni lubbuu baraaran yeroo achitti argaman haleellaan lammataa gaggeeffamuun hojjattoota lubbuu baraaranis du'uutu himame.

    Ministiirri Muummee Israa'el Beeniyaamiin Netaaniyaahuu haleellaa kana "taatee dogogoraa mudachuu hin malle" jechuun humni waraanaa "qorannoo gadi fagoo gaggeessaa jira" jedhe.

  19. Harargeetti ga'eessi ilmaan isaa baraaruuf qeerransaan wallaansoo qabe maal hima?

    Obbo Musxafaa

    Madda suuraa, Komunikeeshinii Anaa Gursum

    Taateen kun Godina Harargee Bahaa Aanaa Gursum Araddaa Goobaa ganda Haroo Dhoqqee jedhamtutti kan mudate. Yeroon isaa ammoo torbee darbe gara jalqabaarra.

    Obbo Musxafaa Rashiid Abduu guyyaa hojii idilee isaaniirra oolanii mana galan. Mana gahanii akkuma aara galfachuuf ofirra taa'aniin manuma isaanis keessa jiran garuu ulaa biraa keessaa sagalee waywaannaa dhagahan.

    Musxafaan Taatee isaan mudate kana yeroo BBCtti himu akka jedhetti, sagaleen naaf qaqqabaa kana kan dhageessise haadha manaa obboleessa isaati.

    Innii fi obboleessi isaa manuma tokko kan ulaa gara garaa qabdu keessa jiraatu. Yeroo sagaleen iyyaa kun dhagahamu ijoolleen isaas kan obboleessa isaas mana keessa turan.

    "Ooyiruu keessaa dalagaa ooleetin dadhabee gale. Anumaa miila ofirraa dhiqee gadi taa'ee ulaa obboleessa kiyyaa keessaa iyya dhagahe. Manni ulaa qaba. Qeerransatu ulaadhaan ol seenee siree ol dheertuu takkatu mana keessa jira ishumarra ol utaalee koree taa'e," jedha.

  20. Waraanni Gaazaa yeroo gabaabaa keessatti xumura argata- Tiraamp

    Namoota hiriira mormii bahan

    Madda suuraa, Getty Images

    Ibsa waa'ee suuraa, Namoonni magaalaa Tel Aviiv keessatti hiriira mormii bahan, Doonaald Tiraamp Israa'elifi Hamaas gidduutti waliigalteen dhukaasa dhaabuu akka jiraatu dhiibbaa akka godhu gaafatan

    Bulchiinsi Beeniyaamiin Netaaniyaahuu Hamaas wajjin waliigaltee gochuun namoota butaman akka deebisiisuuf lammiilen Israa'el hedduun hiriira bahuun gaafataa jiru.

    Gama biraan ammoo Doonaald Tiraamp Gaazatti dhukaasi dhaabatee namoonni butaman akka deebifaman dhiibbaa akka godhuufis gaafataa jiru lammiileen Israa'el hiriira bahaa jiran kun.

    Doonaald Tiraamp Gaazatti dhukaasi dhaabatee nagaan akka bu'u yeroon itti labsamu fagoo akka hin taane abdachiise.

    Kana milkeessufis Ministiira Muummee Israa'el Beeniyaamiin Netaaniyaahuu wajjin dubbachuu beeksise.

    "Yeroo dhiyootti [waraana kana] xumura akka itti gootu" jechuun jala muree akka itti dubbate ibsa Tiraamp.

    "Torbanoota lamaan sadan dhufanitti waraanicha bifa waaraa ta'een xumura ni argata jedheen yaada," jechuun gaazexeessitootatti hime Tiraamp.

    Haalli Gaazaa keessa jiru baay'ee hamaa ta'u kan dubbate Tiraamp, "namoonni baay'een du'aa waan jiraniif xumura akka argatun barbaada," jedhe.