Teessoon mana fincaanii irra teenyu dhukkbaaf nu saaxiluu danda'aa?

Harka teessuma mana fincaanii qabee jiru

Madda suuraa, Getty Images

Maxxanfame
Yeroo dubbisuu: daqiiqaa 5

Hammuma manneen fincaanii namoonni baay'een itti fayyadaman seennu fincaan teessoo mana fincaaniirratti faffaca'ee hafuu fi fooliin badaan mijaa'ina nu dhorkuu malu.

Kanaafis balbala mana fincaanii ciqileen banuu, bishaan baay'isnee dhangalaasuun akkasumas teessuma mana fincaanii sooftiin haguuguun taa'uutu gorfama.

Gaafiin organizimoonni dhibeef nu saaxilan mana fincaanii keessa yeroo hagamiif turuu danda'u jedhus samuutti nu dhufuu mala.

Garuu teessoo mana fincaanii namoonni baay'een itti fayyadamanirra taa'uu qofaan dhibeef saaxilamuu dandeenyaa? Maloonni qaamni keenya teessoo mana fincaanii akka hin tuqneef nu gargaaran hoo jiruu? Maayikirobaayolojistiin deebii armaan gadii kennaniiru.

Teessuma mana fincaanii softiin irra jiru

Madda suuraa, Getty Images

Dhukkuboota nu qabuu hin dandeenye

"Akka yaadaatti eeyyen teessoo mana fincaaniirraa dhibeen isin qabuu danda'a, garuu carraansaa baay'ee xiqqaadha" jedhu Yunivarsiitii Saawuz Filoriidaatti pirofeesara fayyaa hawaasaafi maayikirobaayolojii kan ta'an Jill Roobartis.

Fakkeenyaaf, dhibeewwan qunnamtii saalaan daddarban yaa fudhanu. Baakteeriyaafi vayirasiiwwan dhibeewwan kunneen fidan qaama lubbuqabeeyyiin ala yeroo dheeraaf jiraachuu hindanda'an.

Sanuu ammoo wantoota dilallaa'oofi jabaatoo ta'an kan akka teessoo mana fincaanii irratti.

Kanaafi dhibeewwan qunnamti saalaan daddarban baay'eensaanii wal tuttuqqii qaama saalaa kallattiifi wal jijjiirraa dhangala'aa qaamaatiin namaa namatti daddarbu jedhamee kan yaadamu.

Haata'u malee, ofeeggannoo taasisuufi qulqullina haalaan eeggachuun akkasumas manneen fincaanii faalaman fayyadamuu dhiisuun barbaachisaadha.

"Silaa osoo manneen fincaanii dhibeewwan qunnamtii salaan daddarban ni daddabarsu ta'ee dhibeewwan kunneen namoota sadarkaa umrii hundarra jiranfi kunneen qunnamtii saalaa godhanii hinbeeknerratti bay'inaan mul'atu ture" jedhu Jill Roobartis.

Haala walfakkaatuun teessoo manneen fincaanii ummataarra taa'uun carraan dhibeewwan dhiigaan daddarbaniif saaxilamuus baay'ee gadi aanaa ta'uu ogeettiin kun himu.

Fakkeenyaaf, teessoo mana fincaaniirratti dhiiga nama biraa yemmuu agartan mana fincaanicha fayyadamuu dhiisuu dandeessu.

Haa ta'u malee orgaanizimoonni dhibeewwan dhiigaan daddarban qunnamtii saalaan yookiin lilmoo faalamee waraannachuun yoo ta'e malee salphaatti namaa namatti hindaddarban jechuunis himu.

Dhukkuboota nuqabuu danda'an

Kan olitti eerame akkuma jirutti ta'ee dhibeewwan qunnamtiin daddarbanfi qaama namaan alatti yeroo dheeraaf turuu danda'an ni jiru.

Gosoonni vaayirasii Human papilloma vaayiras (HPV) jedhamanfi qaama saalaarratti dhiitoowwan xixxiqqaa fidan haalawwan garagaraarratti kan hundaa'u ta'us meeshaaleerratti maxxanuun hanga torbee tokkoo turuu danda'u.

"Vaayirasiiwwan kun baay'ee xixxiqqoofi haguggii ykn qola pirotiinii yeroo jireenyaa dheeraa laatuuf ni qabu" jedhu Neevaadaa Yunivarsiitii Tuurootti pirofeesara maayikirobaayoloojii fi immunoloojii kan ta'an Kaaren Duus.

Gosti vaayirasii HPV jedhamu saanitaayizarii harkaa kan dandamatu yemmuu ta'u, qola pirotiiniisaa jabaataa ta'e barbadeessuuf barakiinaan akka barbaachisu himu. Ta'us garuu vaayirasiiwwan kun qaama namaa seenuu kan danda'an karaa shiftoo yookiin madaa qaama saalaa namaarra jiruun akka ta'e ogeettiin kun himu.

Teessuma mana fincaanii waraqaa ykn sooftiin haguuguun ni fayyadaa?

Skip podcast promotion and continue reading
Chaanaalii WhatsApp BBC Afaan Oromoo

Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma

Asiin seenaa

End of podcast promotion

Manneen fincaanii ummataa yeroo fayyadamnu teessoo irra teenyu waraqaa yookiin sooftiin haguuguun gaarii fakkaatee nutti mul'achuu danda'a.

Haata'u malee, teessoo mana fincaanii sooftiin haguuguun irra taa'uun orgaanizimoonni dhibee daddabarsan qaama keenya akka hintuqne hin ittisu. Sababnisaammoo sooftiin hulaa xixxiqqaa waan qabuuf jarmoota ittisuu hindanda'u.

Kana malees teessoo nama fincaaniirra miilaan gadi taa'uun fincaa'uun faayidaarra miidhaansaa akka caalu ogeeyyiin himu.

Ohaayo Isteet Yunivarsiitiitti ispeshaalistii kilinikaalaa fayyaa mo'oo kan ta'an Istefaanii Bobinger, dubartoonni wayita teessoo mana fincaaniirra miilaan ejjetanii taa'an maashaan mo'oo isaanii dacha'uun fincaan salphaatti akka hinbaane akka taasisu himu.

Kanaafis fincaan qaama keessaa akka bahuuf akka malee dhiibuuf ni dirqamu. Kana malees fincaan afuuffee fincaanii keessaa guutummaatti bahuu dhiisuu waan maluuf dubartoonni infeekshinii ujummoo fincaaniif akka saaxilaman taasisuu danda'a jedhu.

Rakkoo qabatamaa

Akka waliigalaatti carraan namoonni wayita mana fincaanii fayyadaman dhibeef saaxilamuuf qaban qaamni saalaasaanii teessoo mana fincaaniin waltuquusaatiin kan uumamu miti.

Saaxilamummaan kan uumamu teessoo mana fincaanii harkaan tuquun baakteeriyaafi vaayirasii dhangala'aa qaama dhuunfaa keenyaa yookiin namoota biroo keessa jiruun faalamuufi fuula yookiin afaan keenya deebisnee tuquun akka ta'e Jill Robartis himu.

Akka fakkeenyatti bobbaan xiqqoon teessoo mana fincaaniirratti faca'e jarmoota dhibee fidan garagaraa qabaachuu danda'a. Bobbaa kana harkaan erga tuqanii booda afaan tutuquun jarmoonni kunneen gara qaamaa akka seenanfi dhibeewwan garaa keessaa mallattoolee akka haqqeefi garaa kaasaa qabaniif nama saaxiluu danda'a.

Kana malees bobbaan gosa vaayirasii norovaayiras jedhamufii sadarkaa olaanaan daddarbu qabaachuu danda'a.

Vaayirasiin kun meeshaalee vaayirasichaan faalamaniin, soorataan yookiin immoo nama dhukkubsate waliin kallattii wal tuttuquun daddarbuu danda'a. Vaayirasiin kun meeshaalee tokko tokkorratti hanga ji'oota lamaas turuu danda'a.

Bishaan fafca'u qalbeeffadhaa

Tuttuqqii harkaafi afaanii malee taateewwan wayita mana fincaanii fayyadamnutti dhibeef akka saaxilamnu taasisan ni jiru. Kunneen keessaa tokkommoo taatee wayita bishaan mana fincaanii dhangalaasnu yookiin gadhiisnu uumamudha.

Mana fincaanii fayyadamuun duras t'e booda yemmuu bishaan dhangalaasnu jarmoonni golboo mana fincaanichaa keessa jiran gara qilleensaatti faca'uun mana fincaanichaa keessa iddoowwan garagaraarra qubatu. Mana fincaanichaa keessaa hinbaane taanaan nurras qubachuu danda'u.

Kana malees orgaanizimoonni tokko tokko qilleensa keessa bololi'uun qilleensa waliin gara qaama namaallee seenuu danda'u.

Kanaafis saaxilamummaan kan jiru balbala, teessoo mana fincaaniifi kutaalee mana fincaanii garagaraa tuttuquu qofa osoo hintaanee bishaan mana fincaanii keessatti dhangala'uunis akka ta'e ogeeyyiin himu.

Mana fincaanii keessatti akkamiin dhukkuboota ittisuu dandeenya?

Mana fincaanii

Madda suuraa, Getty Images

Mana keessattis ta'ee manneen fincaanii ummataa keessatti dhibeef akka hinsaaxilamneef ofeeggannoowwan garagaraa gochuu akka dandeenyu UK Yunivarsiitii Laafbaraatti injinara qulqullina bishaanii kan ta'an Elizaabet Paadi himu.

Ogeettiin kun wayita mana fincaanii fayyadamnutti hanga danda'ame wantoota muraasa qofa tuquu akka qabnu gorsu.

Gama biraatiin kemikaalonni biifamuun meeshaaleefi qilleensa mana fincaanii keessaa qulqulleessanfi facca'iinsa orgaanizimoota dhibee fidanii ittisan fayyadamuunis mala isa biraa akka ta'e himu.

Dabalataan mana fincaanii erga fayyadamanii booda bishaan dhangalaasanii mana fincaanii keessa turuurra dafanii bahuu kan gorsan ogeeyyiin, manneen fincaanii ummataa namni tokko erga fayyadamee booda namni biraan fayyadamuuf daqiiqaa 10 eeguun filatamaa akka ta'es himu.

Kana malees bilbila harkaa yookiin moobaayilii mana fincaanii keessatti fayyadamuu dhiisuunis maloota dhibeef akka hinsaaxilamne gargaaran keessaa tokko.

"Bilbila keessan qabattanii mana fincaanii seentu taanaan bilbilli keessan orgaanizimoota dhibee fidaniif saaxilama. Sana booda harka keessan dhiqattanillee bilbila keessan qabattaniituma deemtu" jedhu Jill Robartis.

Kana malees akkuma mana fincaanii fayyadamnee xummurreen harka dhiqachuun barbaachisaa ta'uu ogeeyyiin himu. Dhiqachuun dabalataan saanitaayizarii fayyadamuun immoo caalmaatti dhibeef akka hinsaaxilamne akka gargaarus himu.