KALLATTIIN, Zeleniskiin yaada zoonii waraanarraa bilisaa lola Yukireen dhaabuuf dhihaate didan

Pirezidantiin Yukireen Volodymiir Zeleniskiin yaada humnoota Yukireen fi Raashiyaa gidduutti naannoo waraanaarraa bilisa ta'e (buffer zone) akka qaama waliigaltee nagaa ta'etti dhihaate kuffisaniiru, kunis qabatamaan kan waraana ammayyaa hin calaqqisiifne jechuun falmaniiru.

Guduunfaa

  • Oduufi xiinxala BBC'f marsariitii, Facebook, WhatsApp fi YouTube keenya mil'adhaa.
  • Balaa kirkira lafaa magniitiyuudii 6.0 Afgaanistaanitti mudateen namoonni dhibbaan lakkaa'aman du'uun hin hafne
  • Dubbi himaan Hamaas Abuu Obeeyidaa Gaazaa keessatti ajjeefamuu Israa'el himte
  • Waraanni Gaazaa yeroo gabaabaa keessatti xumura argata- Tiraamp
  • Toora tamsaasa kallattii kaanaan duraarraa odeeffannoo argachuuf
  • Odeeffannoo toora tamsaasa kallattii kanaan dura dabarsaa turreef toora kana hordofaa.
  • 'Wanti Netaaniyaahuun sodaatu tokko, innis dhiibbaa ummataati'-Haadha namni jalaa butame
  • Iraan jibba Yihudootaa babal'isaa jirti jechuun Awustiraaliyaan ambasaaddara Iraan ariite

Haguuggii Tamsaasa Kallattii

  1. Maatiin 'waliigaltee tokkorra gahamee' namoonni butaman hunduu akka deebiyaniif dhiibbaa gochaa jiru

    Namoota maatiin Hamaasiin jalaa butame

    Madda suuraa, AP

    Israa'elitti maatiin 'waliigaltee tokkorra gahamee' namoonni butaman hunduu akka deebiyaniif dhiibbaa gochaa jiru.

    Ibsa gaazexeessitootaaf Tel Aviiv keessatti kennamaa jiru tokkorratti, haati dhalli ishee waggaa lama dura Hamaasiin jalaa butame ibsa kennaa jiru. Ibsuma kanarratti, abbaan tokkos kallattiin mootummaa Israa'elitti dhimma namoota Hamaasiin butamanii dubbachaa jira.

    Abbaa Itaay cheen kan ta'e Ruubii Cheen, mootummaan Netiniyaahuu namoonni butaman akka gadhiifaman gochuurratti dursa kennuun hatattamaan "waliigaltee tokkorra akka gahamuuf" gaafachaa jira.

    "Pirezidant Tiraamp, kaleessa torbanoota lamaa hanga sadii keessatti dhimma kana ni xumurra jettee akka amantu kaleessa ibsitee ture," jedha Itaay.

    "Kun dhugaa akka ta'u nuti Waaqayyoon ni kadhanna. Dhimmi kun akka xumura argatuufis guyyaa dhumaa ministira muummeef keesseetta.

    "Ati warra butaman hunda akka deebisiiftu namoota maatiin jalaa butamaniif yeroo nu argitee turtetti waadaa nuuf galteetta. Tarkaanfii fudhattee kan ati raawwattu ammadha,"

    jechuun gaafatan.

  2. Dr Teediroos Adaanom haleellaa Israa'el hospitaala Gaazaa irratti raawwatte balaaleffatan

    Daarikterri Dhaabbata Fayyaa Addunyaa Dr Teediroos Adaanom haleellaa Israa'el hospitaal naaser irratti raawwatte balaaleffatan

    Madda suuraa, Getty Images

    Ibsa waa'ee suuraa, Daarikterri Dhaabbata Fayyaa Addunyaa Dr Teediroos Adaanom haleellaa Israa'el hospitaal naaser irratti raawwatte balaaleffatan

    Haleellaa dhaqqabeen gamoon hospitaala Naaser akka malee miidhameera jedhan Daarikterri Dhaabbata Fayyaa Addunyaa Dr Teediroos Adaanoom.

    Hospitaalicha Israa'eltu har'a ganama haleele. Humni waraanaa Israa'el haleellaa kana naannoo hospitaalichaatti raawwachuu himeera.

    Israa'el haleellaa qilleensarraa lama hospitaalicha irratti raawwachuu viidiyoo bahan irraa BBC'n mirkaneesseera.

    Dr Teediroos haleellichi kutaa yaala hatattamaa, kutaa yaala dhukkubsattoonni ciisanii fi kutaa tajaajila baqaqsanii yaaluu miidheera jechuun X irratti barreessan.

    Dhukkubsattoonni ciisanii yaalamaa turan akka malee miidhaman akka keessa jiranis himaniiru.

    ''Yeroo Gaazaan beela'aa jirtutti, tajaajilli yaala fayyaa xiqqoo jirtuyyuu irra deddeebiin rukutamuun miidhamee jira,'' jedhan.

    ''Haleellaa eegumsa fayyaa irratti gootan dhaabaa. Amma dhukaas dhaabuu qabdu,'' jedhan.

    Haleellaa har'a gaggeeffame keessatti gaazexeessitoonni hojiirra turan shanis ajjeefamaniiru.

  3. Finfinneetti hoggantoonni tajaajila kennaniif matta'aa gaafatan to'annoo jala oolan

    Nama to'annoo jala oole

    Madda suuraa, Addis Ababa Mayor office

    Magaalaa Finfinneetti tajaajila kennaniif hoggantoonni matta'aa gaafatan to'annoo jala ooluu waajjirri kantiibaa magaalichaa hime.

    Fuula Feesbuukii isaa irratti akka maxxansetti, hoggantoonni lama namoota tajaajila qalma qeeraa barbaacha deeman matta'aa gaafatan to'atamaniiru.

    Daariktera olaanaa tajaajila qeeraa kan tahan Obbo Sayid Indiriyaas Kamaal fi itti aanaa isaanii Obbo Yooseef Dirribsaa Maammoo kan jedhaman tahuu ibse.

    Yoo maallaqa nuu fiddan malee tajaajilicha hin argattan jechuun maamiloota rakkisaa erga turanii eeruu dhaqqabeen hordofamaa turuun har'a osoo matta'aa fudhatanii harkaa harkatti qabamuu ibse.

    Waajjirri kantiibaa tajaajila argachuu deemanii haalli akkasii yoo isin mudate eeruu kennaa jechuun dhaameera.

    MM Abiy Ahimed hoggantoonni tajaajila kennaniif matta'aa gaafatan akka jiran ibsanii isa irratti akka qabsaa'an torban darbe FMCtti himaniiru.

  4. Erga Israa'el Gaazaarratti waraana jalqabee gaazexeessitoonni 190 ajjeefamaniiru - CPJ

    Namoot salaatarra jiran

    Madda suuraa, EPA

    Haleellaa Israa'el Hospitaala Naaser irratti raawwatteen gaazexeessitoonni shan ajjeefaman.

    Humni waraanaa Israa'el haleellaa kana naannoo Hospitaala Naaseritti raawwachuu ibse.

    Qorannoo jalqabaa gaggeesseen haleellicha raawwadhe kan jedhe humni waraanaa Israa'el miidhaman namoota nagaarra gaheef akka gadde ibse.

    Ogeessi kaameeraa Rooyitarsi Husaam al-Masrii hospitaalicha keessatti ajjeefamuu mirkaneessera.

    Yeroo sana tamsaasa kallattii gamoo sana irraa dabarsaa ture. Haleellaa jalqabaan garuu tamsaasichi addaan cite.

    AP'n gaazexessituu isaa aariyaam Abu Daggaa ajjeefamuu ibse. Ogeessi kaameeraa Mohaammad Salaama, Mo'aaz Abu Taha fi Ahmad Abu Aziiz ajjeefamuu ibseera.

    Dhaabbanni mirga gaazexeessitootaaf falmu CPJ, erga waraanni Gaazaa kun jalqabee ji'oota 22 keessatti gaazexessitoonni 190 ajjeefamaniiru jedhe.

  5. Arsenaal ammas taphataa sarara ittisaa tokko harka Tootenhaamii baafachuufi

    Piiroo Hinkaappee, taphataa Baayern Liiverkusen Arsenaal barbaadaa jiru

    Madda suuraa, Getty Images

    Ibsa waa'ee suuraa, Piiroo Hinkaappee, taphataa Baayern Liiverkusen Arsenaal barbaadaa jiru

    Arsenaal taphataa Baayern Liiverkusen ittisa karaa bitaarra taphatu Hiinkaappee jedhamu mallatteesisuu barbaada.

    Gareen Arsenaal taphattoota hordofuun kilebichaaf filu taphataa kana hordofaa turan. Hiinkaappee kilebni barbaadu paawondii miliyoona 52 kaffaluu akka qabu waliigaltee inni kilebicha waliin qaburra jira.

    Taphatichi kileba Jarman kana gadhiisee bahuu barbaada. Baayern Liiverkuseniif taphoota 166 kan taphate taphataan ganna 23 kun garee osoo tapha tokkoyyuu hin mo’amiin waancaa Bundisliigaa mo’ate keessaa tokko.

    Tootenhaam taphataa kana mallatteessisuuf dhiyaatera gabaasni jedhu bahaa jira.

    Arsenaal Eezzee xiqqumaaf harka Tootenhaamii akkuma baasan ammas Hinkaappee irratti dabaluuf jedhu.

    Arsenaal ganna kana jijjiirraa taphattootaaf gara paawondii milioona 200 ol baasii taasiseera.

    Garuu Faabiyoo Viyeeraa, Ziincheenkoo Riis Neelsan fa’aa Arsenaal keessaa bahu jedhamee eegama.

  6. Haleellaa Israa’el hospitaalarratti raawwateen namoota 15 du’an keessaa afur gaazexeessitoota - Qondaaltota Gaazaa

    Hojjetoota miidiyaa

    Madda suuraa, Getty Images

    Haleellaa Israa’el hospitaala kibba Gaazaarratti raawwateen, gaazexeessitoota afur miidiyaalee addunyaaf hojjetan dabalatee yoo xiqqaate namoonni 15 du’uu isaanii gabaafameera.

    Namoota haleellaa Hospitaala Naasir keessatti raawwatameen ajjeefaman keessaa ogeessi kaameeraa Rooyitars fi gaazexeessaan Asoosheetid Pirees isa tokkodha. Gaazexeessitoonni biroo lamaan kunneen Al Jazeeraa fi NBC keessa hojjetan akka turan gabaafameera.

    Haleellaa jalqabaatiin namoonni hedduun kan ajjeefaman yoo ta’u, kaan ammoo sekondii tokko keessatti kan ta’e yeroo baraartoonni bakka sanatti argamanitti ta’uu Ittisi Siivilii Hamaasiin geggeeffamu ibseera.

    Waraanni Israa'elii fi waajjirri ministyira muummee ammatti yaada akka hin qabne himaniiru.

    Suuraaleen bakka sanaarraa dhufan sadarkaa ol aanaa bakka miidhaan itti mul'atu, hospitaala guddicha kibba Gaazaa ta'etti, aarri halluu diimaa qabu akka dhangala'u agarsiisa.

    Alaa namoonni jeequmsa gidduutti fiigaa fi iyyaa jiru, sababiin isaas gaanfi ambulaansii dhaga'ama.

    Viidiyoo tokkorratti, doktorri tokko uffata dhiigaan guutame ol qabatee gaazexeessitoota agarsiisuuf, lagannaa biraatu jira.

    Dhaabbanni oduu Rooyitars akka jedhetti, ogeessi kaameeraa isaa Husam al-Masrii namoota ajjeefaman keessaa tokkodha.

    Gaazexeessituu bilisaa ejensichaaf hojjettu Maariyaam Daggaas ajjeefamuu Asoosheetid Pirees beeksiseera. Du'a dargaggeessa ganna 33 kanaan ''naasisee, akka gaddisiise'' ibseera.

    Kanneen biroo ammoo Mohaammad Salameh kan Al Jazeera keessa hojjetuufi ogeessa suuraa Muath Abu Taha,a kan Ameerikaan TV Network NBC keessatti qacarame ta'uun himama.

    Ittisni Siivilii akka beeksisetti miseensota isaa keessaa tokko dabalatee namoonni 15 ajjeefamaniiru jechuun dhaabbati oduu AFP gabaaseera.

  7. Haleellaa Israa'el Sana'aatti gaggeessite hordofee lakkofsi namoota du'ee dabale

    Sana'aa bakka Israa'el haleelte yeroo gubataa jirutti

    Madda suuraa, Reuters

    Akka Al Masiraah TV kan Huutiitti dhiyeenya qabu Ministeera Fayyaa Yaman waabeffachuun baasetti haleellaa qilleensaa Israa'el Yaman, Sana'aatti gaggeessite hordofee lakkoofsi namoota du'anii ja'a yoo gahu, kanneen madaa'an ammoo 86.

    "Haleellaa warri Tsiyon buufata humna ibsaa Haziz fi kampanii boba'aa Dood 60 irratti gaggeessiteen namoonni nagaa ja'a ajjeefamanii, kanneen biroo 86 ammoo madaa'aniiru.

    Dura lakkoofsi namoota du'anii afur, kanneen madaa'an ammoo 67 ture," jedhe ministeerichi.

    Eegumsi siviliifi gareen barbaarsaa ammallee namoota achi-buuteen dhabam barbaadaafi adda baasaa jira jedhe.

    Ministirri Muummee Israa'el Benjaamiin Netaaniyaahuu haleellaan qilleensaa Sana'aatti raawwatame masaraa mootummaa Sana'aa keessa jiru, akkasumas humna ibsaa magaalattii barbadeesseera jedhe.

    Gareen Iraaniin deeggaramu kun "haleellaa Israa'el irratti gaggeesseef gatii guddaa baasaa jira" jechuun dubbate.

    Kun osoo kanaan jiruu, koloneelli Hutii waliin hidhata qabu tokko haleellaan qilleensaa Israa'el Dilbata gaggeeffame kun magaalaa guddoo Yaman, Sana'aarratti xiyyeeffate.

  8. Albart Anistaayin pirezidaantii Israa'el akka taa'uuf waamicha dhiyaatef maaf dide?

    Albert Anistaayin

    Madda suuraa, Getty Images

    Chaayim Wiizmaan pirezidaantii jalqabaa Israa'el ta'ee nama filatameedha. Wiizmaan ogeessa keemistirii beekamaa yoo ta'u, yeroo Israa'el hundooftu pirezidaantii jalqabaa ta'ee kan tajaajile isa.

    Haa ta'u garuu erga inni du'ee booda pirezidaantii lammaffaa Israa'el ta'ee akka tajaajiluuf hiddisaa Yihudii kan ta'e Albart Inistaayiniif gaaffiin dhiyaatee ture.

    Haa ta'u garuu, Albart Inistaayiin gaaffii kana hin fudhanne. Saayintistii beekamaan keemistirii Chaayim Wiizmaanitu pirezidaantii jalqabaa Israa'el ta'uun kan filame Israa'el hundooftee waggaa tokko booda bara1949tti ture.

    Waraana Addunyaa Lammaffaa booda biyya Arabootafi Yihudootaa jedhamuun Filisxeem bakka lamatti akka qoodamtuuf Dhaabbanni Biyyoota Gamtoomanii bara 1947tti murteesse.

    Bara1948tti Israa'el biyyummaa labsatte. Ministiira Muummee jalqabaa ta'ee kan filame Deeviid Bengooriyoon yoo ta'u, waggaa tokko booda ammoo Chaayim Wiizmaan pirezidaantii jalqabaa biyya haaraa hundeeffamtee ta'uun filame.

  9. Faransaay jibba warra Seemiin erga himatamtee booda ambaasaaddara US soddaa Tiraamp ta'an waamte

    Faransaayitti Ambaasaaddara US Chaarles Kushinar

    Madda suuraa, MOHAMMED BADRA/EPA/Shutterstock

    Warra Yahuudaa keessaa kan ta'an Faransaayitti ambaasaaddarri US Chaarles Kushinar xalayaa Pirezidantii Faransaay Imaanu'eel Maakrooniif barreessaniin himannaa kana dhiheessan.

    Xalayaan himannaa kunis Gaazexaa Wall Street jedhamurratti maxxanfameera.

    Kana hordofeeti Faransaay Ambaasaaddar Kushinar akka dhihaatan ajajuun kan dhagahame.

    Ilmi isaanii intala Pirezidant Tiraamp, Ivaankaa, kan fuudhe Ambaasaaddar Kushinar mootummaan Faransaay duula farra warra seem dhaabsisuu hin dandeenye jechuun himatan.

    Faransaay himannaa kana fudhatama dhabsiisteetti.

    Erga waraanni Gaazaa eegalee jibbiinsi warra Seem Faransaay keessatti akkaan babal'ateera jedhan ambaasaaddarri US kun.

    Himannaa kana Israa'elis irra deddeebiin dhiheessaa turte.

    Ministeerri dhimma alaa Faransaay ibsa baaseen ''himannaan dhihaatee Faransaay biratti fudhatama tokkollee hin qabu,'' jechuun Kushinar Wiixata har'aa akka dhihaatan eereera.

    Ministeerichi dabaluun erga Waliigaltee Viyeenaa bara 1961 as ambaasaaddaroonni dhimma biyyaa keessa seenuun kan hin eeyyamamne ta'uu ibse.

    Xalayaan Ambaasaaddar Kushinar yaada Miistirri Muummee Israa'el Beenjaamiin Neetaaniyaahuu torbee darbe Faransaay irratti kennaniin walfakkaata.

    Neetaaniyaahuun mootummaan Faransaay Filisxeemiif beekamtii biyyummaa kennuuf qophaa'uun faallaa warra seem dhaabbachuu agarsiisa jechuun himatanii turan.

    Faransaay Fulbaana dhufu Filisxeemiif beekamtii biyyummaa kennuuf karoorsuu ibsiteetti.

    Pirezidant Maakroon wayita karoora biyyasaanii kan labsan ''biyya Filisxeem ijaaruu qabna. Mirga jiraachuushee mirakneessuun dirqama. Waraanarraa bilisa akka taatuu fi Israa'eliif beekamtii guutuu akka kennitu gochuun keenya nageenya guutummaa Baha Giddugaleessaafis baayyee gumaacha,'' jedhan.

  10. Miidhamni Saakaa fi Odegaard yeroo dheeraaf hin turu jedhame

    Taphatoota Arsenaal

    Madda suuraa, Getty Images

    Taphattoonni Arsenaaliif murteessoo ra'an Bukaayoo Saakaa fi Martin Odegaard tapha tokkorratti miidhamuun kilabichas ta'e deeggartootaa fi jaallattoota kilabichaa rifaasisee ture.

    Taphattoonni gameeyyiin lameen tapha Leeds Yunaayitid waliin taphatan irratti osoo yeroon jijjiirraa hin ga'in miidhamaan dirreedhaa ba'an.

    Tapha Arsenaal goolii hedduu, 5 fi 0 dhaan injifate kanarratti ga'umsi Bukaayoo Saakaa olaanaa ture.

    Taphataan lammii Ingilaand umrii waggaa 23 kun tapha boqonnaa duraa daqiiqaa dabalataa irratti goolii bareedduu Arsenaaliif lakkoofsisus boqonnaa booda dirree keessa baayyee hin turre.

    Miidhama sarbaa isaa irra ga'een (hamstring injury) dirree keessaa ba'e.

  11. Tiraamp magaalaa Baltimoor yakkarraa qulqulleessuuf loltoota ramaduuf dhaadatan

    Loltoota Ameerikaa

    Madda suuraa, SAUL LOEB/AFP via Getty Images

    Pirezidantiin US Doonaald Tiraamp affeerraa bulchaan Meriilaand Wees Moor magaalaa Baltimoor keessatti duula ''deemsa nagaa'' jedhurratti akka argamaniif taasisaniif hordofee magaalattiitti loltoota akka bobaasan dhaadatan.

    ''Moor, akkuma bulchaa LA Gaaviin Niwuskaa, gargaarsa barbaada yoo ta'e loltoota nan ramadaaf. Akkuma kan DCtti. Yakki saffisaan akka haxaawamee badu nan gargaara,'' jedhan Tiraamp.

    Dhiheenya kana Tiraamp ''yakka ittisuu fi magaalota ykn bulchiinsota yakkarraa qulqulleessuu'' karoora jedhuun loltoota federaalaa (Eegdota Biyyaalessaa) bobbaasaa jiru.

    Keessattuu bulchiinsotaa fi magaalota Dimokiraatonni bulchan irratti xiyyeeffachuun karoora kana raawwachaa jiru.

    Hanga yoonaatti Waashingitan DC, Chikaagoo fi kaanitti loltoota bobbaasaniiru.

    Dimokiraatonni kun aangoo seeraan ala fayyadamuudha jechuun mormaa jiru.

    Tiraamp duraanis Waashingitan DC keessatti loltoota 2,000 ta'an bobbaasaniiru.

    Tiraamp Jimaata darbe iddoowwan bulchiinsa dimokiraatotaa jala jiran lameen, Chikaagoo fi Niwu Yoork keessattis loltoota akka bobbaasan dhaadatanii turan, amma ammoo Baltimoor keessatti ramaduuf dhaadatan.

    Ministirri Ittisaa US 2Pete Hegseth loltoonni Eegdota Biyyaalessaa Waashingitan DC keessatti bobbaafamanii jiran akka hidhatan ajajaniiru.

    Miidiyaaleen US akka gabaasanitti torbanoota itti aanan loltoonni Eegdota Biyyaalessaa 1,700 ta'an bulchiinsota 19 keessatti ni bobbaafamu.

    Bulchiinsota loltoonni keessatti bobbaafamuuf jedhan keessaa Teeksas keessatti loltoota hedduutu ramadamu.

  12. Itoophiyaa fi Ertiraan addunyaarratti tarree biyyoota nageenyi gadi aanaa keessa jirurratti ramadaman

    Loltoota Itoophiyaa

    Madda suuraa, Getty Images

    Nageenya ilaalchisee biyyoota addunyaarra jiran keessaa Itoophiyaa fi Ertiraan sadarkaa gadi aanaarratti akka argaman gabaasni waggaa haala nageenya biyyootaa tarreesse mul'ise.

    Global Peace Index (GPI) gabaasa nageenya biyyoota 163 addunyaarra jiran gamagameen Itoophiyaa fi Ertiraan qabxii gadi aanaa ta'e argachuudhaan tarreeffama kana keessatti gara dhumaarra taa'aniiru.

    Itoophiyaan biyyoota 163 keessaa 25 dursuun sadarkaa 138ffaa irratti kan argamtu Ertiraan ammoo Itoophiyaarra ol siqxee sadarkaa 132ffaa irratti argamti.

    Dabalataan gamagama haala nageenyaa kana keessatti biyyoota Afrikaa 44 hammataman keessaa Itoophiyaan 36ffaa yoo taatu, Ertiraan ammoo sadarkaa 32ffaa qabatteetti.

    Haaluma kanaan biyyoota gamagama kana keessatti hammataman keessaa Itoophiyaa fi Ertiraan tarree nageenya biyyootaa idil-addunyaa bara 2025 keessatti tarree biyyoota nageenyi gadi aanaa ta'e keessa jiru keessatti ramadamaniiru.

  13. Huutiin kilaaster boombii fayyadamuu gabaafamuu hordofee Israa'el Yaman keessatti garee kana haleelte

    Haleellaa Israa'el Huutiirratti raawwatte

    Madda suuraa, MOHAMMED HUWAIS/AFP via Getty Images

    Israa'el Jimaata darbe Huutiin kilaaster boombii fayyadamuu haleellaa raawwachuun gabaafamuu hordofee garee kana Yaman, Sana'aa keessatti haleelte.

    Oppereeshiniin Israa'el gaggeessite kun gamoo waraanaa masaraa mootummaa of keessatti qabate, kuusaa boba'aafi humna ibsaa dabalata.

    Akka aanga'oonni Huutii jedhanitti, haleellaa kanaan namoonni afur ajjeefamanii, 67 ammoo madaa'aniiru.

    Waraanni Israa’el akka jedhetti taanaan, Huutiin halleellaa ammaa kanaan erga Israa’el waliin waldhabdee uumameen kilaaster boombii yeroo fayyadamu kun kan jalqabaati.

    Misaa'eliin gareen Iraaniin deeggaramu kun ittiin haleellaa raawwate maaliif akka osoo hin qolatamiin hafe humni waraanaa Israa'el qorachaa jira akka miidiyaaleen biyya keessaa fi AP gabaasanitti.

    Kilaaster boombii amma Huutiin fayyadameera jedhame kun biyyoota addunyaa 100 ol ta'an keessatti dhorkameera.

  14. ASHAMA!

    Akkam jirtu?

    Oduu toora tamsaasa kallattii keenyan isiniif dhiyeessinu njalqabneerra.

    Israa'el-Gaazaa, Raashiyaa-Yukireen, akkasumas taateewwan gola addunyaa kamirraayyu dhufan isin biraan geenya.

    Nu hordofaa!

    Oduufi xiinxala BBC'f marsariitii, Facebook, WhatsApp fi YouTube keenya mil'adhaa.