Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.

Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi

Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf

Haleellaan Raashiyaa bakka itti fufeetti Tiraamp marii dhukaasa dhaabuurratti Puutiiniitti aaruu ibsan

Pirezidantiin Ameerikaa Doonaald Tiraamp dhimma marii dhukaasa dhaabuu Yukireen keessaa irratti puutiiniitti 'baayyee aaruu'' ibsan. Haleellaan qilleensaa Raashiyaan Yukireen irratti raawwattuu ammoo itti fufeera.

Guduunfaa

  • Oduufi xiinxalaaf Chaanaalii WhatsApp akkasumas Facebook BBC Afaan Oromoo hordofaa
  • Miyaanmaaritti kirkirri lafaa hamaan magniitiyuudii 7.7 mudate
  • Pirezidantiin Raashiyaa Vilaadmiir Putiin mootummaan ce'umsaa Yukireen keessatti hudeeffamuun Dhaabbata Biyyoota Gamtoomaniin akka to'atamu yaada dhiheesse.
  • Raashiyaa fi Yukireen Galaana Gurraacha irratti walitti dhukaasuu dhaabuuf waliigalan
  • Morkataan Pirezidant Erdogaan hidhamuu booda Turkiitti hammaate
  • Kantiibaa magaalaa Istaanbul kan ta'an dureen paartii morkataa Ekraam Imaamoogluu malaammaltummaan himatamaniiru
  • Poolisoonni Turkii magaalaa Istaanbulii fi kutaalee Turkii adda addaa keessatti namoota hiriira ba'an gaaza nama imimmaanessuun bittimsaniiru
  • Ekraam Imaamoogluu paartii isaa Republican People's Party's (CHP) jedhamuuf kaadhimamee filannoo bata 2028 irratti hirmaachuuf ture
  • Gaazaatti 50,000 ol ajjeefaman - Ministeera Fayyaa Hamaasin hoogganamu
  • 'Ulaa Galaana Diimaaf jennee Ertiraa waliin lola hin seennu' - MM Abiy
  • Erga rokkeetiin itti dhukaafame booda Israa'el Libaanos haleelte
  • Waraanni Sudaan masaraa mootummaa deebifatuus, RSF haleellaa raawwate

Haguuggii Tamsaasa Kallattii

  1. 'Mormii 'hamaa' mudateef mormiitoonni itti gaafatamu'- Erdogaan

    Pirezidantiin Tarkii Risiip Taayip Erdogaan hiriira guddaa guyyoota shanan darban gaggeffamaa jiruuf paartii mormituu balaaleffatan.

    Paartiin mormituu guddichi Tarkii ''miidhaa qabeenyaa'' fi ''badii'' poolisoota irra gahe kamiifuu itti gaafatamoo akka ta'an ibsan.

    Paartichi ''ni gaafatama'' jechuun Erdogaan magaalaa guddoo Tarkii Ankaaraa irraa akka dubbatan gabaafameera.

    "Paartileen mormituu gurguddoon bulchiinsa magaalotaa dhiisiitii ​​dirqamni mootummaa bulchuuf [dirqamni] kennamuu akka hin dandeenye ifaadha," jechuu Rooyitars Edogaaniin wabeeffachuun gabaaseera.

    Itti dabaluudhaanis, "agarsiisni" mormitootaa dhuma irratti akka xumuramuu fi "hammeenya" biyyattii irratti raawwatameef salphinni akka itti dhaga'amu ibsaniiru.

  2. Kantiibaan Istaanbul attamiin morkataa cimaa Erdogaan ta'e?

    Ekraam Imaamoglu hanga bara 2019tti yeroo itti paartii mormituu Rippabilikaan Comunitii (CHP)f dorgomuudhaan Kantiibaa magaalaa Istaanbul ta'e.

    Bu’aan kun Pirezidantii Tarkii Riisiip Taayip Erdogaanii fi Paartii isaanii Haqaa fi Misooma (AK) dhaaf riifaatuu guddaa kan uumee yoo ta'u, itti fufuun adeemsi sagalee kennuu sirrii hin taane jechuun himannaa dhiyeessaa turan.

    Irra deebiin akka filannoon gaggeeffamus ajajame. Imaamogluun sagalee %54 argachuun injiifatan. Bu'aan kunis Erdogaan kan waggoota 16f aangoo irra turanitti yaaddoo ta'e

    Imaamogluun bara 2022'tti namoota filannoo naannoo bara 2019 haqanii turan ''gowwaa'' jechuun erga waamuun booda, hidhaan waggaa lamaafi wallakaa itti murtaa'e. Ol'iyyannoo isaa hanga ammaatti murtoo hin argatiin jira.

    Waggaa tokkoon booda ammoo, Erdogaan filannoo pirezidantummaa injifachuudhaan aangoo bara shanii kan biraa mirkanneeffatan.

    ''Injifannoo biyyattii guutuu ummata miiliyoona 85ti'' jedhan Erdogaan yeroo sana haasaa ummataaf taasisanii, garuu ammoo waamichi tokkummaaf taasisan hiikan akka hin qabneetti ilaalamee ture.

    Imaamogluun, yeroo kanatti morkataa Erdogaan isa sodaachisaa ta'e ilaalama. Filannoo bara 2024 irratti bulchiinsa magaalaa Istaambuul to'achuu isaatiin ammas AK ajaa'ibsiise, magaalaa guddittii Turkii keessatti aangoo lammaffaa injifate.

    Tarkiyaa keessatti xinxaltoonni siyaasaa hedduun kana akka ''kufaatii hamaa Erdogaan hanga ammaatti mudateedha'' jechuun ibsan.

  3. Namoonni kumaatamaan lakkaa'aman mormiidhaaf Istaambuliitti walitti qabaman

    Erga morkataa cimaafi kantiibaan duraanii Magaalaa Istaambuul bulchiinsa biyyattiin to'atameen booda Turkii keessatti mormiin ummataa cimaan ka'e.

    Guyyoota shanan darban keessatti qofaa namoonni 1,133 ol ta'atamun gabaafameera.

    Waraabbii hiriira mormii magaalaa Istaambuul dirooniidhaan waraabame kunoo dowwadhaa.

  4. Mariin Ameerikaa fi Raashiyaan Sa’uudii Arabiyaatti taasisan irratti maalfa'itu mariif dhiyaate?

    Qondaaltonni Ameerikaa fi Raashiyaa har'a Sa’udii Arabiyaa keessatti dhimmaa dhukaasa dhaabuu waraanaa Yukireen ilaalchisee tarkaanfii fudhachuuf kaayyeffate irratti matri'atan.

    Waashingitan waliigaltee itti fufiinsa qabu taasisuuf, dhimmi waliigaltee dhukaasa dhaabuu Galaana Gurraacha haala adda ta’een akka irratti xiyyeeffatamu yaada dhiyeessite.

    Mariin kun kan eegala Pirezidaantiin Doonaald Tiraamp torban darbe pirezidaantii Yukireen Volodimmir Zelenskii fi pirezidaantii Raashiyaa Viladimir Putin lamaan isaanii waliin bilbilaan akkataa waraana waggoota sadiif ture xumuruu danda'an irratti erga dubbataniin boodadha

  5. Dubartiin gurraattiin miseensa kongiresii Rippabilika jalqabaa umrii 49tti boqotte

    Mi'a Love jedhamti. Dubartii gurraattii jalqabaa Ameerikaa keessatti miseensa kongiresii paartii Rippabilikaati. Umurii ishee waggaa 49tti kutaa bulchiinsa Yuutaah keessatti du’uu maatiin ishee beeksisan.

    Love,maatii godaantota Heeyitii irraa dhufan yoo taatu, miseensa mana maree bakka bu'oota uummataa kutaa Yuutaah turte.

    Mia Love bara 2003 hojii siyaasaa eegalte. Yeroo sanatti mana maree magaalaa 'Saratoga Springs' keessatti teessoo injifatte ifatti kan jalqabde yoo ta'u, boodarra ammoo umurii waggaa 34tti kantiibaa taate.

    Bara 2014 mana maree bakka bu’oota uummataa Yunaayitid Isteetis keessatti filatamuun, dubartii gurraattii Rippabilikaan jalqabaa ejjennoo sana qabattee seenaa galmeessitee, marsaa lamaaf tajaajiltees taate.

  6. Itoophiyaatti gatii boba’aa liitiratti birrii 11'n dabale

    Ministerri Daldalaa fi walitti hidhamiinsaa naannawaa gatii qinxaaboo beenziina leetira tokkoo 112.67 gahu ibse.

    Daballiin gatii naafxaa ammoo gara birrii sagalee akka ta'e ibsameera.

    Fooyyee'insii gatii gurgurtaa boba'aa qinxaaboo kaleessa ifa ta'e kunis waggaa tokko keessatti daballii gatii yeroo sadaffaadhaaf taasifameedha.

    Mootummaan deeggarsa gatii boba'aa irratti taasisaa ture wal jalaan kaasuu kan eegale ALI bara 2024 irraa kaasee ture.

    Mootummaan adeemsa waggaa sadiin dura eegaleen konkolaattoonni dhuunfaa fi dhaabbilee waggaa tokko keessatti sirna deeggarsa gatii boba'aa keessaa kan baafaman yoo ta'u, deeggarsi konkolaattoonni tajaajila geejjiba ummataa ammoo waggaa shan keessatti gutummaan akka kaafamuuf karoorri qabameera.

    Haata'u malee mootummaan baatii Adooleessaa keessaa dhaabbata Maallaqa Addunyaatiin deeggaramuun fooyya'insa diinagdee maayikroo gatii gurgurtaa boba'aa irratti jijjirama olaanaa hordofsiiseera.

    Sirni sharafa alaa biyyattii fooyya'insa diinagdee maayikirootiin gara sirna kan gabaatiin durfameetti jijjirame, gatii boba'aa sharafa alaatiin bitamee gara biyyaatti galfamu irratti jijjirama olaanaa hordofsiiseera.

    Fooyya'insa gatii boba'aa kaleessa ibsameen beenziila irratti birrii 11 fi saantima 20 dabalame. Kanaanis gatiin beenzilaa amma birrii 112fi saantima 67 qaqqabeera.

    Naafixaa fi kiroosiinii irratti ammoo daballii gatii birrii saddeetifi saantima 95 taasifamuun leetirri tokko birrri 107 fi 93tti gurgurama.

    Boba'aan xiyyaaraa daballii birrii 3.64 irratti taasifame ammoo amma birrii 113.20 galeera.

    Boba'aa salphaan ammoo leetira tokkoo birri 109.22 kan gahe yoo ta'u, naafxaa gurraachi ulfaataan ammoo gara birrii 106.75 gahuu ministeerichi ibseera

  7. Du'a Ameen Taklaayiin wal qabatee dargaggeessi sadaffaan to'atame

    Du'aa mucaa barataa Gilaaskoo keessatti jalqaba baatii kanaa raawwatameen wal qabtee dargaggoo sadaffaan to'annoo jalaoolfame.

    Ameen Taklaay kan umuriinsaa waggaa 15, Bitooteessa 5 irratti naannoo daandii Maryhill Street Clarendon jedhamurratti mbaayyee miidhamee kan argame yoo ta'u, achummatti lubbunsaa darbuun mirkanaa'e.

    Poolisiin Iskootilaand akka jedhetti, mucaan ganna 16 tokko qabamee himatamee jira, Wiixata har'aa mana murtii 'Sheriif Glasgow'tti akka dhiyaatu ibseera.

    Mucaan ganna 14 tokko ajjeechaafi reebichaan himatamee mana murtiitti dhiyaachuun Ameen haaduudhaan waraanuudhaan kan himatame yoo ta'u, daa'imni ganna 15 biraa ammoo himannaan reebichaatiin irratti dhiyaate.

    Ameen kan dhalootaan Ertiraa irra ta'eefi abbaa isaa waliin Gilaasgoow keessa jiraataa ture, dhiheenya kana ture akka UK keessa jiraatuuf mirgi kan kennameef.

    Innis mana barnootaa sadarkaa lammaffaa Joordaanhiil keessatti argamu St. Toomaas Akunaas'tti barataa ture.

    Barsiisaan duree daree isaa Ameen mucaa baayyee jalaatamaa fi kan miidiyaa fi muziiqaadhaaf fedhii olaanaa qabu akka ta'e ibsan.

    Obboleettiin Ameen kan umuriin waggaa 17, Deeliinaan kanaan dura BBC Iskootilaanditti akka himtetti, Ameen lammummaa UK argachuudhaan doktora, injinarii ykn taphataa kubbaa miilaa ta'uuf abdii qaba ture.

    Gara waggaa saddeetiif Gilaasgoow keessa jiraachaa ture.

  8. Poolisoonni Keeniyaa jaha daangaa Somaaliyaatti ajjeefaman

    Kaaba baha Keeniyaatti erga namoonni haleellaa raawwatan buufata naannoo daangaa Somaaliyaan walii daangeessutti argamurratti haleellaa raawwataniin booda miseensonni poolisii 6 ajjeefamuu qondaalli naannichaa beeksise.

    Hanaga ammaattis qaamni ajjeechaa kanaaf itti gaafatamummaa fudhate tokkollee hin jiru. Haata'u malee, Komishinarri Kaawuntii Gaariisaa Mohaammad Mwabudzo BBCtti akka himanitti, akkaataan haleellaa kun itti raawwatame kan akkaataa sakatta’iinsa garee hidhattoota Islaamummaa Somaaliyaa keessatti argamu al-Shabab hordofeedha.

    Qondaaltonni kunneen Dilbata akka sa'aatii biyya keessaatti sa'aatii 05:30 (02:30 GMT) irratti, osoo salaata ganamaatiif qophaa'aa jiranii akka haleellaan kun irratti baname dubbataniiru.

    Qondaaltota jaha du'aniin alattis, qondaaltonni afur miidhaan irra ga'ee gara hospitaalaatti geeffamaniiru.

    Al-Shabab yeroo baayyee naannoo sanatti haleellaa daangaa qaxxaamuraa kan raawwatu yoo ta’u, innis waraana Keeniyaa fi ummata nagaa irratti kan xiyyeeffatedha.

    Mr Mwabudzo akka jedhanitti, haleellaan kun ''akkaataa rephe lolaa'' ta'uunsaa ''akkaataa sakatta'iinsa daangaa qaxxaamuraa naannicha tasgabbii dhabsiisuuf kaayyeffate'' al-Shabab waliin kan walsimudha.

    Itti dabaluudhaanis, ''Milishaan shakkaman kunneen meeshaalee waraanaa adda addaa fayyadamuudhaan kaampii kana weeraraniiru,'' jedhan.

    Kaampii haleellaa kanaan irratti xiyyeeffate mana jireenyaa humna eeggataa, tola ooltota naannoo sanaa kanneen poolisii idilee naannoo baadiyyaa eegan gargaaran ture.

    Al-Shabaab, kan al-Qaayidaa waliin hidhata qabu, kutaalee gurguddoo kibbaa fi giddu galeessa Somaaliyaa to'ata.

    Gareen kun gara waggoota 20'f fincila gara jabinaa mootummaa Somaaliyaa irratti geggeessaa ture.

  9. Tajaajilli baaburaa Yukireen haleellaa saayibariitiin irratti xiyyeeffate

    Mariin Ameerikaa fi Raashiyaa jidudutti Riyaad keessatti yeroo jalqabee kanatti, gara oduu Yukireen irraa agranne kan bakka dhaabbanni baaburaa mootummaa biyyattii sirni onlaayinii isaa haleellaa saayibarii guddaadhaan rukutame jedhameetti isin haa deebiifnu.

    Dhaabbanni 'Ukrzaliznytsia' jalqaba guyyaa Dilbata darbe sirni isaarratti jeeqamuun mudachuu gabaasuu isaa ibsuun, rakkoo IT akka ta'e yaadee akka ture hime.

    "Daandiin baaburaa kun bu'uuraalee misoomaa irratti haleellaan qaamaa raawwatamulleen hojiisaa itti fufeera. Haleellaan saayibarii baay'ee fokkisaa ta'een illee isa hin dhaabne!"

    Dhaabbanni 'Ukrzaliznytsia' ibsa Telegram irratti baaseen, tiraafikni baaburaa tasgabbaa'aa ta'uufi harkiifannaa tokko malee hojjataa jiraachu ibse.

    Dhaabbanni baaburaa kun kutaa saayibarii tajaajila nageenyaa Yukireen waliin walitti dhiyeenyaan akka tumsaa jiruu fi ''pirootokoolii of eeggannoo hojiirra oolcheera'' jedha.

    Haleellaan kunis "baay'ee sirnoomee, kan laayyoo hin taanee fi sadarkaa hedduu kan qabu ture" jedhe dabaluudhaan.

    Haleellaa diroonii Raashiyaa guyyaa Roobii hordofee dhaabbatichi akka jedhutti, sirna humna ibsaa daandii baaburaatiif humna kennu kan naannoo giddugaleessa Yukireen 'Dnipropetrovsk' keessatti Kibxata darbe haleelle jedhe.

  10. Callaqqeen yakka guddeeddii erga maashina uffanni ittiin miiccamurratti mul'ateen booda shakkamaan to'atame

    Callaqqeen yakka guddeeddii erga maashina uffanni ittiin miiccamurratti mulateen booda shakkamaan to'annoo jala oolfame.

    Manni murtii olaanaa Kooriyaa Kibbaa yakka gudeeddii dabalatee, dargaggeessa ganna 24 irratti yakka saalqunnamtii walduraa duubaan raawwateen murtaa'e raggaasiseera.

    Gochaan yakka guddeeddii kunis kan adda baafame qadaada maashinii uffanniin ittiin miiccamurratti erga calaqqisuun CCTVn waraabameen boodadha.

    Viidiyoon CCTV miidhamtuun dhiyaatee yakka kana kan agarsiisu hin turre, hanga qorattoonni miidhaa kanaa calaqqee qadaada maashina uffannii ittiin miiccamu keessatti arganitti.

    Namichi kun duraanuu, jaalallee ishee duraanii gudeeduu fi daa'ima umriin isaa hin geenye waliin saalqunnamtii raawwachuu jedhamee shakkame dabalatee, yekkoota garabiiraatiin himatamee ture jedha gabaasni.

    Jalqaba irratti yakkamaa raawwachuu shakkameetiin baatii Sadaasaa keessa hidhaan waggaa saddeet itti murtaa'us, murtee kana irratti ol'iyyannoo dhiyeesse.

    Sana booda ammoo manni murtii olaanaa waliigaltee namoota miidhaman keessaa tokko waliin irra gahe hubannoo keessa galchuudhaan waggaa torba itti murteesse ture.

    Namichi kun erga gadhiifamee booda waggoota torbaaf mallattoo sochiisaa hordofuu ( ankle tag) akka kaawwatuuf gaafatamuudhaan, dhaabbata dargaggootaa fi qaama miidhamtootaa keessatti akka hin hojjenne dhorkameera.

  11. Amma nu gahe, Gaazexessitoonni hoteella mariin US-Raashiyaa itti eegaluuf jiruu akka bahan gaafataman

    Mariin Ameerikaa fi Raashiyaa yeroo jalqabuuf jedhuutti gaazexeessitoonni hoteela keessaa akka bahan gaafatamusaanii gabaafame.

    Gaazexeessitoonni hoteela Ritz-Carlton kan Riyaad keessaa kan bakka mariin US fi Raashiyaa gidduutti itti jalqabame keessaa akka gadhiisanii bahan gaafatamuun isaanii dhaabbanni oduu Taas gabaaseera.

    Miidiyaaleen Taas fi al -Araabiyaan lamaan isaaniiyyuu mariin Ameerikaa fi Raashiyaa jidduu balbala cufaa dubbatti gaggeeffamaa akka jiru gabaasaa jiru.

  12. Sawud Arabiyaa maaliif marii nagaa keessumeessuuf filatamti?

    Kibxata kaleessaa aanga'oonni Ameerikaa fi Yukireen Sawud Arabiyaatti Raashiyaa waliin waliigaltee nagaa taasisuudhaaf haala dandeessisurratti marii eegalaniiru.

    Biyyattiin marii nagaa kanaaf kan filatamte dursaan biyyattii mootii Mahaamad biin Saalmaan walitti dhufeenya cimaa pirezidantii Raashiyaa Puutiniifi pirezidantii Ameerikaa Doonaald Tiraamp waliin qaban irraa kan ka'eedha.

    Mootummaan Sawud Arabiyaa biyyoota wal waraanaa jiran jidduutti jaarsa nan ta'a jedheera.

    Biyyi xiqqoonni ollaa Sawud Arabiyaa Kaataaris waggootan 20n darbaniif addunyaarratti biyya mariin nagaa keessatti gaggeeffamu kan beekamtudha.

    Israa'eliifi Gaazaa jidduutti waliigaltee dhukaasa dhaabuu amma jiru qindeessuudhaan gahee dursaa kan baate yoo ta'u, isaan duras mariiwwan nagaa hedduun akka ta'uuf gargaarteetti.

    Biyyoonni ollaa lamaan kunneen maaliif akka marii nagaa keessatti gaggeeffamuuf filatamanii?

  13. Israa'el haleellaa hospitaalaa Gaazaarratti raawwatteen qondaala Hamaas yaaliirra turan ajjeefte

    Israa'el haleellaa Dilbata gara galgalaa keessa hospitaalaa Gaazaa keessatti argamu tokkorratti raawwatteen qondaala gameessa Hamaasiifi gargaaraa isaa ajjeessuu gariichi BBCtti himeera.

    Hogganaan dhimma maallaqaa garee kanaa Ismaa'eel Baarhuum haleellaa Hospitaala Naasar, dhaabbata yaalaa guddicha Kaan Yuunis keessatti argamu irratti raawwatameen ajjeefaman.

    Qondaalli kunis haleellaa qilleensaa guyyaa afuriin dura raawwatamen erga madaa’ee booda hospitaalatti yaala argachaa akka ture qondaalli garichaa kun BBCtti himaniiru.

    Ibsa waraanni israa'el baaseen, miseensa Hamaas ijoo dallaa hospitaalichaa keessa socha'aa ture irratti haleellaa raawwaachu hime.

    Waraanni Israa'el, ''haleellaa erga odeeffannoo cimaan walitti qabameen booda raawwatameen'' meeshaa adda baasee haleeluutti fayyadamuun ajjeechichii raawwatamu ibseera.

    Ministeerri fayyaa Hamaasiin durfamu akka jedheetti, haleellichaan oggeessoota fayyaa dabalatee ''namoonni kaan hedduun'' miidhaan irra gaheera.

    Ministeerichi itti dabaluudhaan akka ibseetti, sababii haleellaa kanaatiin hojjattoonni hospitaalichaa miidhaan irra gahee naannicha gadhiisanii bahaniiru.

    Waraabbiin viidiyoo BBC mirkanneeffachu danda'a akk agarsiisuutti, haleellichaan booda namoonni naannicha turan ibidda ka'e dhaamsuuf yaalii taasisaa turan.

    Israa'el irra dedebiidhaan hospitaaloonni dahannoo Hamaasiifi bakka meeshaan waraanaa itti kuusatuudha akkasumas akka buufata ajajaatti itti fayyadama jechuun himatti.

    Haata'u malee garee Hamaas garuu himannaa kana gonkumaa hin fudhatu.

  14. Manni murtii Kooriyaa Kibbaa MM deebiisee ittanaa hogganaa gochuun hojiitti deebiise

    Manni murtii heera mootummaa Kooriyaa Kibbaa ministira mummee biyyattii, Haan Daak-soo aangoo irraa kaafamuusaa kuffiisaa taasisuun deebiisee ittaanaa pirezidantii biyyattii ta'uun akka hojjataniife aangootti deebise.

    Haan Mudde darbe keessa yeroo Pirezidantiin biyyattii, Yoon Suuk Ye'ool erga seera waraanaa labsuuf yaaluun walqabatee hojii irraa dhorkamanii fi paarlaamaa irraa aangoo irraa kaafaman ture kan itti aanaa hogganaa ta'uun aango fudhatan.

    Haata'u malee, Haan aangoorra kan turan torban lama qofa akkuma turaniin miseensonni mana maree isas aangoo irraa kaasuuf sagalee kennan. Ergasii as Kooriyaan Kibbaa itti aanaa ministira mummichaa, Chooyi Saang-mook'n durfamaa turte.

    Kooriyaan Kibbaa erga Yoon seera waraanaa kaa'uuf yaaliin kaasee jeequmsa siyaasaatiin bitintiraa jirti.

    Battaluma gahee pirezidantii itti aanaa fudhataniin yeroo muraasaan booda, Haan abbootii murtii haaraa mana murtii heera mootummaatti akka hin muudamne uggure, kunis waan mormitoonni carraa Yoon aangoo irraa kaafamuu ni fooyyessa jedhanii abdatan ture.

    Kanarraa kan ka'e Haan aangoo irraa kaasuuf sagalee kennaniiru.

    Haata'u malee, abbootiin murtii Wiixata har'aa aangoo irraa kaafamuu aanga'aa kanaa kuffisuuf sagalee torba keessaa mormii tokkoon murteessan.

    Murtiin kun erga labsamee booda ''Manni Murtii Heera Mootummaa murtii ogummaa qabu keennuusaatiif nan galateeffadha. Mootummaan sirnatti deebiisuufis nan hojjedha," jedhan.

  15. Morkataan Pirezidant Erdogaan hidhamuu booda Turkiitti mormiin cime

    Namoonni kuma kurnaan lakkaa'aman kutaalee biyyattii garaagaraa keessatti daandiitti ba'uun morkataan Pirezidant Xaayib Rasiip Erdogaan hidhamuufi malaammaltummaan himatamuu mormaa jiru.

    Kantiibaan magaalaa Istaanbul Ikraam Imaamoogluu paartiisaa Republican People's Party's (CHP) jedhamu bakka bu'ee filannoo pirezidantummaa bara 2028 biyyattiitti gaggeeffamuuf pirezidantummaaf kaadhimamuuf ture.

    Paartichi kaadhimamaa kana filachuuf Dilbatatti kora taa'uuf saganteeffatee ture, garuu osoo sagantaan kun hin milkaa'in mootummaan nama siyaasaa kana hidhe.

    Sababa kanatti biyyattiin yeroo ammaa hookkara waggoota kurnaaf argitee hin beekne keessa seenteetti.

    Poolisoonni hiriirtota irratti gaazii imimmaanessu dhukaasuun, humna bishaanii fi barbareedhaan bittimsaa turan.

    Imaamoogluun dantaa siyaasaaf jedhamee shirri irratti raawwatamuu himate. To'annoo jala ooluusaa dura ''Yoomuu hin jilbeenfadhu,'' jechuun X irratti barreessee ture.

    Pirezidant Erdogaan hiriira mormii kana balaaleffataniiru. Paartiin Imaamoogluu, CHP, ''uummata nagaa dhowwuun mankaraarseera,'' jechuun himatan.

    Hiriirtonni Dilbata edaa walitti aansuun halkan shanaffaaf daandiitti ba'uun mormiisaanii agarsiisaniiru.

    Erga hiriira mormii bara 2013, kan Gezi jedhamuun beekamuutii hiriirri amma Turkiitti gaggeeffamaa jiru isa guddaadha.

    Aanga'oonni mootummaa Turkii Imaamoogluu dabalatee namoota 100 ol hidhan. Namoonni siyaasaa gameeyyin, gaazexeessitoonni fi namoonni biizinasii kanneen hidhaman keessatti argamu.

    Imaamoogluun yeroo jalqabaaf kan to'atame Roobii darbe, Bitootessa 19, 2025, yoo ta'u hiriirri mormiis yerosuma eegale.

    Amma mana hidhaa galee himati irratti banamnaan mormiin hammaate.

    Erga namni siyaasaa Pirezidant Erdogaaniin morkachuun beekamu kun aanga'oota mootummaan to'atamee as hiriira mormii gaggeeffamaa jiru irratti namoonni 700 caalan hidhamaniiru.

  16. Ashamaa!

    Tamsaasa kallattii eegalleerra. Mormii uummataa Turkiitti cime, dhimma Israa'el fi Gaazaa akkasumas Libaanos irratti xiyyeeffanna.

    Odeeffannoo biyya keessaa fi addunyaa mara irraa argannus asiin isin biraan geenya.

    Odeessaalee duraan tamsaasa kallattiin dabarsaa turre asii argattu.

    Bakka nagaa oolaa!