Humni waraanaa Itoophiyaa fi Ertiraa birqabaan yoo ilaalamu maal fakkaata?
Ertiraan waggoota 30 dura rifarandamii gaggeessuun Itoophiyaarraa adda baatee biyya walabaa taate. Ergasii walitti dhufeenyi biyyoota lamaanii waraana, muddama, wal-gaarreeffannaafi yeroo gabaabaaf ammoo hariiroo gaariitu ture.
Waggaa jaha dura bara 2018tti jijjiirama siyaasaa Itoophiyaatti dhufeen, MM Abiy gara aangoo akkuma dhufaniin wal-gaarreeffannaa waggoota 20 oliif biyya ollaa Ertiraa waliin ture gara hariiroo nagaatti deebisuuf Ertiraaf waamicha godhan.
Ertiraanis waamicha MM Abiy godhan simattee walitti dhufeenyi biyyoota lamaanii gara nagaatti deebi'e. MM Abiy dursanii Asmaraa dhaquun daawwatan. Ittaansun ammoo Pirezidaantiin Ertiraa Isaayas Afawarqii Finfinnee dhufanii simannaa hoo'aan godhameef.
Biyyoonni lamaan hariiroo diinummaa waggoota hedduu dhiisanii waliin guddachuufi misoomuuf waadaa waliigalanii, waggaa lama booda, bara Sadaasa, 2020 kaaba Itoophiyaatti waraanni TPLF fi mootummaa Itoophiyaa gidduutti eegale.
Odeessa kanarratti bal'inaan dubbiifachuudhaaf karaa kanaan seenaa.