Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.

Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi

Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf

Haleellaan Raashiyaa bakka itti fufeetti Tiraamp marii dhukaasa dhaabuurratti Puutiiniitti aaruu ibsan

Pirezidantiin Ameerikaa Doonaald Tiraamp dhimma marii dhukaasa dhaabuu Yukireen keessaa irratti puutiiniitti 'baayyee aaruu'' ibsan. Haleellaan qilleensaa Raashiyaan Yukireen irratti raawwattuu ammoo itti fufeera.

Guduunfaa

  • Oduufi xiinxalaaf Chaanaalii WhatsApp akkasumas Facebook BBC Afaan Oromoo hordofaa
  • Miyaanmaaritti kirkirri lafaa hamaan magniitiyuudii 7.7 mudate
  • Pirezidantiin Raashiyaa Vilaadmiir Putiin mootummaan ce'umsaa Yukireen keessatti hudeeffamuun Dhaabbata Biyyoota Gamtoomaniin akka to'atamu yaada dhiheesse.
  • Raashiyaa fi Yukireen Galaana Gurraacha irratti walitti dhukaasuu dhaabuuf waliigalan
  • Morkataan Pirezidant Erdogaan hidhamuu booda Turkiitti hammaate
  • Kantiibaa magaalaa Istaanbul kan ta'an dureen paartii morkataa Ekraam Imaamoogluu malaammaltummaan himatamaniiru
  • Poolisoonni Turkii magaalaa Istaanbulii fi kutaalee Turkii adda addaa keessatti namoota hiriira ba'an gaaza nama imimmaanessuun bittimsaniiru
  • Ekraam Imaamoogluu paartii isaa Republican People's Party's (CHP) jedhamuuf kaadhimamee filannoo bata 2028 irratti hirmaachuuf ture
  • Gaazaatti 50,000 ol ajjeefaman - Ministeera Fayyaa Hamaasin hoogganamu
  • 'Ulaa Galaana Diimaaf jennee Ertiraa waliin lola hin seennu' - MM Abiy
  • Erga rokkeetiin itti dhukaafame booda Israa'el Libaanos haleelte
  • Waraanni Sudaan masaraa mootummaa deebifatuus, RSF haleellaa raawwate

Haguuggii Tamsaasa Kallattii

  1. Humni waraanaa Itoophiyaa fi Ertiraa birqabaan yoo ilaalamu maal fakkaata?

    Ertiraan waggoota 30 dura rifarandamii gaggeessuun Itoophiyaarraa adda baatee biyya walabaa taate. Ergasii walitti dhufeenyi biyyoota lamaanii waraana, muddama, wal-gaarreeffannaafi yeroo gabaabaaf ammoo hariiroo gaariitu ture.

    Waggaa jaha dura bara 2018tti jijjiirama siyaasaa Itoophiyaatti dhufeen, MM Abiy gara aangoo akkuma dhufaniin wal-gaarreeffannaa waggoota 20 oliif biyya ollaa Ertiraa waliin ture gara hariiroo nagaatti deebisuuf Ertiraaf waamicha godhan.

    Ertiraanis waamicha MM Abiy godhan simattee walitti dhufeenyi biyyoota lamaanii gara nagaatti deebi'e. MM Abiy dursanii Asmaraa dhaquun daawwatan. Ittaansun ammoo Pirezidaantiin Ertiraa Isaayas Afawarqii Finfinnee dhufanii simannaa hoo'aan godhameef.

    Biyyoonni lamaan hariiroo diinummaa waggoota hedduu dhiisanii waliin guddachuufi misoomuuf waadaa waliigalanii, waggaa lama booda, bara Sadaasa, 2020 kaaba Itoophiyaatti waraanni TPLF fi mootummaa Itoophiyaa gidduutti eegale.

  2. Poolisiin Keeniyaa erga wanbadoonni Heeyitii haleellaa irratti raawwatanii booda achi buuteen isaanii dhabame

    Miseensi poolisiin Keeniyaa haala qaama humna nageenyaa idil-addunyaatti Heeyitii keessatti bobbaafaman erga haleellaan miseensota wanbadoota ta'u hin ollee jedhamaniin irratti raawwatameen booda achi buuteensaa dhabame.

    Humni kunis wanbadootan kan haleellaan irratti baname osoo konkolaataa poolisii biyyoolessaa Heeyitii kan boolla keessatti qabame baasuudhaaf gargaaraa jiranuu ta'uu ibsi ergamichi baaseen beeksiseera.

    "Gareen baraarsaa haala kana furuuf yeroo yaalaa turaniitti, miseensonni wanbadee ta'unsaaniii shakkame kanneen ciisanii eeggataa turuun haleellaa irratti banan," jechuun dabalee ibseera.

    Haleellaa kana hordofuunis qondaala poolisii achi buuteensaanii dhabame barbaaduuf gareewwan addaa bobbaafamuun ibsame.

    Haleellaan kunis Kibxata darbe wayita magaalaa Pont-Sonde keessatti hojii paatiroolii gaggeessaa turan raawwatame jechuun Ergamni Deeggarsa Nageenyaa Biyyoota Hedduu (MSS) Heeyitii ibseera.

    Miidiyaaleen Heeyitii akka gabaasanitti, qondaalli poolisii Keeniyaa kun wanbadoota kanaan ajjeefamuu danda'a ture garuu kun hin mirkanoofne.

    Ibsa Tajaajilli Poolisii Biyyaalessaa Keeniyaa baaseen waa'ee qondaala Heeyitii keessatti dhabame kanaa odeeffannoon isaa qaqabuu ibseera.

    Lammiileen Keeniyaa tokko tokko poolisiin kunneen gara biyyaatti akka deebi’u waamicha dhiyeessanilleen, qondaaltonni achitti bobbaafaman itti gaafatamummaa isaanii raawwachuuf kutannoo qabaachuu ibseera.

    Haleellaan qondaaltota Keeniyaa Heeyitii keessa jiran irratti raawwatame kunis kan jalqabaa miti.

  3. Barattuun Yunivarsitii Kolombiyaa Filisxeem deeggaruun biyyaa hari'atamuuf jettu Tiraamp himatte

    Barattuun Yunivarsiitii Kolumbiyaa kan umurii daa’imummaatti gara US deemte tokko hiriira Filsxeem deggerurratti hirmaachuun biyyaa ari’uuf yaaluusaatti bulchiinsi Tiraamp himachaa jirti.

    Jiraattuu dhaabbataa seera qabeettii Ameerikaa kan taate Yunseo Chung, kan umuriin ganna 21, yeroo umuriinshee waggaa torba turetti Kooriyaa Kibbaa irraa kan gara sanatti imalte.

    Qondaaltonni immigireeshinii garuu mana ciisichaa ishee (dormii) dabalatee dhaabbilee Kolumbiyaa hedduu keessatti ajaja sakatta’iinsaa raawwachuu isaanii himatti.

    Himannaan barattuu tanaatiis Fooyya'iinsa Jalqabaa fi mirga heera mootummaa biroo kaasuudhaan hidhaa fi biyyaa ari'amuu ishee akka dhaabbatuuf gaafata.

    Kunis taatee dhiheenya kana Mahmuud Kaalil, aktivistii beekamaa Filisxeem deggeru, kan qondaaltota yunivarsiitichaa fi barattoota mormitoota gidduutti mari’achuuf gargaare to’annaa jala oolchuu hordofeeti.

  4. Du'a Qananii irratti poolisiin bu'aa qorannoo reeffaa mana murtiif dhiheesse

    Du'a shamarree Qananii Addunyaatiin wal qabatee shakkamuun too'annoo jala kan jiru kaadhimaanshee weellisaa Andua'aalam Gosaa torbee lamaan dura mana murtiitti dhihaachuun poolisiin yeroo qorannoo dabalataaf guyyoota 14 itti gaafatee ture.

    Manni murtiis yeroo qorannoo poolisiin gaafate kana keessaa guyyaa 13 heeyyamuun ture Beellamni har'a Bitooteessa 26, 2025tti kan qabate.

    Du'a shamarree Qananiin kan shakkame Welliisaa Andu'aalem uffata gaddaa uffachuun mana murtii sadarkaa jalqabaa Federaalaa Ramaddii Araadaatti dhihaateera.

    Maatiin miidhamtuu kanaa fi namoonni hedduunis dhadhacha har'aa kanarratti argamaniiru.

    Odeessa kanarratti dabalataa isaa dubbiifachuudhaaf karaa kanaan seenuu dandeessu.

  5. Ibidda dagalaa cimaa Kooriyaa Kibbaatti mudateen yoo xinnaate namoonni 24 du'an

    Naannoo kibba baha Kooriyaa Kibbaa keessatti balaa ibidda bosonaa cimaa babal'achuu itti fufeen wal qabatee yoo xiqqaate namoonni 24 du’aniiru.

    Namoonni miidhaman harki caalaansaanii maanguddoota umuriisaanii waggaa 60 fi 70 keessatti argamu akka ta'an qondaaltonni himan.

    Balaa ibiddi bosona lubbuu namaa galaafatu kun akkasumas namoota 23,000 ol manasaanii akka baqatan dirqisiisuu akkasumas namoonni gara 26 miidhamuu fi 12 ammoo haala yaaddessaa keessa jiraachutu himame.

    Rakkoo cimaan "kanaan dura mudatee hin beekne'' kun ammallee haala yaaddeessaa ta'en babalataa jiraachutu himame.

  6. Ibidda Kooriyaa Kibbaa 'hamaan wayita mudatetti' helikooptarri kufee caccabe

    Akka odeeffannoo dhiheenya kana Ministeera Biyya Keessaa fi Nageenyaa Kooriyaa Kibbaa irraa argame mul'isetti, ibiddi bosona Kooriyaa Kibbaa keessatti mudateen yoo xinnaate namoonni 18 du'anii kanneen 19 ta'an ammoo miidhaan irra gaheera.

    Rakkoon ''kun kanaan dura biyyattii mudatee kan hin beekne'' yoo ta'u ammallee cimee itti fufeera jira jedhan itti aanaan pirezidaantii Haan Daak-soo, itti dabalunis, ibiddi kun ''seenaa saba keenyaa keessatti ibidda bosona isa hamaa ta'eefi galmee haaraa irra deebiin barreessaa jira'' jedhan.

    Manni qulqullummaa Budiistotaa umurii waggaa 1,300 ol qabu dabalatee, namoonni kuma 23 ol baqachuufi iddoowwan hambaalee aadaa hedduun miidhamaniiru.

    Helikooptarri ibidda dhaamsaa ture tokko Roobii walakkeessa guyyaa keessa gaarreen kutaa biyyaa Uiseong keessatti kan kufe yoo ta'u, qondaaltonni sababa isaa qorachaa jiraachuun himame.

    Namoonni ibida dhaamsan kumaatamaan lakka;amaniifi miseensoonni waraanaa 5,000 ta'an akkasumas hilikoptaroonni waraana US Kooriyaa keessa buufatan ibida kana dhaamsudhaaf bobbaafamaniiru.

    Guyyaa Kibxataa, ejjansiin balaa ibida biyyaaleessaa balaa mudate gara sadarkaa balaa ibidda olaanaatti kan ol kaasee yoo ta'u, kunis bara kana keessa akeekkachiisfin akkasi yoo baafamu kun kan jalqabaati.

    Ibiddi bosonaa akkanaan badii lubbuu namootaa qaqabsiise Kooriyaa Kibbaa keessatti kan baayyee hin baramne yoo ta'u, taatee ibida tibbana biyyatti mudateen guyyoota darban muraasa keessatti namoonni 18 lubbusaanii dhaabaniiru.

    Kanaanis balaa ibiddaa seenaa biyyattii keessatti isa balaafamaa ta'e jedhameera.

    Kana malee ibidda kanaan Bosona gara heektaara kuma 17 ta’u barbadeessuu isaatti, ibiddi kun seenaa Kooriyaa Kibbaa keessatti bal’ina lafaa barbadeesseen sadarkaa sadaffaa irratti kan argamu ta’uu ibsameera.

    Ibiddi magaalaa 'Uiseong' keessaa ka’e kun bulchiinsicha keessatti mana qulqullummaa Gounsa kan bara 618 Dh.K.D ijaarameefi mana qulqullummaa gurguddoo bulchiinsa kana keessaa tokko ta’e gubeera.

  7. Raashiyaafi Yukireen Galaana Gurraachaarratti walitti dhukaasuu dhaabuuf waliigalan

    Raashiyaafi Yukireen guyyoota sadiif US waliin marii Saawdii Arabiyaatti gaggeessaa turan irratti galaana gurraacha irratti walitti dhukaasuu dhaabuuf waliigalan.

    Waashingitan waliigaltee kanarra gahamuu wayita beeksistu ibsa baasteen, qaamoleen martuu ''nagaa waaraa'' fiduuf ni hojjatu jetteetti.

    Ulaa Galaana Gurraacha kanarraa lolli dhaabachuun daldalli rakkoo malee akka gaggeefamu hiree uuma.

    Waayita Haawus ibsa isaa keessatti biyyootni lameen madda anniisaa isaanii haleeluu dhiisuu isa waliigalan haala itti hojiirra oolchan irratti hojimtaa diriirsuuf kutannoo qabaachuu ibseera.

    Raashiyaan garuu waliigalteen galaana irratti dhukaas adhaabuu kun hojiirra kan oolu yoo qoqqobbiin nyaataafi xaa'oo isheen oomistu irra kaahame ka'e qofa ta'uu ibsiteetti.

    Pirezidantiin Yukireen Volodimiir Zeleniskii galaana gubbaatti walhaadhuu dhaabuun murtee daandii sirriirra jiruu jedhan.

    Ammoo hojiirra ooluu danda'a kan jedhu dubbachuuf amma yeroon hin geenye jedhan.

  8. Tamsaasa kallattii keenya eegalleera.

    Ashamaa hordoftoota BBC Afaan Oromoo bakka jiratan maratti.

    Tamsaasa kallattii kan ittiin odeesaalee addunyaa gagabaabsun isin biraan geenyu kunoo amma eegalleerra.

    Yoo nu hordoftan oduu addunyaa maraa argattu.

    Bakka nagaa oolaa.

  9. Waraanni Sudaan haleellaaa gabaa Daarfuur irratti raawwateen namoota dhibbaan lakkaa'aman ajjeesuun himatame

    Gareen Abukaatoota Yeroo Muddamaa Sudaan waraanni biyyattii haleellaa suukaneessaa lafa gabaa naannoo dhiha biyyattii Daarfuur keessatti raawwateen namoota dhibbaan lakkaa'aman ajjeese jechuun himate.

    Gareen Abukaatoota kun erga waraanni waliinii Sudaan keessatti Ebla 2023 dhoohe kaasee miidhaa gama lachuutiin raawwatame galmeeffadheera jedhe.

    Garuu haleellan boombii lafa gabaa Tur'rah irratti rawwatame ''ajjeechaa suukaneessaa'' namoota heddu fixee fi akkasumas kanneen dhibbaan lakkaa'aman madeessedha jedhe.

    Dubbi himaan waraanaa Sudaan namoota nagaa irratti xiyyeeffachuu isaanii haalee, bakka diinonni jiraachuun mirkanaa'e qofa haleelu jedhe.

    BBCn lakkoofsa namoota du'aniis ta'e guyyaa sirrii haleellaan lafa gabaa kana irratti raawwatame mirkaneessuu hin dandeenye, magaalaan taateen kun itti raawwatame jedhame magaalaa el-Fasher kan Humna waraanaa biyyattii jala jirtu irraa gara kaabaatti gara 35km fagaatee argama.

    Erga waraanni ka'ee as tilmaamni garaa garaa jiraatus, yoo xiqqaate namoonni 150,000 lola kanaan ajjeefamaniiru.

    Kanneen miliyoona 12 ta'an ammoo qe'ee isaaniirr baqataniiru . Lakkoofsi kunis lakkoofsa ummata Beeljiyeem ykn Tuuniziyaa guutuu waliin wal gitudha.

  10. Amma nu gahe, Raashiyaafi Yukireen Galaana Guraacharratti wal-haleeluu dhiisuf waliigalan

    Raashiyaafi Yukireen Galaana Gurraacha (Black Sea) irratti haleellaa walirratti gaggeessuu dhaabuf waliigaluusaanii Waayit Haawus beeksise.

    Jaarsummaa UStiin Saawudiitti mariin gaggeeffamaa kan ture yoo ta'u, dooniwwan daldalaa haleellarraa bilisa ta'uun karaa Galaana Gurraachaa gara biyyoota garaa garaatti akka imalan waliigalaniiru.

    Marii Saawudii kanaan qabxiilee biyyoonni lamaan irratti qalii galan kan biraa ammoo dooniwwan daldalaa kaayyoo waraanaf itti fayyadamuu dhiisuu, booji'amtoota waraanaa wal-jijjiiruu, namoota sivilii gama lamaanuu hidhaman gadi lakkisuu, ijoollee Yukireen humnaan gara Raahsiyaatti fudhataman deebisuu fa'i.

    Dabalataanis, nagaan itti fufiinsa qabu akka jiraatus waliigaltee nagaarra gahuuf lamaanuu akka hojjatan beeksisaniiru.

    US gamasheen Raashiyaas ta'ee Yukireen waraana lammiilee biyyoota lamaanii gaaga'aa jiru kanatti xumura gochuuf marii nagaa qindeessuu akka itti fuftu biyyoota lamaanifuu mirkaneessuu Waayit Haawus ibseera.

  11. Israa’el buufata waraanaa Sooriyaa lama boombiin tumte

    Waraanni Israa’el Kibxata kana buufata waraanaa lama giddugala Sooriyaa bulchiinsa Homs keessatti aragamu haleeluu ibse.

    Ibsa isaa kanaan humnoonni isaa “balaa Sooriyaa keessatti mul’atu dhabamsiisuuf hojii ittisaa gaggeessuu itti fufaniiru jedhe.

    Torban muraasa darban keessa odeeffannoo basaasaa irratti hundaa’uun naannoolee hedduutti hojii gaggeessuu fi bakka buufata meeshaaleen waraanaa adda addaa itti argamanirratti xiyyeeffachuu ishee ibsite.

    Haleellaa kanaan buufataaleen meeshaaleen waraanaa yaddessoo ta'an itti argaman barbadeessuu eere.

    Dubbi himaan waraana Israa’el haleellaa kanaan humna waraanaa hafan irratti kan xiyyeeffate ta’uu ibsuun, “balaa lammiilee Israa’el irra ga’u kamiyyuu dhabamsiisuuf” hojjechuu itti fufna jedhan.

    Haleellaan guyyaa tokkotti buufataalee waraanaa lama irratti raawwatamee kanaana hanga yoonatti namootni 4 ajjeefamuun gabaafameera.

  12. Israa'el haleellaa Gaazatti gaggeessiteen har'a qofaa namoonni 23 du'an

    Israa'el Gaazaa bakkeewwwan garaa garaatti haleellaa gaggeessiteen har'a qofaa namoonni 23 ajjeefamuu qondaalota fayyaa Gaazaa waabeffachuun Rooyitars gabaase.

    Haleellaa qilleensarraafi lafoon gaggeessaa jirtu bal'isuun jiraattonni Gaazaa waraana jalaa akka baqatan ajaja kennuu itti fufteetti.

    Israa'el torbee darbe Gaazatti haleellaa erga jaqlabdee as namoonni 700 ta'an yoo du'an isaan keessaa hedduunsaanii dubartootafi daa'immani.

    Jiraattonni Gaazaa miliyeena 2.3 ta'an keessaa hedduunsaanii waraana waggaa tokkoo oliif gaggeeffamaa tureen si'a heddu qe'eesaanirraa baqataa turan.

    Israa'elifi Amajjii darbe dhukaasa dhaabuf walii galanis, waliigalteen marsaa duraa erga dhumee booda marsaa lammataatti cehuurratti waliigaluu dadhabuun quba walitti qabaa jiru.

  13. Yugaandaan, Sudaan Kibbaa keessatti haleellaa gaggeessaa jirti jechuun Riik Maachar himate

    Pirezidaantii Sudaan Kibbaa Saalvaa Kiir wajjin muddama keessa kan galan Pirezidaantii Ittaanan biyyattii Riik Maachar Yugaandaan Saalvaa Kiir gargaarun haleellaa gaggeessaa jirti jechuun himachuu Rooyitars gabaase.

    Yugaandaan uggura meeshaa waraanaa UN Sudaan Kibbaarra kaa'e cabsuun biyyattii keessatti haleellaa gaggeessaa jiraachuu himatan.

    Konkolaatota waraanaa sibiila uufataniifi xayyaarota waraanan haleellaa gaggeessaa jiraachuu ibsan Riik Maachar.

    Sudaan Kibbaatti muddama Pirezidaant Saalvaa Kiirifi ittaanaasaanii Riik Maachar gidduutti dhalateen biyyattiin waraana waliinitti deebitee seenuu dandeessi kan jedhu yaaddoon cimaa jira.

    Jalqaba ji'a Bitootessaa keessa humnoonni nageenyaa biyyattii qondaalota olaanoo garee Riik Maachar ta'an to'atanii turan.

    Kunis ammoo Kaaba Lixa biyyatiitti lolli cimaan banamuu hordofeeti. Muddama Sudaan Kibbaatti mudate hordofee biyya ollaa kan taate Yugaandan mootummaa Pirezidaant Saalvaa Kiir baraaruf humna waraanaa Juubatti bobbaasuu beeksisftee turte.

  14. Yukireen loltoonni Raashiyaa hedduun Kursik irratti ajjeefaman jette

    Yukireen naannoo Kursik keessatti haleellaa qilleensaa buufata waraanaa irratti raawwatteen loltoonni Raashiyaa hanga 30 ta'an ajjeefamaniiru jetti Yukireen.

    “Sababa haleellaa kanaan miidhaa guddaan irra ga'uus hogganaan waraanaa Yukireen ibsaniiru

    Haleellichi humna loltoota naannawa sanaa irraa loltoota Yuukireen irratti duula gaggeessanii akkaan “gadi buuseras” jedhan.

    Yukireen bara darbe baatii Hagayyaa keessa naannoo KursIk keessatti haleellaa banuun, hanga tokko qabatte.

    Haa ta'u malee torbeewwan darban keessa garuu loltootni Yuukireen dhiibbaa loltoota Raashiyaa irraan kan ka’e naannaawa sana gadi dhiisuun ofirraa deebi’an.

    Raashiyaa fi Ameerikaan loltoonni Yukireen hedduun naannoo Kurskitti marfamanii akka jiran himu, Yukireen garuu kana ni haalti.

  15. Ameerikaa fi Raashiyaan marii Sa’uudii booda ibsa waloo kennuufi

    Ameerikaa fi Raashiyaan marii isaanii ilaalchisee ibsa waloo ni kennu jedhamee eegama.

    Jilli Ameerikaa, Yukireen fi Raashiyaa guyyoota lamaan darbaniif Sa’udii Arabiyaa hoteela Ritz-Carlton keessatti marii gaggeessaa turaniiru.

    Waraana Raashiyaaf Yukireen dhaabsisuuf Ameerikaan qooda guddaa fudhataa jirti. Marii gaggeefame kana irrattis jilli Yukireen fi Raashiyaa wal hin argine. Jaarsummaan kan Gidduu galtee fi Jila Raashiyaatu mari'ate.

    Mariin taasifame kun bakka miidoiyaaleen hin jirretti kan gaggeefamu ta'ullee, dhimmi dooniiwwan Galaana Gurraacha keessatti bilisaan akka deeman hayyamu haaromsuu ajandaa guddaa akka ture himaama

    Lamaanuu ibsa waloo ni kennu jedhamee eegama. Tiraamp waliigaltee ''yeroo dhiyootti'' mallattaa'u keessatti dhaabbilee Ameerikaa albuuda ijoo Yukireen kennuuf waliigaltee akka eegan gaazexeessitootatti himaniiru.

  16. Pirezidantiin Burundii Ruwaandaan haleellaa irratti banuuf qophaa'uu ibsan

    Pirezidnatiin Burundii yaada BBC'f kennaniin Ruwaandaan haleellaa irratti banuuf qophii ta'uu ''ragaa tikaa amanamaa'' qabachuu himan.

    Everestee Indaayishimiyee Ruwaandaan ''akkuma amma Rippaablika Dimookraatawaa Koongoo keessatti gochaa jirtuu'' waggoota 10 dura biyyasaanii keessatti yaalii fonqolcha mootummaa yaalteetti jedhan.

    Ruwaandaan himannaa pirezidantii Burundii kanaaf deebii yoo kennitu, ''yaada hin eegamne'' jechuun fudhatama dhabsiisfte. Ammoo hariiroo ollummaan nageenya waloorratti waltumsuun hojjetu jedheera. Ammoo hariiroon isaanii ega danqame waggaa tokkoo oli.

    Ruwaandaan himannaawwan Koongoo keessatti hokkara oofaa jirti jedhuufi US fi UN ragaa irratti dhiyeessan fudhatama dhabsiisuun ni yadaatama.

    Pirezidantichi yaada kennaniin lammiileen Burundii akka warra Koongoo ajjeefamuu tole hin jedhan. Warri Burundii qabsaa'ota'' jedhan.

    Dabaluunis ''ammatti Ruwaandaa haleeluuf karoora hin qabnu. Dhibdee jiru mariin furuu feena'' jedhan.

  17. Jibuutii 6-1n injifachuu booda leenjisaan garee Itoophiyaa taphattootasaanii jajan

    Gareen kubbaa miilaa Itoophiyaa gulaallii waancaa addunyaaf tapha Jibuutii waliin godhe 6-1n injifate.

    Tapha kana irratti Barakat Dastaafi Abubakar Naasirtu gooliiwwan sadi sadii lakkoofsisuun haatrikii hojjetan.

    Gooliiwwan lakkoofsisuu boodas waahila isaanii dursaa taphattootaa ta'eefi footoo shooppiidhaan akka waan ''boorcii qabuutti hojjetamee miidiyaa hawaasaa gubbaa qoodame cinaa dhaabachuuf gammachuu ibsannaa qama ofii agarsiisu mul'isaniiru.

    Tapha kana booda miidiyaa biyyaalessaaf yaada kan kenne Barakat Dastaa, ''waahila keenya tibba kana miidiyaarratti suurriisaa qoodamaa tureef jecha'' garaasaanii mul'isuu dubbateera.

    ''Innis qaamaakoo nan agarsiisaa jechaa ture. Dhumarratti innis agarsiiseera. Waan goonettis gammadeera'' jedhe.

    Leenjisaan garee Itoophiyaa Masaay Tafarraa tapha halkan edaa injifacuu isaaniitiif goolii eegaarraa kaasee kaka'umsa tphattootni hundi agarsiisan dinqisiifataniiru.

    Taphoota kaan injifachuu akka danda'an hamilee waan uumuuf hedduu baraachisaadhas jedhaniiru.

    Fuula duratti garee cimaa ijaaruun ni danda'amas jedhaniiru.

    Itoophiyaan amma qabxii jahaan sadarkaa afraffaarra jirti. Gooliiwwan torba hanga ammaa lakkofsistes martuu Jibuutiirratti lakkaa'aman.

    Jibuutii waliin tapha hanga ammaa taphatan 18 keessaa 16 injifachuufi lama qixxee bahuu miidiyaaleen biyya keessaa gabaasaniiru.

  18. 'Jarrii kunneen Ameerikaa nagaan tiksuu hin danda'an'- Butigiig

    Barreessaan geejjibaa duraanii Joo Baayidan, Piit Buttigieg reefu dhimma oduu sarbama nageenyaa biyyattii irratti karaa akkaawuntii miidiyaa hawaasaa isaanii irratti deebii kennan.

    "Kallattii hoppareeshinii nageenyaatiin yoo ilaalle, kun dhimma sadarkaa olaanaadhaan yaadamuu danda'uudha," jedhan qondaallii Dimookiraatota bira beekamtii olaanaa qaban kun.

    Itti dabaluunis, "Namoonni kunneen Ameerikaa nagaa eeguu hin danda'an," jedhan.

  19. Badhaafamaan oskaarii Filisxeem loltoota Israa'eliin to'atame

    Lammiin Filisxeem badhaafamaa Oskaar ta'e Weest Baankii to'atame keessatti hookkara qubsiistota Israa’elii fi Filisxeem gidduutti uumameen to’annoo jala oolfamuu aktivistoonni himan.

    Hamdan Baalaal, daayreektaroota waloo 'No Other Land' hojjatan afur keessaa tokko yoo ta’u, haleellaa Wiixata kaleessaa ganda Susyaa keessatti raawwatameen manni isaa qubsiistotaan marfamee akka ture gareen 'Center for Jewish Nonviolence' ibseera.

    Daayreektarri waloo, Yuvaal Abraahaam akka jedhanitti, Israa’elootaan kan mormamee ta’ulleen, Obbo Baalaal ambulaansii keessa osoo jiranii loltootaan reebamee fudhatamee ture.

    Raayyaan Ittisa Israa'el osoo maqaan Obbo Baalaal hin kaasne akka jedhetti, lammiileen Filisxeem sadii fi lammiin Israa'el tokko humnoota nageenyaa irratti ''dhagaa darbataniiru'' jedhamuun shakkamanii to'annoo jala ooluu isaanii ibseera.

    Aktiivistoonni Yihudoota Ameerikaa shan garee kana keessaa akka jedhanitti, qubsiistonni haguuggii fuulaa uffataniifi gara kudhan ta'an akka sa'aatii biyyattiitti naannoo sa'aatii 18:00 (16:00 GMT)tti Susyaa keessatti haleellaa raawwataniiru.

    Aktiivistoonni kunneen taatee kana galmeessuuf gara ganda sanaa deemuun ofii isaaniinis haleelamuu kan dubbatan yoo ta'u, qubsiistonni foddaa konkolaataa isaanii cabsanii, uleedhaan isaan reebaniiru.

    Manni Obbo Baalaal qubsiistota kanneeniin marfamee akka ture himama.

  20. Gareen Atileetiksii Itoophiyaa Shaampiyoonaa mana keessaan Afrikaarraa tokkoffaa ta'ee xumureef simannaan godhame

    Shaampiyoonaa mana keessaa 20ffaa Naanjiingitti Warqee 2 fi Meetii 3 argachuun Afrikaarraa sadarkaa 1ffaa fi Addunyaarraa sadarkaa 3ffaan kan xumure garee Itoophiyaaf simannaan godhame.

    Garee kanaaf buufata xiyyaaraa Booleetti simannaan taasifame

    Shaampiyoonaa kana irratti Atileet Gudaaf Tseggaay fiigicha 1500m, Fireeweeynii Haayiluu ammoo 3000m warqee yoo injifatan.

    Barrihuu Aregaawwii, Dirribee Waltajjiifi Nigisti Getaachew ammoo Meetii sadan injifataniiru.