Putiin mootummaan ce'umsaa UN jalatti taliigamu Yukireenitti akka hundaa'u yaada dhiheesse
Aanga'oonni Awurooppaa nageenya Yukireen keessatti mirkaneessuu irratti akka xiyyeeffatan erga waliigalanii sa'aatii muraasa booda Pirezidantiin Raashiyaa Vilaadmiir Putiin mootummaan ce'umsaa UN jalatti to'atamu Yukireen keessatti akka hundaa'u yaada dhiheesse.
Bulchiinsa mootummaa ce'umsaa deeggarsa UN qabutu marii waraana kana xumuruuf gargaaru milkeessuuf fayyada jedhe Putiin.
Hanga filannoo seera qabeessi biyyattii keessatti gaggeeffamuun ''mootummaan dandeettii qabu'' aangoo qabatutti UN mootummaa ce'umsaa kana to'achuu qaba jedhe qondaalli Raashiyaa kun.
Gaafa sana mootummaa haaraa waliin akka marii hiika qabu gaggeessan dubbate.
''Mootummaa haaraa filatamu waliin sanadoota seera qabeessa ta'an kan beekamtii addunyaa qaban nan mallatteessa,'' jedhe Putiin.
US fi biyyoota Awurooppaa akkasumas michuuwwan Yukireen waliin akkaataa mootummaa ce'umsaa UN jalatti taliigamu Yukireen keessatti hundeessuun danda'amurratti dubbachuun akka danda'amus ibse.
Kaleessa UK fi Faransaay walga'anii waraana kana xumuruuf Putiin irratti dhiibbaa cimsuu akka qaban walta'anii turan.
Ministirri Muummee UK Kiir Istaarmar Putiin ''qoosaa jira, yeroodhaan taphachaa jira,'' jechuun himatan.
Awurooppaan hanga nageenyi Yukireen mirkanaa'utti cichuu qabdi jedhan qondaalli UK kun. Kunis Raashiyaarratti qoqqobbii cimsuu akka ta'e eeran.
Wayita aanga'oonni hunduu dubbatan kanatti waraanni ittuma fufeera.
Raashiyaan halkan guutuu Dnipro, Nikopol, Pokrovsk fi Marhanetska keessatti haleellaa raawwachaa bulte.
Bulchitoonni naannolee kunneen haleellaan Raashiyaa misoomaawwan bu'uuraa barbadeessuu himan.
Ministeerri Ittisaa Raashiyaa ammoo dirooniiwwan Yukireen dhukaaste 78 qilleensarratti fashalsuu ibse.