Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.

Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi

Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf

Haleellaan Raashiyaa bakka itti fufeetti Tiraamp marii dhukaasa dhaabuurratti Puutiiniitti aaruu ibsan

Pirezidantiin Ameerikaa Doonaald Tiraamp dhimma marii dhukaasa dhaabuu Yukireen keessaa irratti puutiiniitti 'baayyee aaruu'' ibsan. Haleellaan qilleensaa Raashiyaan Yukireen irratti raawwattuu ammoo itti fufeera.

Guduunfaa

  • Oduufi xiinxalaaf Chaanaalii WhatsApp akkasumas Facebook BBC Afaan Oromoo hordofaa
  • Miyaanmaaritti kirkirri lafaa hamaan magniitiyuudii 7.7 mudate
  • Pirezidantiin Raashiyaa Vilaadmiir Putiin mootummaan ce'umsaa Yukireen keessatti hudeeffamuun Dhaabbata Biyyoota Gamtoomaniin akka to'atamu yaada dhiheesse.
  • Raashiyaa fi Yukireen Galaana Gurraacha irratti walitti dhukaasuu dhaabuuf waliigalan
  • Morkataan Pirezidant Erdogaan hidhamuu booda Turkiitti hammaate
  • Kantiibaa magaalaa Istaanbul kan ta'an dureen paartii morkataa Ekraam Imaamoogluu malaammaltummaan himatamaniiru
  • Poolisoonni Turkii magaalaa Istaanbulii fi kutaalee Turkii adda addaa keessatti namoota hiriira ba'an gaaza nama imimmaanessuun bittimsaniiru
  • Ekraam Imaamoogluu paartii isaa Republican People's Party's (CHP) jedhamuuf kaadhimamee filannoo bata 2028 irratti hirmaachuuf ture
  • Gaazaatti 50,000 ol ajjeefaman - Ministeera Fayyaa Hamaasin hoogganamu
  • 'Ulaa Galaana Diimaaf jennee Ertiraa waliin lola hin seennu' - MM Abiy
  • Erga rokkeetiin itti dhukaafame booda Israa'el Libaanos haleelte
  • Waraanni Sudaan masaraa mootummaa deebifatuus, RSF haleellaa raawwate

Haguuggii Tamsaasa Kallattii

  1. Israa'eliifi Hamaas waliigaltee dhukaasa dhaabuu haaraa taasiisuuf waliigalan

    Gareen hidhattoota Gaazaa Hamaas dhukaasa dhaabuudhaaf yaada guyyoota lamaan dura Kaataarii fi Masriidhaan dhiyaateef fudhachuu dursaa olaanaan garichaa beeksiisan.

    Hidhattoonni gaazaa keessa kunneen, haaluma yaada biyyoonni jaarsummaa dhiyeessaniitiinIsraa'eloota butaman shan gadiisuu fi waliigaltee dhukaasa dhaabuu guyyoota 50'f turu taasisuu yaada jedhurratti waliigalteerra gahu ibseera.

    Dursaa olaanaa garee Hamaas Gaazaan alatti argaman, Kaaliil Al-Hayaam gareensaa yaada marii Kaataarii fi Masriiniin dhiyaateef raggaasisuu dubbatan.

    Rooyitarsi maddeen tikaa eeruudhaan akka gaabaasaniitti, dhukaasa dhaabuu kana ilaalchisee gama Israa'el irraas deebii gaarii argate.

    Waajjirri Ministirri Mummee Israa'el Beenjaamiin Netaanyaahuun karooricha akka simatan ibsee, ''Ameerikaa waliin gutummaatti waliita'udhaan biyyoota marsiisaniif yaada marii gara biraa'' dhiyeessu ibsaniiru.

    Qaamooleen marii'atan yoo waliigalan dhukaasa dhaabuun Dilbata har'aa irraa kaasee Id-alfaxiirii ayyaana Musilimootaan waliirra ooluu danda'a.

    Waajjiirri Neetaaniyaahuun guyyaa Sambataa yaada marsiiftoonni dhukaasa dhaabuu irratti marii taasisii beeksiiseera.

    Israa'el yaada dhiyeessite irratti Ameerikaa waliin irratti waliigaluu ibsitulleen, yaadicha keessatti garuu maal keessatti akka hammatame kan himame hin jiru.

    Ameerikaanis kanarratti ifatti yaada hin kennine.

    Waliigalteen dhukaasa dhaabuun Amajji 19 hojiirra oolfame erga jalqaba baatii Bitooteessaatti dhumee booda, humnoonni Israa'el duula lafoo Gaazaa keessatti ammoo haleellaa qilleensaa raawwachuu eegalan.

    Waliigalteen dhukaasa dhaabuu sun xumuramnaan kan marsaa lammataatiif waliigaltee irra gahuu hin dandeenye ture.

    Hidhattoonni Hamaas waliigaltee dhukkaasa dhaabuu marsaa jalqabaatiin namoota butaman 33 gadhiisaniiru.

    Hanga ammaattis lammiileen Israa'el 59 to'annoo garee kanaa jala kan jiran yoo ta'u, isaan keessaa gariin lubbuun akka hin jiraanne tilmamama.

  2. Paayileetii Yuukireen Sudaan Kibbaatti rasaasaan haleelamuun xiyyaara haala ajaa'ibaan qubachiise

    Kaappiteen Seerhii Muuziyaakaa hojii xiyyaara balaliisisuu tokko jedhee kan jalqabe wagaa 43 dura Sooviyeet Raashiyaa jedhamuun yeroo sana kan beekamtu keessatti ture.

    Lammii Yuukireen yoo tahu yeroo sooramatti dhiyaachaa jiruu kanatti garuu xumurrikoo kana taha jedhee yaadee hin beeku. Waan Sudaanitti isa mudate ammayyuu abjuu, akkasumas fiilmii itti fakkaata.

    Ga'eessa waggaa 60 kun ergama nagaa kabachiisaa UN'f Sudaan Kibbaa osoo jiruu waan baay'ee ulfaataa fi takkaa na mudata jedhee hin yaadne keessa gale.

    Yeroo tajaajila loltummaa waggaa Yuukireeniif kennaa turetti iddoowwan baay'ee ulfaatoo akka Afgaanistaan keessatti ergamee haala gaarii taheen xumuree deebi'eera.

    Akka dhuunfaattis waliigaltee raawwachuun oppireeshinii baay'ee ulfaatoo jedhaman bahatee beeka.

  3. Turkiitti mormiin daandiiwwan magaalaa guddoo Istaanbuulii irratti gaggeeffame

    Turkiitti namoonni kuma dhibbaan lakkaa'an kanneen sirna dimokiraasii deggeran deeggarsa kantiibaa magaalattii mana hidhaa keessa jiruuf qaban agarsiisuuf gara daandii magaalaa Istaanbulitti deebi’an.

    Ekrem Imamogluun morkataa cimaan pirezidaantii Riisppii Taayip Erdogaan godhamanii kan ilaalamu yoo ta’u, torbee darbe himannaa malaammaltummaatiin to’annoo jala ooluunsaanii mormii ummataa kaase.

    Imaamoogluun ammoo himata kana haaluudhaan hidhamuu isaanii siyaasaan ta'uu dubbata.

    Ummanni Sabata mormiidhaaf bahee baay'ee waan tureef bakka mormiin kun itti geggeeffame irraa gara paarkii ollaatti argamuutti imaluun fayyadaman.

    Dura taa’aan Paartii Ummata Rippabilikaa (CHP), Imamoglu kutaa keessatti qofaatti hidhaman irraa xalayaa barreessan namoota hirrira irratti hirmaataniif dubbifameera.

    Namni siyaasaa kunis xalayaa barreessaan kanarratti ''Ani omaa hin sodaadhu. Isin na maddii jirtu. Ummanni tokko sababii ta'ef yaaddoo omaatu hin qabu. Ummanni abbaa hirree irratti tokko ta'era'' jedhan.

    Haatii warraasaanii Diileekis hiriira deeggarsaa irratti argamu ummatichaan ''qabsaa'uu fi mormuu itti fufna'' jechuun dubbatan.

    Namoonni mormiidhaaf bahan kunneenis alaabaa Turkii diimaa fi adii mirmiirsuudhaan ''yoo mirga, seeraa fi haqa!'' jedhan dhagahamaniiru.

    Imaamoguun bara 2019 irraa kaasuudhaan kantiibaa magaalaa Istaambuul ta'udhaan tajaajilaa kan turan yoo ta'u, filannoo kantiibaa bara darbe gaggeeffamenis injifannoo ajaa'ibsiisaa argatanii ture.

    Filannoo pirezidantummaa bara 2028tti gaggeeffamuuf jiru irratti kaadhimamaa paartii CHP ta'udhaan kan mudaman yoo ta'u, innis nama siyaasaa paartii Edogaan Paartii Haqaa fi misoomaa dura dhaabbachu danda'u qofaatti ilaalamaa jira.

  4. UN, Maaynaamar bakka kirkira lafaatiin 1,600 ol du'anitti hanqinni dhiyeessii wal'aansaa cimaan mudachuu ibse

    Dhabbanni UN Maaynaamar bakka 1,600 ol kirkira lafaatiin lubbuu itti dhabaniitti hanqinni dhiyeessitii wallaansaa cimaan tattaaffii gargaarsaa taasisan gufachiisaa jiraachuu akeekkachiise.

    Kirkirri lafaa humna guddaa reektara iskeelii 7.7 Miyaanmaar erga mudatee lubbuu namoota 1,600 ol galaafatee guyyaa sadaffaaf adeema.

    Gareen lubbuu baraarsitootaa namoota lubbuun hafan barbaadaa wayita jiran kanatti Dhaabbanni Biyyoota Gamtoomanii hanqinni meeshaalee yaalaa hamaan biyya waraanaan miidhamte keessatti tattaaffii gargaarsaa gufachiisaa jiraachuu beeksiise.

    Kirkirri lafaa kun bu’uuraalee misoomaa murteessoo ta’an kanneen akka daandii fi toora qunnamtiirratti miidhaa cimaa geessiseera.

    Kunis ammoo waraana biyya keessatti humnoota mootummaafi gareewwan finciltootaa akkasumas humnoota diddaa hidhoo jidduutti deemaa jiruutti dabalamee, dhaabbileen gargaarsaa balaa uumamaa kanaaf deebii kennuu akka hin dandeenye taasiseera.

    Dhaabbata Biyyoota Gamtoomaniitti Qindeessaan Gargaarsa Namoomaa Miyaanmaar, Maarkoluugi Korsi akka jedhanitti, biyyattii keessatti balaa kirkira lafaa kanaan namoonni hanga miliyoona 20 ta’an miidhamuu danda’u.

    “Naannoo balaa kanaan miidhaan irra gahu baay’ee bal’aa yoo ta’u, tilmaamaanis namoonni gara miliyoona 20 ta’an naannoo sana keessa jiraatu,” jedhan qondaalli UN kun gaaffii fi deebii 'UN News' waliin taasisaniin.

    "Yeroo ammaa kanatti gama namoota miidhaan irra ga'eentiin lakkoofsi namoota du'anii dabalaa jira."

  5. Kirkira lafaa cimaa Maayinaamaritti mudateen namoonni du'an 1,600 gahe

    Kirkira lafaa cimaa reektar iskeelii 7.7 Maayinaamar keessatti dheengadda mudateen manneen jireenyaafi gamoowwan ijaarsarra turan hedduun jijjiguun miidhaa dhaqabsiisu gabaasuun keenya ni yaadatama.

    Lakkoofsi namoota balaa kanaatiin lubbuunsaanii darbe 1,600 gahuu waraanni biyyatti beeksiiseera.

    Kana malee ammoo namoonni dhiibbaan lakkaa'aman jijjigaa gamoo jalatti danqamanii akka jiran gabaafame.

  6. Yeroo du'uuf jennu sammuu keenya keessatti maaltu ta'a?

    Ofii yeroo du'uuf jennu sammuu keenya keessatti maaltu akka ta'u yaaddanii beektuu? Qorattuu kanatti dubbiin kun ajaa'ibuma itti ta'e.

    Jimoo Borijiin qorattuu sammuu (niwurosaayintistii)dha. Duutiin qaama jireenya ilamaan namaa ta'ulleen, yeroo duunu waan sammuu keenya keessatti mudatu ''homaa akka hin beekne'' yeroo adda baasteetti amanuu dadhabe.

    Taateen kun waggoota kudhan dura ''akkuma tasaa'' kan mudate ta'u BBCtti himte. ''Hantuutarratti qorannoo gochaa osoo jiranu, achii wal'aansa baqaqsanii hodhuutiin booda'' haalaa saanii hordofaa turan.

    Garuu akkuma tasaa, hantuunni qorannoo irratti gaggeeffamaa ture lamman isaanii du'an.

    Taateen sun ammo qorattuun tun akkaataa adeemsa du'a sammuun isaanii akka baran gargaare.

  7. Tamsaasa kallattii eegalle.

    Ashamaa hordoftoonni Amantaa Musliimaa hundaan baga Ayyaana Eid al Faxiri kan marsaa 1,446tin isin gahe.

    Ayyaanichi kan nagaa, kan jaalalaa, kan gammachuu fi eebbaa isiniif haa ta'u!

    Addunyaan waan keessa ooltu hubachuuf ammoo marsariitii fi Chaanaalii WhatsApp keenya mil’achuu hin dagatiinaa.

    Oolmaa gaarii qabaadhaa.

  8. Gamoo dheeraa Baankook jige jalatti namoonni 15 danamuun lubbuun jiran jedhame

    Aanga'oonni Taayilaand gaamoo dheeraa magaalaa Baankook keesatti ijaaramaa tureefi sababa kirkira lafaa Miyaanmaariin jige jalatti yoo xiqqaate namootni 15 lubbuun osoo keessa jiruu danqamanii jiruu jedhan.

    Lubbuu baraartootni barbaachi guyyaa lammaffaa qabatus namootni lubbuun jiraachuu bira gahuufi kaan Waliin dubbachuus himan.

    Kikrira lafaa maagnituudii 7.7 Miyaanmaariin rukute lubbuun namoota 1,000 galaafateera, dhibbootaan l=kan lakkaa'aman ammoo miidhamaniiru.

    Dambaliin kirkira kanaa Taayilaand, Chaayinaa fi Indiyaattis dhagaahameera.

  9. Lakkoofsi namoota kirkira lafaa Maayanmaar mudateen du'an gara 1,000 olitti dabale

    Erga kirkirri lafaa cimaan Maayanmaar mudatee gara sa’aatii 24 ta’eera.

    Kirkirri lafaa Maayinaamar kun hanga biyyoota ollaa kanneen akka Chaayinaafi Taayilaandittis dhagahameera.

    Mootummaan Miyanmaar lakkoofsi namoota du’anii 1,002 ta’uu fi kanneen madaa’an ammoo 2,376 ta’uu beeksiseera.

    Magaalaa guddaa lammaffaa biyyaattii Mandalaay keessatti namoonni baay'een du'aniiru.

    Bakki kun giddugala kirkira lafaa kanaatti dhihoodha waan ta’eef.

    Hojiin baraarsaa ammas itti fufee jira, gareen baraarsaa tokko Mandalaay keessa jiru "harka keenya qofaan namoota qotaa jirra" jedhan.

    Magaalaa guddoo Taayilaand kan taate Baankook keessatti namoonni ja’a du'aniiru.

    Gamoon ijaaramaa ture jiguun hojjettoonni gara 100 ta’an achi buuteen isaanii dhabame.

    Hoggantoonni Miyanmaar gargaarsa idil-addunyaa gaafachaa jiru. Ammaatti biyyoonni ollaan isaa Chaayinaa fi Indiyaan kanneen jalqaba gargaarsa ergan keessaa tokko.

  10. Israa'el magaala Beerut irratti haleellaa cimaa gaggeessite

    Israa'el magaalaa guddoo Libanos kan taate Beerut irratti haleellaa qilleensarraa gaggeessite.

    Israa'eliifi Hezbollaan ji'a Sadaasaa keessa waraana dhaabuuf erga waliigalanii magaalaan Beerut haleelamuun kun kan jalqabaati.

    Halellaa kana kan gaggeessite rokkeettiwwan lama gara Kaaba Israa'elitto dhukaafamee sa'aatii lama booda.

    Humni Waraanaa Israa'el ibsa baasen, magaalaa Beerut man-kuusaa diroonii Hezbollaa irratti haleellaa raawwachuu beeksise.

    Hezbollaan ammoo haleellaa rokkeettii Israa'elitti dhukaafame keessaa harka akka hin qabne ibse.

    Israa'el rokkeettiin Libaanos irraa itti dhukaafame waliigaltee kan cabseedha yoo jettu, waajjirri pirezidaantii Libaanos ammoo haleellan Israa'el waliigaltee waraana dhaabuu ji'ootan dura mallattaa'e kan sarbe ta'uu beeksise.

  11. Barri haaraa uummata Sidaamaa 'Fiichee Cambalaalan" haala hoo'an kabajamee oole

    Ayyaanni bara haaraa Sidaamaa, Fiichee Cambalaalan haala hoo’am kabajamee oole.

    Ayyaanichi magaala Hawaasaa dirree Sooressaa Gudumaaleetti kan kabajame yoo ta’u Pirezidaantii Naannoo Oromiyaa Obbo Shimallis Abdiisaa dabalatee keessummoonn heddu argamuu FBCn gabaase.

    Obbo Shimallis haasaa taasisaniin uummanni Sidaamaa ummata Oromoo waliin hariiroo ollummaarra ce'ee, hidda latiinsaa, seenaafi aadaa walfakkaatu waliin qooddatu ta’uu dubbatan.

    Fiichee Cambalaalan hambaa aadaa ta’uun UNESCOtti erga galmaa’ee waggaa 10 guutera.

    Eebbi manguddootafi gugsiin fardaa sirnawwan garaa garaa kabaja simannaa bara haaraa uummata Sidaamaa, Fiichee Cambalaalaa, irratti gaggeeffaman keessayi.

  12. US deeggarsa yoo kutte ijoolleen miliyoona tokko du'uu danda'u- dhaabbata gargaarsaa

    Ameerikaan deeggarsa maallaqaa taasiftu yoo adda kutte, ijoollen miliyeena tokko ta'an dhibeen du'uu akka danda'an dhaabbanni tola ooltumaa talaallii bitee biyyoota guddataa jiraniif dhiyeessu "Gavi" jedhamu beeksise.

    Daayireektara dhaabbata fayyaa kanaa kan ta'an Dr. Saaniyaa Niishatar, US fandii maallaqaa dhaabbaticharra kutuuf jedhu lubbuu ijoollee miliyeena tokko ta'anii du'aaf kan saaxile ta'uu BBCtti himan.

    Bulchiinsi Baayidan dhaabbata Gavi irraa fandii kutuuf karoora akka qabu Niwu York Times gabaasuu hordofeeti dhaabbati fayyaa kun ijoollen miliyeena tokko ta'an du'uu akka danda'an kan ibse.

    Dhaabbati GAvi hanga yoonaa deeggarsi irraa cituun kan ibsu xalayaan akka isa hin geenyefi deeggarsa maallaqaa miliyeena 300 argachuuf Waayit Haawusiifi Kongiresii wajjin dubbataa akka jiru beeksise.

    Tiramp erga aangotti dhufanii as deeggarsi maallaqaa dhaabbilee garaa garaaf godhamu akka adda cituufi fedhii keessoo biyyattii wajjin wal-simu gochuuf akka hojjatu beeksisan.

    Dhaabbanni tola ooltummaa biyyoota guddataa jiraniif talaalliwwan murteessoo bitee dhiyeessu kun addunyaarratti ijoollen miliyeena 500 ta'an talaalamuu akka qaban ibse.

  13. Balaa kirkira lafaa Maayinaamaar mudateen lakkoofsi namoota du'anii 144 gahe

    Kirkira lafaa cimaa Maayinamaar mudateen lakkoofsi namoota du'anii dabalaatuma jira. Hanga ammaa namoonni du'an 144 gahuufi kanneen miidhan qaamaa irra gahe 732 ta'uun ibsame.

    Dhaabbanni Ji'oolojii US akka ibsetti kirkirri lafaa cimaan reektar iskeelii 7.7 giddu galeessa Maayinaamaritti mudachuurraa kan ka'eedha namoonni heddu du'uun gamoowwan baay'en kan jijjigan.

    Kirkirri lafaa Maayinaamar kun hanga biyyoota ollaa kanneen akka Chaayinaafi Taayilaandittis dhagahameera.

    Taayilaanditti gamoon jigee hanga namoonni sadi du'abiiru. Mgaalaa guddoo Taayilaand kan taate Baankook keessatti gamoowwan jijjiganiiru; daandinis babbaqee mul'ata.

  14. Qondaalli poolisii Keenyaa Heeyitiitti bakka buuteen dhabamee ture ajjeeffamuun ibsame

    Qondaaloota poolisii Keeniyaa kan qaama humna nageenyaa idil-addunyaa ta'uun Heeyitiitti bobbaafame keessa tokko haleellaa miseensota wanbadeedha jedhamaniin raawwatameen ajjeefamuu isaa manni maree ce'umsaa biyyattii ibseera.

    Haleellichi erga raawwatameen booda jalqaba irratti achi buuteen isaa dhabamuu isaatu gabaafamee ture.

    "Miseensi poolisii goota, kan nageenya dhabuu irratti humnoota Heeyitii cinaa dhaabbachuun qabsaa'uuf of kenne, akkasumas kan egeree fooyya'aa ta'eef aarsaa dhumaa kaffaleedha," jechuun ibsi Mana Maree Ce'umsaa Pirezidaantii Heeyitii (CPT) irraa bahe kan ibse.

    Qondaalli poolisii du'e kun maqaansaa Benedikt Kabiruu jedhamun adda baafame. Haati qondaala kanaa akka miidiyaalee biyya keessaatti dubbatteetti, miiraan akka liqimfamte ibsiteetti.

    "Ani haadha kophaakoo isa guddiseedha. Abdiin koo isa qofaa ture," jette.

  15. Pirezidanti Erdogaan Itoophiyaafi Somaaliyaa jidduutti nagaan akka bu'uuf 'deeggarsan taasisa' jedhan

    Pirezidantiin Turkii Rasiip Xaayiib Erdoogaan adeemsi Itoophiyaafi Somaaliyaa jidduutti eegalame hanga nagaa waraa fidutti deeggarsa isaanii akka itti fufan beeksiisan.

    Pirezidanti Edogaan kana kan ibsan, wayita pirezidantii Somaaliyaa Hasan Sheek Mohaammud Kamisa kaleessaa masaraasaaniitti simataniitti ture.

    Sababii waliigaltee wal hubannoo Itoophiyaan Somaaliilaand waliin bara darbe taasifteen muddama keessa kan seenan Somaaliyaafi itoophiyaan, jaarsummaa pirezidantii Turkiitiin marii Ankaaraatti taasifameen rakkinicha furuudhaaf waliigalteerra gahamee ture.

    Dureewwan lamaanis walitti dhufeenya Somaaliyaafi Itoophiyaa jidduu jiru akkasumas dhimmoota qaxaniichaafi idil-addunyaarratti mari'achusaanii daareektarri kominikeshinii Turkii ibsa baaseen beeksiisera.

    Turkiin nageenyaafi tasgabbii Somaaliyaatiif eddoo olaanaa qabdi jechuun dubbatan.

    Akkasumas deeggarsa biyyisaanii nageenya Somaaliyaa, tokkummaa daangaashee fi misooma diingadeesheetiif taasiftu akka adda hin kunne pirezidantichi mirkanneessaniiru.

    Akkasumas adeemsi Itoophiyaa waliin eegalame hanga nagaa waaraa fidutti akkasumas hanga tasgabbiin mirkannaa'utti deeggarsa cimaa taasisan akka itti fufan cimsuun himaniiru.

    Jaarsummaa pirezidantiin Turkii Rasiip Xaayib Erdogaaniin waliigalteen Ankaaraa Itoophiyaa fi Somaaliyaa jidduutti ALI Muddee 2, 2027 gahame, biyyoota waggaa tokkoof jechaan wal lolaa turan, garaagarummaasaanii mariidhaan furuudhaaf akka wal argan taasiseera.

  16. Baankookitti erga gamoon balaa kirkira lafaan barbadaa'ee booda namoonni 43 dhabaman

    Aanga'oonni Taayilaand akka jedhanitti gamoon abbaa darbii 30 kun reefuu ijaaramaa ture.

    Gamoo kana kana keessa namoota 50 ta'antu turan. Kanneen keessaa torba yoo ba'an 43 ammallee hin argamin jiru jechuun jaarmiyaan dhiheessii qorichaa yeroo balaa tasaa National Institute for Emergency Medicine jedhamu Facebook isaarratti barreesse.

    Namoonni 43 ammallee hin argamin akka jiran gabaasi AFP poolisii wabeeffachuun dabarse ni mul'isa.

    Qondaalli Poolisii Worapat Sukhtai ''wayitan bakka gamoon itti kufe kana qorannoof ga'u namoonni gargaarsa gaafataa turan,'' jechuun AFPtti himan.

    Gamoon balaa kirkira lafaan manca'e kun waajjira mootummaaf ijaaramaa ture.

  17. Jaarmiyaan kubbaa miillaa Awurooppaa bulchu, Uefa, dhimma taphattoota Maadriid amala badaa agarsiisan jedhamanii qorchuu eegale

    Taphattoonni Riyaal Maadriid afur tapha dorgommii Chaampiyoonsi Liigii irratti wayita Atileetikoo Maadriid mo'achuun nuusa xumuraaf darban amala badaa agarsiisaniiru jedhamuun himannaan irratti dhihaatee ture.

    Dirree Atileetikoo Riyadh Air Metropolitano irratti wayita rukuttaa adabbiin mo'atanii saddeet keessa galan, taphattoonni Maadriid- Antooniyoo Ruudigar, Kiliyaam Mbaappee, Viniishiyees Jr fi Daanii Sebaayoos amala naamusa kubbaa miillaa keessa hin jirre deeggartoota faallaatti agarsiisan jedhaman.

    Jifataan lammii Jarmanii Antooniyoo Ruudigar erga rukuttaa peenaalitiin goolii galchee booda mallattoo morma kutuu wayita agarsiisu suuraansaa TV irratti mul'ateera.

    Kiliyaan Mbaappeen ammoo erga goolii galchee booda akka waan qaama saala isaa qabuutti mul'ateera.

    Miidiyaan Ispeen akka gabaasetti Atileetikoon dhimma kana qaama kubbaa miillaa Awurooppaa bulchu, Uefa, biraan kan ga'e torbee darbe ture.

    Gochi kun balaa guddaa qaba, taphattoonni kunneen tapharraa ittifamuu danda'u. Garuu tapha Arsenaal waliin qaban dursanii adabamuu fi dhiisuu isaaniirratti wanti mirkanaa'e hin jiru.

    Tapha nuusa xumuraan taphi jalqabaa Ebla 8, 2025 Emireetis irratti taphatama, taphi deebii torbeesaatti taphatama.

    Ibsi Uefa akkas jedha: ''Amala badaa taphattoonni Riyaal Maadriid afur mul'isan jedhame qorachuuf qaamni naamuusaa fi amaloota kubbaa miillaa to'atu ramadamee hojiitti jira.''

  18. MM Kanaadaa Maark Kaarnii hariiroon US waliin ture obba'eera jedhan

    Ministirri Muummee Kanaadaa dhihoo kana filaman hariiroon kanaan dura biyyasaanii fi US gidduu ture xumuramuu ibsan.

    Hariioon isaan jedhan kun kan ''walta'iinsa diinagdee, nageenyaa fi humna waraanaa irratti hundaa'e,'' ture.

    Diinagdeen Kanaadaa akkaataa taarifa haaraa Pirezidanti Tiraamp kaa'an dandamachuu danda'uun akka haaraatti ijaaramuu qaba jedhan.

    Kanaadaanis gamasheen taarifa kaa'uun haaloo ni baati jedhan qondaalli kun ibsa gaazexeessitootaaf kennan.

    Taarifi kaa'anis diinagdee US irratti ''dhiibbaa guddaa'' kan qabaatu ta'uu ibsan. Dalataaf karaa kanaan seenaa.

  19. Kirkirri lafaa hamaan Miyaanmaaritti mudachuun fageenya dheeraa rratti Baankookitti miidhaa qaqqabsiise

    Jaarmiyaan qorannoo dachee US Geological Survey jedhamu kirkiri lafaan hamaan Miyaanmaaritti mudate kun magniitiyuudii 7.7 ta'uu mirkaneesseera.

    Iddoon balaan hamaan kun itti mudate kun magaalaa Miyaanmaar Sagaayiing jedhamurraa kallattii kaaba-lixaan kiilomeetira 16 fagaateeti.

    Garuu dambaliin isaa hanga Taayilaand fi kibba-lixa Chaayinaatti fulla'uun miidhaa geessiseera.

    Baankook keessatti gamoowwan balaa kanaan manca'aniiru, Miyaanmaar magaalaa Naayipiidaaw keessatti daandiirra miidhaan ga'eera.

    Gamoowwan dhedheeroon Baankook keessatti argaman akkaataa kirkira lafaa dandamachuu danda'aniin hin ijaaramne, kanaaf miidhaan qaqqabu guddaadha.

    Mootummaan Taayilaand balaa kana ilaalchisee kora hatattamaa gaggeessaa jira.

    Balaan kanaan lubbuun namaa darbuun hin gabaafamne, lubbuu baraartonni gammoo jijjige sakatta'aa jiru.

  20. Itoophiyaatti hakiimonni dubartootaa 50n maaliif osoo dhiira hin makatiin waldhaansa yaalii 10 raawwatan?

    Hospitaalli Kolleejjii Meedikaalaa Miliiniyeem Qulqulluu Paawuloositti gareen ogeeyyii fayyaa dubartoota qofa hirmaachise tokko baatii kana keessa waldhaansa baqaqsanii yaaluu hojjate.

    Gareen waliigalatti ogeeyyii fayyaa 53 hammate kun waldhaansa baqaqsanii yaaluu 10 ol taasiseera. Ministeerri Fayyaa, Dr. Maqdas Dhaabaas garee kana daaw'atteetti.

    Waldhaansi baqaqsanii yaaluu garee ogeeyyii fayyaa dubartoota qofaan kenname kun kaayyoonsaa maaliidha? Dubartootaaf hiika maal qaba?

    Gaaffiilee kanaaf deebii argachuuf BBC'n Sab-ispeeshaalistoota garee waldhaansa kana keessatti hirmaatan Dr. Hanaan Allabbachaw fi Dr. Maartaa Fiqiramaariyaam dubbiseera.