Daawwadhaa: Loltoonni Israa'el Gaazaa keessa bahuu hordofee filisxeemonni yeroo deebiyaa jiran
Loltoonni Israa'el Gaazaa keessaa bahuu hordofee filisxeemonni firaashii isaanii fe'atanii gara Netzaarimitti deebiyaa jiru.
Daawwadhaa!
Har'a Hamaas lammiilee Israa'el gadhiisnaan Israa'el lammiilee Filisxeem gadhiiste. Lammiileen Filisxeem mana hidhaa Israa'elii bahan Ramallaa gahaniiru.
Loltoonni Israa'el Gaazaa keessaa bahuu hordofee filisxeemonni firaashii isaanii fe'atanii gara Netzaarimitti deebiyaa jiru.
Daawwadhaa!

Madda suuraa, Reuters
Loltoonni Israa’el koriidarii Netzaarim jedhamu- zoonii waraanaa kan kaaba Gaazaa Istriip fi kibba lamatti hiru keessaa bahan.
Loltoonni Israa’el bahuu hordofee lammileen Filisxeem dhibba hedduutti lakkaa’aman konkolaataafi gaariidhaan meeshaafi uffata fe’atanii gara Kaaba gaazaatti yeroo deebiyan ni mul’ata.
Loltoonni Israa’el bakka kanaa bahuun bu’uura waliigaltee dhukaasa dhaabuu Israa’eliifi Hamaas gidduuti Amajji 19 irra gahameen kan raawwatamaa jiru yoo ta’u, erga waliigalteen kun hojiirra olee Israa’eloonni butaman 16 fi hidhamtoonni Filisxeem 566 gadhiifamaniiru.
Dhuma sadarkaa jalqabaa hojiirra oolmaa dhukaasa dhaabuu torban sadii turu keessatti ammoo, namoonni butaman 33 fi hidhamtoonni 1,900 ni gadhiifamu jedhamee eegama.
Israa’el akka jettutti taanaan namoota 33 ni gadhiifamu jedhamanii eegaman keessaa saddet du’aniiru.
Akkam jirtu?
Kun toora oduu kallattiin ittiin isin biraan geenyudha.
Odeeffannoo Israa'el fi Hamaas, waan Gaazaa, akkasumas Baha Giddugaleessaatti ta'aa jiru, kan biyyoota Afrikaafi Ameerikaa keessatti amma ta'aa jiru isiniif dhiyeessina.
Dhiyaadhaa!