Hamaas namoota bute sadii gadhiisnaan, Israa'el lammiilee Filisxeem hiite gadhiiste

Har'a Hamaas lammiilee Israa'el gadhiisnaan Israa'el lammiilee Filisxeem gadhiiste. Lammiileen Filisxeem mana hidhaa Israa'elii bahan Ramallaa gahaniiru.

Guduunfaa

  • Hamaas rakkoo Israa'el uumte himachuun butamtoota gadhiisuu dhaabuu ibse
  • Israa'eloota butaman keessaa meeqatu Gaazaatti hafe?
  • Hogganaan UN Hamaas namoota butee qabate gadhiisuu akka itti fufu gaafatan
  • Oduufi xiinxalaaf Chaanaalii WhatsApp fi Facebook BBC Afaan Oromoo hordofaa
  • Loltoonni Israa'el koriidarii Netzaarim jedhamu- zoonii waraanaa kan kaaba Gaazaa Istriip fi kibba lamatti hiru keessaa bahan.
  • Waraana bara 2024 dorgomtoota walitti fide, diina haaraa uume
  • Wixiineen seeraa hojjattoonni mootummaa mindaasaaniirraa buusii miseensummaa paartii akka hin muramne dhorku qophaa'e
  • Tiraamp Kanaadaan 'isteetii 51ffaa' taatee arguu akka barbaadu irra deebiin dubbatan
  • Tiraamp sibiillifi aluminiyeemii biyya alaatii galu hundarratti qaraxa %25 akka kaa'u himan

Haguuggii Tamsaasa Kallattii

  1. Tiraamp Jordaan Filisxeemota semattee akka qubsiiftu amansiisuuf mooticha Waayit Haawusitti simatan

    Tiraamp har'a gara boodaa mootii Jordaaniin wal arguuf

    Madda suuraa, Getty Images

    Pireziidantiin US Doonaald Tiraamp mootii Joordaan Waayit Haawusitti simatanii dubbisuuf jedhu. Dhimmi ijoo marii kanaa ammoo karoora Filisxeemota Gaazaa Joordaan keessatti qubsiisuuf qabametti akka waliigalan amansiisuudha.

    Tiraamp Masriifi Joordaan Filiseemota Gaazaa fudhatanii hin qubsiisan yoo ta'e deeggarsa irraa kutuuf karoorsaniiru.

    Joordaan duraanuu baqattoota Filisxeem miiliyoona 2.39 ol keessummaa jiraachu Ejensiin Baqattootaa Dhaabbata Biyyoota Gamtoomanii beeksiseera.

    Dhaabbatichi Joordaaniin akka ''biyyoota addunyaa irratti baqattoota hedduu keessummeessan keessaa tokko'' jechuun ibsa.

    Akkasumas lammiileen Iraaqii fi Sooriyaa hedduunis tibba waraana bara 2000 fi 2010 keessa gara Joordaaniitti baqatan.

    Mootiin Joordaan Abdallaan biyyi isaanii sadarkaa ''cimaa'' irra jirti jedhu.

    Baankiin nyaataa magaalaa guddoo biyyattii naannawa masjiida giddugala Ammaanitti argamu guyyaa guyyaatti nyaata 1,000 akka raabsu BBC'tti hime.

  2. Filisxeemota lafasaanii irraa buqqisuun yakka guddaadha jedhan pirezidantiin Sooriyaa

    pirezidantii Sooriyaa

    Madda suuraa, Reuters

    Pirezidantiin Sooriyaa Ahmed al-Shaaraan, gaaffii fi deebii Podcast Rest in Politics jedhu waliin godhan irratti Doonaald Tiraamp aangoo marsaa lammaffaa isaaniif “jalqabbii abdachiisaa” qabaachuu isaanii dubbatan.

    Haata'u malee, amma sababii sirnichi jijjiirameef pirezidantiin Ameerikaa qoqqobbii Sooriyaarra kaa'e akka kaasuuf gaafatulleen, wayita waa'ee duguggaa sabaa fi Filisxeemotaa gara Joordaanitti dabarsuu kallattiin gaafatamutti baayyee qeeqe.

    Innis Tiraamp Filisxeemota dirqiidhaan lafa isaaniirraa kaasuuf tattaaffii godhamu hoogganuun isaanii, ''naamusaanis ta'e siyaasaan sirrii hin ta'u'' jedhan.

    Itti dabaluunis, "yakka cimaa dhumarratti fashalaa'uudha" jedhan pirezidantiin Sooriyaa.

  3. Al Sisiin Gaazaan osoo ummanni hin buqqaane deebiftee akka ijaaramtu gaafatan

    Pireszidantii Marisii Ambul Fattaa al Sisii

    Madda suuraa, Reuters

    Pirezidaantiin Masrii Abdal Fattaah al-Sisiin Gaazaa deebifte akka ijaaramtuuf gaafatan, garuu Filisxeemonni naannoo sana keessaa osoo hin buqqisiin akka raawwatamuuf gaafatan.

    Masriin karoora Pirezidaantiin Ameerikaa Doonaald Tiraamp Gaazaa ''dhuunfachuuf'' qaban akkasumas gaaffii kanaan dura biyyattiin baqattoota Gaazaa ollaa irraa akka fudhattu dhiyeessan kuffifteetti.

    Ministirri Dhimma Alaa Masrii, Baadr Abdelaatii, gitasaanii Ameerikaa Maarkoo Ruubiyoo waliin, Waashingitanitti wal arguun, Filisxeemonni “walitti dhufeenya lafa isaanii waliin qaban ilaalchisee” Gaazaa keessa turuun barbaachisaa ta’uu cimsanii dubbataniiru jedha ibsi Ministeera Dhimma Alaa Masrii.

  4. 'Hanga namoota butaman keenya deebi'anitti tarkaanfii kutannoo malee boqonnaa hin qabneen itti fufna'- Netaanyaahuun

    Beeniyaamin Netaaniyaahuun

    Madda suuraa, Getty Images

    Ministirri Muummee Israa'el Beeniyaamin Netaaniyaahuun, ''maatii Shhlomo Mansour gaddarra jiraniif jajjabina onnee guutuu hawwaniiru.''

    Ministirri Mummee kun ibsa kennaniin, nama butamee ajjeeffame kunis akka ''warra biyyattii ijaaran keessaa tokkotti ilaalama'' jechuun ibsan.

    Netaaniyaahuun namni kuni haleellaa Onkoloolessa 7 bara 2023 raawwatameen akka ajjeefame, reeffi ammoo gara Gaazaatti akka geeffame dubbatan.

    "Gadda gadi fagoo maatii kanaa ni qooddanna. Hanga Israa'elitti awwaaluuf deebi'utti hin boqonnus hin callisnus," jechuun Netaaniyaahuun dabalanii dubbatan.

    "Hanga namoota butamanii fudhataman keenya hunda, namoota lubbuun jiranii fi kanneen du'an deebifnutti tarkaanfii kutannoo fi boqonnaa hin qabne fudhachuu itti fufna."

  5. Sambata dhuftu namoonni Hamaaas bute hundi hin lakkifaman taanaan Tiraamp 'Gaazaa gahaannama' gochuuf dhaadatan

    Donaald Tiraamp

    Madda suuraa, Reuters

    Hamaas bu'uura waliigaltee dhukaasa dhaabuu mallatteeffamen namoota Israa'el keessaa bute gadhiisuuf barfachuu booda michuun Israa'el pirezidant Doonaald Tiraamp akeekkachiisan.

    Pirezidantichi Sambata dhuftu guyyaa walakkaatti namoonni butaman marti gadhiifamuu qabuu jedhan.

    Yoo hundi gadhiifamuu baatan 'balaatu bu'a' jedhan. Waliigalteen dhukaasa dhaabuu mallatteeffames ni haqama jechuun dhaadatan.

    Namoonni butaman kun suuta suuta, tokko lamaan osoo hin taane yeroo tokkotti walumatti akka gadhiifaman gaafatan.

    Dubbii himaan Hamaas haasaan dhaadannoon godhamu bu'aa hin qabu'' jedheera. Filisxeemonni haasaa Tiraamp kana morman ammoo Tiraamp yoomiyyuu Gaazaa gahaannama hin godhu'' jedhan.

    Tiraamp garuu ''wantan jedhaa jiru Hamaas ni hubata'' jedhan.

  6. Guutuu biyyaatti ibsaan badee jennaan Ministeerri qamalee komate

    Bara 2022 wayita sababa rakkoo diinagdee ibsana bade

    Madda suuraa, Getty Images

    Biyya Eeshiyaa kan taate Siri Laankaatti ibsaan guutummaatti baduu walqabatee ministeerri biyyattii qamalee buufata humna ibsaa Kibba Kolomboo seente komate.

    Biyya galaanaan marfamtee fi uummata miliyoona 22 qabdu kanatti ibsaan suuta deebi'aa jira. Aanga'oonni biyyattii dursa dhaabbilee fayyaafi bishaan qulqulleessaniif kennanii deebisaan.

    Ministirri Inarjii biyyattii Kumaraa Jayaakoodii yaada rippoortarootaaf kennaniin ''qamaleen utubaa guddaa ibsaa baatutti bu'uun humni akka wal hin madaalle goote'' jedhan.

    Ibsaan Dilbata darbe sababa qamalee kanaan dhaame sa'aatiiwwaniif hin deebine.

    Uummatni biyyattii ta'ii mudatetti qoosaa aangawoota qeeqaniiru.

    Namni Mariyoo Nawfal jedhamu yaada X gubbaa maxxanseen ''qamalee tokko jeeqama guddaa. Yeroo waayee bu'ura misoomaa itti yaadnudha'' jedhe.

    Gaazexaan Daily Mirror gabaasa Wiixata baaseen, amma dura injinaroonni mootummoonni dhufaa darbaa baattuu ibsaa gurguddoof eeggannon akka cimu, ta'uu baannaan ibsaan deddeebi'ee akka badu akeekkachiisanii akka turan gabaase.

  7. Barsiistuun barattuushee waggaa 8 taate waraantee ajjeesuun naasuu uume

    Jiraattoonni yaadannoo muchattii ajjeeffamteetiif daraaraa kaa'aa jiru

    Madda suuraa, News1

    Kooriyaa Kibbaatti barsiistuun barattuushee sadarkaa tokkoffaafi umuriinshee waggaa saddet taate waraantee ajjeessuun biyyattii keessatti naasuu guddaa uume.

    Barsiistuun dubartii umrii 40 keessa jirtu, giddugala magaalaa Daejeon keessatti barattuu kana waraanuushee jecha kenniteen mirkanneessuu poolisiin beeksiseera.

    Intalti kun Wiixata kaleessaa akka biyyaatti sa'aatii 18:00tti (09:00 GMT) irratti gamoo mana barumsaa kutaa lammaffaa irratti waraanamtee erga madooofteen booda kan argamte yoo ta'u, hospitaalatti du'uun ishee mirkanaa'eera.

    Barsiistuun kun mucaayyoo madooftee turte cinaa teessee kan turte yoo ta'u, isheen poolisiin tarii ofumaan of waraantee ta'a jedhee yaada ta'a jedhuun mucaayyoo cinaa akka turte himte.

    Itti aanaan pirezidaantiin Kooriyaa Kibbaa Choi Sang-mok Kibxata har'aa dhimmichi akka qoratamu ajajuun, akkasumas ''taateewwan akkanaa lammata akka hin mudanneef aanga'oonni tarkaanfii barbaachisoo ta'an akka hojiirra oolchan'' gaafataniiru.

    Jiraattoonni naannichaa seensa mana barumsichaa kan Kibxata irraa kaasee cufameerra abaaboofi ashangulliitii kaa'an.

    Barsiistuun kunis Mudde 9 dhiphina sammuu qabaachuu eeruudhaan boqonnaa ji'a jahaa gaafattee kan turte yoo ta'u, garuu boqonnaa guyyoota 20 booda erga doktorri hojiif ga'umsa qabaachuushee mirkanneesseef booda gara mana barumsaatti deebite jedha waajjirri barnootaa Daejeon.

    Barattuu kana waliin hariiroo omaa akka hin qabne qondaalonni himaniiru.

    Taateen ajjeechaa kun osoo hin mudatiin guyyoota muraasa dura barsiistuun kun amala dheekkamsaa agarsiisaa turte jedhan.

    Qondaaltonni waajjira barnootaa lama Wiixata ganama, guyyuma taateen daa'imti itti waraanamtee sana, taatee sana qorachuuf mana barumsichaa daawwataniiru.

  8. Hogganaan UN Hamaas namoota butee qabate gadhiisuu akka itti fufu gaafatan

    Antooniyoo Gutareez

    Madda suuraa, Reuters

    Hogganaan Dhaabbata Biyyoota Gamtoomanii (UN) Hamaas namoota butee qabate gadhiisuu akka itti fufu gaafatan.

    Barreessaan olaanaa Dhaabbata Biyyoota Gamtoomanii, Antooniyoo Gutereez, ''diinummaa Gaazaa keessatti balaa guddaa fidu deebisee jalqabuurraa of qusachuu qabna'' jedhu.

    Barreeffama toora X isaanii irratti barreessanin akkas jedhan: "Hamaas namoota butee qabate gadhiisuuf haaluma karoorfameen akka itti fufu waamichan dhiheessa."

    Akkasumas, gama lamaanuu waliigaltee dhukaasa dhaabuutiin ''guutummaatti bitamuu akka abboomamanii'' fi marii deebi'anii jalqabaniif akeekkachiisaniiru.

  9. Israa'eloota butaman keessaa meeqatu Gaazaatti hafe?

    Namoota ammalleen maatiisaanii butaman akka gadhiifaman eegaa jira

    Madda suuraa, Reuters

    Hamaas Onkoloolessa 7 bara 2023 Israa’el irratti yeroo haleellaa bane namoota 251 butee gara Gaazaatti fudhatee kanneen 1,200 ta'an ammoo ajjeese.

    Namoonni 73 butamanii fudhatamaniifi kanneen biroo sadii kan waggoota kurnan dura fudhataman, kan isaan keessaa tokko akka du'etti yaadamu, ammallee Gaazaatti hidhamaniiru.

    Erga dhukaasa dhaabuun Amajjii 19 hojiirra oolfamee as jijjiirraa hidhamtoota Filisxeem 566tiin Israa’el 16 fi lammiileen Taayilaand 5 butamanii fudhatamanii turan gadhiifamaniiru.

    Xumura dhukaasa dhaabuu marsaa jalqabaa torban sadii keessatti gaggeeffamerratti namoonni butaman 33 fi hidhamtoonni 1,900 bilisa ba’u jedhamee eegamaa ture.

    Israa'el ammoo namoota 33 sana keessaa saddeet du'aniiru jetti.

    Namoonni butamanii ammalleen Gaazaa keessatti hafan marsaa lammaffaa irratti kan gadhiifaman yoo ta'u, mariin isaa ammallee hin xumuramne.

  10. Hamaas rakkoo Israa'el uumte himachuun butamtoota gadhiisuu dhaabuu ibse

    Akkaataa sagantaa qabameen kanatti aansee butamtoonni sadi gadhiifamuuf turan

    Madda suuraa, EPA

    Dubbi-himaan damee waraanaa Hamaas sagantaa butamtoota Israa'el gadhiisuu yeroo biraatti dabarsuu ibse.

    Kanaaf ammoo sababi Israa'el adeemsa waliigaltee dhukaasa dhaabuu sarbuu isheeti jedhe.

    Akkaataa sagantaa qabamee jiruun Sambata dhufu butamtoonni Israa'el sadi ni gadhiifamu, Israa'el ammoo hidhamtoota Filisxeem hedduu gadhiiti.

    Ministira Ittisaa Israa'el kan ta'an Israa'el Kaatzi ibsi Hamaas kun ''waliigaltee dhukaasa dhaabuu guutummaatti diiguudha,'' jedhan.

    Michuu Israa'el kan ta'e Pirezidantiin US Doonaald Tiraamp butamtoonni Israa'el Gaazaa keessatti ugguramanii jiran ''hundi'' Sambata dhufu yoo gadhiifamuu baatan waliigalteen dhukaasa dhaabuu kun ni haqama jedhe.

    Onkoloolessa 7, 2023 guyyaa Hamaas haleellaa tasaa Israa'el irratti raawwate namoonni butaman 73 fi waggaa kurna dura kanneen butaman sadi ammallee Gaazaa keessatti ugguramanii jiru.

    Butamtoonni hundi hin gadhiifaman taanaan ''balaa guddaatu uumama,'' jedhe Tiraamp

  11. 'Sodaa daandiittin gatama jedhu hin qabu' - Gaardiyoolaa

    Peep Gaardiyoolaa

    Madda suuraa, Getty Images

    Leenjisaan Maanchister Siitii Peep Gaardiyoola tapha mo'anii darbuu Shaampiyoonsi Liigii dura miidiyaaleetti yoo dubbatuu leenjisummaarraa ka'a jedhee sodaa akka hin qabne hime.

    Siitiin bara kana kalattiin gara marsaa mo'anii darbuutti ce'uu hin dandeenye. Shaampiyoonaan bara darbee Maadriidis akkasuma. Akka carraammoo gareelee 16 mo'anii darbuutti ce'an keessaa ta'uuf walitti dhufaniiru.

    Gaardiyoolaan gareensaa barana akka gaarii hin jiru.

    Marsaa mo'anii darbuutti kallattiin ce'uun akka isaaniif hin malle amaneera. Dabaluun Maadriid jifattoota addaa qaba jechuun sarara fulduraa Riyaal Maadriid jajeera.

    Qabxii gadaanaa gareensaa galmeessaa jiruun walqabatee yaaddoo hojiisaa dhabuu qabaachuu gaafatamee deebii kenneera.

    ''Doktarri hojiisaa dhaabuuf akka gaafatamuu danda'uu hin beeku. Isteediyoomiiwwan gariinitti 'ganama ari'amuu keetii' yoo naan jedhan dhagaheera, animmoo miira akkasii hin qabu.

    ''Sababni as jiruuf baroota darban injifannoowwan arganneeni, osoo ta'uu baatee anuu as hin jiru, hariiroon qabnu kan akkasiiti.''

    Gaardiyoolaan dabaluun ''yoo nuu milkaahuu baates harka wal fuunee, itti fufna, karaatti nan gatama jedhee garuu hin yaadu'' jedhe.

    Siitiifi Maadriid Kibxata barii tapha jalqabaa Etihaaditti gaggeessu.

  12. Daandiin qilleensaa Itoophiyaa suuraafi waraabbii viidiyoo guyyaa dhalootaa qorachuuf

    Kabaja guyyaa dhaloota

    Madda suuraa, Piponi Tadesse

    Guyyoota dura artiistiifi modeeliin Itoophiyaa xiyyaara guddaa daandii Qilleensaa Itoophiyaa faayame irratti guyyaa dhalootashee kabajuu inistaagiraam irratti maxxansiteetti.

    Maqaa Piponii Taaddesee jedhamuun kan beekamtu suuraaleen fiviidiyoon maxxansite midiyaalee hawaasaa gubbaa guyyootaaf naanna'uu booda Daandiin Xiyyaaraa Itoopiyaa ibsa baaseera.

    Suurriifi viidiyoon mooraa buufata xiyyaaraa Boolee keessatti waraabame beekamtii isaatiin al ta'uu ibse.

    Artistii suura kaate waliin waliigaltee bifa kamuu akka hin qabneef kaffaltiin fudhate akka hin jirre ibseera.

    Dabalataan namoota sagantaa kana qopheessan irratti qorannoo gaggeessee tarkaanfii akka fudhatu ibsa waaree booda kana baaseen beeksise.

    Xiyyarichi kan suphaaf dhaabate ta'uus beeksiseera.

  13. Waraanni Sudaan magaalaa guddoo to'achuutti jabaachuu hordofee mootummaa haaraa akka ijaaru ibse

    Dubartoota konklaataan deemaa jira

    Madda suuraa, AFP

    Waraanni Sudaan magaalaa guddoo Kaartuum humnoota wal waraanaa turan harkaa deebisee erga dhuunfatee booda mootummaa haaraa hundeessuuf barbaanna jechuun deeggarsa dippilomaasii akka taasifamu gaafate.

    Waraanni Sudaan torbeewwan dhiheenya keessa naannoolee magaalaa kanneen kanaan dura Humna Dafee Qaqqabaa (RSF)tiin qabamanii turean deebisee to’achaa jira.

    Hogganaan waraanaa Sudaan Jeneraal Abdal Fataah al-Burhaan dhuma torban darbee walgahii namoota siyaasaa kanneen waraana kana deeggaran irratti akka himanitti, mootummaa yeroo waraanaa ''garee oggeeyyii'' ("teknokraatawaa") ta'e ministira muummee waliin akka ijaaran himaniiru.

    Haata'u malee RSF waliin mariin akka hin jiraanne cimsanii dubbataniiru. Gareewwan lamaan gara waggoota lamatti dhiyaatuuf wal waraanaa turan. Waraana kanaanis namootni miliyoona 12 qe'ee isaanii irraa akka buqqa'aniif kan dirqaman yoo ta'u, hedduun beelaaf saaxilamaniiru.

    Akkasumas Janaraal Burhaan mootummaa heeraa hundeessuun duras heera haaraadhaaf dursi kan kennamu ta'u dubbatan.

    “Mootummaa tiksaa, mootummaa yeroo waraanaa jechuu dandeenya, garuu mootummaa kaayyoo waraanaa keenya hafe, Sudaan finciltoota kanneen harkaa bilisa baasuu, xumuruuf kan nu gargaarudha,” jechuun Sambata darbe dubbatan.

    Ibsi ministeerri dhimma alaatiin Dilbata darbe kenneen, "hawaasni addunyaa, keessumaa Dhaabbanni Byyoota Gamtoomanii, Gamtaan Afrikaa fi Liigiin Arabaa, nagaa fi tasgabbii uumuu fi hojiiwwan ce'umsaa xumuruuf akka waliigaltee biyyaalessaatti roodmaappii mootummaan dhiheesse akka deeggaran" gaafateera.

    Waraanni fi RSF yeroo ta'e kan waliin hojjatan, ergas qabsoo aangoo hamaa keessa seenanii jiru.

    Waraanni deemaa jiru, kan namoonni kuma kudhaniin lakkaa’aman ittiin ajjeefaman kunis Ebla bara 2023 erga Jeneraal Burhaan fi itti gaafatamaan RSF Jeneraal Mohaammad Hamdan Dagalo boca mootummaa gara fuula duraa irratti wal dhabanii booda eegalame.

  14. ''US Gaazaa bitattee kan ofii gochuuf murannoo qabdi'' jedhan Tiraamp

    Uummata Gaazaa

    Madda suuraa, AFP

    Pirezidantiin US Doonaald Tiraamp guutuu addunyaatti yaadni isaanii mormuu kaasus irra deebiidhaan Gaazaa bitanii kan US gochuuf murannoo qabaachuu beeksisan.

    Uummata ulaa Gaazaa miiliyoona lama ta'u bakka biraa akka qubsiisanis himan.

    Yaada rippoortarootatti himaniin biyyoonni Baha Giddugalaa Gaazaa deebisaanii ijaaruu keessatti qooda akka qabaatan gochuun buqqaatonni Filisxeem deebi'anii jireenya bareedaa akka jiraatan akka godhan himan.

    Yaada kana biyyoota ollaa Israa'eliifi Filisxeem dabalatee warrii fagoo fi dhiyoo mormaniiru.

    Ministirri Muummee Israa'el Beenjaamiin Netaaniyaahuu garuu ''karoora warraaqaa fi addaa''ti jechuun jajan.

    Masriifi Joordan kan qubsiisuu Filisxeemotaa keessatti maqaansaanii eerame amma dura karoora kana mormaniiru.

    Pirezidantichi ammoo irra deebiin biyyoota lamaan buqqaatota Filisxeem akka simatan amansiisuuf akka hojjetan dubbatan.

    ''Gaazaa bitanii kan ofii gochuurratti murannoon qaba. Deebisanii ijaaruu ilaalchisee biyyoonni Baha Giddugalaa gariin akka misoomsan kennuufi malla. Warri kaan karaa keenya gochuu danda'u. Garuu ammoo dhuunfachuuf murannoo qabna, fudhachuuf achii Hamaas deebi'ee akka hin dhufne mirkaneessina,'' jedhan.

    Tiraamp eenyurraa Gaazaa akka bitaniifi US akkamiin abbaa akka irratti taatu hin ibsine.

    Yaada kanarraa booda akka hin jenne himanii, bakki kun manca'eera, manca'uusaa wal yaadachiisuun barbaachisa jedhan. Ammoo bakka miidhagaa akka godhan ibsan.

  15. Chaayinaan US dhimma daldalaa akka meeshaa waraanaatti fayyadamu akka dhaabduuf gaaffatte

    Sibiila fe'amee jiru

    Madda suuraa, Getty Images

    Tiraamp oomishaalee sibiilaa fi aluminiyeemii gara Ameerikaatti eragaman irratti qaraxni %25 kaa’uuf yaada dhiyeessan Chaayinaa irratti dhiibbaa guddaa qabaachuu dhiisuu mala.

    Biyyattiin addunyaa irratti oomishtuu fi ergituu sibiilota addunyaa guddaa taatuus, garuu kan gara UStti ergamu baayyee xiqqaadha.

    Qaraxni %25 Tiraamp bara 2018 kaa’e sibiilli Chaayinaa gabaa Ameerikaa keessaa akka hin seennee taasiseera. Sibiila Ameerikaan biyya alaatii galchituu keessaa %1.8 qofatu Chaayinaa irraa argama.

    Beejiing waggaa darbe keessa oomisha aluminiyeemii guddisuu isheetiin dandeettiin ishee garmalee gabaa addunyaa ni liqimsa jedhamee sodaa uumameera.

    Sunis pirezidaanti Baayidan qaraxa %7.5 irraa gara %25tti akka ol guddisan taasiseera. Haata'u malee, ammas US maamila guddaa Chaayinaa miti.

    Meeksikoon bara darbe gabaa oomisha aluminiyeemii Chaayinaan ergitu olaanaa turte. Kanaadaanis sibiilli toonii kuma 200 Chaayinaa irraas bitte.

    Ministeerri Dhimma Alaa Chaayinaa har’a Ameerikaan “mala dogoggoraa ishee sirreessuu fi dhimmoota dinagdee fi daldalaa akka siyaasaa fi meeshaa waraanaa itti fayyadamuu akka dhiiftuuf” gaafachuun mariin akka taasifamu gaafataniiru.

  16. Leenjisaa Miroon Masliik - Baqataa Boosniyaa Liiverpuuliin gatii baasise

    Miroon Masliik

    Madda suuraa, Reuters

    Liiverpuul kilaba Ingiliz Shaampiyoonshippii keessa taphatuu, Pileemaawuziin 1-0n injifatamee abjuun waggaa tokkotti waancaa afur adamsuu jalaa fashaleera.

    Leenjisaan Liiverpuul Arni Isloot falmii waancaa FA keessaa akka itti bahan yoo ibsan hedduu aaruu dubbateera.

    Ammoo Liiverpuul kan bara dorgommii kana yeroo sadii qofa injifatame mo'achuun raajii kan hojjete leenjisaa Miroon Masliik jedhama. Dhiyoo kilabicha taphataa Yunaatiid duraanii Waaynii Rooniirraa fudhate leenjisuu eegale.

    Masliik baqataa Boosniyaati. Bara 1992 biyyasaa waraanni waliinii goolaa ture muca ganna sagalii ta'ee keessaa baqate.

    Jireenyisaa bu'aa bahiin kan gute ture. Inniifi Obboleettiinsaa jalqaba maatii isaanii waliin Oostiriyaatti baqatan.

    Miidiyaaleetti gaafa dubbatu abbaansaa keessummeessaa ta'ee waggoota 30f hojjechuu, harmeensaas qulqulleesituu akka taate hime.

    ''Wantootni waggoota 30 darban keessatti na mudatan wantan amma ta'e akkan ta'u na gargaaraniiru'' jedha.

    ''Yoo amantaa cimaa qabatte wanti hin danda'amne homtuu hin jiru'' kan jedhu leenjisaan kun, Rooniy harkaa kilabichaa erga fudhatee reefu ji'a tokko.

  17. Amma nu gahe, Tiraamp sibiillifi aluminiyeemii biyya alaatii galu hundarratti qaraxa %25 akka kaa'u himan

    Doonaald Tiraamp

    Madda suuraa, Getty Images

    Pirezidantiin Ameerikaa Doonaald Tiraamp har'a gaazexeessitoota isaan waliin xiyyaara Air Force One'n imalaa turaniitti akka himanitti, Wiixata har'aa irraa kaasee sibiilliifi aluminiyeemii biyya alaatii galfamu hunda irratti qaraxa %25 akka labsan himaniiru.

    Akkasumas, Kibxata dhufaa waa’eeqaraxa garagalchoo (reciprocal) biyyoota irra kaa’amu ilaalchisee labsiin akka bahu ibsuudhaan, kanneen kam irratti akka xiyyeeffatamu garuu adda baasuun hin ibsine.

    ''Yoo isaan qaraxa nu kaffalchiisan, nutis isaan kaffalchiifna,'' jedhan Tiraamp.

  18. Tiraamp Kanaadaan 'isteetii 51ffaa' taatee arguu akka barbaadu irra deebiin dubbatan

    Pirezidanti Doonaald Tiraamp

    Madda suuraa, Getty Images

    Tiraamp gaaffii fi deebii Fox News waliin taasisaniin, yaada kanaan dura Kanaadaa isteetii 51ffaa gochuun UStti makamuu akka barbaadan gaafatamanii turan.

    "Kaanaadaan kutaa biyyaa 51ffaa ta'uun baay'ee gaarii ta'a jedheen yaada, sababiin isaas waggaatti Kanaadaa waliin doolaara biiliyoona 200 dhabna, sun ammoo akkas ta'uuf hin hayyamu," jedha.

    Boodarra qondaalli olaanaan tokko Ameerikaan baasii doolaara biiliyoona 200 (£161bn) hambisuun faayidaa Kaanaadaan iargamtu irratti kan bu'uurreeffate yoo ta’u, kan hafe ammoo qaawwa daldalaa Ameerikaa fi Kaanaadaa irraa akka ta’e CNN’f ibseera.

    "Yoo isaan isteetii 51ffaa Ameerikaa ta'an, ana sana gochuun na hin dhibu," jechuun Tiraamp dabalata.

  19. Wixiineen seeraa hojjattoonni mootummaa mindaasaaniirraa buusii miseensummaa paartii akka hin muramne dhorku qophaa'e

    Namoota biilboord fuldura dhaabbatan

    Madda suuraa, Getty Images

    Boordiin Filannoo Biyyaaleessaa Itoophiyaa waajiraaleen mootummaa miindaa hojjattootasaaniirraa miseensummaa paartii siyaasaatiif ''kallattiin'' kutuudhaan paartiiwwaniif akka hin galchine dhorkuudhaaf wixinee seeraa qopheesseera.

    Wixinee labsii Boordiin Filannoo Biyyaaleessaa Itoophiyaa dhiyeesse kanarratti dhimmoota haaraa paartiilee siyaasaa ilaalchisuun hammate keessaa tokko, madda galii paartiilee siyaasaa kan ilaalatudha.

    Seerri hojiirra jiruus ta’e kan fooyya’insi taasifameefis dursaan kan eeran maddi galii paartilee siyaasaa galii miseensootarraa waliitti qabamu akka ta’e eeru.

    Buusiin akkasii kun kan miseensoonni fedhii isaanitiin paartiilee siyaasaatiif buusaniidha. Hojjattoonni waajiraalee mootummaa keessa hojjataniifi miseensa paartii biyya bulchuu ta’an ammoo buusiin kun kan kaffalamu kallatiidhaan mindaa hojjattootaarraa waajiraalee keessa hojjataniin muramudhaan.

    Yeroo tokko tokko ammo hojjattoonni mootummaa fedhiisaanii malee buusiin kun mindaasaanii irraa akka citu yeroon komii itti dhiyeessaan jiraachutu himama.

    Wixineen fooyya’insa labsii amma boordiin filannoo dhiyeesse kun waajiraaleen mindaa hojjattootaa irraa biisuu miseensummaa akka hin kunnee dhorka.

    Wixineen kun dhorkaan madda irra kaa’ee kana qofaa miti. Kaadhimamaan paartii siyaasaa ‘‘kennaa ykn deeggarsa nama kamiinuu kennamuuf’’ dhuunfaadhaan akka hin fudhanne dhorkeera.

    Deeggarsa ykn kennnaa akkasii fudhachuu kan danda’an ’’karaa paartiitiin’’ jedha wixineen kun.

    Kaadhimamaan haala akkanaatiin deeggarsa fudhatan ‘‘gochaan raawwatamee ykn gochiichi raawwatamuu baree sa’aatii 48 keessatti’’ Boordii Filannootti beeksiisuu fi ‘‘waa’ee kennaa ykn deeggarsichaa paartii kaadhimummaan isa dhiyeesseef kenname’’ akka qabu wixinichi ibseera.

    Akkasumas, wiixineen seeraa kun haaluma walfakkaatuun bakka hundatti filannoon biyyaaleessaa gaggeefamuu bakka hin danda'amneetti filannoo 'yeroo garaagaraatti' gaggeeffamuu akka danda'u labsa.

    Boordiin Filannoo Biyyaaleessaa Itoophiyaa dhimmoota kanneen kan beeksiise wixinee fooyya'insa labsii filannoo Itoophiyaa, galmee paartiiwwan siyaasaa fi naamusa filannoo mariidhaaf dhiyeesse irrattiidha.

    Baatii Amajii darberraa eegalee wiixineen qaamoolee dhimmisaa ilaallatu garaagaraa waliin mariin irratti taasifamaa kan jiru yoo ta'u, kunis kan labsii filannoo fi paartiilee siyaasaa waggoota shaniif hojiirra ture kan bakka bu'udha.

    Bulchiinsi Ministira Mumee Abiy erga aangoo qabateen booda kan fooyyeeffame seerri hojiirra jiru Onkololeessaa ALi 2012tti ture.

    Wixiineen fooyya'insa dambii filannoo haaraa kutaalee sagalii fi boqonnaawwan 177n caaseeffame kun filannoo, akkasumas galmee paartiilee fi dhimmoota sochii ilaalatan irratti jijjirama taasiseera.

    Dhimmoota wixineen labsii fooyya'insa filannoo, galmee paartiilee siyaasaa fi naamusa filannoo haaraan kun hammatu keessaa tokko naannoolee hundatti yeroo walfakkaatuutti yeroo filannoon biyyaaleessaa gaggeessuun hin danda'amnetti filannoo dheereessuu raawwachuu kan ilaallatu keessatti argama.

    Filannoon waliigalaa bakka bu'oota ummataa fi miseensoota mana-maree naannoolee filachuuf taasifamu waggaa shaniin biyyattii guuttuutt haala wal fakkaatuun akka gaggeeffamu wixinee seeraa kanarra taa'eera.

    Haata'u malee, filannoo waliigalaa haala walfakkaatuun bakka bundatti gaggeessuuf haalli hin dandeessine uumamuu akka danda'u wixineen kun kaaseera.

    Isaan keessaas ''haalawwan dhimmota nageenyaa, weerara, balaa umamaa.fakkaatan'' jedhamuun eeramaniiru.

    Wayita haalli akkasii mudatuutti boordiin filannoo mana-maree bakka bu'oota ummataa waliin mari'atuun ''filannoon yeroo garaa garaatti gaggeeffamu'' akka danda'u kaa'eera.

    Boordiin Filannoo Biyyaaleessaa Itoophiyaa sababoota nageenyaatiin filannoo waliigalaa eddoowwan garaa garaatti yeroo adda addaa gaggeessaa turuunsaa ni yaadatama.

  20. Waraana bara 2024 dorgomtoota walitti fide, diina haaraa uume

    Gilaabii

    Haleellaa Fulbaana 11 bara 2001 raawwatameen booda BBC'n ta'iwwaan nageenya addunyaaf aguuggii kennuu erga jalqabe barri 2024 xumura bara heddu rakkisaafi kan diinota heddu walitti horedha.

    Barri 2024 taateewwan kan akka kufaatii tasaa Pirezidaantii Sooriyaa Asaad, loltoonni Kooriyaa Kaabaa Raashiyaaf lolan kan itti mudateedha.

    Akkasumas misaa'eloonni Ingilizii fi Ameerikaa gara Yukireen ergamuun Raashiyaa irratti dhukaafaman, misaa'eloonni Iraan ammoo gara Raashiyaatti ergaman.

    Haleellaa qilleensaa Israa'el, humnoota Iraan hidhachiifte, loluuf Libaanosii fi Gaazaa irratti raawwatte, misaa'eloonni Yaman ammoo Israa'el irratti dhukaafame.

    Dambaliin waldhabdee walxaxaa fi burjaaja'aa ta'ee kunis gaaffii murteessaa kan kakaasudha: Toorri waraanaa addunyaa kana caalaa walitti hidhamiinsa argachaa jiruu?

    Mee waan tokko kallattiin haa ilaallu: Pirezidaanti Puutiin warri dhihaa meeshaa waraanaa humna guddaa qaban gara Yukireenitti erguu irraa sodaachisuuf dorsiisulleen, kun Waraana Addunyaa Sadaffaa miti.

    Garuu ammoo waldhabdeewwan pilaaneetii keenyarra jiran hedduunsaanii kallattii idil-addunyaa akka qaban ifaadha. Kanaaf sararoonni kun akkamitti walitti hidhamu?

    Erga Raashiyaan Gurraandhala 2022 Yuukireen irratti weerara bantee as ammoo waraana addunyaa 3ffaa ta'uus baatu sararootni gareewwaan biyyota wal deeggaranii fi morkattoota waraanaa kun ifa bahaa dhufeera. Loltoonni Israa'el koriidarii Gaazaa lamatti hiru keessaa bahan