Hamaas namoota bute sadii gadhiisnaan, Israa'el lammiilee Filisxeem hiite gadhiiste

Har'a Hamaas lammiilee Israa'el gadhiisnaan Israa'el lammiilee Filisxeem gadhiiste. Lammiileen Filisxeem mana hidhaa Israa'elii bahan Ramallaa gahaniiru.

Guduunfaa

  • Hamaas rakkoo Israa'el uumte himachuun butamtoota gadhiisuu dhaabuu ibse
  • Israa'eloota butaman keessaa meeqatu Gaazaatti hafe?
  • Hogganaan UN Hamaas namoota butee qabate gadhiisuu akka itti fufu gaafatan
  • Oduufi xiinxalaaf Chaanaalii WhatsApp fi Facebook BBC Afaan Oromoo hordofaa
  • Loltoonni Israa'el koriidarii Netzaarim jedhamu- zoonii waraanaa kan kaaba Gaazaa Istriip fi kibba lamatti hiru keessaa bahan.
  • Waraana bara 2024 dorgomtoota walitti fide, diina haaraa uume
  • Wixiineen seeraa hojjattoonni mootummaa mindaasaaniirraa buusii miseensummaa paartii akka hin muramne dhorku qophaa'e
  • Tiraamp Kanaadaan 'isteetii 51ffaa' taatee arguu akka barbaadu irra deebiin dubbatan
  • Tiraamp sibiillifi aluminiyeemii biyya alaatii galu hundarratti qaraxa %25 akka kaa'u himan

Haguuggii Tamsaasa Kallattii

  1. Namichi harroota lama Finfinneetti daandii misooma kooridarii irra oofe adabame

    Namtichi Finfinneetti daandii misooma koridarii irra harroota oofe Birrii 5,000 adabame

    Madda suuraa, Waajj. Komunikeshinii Ku. Bul. Qiirqos aanaa 03

    Ibsa waa'ee suuraa, Namtichi Finfinneetti daandii misooma koridarii irra harroota oofe Birrii 5,000 adabame

    Danbii cabsuun harroota lama daandii misooma koridariin hojjetame irra namichi oofe to’atamuun adabamuu Bulchiinsa magaalaa Qiirqositti, Waajjirri Komunikeeshinii aanaa 03 himeera.

    Waajjirri Kabachiisa Danbii aanichaa ‘’harroota lama misooma koridarii irra deemaa turan abbaa qabeenya harroota sana waliin to’ateera,’’ jedhe gabaasni waajjirri komunikeeshinii aanichaa fuula Feesbuukii isaa irratti baase.

    Qajeelfama labsii Kabachiisa Danbii Abbaan Taayitaa magaalaa Finfinnee bara 2016 fooyyessee baase 167 irratti hundaa’uun abbaan qabeenyaa harroota lameenii Birrii 5,000 adabamuu Itti Gaafatamaan Kabachiisa Danbii aanaa 03 Obbo Isxifaanos Geetaachoo himuu isaanii ibseera.

    Misooma koriidarii mgaalli Finfinnee hojjechaa jirtu waliin danbiin kabachiisa seeraa adda addaa bahaniiru.

    Magaalaan Finfinnee amma misooma koridarii marsaa lammaffaatti jirti.

  2. Puutiin nagaaf 'homaa dhiisuu hin barbaadu' - Ajajaa duraanii NATO

    Vilaadmiir Puutin

    Madda suuraa, Getty Images

    Marii Doonaald Tiraamp kaleessa karaa bilbilaatiin Vilaadmiir Puutiin waliin taasisan ilaalichisuun amma ajajaan duraanii Naatoo Weeslii Kilaark deebii kenname isiniif fidneera.

    Kilaark sagantaa BBC Newsday irratti akka himanitti, Puutiin gara minjaala marii geessuun dhimma guddaa miti. Dhimmi murteessaan sababiin mariichi hogganaan Raashiyaa kan “nagaa kanaaf jecha homaa dhiisuu hin barbaadeenee dabalatuuf” nagaa waaraa fiduu danda’uu fi dhiisuu isaati jechuun dabalaniiru.

    Yukireen gama biraatiin ammoo dhukaasa dhaabuun qoqqobbii Raashiyaa irra kaa’ame salphisuu fi Raashiyaan deebitee akka of ijaartuuf yeroo kennuu danda’a jedha Kilaarkiin.

    Akkasumas ajajaan duraanii kun, Yukireen akka gaariitti of ittistee jirti haata'u malee ammoo deeggarsa gahaa argachaa akka hin jirrees dubbata.

    Awurooppaan, US caalaa meeshaa waraanaa fi rasaasa baay’ee kan dhiyeessee yoo ta’u, lamaan isaanii iyyuu waadaa Yukireenif galanii turan guutummaatti akka hin raawwanne dubbatan.

  3. Qaamoolee lamaan walitti fiduu kan danda'u Tiraamp qofa- Hegseet

    Ministirri Raayyaa Ittisa Ameerikaa Piit Hegseet

    Madda suuraa, Reuters

    Ministirri Raayyaa Ittisa Ameerikaa Piit Hegseet, gara waltajjiitti ol bahuun hoggantoota ittisaa waliin ta'aniif haasawa taasisaniin, waamicha barreessaa olaanaa NATO, Maark Ruut biyyoonni oomisha ittisa isaanii akka fooyyessan dhaamuudhaani.

    "Awurooppaa qofa osoo hin taane Ameerikaa keessattis dandeettii sirnaa fi meeshaa waraanaa lola itti fufsiisuuf barbaachisan uumuu qabna", jedha.

    Ministirii Raayyaa ittisaa Ameerikaa itti dabaluudhaan, ''adeemsa'' gurgurtaa meeshaa waraanaa biyya alaa saffisiisuuf waadaa galaniiru, kunis ''michoonni keenya yeroo barbaadanitti waan isaan barbaachisu akka argatan'' taasisa.

    Akkasumas Hegseet, Pirezidaanti Doonaald Tiraamp kaleessa hoggantoota Raashiyaa fi Yukireen waliin erga haasa'anii booda "nama addunyaa kanarraa qaamoolee lamaan walitti fiduudhaan nagaa buusuuf dandeettii qabu tokkicha" jechuun leellisaniiru.

  4. NATO'n kana booda Puutiin lafa dabalataa akka dhuunfatu hin hayyamuu jedhe

    Maark Ruut

    Madda suuraa, Reuters

    Amma yaada haaraa barreessaa olaanaa NATO, Maark Ruut irraa dhageenyee jirra.

    Innis michoota NATO gidduutti ''walitti dhufeenyi ifa ta'e'' mul'achaa jira jedha, kunis ''hundi keenya Yukireen keessatti turee osoo hin taane dafnee nageenyii akka dhufu barbaanna.''

    Akkasumas, Yukireen mariidhaaf ''haala hundarra gaarii ta'e keessa akka jiraattu'' barbaachisaa ta'aa dhufeera jedhan.

    NATO'n Puutiin ''gara fuulduraatti Iskuweer kiiloo meetira tokkicha, iskuweer maayilii tokko Yukireen qabachuuf'' akka yaaltu gochuu hin danda'u jedhan Ruut.

  5. Amma nu gahe, 'Yukireen malee waa'ee Yukireen mariin ta'u hin jiru'- Ministira UK

    Joon Heelii

    Madda suuraa, Reuters

    Ministiroonni ittisaa Nato Biraaselsitti walga'aniitti ministeera raayyaa Ittisaa UK Joon Heelii waa'ee marii dhimma Yukireen irratti dubbatan.

    Heelii yaada Doonaald Tiraamp kaleessa waraana Yukireen irratti kennan ilaalchisuun deebii kennaniin, hojiin NATO ''marii kamiifuu Yukireen ejjennoo cimaa ta'e irraan gahuudha'' jedhu.

    Itti dabaluudhaanis, “Yukireen bakka hin jirreetti waa’ee Yukireen mariin taasifamuu hin danda’u” jedha.

    Akkasumas Heeliin karaa Naatoo Yukireen deeggaru irratti beeksisni haaraan ni jira jedha, kunis humna dhukaasaa haaraa biliyoonaan lakkaa’amu loltoota Yukireen adda waraanaatti argamaniif taasifamuudha jedhan.

    "Nagaa waaraa fi waldhabdee fi weeraraatti akka hin deebine arguu barbaanna," jedha. Akkasumas, "Raashiyaan Yukireen bira darbee balaa taatee akka jirtu hin dagannu," jedhan.

  6. Tamsaasa kallattii egalleera

    Ashamaa hordoftoonni BBC Afaan Oromoo bakka jirtan maratti.

    Tamsaasa kallattii kan ittiin odeessaalee gagabaabaa isin biraan geenyu kan guyyaa Kamisaa kunoo amma eegalleera.

    Odeessaalee kaan bal'inaan argachuuf ammoo marsartii keenya BBC News Afaan Oromoo fi WhatsApp Chaanaalii ilaaluu hin dagatiinaa.

    Bakka nagaa oolaa!

  7. Humni addaa Sudaan kaampii baqattootaa saamuufi ibiddi itti qabsiisuun himataman

    Dubartoota Sudaan

    Madda suuraa, AFP

    Humnooti Addaa Sudaan(RSF) kaampii baqattootaa biyyattii guddicha weeraruun erga saamaniin booda gabaafi manneen danuutti ibidda qabsiisan jedhan Gareen Baqattootaa naannichaa.

    Kaampiin Zamzam kan keessatti argamu Kaabni Daarfur, waggaa darberraa qabee meeshaalee gurguddoon haleelamaa ture, haa tahu malee humni addaa loltoota garasitti erguun himatamuun kan jalqabaati.

    Namni ijaan arge BBCtti akka himetti haalli kaampicha jiru ''akka malee hamaa dha,'' jechuun namoonni miidhaman jiraatanillee hospitaalli kaampichaa tajaajila baqaqsanii yaaluu kennuu dhaabuus himan.

    Magaalli dhihoo jirtu el-Faashar humna addaa waraana biyyattii lolaa jiruun marfamtee jirti.

    Gareen Baqattootaa Sudaan kaampiin Zamzam gaafa Kibxataa weeraramee jedhe.

    Haa tahu malee dubbihimaan RSF loltoonni kaampicha seenuu haaleera, buufata waraanaa biyyattii naannicha jiru lolaafi haleellaa hamaa isaan irratti taasifameen booda to'achuu hime.

    Kaampiin Zamzam buqqaatota walakkaa miiliyoonaa ol hanqina nyaataan rakkachaa jiran qabata.

    Gabaasoti akka agarsiisanitti haleellaan kuni namoota kumaatamaan lakkaa'aman irra deebiin akka buqqa'an taasiseera.

  8. US fi UK'n waliigaltee hubannoo nam-tolchee addunyaa akka hin mallatteessine himan

    Kora hubannoo nam-tolchee jalqabaa

    Madda suuraa, Getty Images

    UK fi Ameerikaan waliigaltee hubannoo nam-tolchee (AI) addunyaa hin mallatteessinu jedhan.

    Biyyoonni kunneen ejjennoo isaanii kana kan beeksisan kora idil-addunyaa dhimma AI irratti Paarisitti taasifameen.

    Faransaayi, Chaayinaa fi Hindiin waliigaltee kora kana irratti qophaa'e kan mallatteessan yoo tahu, kunis guddinni teeknolojii kanaa ''banaa'' ''hunda hammataa'' fi ''naamuusa'' kan hordofe akka tahu mirkaneessuuf kan kaayyeeffatedha.

    Mootummaan UK nageenya biyyaalessaa irratti yaaddoo waan qabuuf qajeelfama kana irratti mallattoo kaa'uu hin dandeenye jechuu qondaaloti ibsa gabaabaa kennaniiru.

    Kanaan dura pireezidantiin ittaanaa Ameerikaa Jeedii Vaans jila Paariisitti argameef ''to'annoon akka malee hubannoo nam-tolchee irratti taasifamu indaastirii jijjiiramaa guddachaa jiru balleessuu danda'a'' jedhaniiru.

    Gama biraan Pireezidantiin Faransaayi Imaanu'el Maakiroon ''hubannoon nam-tolchee gara fuulduraatti akka tarkaanfatu seeroti kunneen barbaachisoo dha,'' jechuun dubbataniiru.

    Waliigalteen biyyoota 60'n mallattaa'e kuni hubannoo nam-tolchee waliingahuu akkasumas teeknolojiin kun haala iftoomaan, amanamummaa fi nageenyisaa eegameen akka guddatu gochuun wal-qoodinsa gama dijitaalaan dhufu hir'isuuf kan kaayyeeffatedha.

  9. UK'n baqattoota bidiruu xiqqoon biyyattii galan lammummaa dhorkuuf

    Godaantota bidiruun deeman

    Madda suuraa, PA Media

    Mootummaan UK seera cimsuun baqattoota bidiruu xiqqoon achi galan lammii Biriittish tahuu akka hin dandeenye gochuufi.

    Qajeelfamni haaraa bahe namni daandii balaafamaa hordofuun seeraan ala UK gale, yeroo hangam turullee lammummaa ni hin argatu. Kunis bidiruu xiqqoo akkasumas konkolaataa keessa dhokatanii darbuu fa'i dabalata jedha.

    Ministirri biyya keessaa ibsa baase kanaan tarkaanfiin jabaatee bahe kuni nama seeraan ala UK gale hunda lammii tahuurraa dhorkaa jedha.

    Haa tahu malee tarkaanfiin kuni Mana Maree Baqattootaa fi miseensota Paartii Leebariin qeeqameera.

    Miseensi Paartii Leebar Isteellaa Kireesii ''jijjiiramni kuni godaantonni lammiilee sadarkaa lammataa tahanii akka hafan godha,'' jette.

    Namni Guraandhala 10,2025 irraa qabee lammummaa argachuuf iyyatu karaa seeraan alaa galeera taanaan agachuu hin danda'u.

    Kanaan dura namni bidiruu xiqqoo fayyadamee karaa seeraan alaa UK yoo gale lammii tahuuf waggaa 10 eega.

  10. Baqataan Itoophiyaa Abbaa Taayitaa Immigireeshinii Ameerikaan to’atamee ture tokko lubbuun darbe

    Baqattota

    Madda suuraa, Getty Images

    Baqataan Itoophiyaa to’annoo Abbaa Taayitaa Immigireeshinii Ameerikaa (ICE) jala ture maqaan isaa Saraawwit Gezaaheny Dajanee jedhamu lubbuun isaa darbuun himame.

    Baqataan umuriin isaa wagga 45 ta’e kun Wiirtuu wallaansa Fayyaa Yunivasiitii Baaner jedhamu kutaa bulchiinsa Fiiniksitti argamu keessatti wallaansi taasifamaafi kan ture yoo ta’u, A L I Amajji 21, 2017 ture doktoroonni du’uu isaa mirkaneessuu Abbaan Taayitichaa ibsa guyyoota muraasa dura baaseen kan beeksise.

    Baqataan kun wallaansa fayyaa argachaa kan ture ta’ulleen, wanti du’a isaatiif sababa ta’e maal akka ta’e kan hin baramiin ta’uu ogeessi fayyaa tokko gabaaseera jedhameera.

    Saraawwit A L I Mudde 14, 2017 irraa kaasee wiirtuu wallaansa fayyaa Baaner Kaasaa Giraanditti, booda ammoo wiirtu Wallaansa Fayyaa Yunivarsiitii Baaner keessa ciisee wallaanamaa kan ture ta’uu ragaan Abbaa Taayitaa Immigireeshiniifi Gumurukii jecha gabaajee ICE jedhamuun beekamu ni mul’isa.

    Akka ragaan ICE irraa argame agarsiisutti, Saraawwit Ameerikaa kan gale A L I bara darbe Hagayya 13, 2016 karaa Lukivil Arizoonaatiin ture.

    Akkuma biyyatti seeneenis eegdota daangaa Ameerikaatiin qabamee hatattamaan akka biyyaa ba’u akeekkachiifni kennameefi ture.

    Ibsi kun dabalataan duuti isaaa maatii baqataa kanatti himamuu eereera.

  11. Hamaas haalli jiru mijoofnaan namoota bute kennuuf qophiidha jedhe

    Aanga’aa olaanaa HamaasBaasem Na’iim

    Madda suuraa, Reuters

    Hamaas “murannoon waligaltee dhukaasa dhaabuuf qabu akkuma jirutti” garuu Israa’el “gocha akka wal xaxu ykn harkifatu taasisuu kamiifiyyu itti gaafatamti” jechuun dubbate.

    Aanga’aa olaanaa Hamaas kan ta’e Baasem Na’iim BBCtti akka himetti, biyyoonni jaarsummaarrratti hojjetan US, Qataar fi Masiriin akka gidduu seenanii waliigaltee dhukaasa dhaabuu bakkatti deebisaniif karri banaadha.

    “Waliigalteen kun akka diigamu hin barbaadnu,” jedhe. gufuun, danqaan kamillee akka hin jiraanne hambisuudhaaf haga dandeenyu hojjechaa jirra. Kana waan ta’eef, yoo haalli jiru karaa jaarsolii mijateef hidhamtoota Sambata dhufu dabarsinee kennuudhaaf nuti qophiidha.”

    Hamaas karoora Pirezidantiin US Doonaald Tiraamp Gaazaa “fudhachuuf” qabu mormuun yaada pirezidaantichaa “kan sanyummaarratti hundaa’dha” jechuun kaoora hin milkoofnedha jedheera.

  12. Masiriin ‘mul'ata’ Gaazaaf qabu nan dhiyeessa jette

    Masiriin “Mul’ata Waligalaa” Gaazaa deebisanii ijaaruuf qaba jette dhiyeessuuf karoora akka qabdu himte.

    Masiriin dhimma Filisxeemotaa mirgoota namoota naannicha keessa jiran ilaalcha keessa galcheen “nageenya waliigalaafi hunduu irrattti waliif galu” milkeessuudhaaf taasifamurratti bulchiinsa Pirezidantii US Doonaald Tiraamp tumsuuf “fedhii qabaachuu” dubbatteetti.

    Ibsi dubbi-himaa ministeera dhimma alaatiin miidiyaa hawaasaarratti qoodame, Masiriin “mul’ata waliigalaa” jiraachuu Filisxeemotaa mirgoota sirnaafi seeraa waliin wal sima jette diyeessuuf karoorfatteetti jedha.

  13. Hojjetaan WFP mana hidhaa Yaman hidhattootaan ta'atame keessatti du’e

    Hidhattoonni Huutii magaalaa guddoo Sanaa dabalatee kaaba dhiha Yaman baay’ee to’atu

    Madda suuraa, EPA

    Hojjetaan Sagantaa Nyaata Addunyaa (WFP) tokko kaaba Yaman kan hidhattoota Huutiin to’atame keessatti hidhaarratti du’uu ejensiin Dhaabbata Biyyoota Gamtoomanii beeksise.

    WFPn akka jedhetti, namni kun hojjettoota lammii Yaman torba Amajjii 23 irraa eegalee aangawoota naannichaatiin ''akka tasaa hidhaman'' keessaa tokkodha.

    Namni kun yoomiifi akkamitti akka du'e ifa miti. Duuti isaa kan labsame ammoo erga Dhaabbanni Biyyoota Gamtoomanii yaaddoo nageenyaatiin walqabatee bulchiinsa kaabaa Saadaa, kan hidhattoonni Huutii Iraaniin deeggaraman keessatti deeggarsa cimaa qabaniitti oppareshinii isaa hunda akka dhaabu ibsee guyyaa tokko booda ture.

    Dhaabbanni Biyyoota Gamtoomanii akka jedhetti, kanneen jaha Saadaatti to'ataman dabalatee dhimma hojjettoota UN saddeet Huutiin qabaman hordofaa akka jiru ibseera.

    Hojjettoonni UN, dhaabbilee miti-mootummaa idil-addunyaa fi Imbaasiiwwan biyyoota alaa 60 ol ta’an duraanuu garee kanneeniin to'annoo jala oolfamaniiru.

    Dubbi-himaan Dhaabbata Biyyoota Gamtoomanii, Farhaan Haaq, “Tarkaanfiin addaatiifi yeroof fudhataman kan dirqama turuu fi barbaachisummaa nageenya fi tasgabbii hojjettoota Dhaabbata Biyyoota Gamtoomanii fi michoota isaa mirkanaa’uu waliin wal madaaluu akka ta'u barbaadudha,” jedhan.

    Daareektarri olaanaa Dhaabbata Sagantaa Nyaataa Addunyaa, Siindii Maakeen, Kibxata darbe barreeffama toora X irratti baasaniin, hojjetaan hidhaa keessatti du'e Ahimad jedhama.

    Akkasumas ''nama gargaarsa namoomaatiif of kennee fi abbaa ijoollee lamaa'' ta'ee gargaarsa nyaataa lubbuu baraaruu geessuuf gargaareera jedhan.

    Akka WFP jedhutti, namni kun bara 2017 irraa eegalee dhaabbatichaaf hojjechaa ture.

  14. Tiraamp yaada US Gaazaa akka qabattu dhiyeessan ittuma cimsaa jiru

    US Pirezidant Doonaald Tiraamp Mootii Yordaanos Abdallaah waliin

    Madda suuraa, Reuters

    Pirezidantiin US Doonaald Tiraamp ejjennoo US Gaazaa akka qabattuuf dhiyeessan ittuma jiraachuu wayita Mootii Yordaanos Abdallaah waliin Kibxata Waayit Hawusitti wal arganitti ifa godhe.

    Hoggantoonni kunneen lamaan yaada Traamp Filisxeemota miliyoona lama ta'an Yordaanos dabalatee gara biyyoota birootti godaansisuun Gaazaa akka fudhatan dubbateen booda yeroo jalqabaatiif wal argan.

    Jalqaba torban kanaa Yordaanosiifi Masiriin Filisxeemota Gaazaa keessa jiran hin fudhatan taanaan gargaarsa akka isaanirraa dhaabuu danda'u Tiraamp yaada dhiyeessee ture.

    Baha Giddugaleessaa keessatti michuu US kan taateefi duraaniyyu Filisxeemota miliyoonaan lakkaa'amaniif biyya kan taate Yordaanos, yaada Tiraamp dhiyeesse diddeetti.

    Mootii Abdallaah erga Tiraamp waliin wal arganii "ejjennoon cimaa" Yordaanos Filisxeemonni akka hin buqqaanedha jedhan.

  15. Hamaas namoota bute Sambata hin gadhiisu taanaan waliigalteen dhukaasa dhaabuu ni diigama-Israa’el

    MM Israa'el Benjaamiin Netaaniyaahuu

    Madda suuraa, Reuters

    Ministirri muummee Israa’el Benjaamiin Netaaniyaahuu Hamaas “namoota keenya butee qabatee jiru hanga Sambata waaree boodaatti [10:00 GMT] hin deebisu taanaan waliigalteen dhukaasa dhaabuu addaan cite waraanni hamaan deebiyee akka ka’u akeekkachiise.

    Hanga beeksisni dabalataa dhufutti namoota butee qabatee jiru dabalataan gadhiisuu yeroo biraatti dabarsuu beeksisuu Hamaas hordofee, Benjaamiin Netaaniyaahuu humnoonni Israa’el Gaazaa keessaafi naannoosheetti akka walitti qabamaniif ajajeera.

    Netaaniyaahuun namoonni butamanii jiran 76 hundi akka gadhiifaman barbaaduufi akkaataadhuma waliigalameen Sambata dhufu kana sadan isaanii qofa ta’uu adda hin baafne.

    Ministirri tokko garuu “hunda isaanii” akka barbaadan akeekaniiru.

    Hamaas gamasaatiin waliigaltee dhukaasa dhaabuu akka kabbaju himuun, “akka wal xaxaa ta’u ykn harkifatuuf” Israa’elitu itti gaafatama jedheera.

    Israa’el gargaarsa namoomaa barbaachisoo ta’an danquu dabalatee waliigaltee dhukaasa dhaabuu amma torban sadaffaa keessa jiru kana cabsiteetti jechuun Hamaas himateera. Israa’el garuu kana ni waakkatte.

    Murteen Hamaas namoota butaman dhum-torbee kana akka gadhiisuuf sagantaa qabame tursiisuu murteessuun, Pirezidantiin US Doonaald Tiraamp Israa’el walumaagalatti waliigalticha haqxee Sambata dhufu “namoonni butaman hundi hin deebiyan taanaan abidda akka roobsituuf” yaada akka kennaniif kakaaseera.

  16. Akkam jirtu?

    Tamsaasa kallattiin isiniif dhiyeessinu jalqabneerra.

    Israa'el fi Hamaas waliigaltee dhukaasa dhaabuu ilaalchisuun quba walitti qabuutti deebiyaniiru.

    Pirezidantiin US Daanaald Tiraamp ammoo 'Gaazaan Gahaannama' akka hin taane jechuun dhaadachaa jiru.

    Kanaafi kanneen biroo argattu.

    Dhiyaadhaa!

  17. Amma nu gahe, Netaaniyaahuun namoonni butaman akka gadhiifamaniif yeroo murteessan

    MM Israa'el Netaanyaahu

    Madda suuraa, Reuters

    Ministirri Muummee Israa’el Beeniyaamin Netaaniyaahuun, Hamaas dhuma torbee kanaatti namoota butaman gadi hin dhiisu jechuu isaatiif deebii kennuu booda har’a walgahii kaabinee sa’aatii afuriif erga dursanii booda, yeroo dhumaa Hamaas warra bute itti gadhiisu ibsaniiru.

    Mummichi Ministiraa kun: "Murteen ani sagalee guutuudhaan kaabinee keessatti dabarse kanadha: Hamaas hanga Sambata sa'aatii walakkaatti namoota butamanii fudhataman keenya yoo hin deebifne ta'e, dhukaasni dhaabuun ni xumurama, waraanni biyyattiis (IDF)nis hanga dhumarratti Hamas injifatamutti lola cimaatti ni deebi'a," jedhan

    "Marii gadi fageenyaa sa'aatii afuriif kaabinee siyaasaa-nageenyaa keessatti gaggeeffame amma xumureera."

    "Hundi keenya haala rifaasisaa booji'amtoota keenya sadan Sambata darbe gadi lakkifaman irratti aarii keenya ibsineerra."

    Akkasumas "Hundi keenya gaaffii Pirezidaanti Tiraamp hanga Sambata guyyaa wallakkaatti namoonni butaman keenya akka hiikaman gaafatan simanneerra. Akkasumas mul'ata warraaqsa pirezidaantichi egeree Gaazaa irratti qabanis hundi keenya simanneerra."

    "Hamaas waliigaltee kana cabsuu fi namoota keenya butee fudhatee akka gadi hin lakkoofne murteessuu ibsuu ilaalchisee, kaleessa galgala irraa kaasee IDF humna Gaazaa keessaa fi naannoo Gaazaa keessaa akka walitti qabuu ajajeera. Oppareshiniin kunis sa'aatii kanatti raawwatamaa jira. Yeroo baayyee dhiyoottis ni xumurama."

    "Murteen ani sagalee guutuun kaabinee keessatti dabarsees kana: Hamaas hanga Sambata guyyaa walakkaatti namoota keenya bute yoo hin deebisne, dhukaasni dhaabuun ni xumurama, IDFn hanga dhumarratti Hamaas injifamutti lola cimaatti ni deebi'a."

  18. Hamaas 'yoo haalli sirraa'e' namoonni butaman gadhiifamu jedhe

    Namni siyaasaa olaanaa garee Hamaas tokko dhukaasa dhaabuu Gaazaa balaadhaaf saaxilamee jirruuf Israa'el akka komatamtu BBC'tti hime.

    Israa'el gamasheetiin waliigaltee kana kan cabsaa jiru Hamaas ta'uu ibsiteetti.

    Dr Baasem Naayim BBC'tti akka himanitti, Hamaas waliigaltee kanaaf kutannoo qabaachuu isaa fi yoo ''haalli kun sirreeffame Sambata dhufu hidhamtoota dabarsee kennuuf qophiidha'' jedhan.

    Hamaas Wiixata kaleessaa Israa’el waliigaltee dhukaasa dhaabuu cabsite jirti jechuudhaan himatee, namoota Israa’elii butaman gadhiisuu itti fufuun yeroo biraatti dabarsaa jiraachu beeksiise.

    Naayim BBCtti akka himaniitti: ''Waliigaltee kana cabsuun itti fufe kun waliigaltee kana ni miidha, waliigaltee kana ni mancaasa, kunis buqqaatonni sa'aatii 48 hanga 72 ol akka deebi'an harkifachuu irraa eegalee."

    Akkasumas gargaarsi ijoo kan akka nyaataa fi qorichi akka hin argamne ibsuun, kanas sababa biraa akka namoota butaman gadhiisuu dhaaban taasiseetti kaasuun isaanii ni yaadatama.

    “Haata'u malee, dhumarrattis doorsisni Netaaniyaahuu irraa dhufe kun Tiraampiin kan deeggarame ta’uu isaa, ibsa namoota miliyoona lama Gaazaa irraa buqqisuuf karoorfachuu isaanii ibsan,” jechuun Naayim dabalaniiru.

  19. Gaazaa irratti haleellaan raawwatamu deebi’ee yoo eegale Huutiin Israa’el irratti xiyyeeffachuuf qophiidha- Hogganaa

    Hidhattoonni Huutiis deeggarsa Filisxeemootaaf agarsiisuuf Israa'el haleelu

    Madda suuraa, Reuters

    Gareen Huutii kan Iraaniin deeggaramu haleellaan Gaazaa irratti raawwatamu deebi’ee kan eegalu yoo ta'e, Israa’el irratti xiyyeeffachuuf qophii ta’uu ibseera.

    Hogganaan Huutii Abdul Maalik al-Huutii haasaa televijiiniin taasisaniin, yaada kana kan dubbatan ta’uu dhaabbanni oduu Rooyitars gabaaseera.

    Erga waraanni Gaazaa jalqabee kaasee hidhattoonni Yaman keessa buufatan kunneen Israa’el irratti haleellaa diroonii fi misaa’elaa dhukaasaa kan turan yoo ta’u, irra caalaan isaa kan fashalaa'e ture.

    Huutiin Galaana Diimaa fi Galoo Galaana Edan keessattis dooniiwwan daldalaa irratti haleellaa raawwataniiru, kunis Filisxeemoota Gaazaatiif deeggarsa agarsiisuuf jechaa turan.

  20. Rubiyaalees 'hayyamashee argadheen dhungadhe' jechuun Mana Murtiitti hime

    Luwiis Rubiyaalees

    Madda suuraa, Reuters

    Pirezidantiin duraanii Federeeshinii Kubbaa Miilaa Ispeen taphattuu Kubbaa miilaa xumura Waancaa Addunyaarratti hidhiirra dhungatee dubbii ijoo ta'e tureen, Mana Murtii dhiyaatee hayyamaan dhungachuu hime.

    Luwiis Rubiyaalees badhaas meedaaliyaa garee Ispeeniif yoo kennu taphattuu Hermoosoo hidhiirra dhungachuu hordofee himannaan haleellaa saala irratti hundaa'ee Mana Murtii dhiyaateera.

    Aanga'aan kun hayyamaan malee dirqiin adda baabiyiitti akka hin dhunganne yoo himu, dhungoon sun tasa kan raawwatame ta'uus dubbate.

    Rubiyaales qeeqa irratti ka'e hordofee aangoo akka gadhiisu godhameera. Ammoo badii hin hojjennee jedha.

    ''Waggoota dheeraafin ishee beeka. Kanin ishee dhungadhe shaampiyoonaa waan taateefidha. Isheef yeroo dinqiidha. Shaampiyoonaa taaneerra, walgalateeffachaa jirra.

    Mudhiikoo jabeessitee na qabdee jennaan ishee dhungachuufin gaafadhe, isheenis tole jette. Kaniin jabeesee qabe akka hin kufneefi'' jechuun Mana Murtiitti hime.

    Hermoosoon amma dura wayita miidiyaaleetti himtu dhungatamuuf hayyaa akka hin kennine dubbatteetti. Ammoo ta'iinsun guyyaa gammachuushee akka jalaa balleesse himte.