Guyyaa har'aa jiraattonni bulchiinsa Somaalilaand pirezidantii haaraa filachuuf sagalee kennaa jiru.
Somaalilaand waggoota 33 dura Somaaliyaarraa walabummaa labsatte. Garuu beekamtii idil-addunyaa hin qabdu.
Ibsa waa'ee suuraa, Filannoo kanarratti maanguddoon utubaa sibiilaan sosso'an qaamaan argamanii sagalee kennaniiru Akka Komishiniin Filannoo Biyyaalessaa Somaalilaand jedhetti taanaan filannoo kanaaf namoonni miiliyoona tokko ol galmaa’aniiru.
Nama pirezidantii ta’e isaan bulchu akkasumas paartiis filatu.
Pirezidantii ta’uf namoota sadiitu dorgomaa jira. Sadanuu filannoo 2017’n kanneen dorgomanidha.
Ibsa waa'ee suuraa, Duula filannoorratti dubartoonniifi dargaggoonni sochii bal'aa taasisaa turan Waggoota shanan dhufaniif namni pirezidantii Somaalilaand ta'u sagalee har'a kennamuun murtaa'a.
Namoonnis sagalee kennaa jiru.
Ibsa waa'ee suuraa, Duula filannoorratti ajandaan ijoo beekamtii idil-addunyaa, dimookiraasiifi dinagdeedha Filannoo pirezidantummaa afraffaa kanarratti kaadhimamtoonni sadii dhihaataniiru.
Pirezidantiin Somaalilaand Musee Bihii Abdii marsaa lammataaf bulchuuf ni dorgomu.
Guyyaa har'aas sagalee kennaniiru.
Madda suuraa, Getty Images
Ibsa waa'ee suuraa, Pirezidant Musee Bihii waggoota torban darbanif Somaalilaand bulchaa jiru Morkataan isaanii ijoo Abdirraahimaan Mohaammad Abdillaahi jedhamu.
Maqaa masoo ‘’Irro’’ jedhamuunis beekamu. Paartiin isaanii Wadaanii jedhama. Filannoo bara 2017 mo’ameera.
Ibsa waa'ee suuraa, Morkataan ijoo Pirezidant Musee, Abdirraahimaan Mohaammad jedhamu Waggoota 11 darbaniif af-yaa’ii mana maree biyyattii ta’un kan tajaajilan Obbo Abdirraahimaan bulchiinsi isaanii beekamtii idil-addunyaa akka argattu akka hojjetan waadaa seenaniiru.