'Raashiyaan meeshaa haaraa fayyadamuun waraana Yukireen hin jijjiiru, deeggaruurraa duubatti nu hin deebisu' -NATO

Raashiyaan balastik misaa’elii ardii qaxxaamuru Yukireen irratti dhukaasuu yaaluun isaa kallattii haala waraana kanaa hin jijjiiru jedhe NATOn. Dubbi-himaan humna waloo kanaa Faaraah Daaklaalaah akka jedhanitti, gochi Raashiyaa kun michoonni Yukireen NATO keessa jiran Kiiv gargaaruurraa duubbatti hin deebisu.

Guduunfaa

  • Ameerikaan maaliif Yukireen misaa'ela akka dhukaastu eeyyamte?
  • Baayidan 'abiddatti boba'aa naqan' jechuun Raashiyaan mufii ibsite
  • Yeroo dheeraa booda US misaa'ela fageenya dheeraa Yukireeniif eeyyamte
  • Israa'el hogganaa miidiyaa Hezbollaa ajjeefte
  • Iloon Maask akka qoratamu senaataroonni US lama gaafatan
  • Raashiyaan haleellaa 'bal'aa' Yukireenirratti raawwatte
  • Fiigichi Guddichi Itoophiyaa Finfinneetti dorgomame
  • Toora tamsaasa kallattii isa darbe

Haguuggii Tamsaasa Kallattii

  1. Amma nu gahe, Yoo Yukireen misaa'ela US dhukaaste Raashiyaan deebii kennuuf dhaadatte

    Yoo Yikireen misaa’ela fageenya dheeraa Ameerikaa daangaa Raashiyaa keessa rukutuuf dhimma itti baate ‘’deebii madaalawaa’’ akka keennitu Raashiyaan beeksiste.

    Dubbii himaan Ministeera Dhimma Alaa Raashiyaa akkana jedhan;

    ‘’Kiiv daangaa keenya rukutuuf misaa’ela fageenya dheeraa yoo fayyaduun Yunaayitid Isteet fi michoonni ishee kallattiin diinummaa Raashiyaarratti hirmaachuu isaanii bakka bu’a,’’ jedhan.

    Akkasumas amala walitti bu’iinsa kana jijjiira jechuun ibsa baasaniin himani.

    ‘’Debiin Raashiyaa madaalawaafi qabatamaadha,’’ jedhan.

  2. Biyyoonni Lixaa meeshaalee waraanaa akkamii Yukireeniif dhiyeessan?

    Biyyoota deeggarsa waraanaa olaanaa Yukireeniif kennan
    Ibsa waa'ee suuraa, Biyyoota deeggarsa waraanaa olaanaa Yukireeniif kennan

    Ameerikaan turtii yeroo dheeraa booda misaa'ela fageenya dheeraa ishee Yukireen Raashiyaa haleeluuf akka itti dhimma baatu eeyyamteetti.

    Biyyoonni Lixaa deeggarsa waraanaa hedduu Yukireeniif kennaniiru.

    Hanga Waxabajjii 2024, qofa hammi biyyoonni Yukireen deeggaran kana fakkaata.

  3. Taphataan Tootenihaam arraba sanyummaan tapha torba adabame

    Roodiriigoo Beentaankor arraba sanyummaan taphoota torba adabame

    Madda suuraa, Getty Images

    Ibsa waa'ee suuraa, Roodiriigoo Beentaankor arraba sanyummaan taphoota torba adabame

    Waldaan Kubba Miilaa Ingiliz, arraba sanyummaa taphataa Tootenhaam Roodirigoo Beentaankor irratti qorataa tureen taphoota torbaan adabame.

    Beentaankor gaaffiif deebii taasise irratti waayila isaa Tootenhaam keessatti waliin taphatan Hiini min Sonii fi durbiin isaa hundi ''waluma fakkaatu,'' jechuun dubbate.

    Gaaffiif deebii yeroo taasisu seera FA E3 jalatti tumame cabseera jechuun adabicha dabarse.

    Dabalataan taphaticha paawondii 100,000 tahuun adabeera.

  4. Baayiden 'abiddatti boba'aa naqan' jechuun Raashiyaan deebii laatte

    Joo Baayiden Yuukireen akka misaa'ela ATACMS fayyadamtu eeyyamuun ''abiddatti boba'aa naquudha'' jette.

    Moskoon haleellaa misaa'elaa kana ''akka inni Yuukireen irraa ka'eetti osoo hin taane akkuma Ameerikaa irraa ka'eettan ilaala,'' jette.

    Raashiyaa fi Putin ejjennoo isaanii ifa godhaniiru. Tarkaanfii Ameerikaa kana akka Waashingitan kallattiin hirmaatteetti fudhanna jechuun waraanichas sadarkaa haaraatti akka ceesisu ibsan.

    Tarkaanfichi beekamaadha. Yeroo aangoo isaanii xumuramaa kan jiru Baayiden ''abiddatti boba'aa naquun'' ittuu hammeessan jette Raashiyaan.

    Hoggantoonni Lixaa waraanicha kan jalqabe Raashiyaadha. Loltoota Kooriyaa bobbaasuun kan hammeeses Raashiyaa matuma isheeti jechuun amanu.

    Dubbii Himaan Pirezidaanti Puutin, Dimitirii Peeskoov garuu tarkaanficha yaadatti qabanneerra. Kun waraanichi bifa biraa akka qabaatu taasisa jedhan.

  5. Raashiyaan loltoota Kooriyaa Kaabaa waan waammatteef, US misaa'ela eeyyamte

    Loltoonni Kooriyaa Kaabaa waraana Raashiyaan Yuukireen irratti gaggeessitu irratti Raashiya cina hiriiran

    Madda suuraa, KOREAN CENTRAL NEWS AGENCY

    Ibsa waa'ee suuraa, Loltoonni Kooriyaa Kaabaa waraana Raashiyaan Yuukireen irratti gaggeessitu irratti Raashiya cina hiriiran

    Pirezidaanti Joo Baayiden akka Yuukireen misaa'ela fageenya dheeraa deemu daangaa Raashiyaa keessatti fayyadamtuuf kan eeyyaman Raashiyaan loltoota Kooriyaa Kaabaa waan waraanichatti afeerteefi.

    Jalqaba ji'a kanaatti loltoonni Yuukireen yeroo jalqabaaf loltoota Kooriyaa Kaabaa wlaiin wal waraanuu himan.

    Kunis daangaa Raashiyaa naannoo Kuriski jedhamtu keessatti ture.

    Waxabajji keessa, Kooriyaa Kaabaa fi Raashiyaan waliigaltee waraanaa walii mallatteessaniiru.

    Kana jechuun tokkoon isaanii yoo haleelaman waraana irratti wal gargaaruus qaba jechuudha.

    Chaansilarri Jarman Olaaf Shoolzi Jimaata darbe Putiniif bilbiluun waraana Kooriyaa Kaabaa hirmaachisuun ''waraanicha hammeessuudha'' jedhee itti himeera.

    Jarman sana booda Putin akka yaada isaanii hin fudhanne hubachuun deeggarsa waraanaa kamiifiyyuu Yuukireen nu lakkaawachuu dandeessi, isin cina jirra jedhan.

  6. Yuukireen diroonota Raashiyaa saddeet rukuttee buusuu himte

    Yuukireen diroonota Raashiyaa saddet haleeltee buusuu ibsite

    Madda suuraa, STATE EMERGENCY SERVICE OF UKRAINE

    Ibsa waa'ee suuraa, Yuukireen diroonota Raashiyaa saddet haleeltee buusuu ibsite

    Humni Ittisa Qilleensaa diroonota Raashiyaan Yuukireenitti dhukaaste 11 keessaa saddet haleelee buusuu ibse.

    Haleellaan diroonii Shaahed jedhamu Poltavaa, Karchiv, Cherkaasii, Cherniivii fi Kiiv keessatti haleelamanii bu'uu humni ittischaa ibseera.

    Raashiyaan Yuukireen keessaa Saamii naannoo jedhamu misaa'eloota baalistikii Iskaandir-M fi Kh-59 kiruus misaa'el jedhamaniin haleelteetti.

    Diroononni sadii ammoo eessa akka bu'an ''dhabaman'' jette Yuukireen.

    Qondaalonni naannoo Saamii haleellaa diroonii kanaan namoonni 10 du'aniiru jedhan.

  7. Gaazexeessaan gameessi dhiirota 8 irratti miidhaa saalaa raawwachuun himatame

    Alaan Joons

    Madda suuraa, Getty Images

    Gaazexeessaan beekamaan Awustiraaliyaa Alaan Joons dhiirota torbaa fi mucaa ganna 17 irratti miidhaa saalaa raawwachuun himatame.

    Maanguddoon ganna 83 kun Wiixata ganama to'annoo jala oole

    Namoota miidiyaalee Awustiraaliyaa keessatti beekamtii guddaa qaban keessaa tokko yoo ta'u, bara 2023 yeroo himannaa miidhaa kun midiyalee biyyattin maxxanfame ni haale.

    Amma himannaan 24 isa mudateera. Lama malee himannaan hundi yakka saalqunnamtiiti.

    Akka Poolisiin jedhetti namoonni miidhaman kunneen maanguddoo kana itti dhiheenyaan beeku. Tokko immoo isa biratti qacaramee akka ture ibseera.

    Kaan ammoo yeroo jalqabaaf isa waliin yeroo wal argan miidhaan irra gahe jedha poolisiin.

  8. Hogganaan miidiyaa Hizbollaah haleellaa Israa'el Beerut keessatti raawwatteen ajjeefaman

    Mohaammad Afiif

    Madda suuraa, Reuters

    Hogganaan miidiyaa Hizbollaah Mohaammad Afiif haleellaa Israa’el giddugala Beerut keessatti raawwatteen ajjeefamuu gareen hidhattoota Libaanos mirkaneesse.

    Ministeerri Fayyaa biyyattii haleellaa kanaan lubbuun namoota 4 darbuu fi namoonni 14 miidhamuu ibseera.

    Namoota beekamoo garee kanaa muraasa lubbuun hafan keessaa tokko kan ta'e Afiif yeroo dhumaaf Wiixata kan argame yoo ta'u, naannoo kibba Beerut bakka gareen kun itti hundaa'etti ibsa gaazexeessitootaaf kenne.

    Gamoo

    Madda suuraa, Reuters

    Ibsa waa'ee suuraa, Gamoo haleellaa kanaan rukutame akka Rooyitars gabaasetti

    Israa’el qondaaltota waraanaa Hizbollaah bira darbee haleellaa babal’isaa jirachuun yaaddoo uumeera jetti Baha Giddu Galeessaatti gabaastuun BBC Liinaa Sinjaab

    Kunis haalli kun daran hammachaa akka jiru ykn furmaata barbaaduuf mallattoon akka hin jirre namootatti agarsiisaa jira. Xiyyeeffannaan Israa’el Libaanos keessatti Hizbullaah irratti qabdu daran hammatee fi bal’achaa jira.” jetti

    Dilbata giddugala Beerut keessatti daandii Mar Eliyaas jedhamu irratti haleellaa biraa raawwatameen namoonni lama ajjeeffamuu fi 13 madaa’uu ministeerri fayyaa Libaanos beeksiseera.

    BBC'n haleellaa lammataa giddugala Beerutitti gaggeeffame irratti humna ittisa Israa’el (IDF) dubbiseera.

    IDF, naannoo magaalaa kibbaatti buufata waraanaa Hizbollaah ja’a irratti haleellaa raawwachuu isaa ibseera.

  9. 'Hunduu garaa natti jabaate' - Guyyoota sagal Tsaggaan butii jala dabarsite

  10. Haleellaa Raashiyaan miidhaa hangamiitu gahe?

    Haleellaan Raashiyaa yaaddoo uumuu aangawoonni Yukireen dubbataniiru

    Madda suuraa, State Emergency Service of Ukraine

    Ibsa waa'ee suuraa, Haleellaan Raashiyaa yaaddoo uumuu aangawoonni Yukireen dubbataniiru

    Haleellaa Raashiyaan Yukireen irratti halkan keessa raawwatteen miidhaan gaheera.

    Haleellaan kuni naannolee Yukireen garagaraa keessatti mudatani.

    Magaalaa guddoo biyyattii Kiiv keessatti haleellaa baqachuun jiraattonni daandii baaburaa lafa jala jirutti dahatani. Ibsaaniis dhaameera.

    Naannoo Dnipropetrovsk jedhamu keessammoo haleellaan daandii baaburaafi mankuusaa baaburaarratti raawwatameera.

    Kanaanis, hojjettoonni baaburaa lama yoo ajjeefaman sadii immoo miidhamaniiru.

    Naannoo Doneesk fi Liviiv keessas haleellaan raawwate ibsaa dhaamseera.

    Caccabaa rokeetiin dubartiin tokkos duuteetti.

    Kibba Yukireen magaalaa Miykolaayivitti haleellaa dirooniin dubartoonni lama yoo ajjeefaman daa’imman dabalatee jaha immoo miidhamaniiru.

    Magaalaa buufata doonii kan taate Odeessatti haleellaan raawwateenis ibsaan dhaameera.

    Akka miidiyaaleen biyya keessaa gabaasanitti magaalota adda addaatti dhohinsi dhagahameera. Bu’uuraaleen misoomaas manca’aniiru.

  11. Raashiyaan misaa'elaafi diroonii 'baay'ee' Yukireenitti dhukaafte

    Haleellaan kuni bu'uuraalee anniisaarratti xiyyeeffate jedhan Pirezidantiin Yukireen Zeleniskiin

    Madda suuraa, EPA

    Ibsa waa'ee suuraa, Haleellaan kuni bu'uuraalee anniisaarratti xiyyeeffate jedhan Pirezidantiin Yukireen Zeleniskiin

    Raashiyaan galgala keessa haleellaa bal’aa caasaa anniisaa Yukireenirratti xiyyeeffate raawwatte.

    Ministirri Dhimma Alaa Yukireen Andirii Siyibihaa haleellaan kuni haleellaa qilleensaa ‘’guddaa hanga ammaa rawwate keessaa tokko’’ jechuun ibsani.

    Haleellaan misaa’elaafi diroonii ‘’magaalota naga-qabeessa, ummata rafaa’’ jirurratti raawwate jechuun himatani.

    Bakkeewwan biyyattii baay’eetti dho’insi dhagahamuu aangawoonni himaniiru.

    Haleellaa Raashiyaa hordofee naannoolee Yukireen sadii keessa ibsaan dhaameera.

    Walumaagala, misaa’elonni 120 fi diroonin 90 ta’an dhukaafamaniiru jedhan Pirezidantiin Yukireen Zeleniskiin.

  12. Iloon Maask akka qoratamu senaataroonni US lama gaafatan

    Iloon Maask

    Madda suuraa, Getty Images

    Seenaataroonni warra Demookiraatii lama Iloon Maask hogganaa Raashiyaa Vilaadmiir Puutiiniifi ilaalcha isaanii wajjiin hariiroo qaba jechuun akka qoratamu gaafatan.

    Seera tumtoonni Jaak Riidiifi Jeen Shaahim Peentaaganiifi Waajjirri Haqaa dhuguma Iloon diina mootummaa Ameerikaa wajjin hariiroo qabaachuu akka qoratan gaafatan.

    Kunis Iloon waajjira mootummaa keessa hojjeta taanaan balaadha jedhanii yaaduni.

    Wool Istriit Joornaal dureessi addunyaa kuni bara 2022tti Puutiin wajjiin ''yeroo baayyee mari'ateera,'' gabaasa jedhu baasus Raashiyaan buusheessiteetti.

    Iloon ergaa gaafa Jimaataa X irratti barreesseen 'himannaa kana eenyu akka irratti banaa jiru akka adda baasuufi abbicha akka haleelu,' hime.

    Biiliyanarri kuni waraqaa qulqulluu tahuusaa mirkaneessu kan icciitii guddaadhaan qabame akka qabu hima.

    Dhaabbannisaa SpaceX illee ittisaafi tika mootummaa federaalaan akka eegamu hime.

    ''Raashiyaan abuurraa samiin irratti fedhii guddaa waan qabduuf Ameerikaaf yaaddoo guddaa tahuu mala,'' jedhan senaataroonni.

    Seenaataroonni Jaak Riidiifi Jeen Shaahim Iloon hariiroo mootummoota alaa qabu hin gabaasnee ittiin jedhan.

  13. Barataan qormaata kufe namoota saddeet waraanee ajjeese

    Baha Chaayinaa

    Madda suuraa, Getty Images

    Mana barumsaa Baha Chaayinaatti barataan namoota waraanuun saddeet du'anii, 17 immoo madaa'an.

    Namni ganna 21 barataa Koolleejjii Teeknikaa yoo tahu taatee kanaan booda to'annoo jala ooleera.

    Ibsi poolisiin baase akka agarsiisutti namni kuni bara 2024tti dha eebbifame.

    Haleellaa kana kan raawwates, ''digriisaa fudhachuuf qabxii gahaa waan hin fidneefi maallaqni shaakala hojiif kennamu xiqqoo tahuurraa kan ka'e dha,'' jedha.

    Poolisiin 'yakkasaa duubatti otoo hin deebi'iin amanee,' jechuun ibse.

    Qorannoon akka itti fufee jiruufi haala jiru 'to'achuu' irratti xiyyeeffachaa jirra jedhe poolisiin.

    Haleellaan kuni kibba Chaayinaatti shufeerri konkolaataa isteediyeemii keessa oofuun namoota 35 ajjeessuun booda dhalate.

    Namni konkolaataa namootatti oofee ajjeesees haadha warraasaa wajjin wal-hiikuun booda yakka kana raawwate.

    Miidiyaa hawaasaa irratti taatee namoonni aarii dhuunfaa isaanii namoota kaan irratti haleellaa raawwachuu haaloo bahachuun baramaa dhufuu irratti mariin adeemaa jira.

  14. Ashamaa!

    Tamsaasni kallattii BBC Afaan Oromoo eegaleera.

    Odeeffannoowwan biyya keessaafi alaa jala jalaan isin biraan geenya.

    Nu faana bu'aa.

    Lafa nagaa oolaa!

  15. Sudaanitti lakkoofsi namoota du’anii kan gabaafameen oli - qorannoo

    Lolli hidhattoota RSF fi waraana biyyatti giddutti gaggeeffamu namoota kuma kudhanitti lakkaa'aman galaafachuun, miliyoonota qe'eerraa buqqise

    Madda suuraa, AFP

    Ibsa waa'ee suuraa, Lolli hidhattoota RSF fi waraana biyyatti giddutti gaggeeffamu namoota kuma kudhanitti lakkaa'aman galaafachuun, miliyoonota qe'eerraa buqqise

    Walwaraansa Sudaan keessatti adeemaa jiruun lakkoofsi namoota du’anii kan duraan gabaafameen ol ta’uu qorannoon haaraan ifoomse.

    Bulchiinsa Kaartum, iddoo lolli bara darbe itti eegaletti namoonni 61,000 ol du’aniiru jedha Sudanitti gartuun qorannoo gaggeessuu ‘London School of Hygiene and Tropical Medicine' jedhamu.

    Namoota du’uun isaanii gabaafame keessaa 26,000 kallattiin lola gaggeeffameen du’ani jedha.

    Kutaalee Sudaan biroo keessatti ammoo namoonni lakkoofsi isaanii kanaa ol ta’e du’aniiru, keessattii naannoo Daarfur keessatti jedha gabaasi kun.

    Darfuritti ajjeechaa jumlaa dabalatee yakkoonni sukanneessaa hedduun qaqqabuun gabaafamaa ture.

    Dhaabbileen gargaarsaa akka himanitti wal-waraansi Sudaan rakkoolee namooma garmalee hamaa ta’e uumuu eeran. Sudaanitti namoonni hedduun beelaaf saaxilamoodha.

    Ammatti Dhaabbata Biyyoota Gamtoomanii dabalatee dhaabbileen gargaarsaa namoonni 20,000 du’uusaanii mirkaneessaniiru.

    Waraana biyyattii keessatti adeemaa jirurraa kan ka’e lakkoofsa namoota du’anii karaa qindaa’een galmeessuun hin danda’amne.

  16. Miseensi paartii Dimookiraatota duraanii tika biyyaalessaa akka hoggantu Tiraamp filate

    Dubartiin kongireesii warra Dimookiraatii duraanii Tuulsii Gabbaard tika biyyaalessaa akka hoggantuuf Tiraampiin filamte. Aangoo kanaan dameewwan waajjira basaasaa Ameerikaa to'achuuf deemti.

    Tuulsiin dubartii dhalootaan Hindii taate, bulchiinsa Hawaayiirraa bara 2013 -2021 Koongireesiitti bakka buute turte.

    Yeroo miseensa warra Dimookiraatii turte Koree Biyyaalessaatti ittaantuu tahuun hogganteetti, boodarra paarticha gadhiisuun nama dhuunfaan pirezidantummaaf dorgomu Barnii Saadars bara 2016tti deeggaraa turte.

    Bara 2020tti warri Dimookiraatii pirezidantummaaf akka ishee muudaman barbaaddi ture, kunis eegumsa fayyaa mootummaan hogganamu, kaffaltii kolleejii bilisa gochuu fi to'annoo qawweeti ture.

    Boodarra garuu dorgommii keessaa baate. Bara 2022 ammoo paartii warra Dimookiraatii gadhiistee dhuunfaan dorgomaa paartishee duraanii qeeqaa turte. Bara kana ammoo paartii warra Rippaablikaaniitti dabalamte.

    Tiraampiifi Tulsii

    Madda suuraa, EPA

  17. 'Tiraamp bulchiinsa ilaalcha dhuunfaasaa fakkaatu ijaaruuf jira'

    Donaaldi Tiraamp

    Madda suuraa, EPA-EFE/REX/Shutterstock

    Rippaablikaanoti yeroo ammaa kongireesii fi seneetii to'atu, kana jechuun aangoo sadarkaa hundarra jiru qabatuu jechuudha.

    Tiraamp yeroo duula geggeessaa turetti biyyattii kallattii addaatti akka qajeelchu waadaa seenee ture. Amma hoggana siyaasaa Kongireesiin deeggaramee yaadasaa hojiirra oolchuuf jira.

    Kaleessa Tiraamp Waayit Haawusitti Joo Baayidan wajjin wal arganiiru, kuni mallattoo aangoo walharkaa fuudhuu Amajji dhufu raawwatuuti.

    Tiraamp garee isaa muudurratti ariitii hojjechaa jira, booda garuu seeneetiin raggaasisuu qaba. Waraana ittisa biyyaaf Piit Heegiz miidiyaa Fox News keessaa hojjetuufi kanaan dura dubartoonni lola qaamaa keessati hirmaachuu hin qaban jedhe muudeera.

    Tiraamp namni abbaa alangee waliigalaa gochuun muudes akkasuma nama wal-falmisiisaadha.

    Namni Maat Gaa'eetiz jedhamu daa'imman saal-quunnamtiif daddabarsuun shakkamee qoratamee ture. Haatahu malee Tiraamp nama ofitti qabatu keessaati.

    Ajandaa pirezidantii kanaas amanamummaan hordofa, bara 2020ttis bu'aan filannoo akka haqamu sagalee kennaniifi himannaan Tiraamp ammaas akka addaan citu nama gochuu danda'udha.

    Pirezidantiin haaraa filatame kuni namoota ilaalcha dhuunfaasaa bu'uureeffachuun filaa jira. Amajjiirraa qabee Amerikaan karaa biraatti qajeelfamti - kanaaf immoo namoonni Tiraamp filachaa jiru agarsiistuu dha.

  18. Ministirri Dhimma Alaa bakka Antoonii Biliinken, Tiraampi muudan Maarkoo Ruubiyoo eenyu?

    Tiraampi senaatera Filooredidaa Ministira Dhimma Alaa USgochuun filatan
    Ibsa waa'ee suuraa, Tiraampi senaatera Filooredidaa Ministira Dhimma Alaa USgochuun filatan

    Senaaterri Filooriidaa Maarkoo Ruubiyoo akka Ministira Dhimma Alaa, US tahaniif Doonaaldi Tiraamp filaniiru.

    Yoo muudamni kun Seeneetiidhaan raggaasifameef yeroo jalqabaaf Laatinoo keessaa nama aangoo kana argate taha.

    Maarkoo Ruubiyoo bara 2016 Tiraampiin ''nama harki gabaabaa'' jechuun qeeqaa ture.

    Tiraampi garuu inni waa'ee harka gabaabbachuukoo dubbate. Osoon gabaabaa tahee, silaa waan hundaakoo gabaabbata. Anaaf si gidduu rakkoon hin jiraatu'' jechuun deebiseef.

    Ergasii garuu ''Maarkoo Xiqqaa'' jechuun torbaniif miiidyaa hawwaasaa isaa irratti qoccolaa ture. ''Nama lafarraa salphatu, falmii tokko irratti nama akka dhadhaa baquu fi dafqi areeda keessa yaa'u,'' jechuun dubbiin tuqaa ture.

    Maarkoonis ''artistii burjaajjii'' jechuun qeeqe. Garuu milkaa'uuf hin dandeenye.

    Maarkoon ergasii callisuun ture. Garuu booda keessa Tiraampiin deeggaraa ture. Kanaaf muudama kanas argate.

    Ilaalchi isaa dhimmoota gurguddoo addunyaa irratti maal fakkaata?

    Yuukireen: Waraanni Yuukireenii fi Raashiyaa dafee dhaabbachuu qaba jedha. Deeggarsa US, Yuukireeniif kennite Doolaara biliyoona jaha tahu mormee ture.

    Chaayinaa; Ruubiyoon Beejiingi yoo ibsu, ''Morkattuu cimtuu Ameerikaa mudate,'' jedhe. Garuu akeekkachiiseera.

    Taayiwaan: Walabummaa fi bilisummaa Taayiwaan nama ifatti deeggarudha.

    Waraana Israa'elii-Gaazaa: Ruubiyoon waraanni Israa'el Gaazaa keessatti jalqabde dhaabbachuu hin qabu jedhee amana. Israa'el garee Filisxeem keessaa Hamaasiin akka balleessitu barbaada.

    Iraan: Iraaniin ammoo ''shororkeessituu'' jedhee waama. Jalqaba waggaa kanaa yeroo Iraan Israa'el irratti misaa'ela dhukaastu tarkaanfii humnaa jabaa Iraan irratti akka fudhattuuf deeggaraa ture.

  19. Elon Maask Doolara tiriiliyoona lama baasii Ameerikaarraa hir'isaa?

    Bara bajataa as aanu (Onkoloolessa 2023 irraa hanga Fulbaana 2024tti) mootummaan federaalaa Ameerikaa Doolaraa tiriliyoona 6.75 baasu Ministirri Faayinaansii Ameerikaa ibseera.

    Elon Maask Onkoloolessa darbe hiriira Tiraamp Niwuyookitti bahameerratti Tiraamp ‘’yoo xiqqaate bajata waliigalarraa Doolara tiliriyoona lama ni hir’isa’’ jedhee ture.

    Doolaarri biliyoona 880- baasii mootummaa Ameerikaa keessaa %13 tahu, dhala idaa biyyattii kaffaluuf oola.

    Doolaarrii tiriliyooni 1.46- baasii mootummaa keessaa %22 kan ta’u ammoo wabii hawaasa biyyattiif oola.

    Kaffaltiin sooramaas kana keessatti hammatama. Maallaqni kun dirqama ni kaffalama. Baasiin mootummaa biraan insuraansii fayyaati.

    Inshuraansonni mootummaan maallaqaan deeggaru keessattuu namoota umrii wagga 65 olii gargaaruun dirqama.

    Kanaafuu baajanni kaffaltiisaa seerri hin dirqamsiisne baajata ittisaa ($ biliyoona 874), geejjibaa ($ biliyoona 137), fi barnoota, leenjii, qacarrii hojii fi tajaajila hawaasummaaf($biliyoona 305) fa’aan kan dabalatudha.

  20. Haati warraa Tiraamp maaliif isa waliin masaraa keessa hin jiraattu?

    Yeroo Giifti Duree taates dubbii isheen wal gahii adda addaa irratti argamuun taasifte baay'ee muraasa.

    Madda suuraa, Getty Images

    Tiraamp gara Waashingitanitti imaluun Joo Baayidan waliin wal arguuf jedha.

    Akkasuma Melaniyaa Tiraamp, Giifti Duree yeroon bulchiinsa isaanii dhumataa jiru [haadha warraa Joo Baayiden, Jil Baayiden] waliin wal arguun mari'achuu qabdi ture.

    Garuu Meelaniyaa Tiraampi, Giifti Duree Jiil Baayiden waliin wal arguun wal gahii gaggeessitu hin jiru.

    Bulchiinsa Tiraampi marsaa jalqabaa keessatti, Waayit Haawus keessa yeroo hedduu hin jirtu.

    Melaniyaan Waashingitan, Waayit Haawus caalaa Niwu Yoorki jiraataa turte.

    Yeroo Giifti Duree taates haasaa isheen wal gahii adda addaa irratti argamuun taasifte baay'ee muraasa.

    Yeroo abbaa warraa ishee akka irra deebiin filatamuuf Kora Biyyaalessaa Rippaabikaanotaa irratti dubbii taasiftu takkaa hin argamne. Kun aadaa siyaasa paartichaa akka cabsitetti ilaalame.

    Ammas akkuma marsaa duraa sana Waayit Haawusitti deebitee isa duraa caalaa hojjetti jedhamee hin eegamu.