'Raashiyaan meeshaa haaraa fayyadamuun waraana Yukireen hin jijjiiru, deeggaruurraa duubatti nu hin deebisu' -NATO

Raashiyaan balastik misaa’elii ardii qaxxaamuru Yukireen irratti dhukaasuu yaaluun isaa kallattii haala waraana kanaa hin jijjiiru jedhe NATOn. Dubbi-himaan humna waloo kanaa Faaraah Daaklaalaah akka jedhanitti, gochi Raashiyaa kun michoonni Yukireen NATO keessa jiran Kiiv gargaaruurraa duubbatti hin deebisu.

Guduunfaa

  • Ameerikaan maaliif Yukireen misaa'ela akka dhukaastu eeyyamte?
  • Baayidan 'abiddatti boba'aa naqan' jechuun Raashiyaan mufii ibsite
  • Yeroo dheeraa booda US misaa'ela fageenya dheeraa Yukireeniif eeyyamte
  • Israa'el hogganaa miidiyaa Hezbollaa ajjeefte
  • Iloon Maask akka qoratamu senaataroonni US lama gaafatan
  • Raashiyaan haleellaa 'bal'aa' Yukireenirratti raawwatte
  • Fiigichi Guddichi Itoophiyaa Finfinneetti dorgomame
  • Toora tamsaasa kallattii isa darbe

Haguuggii Tamsaasa Kallattii

  1. Amma nu gahe, Yukireen yeroo jalqabaaf misaa’ela UK fagoo deemu dhukaaste - Gabaasota

    Yukireen yeroo jalqabaaf misaa’elii ‘Storm Shadow’ jedhamaniifi UK’tti hojjetaman yeroo jalqabaaf daangaa Raashiyaatti dhukaasuu gabaasni mul’ise.

    Dubbii himaan Ministira Muummee UK Keeyir Istaarmar waajjirri isaanii dhimma kanarratti akka hin dubbanne himan.

    BBC’n dhimma kana adda baasuuf yaalaa jira.

    Dhimma kana kan gaafataman Ministirri Ittisaa Yukireen Rusteem Umeroov mirkaneessuu hin feene.

    Yukireen ‘’biyya keenya ittisuuf waan hunda fayyadamti,’’ jechuun addatti hin mirkaneessine.

  2. Hojjettuun manaa qabeenya miiliyoona 2tti timaamamu hattee badde to'atamte - Poolisii

    Mi'awwan shakkamtuun saamuun himame

    Madda suuraa, Poolisii Finfinnee

    Ibsa waa'ee suuraa, Mi'awwan shakkamtuun saamuun himame

    Hojjettuun manaa qabeenya birrii miiliyoona lamatti tilmaamamuufi qabeenya mana hojjechistootasheetii hattee badde to'atamuu poolisiin magaalaa Finfinnee Fuula Feesbuukii irratti ibseera.

    Shakkamtuun yakka kana kan raawwatte kutaa magaalaa Lammii Kuraatti yoo tahu, yakkichas gaafa Onkololeessa 22/2017 dalagde.

    Hojii daldaalaan mana qacaramteetii guyyaa sadaffaatti lafa abbaan manaa hin jiretti maallaqa biyyoota garagaraa akkasumas faayaa warqee hattee baduu miidhamtuun dhuunfaa poolisii Marii Loqqeetti eeruu kennaniiru.

    Shakkamtuun kuni mana qacaramtee otoo hin galiin dura naannoo Abbaadoo jedhamutti mana ji'a sadiif kireeffatte keessa dhokattee faayaa fi wayyaa garagaraa doolaara Ameerikaa kuma 18 akkasumas maallaqa Hindii ruupii wajjin qabamteetti.

    Waraqaan eenyummaa garagraa lama harkashee irratti argamuus poolisiin ibseera.

    Miidhamaan dhuunfaa yeroo ishee qacaran waraqaan wabii agarsiifatte suuraashee akka hin mula'netti gochuun tahuu fi 'amantiidhaan' ishee qacaran jechuun ibsi poolisii Finfinnee agarsiisa.

  3. ‘Yoo Ameerikaan deeggarsa nurraa kutte ni injifatamna’ - Zeleniskii

    Pirezedantii Yukireen Volodmiir Zeleniskii

    Madda suuraa, EPA

    Ibsa waa'ee suuraa, Pirezedantii Yukireen Volodmiir Zeleniskii

    Yoo Ameerikaan deeggarsa waraanaa nurraa kutte ni injifatamna jedhe Pirezedantiin Yukireen Volodmiir Zeleniskiin.

    Zeleniskiin miidyaa Ameerikaa ‘FoX News’ jedhamurratti af-gaaffiif dhiyaatee akkas jedhe:’’Nuti lola itti fufna. Meeshaalee waraanaa omishannu qabna, garuu injifannoof kan nu gahu miti, waraana kanarraa ooluufillee gahaa miti,’’ jedhan.

    Yeroo weerara hamaa kanatti Awurooppaatti tokkummaan dhabamuu kaasan Zeleniskiin.

    ‘’Wanti ijoon tokkummaa Yukireenii fi Ameerikaati,’’ jedhan.

  4. Raashiyaan qajeelfama itti fayyadama boombii geeddaruun nu hin ajaa’ibne’- Ameerikaa

    Dubbi-himtuu ittaantuu Ministeera Ittisaa Ameerikaa Sabrina Siing

    Madda suuraa, Getty Images

    Pirezedantiin Raashiyaa Vilaadmiir Puutin qajeelfama Raashiyaan boombii yoom akka fayyadamtu akeeku geddaran.

    Qajeelfamni haaraan kun haleellaa biyya niwukilara hin hidhanne, garuu biyya niwukilara hidhatte biroon deeggaramtee yoo halleellaan raawwatame akka waloon Raashiyaa haleelanitti ilaalama jedha.

    Ameerikaan garuu Raashiyaan murtoo kanarra gahuun nu hin ajaa’ibne jette.

    Dubbi-himtuu Ittaantuun Ministeera Ittisaa Ameerikaa Sabrinaa Siing, wanta Raashiyaan torbanoota darban baayyee keessa mul’isaa turte jedhan.

    ‘’Haasaa itti gaafatamummaa of keessa hin qabne akkasii argaa turre, dhugaa dubbachuuf taanaan waggoota lamaan darban waanuma kana fakkaatu argaa turre,’’ jedhan.

    Sabrinaa Siing itti dabaluun, ‘’Ameerikaan haalota jiran hordofuu itti fufti, garuu Raashiyaan boombii niwukilaaraatti gargaaramuuf qopha’aa jiraachuu garuu wanti akeeku hin jiru’’ jedhan.

    Sabrinaa Siing akka himanitti, Ameerikaan boombii niwukilaraa ishee qopheessitu wanti barbaachisu hin mudanne.

    Dubbi-himaan Dhimma Alaa Ameerikaa Maatiw Miilar,’’Ameerikaas ta’ee NATO’n Raashiyaaf yaaddoo homaa hin uumne’’ jedhan.

  5. Embaasiin Ameerikaa magaalaa Kiiv jiru haleelamuu mala sodaa jedhuun yeroof cufame

    Imbaasiin Ameerikaa magaalaa Kiyiivitti argamu

    Madda suuraa, Getty Images

    Sadaasa 20, 2024 Yukireenitti Embaasiin Ameerikaa ibsa baaseen, ‘‘odeeffannoo doorsisa haleellaa xiyyaaraa mudachuu malu " argachuu hordofuun yeroof cufame.

    ‘’Of eeggannoo cimaa taasifamuun olitti Embaasichi cufaadha, hojjettoonni Embaasichaa dawoo keessa akka turan ajajamaniiru’’ jedhe.

    Yeroo haleellaan xiyyaaraa jiraachuun akeekkachifamutti lammileen Ameerikaa dawoo keessa akka turan gorsis kennameera.

  6. Fanjiin Ameerikaan Yukireeniif kennuuf murteessite kan akkamiti?

    Fanjii

    Madda suuraa, Getty Images

    Pirezedantiin Ameerikaa Joo Baayiden fanjiiwwan namoonni yeroo itti dhiyaatan dho’an( anti-personnel land mine) jedhaman Yukireeniif kennuuf murteessuu qondaalli waraana Ameerikaa BBC himan.

    Fanjiiwwan akkasii kunneen wayita namoonni itti dhiyaatan dho’u.

    Qondaalli Ameerikaa BBCtti akka himanitti, Yukireen fanjiiwwan kana yeroo murtaa’e qofaaf akka itti gargaaramtu yaadame.

    Fanjiiwwan kun yeroo murtaa’e (sa’aatii afurii hanga torban lamaa) booda dhuka’uu dhisu.

    Fanjiin akkasii dho’uuf annisaa baatirii barbaadu, baatiriin keessaa dhumnaan dhuka’uu dhiisu jechuudha.

    Ameerikaan fanjii kana kennuuf kan murteessiteef Raashiyaan daangaa Yukireen keessa seentee bakka baayyee qabachaa waan jirtuuf kana dhaabsisuuf jedhameeti.

  7. Imbaasiin US Somaaliyaa jiru Somaliilaand fi pirezidantii haaraa filannoo mo'ateen baga gammadde jedhe

    Abdirraahimaan Mohaammad Abdullaahii Irroo

    Madda suuraa, US Embassy in Mogadishu

    Embaasiin US Somaaliyaa, Moqaadishoo jiru Somaaliilaand fi pirezidantii haaraa filannoo mo'atan Abdirraahimaan Mohaammad Abdullaahii Irroo baga gammadde ittiin jedhe.

    Embaasichi fuula miidiyaa hawaasaa isaarratti baaseen, "filannoo ajaa'ibaa gaggeessiteefi aangoo karaa nagaatiin dabarsuu Somaaliilaand itti jirtu naannichaafi isaan alattiyyu fakkeenyadha" jedhe.

    Hogganaan paartii mormituu, Abdirraahimaan Mohaammad Abdullaahii (Irroo jedhamanis beekamu), pirezidantii haaraa Somaalilaand ta’un filatamaniiru.

    Erga mo’un isaanii mirkanaa’e booda ‘’Hunda keenyatu mo’e, Somaalilaanditu mo’e,’’ jechuun tokkummaa labsaniiru.

    Obbo Abdirraahimaan paartii isaanii Waadaanii bakka bu’uun pirezidantii Somaalilaand bara 2017 eegalee aangoorra jiran, Musee Bihii Abdii, mo’atan.

    Ergaa baga gammaddee Embaasii US kana hordofee namoonni muraasni Ameerikaan, keessumaa bulchiinsa haaraa Doonaald Tiraamp ijaarrachaa jiru Somaaliilaandiif beekamtii biyyummaa kennuuf yaadaa? kan jedhu wal gaggaafachaa jiru.

    BBC'n Doonaald Tiraamp Waayit Haawusitti deebi'un Itoophiyaafi mootummaa Itoophiyaaf maal akeeka kan jedhu Xiinxaltoota gaafatee ture.

    Bu'aa Tiraamp filamuun Somaaliyaarratti Itoophiyaa deeggaruu, Somaliilaandiif beekamtii kennufi olaantummaa Itoophiyaan Gaanfa Afrikaa irratti akka qabaattuuf kan Dimokiraatotaa caalaa bulchiinsi Tiraamp deeggaruu akka danda'u himan.

  8. Gulaallii Waancaa Afrikaan Itoophiyaan Kongootiin 2fi 1'n mo'atte

    Itoophiyaan Waancaa Afrikaa 2025'n ala ta'un ishee dura mirkanaa'e

    Madda suuraa, EFF

    Ibsa waa'ee suuraa, Itoophiyaan Waancaa Afrikaa 2025'n ala ta'un ishee dura mirkanaa'e

    Itoophiyaan Rippablika Dimookiraatawaa Koongoo 2fi 1'n mo'achuun Gulaallii Waancaa Afrikaan yeroo jalqabaaf injifannoo galmeessite

    Tapha Kinshaasaatti galgala kana taphatameen daqiiqaa xumuraarratti galchii seeneen Itoophiyaan taphoota gulaallii injifannoon goolabdeetti.

    Galchiiwwan kanas Barakat Dastaa boqonnaa dura, Mohaammadnur Naasir immoo gara xumuraa lakkoofsise.

    Kongoof immoo Dayilaan Baatubiniskaatu lakkoofsise.

    Haa ta'u malee, Itoophiyaan Waancaa Afrikaa 2025'tti darbuu akka hin dandeenye torban darbe baramee ture.

    Itoophiyaan gulaallii kanaaf walumaagala taphoota jaha taphatte. Kan har'aa injifattuus, tokko yoo qixa baatu afran mo'amteetti.

    Rippabliki Dimookiraatawaa Koongoo dursitee Waancaa Afrikaaf darbuu biyya mirkaneeffattedha.

  9. Itoophiyaan tapha xumuraa gulaallii Waancaa Afrikaa taphataa jirti

    Gareen Rippablika Dimookiraatawaa Kongoo Waancaa Afrikaaf darbuu mirkaneeffateera

    Madda suuraa, EFF

    Ibsa waa'ee suuraa, Gareen Rippablika Dimookiraatawaa Kongoo Waancaa Afrikaaf darbuu mirkaneeffateera

    Gareen Kubbaa Miilaa Itoophiyaa galgala kana garee Rippaablika Dimookiraatawaa Kongoo waliin taphatuutti jira.

    Taphni kuni tapha xumuraa yookiin tapha jahaffaa Gulaallii Waancaa Afrikaa 2025’f taasistudha.

    Taphni kuni magaalaa guddoo Rippablika Dimookiraatawaa Kongoo, Kinshaashaatti taphatama.

    Qabxiin tapha kanaa garuu garee lamaanuu hin fayyadu.

    Gareen Kongoo Itoophiyaa morkataa jiru ramaddii H keessaa mataa ta’un Waancaa Afrikaaf darbuu garee mirkaneeffatedha.

    Gareen Itoophiyaa immoo xumura torban darbe Taanzaaniyaadhaan erga mo’amee booda dorgommiin ala ta’un mirkanaa’eera.

    Taphoota shan gulaallii kanaaf taphatee tokko yoo qixa bahu, afur mo’amuuni kan dorgommiin ala ta’e.

  10. Erga leenjisaan qaruuraa biiraan rukutaman booda biyyi adabamte

    Leenjisaan Meeksikoo yeroo morkataa isaanii harka fuudhuuf jedhan itti darbatame

    Madda suuraa, Getty Images

    Ibsa waa'ee suuraa, Leenjisaan Meeksikoo yeroo morkataa isaanii harka fuudhuuf jedhan itti darbatame

    Honduraas tapha itti aanu qe’eetti yoo taphattu bakka deeggaraan hin jirre akka ta'u murtaa'e.

    Kunis, erga leenjisaan garee biyyaalessaa Meeksikoo qaruuraa biiraan rukutamanii dhiigni isaanii dhangala’e boodadha.

    Biyyoonni lamaan dhihoo tapha Konkaakaaf (Concacaf) irratti walitti dhufanii turan.

    Concacaf Konfedereeshinii Waldaa Kubbaa Miilaa Kaaba, Giddugalaafi Kaaribiyaanidha.

    Tapha sanarratti ture leenjisaan meeksikoo Haaviyeer Aguyeer taphni xumuramee leenjisaa Honduraas Reyinaaldoo Ruweedaa harka fuudhuf yeroo jedhan kan rukutaman.

    Tapha kana Honduraasitu 2fi 0’n mo’atee ture.

    Badii raawwate kana gareewwan lamaanuu balaaleeffataniiru.

  11. Itoophiyaan pirezidantii haaraa Somaalilaand filataman 'baga gammaddan' jette

    Itoophiyaan filannoo Somaalilaand jajuunis ibsa baastee turte

    Madda suuraa, MFA

    Ibsa waa'ee suuraa, Itoophiyaan filannoo Somaalilaand jajuunis ibsa baastee turte

    Ministeerri Dhimma Alaa Itoophiyaa Obbo Abdirrahimaan Mohaammad Abdullaahii pirezidantii haaraa Somaalilaand ta’anii filatamuu isaaniin baga gammaddan jedhe.

    Ministeerichi ibsa baasen ''ga’umsa dimookiraasii fakkeenya ta’u mul’isaniif’’ Pirezidantii biyyattii Muusee Bihiifi pirezidantii haaraa filataman dinqisifateera.

    Bulchiinsa aangootti dhufuufis milkaa’ina hawwuu ibsi bahe eera.

    Filannoon pirezidantii torban darbe taasifame guyyaa har’aa qabxiin isaa barameera.

    Akkaatuma kanaanis dorgomaan paartii mormituu Obbo Abdirrahimaan Mohaammad injifachuu isaanii Komishiniin Filannoo bulchiinsa Somaalilaand beeksiseera.

    Somaalilaand bara 1991 walabummaa labsattuus Somaaliyaan garuu ammallee akka qaama isheetti ilaalti.

    Waliigalteen ulaa galaanaa bulchiinsi kuni Itoophiyaa waliin waggaa darbe mallatteessite Gaanfa Afrikaatti muddama ammallee hin qorrineef ka’umsa ta’eera.

  12. Puutiin fayyadama niwukileeraa Raashiyaa irratti qajeelfama jijjiiran

    Vilaadmiir Puutiin

    Madda suuraa, SPUTNIK/KREMLIN POOL/EPA-EFE/REX/Shutterstock

    Ibsa waa'ee suuraa, Raashiyaan Yukireen waliin erga waraana eegaltee har'a guyyaa 1,000 guuteera

    Vilaadmiir Puutiin qajeelfama niwukilaaraa Raashiyaa irratti jijjiirama taasisuu mirkaneessan.

    Kunis haala haaraa meeshaa waraanaa kana itti fayyadamuu danda'an ilaallata.

    Qajeelfamni kuni haleellaan biyya niwukilaara hin qabneen garummoo biyya niwukilaara qabuun yoo deeggarame akka haleellaa walootti ilaalama jedha.

    Jijjiramni qajeelfamaa kuni Fulbaana darbe kan bahe yoo tahu Kibxata har'aa guyyaa 1,000 ffaa waraana Yukireen ilaachisee ragga'eera.

    Murtoon kunis Waashingitan gaafa Wiixataa Yukireen misaayela fageenya dheeraa akka fayyadamtu eeyyamuun booda dha.

    Guyyaa har'aa immoo Yukireen misaa'ela fageenya dheeraa imaluu kana dhukaasuu ishee Raashiyaan beeksisteetti.

  13. Amma nu gahe, Yukireen misaa'ela US fagoo imalu natti dhukaaste jette Raashiyaan

    Erga guyyaa kaleessaa Pirezidantiin Ameerikaa Joo Baayidan misaa’ela fageenya dheeraa imalu Raashiyaa ittiin haleeli jedhanii eeyyaman booda Raashiyaan mufii ibsaa turte.

    Inumaa yoo Yukireen dhukaaste 'deebii mul’atu' akka kennitu akeekkachiisteetti.

    Guyyaa har’aa yeroo jalqabaaf Yukireen meeshaa misaa’ela US kanaan fayyadamuun itti dhukaasuushee Raashiyeen beeksisteetti.

    Haleellaan kuni Raashiyaa naannawa Biriyaanisk rukutuu ministeerri Ittisaa Raashiyaa ibsa baasen beeksiseera.

    Ibsi bahe misaa’elonni shan rukutamanii lafa bu’uufi tokkommoo erga rukutamee booda caccabaan isaa wiirtuu waraanaa naannicha jirurratti ibidda qabsiisuu eere.

    Yukireen misaa’ela US kana dhukaasuu ishee ifatti dubbachuu baattus, miidiyaaleen Yukireen garuu gabaasaniiru.

  14. Paartii mormituu filannoo pirezidantummaa Somaaliilaand mo’atan

    Abdirahaaman Mohaammad Abdullaahi Irroo

    Madda suuraa, Abdirahman Iro

    Filannoo pirezidantummaa tibbana Somaaliilaand gaggeessiteen kaadhimamaan paartii mormituu Abdirahaaman Mohaammad Abdullaahii Iroo injifatan.

    Abdirahaaman Mohaammad Abdullaahi Irroo kaadhimamaa paartii Waddaanii yoo tahan, morkataa jabaa tahuun dhiyaatan.

    Paartii Kulmiyyee bakka bu’uun kan dorgoman pirezidantiin Somaaliilaand amma aangoorra jiran Musee Bihii injifataman. Hogganaa haaraa kun eenyu akka ta'an bali'naan asii argattu.

  15. Yukireen erga weeraramtee guyyoota 1000 guutuus ‘’ tasumaa harka hin kennuu’’ jette

    Pirezedantii Yukireen Volodmiir Zeleniskii

    Madda suuraa, Getty Images

    Ibsa waa'ee suuraa, Pirezedantii Yukireen Volodmiir Zeleniskii

    Yukireen guyyaa 1000ffaa Raashiyaan weeraramte yeroo kabajaa jirtutti ammas weerara Raashiyaaf tasumaa akka harka hin kennine ibsite.

    ‘’Yukireen weerartootaaf tasuma harka hin kennattu, Waraanni Raashiyaa seera idil-addunyaa cabsuu isaaf ni adabama’’ jechuun Ministeerri Dhimma Alaa Yuukireen har’a ibse.

    Pirezedantiin Yukireen Volodmiir Zeleniskiin wayita biyyattiin guyyaa weerarri irratti baname yaadattu kanatti Paarlaamaa Awurooppaaf addatti ibsa kennuuf jiru.

    Halkan edaa Kaaba baha Yukireen, naannoo Samii jedhamutti haleellaa diroonitiin namoonni saddeet ajjeefamaniiru.

    Dilbata darbees haleellaa Raashiyaa birootiin namoonni 89 ajjeefamaniiru.

    Poolisiin Yukireen akka beeksisetti, haleellaa diroonii gamoo mana jireenyaa Lukivitti raawwateen namoonni 12 mada’aniiru.

    Zeleniskiin toora X gubbaatti gamoon haleellaan irratti raawwatame doormii barattootaa ta’uu ibsan.

  16. Tiraamp waraana Ameerikaatti gargaaramuun godaantoota biyyaa ariyachuuf

    Tiraamp godaantota biyyaa baasuuf  loltootatti akka gargaaramuu fi labsii yeroo muddamaa akka labsu himeera

    Madda suuraa, Rooyitars

    Ibsa waa'ee suuraa, Tiraamp godaantota biyyaa baasuuf loltootatti akka gargaaramuu fi labsii yeroo muddamaa akka labsu himeera

    Pirezedantiin Ameerikaa haaraa filatame Doonaald Tiraamp miidiyaa hawaasummaa isaarratti godaantota eeyyama biyyattii keessa jiraachuu hin qabne loltoota gaqrgaaramuun akka biyyaa baasu beeksise.

    Tiraamp yaada kana kan dhiyeesse seenaa Ameerikaa keessatti godaantota baayyee biyyaa baasuuf karoorfate akkamitti galmaan ga’a jedhamee gaaffiin yeroo irratti dihyaataa jiruttidha.

    Tiraamp Waayit Haawus akkuma seenen guyyaa jalqabaatti godaantota biyyaa baasu akka eegalu irra deddeebiin beeksise.

    Tiraamp miidyaa hawaasaa isaa ‘Truth Social Network ‘ jedhamurratti qondaalota bulchiinsa isaaniif muudan Wixata kaleessaas beeksisuu itti fufeera.

  17. ‘Misaa'illi Ameerikaa Raashiyaatti yoo dhukaafame deebii mul’atuun kenna’- Mooskoo

    Misaayila ATACMS

    Madda suuraa, Getty Images

    Ibsa waa'ee suuraa, Misaa'ela ATACMS

    Yukireen misaa'ela Ameerikaa fageenya dheeraa gargaaramuun Raashiyaan yoo haleelte deebii ''sirrii fi qabatamaa'' deebii kennina jetti Raashiyaan.

    Haleellaan akkanaa Raashiyaatti raawwatamnaan,’’Ameerikaan kallattiin waraanatti hirmaachuu akeeka'' jedha Ministeera Dhimma Alaa Raashiyaa.Ameerikaa maal jetti? Bal'inaan asii argattu.

  18. Manni-maree Finfinnee Misooma Koriidariin walqabatee mirga himatamuu miseensa shakkame mulqe

    Sa’id Alii Kamaal

    Madda suuraa, EBC

    Manni-maree Finfinnee kora idilee wagga 4ffaa bara hojii 1ffaa taa’een mirga himatamuu dhabuu miseensa isaa tokko irraa mulqe.

    Miseensi kun Misooma Koriidarii sababa godhatee karaa sirii hin taaneen, "manneen jireenyaa ja'aafi mana daldalaa tokko diiguudhaan," bakka sana "abbootii qabeenyaa appaartaamaa hojjetaniif" dabarfamee akka kennamu gochuudhaan shakkamuun mirgi himatamuu isaa kan irraa ka'eef.

    Obbo Sa'id Alii Kamaal, gocha isaa kanaaf "birrii miliyona ja'a matta'aan" akka fudhates ibsameera.

    Mirgi miseensa mana-maree magaalichaa Sa’id Alii Kamaal jedhamu kan irraa mulqameef gaaffii ministeera haqaatiin dhiyaateen ta’uu Koreen dhaabbii nagaa, haqaafi bulchiinsa gaarii mana-marichaa beeksiseera.

    Koreen dhaabbii kunis himannaa malaammaltummaa ministeerichaan dhiyaate qoracuun mana-marichaatiif gabaasa dhiyeesseera.

    Manni-marichaas gabaasa dhiyaate ilaaluun miseensi kun yakka malaammaltummaa ittiin shakkamaniin himachuuf mirga himatamuu dhabuusaanii akka irraa mulqamuuf (ka’uuf) sagalee guutuun murteessuusaa odeeffannoon biiroo komunikeeshinii magaalaa Finfinnee ni mul’sa.

  19. Haleellaa xiyyaaraa Turkiin Sooriyaatti raawwatte namoota miliyoona tokko bishaan dhabsiise

    Namoonni naannoo Hassakeh jedhamu jiraatan bishaan taankariin dhiyaatu qofa argataa jiru
    Ibsa waa'ee suuraa, Namoonni naannoo Hassakeh jedhamu jiraatan bishaan taankariin dhiyaatu qofa argataa jiru

    Haleellaa xiyyaaraa Turkiin kaaba-baha Sooriyaatti raawwatte tajaajila elektirikiifi bilbilaa namoota miliyoona tokkorraa kute.

    Ogeeyyiin akka jedhanitti, haleellaan kun tarii seera idil-addunyaa kan sarbe ta’uu mala.

    Turkiin Onkoloolessa bara 2019 irraa kaastee hanga Amajjii bara 2024tti buufata boba’aa, bu’uuraalee misoomaa gaazii boba’aa fi buufataalee humna elektirikaa bulchiinsa Kurdoota Kaaba fi Baha Sooriyaa keessatti argamanii haleeltetti.

    Haleellaan Turkii kun rakkoolee namoomaa iddoo goginsaafi wal-waraansaan miidhametti hammeesseera.

    Duraanuu naannichatti hanqina bishaan dhugaatiitu naannichatti mul’ataa ture, haleellaa Turkiin Onkoloolessa bara darbee keessa raawwatte buufata anniisaa bishaan naannichaaf dhiyeessuuf oolu cufe.

    BBC yeroo lama naannicha wayita daawwatetti hawaasni naannicha jiraatan rakkachaa jiraachuu mirkaneeffate.

    Turkii garuu’’ madda galiifi dandeettii’’ garee Kurdoota addatti foxxoquu barbaadanii laaffisuuf haleellaa raawwachuu ibsite.

  20. Tamsaasa kallattiin deebineerra

    Akkam jirtu hordoftoota keenya? Tamsaasa kallattii keenya Kibxata har'aa eegalleerra.

    Nu hordofaa.