
Madda suuraa, US Embassy in Mogadishu
Embaasiin US Somaaliyaa, Moqaadishoo jiru Somaaliilaand fi pirezidantii haaraa filannoo mo'atan Abdirraahimaan Mohaammad Abdullaahii Irroo baga gammadde ittiin jedhe.
Embaasichi fuula miidiyaa hawaasaa isaarratti baaseen, "filannoo ajaa'ibaa gaggeessiteefi aangoo karaa nagaatiin dabarsuu Somaaliilaand itti jirtu naannichaafi isaan alattiyyu fakkeenyadha" jedhe.
Hogganaan paartii mormituu, Abdirraahimaan Mohaammad Abdullaahii (Irroo jedhamanis beekamu), pirezidantii haaraa Somaalilaand ta’un filatamaniiru.
Erga mo’un isaanii mirkanaa’e booda ‘’Hunda keenyatu mo’e, Somaalilaanditu mo’e,’’ jechuun tokkummaa labsaniiru.
Obbo Abdirraahimaan paartii isaanii Waadaanii bakka bu’uun pirezidantii Somaalilaand bara 2017 eegalee aangoorra jiran, Musee Bihii Abdii, mo’atan.
Ergaa baga gammaddee Embaasii US kana hordofee namoonni muraasni Ameerikaan, keessumaa bulchiinsa haaraa Doonaald Tiraamp ijaarrachaa jiru Somaaliilaandiif beekamtii biyyummaa kennuuf yaadaa? kan jedhu wal gaggaafachaa jiru.
BBC'n Doonaald Tiraamp Waayit Haawusitti deebi'un Itoophiyaafi mootummaa Itoophiyaaf maal akeeka kan jedhu Xiinxaltoota gaafatee ture.
Bu'aa Tiraamp filamuun Somaaliyaarratti Itoophiyaa deeggaruu, Somaliilaandiif beekamtii kennufi olaantummaa Itoophiyaan Gaanfa Afrikaa irratti akka qabaattuuf kan Dimokiraatotaa caalaa bulchiinsi Tiraamp deeggaruu akka danda'u himan.