Xiyyaarri Itoophiyaa waggoota jaha booda gara Asmaraa balali'uu dhaabe

Daandiin Qilleensa Itoophiyaa balalii gara Ertiraa taasisu dhaabuuf akka jedhu ibsa baasen beeksise. Biyyoonni lamaan waggoota 20 booda hariiroo erga tolfatan booda ture bara 2018 imallii xiyyaaraa gara Asmaraa kan eegale.

Guduunfaa

  • Xiyyaarri Itoophiyaa waggoota jaha booda gara Asmaraa balali'uu dhaabe
  • 'Dhiifama naaf godhaa jedheen isin kadha' - Netaaniyaahu
  • 'Netaaniyaahun kanneen ugguraman gadhiisisuuf hojii quubsaa hin hojjanne' - Baayiden
  • UK’n eeyyama meeshaa waraanaa 30 gara Israa'el taasifamu addaan kutte
  • Haati warraa Kaazimeroo abbaa warraashee bira dhaabbatte
  • Manni murtii Israa'el lagannaan guutuu biyyaa akka dhaabatu ajajus mormiin itti fufe
  • Qurxummiin guddichi Raashiyaaf 'basaasu' Norweeyitti du'e
  • Israa'el keessatti mormiin halkan guutuu gaggeeffame
  • Sheefiin beekamaa Ertiraafi dubartiin tokko Landanitti ajjeefaman
  • Hoggantoonni barnootaafi siyaasa walitti naquu hin qaban - Pirof. Birhaanu
  • US Iraaq keessatti miseensota IS 15 ajjeefuu beeksifte
  • Zeleniskiin jettiin gatii jabaa caccabnaan ajajaa humna qilleensaa ari'an
  • Ajajaan Hamaas haleellaa Weest Baankiin ajjeefamuu Israa'el beeksiste

Haguuggii Tamsaasa Kallattii

  1. Ministirri duraanii Israa'el Oppareshiniin Weest Baank 'ofirraa ittisuudha' jedhan

    Gamoo barbadaa'e

    Madda suuraa, Getty Images

    Ibsa waa'ee suuraa, Ijoollee Filisxeemootaa Kaampii Nuur Shaamsi keessatti gamoo guyyaa Roobii barbadaa'ee osoo ilaalaa jiranu

    Ministirri olaanaa duraanii Israa'el tokko, tarkaanfiin Raayyaa Ittisa Israa'el (IDF) amma Weest Baank keessatti gaggeessuu ''sochii ofirraa ittisuu'' jechuun deeggarte.

    Ayeelet Shaaked sagantaa BBC World Service Newsday irratti akka dubbatanitti, "IDF duguuggaa sanyii'' kan haleellaa bara darbe Onkoloolessa 7 Israa'el keessatti raawwatameen wal fakkaatu ''gara biraa ittisuuf sochii raawwataa jira" jette.

    Shaaked, "Hamaas Gaazaa keessatti dadhabaa akka jiru odeeffannoo tikaa qabna. Kanaaf, Weest Baank keessatti haleellaa shororkeessummaa Israa'el keessatti akka raawwataniif shororkeessitoota Hamaas jajjabeessuuf yaalaa jiru" jedhan osoo bal'ina isaa hin ibsiin.

    ''Ofirraa eeguuf waan dandeenyu hunda gochaa jirra,'' jedhan aangawaan kun.

    Akkasumas, Shaaked, himannaa qondaaltonni fayyaa Filisxeem Weest Baank waraanni Israa'el tarkaanfi waraanaa fudhatu irratti hojjettoota yaalaa gufachiiseera jechuun dhiyeessan haalanii, "Israa'el Weest Baank keessatti ambulaansii bilisaan akka socha'uuf hayyamaa jirti" jedhan.

  2. Suurawwan haaraa Tulkaam bakka Israa'el 'shororkeessitoota shan' itti ajjeesse jetterraa

    Israa'el magaalaa Weest Baank taate, Tulkaarm bakka l ''shororkeessitoota hidhatee shan'' ''masjiida keessa dhokatanii'' jiran keessati ajjese jettee suuraawwa haaraa achii bahaa jiru.

    Nutis suuraawwan haaraa bakkicharra argannee akkasiin dhiyeessinera.

    Tulkaarm naannoolee afur humnaan qabataman keessaa tokko yoo taatu, Israa’el Roobii darberraa jalqabdee “dula farra shororkeessummaa” gaggeessaa jirti. Kunis sodaa idil-addunyaatiin kaaseera.

    Taankk loltoota Israa'el

    Madda suuraa, Getty Images

    Konkolaatoota Israa'el

    Madda suuraa, Getty Images

    Loltoota Israa'el

    Madda suuraa, Getty Images

    Konkolaataa daandii banaa jiru

    Madda suuraa, Getty Images

  3. Israa'el waraanaa Gaazaa gara Weest Baankiitti fidaa jirti- nama siyaasaa Filisxeem

    QOndaala siyaasaa Hamaas

    Bakka sakkatta'insi Weest Baank keessatti ganama kanas itti fufee jirutti, namni siyaasaa Filisxeem tokko Israa'el ''waraana Gaazaa irraa gara Weest Baankii fiduuf'' yaalaa jirti jedhe.

    Barreessaan olaanaa fi hundeessitoota dhaabbata siyaasaa Weest Baank kan ta’e, Inishiyeetiivii Biyyaalessaa Filisxeem (Palestinian National Initiative) keessaa tokko kan ta’an, Musxafaa Barghouti, Roobii galgala chaanaalii BBC News'tti akka himanitti, oappareshiiniin waraanaa dhiheenya kanaa kun balaa haala hammeessuu qabaachuu akka malu sodaachuu ibsan.

    ''Waraanni Israa'el waraana Gaazaa irraa gara Weest Baankiitti fiduuf yaalaa jiraachunsaanii ifaadha,'' jedhan Barghouti.

    Itti dabaluudhaanis, "Meeshaalee waraanaa fayyadamuun namoota qabaman haleelaa jiru, kunis gochaa cimaa seera idil-addunyaa cabsudha," jedhan.

    Roobii kaleessaa ammoo, Waajjirri Mirga Namoomaa Dhaabbata Biyyoota Gamtoomanii (OHCHR) akka jedhetti, oppareeshiniin waraanni Israa'el dhiheenya kana Weest Baank keessatti raawwate ''haala seera idil-addunyaa cabsuu fi kan haala duraanuu ta'aa jiru kan daran hammeessuu danda'uutiin'' gaggeeffamaa jira.

    Israa'el humnoonni ishee "gareewwan shororkeessummaafi seelii shororkeessummaa" Weest Baank keessaa irratti xiyyeeffataa jiru ejjannoo jedhuun itti fufte.

  4. US Israa'el Weest Baank keessatti 'namoota nagaa akka hin miineef' gaafatte

    Ameerikaan humnootiin Israa'el erga kaaba keessatti oppareeshinii cimaa gaggeessuu egalaniin booda, lubbuu namoota nagaa ittisuudhaaf ''tarkaanfiiwwan danda'aman hunda'' akka fudhattuuf gaafatte.

    Ibsa dubbi himaan Ministeera Dhimma Alaa Ameerikaa baaseen, “Fedhii nageenyaa Israa’el baay’ee dhugaa ta'uu ni hubanna, kunis sochii shororkeessummaa Weest Baanki keessatti qolachuu dabalata,” jedha.

    "Haaluma wal fakkaatuun, aanga'oonni Israa'el lammiilee nagaa hunda miidhaa irraa eeguuf tarkaanfii akka fudhatan cimsinee gaafachuu itti fufna."

    Itti dabaluudhaanis, Waayit Haawus ammallee ''Weest Baank keessatti tasgabbii eegsiisuun itti fufuurratti yaaddoo guddaa qaba'' jedha.

  5. Masriin waliigaltee waraanaa booda Somaaliyaaf meeshaa waraanaa ergite

  6. Humni waraanaa Isra'el 'shororkeessitoota' masjiida Weest Baank keessa dhokatan shan ajjeessuu hime

    Loltoota Israa'el

    Madda suuraa, Getty Images

    Kamisa ganama kana humnoonni waraanaa Israa'el akka jedhanitti, "shororkeessitoota hidhannoo qaban shan" kanneen "masjiida keessa dhokatanii" turan, duula naannoo magaalaa Weest Baank Tulkarmitti gaggeeffameen ajeefaman.

    Ibsa waloo, humnoota ittisaa Israa'el (IDF), dhaabbanni nageenya biyya keessaa Shin Bet fi Poolisii Daangaa Israa'el baasaniin, humnoonni Israa'el ''walitti dhukaasa'' keessa Filisxeemoota shan ajjeesuu isaanii ibsan.

    HUmni ittisa Israa'el (IDF) akka jedhutti, namoota halkan tokkotti Weest Baankii keessatti ajjeefaman keessaa tokko hogganaa "dhaabbata shororkeessummaa" naannoo Nur Shams keessatti kan ta'e Muhhamad Jabber akka argaman ibse.

    Itti dabaluudhaanis, qondaaltota Israa’el jijjiirraa kana irratti hirmaatan keessaa tokko miidhaan salphaan irra ga’ee yaala fayyaaf gara hospitaalaatti geeffame jedha.

  7. Taphataan 'ajaa'ibaa' Liiverpuul bitate Kiyeezaan maaliif yaaddessaa ta'e?

  8. Antooniyoo Gutereez Israa'el oppareeshinii Weest Baank keessatti gaggeessitu 'atattamaan' akka dhaabbatu gaafatan

    Antoniyoo Gutarees

    Madda suuraa, Reuters

    Barreessaan Olaanaa Dhaabbata Biyyoota Gamtoomanii (UN) Antooniyoo Gutereez, oppareshiniin Israa’el Weest Baank keessatti gaggeessaa jirtu hatattamaan akka dhaabbatu gaafatan.

    Gutereez barreeffama toora X irratti barreesseen, wanti yeroo dhiheenya keessa Weest Baankiitti ta'aa jiru kan ''baay'ee yaaddessuudha'' jedha.

    "Daa'imman dabalatee lubbuu namootaa darbuu cimseen balaaleffadha. Oppareeshiiniin kunis hatattamaan akka dhaabbatun gaafadha," jedha.

  9. Namni siyaasaa Ameerikaa gaazexeessaa isa qeequun barreesse ajjjeese hidhaa umurii guutuun adbame

    Nama siyaasaa umuriin isaa wagga 4 ta’e Roobert Teelis

    Madda suuraa, Getty Images

    Namni siyaasaa Ameerikaa, Nevaadaa yeroo aangoorra turetti gaazexeessaa na qeequun barreesse jedhe ajjeesee, hidhaa umurii guutuun adabame.

    Namni siyaasaa umuriin isaa wagga 47 ta’e, Roobart Teelis gaazexeessaa qorannoo Barruu Laas Veegaas ta’e, Jeef Jarmaniin ajjeesuun yakkamaa ta’eera.

    Namni siyaasaa kun gaazexeessaa kna waan qara qabuun waraanee ajjeesuun to’annoo jala kan oole waggaa lamaan dura ture.

    Dhaddacharratti abbootiin alangaa qeensa gaazexeessaa ajjeefamee jalatti qaccee sanyii (DNA) argate akka ragaatti dhiyeesaniiru.

    Namni siyaasaa kun himannaa irratti dhiyaate kana wakkateera.

    Dhaddacha guyyoota lamaaf tureen booda Roobii Hagayya 28, 2024 yakka kana raawwachuusaa murteen irratti darbeera.

    Kutaa Kilaark jedhamu keessatti bara 2018 gaggeessaa ummataa ta’uun kan filatame Roobart, yeroo murtiin kun irratti darbutti boquu isaa cabsee yeroo taa’u mul’ateera.

    Namni siyaasaa kun ta’e jedhee, itti yaadeefi karorsuun gaazexeessaa kana ajjeesuu isaa manni-murtii mirkaneeffateera.

    Hidhaan umurii guutuu kan itti murtaa’ namni siyaasaa kun erga wagga 20 hidhamee booda ol iyyannoo gaafachuu ni danda’a.

  10. Namichi fayyisaadha ofiin jedhu buqqee mataa namaa 24 waliin qabame

  11. Mootummaan hidhattoota Waraana Bilisummaa Oromoo karaa nagaan harka kennan leenjii haaromsaa galchuu hime

    Loltoota WBO harka kennatan jedhaman

    Madda suuraa, Fuula FB Biiroo Kominikeeshinii Oromiyaa

    Kutaalee Naannoo Oromiyaa garagaraatti hidhattoonni Waraana Bilisummaa Oromoo-WBO kan mootummaan ABO Shanee jechuun waamu ‘karaa nagaan harka kennachaa jiraachuu’ mootummaan yeroo garaa garaatti himaa jira.

    Odeeffannoo Biiroon Komunikeeshinii Oromiyaa ALI Hagayya 22, 2016 fuula Feesbuukii isaarratti baaseen “waamicha nagaa mootummaan irra deddeebiin taasisaa jiru hordofee miseensonni ABO Shanee garee shororkeessaa ta’an hedduun karaa nagaatiin mootummaatti harka kennachaa jiru” jedheera.

    Godina Shawaa Lixaatti jalatti kan argamu Aanaan Jalduu immoo aanaalee hidhattoonni Waraana Bilisummaa Oromoo karaa nagaatiin harka kennaniiru itti jedhame keessaa tokko.

    Itti gaafatamaan Waajjira Komunikeeshinii aanichaa, Obbo Jifaaraa Caalchisaa guyyoota sadeen darbanitti aanichatti hidhattoonni 25 karaa nagaatiin galuu BBC’tti himaniiru.

    “Hidhattoonni kunneen waamicha mootummaan irra deddeebiidhaan godheef kabajuudhaan akkasumas hojii siyaasaa hoggansii fi caasaaleen nageenyaa aanaa keenyaa waliin ta’uun hojjetaniin dhufaniiru,” jedhan.

    Kana malees mariin kutaalee hawaasaa akka dursitoota amantii, jaarsolii biyyaa, Haadholii Siinqeefi dargaggoota hirmaachisuun taasifamanis kanaaf akka gumaache himaniiru.

    Obbo Jifaaraan itti dabaludhaanis hidhattoonni tibbana karaa nagaatiin galan kunneen gara giddugala leenjiitti geeffamuus himaniiru.

    Gama biraatiin ibsa Waraanni Bilisummaa Oromoo-WBO guyyoota lama dura karaa toora miidiyaa hawaasaa isaa X kan duraan Tiwitara jedhamutiin baaseen, dhaabni biyya bulchu “saamtota maqaa ‘Shanee’ jedhuutiin leenjisanii bobbaasan walitti qabanii galchuun ‘WBOn gaaffii uummataa dhagahee harka kennate’ jechuuf qophiitti jiru” jedhee ture.

    Dhimma kana kan gaafanne Itti gaaftamaan Waajjira Komunikeeshinii Aanaa Jalduu, Obbo Jifaaraa Caalchisaa, “akka aanaa keenyaatti mootummaatu ijaaree gadi ergee mootummaatu galchaa jira wanti jedhamu akka aanaa keenyaatti wanta dhugaarraa fagaatedha” jechuun BBC’f deebiisan.

    Gama biraatiin hidhattoonni karaa nagaatiin harkasaanii kennatan jedhamaniifi mooraa haaromsaa seenuun himame kunneenis yemmuu leenjii haaromsaa xummuranitti maatii fi hawaasatti akka makaman Biiroon Komunikeeshinii Oromiyaa himeera.

  12. 'Rakkinni nama jabeessa' - Baqataa Keeniyaatti daldalaan milkaa'e

  13. Hoogganoonni Baha Afrikaa dura taa'ummaa Komishinii Gamtaa Afrikaaf Raayilaa Odiingaa deeggaran

  14. Qubattoonni Israa'el waraana dawoo godhachuun lafa Filisxeem dhaalaa jiraachuu qorannoon saaxile

  15. Itoophiyaan 'qaamolee kaan Gaanfa Afrikaa jeequf sosso'an callisee hin ilaalu' jette

  16. Tamsaasni kallattii xumurame!

    Tamsaasni kallattii BBC Afaan Oromoo Roobii galgalaa xumurame.

    Kamisa ganama walitti deebina.

    Lafa nagaa bulaa!

  17. Paaraalimpikiin Paaris sirna ho'aan eegale

    Artistoonni agarsiisa garagaraa dhiheessaniiru

    Madda suuraa, Getty Images

    Ibsa waa'ee suuraa, Artistoonni agarsiisa garagaraa dhiheessaniiru

    Paaraalimpikiin Paaris galgala har'aa sirna ho'aan eegaleera.

    Walmorkiin Paaraalimpikii guyyoota 11'f taasifamummoo Kamisa eegala.

    Paaraalimpikii Paaris irratti atileetonni biyyoota 184 bakka bu'an gosoota ispoortii 22 irratti hirmaatu.

    Walumaagala medaaliyaan 549 qophaa'eraaf jedhameera.

    Sagantaan haala bareedaan taasifamaa ture

    Madda suuraa, Getty Im

    Ibsa waa'ee suuraa, Sagantaan haala bareedaan taasifamaa ture

    Akkuma Olompikii, sirni baniinsaa Paaraalimpikiis yeroo jalqabaaf isteediyeemiin ala taasifame.

    Atileetonni 4,400 ta'anis irratti hirmaataniiru.

    Dorgomaan duraanii gosa ispoortii Paaraalimpikii Tiwoo Kuriin konkolaataa kana oofuun sagantaarra mul'atan.

    Konkolaataa dorgomaan duraanii oofan

    Madda suuraa, Getty Images

    Ibsa waa'ee suuraa, Konkolaataa dorgomaan duraanii oofan
  18. Daa'imni muuziyeemitti hambaa umrii 3,500 qabu tasa daaraa godhe

    Abbaan daa'ima kanaa dhiifama jedhaniiru

    Madda suuraa, Shay Levy, Hecht Museum

    Ibsa waa'ee suuraa, Abbaan daa'ima kanaa dhiifama jedhaniiru

    Taateen kuni Kaaba Israa’el muziyeemii Haayifaa jedhamu keessatti mudate. Dooccoowwan kuni waggoota 3,500 dura hojjetaman.

    Daa’imni ganna afurii garuu tasa itti bu’ee caccabseera.

    Dooccoon kuni yeroo muuziyeemii keessa agarsiisaaf dhihaatu daawwitiin hin dhokfamne jedhameera.

    Abbaan daa’ima kanaa, daa’imi kuni dooccoo kana keessa ‘’maaltu jira’’ jedhee ilaaluuf ‘’dooccoo kana ofitti harkise’’ jedhan.

    Achi kufee caccabe. Kanaanis rifachuu dubbatan.

    Ogeessi dhimma akkana caccabe kana walitti fidan waan jiranif walitti deebisu jedhameera.

    Abbaan ilma kanaas ‘’gadduu’’ ibsanii dooccoon walitti suphamte arguuf akka fedhan dubbataniiu.

    Taatee kana boodas meeshaalee hambaa durii kana daawwannaan agarsiisuu hin dhaabu jedheera.

    Dooccoon kuni dhugaatii wayinii yookiin zayitii ejersaa ittiin qabachuuf hojjetamuu hin oolle jedhamee amanama.

    Ogeessi dooccoo caccabe walitti suphan jiru jedhameera

    Madda suuraa, Shay Levy, Hecht Museum

    Ibsa waa'ee suuraa, Ogeessi dooccoo caccabe walitti suphan jiru jedhameera
  19. Paaraalimpikiin Paaris galgala har'aa eegala

    Dorgommiin Paaraalimpikii qaama miidhamtootatu irratti hirmaata

    Madda suuraa, Getty Images

    Ibsa waa'ee suuraa, Dorgommiin Paaraalimpikii qaama miidhamtootatu irratti hirmaata

    Paaraalimpikiin Paaris galgala har'aa eegalee hanga Fulbaana 8'tti fulla'a.

    Sagantaa hawwataan akka eegalus Paaris waadaa seenteetti.

    Paaraalimpikiirratti atileetota qaama miidhamtootatu hirmaata.

    Itoophiyaanis morkattoota gara Paaris erguun ishee gabaafameera.

    Itoophiyaan seenaa Paaraalimpikiin medaaliyaa warqii jalqabaa Tookiyootti galmeessuun ishee ni yaadatama.

    Akka qopheessitoonni Paaraalimpikii Paaris ibsanitti, hanga ammaa tikkeetiin miiliyoona lama gurgurameera.

  20. Yun. Parduu Pirof. Gabbisaatiif badhaasa guddaa biraa kenne

    Pirof. Gabbisaa Ejjetaa kana dura badhaasota garagaraa argataniiru

    Madda suuraa, Purdue Agronomy

    Ibsa waa'ee suuraa, Pirof. Gabbisaa Ejjetaa kana dura badhaasota garagaraa argataniiru

    Yunivarsitiin Parduu Ameerikaatti argamu dhalataa Itoophiyaa Pirof. Gabbisaa Ejjetaatiin badhaasa 'The Legends of Agronomy' jedhamu badhaase.

    Badhaasa kana Pirof. Gabbisaa dabalatee hayyuulee saddeetiif kenname.

    Badhaasni akkanaa hayyuulee muummee Agironomii Yunivarsitii Parduuf gumaacha olaanaa bahataniif kan kennamudha.

    Badhaasni kuni kana dura bara 2007 fi 2012 kennameera. Inni bara 2024 kan sadaffaati.

    Pirofeesar Gabbisaa Ejjetaan qorannoo bisingaarratti taasisaniin badhaasa garagaraa argataniiru.

    Baranuma Pirezidantii US irraa Medaaliyaa Biyyaalessaa Saayinsii [National Medal of Science] badhaafamaniiru.

    Eegasiimmoo qorannoofi Afrikaa keessa beelli akka badu cichoomina guddaa taasisaniif badhaasa Yunivarsiiti Parduu guddicha ‘Order of the Griffin’ jedhamu badhaafamaniiru.