Manni murtii kuni Puutiin yakka waraanaa raawwachuun gaafatamaa kan taasisu yoo tahu, waraanni erga jalqabee as daa'imman seeraan ala Yukireen irraa Raashiyaa yeroo seenan hin dhaabsisne jedha.
Gaaffii fi deebii bara darbe taasisaniin, kilippiin miidiyaa hawaasaa irratti maxxansu hundi gara doolaara sadii akka isa baasu dubbateera. Kunis Gaazaa keessatti maallaqa guddaadha.
Talaalliin kun hojjettoota UN fi hojjettoota fayyaa biyya keessaa birootiin kan raawwatamu ta’a. Talaallii kana kennuudhaaf ammoo hojjettoonni fayyaa fi hawaasaa 2,000 ol leenji’aniiru.