Xiyyaarri Itoophiyaa waggoota jaha booda gara Asmaraa balali'uu dhaabe
Daandiin Qilleensa Itoophiyaa balalii gara Ertiraa taasisu dhaabuuf akka jedhu ibsa baasen beeksise. Biyyoonni lamaan waggoota 20 booda hariiroo erga tolfatan booda ture bara 2018 imallii xiyyaaraa gara Asmaraa kan eegale.
Guduunfaa
- Xiyyaarri Itoophiyaa waggoota jaha booda gara Asmaraa balali'uu dhaabe
- 'Dhiifama naaf godhaa jedheen isin kadha' - Netaaniyaahu
- 'Netaaniyaahun kanneen ugguraman gadhiisisuuf hojii quubsaa hin hojjanne' - Baayiden
- UK’n eeyyama meeshaa waraanaa 30 gara Israa'el taasifamu addaan kutte
- Haati warraa Kaazimeroo abbaa warraashee bira dhaabbatte
- Manni murtii Israa'el lagannaan guutuu biyyaa akka dhaabatu ajajus mormiin itti fufe
- Qurxummiin guddichi Raashiyaaf 'basaasu' Norweeyitti du'e
- Israa'el keessatti mormiin halkan guutuu gaggeeffame
- Sheefiin beekamaa Ertiraafi dubartiin tokko Landanitti ajjeefaman
- Hoggantoonni barnootaafi siyaasa walitti naquu hin qaban - Pirof. Birhaanu
- US Iraaq keessatti miseensota IS 15 ajjeefuu beeksifte
- Zeleniskiin jettiin gatii jabaa caccabnaan ajajaa humna qilleensaa ari'an
- Ajajaan Hamaas haleellaa Weest Baankiin ajjeefamuu Israa'el beeksiste
Haguuggii Tamsaasa Kallattii
Wal-dhabuun aanga'oota TPLF gidduutti dhalate gara walitti bu'uutti deemuu danda'aa?
Waraanni Masirii Gaanfa Afrikaaf yaaddoo yoo ta'u callisee hin ilaalu - Somaaliilaand
'Ani badhaasaaf utuu hin taane dhugaafin hojjadha' - Gaazexeessaa Cimaa Bara Kanaa Anuwaar
Loltoonni Itoophiyaa Somaaliyaa keessa turuumoo bahuu qabu?
Tamsaasni kallattii xumurame!
Tamsaasni kallattii BBC Afaan Oromoo Kamisa galgalaa xumurame.
Jimaata ganama walitti deebina.
Lafaa nagaa bulaa!
Chaampiyeens Liigiin eenyu walitti fide? Akkamiin dalaga?

Madda suuraa, Getty Images
Ibsa waa'ee suuraa, Akkaataan ramaddii Chaampiyeens Liigii Awurooppaa kan baranaa kan kana dura turerraa addadha Ramaddii Chaampiyeens Liigii galgala kana ifa ta’een Liivarpuul Riyaal Maadiriid waliin walitti fideera.
Maanchistar Siitii fi Arsenaal immoo PSG waliin ramadamani.
Astoon Viilaan immoo kilaba Iskootish Seeltik morkata.
Akkaataan ramaddii Chaampiyeens Liigii baranaa haaraadha.
Akkamiin dalaga?
Akkaataa ramaddii haaraa bara 2024-25 kanaan kilaboonni baay’ee hirmaatu, taphis baay’eedha, gabateen qabxii mul’isu garuu tokkuma ta’a.
Ramaddiin kuni isa bara 1991 irraa eegalee adeemaa ture jijjiira. Baay’inni kilabootaas 32 irraa 36’tti guddate.
Morkii kilaboota 36 hammate keessa kan jiran tokkoon tokkoon isaanii taphoota saddeet taphatu – afur qe’eetti, afur dirree ormaatti.
Gareewwan morkii saddeeti booda tokkoffaan xumuran kallattiin gara marsaa kilaboota 16’tti darbu.
Kanneen sagalii hanga 24 xumuran garuu tapha dhaqaa gala taphachuu qabu. Kan irra aanan marsaa 16’tti darbu jechuudha.
Kilabiin 25ffaa fi isaa gad xumure dorgommii keessaa baha.Yurooppaa Liigiis hin seenu.
Akkaataa seera haaraan hammi taphoota ilaallu 125 irraa gara 189’tti guddata jechuudha.
Kilabiin tokko yoo xiqqaate tapha saddeet taphata. Dur garuu yoo xiqqaate jaha taphata ture.
Yoo baay’ate kilabiin tokko tapha 17 taphata, akkaataa seera haaraan. Morkiin Chaampiyeens Liigii Fulbaana 17-19 eegala.
Pirezidantiin duraanii Yun. Finfinnee Pirof. Andiriyaas Isheetee du'aan boqotan

Madda suuraa, AAU
Ibsa waa'ee suuraa, Pirof. Andiriyaas Isheetee barnoota isaanii yunivarsitiiwwan garagaraatti barataniiru Pirezidantiin duraanii Yunivarsitii Finfinnee Pirof. Andiriyaas Isheetee du’aan boqochuu isaanii yunivarsiitichi beeksise.
Akka ibsametti taanaan, hayyuun kuni dhukkubsachaa erga turan booda ALI Hagayya 23, 2016 boqotan.
Pirof. Andiriyaas dhimmoota siyaasaafi kaan irratti yaada kennunis beekamu.
Yunivarsiitichi du’a isaaniin gadduu isaafi maatii, waahilaafi fira isaaniif jajjabina hawweera.
Namoonni adda addaa du'a hayyuu kanaan gadda isaanii ibsaa jiru.
Deeggartoota waliin lola kan seene Nuunez tapha shan adabame

Madda suuraa, EPA
Ibsa waa'ee suuraa, Nuneez deeggartoota waliin kan wallole erga taphni xumuramee boodadha Jifataan Liivarpuul Daarwin Nuunez taphoota idil-addunyaa shan akka hin taphanne adabame.
Kunis, taphata biyyi isaa Uraagaay Kolombiyaatiin mo’amteerratti deeggartoota waliin hookkara waan seeneefi.
Taphataan ganna 25 osoo deeggartoota waliin qaamaan lola seenu mul’ateera.
Hookkarri kuni tapha walakkaa maayii Koppaa Ameerikaa yeroo taphatametti mudate.
Taphataan kuni tapha dhorkamuun ala dolaaraa 20,000 adabameera.
Waldaan kubbaa miilaa Ameerikaa Kibbaa (Conmebol) ibsa baasen taphattoonni shan taphoota idil-addunyaa afuris, sadiis akka adabaman ibse.
Taphattoonni biroo 11 illee adabamaniiru.
Utubaan Tootanihaam Roodirigoo Bentaakur taphoota afur adabame.
Hoggantuun Ministeera Haqaa duraanii Laayibeeriyaa hidhaa umrii guutuurraa bilisa ta'an

Madda suuraa, EPA
Ministirri haqaa duraanii Laayibeeriyaa Gilooriyaa Maayaa Musuu-Iskuutuu ajjeechaa mucaa obboleettiin adabbii irratti murameen Manni Murtii waliigalaa bilisa jedheen.
Dubartii ganna 70 fi firootishee sadii shamarree ganna 29 ajjeesuun Guraandhala 2023 keessa hidhaan umrii guutuu irratti murtaa'ee ture.
Aadde Gilooriyaan daanyaafi ogeettii siyaasaa beekamtuu waan turaniif himannaan isaanii qalbii ummataa hawwatee ture.
Amma hidhaa ji'a saddeetiin booda isaaniifi firoonni isaanii yeroo hiikaman uummanni gammachuun isaan simataa ture.
Ministirri Haqaa duraanii kuni himannaa irratti baname shamarree ganna 29 nama manashee Monorooviyaa jiru galeen ajjeefamte jechuun haalteetti.
Roobii kaleessaa manni murtii himannaa kanaaf ragaan gahaa hin dhiyaanne jechuun daanyaa duraaniifi firootashee gadhiiseera.
'Waggaa tokko qofatu na hafe, gammadaan dabarsa' - Saalah

Madda suuraa, Getty Images
Ibsa waa'ee suuraa, Saalah Pirimiyeer Liigii keessatti barana bara dorgommii saddeetaffaa isaa taphataa jira Jifataan Liivarpuul Mohaammad Saalah egeree isaarratti murteessuu dura waggaa tokko waliigaltee kilaba isaa waliin isa hafe haala gaariin dabarsuuf yaadaa akka jiru dubbate.
Waliigalteen Saalah Liivarpuul waliin qabu waggaa dhufu xumurama.
Taphataan ganna 32 jalqaba waggaa kanaa paawundii miiliyoona 150 kilaba Sa’udii Al-Itihaadirraa dhihaatuufis didee ture.
‘’Waa’ee waggaa dhufus ta’e egereekoo yaaduu hin barbaadu. Waliigaltee waggaa xumuraa [Liivarpuul waliin qabu] haala gaariin dabarsuuf qofan yaada,’’ jedhe.
Dursaan taphattoota Masrii bara 2017 Liivarpuul erga seene booda si’a 351 taphatee galchii 213 galcheera.
Kunis, taphattoota kilabichaa galchuu hedduu galchan keessaa sadarkaa shanaffaarra isa kaa’a.
Adoolessa 2022 keessa Liivarpuul waliin waliigaltee waggaa sadii torbanitti £350,000 akka argatu dandeessisu walii galeera.
Kunis taphataa kilabichaa maallaqi guddaa kanfalamuuf isa taasisa jedhamee gabaafamee ture.
Loltuun Filisxeem beekamaan humnoota Israa'eliin ajjeefame

Loltoota Filisxeem keessaa tokko kan ta'e, Muhaammad Jaaber, kannneen Tulkaarm keessatti ajjeefaman keessaa nama Weest Baankii fi Israa'el keessatti beekamaafi kan Israa'elootaan ''shororkeessummaan'' himatamaa turedha.
Maqaa qabsoo, Abu Shujaa jedhamuun kan beekamu yoo ta'u, kaampii baqattootaa Nuur Shaams keessatti dhalate.
Ajajaa Birgeedii Tulkaarm kan naannoo sanaa ta'uudhaan kan garee hidhatee Jihaada Islaamaa Filisxeem waliin hidhata qaba ture.
Jaaber ji'oota darban keessa gaaffii fi deebii miidiyaalee hedduu waliin kan taasise yoo ta'u, waa'ee waggoota afur ol mana hidhaa keessatti dabarsee fi kanaan dura humnoota Israa'eel isa ajjeesuuf yaalii taasisaa turan ilaalchisuun dubbatee ture.
Ji'a Eblaa keessa Jaaber waraana Israa'eliin du'uunsaa labsame kan ture yoo ta'u, guyyaa lama booda awwaalcha loltuu biraa irratti ummata duratti mul'ate.
Yeroo kanatti garuu dhimma du'a isaa irratti wal falmiin hin jiru.
Ejjansiin oduu Filisxeem namoonni Weest Baankiitti ajjeeffaman 17 gahu hime

Madda suuraa, Getty Images
Weest Baank bakka miidiyaan Filisxeemootaa beekamaan, Wafa'n, jirutti lakkoofsi namoota naannichatti oppareshinii kaleessa eegaleen ajjeeffamanii 17 gahuu gabaasan irratti waan dabalataa qabna.
Akka madda oduu Wafa'tti, namoonni ajjeeffaman 17 keessaa:
- Saddee isaanii Jeeniin keessatti ajjeeffaman.
- Afur ammoo Tubaas keessatti,
- Shanan isaanii ammoo Tulkaam keessatti kan ajjeeffaman yoo ta'u, kunis dhiiroota afur kaampii baqattootaa Tulkaarm keessatti ajjeeffamaniifi maanguddoo waggaa 62 dhiheenya maalaatti manasaa kaampii baqattootaa Nuur Shaamsi keessatti isinaayipariidhaan ajjeeffame dabalata.
Haata'u malee, BBC lakkoofsa kana addatti hin mirkanneeffanne.
Ganama keessa waraanni Israa'el, nama dursaa garee hidhattoota naannichaa, Birgeedii Tulkaarm jedhamuun beekamu dabalatee, ''shororkeessitoota shan kan masjiida keessa dhokatan'' Tulkaarm keessa ajjeessuu ibsee ture.
Addatti ammoo, gareen Jahaadistii Islaamaa ajajootasaa olaanoo keessaa tokko humnoota Israa'eliin Tulkaarm keessatti ajjeeffamuu himeera.
Imaltoonni lama balaliinsarratti mucaa xiqqoo mana fincaaniitti itti cufuun dheekkamsa kaase

Madda suuraa, Getty Images
Ibsa waa'ee suuraa, Dubartoonni Chaayinaa lama mucaa xiqqoo boossuu mana fincaaniitti itti cufuun imaltoonni akka nagaa argataniif jedhan Chaayinaa keessatti dubartoonni lama balaliinsarratti mucaa daa'imaa boossee rakkiifte mana fincaanii xiyyaaraa keessatti itti cufuun dheekkamsa kaase.
Taateen kun miidiyaa hawaasaa biyyattiirratti ijoo dubbii kan ta'e yoo ta'u, daa'ima jedhamte kan qabattee yoo deemtu viidiyoo maxxansite dubartii Gu Tiingtiingi jedhamtu ta'uun adda baheera.
Dubartiin tun viidiyicha kan maxxansite namoota balaliinsarra turan akka waan gargaarteetti ibsuun yoo ta'u, fayyadamtoota miidiyaa hawaasaarraa garuu qeeqni olaanaan irratti ka'eera.
Ibsa daandiin qilleensichaa baaseen, dubartoonni lamaan kana kan raawwatan erga akkoon daa'ima tanaa akka ''barsiisaniif'' hayyama kenniiteefiin booda ture jedhameera.
Taateen kun kan raawwate xiyyaara Hagayya 24 magaalaa kibba-lixaa kan taatee Guwiiyaang irraa gara Shaangaayiitti balalii'aa jiru xiyyaara daandii qilleensa Juunyaawoo keessatti ture.
Daa'imtii akkoo dubartii waliin balali'aa turte tunis xiyyaarri osoo balali'aa jiruu bohuu eegalte.
Taatee kanaan guyyaa lamaan booda ibsa kan baase daandiin qilleensichaa, dubartoonni lamaan daa'imattii mana fincaaniitti akka itti qolloofaniif akkoosheerraa hayyama argachusaanii ibseera.
Viidiyoo miidiyaalee hawaasaa Chaayinaarratti qoodame irrattis dubartiin tokko yoo callifte malee mana fincaanii keessatti akka itti cuftu yoo doorsiiftu argama.
Waa'ee daa'ima tanaarratti daandiin qilleensichaa odeeffannoo omaa qoodu baatulleen, miidiyaaleen biyya keessaa daa'imti tun dhalattuu waggaa tokkoo akka taatee barreessaniiru.
Obbo Getaachoon qaamolee hojii bulchiinsa yeroo gufachiisanirratti tarkaanfii akka fudhatan dhaadatan
Bunni Itoophiyaa 1kg, caalbaasii onlaayiniitiin $980.64 gurgurame

Madda suuraa, Getty Images
Dorgommii dhamdhama bunaa Cup of Excellence marsaa arfaffaa irratti buna dhamdhama addaa qaban caalbaasiin gurguramaa wayita turan, bunni kiilogiraamiin tokko (1kg) doolaara 980.64'tti gurguramuun gatii riikardii Itoophiyaa ta'uu Abbaan Taayita Bunaafi Shaayii Itoophiyaa beeksise.
''Sagantaa Cup of Excellence bara kanaarratti caalbaasii gama onlaayiniin gaggeeffame irratti buna adda addaa dorgomaniif gatiin garagaraa 4870 kennameera'' jedhan Daayireektarri abbaa taayitichaa Dr Addunyaa Dabalaa.
Dabaluunis, ''bunni kilogiraamni tokko $980.64 ykn birrii kuma 102 ol ta'een gurguramuu danda'eera....gatiin kunis hanga ammaatti gatii riikardii Itoophiyaa ta'ee galmaa'eera,'' jedhan.
Dr Addunyaan milkaa'ina argame kanaaf keessummaa qotee bultoota bunaa galateeffataniiru.
Masriin Somaaliyaaf meeshaa waraanaa erguun muddama naannichaa hammeessaa?

Madda suuraa, REUTERS
Masriin waggoota 40 keessatti yeroo duraaf tibba kana meeshaa waraanaa xiyyaarota lamaan feetee mootummaa Somaaliyaaf kenniteetti.
Ji'a darbe biyyootni lamaan waliigaltee deeggarsa waraanaa raawwachuu hordofeeti Masriin deeggarsa kana kan goote.
Dabalataan Masriin Somaaliyaatti Ergama Ce'umsa Afrikaa [ATMIS] jalatti loltoota bara dhuftu Somaaliyattii boba'an keessaa qooda qabaachuufis jirti.
Xiyyaarotni Masrii meeshaa waraanaa baatanii Somaaliyaa qubachuu booda Itoophiyaan mootummaan Somaaliyaa ''qaamolee alaa waliin ta'un naannicha jeequuf'' sochiitti jira jechuun ibsa baasteetti.
Taatee akkasii kanas harka marattee tessee akka hin ilaalle ibsite.
Muddamni Itoophiyaa fi Somaaliyaa kun kan amma jiru caala hammachuu danda'aa?
Xiinxalaa dhimmoota siyaasaa Gaanfa Afrikaa fi Baha Gidudugalaa kan ta'an Obbo Abdurahimaan Sa'iid hidha Laga Abbayyaarratti Itoophiyaa waliin dhibdee keessa kan jirtu Masriin naannichatti dhiyaachuun tasgabbii dhabuu uumuu dand'aa jedhan.
''Masriin rakkoo Itoophiyaa barbaaddii, kallattiin waraana banuurra, mormitioota gargaaruun akka carraatti itti fayyadamuu dandeessi'' jechuun loltootni Masrii Somaaliyaatti duuluun dhiibbaa qabaachuu danda'u ibsan.
Gaanfi Afrikaa muddamni irraa fagaatee hin beeku kan jedhan Obbo Abdurahimaan Jibuutii keessa buufatni waraana biyyoota gurguddoo addunyaa shan ta'anii akka jiru kaasuun muddamni dabaluu akka danda'u dubbatan.
Gaanfi Afrikaa fi galaanni diimaa iddoo biyyootni itti wal-morkataniidha. Biyyootni naannichaas morkii isaanii gara bu'aatti jijjiiruu hin yaalan. Biyyootni kunniin morkii biyyoota guddatnii keessatti yoo hirmaatan Gaanfi Afrikaa dirree waraanaa ta'uu danda'a. Kunimmoo Itoophiyaa, Eertiraa fi Somaliyaa kan dabalatudha.''
Siyaasa Gaanfa Afrikaa itti dhiyeenyaan kan hordofan Maat Biraayiden, gaaffii tahuu kan qabu Masiriin waraana ishee maalif gara Somaaliyaatti erguu barbaadde kan jedhu osoo hin taane ''Masiriin amma waraana ishee maaliif gara Somaaliyaatti erguu barbaaddee?'' kan jedhudha jedhan.
''Al-Shabaab biyyoota ollaa Somaaliyaa tahan Itoophiyaa, Keeniyaa fi Jibuutii irratti haleellaa gaggeessaa ture. Masirii irratti garuu qiyyaafatee hin beeku,'' kan jedhan Biraayiden, Masiriin fedhii addaa qabaachuu dandeessi jedhan.
Hariiroon Somaaliyaa, Itoophiyaafi Ertiraa gaarii ture dafee gara rakkootti ce'uunsaa tasgabbii naannichaaf gaarii akka hin taane dubbatan.
Hogganaan deeggarsa EU, oppareshiniin Israa’el Weest Baankii kan seera addunyaa cabsuudha jedhan

Madda suuraa, Getty Images
Haalli Weest Baankii kan humnaan qabame keessaa, “caalaa hammaataa kan jiru” yoo ta’u, “seera idil-addunyaa fi mirga namoomaa cabaa jira” jedhan Gamtaa Awurooppaatti komishinarri deeggarsa namoomaa fi bulchiinsa Balaa.
Jaaneez Lenaarchii toora X irratti akka maxxansaniitti, Israa'el ''humna waraanaa cimaa fi jeequmsa qubattotaa qoodiinsa tokko malee namoota nagaa irratti fayyadamuu fi manneen jireenyaa fi bu'uuraalee misoomaa bal'inaan barbadeessuusheetti ''seera idil-addunyaa fi mirga namoomaa cabsiteetti'' jedhan.
Aanga'aan kunis yaada kana kan kennan erga Raayyaan Ittisaa Israa’el sakatta’iinsa guyyaa lammaffaa gaggeeffameen “shororkeessitoota” Filisxeem shan ajjeese jedheen boodadha.
Israa'el humnoonni ishee ''gareewwan shororkeessummaa fi seelii shororkeessummaa'' Weest Baankii keessaa irratti xiyyeeffataniiru jetti.
Gamtaan Awurooppaa qoqqobbii 'ministiroota Israa'el muraasarra' kaa'uuf yaadaa jira -Booreel

Madda suuraa, Reuters
Gamtaan Awurooppaa biyyoonni miseensasa ta'an ''ministeroota Israa'el tokko tokkorra" qoqqobbii kaa'uu jalqabuu kan barbaadan yoo ta'e gaafachuuf adeemsa eegan.
Walgahii Biraaselsitti gaggeeffamuun dura gaazexeessitootatti kan dubbatan, hogganaan imaammata alaa Gamtaa Awurooppaa, Joozeep Booreel, biyyoonni miseensa ta’an ministeerota Israa’el tokko tokkorra qoqqobbii kaa’uun “sirriidha” jedhanii kan ilaalan yoo ta'e hubachuudhaaf “adeemsa kana jalqabuu isaanii” mirkaneessaniiru.
Kanneen "ergaa jibbiinsaa fudhatama hin qabne Filisxeemootarratti banuuniifi kanneen yaada ifatti seera idil-addunyaatiin faallaa ta'an dhiyeessaa turan", namoota dhuunfaa Booreel Gamtaan Awurooppaa tarree qoqqobbiisaa keessatti dabaluuf "yaadaa jira" jedhan.
Haata'u malee, tajaajiltoota Israa'el qoqqoobichaan akeekan keessaa tokkollee maqaadhaan hin kaasne.
Ministeerri Fayyaa Hamaas Gaazaatti namoonni 40,600 ol ajjeefaman jedhe

Madda suuraa, Reuters
Weest Baankirraa fagaatee, ministeerri fayyaa Hamaas Gaazaa keessatti Hamaasiin durfamu akka jedhetti, dhiheenya kana haleellaa Israa’eliin namoonni 68 ajjeefamaniiru.
Itti dabalunis, Onkoloolessa 7 irraa eegalee lakkoofsi namoota naannoo sana keessatti ajjeefamanii gara 40,602tti ol guddiseera jechuun odeeffannoo haaraa baaseen ibseera.
Kana malees, namoonni 94,000tti ta'an irra miidhaaan qaamaa qaqqaabuu kan hime ministeerichi, miidhamtoonni hedduun "jijjigaa gamoowwanii jalaa fi daandiirratti" bakka hojjettoonni balaa tasaa isaan bira gahuu hin dandeenyeetti akka argaman ibseera.
