Jaappaan xiyyaarri basaasaa Chaayinaa naannoo qilleensaashee cabsuu kan himatte yoo ta'u, kunis yeroo kallattiidhaan daangaa sarbuu isa jalqabaati.
Jaappaan erga xiyyaaronni baraasaa Y-9 Wiixata akka sa'aatii biyya keessaattii sa'aatii 11:29tti (02:29 GMT) irratti gara daqiiqaa lamaaf ''daangaa qilleensaa'' Odoolawwan Daanjoo cabseen booda jeettiiwwan waraanaa naanneessite.
Barreessaan olaanaan kaabinee Jaappaan, sarbamni daangaa qilleensaa kun ''guutumaan guutuutti fudhatama hin qabu'' jechuun mormanii, qondaala imbaasii Chaayinaa Tookiyoo jiru mariif waaman.
Taateen kun kan mudate yeroo naannichatti mudamni dabalaa jiruutti, wayita Chaayinaan Jaappaan dabalatee, Ameerikaa fi michootashee waliin olaantummaa argachuuf dorgomtuttidha.
Angawoonni Jaappaan yeroo Wiixata kaleessaa daangaa qilleensaa sarbanitti xiyyaarota Chaayinaatiif ''beeksisaa fi akeekkachiisa'' kan kennan yoo ta'u, garuu meeshaan waraanaa akka qawwee dhuka'an hin fayyadamne jedha biroodkaastariin Jaappaan NHKn.
Kanas ta'e sana, taateen kun yaaddoo uumeera.
Mootummaan Jaappaan, sarbama daangaa qilleensaa kanaan walqabatee mormii cimaa dhageessisuuf karaa chaanaalii dippilomaasiin Beejiing qunnamuun gara fuulduraatti taateen walfakkaataan akkanaa akka ittifamuuf gaafachuu ibseera. Beejiing garuu ifatti deebii hin kennine.
Akkasumas, Tookiyoon dhiheenya kana dooniiwwan Chaayinaa Galaana Baha Chaayinaa keessatti Odoolawwan Senkaakuu kanneen Chaayinaan kan kooti jechuun Diaoyus jettee waamtu keessa jiraachuusaanii kaafte turte.
Odolawwan namni hin jiraanne garuu kuufama boba'aa fi gaazii qabaachuu danda'an jedhaman kunneen, Beejiingii fi ollaashee (irra caalaan isaanii michoota Ameerikaa ta'an) gidduutti maddeen waldhabdee umaman hedduu keessaa tokkoti.