Yukireen jeettii waraanaa F-16 kan biyyoota miseensa Nato irraa argatte keessaa tokko rukutamuu maddeen waraanaa Yukireen BBCtti himan.
Sababii haleellaa walitti fufaa Raashiyaan guyyaa Wiixataa Yukireen irratti misaa'elaan raawwatteen jeettichi yoo rukutamu, paayileetiin jeettiichaa, Oleeksii Mees ajjeefamuu waraanni Yukireen beeksiiseera.
Jeettiin ammayyaa guyyaa Wiixataa haleellam kun torban afuriin dura ture Yukireeniif kan kenname.
Waraanni Yukireen akka jedhetti, jeetiichi rukutamee kan kufe kallattiin sababii haleellaa misaa'ela Raashiyaatiin miti.
Itti dabalunis payileetichis osoo hin ajjeffamniin dura miisaa'eloota kiruuz sadiifi diroonii tokko barbadeesseera jedhe waraanni Yukireen.
''Oleeksiin lammiilee Yukireen haleellaa misaa'elii Raashiyaa balaafamaa irraa oolcheera,'' jedheera humni qilleensa Yukireen ibsa toora miidiyaa hawaasaa irratti baaseen.
“Haala nama gaddisiisuun ofiisaa haarsaa gochuun kana kan raawwate.''
Humni qilleensichaa xiyyaarri waraanaa barbadaa'uu ilaalchisee kan jedhe jiraachuu baatulleen, maddeen waraana Yukireen paayilatichi jeettii waraanaa F-16 balaliisaa akka ture BBCtti himan.
Pirezidantiin Yukireen Volodimiir Zelenskiin guyyaa Kibxataa jeettii F-16 kan Ameerikaan oomishame, diiroonootaafi miisaa'eloota Raashiyaa ittisuudhaaf bobbaasuu beeksiisuunsaanii ni yaadatama.
Pirezidantichi torban kana keessa Yukireen misaa'eloota fageenya dheeraa furgugfaman fayyadamuun daangaa Raashiyaa keessatti haleellaa akka raawwattuuf biyyoonni michuu akka hayyamaniif gaafataniiru.
Dursaan waraana Neezarlaand Jeneraal Onoo Ayikinshaayiim, biyyisaanii jeettiiwwan waraanaa 24 fi meeshaalee waraanaa kan biraa Yukireeniif akka kennitu beeksiisaniiru.
Meeshaalee waraanaa kanneen fayyadamuudhaaf daangaan kamuu kan hin kaa'amiin yoo ta'u, garuu seera namoomaa sarbuun hin danda'amu jechuun guyyaa Roobii dubbataniiru. Kana jechuunis Yukireen daangaa Raashiyaa keessa seenuun haleellaa raawwachuu dandeesi jechuudha.