Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.

Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi

Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf

Xiyyaarri Itoophiyaa waggoota jaha booda gara Asmaraa balali'uu dhaabe

Daandiin Qilleensa Itoophiyaa balalii gara Ertiraa taasisu dhaabuuf akka jedhu ibsa baasen beeksise. Biyyoonni lamaan waggoota 20 booda hariiroo erga tolfatan booda ture bara 2018 imallii xiyyaaraa gara Asmaraa kan eegale.

Guduunfaa

  • Xiyyaarri Itoophiyaa waggoota jaha booda gara Asmaraa balali'uu dhaabe
  • 'Dhiifama naaf godhaa jedheen isin kadha' - Netaaniyaahu
  • 'Netaaniyaahun kanneen ugguraman gadhiisisuuf hojii quubsaa hin hojjanne' - Baayiden
  • UK’n eeyyama meeshaa waraanaa 30 gara Israa'el taasifamu addaan kutte
  • Haati warraa Kaazimeroo abbaa warraashee bira dhaabbatte
  • Manni murtii Israa'el lagannaan guutuu biyyaa akka dhaabatu ajajus mormiin itti fufe
  • Qurxummiin guddichi Raashiyaaf 'basaasu' Norweeyitti du'e
  • Israa'el keessatti mormiin halkan guutuu gaggeeffame
  • Sheefiin beekamaa Ertiraafi dubartiin tokko Landanitti ajjeefaman
  • Hoggantoonni barnootaafi siyaasa walitti naquu hin qaban - Pirof. Birhaanu
  • US Iraaq keessatti miseensota IS 15 ajjeefuu beeksifte
  • Zeleniskiin jettiin gatii jabaa caccabnaan ajajaa humna qilleensaa ari'an
  • Ajajaan Hamaas haleellaa Weest Baankiin ajjeefamuu Israa'el beeksiste

Haguuggii Tamsaasa Kallattii

  1. Falmii oduu sobaan walqabatee X Biraazil keessa dhorkame

    Miidiyaan Eelan Maask, X, kan duraan Tiwiitara jedhamu, Biraazil keessa dhorkameera.

    Kunis, erga Manni Murtii Waliigalaa Biraazil dhaabbatichi ogeessa seeraa haaraa akka muudu yeroon kaa’ef waan darbeefidha.

    Abbaa seeraa kan ta’an Aleeksaaner de Moraayes tajaajilli X Biraazil keessatti ‘’atattamaan’’ akka adda citu muraniiru.

    Adabbiin kuni X hanga ajaja mana murtii kabajuufi adabbii kaffalutti itti fufa.

    Falmiin kuni Ebla keessa eegale. Kunis abbaan seeraa akkaawuntiin X baay’ee oduu sobaa tamsaasan jedhan akka akka haqaman erga ajaja dabarsan boodadha.

    Dhimma kanaaf deebii kan kennan Eloon Maask ‚‘‘bilisummaan yaada ofii ibsachuu bu’uura dimookiraasiiti,’’ jechuun falman.

    Dabalaniis, ‘’abbaan seeraa Biraazil hin filatamne galtee siyaasaaf jechaa balleessaa jiru,’’ jedhan.

  2. Putiin to'annoo jala ooluu danda'uu?

    Yukireen torban dhufu Mongooliyaa daawwachuudhaaf karoora kan qabatan pirezidantii Raashiyaa Vilaadmiir Puutin akka to'annoo jala oolchituuf aanga'oota biyyattiif waamicha dhiyeessiteetti.

    Manni-murtii Yakka idil-addunyaa (ICC) ajaja hidhaa kan irratti baase Puutin, ajaja kanaan booda biyya miseensa ICC taate daawwachuudhaaf yoo karoorfatan kun kan jalqabaati.

    Putiin to'atamuu danda'uu? Raashiyaan yaaddoo akkanaa hin qabu jetteetti.

    Pirezidant Puutin daa'imman karaa seeraan alaa Yukireen irraa gara Raashiyaatti buqqaasuu dabalatee yakkoota waranaatiin itti gaafatamaadha jechuun manni-murtichaa ajaja hidhaa irratti baaseera.

    Yakkawwan kunneen kan raawwataman erga Raashiyaan waraana bal'aa Yukireen irratti bantee kaasee ta'uu ibsamee ture.

    Dubbi-himaan mana-murtichaa aanga'oonni Mongooliyaa, "qajeelfamoota mana-murtii yakka idil-addunyaatiin bitamuuf dirqama qabu," jechuun BBCtti dubbatan.

    Haata'u malee, kana jechuun ammoo to'annoo jala oolchuu qofa akka hin taane ibsaniiru.

    Masaraan Raashiyaa, Kireemiliin, gama isaan karoora daawwannaa torban dhufa Kibxatatti karoorfame ilaalchisee "yaaddoo hin qabu" jedheera.

    "Michoota keenya Mongooliyaa waliin hariiroo gaarii qabna," jechuun dubbi-himaan Kireemiliin Dimiitirii Peeskov gaazexeessitootatti himaniiru.

    "Tokkoo tokkoon daawwannaa pirezidaantichaa of eeggannoon qophiin taasifameera," jedhan itti dabaluun.

    Dubbi-himaan ICC Dr. Faadii EL Abdallaah, manni-murtichaa Mongooliyaa dabalatee biyyoonni miseensa ta'an waliigaltee Room kana mallatteessan hojiirra oolchuudhaaf dirqama qabu jedhan.

    BBCn embaasii Mongooliyaa Landan jiru gaafatullee deebii hin arganne.

  3. Waliigalteen waraanaa Masriifi Somaaliyaa Itoophiyaaf hangam yaaddeessaadha?

  4. 'Angawoonni Somaaliyaa muraasni dhibdee hammeessaa jiru' - Itoophiyaa

  5. Arsenaal sa'aatii dhumaarratti Chelsiirraa Isterliing fudhate

    Arsenaal gabaan jijjiirraa taphattootaa dhumuuf sa'aatiin muraasni yeroo hafutti Raahim Isterliing Chelsiirraa ergisaan fudhate.

    Taphataan sarara fuula duraa umuriin isaa waggaa 29 ta'e Raahim Isterliing, kilaba Piriimer Liigii masaanuu Chelsii ta'e gara Arsenaal kan dhufe sa'aatii dhumaarratti.

    Waliigalteen ergisaa kunis turtii waggaa tokkootiifidha.

    Taphataan garee biyyaalessaa Ingilaand kun karoora leenjisaa Chelsii haaraa Enzoo Maareskaa keessa akka hin jirre yeroo itti himamee kaasee itti hin tolle ture.

    Amma garuu gara Arsenaal dhufuu isaatti hedduu gammaduu ibseera.

    "Gammachuu amanuu hin dandeenyetu natti dhaga'ame. Dhugaa dubbachuuf baayyeen gammade," jedhe Isterliing waa'ee jijjiirraa gara Arsenaalitti taasise kana yoo dubbatu.

    "Kun [jijjiirraa] kan barfatedha, garuu wanta abdataa turedha.

    ''Waan hunda ilaalee, kun anaaf sirriitti kan ta'udha. Ani amma hedduu gammadeera."

    Raahim Isterliing Adoolessa 2022 Maanchester Siitiirraa Paawondii miliyoona 50n gara Chelsii dhufee tapha 81 irratti hiriiree goolii 19 lakkoofsiseera.

    Chelsiin ganna kana maallaqa Paawondii miliyoona 200 ol baasee taphattoota 11 mallatteesifateera.

    Isterliing tapha jalqabaa Chelsiin Maanchester Siitii waliin taphate keessaa erga hambifamee karaa bakka bu'aa isaa maaliif akka ta'e akka ibsamuuf gaafatee egereen isaa maal akka ta'u qulqulleeffate.

    Ergasii maqaan isaa Maanchester Yunaayitid waliin ka'aa turus dhumarratti garuu Arsenaal galeera.

  6. Zeleniskiin ajajaa humna qilleensaa ari'an

    Pirezidant Volodmiir Zeleniskiin ajajaa humni qilleensaa Yukireen Lt. Jeneraal Maayikolaa Oleeshichuuk ari'an.

    Pirezidantichi qondaala olaanaa kana kan ari'an wayita jeettiin waraanaa haaraa gati-jabeessa ta'e F-16 tokko biyyattii jalaa barbadaa'uun falmisiisaa jiruttidha.

    Pirezidant Zeleniskiin qondaala waraanaa kana ari'uuf sababiin maal akka ta'e hin dubbanne, garuu ergaa fuula Telegraam irratti baasaniin, "loltoota keenyaaf of eeggannoo taasisuun" itti gaafatamummaa isaati jedhan.

    Wixata, Jeettiiwwan waraanaa US hojjette jalqaba ji'a kanaa michoota Yukireen warra Lixaarraa arjoomame tokko misaa'ela Raashiyaan walirratti dhukaastu keessa kufee caccabee paayiletiin jeettichaas ajjeefame.

    Jeettiin kun akka kufee caccabuuf sababa kan ta'e haleellaa diinarraa kallattiin dhufe miti jette Yukireen.

    Lt. Jeneraal Oleeshichuuk jeettii waraanaa barbadaa'e kanaaf eenyuun akka itti gaafatamaa taasisanirratti aanga'oota siyaasaa waliin waldhabaniiru.

    Pirezidant Zeleniskiin ergaa Telegraam irratti baasaniin, bakka Lt. Jeneraal Oleeshichuuk nama biraa bakka buusuu akka murteessan himuun, sadarkaa ajajootaatti sirriitti of cimsinee ummata keenya tiksuu qabna jedhan.

    Humni qilleensaa Yukireen paayiletii jeettii barbadaa'e keessa ajjeefame Koloneel Oleksii Mees akka ta'e ibseera.

  7. Akkam bultan?

    Tamsaasni kallattii BBC Afaan Oromoo eegale.

    Oduuwwan biyya keessaafi alaa jala jalaan isin biraan geenya.

    Nagaan oolaa!

  8. Tamsaasni kallattii xumurame!

    Tamsaasni kallattii BBC Afaan Oromoo Jimaata galgalaa xumurame.

    Sambata ganama walitti deebina.

    Lafa nagaa bulaa!

  9. Raashiyaan Yukireenitti haa lolaniif loltoota ishee Burkinafaasoodhaa baasuufi

    Raashiyaan loltoota ishee 100 Burkina Faasoo keessaa baasaa jirti.

    Kunneen loltoota 300 biyyattiin Burkina Faasotti bobbaaste keessaati.

    Loltoonni kuni gara Yukireenitti deebi’un waraana biyyattii akka gargaaran kaampaaniin waraana dhuunfaa Raashiyaa ibseera

    Yukireen naannawa Kurisk keessatti haleellaa cimsiteen qubsuma Raashiyaa 100 ol to’achuu beeksistee turte.

    Loltooti Raashiyaa bahuun isaanii hidhattoota Islaamsitii onnee akka itti hin horre sodaatameera.

    Hidhattooti kuni dhihoo namoota 300 gahan ajjeesuun ni yaadatama.

  10. Yukireen Putiin gara Mongoloyaa yoo imalan akka to'annoo jala oolan gaafatte

    Qondaaloti Mongoliyaa yoo Puutin biyya isaanii torbee dhufu daawwatan akka to'ataniif ''dirqama qabu'' jedhe Manni Murtii Yakkaa Idil-addunyaa.

    Yukireeniis gaaffii wal fakkaataa dhiheessiteetti.

    Imalli gaafa Kibxataaf karoorfame Dhaddachi Yakkaa Addunyaa Puutiin to'annoo jala akka oolan Bitootessa 2023 ajajuun booda biyya dhaabichatti miseensa taate daawwachuun kan jalqabaati.

    Manni murtii kuni Puutiin yakka waraanaa raawwachuun gaafatamaa kan taasisu yoo tahu, waraanni erga jalqabee as daa'imman seeraan ala Yukireen irraa Raashiyaa yeroo seenan hin dhaabsisne jedha.

    Qondaaloti Yukireen Mongoliyaan Puutin akka to'attuuf gaafatanillee Raashiyaan daawwannaa taasifamuuf jedhurratti ''yaaddoo'' akka hin qabne ibsite.

  11. Jarmanitti namoota waraanuun baayyannaan lammiilee Afgaan biyyatti deebisuu jalqabde

    Jarman namoota yakka kanaan irratti murtaa'e Taalibaan aangootti dhufuun as yeroo jalqabaaf gara biyya isaaniitti deebisuu jalqabde.

    Lixa biyyattii magaala Sooliinan keessatti feestivaala adeemsifamaa tureen namootni sadii waraanamanii ajjefamnaan yakkamtoota xayyaaraan biyyatti erguu jalqabe.

    Ajjeechaan kuni Jarman keessatti naasuu kan uume yoo tahu, seera koolugaltummaa irrattis falmii uumeera.

    Namni yakka kanaan shakkamaa ijoo ture lammii Sooriyaa dargaggeessa ganna 26 ture.

    Lammiin Afgaan ergasii baatii Caamsaa keessa to'atame haleellaa namni itti du'e raawwatteetti.

    Baha Jarmanitti gaafa Dilbataa filannoon adeemsifamuun dura mootummaan Barliin keessatti tarkaanfii garaagaraa gochaa jira.

  12. Ajajaan Hamaas haleellaa Weest Baankiin ajjeefamuu Israa’el beeksiste

    Jeniin keessatti ajajaa Hamaas tokkoofi hidhattoota biroo lama ajjeesuu waraanni Israa’el ibse.

    Waraanni biyyattii guyyaa sadaffaaf walitti aansuun oppireeshinii waraanaa bakkeewwan Weest Baank Israa’el humnaan qubattetti adeemsisaa jira.

    Humnooti Israa’el Wiisam Kaazimiin konkolaataa keessa arguun tarkaanfii irratti fudhachuu dubbatan.

    Hidhattooti waliin turanis yeroo baqachuuf jedhan tarkaanfiin irratti fudhatamuu himan.

    Ministeerri Fayyaa Filisxeem akka ibsetti, namoonni sadan eda galgala magaalaa Zabaabideh, Kibba Jeniin argamu keessatti ajjeefaman.

    Erga Israa’el waggoota 20 keessa yeroo duraaf Weest Baank keessatti oppireeshinii gaggeessuu eegaltee Filisxeemonni 19 ajjeefamuu, Ministeerri Fayyaa Filisxeem ibseera.

    Miidhaa oppireeshinii kanaan dhaqqabaa jiru UN, EU dabalatee biyyoonni addunyaa yaaddoo ibsaa jiru.

  13. Namichi haadha warraasaa du'aan adabsiisuuf hashiishii jala kaa'e ofii hidhame

    Lammiin Singaappor konkolaataa haadha warraasaa amma waliin hin jirre keessa hashiishii kaa'uun ishee qabsiisuuf ture ofii hidhaa waggaa afuriin adabame.

    Taan Zhaangilig nama ganna 37 yoo tahu hashiishii hadoochu kiiloo tokkoo teessoo konkolaataa haadha warraasaa duubarra kan kaa'e daddabarsa qoricha sammuu namaa si'eessuun adabbiin du'aa akka irratti murtaa'uf ture.

    Singaappor seera farra qoricha sammuu hadoochu cimaa addunyaa jedhamu kan qabdu yoo tahu, kunis yakkoota dhimma kanaan wal-qabatanii dhufan ittisuuf gargaara.

    Waan konkolaataa keessa kaa'ame keessa walakkaa ol hashishii yoo tahu kaan waan qabiyyee qoricha hin qabne dha.

    Manni murtii dhaddacha gaafa Kamisaan qoricha sammuu si'eessu seeraan ala qabachuufi ragaa seeraan ala nama qabsiisuuf kaa'eruun hidhaan waggaa sadiifi ji'a kudhan irratti murtaa'eera.

  14. 'Badhaasa kanaan kabaja guddaatu natti dhagahame' - Ronaaldoo

    Kiristiyaanoo Ronaaldoon guyyaa Kamisaa badhaasa addaa Waldaa Kubbaa Miilaa Awurooppaarraa fudhateera.

    Kunis, walmorkii kilaboota Awurooppaa daawwattoota danuu qabu, Chaampiyeens Liigii irratti, galchii hedduu waan galcheefi.

    ‘’Badhaasa kana fudhachuu kiyyaan kabaja guddaatu natti dhagahame,’’ jechuun gammachuu isaa ibse.

    Ronaaldoon Chaampiyeens Liigii irratti si’a 183 hiriiree galchiiwwan 140 galche. Kanaan taphataan ittiin qixxaatu hin jiru.

    Mesiin galchiiwwan 129 galchuun itti aana.

    Jifataan Baarseloonaa Robertoo Lewaandowiskiin galchiiwwan 94’n sadaffaarra taa’eera.

    Yeroo ammaa Ronaaldoon kilaba Sa’udii Arabiyaaf, Mesiin immoo Ameerikaatti ce’ee Intar Miyaamiif taphatuutti jiru.

    Ronaaldoon Al-Naasiritti imaluun dura Maanchistar Yunaayitidiifi Riyaal Maadiriidif taphateera.

  15. Hoogganaa hojjattoonni bunaaf waajjiraa bahuu morman

    Hogganaan dhaabbata albuudaa, hojjettoonni buna sinii tokkicha bitachuuf jecha waajjira muummee dhiisanii deeman dhaabbata maallaqa garmalee dhabsiisaa jiru jedhan.

    Waajjira albuuda Awustiraaliyaatti Daarektarri olaanaa qabeenya Albuudaa, Kiriis Eliisan Roobii darbe bu'aa faayinaansii yeroo dhiyeessanitti, ''hojjettoota guyyaa guutuudhaaf akka waajjira keessa turan'' akka barbaadan dubbataniiru.

    Itti dabaluunis hojjattoonni "Gamoo keessaa akka bahan hin barbaadu" jedhan.

    Waajjirri muummee Peerz keessa jiru mana nyaataa, ogeeyyii xiin-sammuu hojjettoota sagal, mana jireenyaa fi meeshaalee biroo hojjettoonni waajjira keessa akka turaniif jajjabeessuuf qophaa’an qaba.

    ''Faayidaa adda addaa hedduu fidne qabna,'' jedhan Obbo Eliisan kan dhaabbanni isaanii "imaammata manaa hojii hin hojjenne" cimaa qabu.

    "Maaliifan akkas godhe? Sababni isaas jalqaba ganamaan waan isaan barbaachisu isaaniif dhiyeesseen, guyyaa guutuudhaaf akka hojiirra turan barbaada. Akka isaan gamoo keessaa bahan hin barbaadu."

    "Buna siinii tokko dhuguudhaaf akka isaan daandii irra deeman hin barbaadu. Waggoota muraasa dura sun gatii hangamii akka baasu adda baasneerra."

    Industiriin albuudaa hafan, manaa osoo hin taane, faayidaa waajjira keessatti hojjechuun qabu irratti yaaduudhaan ''sammuu guutuun hojii irratti argamu,'' qaba jedhan.

    Sababiin gara biraa ammoo hojjattoonni dhufanii bakka hojiisaaniitti gammadu qabaatu jedhan.

  16. Biloogeriin jireenya Gaazaa keessaa galmeessaa ture haleellaan ajjeefame

    Biloogerrin jireenya guyyaa guyyaa Gaazaa galmeessuun toora Instagram fi TikTok gubbaatti hordoftoota hawwatee ture haleellaa Israa'elirraati jedhameen ajjeefame.

    Mohammad 'Medo' Haalimii, kan umuriin ganna 20, gyyaa Wiixataa dhohinsa sababii misaa'ela Israa'el dhukaafteen Kaan Yuunis keessatti rukutamee du'uu waldaaleen dargaggootaa lama kanaan dura isa waliin hojjetan himan.

    Dhaabbanni Barnoota Hawaasaa Taamer, Haalimiin yeroo lubbuunsaa darbetti naannoo qarqara galaanaa bakka buqqaatonni keessa qubatan keessa akka ture BBC'tti himeera.

    IDFn BBC'tti akka himetti, guyyaa Wiixataa haleellaan Kaan Yuunis keessatti raawwatame mirkaneessuu hin dandeenye, haata'u malee Gaazaa keessatti ''miidhaan namoota nagaa irra gahu danda'u hir'suuf cichee mormuu itti fufee jira'' jedheera.

    Haalimii haleellaa Onkoloolessa 7 raawwatameen booda Israa’el Gaazaa keessatti duula waraanaa ishee wayita jalqabduun maatiin isaa manasaanii gadi dhiisanii baqachuuf dirqamaniin booda dhaggeeffattoota miidiyaa hawaasaa uummate.

    Akka lammiilee Gaazaa buqqa'an keessaa tokkoifi jiraataa Raafaa fi Kaan Yuunis keessatti, Viidiyoo jireenya isaa bal'inaan ibsu erga maxxansuu eegalee booda namoonni 250,000 ol toora inistaagiraamii fi TikTok irratti hordofaanii turan.

    Viidiyoonniwwan Haalimii qophii nyaata bilcheessu salphaa dhiyeessuu fi meeshaalee daangeffameen uume irraa kaasee, hanga viidiyoo akkaataa qabiyyee isaa itti hojjete agarsiisutti kan agarsiisan turan.

    Gaaffii fi deebii bara darbe taasisaniin, kilippiin miidiyaa hawaasaa irratti maxxansu hundi gara doolaara sadii akka isa baasu dubbateera. Kunis Gaazaa keessatti maallaqa guddaadha.

    Viidiyoo isaa dhumaa Wiixata darbe ajjeefamuu isaa sa'aatii muraasaan dura maxxansee, dunkaana keessa jiraatu agarsiisuun, waan guyyaa sana hojjete bal'inaan ibseera.

  17. Tilmaama Piriimer Liigii torban sadaffaa Arsenaal v Biraayitan fi Maan Yunaayitid v Liiverpuul walitti fidu

  18. 'Hojjettoonni UK mirga torbanitti guyyaa afur hojjachuu argachuu danda'au'

    UK'tti hojjettoonni karoorawwan mootummaa jalatti, haala hojii jijjiiramaa dabaluuf torbanitti guyyoota afuriif hojjechuudhaaf mindeessitota isaanii gaafachuuf mirgi kennamuu danda’a jedhameera.

    Hojjettoonni ammallee kaffaltii isaanii guutuu argachuuf sa’aatii isaanii guutuu hojjechuu qabu, haata'u malee, sa’aatii hojiisaanii waliigalaa gara torbaniitti guyyaa gabaabaa ta’etti gadi hir'isuu ni danda’u.

    UK'tti Barreessaan Daldalaa'Shaadoo' paartii Konsarvaatiivii, Keevin Hollinrake, dhaabbileen daldalaa karoora kanaan akka ''nahan'' dubbatan.

    Haata'u malee, ministiroonni jijjiirama kana hojjettoota ykn dhaabbilee daldalaa irratti akka hin fe'amne cimsanii dubbatu.

    "Jijjiiramni seera qacarrii kamiyyuu irratti ni mari'atama. Daldalaa waliin ta'uunis ni hojjetama," jedhan dubbi-himaan Ministeera Daldalaa fi Bizinasii biyyatti.

    Itti dabaluudhaanis, karoorri kun hojii haala waliin deemu (flexable) ta’e hojjechuufi omishtummaa hojjettootaa caalaa guddisuun namoonni hedduun gara hojiitti akka deebi’an gargaaruuf kan qophaa’e ta’uu ibsaniiru.

    Yeroo ammaa kanatti hojjettoonni haala hojii jijjiiramaa gaafachuuf mirga qabu, haata'u malee, mindeessitoonnis gaaffii kana "haala sababa qabeessa" ta'een qofa ilaaluu qabu.

  19. Israa'el talaallii pooliyootiif jecha yeroo muraasaaf waraana dhaabuuf waliigalte

    Israa’el Gaazaatti talaallii pooliyoo daa'immanii gaggeeffamuuf “dhukaasa dhaabuu namoomaa” walduraa duubaan taasisuudhaaf waliigaluushee Dhaabbanni Fayyaa Addunyaa (WHO) beeksise.

    Duulli kunis daa’imman gara kuma 640 ta’aniif guutuu naannoo Gaazaa keessatti talaallii kennuu kan kaayyeffate yoo ta’u, Dilbata dhufu akka eegalu qondaalli olaanaa WHO Riik Peeperkorn himaniiru.

    Talaalliin kunis sadarkaa adda addaa sadiin, kutaalee giddugaleessaa, kibbaa fi kaabaa Istriippitti hunda keessatti kan kennamu ta’a.

    Sadarkaa hunda irrattuu, walitti aansuun lolli guyyoota sadii akka sa'aatii biyyatti sa'aatii 06:00 hanga 15:00 gidduutti ni dhaabbata.

    Waliigalteen kunis qondaaltonni Dhaabbata Biyyoota Gamtoomanii erga waggoota 25f daa’imni jalqabaa umuriinsaa baatii 10 Gaazaa keessatti dhukkuba pooliyoo (laamsheesaatiin) qabamuun qaamnisaa gartokkoon isaa laamsha’uu dubbatanii guyyootaan booda kan dhufedha.

    Talaalliin pooliyoo afaaniin fudhatamu novel gosa 2ffaa (nOPV2) naannoo dooziin 1.26m ta’uu Gaazaatti kan argamu yoo ta’u, dooziin dabalataa 400,000 yeroo dhiyootti dhufuuf jira.

    Talaalliin kun hojjettoota UN fi hojjettoota fayyaa biyya keessaa birootiin kan raawwatamu ta’a. Talaallii kana kennuudhaaf ammoo hojjettoonni fayyaa fi hawaasaa 2,000 ol leenji’aniiru.

    WHOn guutuu Istirippichaatti haguuggii talaallii kanaa %90 qaqabuuf kan karoorfate yoo ta’u, kunis Gaazaa keessatti tatamsa'ina vaayirasichaa dhaabuuf barbaachisaadha.

    Sadarkaa talaallii sana galmaan ga’uudhaaf yoo barbaachisaa ta'e argame ammoo, dabalataan talaalliin guyyaa afraffaa fi dhukaasa dhaabuun namoomaa taasisuudhaaf waliigalteerra gahameera.

  20. Jeettiin waraanaa F-16 Yukireen Nato irraa argatte rukutame

    Yukireen jeettii waraanaa F-16 kan biyyoota miseensa Nato irraa argatte keessaa tokko rukutamuu maddeen waraanaa Yukireen BBCtti himan.

    Sababii haleellaa walitti fufaa Raashiyaan guyyaa Wiixataa Yukireen irratti misaa'elaan raawwatteen jeettichi yoo rukutamu, paayileetiin jeettiichaa, Oleeksii Mees ajjeefamuu waraanni Yukireen beeksiiseera.

    Jeettiin ammayyaa guyyaa Wiixataa haleellam kun torban afuriin dura ture Yukireeniif kan kenname.

    Waraanni Yukireen akka jedhetti, jeetiichi rukutamee kan kufe kallattiin sababii haleellaa misaa'ela Raashiyaatiin miti.

    Itti dabalunis payileetichis osoo hin ajjeffamniin dura miisaa'eloota kiruuz sadiifi diroonii tokko barbadeesseera jedhe waraanni Yukireen.

    ''Oleeksiin lammiilee Yukireen haleellaa misaa'elii Raashiyaa balaafamaa irraa oolcheera,'' jedheera humni qilleensa Yukireen ibsa toora miidiyaa hawaasaa irratti baaseen.

    “Haala nama gaddisiisuun ofiisaa haarsaa gochuun kana kan raawwate.''

    Humni qilleensichaa xiyyaarri waraanaa barbadaa'uu ilaalchisee kan jedhe jiraachuu baatulleen, maddeen waraana Yukireen paayilatichi jeettii waraanaa F-16 balaliisaa akka ture BBCtti himan.

    Pirezidantiin Yukireen Volodimiir Zelenskiin guyyaa Kibxataa jeettii F-16 kan Ameerikaan oomishame, diiroonootaafi miisaa'eloota Raashiyaa ittisuudhaaf bobbaasuu beeksiisuunsaanii ni yaadatama.

    Pirezidantichi torban kana keessa Yukireen misaa'eloota fageenya dheeraa furgugfaman fayyadamuun daangaa Raashiyaa keessatti haleellaa akka raawwattuuf biyyoonni michuu akka hayyamaniif gaafataniiru.

    Dursaan waraana Neezarlaand Jeneraal Onoo Ayikinshaayiim, biyyisaanii jeettiiwwan waraanaa 24 fi meeshaalee waraanaa kan biraa Yukireeniif akka kennitu beeksiisaniiru.

    Meeshaalee waraanaa kanneen fayyadamuudhaaf daangaan kamuu kan hin kaa'amiin yoo ta'u, garuu seera namoomaa sarbuun hin danda'amu jechuun guyyaa Roobii dubbataniiru. Kana jechuunis Yukireen daangaa Raashiyaa keessa seenuun haleellaa raawwachuu dandeesi jechuudha.