Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.

Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi

Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf

Xiyyaarri Itoophiyaa waggoota jaha booda gara Asmaraa balali'uu dhaabe

Daandiin Qilleensa Itoophiyaa balalii gara Ertiraa taasisu dhaabuuf akka jedhu ibsa baasen beeksise. Biyyoonni lamaan waggoota 20 booda hariiroo erga tolfatan booda ture bara 2018 imallii xiyyaaraa gara Asmaraa kan eegale.

Guduunfaa

  • Xiyyaarri Itoophiyaa waggoota jaha booda gara Asmaraa balali'uu dhaabe
  • 'Dhiifama naaf godhaa jedheen isin kadha' - Netaaniyaahu
  • 'Netaaniyaahun kanneen ugguraman gadhiisisuuf hojii quubsaa hin hojjanne' - Baayiden
  • UK’n eeyyama meeshaa waraanaa 30 gara Israa'el taasifamu addaan kutte
  • Haati warraa Kaazimeroo abbaa warraashee bira dhaabbatte
  • Manni murtii Israa'el lagannaan guutuu biyyaa akka dhaabatu ajajus mormiin itti fufe
  • Qurxummiin guddichi Raashiyaaf 'basaasu' Norweeyitti du'e
  • Israa'el keessatti mormiin halkan guutuu gaggeeffame
  • Sheefiin beekamaa Ertiraafi dubartiin tokko Landanitti ajjeefaman
  • Hoggantoonni barnootaafi siyaasa walitti naquu hin qaban - Pirof. Birhaanu
  • US Iraaq keessatti miseensota IS 15 ajjeefuu beeksifte
  • Zeleniskiin jettiin gatii jabaa caccabnaan ajajaa humna qilleensaa ari'an
  • Ajajaan Hamaas haleellaa Weest Baankiin ajjeefamuu Israa'el beeksiste

Haguuggii Tamsaasa Kallattii

  1. Guyyoota muraasa darban hedduun Gaazaatti ajjeefaman - Hamaas

    Magaalota West Baank keessatti walitti bu’iinsi dhoheera.

    Israa’el ‘’oppireeshinii farra-shororkeessummaa’’ jettu eegalteen yoo xiqqaate lubbuun namoota sagalii darbeera.

    Akka ministeerri fayyaa Gaazaa Hamaasiin hoogganamu ibsetti, sa’aatii 24 darbetti namoonni 58 lubbuu dhabaniiru.

    Kuni haleellaa haaloo ba'uu Israa’el erga Hamaas jalqaba waggaa kanaa daangaa ce’ee 1,200 ajjeeseefi 200 ol bute booda eegalteen kan lubbuu dhaban 40,500 olin gaha.

    Akka gabaasaaleen jedhanitti, haleellaan Israa’el giddugala Gaazaatti mana barumsaa buqqaatonni keessatti dahatanirratti banteen yoo xiqqaate saddeet ajjeefamaniiru.

    Kibba Gaazaa Kaan Yuunisitti immoo taankonni Israa’el gidduu magaalaa seenaniiru.

    Kanaanis, yoo xiqqaate 11 ajjeefamuu qondaalonni fayyaa ibsaniiru.

    Gama kaaniin, waraanni Israa’el boolla lafa jalaa 3km dheeratu giddugala Gaazaatti mancaasuu beeksiseera.

    Dabalataan, torban muraasa darban ‘’shororkeessitoota kurnaan lakkaa’amaniifi bu’uraalee shororkeessitootaa dhibbaan lakkaa’amu mancaasuu,’’ ibseera.

  2. Dureessi Afrikaa Kibbaa Daangotee caaluun Afrikaatti tokkoffaa ta’e

    Biliyeenrri Afrikaa Kibbaa Johaan Ruupert dureessa Afrikaa Aliikoo Daangotee caaluun Afrikarratti sooressa hunda caalu ta’e. Akka ragaan ‘Bloomberg Billionaires Index’ irraa argame jedhutti, qabeenyi Aliikoo Daangotee kan gadi bu’e sababa rakkoo dinagdee biyyasaa Naajeeriyaatti mudateefiha.

    Nama industirii kan ta’e Daangoteen warshaa simintoo Itoophiyaa keessaa kan qabu yoo ta’u, industiriifi dhaabileen daldalaa isaa hedduun Naajeeriyaa keessatti argamu.

    Johaan Ruuppert ammoo dhaabbata Richemont jedhamu kan addunyaarratti meeshaalee qananii dhiyeessuun addunyaarratti isa guddaa yoo ta’u, biraandiiwwan akka Cartier fi Montblanc of keessaa qaba.

    Qabeenyi callaa Ruuppert dolaara biliyoona 1.9n dabaluun waliigala dolaara biliyoona 14.3 qaqqabeera. Kun ammoo sadarkaa addunyaatti 147 akka qabatu isa taasiseera.

    Aliikoo Daangotee sadarkaa adduyaarratti 159 irratti argamu sadarkaa 1n dursa.

    Qabeenyi callaa Daangotee garuu bara kana dolaara biliyoona 1.7 hir’achuun dolaara biliyoona 13.4tti gadi bu’eera.

  3. Muuziqaan anaaf akka meeshaa waraanaati- Artist Adam Haaruun

  4. Joon Daani'el fa'i shororkeessummaan gaafatamuu mormuun abukaatoon falman

  5. Ambaasaaddarri US dhimmoota yeroo TPLF fi Tigraayirratti Maqaleetti mari'ataa jiru

  6. Itoophiyaa Naannoo Somaaleetti namni Maaree Jaldeessaan qabamuu shakkame adda baafame

  7. Ce'umsa pireezidantummaa Kaamlaa Hariis akka hogganan kan filataman Yohaannis Abrahaam eenyu?

  8. Ol iyyannoon mirga wabii Obbo Taayyee Danda’aa har’atti beellamamee ture torbee itti aanutti darbe

    Manni-murtii Waliigalaa Federaala ol iyyannoo mirga wabii Obbo Taayyee Danda'aa dhiyeessanii turan irratti murtee dabarsuuf beellama biraa qabate.

    Himatawwan sadiin mana-murti Olaanaa Federaalaatti himatamanii kan turan qondaalli mootummaa duraanii Obbo Taayyee Danda’aa, beellama darbe irratti himatawwan irratti dhihaatan sadi keessaa lamaan bilisa jedhamuun isaanii ni yaadatama.

    Himata sadaffaa dhimma meeshaa waraanaa seeran alaa qofaan dhimmi isaanii beellamaan qabamee kan jiru yoo ta’u, kanuma hordofuun mirgi wabii isaaniif akka eegamu mana-murti wayita dhihaatanii turetti gaafatanii ture.

    Manni-murti olaanaa Federaalaas himatamaan kuni mirgi Wabii eegameefii yoo gadhiifaman yeroo manni murti isaan barbaadutti argamuu dhiisuu malu jechuun mirga wabii isaanii kufaa taasisee ture.

    Mana hidhaa Qaallittii kan jiran Obbo Tayyeenis himanni sadaffaan amma ittiin himatamaa jiran mirga wabii kan dhorku waan hin taaneef mirgi wabii akka eegamuuf mana murtii waliigala Federaalaatti oliyyannoo gaafachuu Haati Warraa isaanii Aadde Sintaayyoo Alamaayyoo BBCtti himan.

    Hagayya 22, bara 2016 ganama ol iyyannoo mirga Wabii kanaaf jechas Obbo Taayyeen mana murti waliigalaa Federaalaatti dhihaatanii ture. Haa ta’u malee manni murtichaa ‘hojiin waan natti baay’ateef’ jechuun dhimmicha ilaaluuf gaafa Hagayya 29, bara 2016tti beellama kan biraa qabachuus himan.

    Deetaa Ministeera Nagaa duraanii kan turan Obbo Taayyee Danda'aa Mudde bara 2023 ture ''mootummaa shiraan kuffiisuuf socho'uun'' shakkamuun to'anno jala kan oolan.

  9. Shakkamaa yeroo sadii duutii itti murtaahee, waggaa 17f erga hidhamee booda dhiifamaan gadhiifame

    Namoota jaha tibba kana buufata xiyyaraaa Booleetti imalli gara Maqalee sababa haala qilleensaa badaan haqamuu hordofee xiyyaara keessaa hin buunu jechuun ''jeequmsa kaasan'' keessaa tokko yakka cimaan himatamee nama ture akka ta'e Poolisiin beeksise.

    Komishiniin Poolisii Federaalaa ibsa fuula miidiyaa hawaasaa isaa gubbaatti baaseen, shakkamaan Eliyaas Dirribaa Badhaanee jedhamu ALI bara 1989-1999 yakka cimaa adda addaa raawwateen yeroo sadii murteen du'aa erga itti murtaahee booda oliyyannoo gaafatee murteensaa hidhaa umrii guutuutti fooyyeffameefi akka ture ibseera.

    Shakkamaan kun yakka meeshaa namaa butuu jaha, yakka hannaa sadii, yakka nama ajjeesuu sadii, saamicha lamaafi hidhaatii miliquu fa'iin walumaagalatti yakkoota 28n amma dura himatameera.

    Yeroo adda adda murtee du'aa irratti darbus ol iyyachuusaa hordofee muteen sun umrii guutuutti achiis hidhaa waggaa 25tti fooyya'eeraaf.

    Shakkamaan kun waggoota 17f hidhaa erga turee booda dhiifamaan gadhiifamuus Poolisiin ibseera.

  10. Pirezidant Shimallis Diyaaspooraa Oromootiif waamicha godhan

    Pirezidantiin mootummaa naannoo Oromiyaa Obbo Shimallis Abdiisaa Oromoota biyyoota addunyaa garagaraa keessa jiraniif Ayyana Irraachaa biyya abbaasaaniitti dhufanii akka kabajan waamicha taasisan.

    ''Jala bultii kabaja ayyaana Irreechaa bara 2024 ALA/2017 ALI kanatti, obboloota keenya biyya alaa jirtan hundaaf gara biyya keessanitti deebitanii ayaanicha akka nuwaliin dabarsitan affeerraa onneerraa madde isiniif dhiheessuun barbaada,” jedhan Pirezidant Shimallis erga miidiyaa hawaasaa isaaniirratti baasaniin.

    Irreechi eenyummaafi achii-dhuftee keenya kan jedhan Pirezidant Shimallis, “tokkoo tokkoon kabaja ayyaana Irreechaa, agarsiiftuu injifannoo cunqursa irratti argameefi bilisummaa cichoomina, kutannoofi gatii qaaliin dhugoomeeti,” jedhan.

    Mirgi kabaja ayyaana Irreechaa ummata keenyaa jaarraa tokkoo oliif sarbamee turuun isaa seenaa kaleessaa ta’uu kaasuun, abootiin qabsoo bara dheeraatiin baduuraa olchaniiru jedhan.

    Adeemsi kun, jabina, dandamannaafi kutannoo hinreeqqifne ummanni Oromoo hambaa aadaa isaa tiksuufi kunuunsuuf qabuuf, ragaa yoomiyyuu hin dhokanne ta’ee dhaabbata.

    Obbo Shimallis, akkaataa har’a Irreechi harka diriirsee nama kamuu simatu arguun heddu kan nama boonsuudha jedhu.

    “Golee Itoophiyaa hundarraa, namoonni hedduun Irreecha ulfeessuuf, eebba isaa irraa hirmaachuuf, akkasumas ulfina hin sheeyinofne kana irratti ummata keenya walalchuuf tokkummaan argamaa jiru. Irreechi madda isaa ummata Oromoo bira darbee, sabootaaf mallattoo abdii, ofkaltiifi araaraa ta'eera.

    Wanti ajaa'ibsiisaan biraa, Irreechi daangaa Oromiyaafi Itiyoophiyaa qaxxaamuruu isaati. Bara darbe, obboloonni keenya Oromoo biyya Keeniyaa, daangaa idil-addunyaa ce’uun nuwaliin hirmaachuun gamtummaa cimaa qaban nuuf ibsaniiru.

    Bara kana ammoo Oromoon addunyaa mara irra jiru ayyanichaaf fuula isaa gara lafa eenyummaa isaatti akka deebifatu abdanna. Irreechi ummata Oromootiif faajjii tokkummaa daangaa siyaasaa, bakka jireenyaa, amantaafi ilaalcha siyaasaa caalu ta’eera.

    Haata’u malee, akka Obbo Shimallis jedhanitti, qaamni murteessaan ammallee guutummaatti qooddataa eebba kanaa hintaane nijira— diyaaspooraa Oromoo.

    “Argamuun diyaaspooraa Oromoo deebii dhumaa hibboo keenyaati. Akka dhala Oromoo daangaa addunyaa maratti faffaca’etti, hirmaannaan keessan hirdhuu kabaja ayyaanicha guuta; fageenyi kamuu walitti dhufeenya hambaa, aadaafi eenyummaa ummata keenyaa waliin qabnu kan hinhirdhisne ta’uu agarsiisa. Oromoota idil-addunyaa gidduutti mallattoo tokkummaa oljiraa ta’ee tajaajila.

    Waan ta’eef, dhaloota lammaffaa diyaaspooraa Oromootiif waamicha onnee irraa madde addatti isiniif dabarsuun barbaada. Kun waamicha hirmaannaa ayyaanichaa qofa miti; affeerraa kadhaa hundee keessan waliin deebitanii akka hidhata ummattan isiniif taasisuudha.”

  11. Dooniin boba’aa fe’u finciltoota Huutiin haleelame ammallee gubachaa jirti

    Dooniin boba’aa fe’u torban darbe keessa finciltoota Huutiin haleelame ammallee abiddi itti qabatee kan jiru yoo ta’u, boba’aan dhangala’aa jirachuu akka danda’u Peentaagoon beeksise.

    Doonii qabeenyummaan isaa kan Giriik ta’e kana oolchuudhaaf carraaqqiin taasifamullee hidhattoota Huutiirraa doorsis biraan waan dhufeef akka hin milkoofne humni waraanaa Ameerikaa ibseera.

    Dooniin kun boba’aa toonii 150 ykn barmeelii miliyoona tokko fe’atee kan ture yoo ta’u, seenaa keessatti galmaa’ee kan hin beekne boba’aan guddaan galaana keessatti dhangala’uu akka danda’u yooddoo uumeera.

    Iraan irraa deeggarsa kan argatan hidhattoonni Huutii ,Yaman gara caalu to’atanii jiru. Huutiin ji’oota saddet darban keessa waraana Israa’eliifi Hamaas gidduutti Gaazaa keessatti gaggeefamu hordofee Filisxeemota deeggaruun haleellaa raawwachaa jira.

    Yeroo kana keessatti Huutiin haleelaa raawwateen dooniiwwan lama akka galaanni liqimsu godhaniiru; yoo xiqqaate hojjettota doonii lama ajjeesaniiru.

    Finciltoonni Huutii haleella kan raawwatan warra Israa’el, Ameerikaa ykn Yunaayitid Kingidam waliin hariiroo qbanirratti qofa jedhanillee, hanga ar’aatti dooniiwwan biyyoota garagaraarrattis ni xiyyeeffaa.

    Dooniin Sooniyen jedhamu kun torban darbe rasaasa bidiruu xixiqqoo lamarraa itti dhukaafameefi meeshaa adda hin bane si’a sadii itti furguggifameen rukkutame.

  12. Waraanni Israa’el oppereeshinii guddaa Weest Baank keessatti bane

    Kaaba Weest Baank bakka Israa’el humnaan qabattee jirtu keessatti yoo xiqqaate Filisxeemonni 11 humnoota Israa’eliin ajjeefamuu qondaalonni fayyaa Filisxeem himan.

    Dahoo baqattootaa Far’aa keessattis haleellaa qilleensarraan yoo ajjeefaman ja’aammoo dirooniin ajjeefaman.

    Jeeniin keessatti ammoo humnoota hidhatan gidduutti walitti bu’insi tureera.

    Humnoonni nageenyaa Israa’el Jeeniin fi Tulkarm keessatti “goolii karaatti hambisuuf oppereeshinii farra shororkeessummaa” gaggessaa jiru ta’uu dubbatan.

    Kun oppereeshinii Israa’el gaggeessitu isa guddaa yoo ta’u, yoo xiqqaate magaalonni Filisxeem afur – Jeniin, Tulkarm fi Tubaas yeroo wal fakkaatuti irratti xiyyeefatameera.

    Oppereeshiniin Israa’el ammaa kun erga Intifaadaa lammaffaa – diddaa Filisxeemotaa guddaa bara 2000 hanga 2005 - tureen booda magaalota Filisxeem baayyee al takkaatti yeroo irratti xiyyeefatamu isa jalqabaati.

  13. Zeleniskiin 'karoora injifannoo' pirezidant Joo Baayidaniif dhiyeessuuf

  14. Madiinaan 5,000m'n rikardii cabsuun injifatte, Abdiisaan xiqqumaaf warqii dhabe

  15. Malli qusannoo jaarraa tokko lakkoofsise akkamiin hojjeta?

  16. Hubannoon nam-tolchee kan namaa yoo caale maaltu uumamuu danda'a?

  17. Ronaaldoon kubbaa dhaabuu, leenjisaa ta'uufi egeree isaarratti maal jedha?

  18. Tamsaasni kallattii xumurame!

    Tamsaasni kallattii BBC Afaan Oromoo Kibxata galgalaa xumurame.

    Roobii ganama walitti deebina!

    Nagaan bulaa!

  19. Yunaayitid Ugaarte fidate, Isteerliing fiduuf marii eegale

    Maanchistar Yunaayitid utubaa lammii Uraagaay PSG’f taphatu, Maanu’el Ugaarte, yuuroo miiliyoona 50’n ofitti fiduuf waliigale.

    Waliigalteen kuni kaffaltii dabalataa yuuroo miiliyoona 10 dabalata.

    Waliigalteen Yunaayitid kuni yeroo utubaan Yunaayitid biroo Iskoot MaakiTominay paawundii miiliyoona 25’n gara Naappoli qajeeluuf dhihaate dhagahame.

    Gama kaaniin, Maanchistar Yunaayitid Raahem Isteerling ofitti fiduuf Chelsii waliin marii eegaleera.

    Jifataan ganna 29 garee jalqabaa Chelsiirraa adda bahee leenji’aa jira.

    Ammattii waliigalteen homaarra hin gahamne.

  20. Arsenaal utubaa haaraa, Meriinoo, mallatteessifate

    Arsenaal utubaa haaraa Riyaal Sosedaad irraa barbaadaa ture mallatteessifatee xumuruu isaa beeksise.

    Taphataan lammii Ispeen kuni Mikeel Meriinoo jedhama.

    Hammi maallaqaa itti bahes £31.6m gaha jedhameera. Waggoota afuriifis mallatteesse.

    Ammo isa caalaallee yoo ture hammi kanfalamuf ifa ta’eera.

    Merinoon garee Ispeen Waancaa Awurooppaa barana ol kaase keessa ture. Taphoota sadan hundarratti hirmaatee taphateera.

    Tapha hirboo maayiirrattis yeroo dabalataarratti Jarmanirratti galche.

    Merinoon taphataa sadaffaa bara dorgommii baranaa Arsenaal mallatteessifate keessaa tokkodha.

    Akka kana dura ibsametti taanaan, Meriinoon Dekilaan Raayis waliin hiriiree taphachuu danda’a.

    Ammoo utubaarratti Raayis, Jorginihoo, Paartey fi Odigaardin ala leenjisaa Arsenaaliif filmaata dabalataa ta’a.

    Merinoon kana dura Riyaal Sosedaaditti imaluun dura New Kaasil keessatti taphateera