Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Xiyyaarri Itoophiyaa waggoota jaha booda gara Asmaraa balali'uu dhaabe
Daandiin Qilleensa Itoophiyaa balalii gara Ertiraa taasisu dhaabuuf akka jedhu ibsa baasen beeksise. Biyyoonni lamaan waggoota 20 booda hariiroo erga tolfatan booda ture bara 2018 imallii xiyyaaraa gara Asmaraa kan eegale.
Guduunfaa
- Xiyyaarri Itoophiyaa waggoota jaha booda gara Asmaraa balali'uu dhaabe
- 'Dhiifama naaf godhaa jedheen isin kadha' - Netaaniyaahu
- 'Netaaniyaahun kanneen ugguraman gadhiisisuuf hojii quubsaa hin hojjanne' - Baayiden
- UK’n eeyyama meeshaa waraanaa 30 gara Israa'el taasifamu addaan kutte
- Haati warraa Kaazimeroo abbaa warraashee bira dhaabbatte
- Manni murtii Israa'el lagannaan guutuu biyyaa akka dhaabatu ajajus mormiin itti fufe
- Qurxummiin guddichi Raashiyaaf 'basaasu' Norweeyitti du'e
- Israa'el keessatti mormiin halkan guutuu gaggeeffame
- Sheefiin beekamaa Ertiraafi dubartiin tokko Landanitti ajjeefaman
- Hoggantoonni barnootaafi siyaasa walitti naquu hin qaban - Pirof. Birhaanu
- US Iraaq keessatti miseensota IS 15 ajjeefuu beeksifte
- Zeleniskiin jettiin gatii jabaa caccabnaan ajajaa humna qilleensaa ari'an
- Ajajaan Hamaas haleellaa Weest Baankiin ajjeefamuu Israa'el beeksiste
Haguuggii Tamsaasa Kallattii
Qophii adda babayii Landanirratti Sheefii beekamaa Ertiraa dabalatee namoonni lama ajjeefaman
Qophii guddaa Landan- Notiing Hiil Karniivaal jedhamuun gaggeeffame, kan namoonni miiliyoonaan lakkaa'aman irratti hirmaatan, irratti lammii Ertiraa nyaata qopheessuun beekamu dabalatee namoonni lama ajjeefaman.
Namoonni taatee yeroo garaagaraan ajjeefaman kunneen dubartii umrii waggaa 32 Cheer Maaksiimeen jedhamtuu fi lammii Ertiraa umrii waggaa 41 Musee Imnatuudha.
Poolisiin akka jedhutti, Cheer Dilbata darbe (torban har'aa) daa'imashee dubaraa umrii waggaa sadii waliin erga waraanamtee booda Sambata kaleessaa duute.
Musee Imnatuu ammoo xumura qophichaarratti of wallaalee kan argame yoo ta'u erga hospitaala seenee booda haleellaa irratti raawwatame dandamachuu dadhabuun lubbuunsaa baate.
Ajajaan poolisii Chaarmeeyin Bireenyaah ajjeechaan namoota lameenii ''maatii isaaniitti gaddaa fi burjaajii guddaa uumeera,'' jedhan.
Poolisiin sababa ajjeechaa kanaa himata yakkaa ajjeechaa jalatti qorataa jiraachuus ibsan.
Qopheessitoonni sagantaa Notiing Hiil Karniivaal ajjeechaa namoota kunneeniin gadda itti dhagahame ibseera.
Kanneen ajjeefaman keessaa dubartiin Cheer jedhamtu namoota wal lolan gargara baasuuf wayita gidduu seentetti waraanamte.
Museen ammoo iddoo hojiisaa Dubaay irraa garas imalee lubbuunsaa dabarte.
Miidhaa mataasaarra ga'een lubbuunsaa darbuu ibse poolisiin.
Ertiraatti dhalatee Siwiidiin keessatti kan guddate Museen biyyoota addunyaarra naanna'uun hojjetaa ture.
Kanaan dura namoota soorata qopheessuun addunyaarratti beekaman (Sheefota bebbeekamoo) kanneen akka Goordan Raamseey fi Maarkas Weeriing waliin hojjeteera.
Poolisiin ajjeechaa namoota kunneeniin namoota shakke lama to'annoo jala oolcheera.
Ajjeechaa Cheeriin dargaggeessi waggaa 20 himatameera.
Ajjeechaa Museen ammoo namni umrii waggaa 31 ta'e jedhee mataasaarra rukutuun miidhaa guddaa irraan ga'eera jedhamuun himatamee mana murtiitti dhihaateera.
Notiing Hiil Kaarnivaal aadaa fi aartiin Kaaribiyaan kan irratti agarsiifamuu fi kabajamu yoo ta'u bara 1960 irraa eegalee adda babayii Landan irratti gaggeeffamaa jira.
Halaand taphoota sadirratti goolii torba galchuun kophaasaa kilaboota hedduu caale
Poolisonnii Israa’el sadii Weest Baankitti ajjeefamuu qondaalonni Israa’el himan
Poolisoonni sadii, dhiirota lamaa fi dubartiin tokkoo, konkolaataan ittiin imalaa turan Hebiroon cinatti haleellamuu ajjeeffamusaanii qoondaalonni Israa’el himan.
Bakka dhukaasi irratti banameerra komishinarri poolisii Israa’el Daani’eel Leevii akka dubbatanitti, poolisonni ajjeeffaman aanaalee Judihaa fi Samariyaa keessa hojjataa turaniidha.
Judihaa fi Samaariyaa kan kitaaba qulqulluurratti beekamu kanaan Israa'el Weest Baank jette waamti.
Poolisota kanneen keessaa lamaan isaanii bakka taateen sun itti mudate, ulaa Tarkumiyaa jedhamutti cinatti du’uun isaanii himame.
Poolisiin inni sadaffaan ammoo helikopitaraan hospitaala erga qaqqabe booda du’e.
Kutaaleen West Baankii, kan waraana Baha Giddugaleessaa bara 1967 irraa eegalee Israa'el to'atte, torban kana keessa "opporeshinii waraanaa" Israa'el bal'aa fi qindoomina qabuun irratti xiyyeeffatameera.
Kanaan wal qabatees Dhaabbanni Biyyoota Gamtoomanii atattamaan dhukaasni akka dhaabbatuuf waamicha taasiseera.
Haleellaa diroonii Yukireeniin buufataalee anniisaa Raashiyaatti ibiddi qabate
Halkan edaa dambalii haleellaa diroonii Yukireen Raashiyaarratti banteen buufalee annisaa Raashiyaa lamatti ibiddi qabate.
Akka Ministerri Ittisaa Raashiyaa beeksisetti, diroononni Yuukireen 158 magaalaa guddoo Raashiyaa Mooskoo dabalatee, kutaalee Raashiyaa 15 haleeluuf irratti xiyyeefatan .
Waraanni Raashiyaa akka ibsitetti,diroonota kana qolachuun mancaasaniiru.
Haata’u malee, ibiddi haleellaa Kanaan walqabatu buufata boba’aa calalu Mooskootti argamu’’ kutaa tekinikaa addatti bahee argamutti qabateera’’ jedhan Kantiibaan magaalaa Mooskoo.
Sergii Sobyaniin akka himanitti, yoo xiqqate dirooniin 11 magaalaa Mooskoo fi naannoo magaalichaa haleeluurratti qiyyaafatan.
Taatullee magaalaa guddoo Raashiyaa Mooskoorraa km 120 kan fagaatu Tivir keessatti sagaleen dhukaasaa guddaan buufata anniisaa Konakovoo cinaa dhagahameera.
Miidiyaaleen Raashiyaa buufata anniisaa Konakovootti ibiddi qabachuu gabaasaniiru.
Shaampiyoonaa ganna 20 gadiin Itoophiyaan yeroo jalqabaaf lammaffaan xumurte
Shaampiyoonaa dorgommii atileetiksii daraggoota umuriin waggaa 20 gadii Peeruu, Liimaatti gaggeeffamaa turen Itoophiyaa meedaaliyaa 10 argachuun yeroo jalqabaatiif sadarkaa lammaffaadhaan xumurte.
Dorgommii Hagayya 27-31, 2024tti Peeruutti gaggeeffamaa ture kanarratti atileeloonni Itoophiyaa warqee 6, meetii 2 fi naasa 2, waliigalatti meedaaliyaawwan 10 argachuudhaan biyyoota dorgommicharratti hirmaatan 134 keessaa sadarkaa lammaffaa argachuun dorgommicha olaantummaan xumuran.
Odeeffannoon toora miidiyaa hawaasaa Atileetiksii Federeshinii Itoophiyaa irraa argame akka ibsuutti, Itoophiyaan shaampiyoonaa dorgommii atileetiksii dargaggoota waggaa 20 gadiitiin addunyaarraa sadarkaa lammaffaa, akka afriikaatti sadarkaa tokkooffaan yoo xumurtu kun kan jalqabaati.
Shaampiyoonaa dorgomii kanaan Ameerikaan waqree 8, meetii 4 fi naasaa 4n sadarkaa tokkooffaa kan qabattee yoo taa'u, dirree atileetiksii mararratti dogomtuu Itoophiyaa kan taatee Keeniyaa ammoo warqee 3, meetii 3 fi naasii tokkoon sadarkaa shanaffaan dorgommicha xumurte.
Biyyoota dorgommicharratti hirmaatan 134 keessaa kan gabatee meedaaliyaa keessa galan 34 qofaa ta'unis barameera.
Atileeti Madiinaa Isaa meetira 5,000n, Atileeti Siimboo Alamaayyoo dorgommii gufachiisoo meetira 3,000n, Atileeti Janaraal Biraanu meetira 800n, Alashiinyi Baawwaqa dubartootaan meetira 3,000n, Atileeti Saaroon Barihee dubartootaan meetira 1,500 fi Abdiisaa Fayyisaa dhiiraan meetira 1,500n warqee argachuun dorgommicha olaantummaan xumuran.
Kana malees, atileeti Maqdas Alamisheet dorgomii dubatootaan, atileeti Abdiisaa Fayyisaa ammoo diiraan fiigicha meetira 5,000n meedaaliyaa meetii biyyaaf argamsiisaniiru.
Atileeti Maartaa Alamaayyoo dubartootaan, atileeti Haayiluu Ayaaleew dorgommii gufachiisoo dhiiraatiin meetira 3,000 naasii argamsiisaniiru.
Walumaagalattis Itoophiyaa atiletoota dubartii 11 fi dhiiroota 8 hirmaachisuun meedaaliyaa 10 argatte.
Dorgommii walfakkaataa waggaa lamaan dura Kolombiyaa -Kaalii keessatti gaggeeffamee turen Itoophiyaa warqee 6, meetii 5 fi naasii tokko argachuun sadarkaa addunyaatti sadaffaa ta'un xumuruunshee ni yaadatama.
Maatiin booji'amtootaa Netaaniyaahuun 'dhoksaa dhiisii itti gaafatamummaa fudhadhu' jedhan
Ammaan tana Foramii Maatii Boji'amtootaa kan firoota namoota butamuudhaan Gaazaatti geeffaman bakka bu'u muraasa irra dhageenyeerra.
Foramiichi Ministirri Mummee Israa'el Beeniyaamin Netaaniyaahuun ''ummataaf haasaa akka taasisaniifi namoota booji'aman daggachusaatiif itti gaafatamummaa akka fudhatan'' gaafate.
Ibsa gareen kun baaseen, du'aatiin booji'amtoota ja'an reeffiisaanii kibba Gaazaatti argaman kunis ''kallatti bu'aa waliigaltee mallatteessuu dhabuu'' akka ta'e dubbata.
"Ji'oota muraasa darban keessa booji'amtoonni saddeet oppareshinii waraanaa gaggeeffameetiin lubbuun kan baraaraman yoo ta'u, waliigaltee Muddee darbe taasifameen booji'amtoonni 105 gadhiifamaniiru.
''Ori, Almoog, Heersh, Kaarmel, Alexaandar fi Edan fa'is hundi isaanii maatiisaanii waliin gara biyyaatti deebi'uu danda'u turan," gareen kun maqaa booji’amanii ja’an reeffisaanii Sambata kaleessaa kibba Gaazaa keessatti ulaa lafa jalaa tokko keessatti argame kaasuun.
Itti dabalunis fooramichi, "Netaaniyaahuuf waamicha taasifnana: Dhoksaa dhiisaa. Dagannaa itti fufee jiru kanaaf sababa qabatamaa ummatatti himi," jedhe.
Dubbi himaan Raayyaa Ittisa Israa'el (IDF), Daani'eel Hagaarii kanaan dura, xinxala jalqabaatiin namoonni booji'aman ja'an ''osoo nutii isaan bira hin qaqabiin sa'aa muraasaan dura shororkeessitoota Hamaasiin gara jabummaadhaan ajjeefaman'' jechuun dubbataniiru.
Dhiibbaa cimaa sanyummaa fayyaa namootaarratti qabaatu
''Iddoon awwaalchaa iddoo siyaasa miti'' jechuun Kaamala Haaris Tiraamp qeeqan
Pirezedantii ittaantuun Ameerikaa Kaamalaa Haaris duula filannoo irratti Pirezedantiin duraanii Ameerikaa Donaald Tiraamp iddoo awwaalchaa biyyoleessaa waraaanaa Arlingitan ''iddoo siyaasa miti'' jechuun qeeqan.
Kaamalaa Haaris miidiyaa hawaasaarratti Tiraamp wayita qeeqan, “xiyyeeffannoo siyaasa argachuuf lafa kabajamuu qabu kabajaa dhorke,” jedhan.
Waraanni Ameerikaa gama isaatiin hojjattoonni Tiraamp qajeelfama iddoo awwaalchaa viidiyoo waraabuu ilaallatu hojjattoonni bakka awwaalcha itti himuuf yaalan dhagahuu didan jedhe.
Gartuun duula filannoo Tiraamp maatii loltoota du’aniitu akka bakka sana dhaqnu nuuf eeyyame jedha.
Taateen sun kan mudate loltoota Ameerikaa 13 wayita US Afgaanistaan keessaa wagga sadii dura baatu yaadachuuf sagantaa Wixata darbe qophaa’eerratti Tiraamp argamuu hordofeeti.
Dimokiraatoota bakka bukka bu’uun filannoo pirezantummaa Ameerikaaf kan dorgoman Kaamalaa Haaris yeroo jalqabaaf dhimma kanarratti yaada kennan.
Haaris akka Pirezedantii ittaantutti iddoo awwaalchaa biyyoleessaa waraaanaa Arlingitan, Vaarjiniyaatti argamu irra deddeebiin dhaqanii ilaalu ibsan.
Takka garuu siyaasaaf itti gargaramanii akka hin beekne ibsaniiru Kaamalaan.
Namtichi haadhaafi abbaa warraa ajjeesuun shakkame riizoortii qullaa keessatti to'atame
Ameerikaatti poolisiin Kaalifoorniyaa nama maanguddoota haadha warraa fi abbaa warraa naannoo riizoortii qullaa keessaa jiraataa turaniifi bakka buuteensaanii dhabaman, ajjeese jedhamee shakkame to'annoo jala oolche.
Stefanii Menaard, kan umuriin waggaa 73 fi Daani'eel Menaard kan waggaa 79, Dilbata darbe ture mana isaanii kan Olive Dell Ranch, dhiheenya bakka bashannana qullaa Redlands, Loos Anjalasiitti argamurraa gara bahaatti fageenya kiilomeetira 104tti fagaatee argamutti erga argamee booda, hiriyyaasaaniitiin bakka buteensaanii dhabamun kan gabaafame.
Jiraataan ollaan isaaniifi maanguddoon ganna 62 Maayikeel Ispaarks ajjeechaa isaanii waliin walqabatee dhuma torban kanaa poolisiidhaan to'annoo jala oolfamee ture.
Guyyaa Jimaata darbe ammoo poolisiin mana Aab Ispaarks keessatti reeffa namaa argachuu beeksiise.
Isaan booda reeffichi qorannoodhaaf gara Waajjira Qorannoo Du’aa Kaawuntii San Bernardino’tti ergamee poolisiin beeksiseera.
Aab Ispaarks Kamisa darbe “marii dheeraa” fi sakatta’iinsa poolisiin kan manasaa gartokkoon bulldoozaraa jigfamuun, caasaa konkiriitii bakka itti dhokate jala argateen booda to’annoo jala oole.
Ergasii reeffa namaa dabalatee, ragaan boorsaawwanii manicha jalaa argamuu Kutaan Poolisii Redlands Jimaata darbe barreeffama Feesbuukii irratti baaseen ibseera.
Qondaaltonni poolisii hanga dhuma torbee kanaatti ragaa dabalataa barbaaduui akka itti fufan himaniiru.
Poolisiin baduu cimdiiwwan kunneen Hagayya 25 kan bare yoo ta’u, konkolaataan saanii Menards manasaanii ala karaa irratti banamee argamee booda ture.
Sareen maatii kanaa, xiqqoo adiin maqaa Cuddles jedhamtus bakki buute dhabamteetti.
Raashiyaan humnoota Yukireen irra aanuun magaalota Yukireen qabachuu eegalte
UN Gaazaa keessatti talaallii pooliyoo kennuu jalqabuuf
Dhaabbileen Dhaabbata Mootummoota Gamtoomanii (UN) fi qondaaltonni fayyaa naannichaa, Gaazaa keessatti daa’imman kuma 640 ta’aniif talaallii farra pooliyoo kennuuf duula guddaa jalqabanii jiru.
Hojii talaallii kunis lola humnoota Israa’elii fi hidhattoota Hamas gidduutti taasifamu keessatti,yoo barbaachosuutti dhaabbachuun itti fufee kennamurratti kan hundaa’e yoo ta’u, marsaan jalqabaasaatiif Dilbata har'aati jalqaba.
Dhaabbanni Fayyaa Addunyaa (WHO)n bu’a qabeessa ta’uudhaaf yoo xiqqaate daa’imni umuriinsaanii waggaa 10n gadi ta’an %90 yeroo gabaabaa keessatti talaallii fudhachuu qabu jedha.
Duulli kunis waggoota 25 booda Gaazaatti daa'imti jalqabaa dhukkuba pooliyootiin qabamuun isaa erga mirkanaa’e boodadha.
Ogeessi Dhaabbata Mootummoota Gamtoomanii tokkos, daa’imman hedduun vaayirasichaan qabamuu akka hin oolle fi vaayirasichi yoo hin to'atamne sadarkaa rijinichaatti weerarri bal’aan mudachuu akka danda’u dubbatan.
Viidiyoon ji'oota muraasa dura waraabame tokko akka agarsiisutti daa'imni Abdulrahmaan Abbuu Judyaan jedhamu, jalqaba baayyee si'ataa ture.
Amma garuu yeroo waggaa tokko guutu haatisaa Niveen, kan kaampii giddugala Gaazaa kaampii bakka namoonni itti baayyatan keessa jiraattu, mucaanshee gonkumaa deemuun akka hin danda'amne hubachuun yaaddoo keessa seente.
“Baay’ee nama rifachiisa ture,” jechuun Niveen BBC’tti wayita himteetti waa'ee ilmishee dhiheenya kana dhukkuba pooliyootiin qabameefi miillisaa tokko gartokkoon akka laamsha’u taasisee yoo dubbatteetti.
“Waan akkanaa hin eeguun ture. Ammattis mucaan kuun daa'umuus ta’e adeemsa waan hin dandeenyeef kunuunsa fayyaa sirrii malee as jira'' jette.
Onkololeessa 7, guyyaa hidhattoonni Hamaas itti haleellaa rifachiisaa kibba Israa'el irratti raawwataniifi namoota 1,200 itti ajjeefameetti sanatti, daa'imni reefuu dhalate Abdulrahmaan talaallii idilee fudhachuu qaba ture. Garuu gonkumaa hin fudhatiin hafe.
Waraana taatee snaan booda ture keessatti maatiin Abbu Judyaan kaaba Gaazaa irraa, yeroo shaniif buqqaafaman.
Jalqaba gara Magaalaa Gaazaatti, achii ammoo bakka adda addaa giddugaleessatti, gara kibba fagootti gara Raafaa fi gara Deir al-Balah'tti deebi'aniiru.
Raappariin Ameerikaa waltajjiirratti kufee du’e
Raappariin Ameerikaa ganna 53 Fatimaan Iskoop konsartiisaa Jimaata darbee Konneektikat keesssatti gaggeeffame gubbatti kufuu hordofee du’uu bakka buutonni isaa BBC tti himan.
Raappariin kun konsartichaa magaalaa Hamdenitti gaggeeffame qixxeen erga gahee booda waltajjiirratti kufe.
Kantibaan magaalichaa Laawuriin Garret, toora Feesbuukisaanirratti raappariin kun ambulaansiin gara hospitaalaa naannootti geeffamee akka ture barreessaniiru.
‘’Iskoop muuziqaa keessatti nama jaalatamaa, dinqisiifattoota danuu addunyaarratti qabu’’ jedhe dubbu himaan sagantaa komnsartiisaa qindeessu MN2S jedhamu.
"Sagaleen isaa beekamaan sun, anniisaa isaa namoota biroottille darbu fi namummaan isaa indaastirii muuziqaa keessatti mallattoo hin badne isa taasisa" jedhe.
Maatiin Iskoop miidiyaa hawaasaarratti ciminasaa leellisanii dhaamsa gaddaa barreessan.
Israa'el reeffa namoota Hamaasiin booji'amanii ja'a baasuu himte
Israa’el humni waraanshee reeffa namoota Hamaasiin booji’amanii naannoo Gaazaa Istirppii keessa kaa'amaa turanii jaha baasuu beeksiifte.
Ibsa Raayyaan Ittisaa Israa’el (IDF) baaseen, reeffi namoota kanneenii kunis Sambata darbe naannoo Raafaa keessatti bolla lafa jalaa kan argamu ta’uu ibseera.
Waraanichis namoota ajjeeffaman kanneen maqaansaanii Kaarmel Gaat, Eden Yerushaalmi, Heersh Goldberg-Polin, Alexander Lobanov, Almog Sarusi fi Maaster Sarjan Ori Daaninoo jechuun adda baaseera.
Preezdaantiin Ameerikaa Joo Baayiden Aab Goldberg-Poliin lammii Ameerikaa ta’uu ibsaniiru. ''Gadda guddaa fi aarii guddaa natti dhagahame,'' jedhan Baayidan.
Waanni Israa'el ibsa Dilbata ganama kenneen, reeffawwan booji'amtoota kanneenis ''gara daangaa Israa'elitti deebi'eera'' jedhe.
"Hundi isaaniituu Onkoloolessa 7, 2023 erga booji'amanii dhaabbata shororkeessummaa Hamaasiin gara Gaazaa geeffamaniin booda ajjeefaman."
Ibsichi dabaluudhaanis maatiin namoota kanneenis itti himamuu beeksiseera.
Gama biraatiin ammoo, Pirezidaanti Baayidan ibsa kennaniin, ''Heersh namoota nagaa Onkoloolessa 7'tti Israa'el keessatti qophii muuziqaa nagaaaratti osoo hirmaatanii gara jabummaadhaan haleelaman keessaa tokko ture'' jedhan.
"Innis tibba ajjeechaa cimaa Hamaas raawwatuutti hiriyootaafi namoota isaan hin beekne kaan gargaaruutti harka isaa dhabe. Innis reefu waggaa 23 guutee ture. Nama addunyaa irra naanna'uun dowwachuuf karoorfate ture."
"Warra isaa Jooniifi Raaheel waliin wal bareera. Isaaniis waan hin yaadamne kana keessa dandamatanii darbuuf cimoodha fi jajjaboo turan," jedhu Mr Baayiden.
Tamsaasa kallattii keenya eegalleerra!
Ashamaa hordoftoonni BBC Afaan Oromoo bakka jiratan hundatti.
Tamsaasa kallattii keenya har'aa kan ittiin odeessaalee ijoo biyya keessaafi addunyaa mara irraa isin biraan geenyu kunoo amma eegalleerraa nu hordofaa!
Tamsaasni kallattii xumurame!
Tamsaasni kallattii BBC Afaan Oromoo guyyaa Sambataa xumurame.
Dilbata ganama walitti deebina.
Nagaan!
Atileet Tigist har'a galgala warqiif eegamti
Atileeti Tigist Gazzaahany galgala har’aa Paaraalimpikii Paarisiin dorgommii 1500m T13 jedhamuun dorgommii qabdi.
Dorgommiin kuni atileetota ijaan ilaaluu xiqqoo isaan rakkisu kan irratti dorgomanidha.
Dorgommiin kuni galgala 2:13 irratti akka dorgomamu gabaafameera.
Atileetin kuni seenaa Paaraalimpikii keessatti Itoophiyaan yeroo jalqabaaf medaaliyaa warqii argattedha.
Kanas Paaraalimpikii Tokiyoo irratti galmeessite.
Tigist dubartii Itoophiyaa jalqabaa waltajjii ispoortii addunyaa guddicha atileetonni qaama miidhaman irratti hirmaatanirratti medaaliyaa argattedha.
Atileetiin ganna 24 fageenyuma har’a dorgomtu kanarrattidha Tookiyootti shaampiyoonaa Paaraalimpikii kan taate.
Yeroos morkattota ishee fagootti dhiistee galte. Har'a akkam taati?
Shaampiyoonaan Ganna 20 Gadii har'a xumurama; Maaltu eegama?
Shaampiyoonaan Atileetiksii Addunyaa Ganna 20 Gadii torban kana gaafa Kibxataa Peeruu, Liimaatti eegale har'a xumurama.
Itoophiyaan hanga ammaa warqii afur, meetii lamaafii nahaasa tokko argatteetti.
Gabatee medaaliyaa biyyoota addunyaas Itoophiyaan Ameerikaatti aantee lammaffaarra jirti.
Gabatee kana Ameerikaan warqii afur, meetii afur fi nahaasa afuriin dursaa jirti.
Dorgommiiwwan sadii atileetonni Itoophiyaa itti eegamanis ni dorgomamu.
Kunneenis, 1500m dhiiraafi dubartootaan, akkasumas 3000m gufachiisaa dhiiraan ni eegamu. Dorgommiin barii keessa dorgomama.
Hoggantoonni barnootaafi siyaasa walitti naquu hin qaban - Pirof. Birhaanu
Qondaaltonni damee barnootaa hoogganan hojii baruufi barsiisuu siyaasarra adda baasanii hojii qofaarratti xiyyeeffachuu qabu jedhan Ministirri Barnootaa Itoophiyaa Pirof. Birhaanuu Nagaa.
Miidiyaan biyya keessaa FBC akka gabaasetti aangawaan kuni Yaa’ii Barnootaarratti kana dubbatan.
Dhimmi siyaasa isaan qeeqan maal akka ta’e hin gabaafamne.
Haa ta’u malee, manneen barnootaa dirree siyaasaa ta’u hin qaban jechuun aangawoonni irra deddeebiin dubbatu.
Mormiifi walitti bu’iinsi siyaasa, sabaafi amantii bu’uura godhates waggootaaf adeemsa baruufi barsiisuu jeequrra kan darbe lubbuu barattootaas galaafataa ture.
Damee barnootaan bu’aan akka galmaa’u wantoota lamaan adda baasuun akka eegamu Pirof. Birhaanuun himan.
Aangawaan kuni erga aangotti dhufani keessumaa saamicha qormaataa hambisuuf hojii bal’aa hojjetaniiru.
Hojiin ijoo hoggantoota damee barnootaa hojii siyaasaa fi barnootaa osoo walitti hin naqiin haqaan tajaajiluudha jechuuni jechuun isaanii gabaafameera.
Yaa’iin kuni qulqullina barnootaa mirkaneessuurratti kan xiyyeeffatedha jedhameera.
Yaa’ii kanarratti Hoggantoota Biiroo naannolee, pirezidantii Yunivarsiitiiwwanii, miseensota Paarlaamaafi kaan hirmaataniiru jedhameera.
US Iraaq keessatti miseensota IS 15 ajjeefuu beeksifte
Ameerikaan akka jetteetti, waraanni ishee Iraaq keessatti oppireeshinii waloo humnoota nageenya Iraaq waliin taasisteen miseensota IS 15 ajjeeste.
Oppireeshiniin kuni guyyaa Kamisaa ganama lixa Iraaqitti gaggeeffamuu ibsameera.
Miseensonni IS ‘’meeshaa waraanaa baay’ee, boombii, dhodhootuufi saqqii of ajjeesaan godhatu’’ uffataniin walitti dhufuu ibsi Ajajaan Waliigalaa US (Centcom) ibse.
‘’Lammiileen nagaa ajjeefamuu isaanii wanti agarsiisu hin jiru,’’ jedha ibsi bahe.
Miidiyaan US loltoonni Ameerikaa torba miidhamuu gabaasan. Dhimma kana irratti Ajajaan Olaanaa US waan jedhe hin qabu.
Waraanni Iraaq ibsa baasen haleellaan qilleensaa bakkee hidhattoonni IS ‘’gammoojjiifi holqa’’ keessa dhokataniirratti xiyyeeffate jedhe.