Gareen leellistoota dudhaa ganamaa Israa'el biyyattiin Gaazaatti duguuggaa sanyii raawwatte jechuun himatu
Dhaabbileen mirgaa Israa'el ijoo ta'an lama gochaa waraana Israa'el Gaazaa keessatti raawwattee duguuggaa sanyii ummata Filisxeem irratti raawwatamu ta'uu ibsan.
Dhaabbileen B'Tselem fi Hakiimoota Mirga Namoomaa-Israa'el jedhaman gabaasa qorannoo addaa waraanaa ji'oota 21 darban irratti hundaa'uun gaggeessaan Wiixata kaleessaa ifa godhan.
Dhaabbileen waggoota kurnaniif Israa'el keessatti socho'aa kan turan kunneen ibsa waloo kennaniin, ''yeroo hamaa kanatti wantoota maqaadhuma isaaniitiin waamuun addatti barbaachisaadha'' jechuun ''yakki kun hatattamaan akka dhaabbatuf waamicha dhiyeessaniiru.''
Dubbi himaan mootummaa Israa'el himannaa duguuggaa sanyii gareewwan mirga namoomaa Israa'el keessa buufataniin yeroo jalqabaatiif dhiyaate kana cimsee hin fudhadhu jedhan.
"Humni ittisaa keenya shororkeessitoota irratti xiyyeeffata malee gonkumaa namoota nagaa irratti hin xiyyeeffanne. Gidiraa Gaazaa keessatti mudateef itti gaafatamummaa kan fudhatu Hamaasiidha," jedhan Deevid Mencer.
Wiixata kaleessaa Yerusaalemitti ibsa gaazexeessitootaaf kennaniin, daayreektarri olaanaantuun B'Tselem Yuuli Novaak, gabaasni dhaabbata isaanii ''gabaasa ni barreessina jennee gonkumaa hin yaadneedha'' jetteetti.
Sanadni fuula 88 qabu kun akkas jedha: "Imaammanni Israa'el Gaazaa keessatti qabduu fi bu'aa suukaneessaa ishee qorachuudhaan, ibsi namoota siyaasaa olaanoo fi ajajoota waraanaa Israa'el galmi isaa waa'ee haleellaa kanaarratti kennan waliin ta'uudhaan, akka Israa'el hawaasa Filisxeem Gaazaa keessaa itti yaaddee balleessuuf tarkaanfii qindoomina qabu fudhachaa jirti jechuun xumura shakkii hin qabne irra geenyu nu geessiseera'' jedha.
Gabaasa fuula 65 qabu keessatti, Hakiimonni Mirga Namoomaa Israa'el (PHRI) xiinxalli seeraa fayyaa irratti xiyyeeffate, Israa'el bu'uuraalee eegumsa fayyaa Gaazaa irratti ''haala hin yaadamnee fi sirna qabeessa ta'een'' akka irratti xiyyeeffatte argateera jedhe.
"Ragaaleen kun sirna fayyaa fi lubbuu itti fufsiisuu Gaazaa itti yaadanii fi sirnaan diiguu agarsiisa. Haleellaa xiyyeeffannoo hospitaalota irratti raawwatamu, gargaarsa yaalaa fi baqachuu danquu, akkasumas hojjettoota eegumsa fayyaa ajjeessuu fi to'annoo jala oolchuudhaan," jedha gabaasni kun.