Ingilaanditti bara 2024 maqaan daa'immanii baay'inaan moggaafame Muhammad jedhame
Bara 2024 Ingilaandiifi Weels keessa maqaan daa'immanii baay'inaan moggaafaman 100 keessaa Ateenaa fi Yaahiyaan yeroo jalqabaaf dabalamaniiru.
Muhaammad waggaa lammataaf maqaa dhiirotaa baay'inan moggaafame taheera, Nohaa fi Oliivar ammoo sadarkaa lammataafi sadaffaa qabataniiru, sadarkaan kuni bara 2023 akkasuma ture.
Oliiviyaafi Ameelliaan ammoo maqaa daa'imman dubaraa sadarkaa jalqabaafi lammaffaa qabatan yoo tahan, Islaan maqaa Liillii jedhuun bakka bu'uun sadarkaa sadaffaa irra gad bu'eera.
Tarreen maqaa kanaa istaatiksii biyyattii ragaa dhalootaa galmeessu Office for National Statistics bahe.
Maqaan tarree 100 keessa galan Ilooyis, Nooraa, Maayilaa, Roozaa, Ateenaa, Saaraa fi Zoowii yoo tahan maqaan dhiirotaa haaraa ammoo Oostiin, Naataan, Viinii fi Yaahyaa fa'i dha.
Maqaan dhiirotaa Mahaammad jedhamu daa'imman dhalatan 5,721 moggaafamuun sadarkaa tokkoffaarra jira.