Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.

Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi

Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf

Dirooniin Yukireen dhukaafte kuusaa boba'aa keenya bobeesse - Raashiyaa

Kuusaan boba’aa Raashiyaa naannawa Sochii jiru boba’aa jira. Aangawoonni raashiyaa kan kana raawwate diroonii Yukireen ergitedha jechuun himataniiru.

Guduunfaa

Haguuggii Tamsaasa Kallattii

  1. Ingilaanditti bara 2024 maqaan daa'immanii baay'inaan moggaafame Muhammad jedhame

    Bara 2024 Ingilaandiifi Weels keessa maqaan daa'immanii baay'inaan moggaafaman 100 keessaa Ateenaa fi Yaahiyaan yeroo jalqabaaf dabalamaniiru.

    Muhaammad waggaa lammataaf maqaa dhiirotaa baay'inan moggaafame taheera, Nohaa fi Oliivar ammoo sadarkaa lammataafi sadaffaa qabataniiru, sadarkaan kuni bara 2023 akkasuma ture.

    Oliiviyaafi Ameelliaan ammoo maqaa daa'imman dubaraa sadarkaa jalqabaafi lammaffaa qabatan yoo tahan, Islaan maqaa Liillii jedhuun bakka bu'uun sadarkaa sadaffaa irra gad bu'eera.

    Tarreen maqaa kanaa istaatiksii biyyattii ragaa dhalootaa galmeessu Office for National Statistics bahe.

    Maqaan tarree 100 keessa galan Ilooyis, Nooraa, Maayilaa, Roozaa, Ateenaa, Saaraa fi Zoowii yoo tahan maqaan dhiirotaa haaraa ammoo Oostiin, Naataan, Viinii fi Yaahyaa fa'i dha.

    Maqaan dhiirotaa Mahaammad jedhamu daa'imman dhalatan 5,721 moggaafamuun sadarkaa tokkoffaarra jira.

  2. Raashiyaan waamicha dhukaasa dhaabuuTiraamp diduun Kiiv haleeltee nama 28 ajjeeste

    Raashiyaan Kamisa ganama iddoowwan magaalaa guddoo Yukireen Kiiv dirooniidhaan haleeluun yoo xiqqaate namoonni 28 ajjeefaman.

    Ijoollee sadii kan umriin sadii, ja'aa fi 17 kanneen ajjeefaman keessaati, jedhe ministeerri dhimma biyya keessaa hime.

    Kanneen 159 tahan biroon ammoo haleellaa kanaan madaa'aniiru, gamoowwan jireenyaa jijjiganiiru.

    Raashiyaan Pireezidantiin Ameerikaa Donaaldi Tiraamp hamma gaafa Hagayya 8, yoo dhukaasa hin dhaabne, qoqqobbii jabaa akka irra kaa'an himanillee Yukireen irratti haleellaa raawwachuu hin dhaabne.

    ''Rashiyaafi Yukireen dhukaasa dhaabuufi nagaa waarawaaf marii gochuu qabu. Yeroon itti waliigaltee raawwatan amma,'' jechuun UN'tti bakka bu'aan Ameerikaa Joon Keelii Mana Maree Nageenyaa dhaabichaatti himan.

  3. Ameerikaan qondaalota Filisxeem viizaa dhorkuuf

    Ameerikaan qondaalota bulchiinsa Fiilisxeemiifi qaama waltajjii addunyaa irratti bulchiinsa kana bakka bu'an irratti qoqqobbii akka keessu himte.

    Qoqqobbiin kuni Bulchiinsa Filisxeem waliigaltee Osloon hundaa'eefi Dhaabbata Bilisummaa Filisxeem(PLO) dhaaba uummata Filisxeem bakka bu'uufi biyyummaa Israa'eliif beekamtii kennu akkasumas hokkora balaalefatu irratti fa'i kaa'ame.

    Ministeerri Dhimma Alaa Ameerikaa dhaabota lameen kanaaf viizaa akka dhorku beeksiseera.

    Yeroofi jechi ibsi kuni fayyadame Tiraamp Faransaayiifi Saa'udiin kora UN'tti fuuldurattii furmaata biyyoota-lamaa deeggaruuf wal-gahuu isaaniif deebii kennuu agarsiisa.

    Faransaay, UK fi Kaanaadaan Filisxeem of dandeesse fi waraanaan ala akka bultuuf haala duree muraasa waliin beekamtii kennuuf murteessaniiru.

  4. Harkafuune!

    Tamsaasni kallattii Jimaata ganamaa eegale.

    Odeessaalee biyya keessaa fi addunyaa jala jalaan isin biraan geenya.

    Oduufi xiinxala keenya Facebook, WhatsApp akkasumas YouTube keenya mil'adhaa, nu hordofaa.

    Lafa nagaa oolaa!

  5. Hogganaa Itti-aanaan Komishinii Turizimii Oromiyaa biqiltuu dhaabuu booda tasa du'an

    Koomishineerri Itti-aanaa Koomishinii Tuuriziimii Oromiyaa Obbo Daawud Muummee Alii, guyyaa har'aa balaa Konkolaataa isaan mudateen lubbuun isaanii darbuu Komishinichi beeksise.

    Obbo Daawud qabeenya Ikoo-Tuuriziimii Ooromiyaan qabdu adda baasuun kunuunsuurratti hojii guddaa hojjetaniiru jedha Komishinichi ibsa gaddaa baaseen.

    Komishinarri Komishinii Turizimii Oromiyaa Aadde Lalisee Dhugaa Obbo Daawud nama kunuunsa naannoof quuqama guddoo qaban akka turan wayita gadda isaanii miidiyaa hawaasaa gubbaatti ibsan beeksisaniiru.

    Biyyoota addunyaa 70 ol daawwachuun aanga'oota waliin nama mariyataniidha jedhan.

    Obbo Daawud duraan Daayirektara Abbaa Taayitaa Kunuunsa Bineensata Bosonaa Itoophiyaa turan.

    Sadarkaa idil-addunyaattis Itoophiyaatti bakka bu'aa kunuunsa Arbaa turan jedhan Aadde Laliseen.

  6. 'Walitti bu'insa Oromiyaatti itti fufeen gidiraan uummataa hammaateera' - Fannoo Diimaa

    Koreen Fannoo Diimaa Idil-Addunyaa (ICRC) walitti bu'insi naannoo Oromiyaa keessatti deemaa jiru lammiilee nagaa irratti "rakkoo hamaa" fidaa jiraachuu beeksise.

    Koreen kun, ibsa Kamisa, Adoolessa 31, 2025 baaseen, lola humnoota mootummaa fi Waraana Bilisummaa Oromoo gidduutti naannoo Oromiyaa keessatti adeemsifamaa jiru lubbuu namoota nagaa irratti dhiibbaa guddaa geessisaa jiraachuu ibseera.

    Waraanni Bilisummaa Oromoo kan mootummaan Shanee jedhee waamu waggoota jahan darbaniif loltoota mootummaa naannicha keessa jiran waliin lolatti jira.

    Gareen hidhattootaa godinaalee lixaa fi kibba Oromiyaa keessatti bal'inaan socho'u kun, yeroo baay'ee ajjeechaa namoota nagaa fi qondaaltota naannoorraa qooda qaba.

    Waraanni Bilisummaa Oromoo, garee Adda Bilisummaa Oromoo (ABO) irraa adda bahuun qabsoo hidhannootti cichuu hordofee Mana Maree Bakka Bu'oota Ummata Itoophiyaatiin garee shororkeessa jedhamee labsameera.

    Addatti ammoo naannoo Oromiyaa bakka hidhattoonni Faannoo keessa sosso'an akka Wallagga Bahaa, Horroo Guduruu Wallaggaafi Shawaa Lixaa rakkoon hawaasni keessa jiru dachaa ta'uu BBC amma dura gabaasee ture.

  7. Baarseloonaan DR Koongoo waliin ispoonsara Tiishartiirratti waliigale

    Taphattoonni Baarseloonaa bara dhufurraa kaasee, dugda hidhannoo [uffata] ittiin shaakalan irratti barreeffama "DR Congo - Heart of Africa" jedhu godhatu. Ergaan barreeffamichaas "DR Koongoo - Handhuura Afrikaa" akka jechuuti.

    Kilabiin guddichi Ispeen kun biyya giddu-galeessa Afrikaa taate kana waliin waliigaltee waggaa afurii mallatteesse.

    Akka gabaasni mul'isutti, waliigalteen kun baasii Dolaara miliyoona 50 DR Koongoo gaafatus, kilabichi garuu maallaqa hanga jedhame kana fudhachuu ifa hin goone.

    Waliigaltee kana warra mootummaan dhimma dursi kennamuuf dhiisee kana godha jedhanii qeeqanirraa mormiin mudateera. Keessumaa, kubbaan miilaa biyya keessaa sababa deeggarsa maallaqaa dhabuutiin kufee jirutti kun hin malu jechuun mormu.

    Haata'u malee, aanga'oonni biyyattii waliigaltee kana maqaa biyyattii beeksisa jechuun sirrii akka ta'etti dubbatu.

    Akka qaama waliigaltee kanaatti, istaadiyeemii Baarseloonaa, Kaamp Nuu keessatti aadaan danuufi duudhaadhan ispoortii DR Koongoo ni agarsiifama.

    Ministirri Ispoortii biyyattii Didiyer Budimbuu BBC Focus on Africa'tti akka himanitti waliigaltichi kaampii shaakala taphattoota dargaggoota Koongoo 50 fi leenjistoota 10 kan hammatedha.

    Kana malees, DR Koongoon kilabna Xaaliyaanii AC Milan fi garee Faransaay AS Monaakoo waliinis waliigaltee walfakkaatu mallatteessiteetti.

    Bara 2018 irraa eegalee morkattuu DR Koongoo kan taate Ruwaandaan kilaba Ingilaand, Arsenaal waliin waliigaltee ispoonsara ta'uun ergaa "[Visit Rwanda] Rwaandaa daawwadhaa" jedhu harka uffata taphattootaa irratti barreeffameen turizimii biyyattii keessatti guddiftee jirti.

    Gareen Faransaay Paaris Seent Jarmanii fi gareen Jarman Baayermuunik waliigaltee walfakkaataa qabu.

  8. UAEn gargaarsa namoomaa yeroo qilleensarraan Gaazaa keessa buusaa jirtu

    Viidiyoon kun yeroo UAEn gargaarsa namoomaa qilleensarraan Gaazaa keessa buusaa jirtu agarsiisa.

    Daawwadhaa!

  9. Itoophiyaan akkamiin ulaa galaanaa dhabde?

    Gaaffiin guddaa yeroo ammaa Itoophiyaa keessa jiru gaaffii ulaa galaanaati.

    Waggaa dura Ministirri Muummee Itoophiyaa Abiy Ahimad gaaffii kana erga dhiheessan booda Gaanfa Afrikaatti muddamni dhalate.

    Sababa kanaan hariiroon Itoophiyaan biyyoota ollaa waliin qabdu muddama seenees ture, jiras.

    Ta'us, Itoophiyaan karaa nagaan gaafachuu hin dhiisu jechuun irra deddeebiin beeksisteetti.

    Waggoota kurna muraasa dura ulaa kan qabdu Itoophiyaan akkamiin dhabde?

    Itoophiyaan biyya ummata hedduu osoo qabduu karra galaanatti ishee baasu hin qabnedha.

    Yeroo dheeraaf gaaffiin kuni mootummaan ka'ee hin beeku, inumaa lagatamaa ture.

    Ministira Muummee Abiy Ahimaditu waan kana jijjiire.

    Gaaffiin isaanii garuu biyyoota Gaanfa Afrikaa ummataafi dinagdee xiqqoo qaban bir'achiise.

    Karra galaanaa dhabuun hidhaa keessa nu kaa'e jedhu aangawoonni Itoophiyaa.

    Kanaaf sochii amma itti jiran akka uggura jalaa bahuutti ilaalu.

    Itoophiyaan Galaana Diimaa itti dhiheenyaan osoo jirtuu karra galaanatti ishee baasu dhabuun lammiilee biyyattiif gaaffiidha.

    ''Itoophiyaan ulaa galaanaa kan dhabde dogoggora nuyi hojjenneeni,'' jedhu qondaalli duraanii waraana Itoophiyaa BBC'n dubbise.

    Lt. Jeneraal Yohaannis G/Masqal, dhaloonni ani keessa ture buufata ykn ulaa galaanaa ilaalchisee ''dogoggora seenaa hojjetanii darban'' jechuun dubbatu.

  10. Ergamaan addaa US Witkoof, Netaaniyaahuu waliin walargan

    Ministirri Muummee Israa'el Benjamiin Netaanihaayuu ergamaa addaa Baha Giddugalaa Istiiv Wiitkoofiin waajira isaaniitti simataniiru. Waajirri isaaniis suuraa qaamolee lameenii maxxanseera.

    Pirezidantiin Israa'el Isaak Herzoog daawwannaan ergamaa addaa kun namoota butaman gadhiisisuu keessatti gahee murteessaa qaba jedhaniiru.

    Namoota 50 ammallee harka Hamaas jiran keessaa20 kan ta'an lubbuun jiru.

  11. Ashaaraan Magariisaa Itoophiyaa maaliif beekamtii idila addunyaa fedha?

    ''Har'a barii Ashaaraa Magariisaatiin sagantaa guyyaa tokkotti biqiltuuwwan dhaabuu jalqabsiifneerra. Waggaa torbaffaaf galmi keenya biqiltuuwwan miliyoona 700 dhaabuudha.

    Waliin haa milkeessinu!''

    Minisrira Muummee Itoophiyaa Abiy Ahmad Adoolessa 31, 2025 biqiltuu dhaabuu yeroo jalqabsiisan kana jedhan.

    "Biqiltuu dhaabuun durillee inuma jira. Garuu akka inisheetiivitti kan lafaa kaase Dr. Abiy [MM Itoophiyaa]… fakkeenyaaf 'Guyyaa Dachee' [Earth Day] jalqaba Senaatara Ameerikaa tokkotu akka kabjamu lafaa kaase; amma akka addunyaatti kabajamaa jira.

    Isaa booda ammoo UN fudhatee akka addunyaatti kabajamaa jira.

    'Green Legacy'n [Ashaaraan Magariisaa] akka inisheetiivitti Ministira Muummichaatiin eegalame.

    Hayilesillaaseenis dhaabaa ture biqiltuu; Mangistuunis dhaabaa ture; Malleenis(Melles Zeenaawwii) waa xiqqoo gadi sussuuqeera; nutuu akka Yunivarsiitii keenyaatti bara 2007 Sabbatarratti barattoota kuma 10 ol hirmaachifnee tabba tokkorratti kan dhaabne har'a bosonadha. Garuu tarsiimoon itti bahee bifa walitti fufinsa qabaatuufi hunduu ofitti fudhatee lafa qabsiisuun hin turre.

    Inisheetiviin Ashaaraa Magariisaa MM Abiy Ahimad jalqaban biyya keessatti aadaa ta'uufi tarsiimoo lafa qabate ta'uurra darbee sochii biyyarra darbu ta'uu ibsu Piroofeesar Tashoomaa Sooromsaa Yunivarsiitii Finfinneetti qorataafi barsiisaa Wiirtuu Saayinsii Naannawaa.

    Bara kana biqiltuu biliyooona 7.5 akka biyyaatti dhaabamuuf akka karoorfme kan kaasan Pirof. Tashoomaan, 2019 irraa kaasee inisheetiviin kun akka itti fufee gaggeeffamaa jiru kaasan.

    Piroofeesar Tashoomaan 'Green Legacy' maqaa jedhu 'Aayaa Magariisa' kan jedhutti hiiku.

    Kanaaf, Ashaaraa Magariisa ykn Aayaa Magariisa walii jijjiiruun fayyadamuun ni danda'ama.

  12. Biyyummaa Filisxeemiif adeemsi beekamtii kennuu ''amma eegaluu qaba'' - Jarman

    Ministirri Haajaa Alaa Jarman Johaan Wadefaal biyyummaa Filisxeemiif adeemsi beekamtii kennuu ''amma eegaluu qaba'' jedhan.

    Dabaluunis ejjennoon Jarman beekamtiin Filisxeem argattu xumura waan hundaa ta'uu danda'aa jedhaniiru.

    Dhibdee naannichaa jiru haala waaraa ta'een furuuf wanti gargaaru furmaata biyyoota lamaa kan jedhu akka ta'e suni uummatni biyyoota lamaanii nagaa, tasgabbiifi kabajaan akka jiraatan gargaara jedhaniiru.

    Ibsi waajira Haajaa Alaa Jarman kun kan bahe Ministirichi gara Israa'eliifi bulchiinsota Filisxeemitti daawwanna gochuuf wayita qophaa'aa jiranittidha.

  13. Xiyyaarri raafamee imaltoota 25 miidhe

    Xiyyaarri raafamee imaltoota 25 erga miidhe booda balaliin Daandii Qilleensaa Deltaa balaa biraa hambisuuf atattamaan qubate.

    Xiyyaarri Buufata Daandii Xiyyaaraa Deeltaa magaalaa Seent Pool, bulchiinsa Miiniyaappolis keessatti qubate.

    Xiyyaarrii kuni buufata xiyyaaraa Salt Lake City ka'ee gara Amistardaamitti imala eegalee ture.

    Haa ta'u malee, lafa yaade gahuu hin dandeenye.

    Imaltoonni 25 raafama xiyyaaraan miidhaman wal'aansa dabalaaf gara hospitaalaa ergamaniiru.

  14. Kaanaadaan Filisxeemiif beekamtii kennuun Ameerikaa qofaatti hambisa

    Ministirri Mummee Kaanaadaa Maark Karniin furmaati biyyoota lamaa akka duriitti taasifamu amma hin hojjetu jedhan.

    Sababiinsaas Hamaas mirga jiraachuu Israa'el gatii hin fudhanneefi Israa'el biyyummaa Filisxeem qubiinsaafi babal'ifannaan waan haxaa'aa jirtuufi Weest Baankiin fudhachuuf doorsisaa waan jirtuufi jedhan.

    Israa'el beeelli Gaazaa keessa akka babal'atuuf eeyyamuu qeeqan.

    Filisxeemiif beekamtii kennuun qondaaloti Filisxeeem haaromsa demookiraatawaa gochuuf waliigaluu irratti hundaa'aa jedhan. Kanas kora UN irratti waadaa seenuun akka raawwatan ibsaniiru.

    Kaanaadaan murtoo Biriiteeniifi Faransaay hordofuun beekamtii kana kennuuf jechuun Ameerikaan deeggarsa jabaa Israa'eliif qabdu irratti qofaatti ishee hambisa.

    Kana malees Waashingitan tattaaffi dippiloomaasii lola waggoota kurna baayyee nagaan xumuruu irratti qaawwa tarsiimoo akka qabdu agarsiisa.

    Isaraa'el Kaanaadaan murtoo dabarsite hordofee duula idil-addunyaa gochaa Hamaas Onkololeessa, 7 badhaasu jette.

  15. Ameerikaatti qaruuraan dhugaatii humna namaa kennu alkooliin guutamuun booda akeekkachiisa baaste

    Qondaaloti Ameerikaa dhugaatiin Seelsiyas jedhamu akka tasaa qaruuraasa alkoolii voodkaa jedhamuun guutuun booda maamiloota akeekkachiisan.

    Dhaabbanni Eegumsa Nyaataafi Dhugaatii Ameerikaa kaampaaniin dhugaatii maqaa Astro Vibe Blue Razz jedhamuun gabaarra oolche irratti akeekkachiisa baaseera.

    Rakkoon kuni kan mudate dhaabbanni meeshaalee miyi ittiin saamsu oomishu qaruuraa Seelsiyas kana dogoggoraan kaampaanii voodkaatti erginaan dhaabbatichi dhugaatiin itti guute.

    Sababa kanaan dhukkubni ykn rakkoon mudatee gaabaafame akka hin jirre Dhaabbanni Eegumsa Nyaataafi Dhugaatii Ameerikaa beeksiseera.

  16. Gaazaatti namoonni gargaarsa eggachaa turan 30 haleellaa Israa'eliin ajjeefaman

    Kaaba Gaazaatti Roobii kaleessaa lammiileen Filisxeem 30 deeggarsa namoomaa eeggachaa turan dhukaasa Israa'eliin ajjeefamuu ejansiin Hamaasa namoota nagaa tiksu beeksise.

    Dubbii himaan ejansichaa AFP'tti akka himetti dhukaasa Israa'eliin namoonni 300 tahan madaa'aniiru. Israa'el ammoo haalli ture qoratamaa jira jette.

    Waraanni Israa'el(IDF) iddoo namoonni Gaazaa walitti qabamanitti ''akeekkachiisaaf dhukaasuu'' himuun, dhukaasa sanarraa ''namni miidhame'' jiraachuu garuu quba hin qabnu jedhe.

    Daarektarri Hospitaala Magaalaa Gaazaa Mohaammad Abu Saalmiyaa reeffi 35 hospitaalicha dhufuu AFP'tti himeera.

  17. Kanaadaan Filisxeemiif beekamtii kennuun waliigaltee daldalaa keenya rakkisaa taasisa - Tiraamp

    Kaanaadaan Filisxeemiif beekamtii biyyuummaa kennuun sa'atii 12 booda Pireezidantiin Ameerikaa Donaaldi Tiraamp miidiyaa hawaasaa isaanii Truth Social deebii kennaniiru.

    ''Wow Kanaadaan biyyummaa Filisxeem akka deeggartu beeksiste. Kuni Kanaadaa wajjin waliigaltee daldalaa goonu rakkisaa taasisa. Oh Kanaadaa!!!''

    Akeekkachiisi Kaanaadaaf kenname kuni yeroo isaan biyyooti taarifni hamma yoonaa irra hin kaa'amne wajjin waliigalteen daldalaa yeroo gochuuf jiranitti dhagahame.

    Biyyooti kanneen akka UK, Kooriyaa Kibbaa fi Jappaan akkasumas miseensoti EU dhihoo US waliin miyoota Ameerikaatti gurguran irratti hamma taarifaa murtaa'e qabaachuuf waliigaltee raawwataniiru.

    Tahus biyyooti kaan kanneen akka Chaayinaa fi Meeksikoo ammallee waliigalteerra hin geenye.Tiraamp hamma Hagayya 1, waliigalteerra yoo hin gahamne taarifni caalu hojiirra oola jedhan.

  18. Kaampii Sudaan keessatti daa'imman hanqina nyaataan lubbuu dhaban

    Daa'imman kudha sadii kaampii baqattootaa Sudaan naannoo Baha Daarfuuriti baatii darbe hanqina nyaataa hamaan lubbuu dhabuu hojjettoonni fayyaa himan.

    Gareen hakiimotaa Sudan Doctors Network kaampii Lagaawaa jedhamu keessatti sababa waraana baatii 27 darbeen ''haalli namoomaa hamaafi hanqinni nyaataa,'' akkaan babal'ateera jedhe.

    Kaampiin baqattootaa iddoo el-Diin jedhamutti argamu baqattoota 7,000 ol kan qabate yoo tahu gareelee hidhataniin irra deddeebiin haleelamee ture.

    Bara darbe ture lixa Daarfuritti beelli akka jiru kan himame ergasii gara naannolee biraatti babal'ateera.

    Gaafa Kibxataa kaampii Laagaawaa ilaalchisee gareen hakiimotaa Sudan Doctors Network ibsa baaseen, ''hawaasni idil-addunyaa fi dhaaboti namoomaa nyaataa fi dhiyeessii tajaajila fayyaa bu'uuraa namoota kaampicha keessa jiran, keesumaa daa'immaniifi dubartoota ulfaaf hatattamaan akka dhiyeessan waamicha taasisaniiru.

    El-Diin magaalaa guddoo Baha Daarfur yoo taatu yeroo ammaa kana humna addaa (RSF) jedhamaniin qabamtee jirti.

    Waraanni kuni erga jalqabee waggaa sadaffaa kan qabate yoo tahu diinagdee biyyattii laamshessuun gareeleen deeggarsa namoomaas danqamuun gara rakkoo wal-xaxaa hanqina nyaataatti ce'eera.

  19. Harka fuune!

    Tamsaasni kallattii Kamisa ganamaa eegale.

    Odeessaalee biyya keessaa fi addunyaa jala jalaan isin biraan geenya.

    Oduufi xiinxala keenya Facebook, WhatsApp akkasumas YouTube keenya mil'adhaa, nu hordofaa.

    Lafa nagaa oolaa!

  20. Sagalee akeekkachiisa Sunaamii Hawaa'ii keessatti dhaga'ame

    Yeroo sagaleen akeekkachiisa Sunaamii Hawaa'ii keessatti dhaga'ametti,

    Raashiyaatti ammoo Galoo Galaanaa Kamchaatkaa keessatti kirkira lafaa uume hordofee waan ta'e,

    Achuma Raashiyaa keessatti yeroo ogeessonni baqaqsanii wallaanaa jiranirratti lafti kirire,

    Akkasumas raafamni galaanaa yeroo magaalaa ulaa galaanaa Raashiyaa Severo-Kurilsk rukkutetti:

    Daawwadhaa.